Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubbii Waaqayyoo Wajjin Haala Wal Simuun Gurmaaʼuu

Dubbii Waaqayyoo Wajjin Haala Wal Simuun Gurmaaʼuu

“Waaqayyo ogummaadhaan hundee lafaa jabeessee uume, hubannaadhaanis bantiiwwan waaqaa jabeessee in dhaabe.”—FAK. 3:19.

FAARFANNAA: 15, 16

1, 2. (a) Namoonni tokko tokko Waaqayyo jaarmiyaa qabaachuu isaa ilaalchisee maal jedhu? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

WAAQAYYO jaarmiyaa qabaa? Namoonni tokko tokko akkana jedhu taʼa: “Dirqama jaarmiyaa tokkoon geggeeffamuun barbaachisaa miti. Dhuunfaatti Waaqayyoo wajjin hariiroo qabaachuun gaʼaa dha.” Ilaalchi akkasii sirriidhaa? Dhugaan jiru maal argisiisa?

2 Mata duree kana keessatti, ragaa Yihowaan Waaqa seera qabuu fi gurmeessuu irratti qaamni kami iyyuu isaan hin qixxaanne taʼuu isaa argisiisu ilaalla. Kana malees, qajeelfama jaarmiyaa Yihowaa irraa argannuuf deebii akkamii kennuu akka qabnu baranna. (1 Qor. 14:33, 40) Dh.K.B. jaarraa jalqabaattis taʼe bara keenyatti, Kitaabni Qulqulluun kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafa irraa addunyaa maratti misiraachicha akka lallabu gargaareera. Barumsa Kitaaba Qulqulluu waan hordofnuu fi qajeelfama jaarmiyichi nuuf kennu waan hojii irra oolchinuuf, qulqullina, nagaa fi tokkummaa gumii eeguu dandeenyeerra.

GURMEESSUU IRRATTI QAAMNI YIHOWAADHAAN QIXXAATU HIN JIRU

3. Gurmeessuu irratti qaamni Yihowaadhaan qixxaatu akka hin jirre wanti si amansiise maali dha?

3 Gurmeessuu irratti qaamni Waaqayyoon qixxaatu akka hin jirre uumamni ni mirkaneessa. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo ogummaadhaan hundee lafaa jabeessee uume, hubannaadhaanis bantiiwwan waaqaa jabeessee in dhaabe” jedha. (Fak. 3:19) “Fiixee hojii [Waaqayyoo]” qofa, akkasumas ‘waaʼee isaa hasaasa xinnoo dhageenyu duwwaa’ beekna. (Iyo. 26:14) Taʼus, beekumsi xinnoon waaʼee pilaaneetotaa, urjiilee fi gaalaaksiiwwanii qabnu illee, uumamni cufti akka gaariitti kan gurmaaʼe taʼuu isaa hubachuuf nu gargaara. (Far. 8:3, 4) Gaalaaksiiwwan, urjiilee miliyonaan lakkaaʼaman kan qabatan siʼa taʼan, hundumtuu hawaa keessatti karaa gurmaaʼina qabuun sochoʼu. Pilaaneetonni sirna aduu keessa jiran akkuma waan gad of qabuudhaan seera tiraafiikiitiif ajajamanii oorbiitii isaanii irraa utuu hin jalʼatin aduutti naannaʼu! Dhuguma iyyuu, gurmaaʼinni hubannaa keenyaa ol taʼee fi hawaa keessa jiru kun, Yihowaa isa “hubannaadhaan bantiiwwan waaqaa” fi lafa uumeef, galanni, amanamummaa fi waaqeffannaan keenya kan isaaf malu taʼuu isaa argisiisa.—Far. 136:1, 5-9.

