Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubbii Yihowaatiif Iddoo Guddaa ni Kennituu?

Dubbii Yihowaatiif Iddoo Guddaa ni Kennituu?

‘Isin dubbii Waaqayyoo yommuu fudhattan akka dubbii Waaqayyootti fudhattan; inni dhugumayyuu dubbii Waaqayyoo ti.’ —1 TAS. 2:13.

FAARFANNAA: 37, 48

1-3. Wanti Ewodiyaa fi Sinxiikee gidduutti walitti buʼiinsi akka uumamu godhe maal taʼuu dandaʼa? Rakkoowwan akkasii akka hin uumamne gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

TAJAAJILTOONNI Yihowaa Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼeef iddoo guddaa kennu. Hundi keenya iyyuu cubbuu waan dhaalleef altokko tokko gorsi Kitaaba Qulqulluu nu barbaachisa. Yeroo kanatti deebii akkamii kennina? Mee waaʼee Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Ewodiyaa fi Sinxiikee jedhamanii haa ilaallu. Dubartoota dibamoo lamaan kana gidduutti rakkinni guddaan uumamee ture. Rakkina akkamiitu uumame? Kitaabni Qulqulluun kana ilaalchisee waan dubbatu hin qabu. Wanta taʼuu dandaʼu tilmaamuuf, mee fakkeenya armaan gadii haa ilaallu.

2 Ewodiyaan obboloota muraasa mana ishiitti nyaata afeertee, yeroo gaarii waliin dabarsan haa jennu. Sinxiikeen garuu hin afeeramne; haa taʼu malee, yeroo gaarii waliin dabarsan sana nama taʼe tokko irraa dhageesse. Sinxiikeen akkana jetteetti taʼa: ‘Ewodiyaan maaliif akka na hin afeerre naaf hin galle! Michoota gaarii akka taanettan yaadan ture.’ Sinxiikeen akka ganamte waan ishiitti dhagaʼameef shakkiidhaan Ewodiyaa ilaaluu jalqabde. Kanaaf Sinxiikeenis, afeerraa qopheessitee obbolootuma Ewodiyaan afeertee turte sana afeerte; Ewodiyaa garuu hin afeerre! Rakkinni Ewodiyaa fi Sinxiikee gidduutti uumame kun, nagaa guutummaa gumichaa booressuu dandaʼa ture. Kitaabni Qulqulluun dhumni isaa maal akka taʼe nutti himuu baatus, obboleettonni kun gorsa Phaawulos ergamaan jaalalaan kakaʼee isaaniif kenne fudhatanii taʼuu qaba.—Filp. 4:2, 3.

3 Yeroo harʼaattis, gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa tokko tokko keessatti haalawwan wal fakkaatan akkasii rakkina uumuu dandaʼu. Haa taʼu malee, gorsa Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe keessa jiru yoo hojii irra oolchine, rakkoowwan akkasii furuu ykn akka hin uumamne gochuu ni dandeenya. Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Yihowaa taʼeef bakka guddaa kan kenninu yoo taʼe, qajeelfama isaa wajjin wal simnee jiraanna.—Far. 27:11.

KITAABNI QULQULLUUN MIIRA KEENYA AKKA TOʼANNU NU BARSIISA

4, 5. Dubbiin Waaqayyoo miira keenya toʼachuu ilaalchisee gorsa akkamii nuuf kenna?

4 Akka tuffatamne ykn murtoo jalʼaan akka nu irratti raawwatame yeroo nutti dhagaʼamu, miira keenya toʼachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Miidhaan kan nu irra gaʼe sanyii keenyaan, bifa keenyaan ykn garaa garummaa qaamaa nu gidduu jiru kaaniin yoo taʼe, baayʼee kan nama miidhu taʼu dandaʼa. Keessattuu kana kan godhe nama hidhata amantii keenya taʼe yoo taʼe immoo caalaatti nama gaddisiisa! Amalli gadheen namoonni cubbuu dhaalan argisiisan kun yoo nu miidheera taʼe, gama kanaan Kitaabni Qulqulluun gorsa nu gargaaru qabateeraa?

5 Yihowaan, yommuu ilmaan namootaa miira isaanii toʼachuu dadhabanitti wanti uumamuu dandaʼu maal akka taʼe beeka. Miiraa fi gocha keenya hunda ni hubata. Yommuu dheekkamnu ykn yommuu aarru wanta booda itti gaabbinu dubbanna ykn goona taʼa. Gorsa Kitaaba Qulqulluu aarii keenya akka toʼannuu fi dafnee akka hin aarree nuu kenname hojii irra oolchuun keenya ogummaa guddaa dha! (Fakkeenya 16:32; Lallaba 7:9 dubbisi.) Hundi keenya iyyuu namoota dafnee hinmufanee fi caalaatti dhiifama goonu taʼuuf carraaquu akka qabnu beekamaa dha. Yihowaa fi Yesuus dhiifama gochuudhaaf iddoo guddaa kennu. (Mat. 6:14, 15) Ati hoo caalaatti dhiifama gochuuf ykn miira kee toʼachuuf carraaqii dabalataa gochuun si barbaachisaa laata?