4. Saayinsiin gaaffilee hedduutiif deebii kennuu kan hin dandeenye maaliifi?

4 Saayinsiin hawaa fi lafa ilaalchisee wantoota hedduu bira gaʼeera; kun immoo jireenya keenya keessatti faayidaa hedduu nuuf argamsiiseera. Haa taʼu malee, saayinsiin gaaffilee hedduudhaaf deebii kennuu hin dandeenye. Fakkeenyaaf, qorattoonni urjii hawaan akkamitti akka uumame ykn maaliif lafa irra akka jiraannu sirriitti nutti himuu hin dandaʼan. Kana malees, ilmaan namootaa bara baraaf jiraachuuf fedhii cimaa akka qabaatan kan godhe maal akka taʼe ibsuu hin dandaʼan. (Lal. 3:11, NW) Gaaffileen guguddaan deebii utuu hin argatan hafan hedduun kan jiraatan maaliifi? Tokkoffaa saayintistoonni hedduunii fi namoonni kaan yaada kan Waaqayyoo hin taane waan babalʼisanii fi barumsa jijjiirama tirannaa waan deggeraniifi dha. Haa taʼu malee, Yihowaan kitaaba isaa keessatti gaaffilee guguddaa namoonni hundi qabaniif deebii ni kenna.

5. Jireenyi keenya seerawwan uumamaa irratti kan hundaaʼe karaawwan kamiini?

5 Jireenyi keenya seerawwan uumamaa hin jijjiiramnee fi amansiisoo Yihowaan qopheesse irratti kan hundaaʼe dha. Ogeessonni elektiriikii fi hojii boombaa, mahaandisonni, paayileetonnii fi doktooronni baqaqsanii walʼaanan seerawwan kanneen irratti hundaaʼanii hojii isaanii hojjetu. Fakkeenyaaf, dooktoroonni baqaqsanii walʼaanan kutaaleen qaama namaa hundi iddoo wal fakkaataa akka jiran mirkaanaaʼoo dha. Kanaaf doktoorri tokko bakka onneen nama dhukkubsate tokkoo jiru beekuuf jecha qorannoo gochuun isa hin barbaachisu. Hundi keenya iyyuu seerawwan uumamaa kabajuu qabna. Seera harkisa lafaa cabsuuf yaaluun lubbuu keenya galaafachuu dandaʼa!

WAAQAYYOON GURMEEFFAMUU

6. Waaqeffattoonni Yihowaa gurmaaʼuu qabu kan jennu maaliifi?

6 Dhuguma iyyuu uumamni cufti karaa dinqisiisaa taʼeen kan gurmaaʼe dha. Kanaafuu Yihowaan, waaqeffattoonni isaa akka gaariitti kan gurmaaʼan akka taʼan isaan irraa eeguun isaa nama hin dinqisiisu. Waaqayyo kana gochuu akka dandeenyuuf Kitaaba Qulqulluu nuuf kenneera. Gargaarsa jaarmiyaa Waaqayyoo fi qajeelfama Waaqayyoo malee jiraachuun, gammachuu akka dhabnuu fi jireenyi keenya rakkinaan akka guutamu godha.

7. Kitaabni Qulqulluun kitaaba akka gaariitti gurmaaʼe taʼuu isaa kan argisiisu maali dha?

7 Kitaabni Qulqulluun, kitaaba akkasumaan barreeffamoota Yihudootaa fi Kiristiyaanotaa wal hin simneen guutame miti. Kanaa mannaa, kitaaba dinqisiisaa akka gaariitti gurmaaʼee fi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame dha. Tokkoon tokkoon kitaabota Kitaaba Qulqulluu kan wal simani dha. Kitaabni Qulqulluun Seera Uumamaatii jalqabee hanga Mulʼataatti dhaamsa tokko qaba: innis karaa Mootummaa Waaqayyoo isa Kiristoosiin, jechuunis “sanyicha” abdachiifame sanaan geggeeffamuun, ol aantummaan Yihowaa akka mirkanaaʼuu fi kaayyoon inni lafaaf qabu akka raawwatamu gochuu dha.—Uumama 3:15; Maatewos 6:10; Mulʼata 11:15 dubbisi.

8. Israaʼeloonni saba akka gaariitti gurmaaʼe turan kan jennu maaliifi?

8 Sabni Israaʼel durii gurmaaʼuu irratti fakkeenya gaarii taʼa. Fakkeenyaaf, Seera Musee jalatti dubartoonni balbala dunkaana itti walga’anii duratti akka tajaajilan ramadaman jiru turan. (Bau. 38:8) Israaʼelonni bakka tokkoo gara kaanitti kan deemanii fi godoo qulqullaaʼaa iddoodhaa iddootti kan sochoosan karaa gurmaaʼina qabuun ture. Yeroo booda immoo, Daawit Mootichi Lewwootaa fi luboota akka gaariitti gurmeessee ture. (1 Sen. 23:1-6; 24:1-3) Israaʼeloonni yeroo Yihowaadhaaf ajajaman hundatti, tasgabbii, nagaa fi tokkummaa qabaatu turan.—Kes. 11:26, 27; 28:1-14.

9. Gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti ture kan gurmaaʼe taʼuu isaa kan argisiisu maali dha?

9 Gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti tures kan gurmaaʼe siʼa taʼu, jalqaba irratti qaama ol aanaa ergamoota qofa of keessatti qabate irraa qajeelfama argata ture. (HoE. 6:1-6) Yeroo booda immoo, qaama ol aanaa sanatti obboloonni kaan dabalamaniiru. (HoE. 15:6) Akkasumas, gorsii fi qajeelfamni karaa xalayaa miseensonni qaama olaanaa jaarraa jalqabaatti turan ykn namoonni isaanii wajjin hojjetan geggeessaa hafuuraatiin barreessaniin kennama ture. (1 Xim. 3:1-13; Tit. 1:5-9) Gumiiwwan kun qajeelfama qaamni ol aanaa kennu hordofuun isaanii buʼaa akkamii isaaniif argamsiiseera?

10. Gumiiwwan jaarraa jalqabaatti turan murtoo qaamni ol aanaan dabarseef ajajamuu isaaniitiin buʼaa akkamii argatan? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

10 Hojii Ergamootaa 16:4, 5 dubbisi. Obboloonni qaama ol aanaa bakka buʼanii biyyoota adda addaa deeman, “murtoo ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem keessa jiran murteessan” gumiiwwanitti himu turan. Gumiiwwanis murtoo kanaaf waan ajajamaniif, “amantiitti cimaa fi guyyuma guyyaadhaan lakkoofsaan dabalaa deeman.” Seenaa Kitaaba Qulqulluu kana irraa, barumsa yeroo harʼaatti jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti hojii irra oolchuu dandeenyu akkamii arganna?

QAJEELFAMA NI HORDOFTAA?

11. Obboloonni muudaman jaarmiyaa Yihowaa irraa qajeelfamni yommuu isaaniif kennamu maal gochuu qabu?

11 Miseensonni Koree Waajjira Damee ykn Koree Biyyaa, daawwattoonni ol aanaa aanaa fi jaarsoliin gumii jaarmiyaa Waaqayyoo irraa qajeelfamni yommuu isaaniif kennamu maal gochuu qabu? Dubbiin Yihowaa, hundi keenya iyyuu ajajamuu fi bitamuu akka qabnu dubbata. (Kes. 30:16; Ibr. 13:7, 17) Ceephoo fi ajajamuu diduun jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti iddoo hin qaban; sababiin isaas ilaalchi akkasii jaalala, nagaa fi tokkummaa gumichaa ni booressa. Kiristiyaanni amanamaan kam iyyuu akka Diyooxiraaxis, kan nama hin kabajnee fi gantuu taʼuu akka hin barbaanne beekamaa dha. (3 Yohaannis 9, 10 dubbisi.) Akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Obboloonni kaan karaa hafuuraa akka cimaniif gumaacha gochaan jiraa? Obboloonni itti gaafatamummaa qaban yommuu qajeelfama kennan fudhachuu fi deggeruuf dafee tarkaanfii nan fudhadhaa?’

12. Akkaataa jaarsolii fi tajaajiltoonni gumii itti muudaman ilaalchisee sirreeffama akkamiitu godhame?

12 Mee murtoo dhiheenyatti Qaamni Ol Aanaan godhe tokko haa ilaallu. “Gaaffiin DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 2014 irratti baʼe, akkaataa jaarsolii fi tajaajiltoonni gumii itti muudaman ilaalchisee sirreeffama godhame ibsee ture. Mata durichi qaamni olaanaa jaarraa jalqabaatti ture obboloota akkasii daawwattoonni ol aanaan akka muudan ajajee akka ture ibseera. Haaluma wal fakkaatuun Fulbaana 1, 2014 jalqabee, daawwattoonni ol aanaa aanaa jaarsolii fi tajaajiltoota gumii muudaa jiru. Daawwataan ol aanaa aanaa tokko obboloota akka muudaman yaanni dhihaate caalaatti beekuuf, yoo dandaʼames tajaajila irratti isaanii wajjin hirmaachuuf yaalii godha. Akkasumas haala maatii obboleessa muudamuuf jedhu sanaa ni ilaala. (1 Xim. 3:4, 5) Qaamni jaarsolii fi daawwataan ol aanaa aanaa sun ulaagaalee Kitaabni Qulqulluun tajaajiltoonni gumii fi jaarsoliin guutuu akka qaban ibsu of eeggannoodhaan qoru.—1 Xim. 3:1-10, 12, 13; 1 Phe. 5:1-3.

13. Qajeelfama jaarsoliin nuuf kennan akka deggerru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Qajeelfama jaarsoliin Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii nuuf kennan hordofuu qabna. Tiksitoonni amanamoon jaarmiyaa Waaqayyoo keessa jiran kun, qajeelfama “gaarii” taʼe ykn ‘faayidaa qabuu’ fi Dubbii Waaqayyoo keessa jiruun geggeeffamu. (1 Xim. 6:3; milj.) Mee gorsa Phaawulos warra gumii keessatti seeraan hin deddeebine ilaalchisee kenne yaadadhaa. Namoonni tokko tokko “hojii hojjechuu dhiisanii wanta isaan hin galchine keessa galaa” turan. Jaarsoliin gorsa isaaniif kennanii kan turan taʼus, gorsa sana fudhachuu didanii akka turan haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Maarree gumichi nama akkasii irratti tarkaanfii akkamii fudhachuu qaba ture? Phaawulos, “Mallattoo itti godhaa; michummaa isaa wajjin qabdanis dhaabaa” jedhee ajajeera. Taʼus, nama sana akka diinaatti akka hin ilaalle isaan akeekkachiiseera. (2 Tas. 3:11-15) Yeroo harʼaatti, namni tokko akkaataa jireenyaa gumicha irratti dhiibbaa gadhee geessisu hordofuu isaa kan itti fufu yoo taʼe, fakkeenyaaf nama Dhugaa Baatuu hin taanee wajjin walitti dhufeenya jaalalaa yoo jalqabe, jaarsoliin haasaan akeekkachiisaa akka dhihaatu gochuu dandaʼu taʼa. (1 Qor. 7:39) Jaarsoliin haasaan akkasii akka dhihaatu yoo godhan maaltu sitti dhagaʼama? Haala haasicha keessatti ibsame kan beektu yoo taʼe, nama sanaa wajjin yeroo dabarsuu irraa of eeggattaa? Jaalalaan kakaatee nama sanaaf yaaduun kee fi ejjennoo cimaa qabaachuun kee, tarii namni sun akkaataa jireenyaa isaa gadhee taʼe sana akka dhiisu isa kakaasuu dandaʼa. [1]

QULQULLINA, NAGAA FI TOKKUMMAA GUMICHAA EEGAA

14. Qulqullina gumiitiif gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessa jiru hordofuudhaan, gumiin karaa hafuuraa qulqulluu akka taʼu gumaacha gochuu dandeenya. Mee haala Qorontos durii keessa ture haa ilaallu. Phaawulos magaalaa sana keessatti hinaaffaadhaan lallabeera; obboloota isaa ‘qulqulloota’ taʼanii fi achi jiranis baayʼee jaallata ture. (1 Qor. 1:1, 2) Haa taʼu malee, halalummaa gumii sana keessatti raawwatamaa ture calluma jedhanii ilaaluu isaanii itti himuun hangam isatti ulfaatee akka ture tilmaamuu dandeessu! Phaawulos jaarsoliin nama halalee taʼe sana harka Seexanaatti dabarsanii akka kennan, jechuunis gumiidhaa akka isa baasan ajajee ture. Qulqullina gumichaa eeguuf, jaarsoliin “raacitii” achi keessa ture baasuu qabu turan. (1 Qor. 5:1, 5-7, 12) Nutis murtoo jaarsoliin nama dogoggora hojjetee qalbii geddarachuu dide gumiidhaa baasuuf godhan kan deggerru yoo taʼe, qulqullinni gumichaa akka eegamu kan goonu taʼuu isaa irra iyyuu, tarii namni sun qalbii akka geddaratuu fi dhiifama Yihowaa akka barbaadu isa kakaasuu dandaʼa.

15. Nagaa gumii keessa jiru eeguu kan dandeenyu akkamitti?

15 Qorontos keessatti rakkinni uumame kan biraanis jira ture. Obboloonni tokko tokko namoota hidhata amantii isaanii taʼan mana murtiitti dhiheessu turan. Kanaaf Phaawulos, “Isinumti utuu miidhamtanii hin wayyuu?” jechuudhaan gaaffii irratti yaaduu qaban isaan gaafatee ture. (1 Qor. 6:1-8) Yeroo harʼaattis haalli akkasii uumameera. Obboloonni tokko tokko obboloota isaanii wajjin walii galtee daldalaa erga godhanii booda waan kasaaraniif ykn obboloota isaaniitiin akka gowwoomfaman waan yaadaniif nagaan gidduu isaanii ture booraʼeera. Obboloonni tokko tokko obboloota isaanii mana murtiitti dhiheessaniiru; Dubbiin Waaqayyoo garuu maqaa Waaqayyoo arrabsiisuu ykn nagaa gumii booressuu mannaa miidhamuun gaarii akka taʼe dubbata. [2] Rakkinaa fi walitti buʼinsa cimaa uumame hiikuuf, gorsa Yesuus hojii irra oolchuu qabna. (Maatewos 5:23, 24; 18:15-17 dubbisi.) Akkas yommuu goonu tokkummaan waaqeffattoota Yihowaa maatii taʼan gidduu jiru akka dagaagu goona.

16. Sabni Waaqayyoo tokkummaa qabaachuu qabu kan jennu maaliifi?

16 Dubbiin Yihowaa sabni isaa tokkummaa qabaachuu qabu kan jennu maaliif akka taʼe ibsa. Faarfatichi, “Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!” jedhee faarfateera. (Far. 133:1) Israaʼeloonni yeroo Yihowaadhaaf ajajaman hundatti, saba gurmaaʼee fi tokkummaa qabu taʼu turan. Waaqayyo haala sabni isaa gara fuulduraatti qabaatan ilaalchisee raajii yommuu dubbatu, “Akka hoolotaa karra tokko keessaa walii wajjin isaan nan teessisa” jedheera. (Mik. 2:12) Kana malees, Yihowaan karaa Sefaaniyaa raajichaa akkana jedhee raajii dubbateera: “Yeroo sanatti qooqa namootaa gara qooqa qulqulluutti [dhugaa Kitaaba Qulqulluutti] nan jijjiira. Kunis hundi isaanii maqaa Yihowaa akka waammatanii fi harka walqabatanii akka isa tajaajilaniifi dha [ykn, “tokkummaadhaan akka isa waaqeffataniifi dha,” milj.].” (Sef. 3:9, NW) Tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffachuuf mirga argachuu keenyatti guddaa galateeffanna!

Jaarsoliin nama tarkaanfii dogoggoraa fudhate karaa hafuuraa gargaaruuf ni carraaqu (Keeyyata 17 ilaali

17. Tokkummaa fi qulqullinni gumii akka eegamuuf, jaarsoliin gochi dogoggoraa yommuu raawwatamu tarkaanfii akkamii fudhachuu qabu?

17 Tokkummaa fi qulqullinni gumii tokkoo akka eegamu gochuuf, jaarsoliin namni tokko cubbuu cimaa yoo hojjete dafanii karaa jaalala qabeessa taʼeen tarkaanfii fudhachuu qabu. Phaawulos, jaalalli Waaqayyoo miiraan kan geggeeffamu akka hin taanee fi gocha dogoggoraa bira callisee akka hin darbine beeka ture. (Fak. 15:3) Kanaaf Phaawulos, xalayaa cimaa, garuu immoo jaalala irratti hundaaʼe, jechuunis Qorontos Isa Tokkoffaa barreessuu irraa duubatti hin jenne. Qorontos Isa Lammaffaa jiʼoota muraasa booda barreeffame irraa akka hubannutti, jaarsoliin gumichaa qajeelfama Phaawulos isaaniif kenne waan hojii irra oolchaniif fooyyaʼiinsi argameera. Kiristiyaanni tokko utuu hin beekin tarkaanfii dogoggoraa yoo fudhate, obboloonni gaʼumsa qaban hafuura garraamummaatiin isa sirreessuuf yaalii gochuu qabu.—Gal. 6:1.

18. (a) Gorsi Kitaaba Qulqulluu keessa jiru gumiiwwan jaarraa jalqabaatti turan kan gargaare karaawwan kamiini? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii mariʼanna?

18 Gorsi Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessatti argamu, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Qorontos keessa turanis taʼe bakka kan biraa jiraatan qulqullina, nagaa fi tokkummaa gumii isaanii eeguuf akka isaan gargaare beekamaa dha. (1 Qor. 1:10; Efe. 4:11-13; 1 Phe. 3:8) Kanaan kan kaʼes, obboloonni keenya yeroo sanatti turan tajaajila isaanii balʼinaan raawwachuu dandaʼaniiru. Phaawulos iyyuu misiraachichi “uumama samiidhaa gad jiru hundatti lallabame” jechuu dandaʼeera. (Qol. 1:23) Yeroo harʼaattis, miseensonni jaarmiyaa Waaqayyoo isa tokkummaa qabuu waliin taʼanii misiraachicha lallabaa waan jiraniif, kaayyoon Waaqayyoo inni dinqisiisaan guutummaa lafaa irratti beekamuu dandaʼeera. Mata duree itti aanu irratti ragaa dabalataa namoonni kun Kitaaba Qulqulluudhaaf iddoo guddaa akka kennanii fi Yihowaa isa Gooftaa Uumama Cufaatiif ulfina akka kennan argisiisu ilaalla.—Far. 71:15, 16.

^ [1] (keeyyata 13) Kitaaba Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼe jedhamu ful. 134-136 ilaali. (Ingiliffa)

^ [2] (keeyyata 15) Haalawwan Kiristiyaanni tokko nama hidhata amantii isaa taʼe irratti seeraan tarkaanfii akka fudhatu isa taasisuu dandaʼan ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa!” jedhamu ful. 223, miiljalee ilaali.