6. Garmalee aaruu irraa of qusachuu kan qabnu maaliifi?

6 Namoonni miira isaanii toʼachuu hin dandeenye, yeroo baayʼee aariin isaanii ittuma caalaa deema. Kanaan kan kaʼes, namoonni kaan isaan irraa baqatu taʼa. Namni garmalee aaru tokko gumii irratti dhiibbaa gadhee geessisuu dandaʼa. Namni akkasii aarii isaa ykn jibba isaa dhoksuuf yaala taʼa; gaaf tokko garuu yaanni dogoggoraa garaa isaa keessa dhokatee jiru “walga’ii keessatti bakkee in baafama.” (Fak. 26:24-26) Jaarsoliin, namoonni akkasii aariin, jibbii fi haaloo qabachuun, amalawwan jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti iddoo hin qabne taʼuu isaanii akka hubatan isaan gargaaruu dandaʼu. Gama kanaan Kitaabni Yihowaa inni gatii guddaa qabu gorsa baayʼee ifa taʼe kenna. (Lew. 19:17, 18; Rom. 3:11-18) Ati hoo yaada kana irratti walii galtaa?

YIHOWAAN NU GEGGEESSAA JIRA

7, 8. (a) Yihowaan kutaa jaarmiyaa isaa isa lafa irraa geggeessaa kan jiru akkamitti? (b) Qajeelfamoonni Dubbii Waaqayyoo keessa jiran tokko tokko kamfaʼi? Isaaniif ajajamuu kan qabnu hoo maaliifi?

7 Yihowaan, qajeelfama Kiristoos isa “gumichaaf mataa taʼe” jalatti ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamee namoota kutaa jaarmiyaa isaa isa lafa irraa keessa jiran geggeessaa fi sooraa jira. (Mat. 24:45-47; Efe. 5:23) Garbichi kun akkuma qaama ol aanaa jaarraa jalqabaatti turee, Dubbii ykn ergaa geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame ni fudhata, akkasumas iddoo guddaa kennaaf. (1 Tasalonqee 2:13 dubbisi.) Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti faayidaa keenyaaf kennaman tokko tokko kamfaʼi?

8 Kitaabni Qulqulluun yeroo hunda walgaʼii irratti akka argamnu nu ajaja. (Ibr. 10:24, 25) Barumsa amantii tokko taʼe akka amannu gorsa cimaa nuuf kenna. (1 Qor. 1:10) Dubbiin Waaqayyoo jireenya keenya keessatti Mootummichaaf dursa akka kenninu nutti hima. (Mat. 6:33) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun manaa gara manaatti, bakka namoonni hedduun argamanittii fi karaa alidilee taʼeen tajaajiluun, dirqamaa fi mirga keenya akka taʼe ibsa. (Mat. 28:19, 20; HoE. 5:42; 17:17; 20:20) Dubbiin Waaqayyoo, jaarsoliin gumii jaarmiyaan Waaqayyoo qulqulluu akka taʼu eeguu akka qaban isaan ajaja. (1 Qor. 5:1-5, 13; 1 Xim. 5:19-21) Akkasumas, Yihowaan namoonni jaarmiyaa isaa keessa jiran hundi karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa qulqulluu taʼuu akka qaban ajajeera.—2 Qor. 7:1.

9. Daandiin tokkichi Yesuus Dubbii Waaqayyoo akka hubannu nu gargaaruuf itti fayyadamaa jiru isa kami dha?

9 Namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu akka barbaadanitti hiikuu waan dandaʼan isaanitti fakkaata. Haa taʼu malee, Yesuus nyaata hafuuraa akka qopheessu kan muude ‘garbicha amanamaa’ qofa dha. Yesuus Kiristoos inni ulfina gonfate, bara 1919 jalqabee duuka buutonni isaa Dubbii Waaqayyoo akka hubatanii fi qajeelfama isaa akka hordofan gargaaruuf garbicha sanatti fayyadamaa jira. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuuf yoo ajajamne, qulqullina, nagaa fi tokkummaa gumiitiif gumaacha goona. Tokkoon tokkoon keenya, ‘Daandii Yesuus itti fayyadamaa jiru kanaaf nan amanamaa?’ jennee of gaafachuun keenya gaarii dha.

KONKOLAATAAN YIHOWAA SAFFISAAN SOCHOʼAA JIRA!

10. Kitaaba Hisqiʼel keessatti kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni samii kan ibsame akkamitti?

10 Dubbiin Yihowaa inni barreeffamaan jiru kutaa jaarmiyaa isaa isa samii wajjin wal nu barsiisa. Fakkeenyaaf, Hisqiʼel raajichi kutaan jaarmiyaa Waaqayyoo inni samii konkolaataa samii irra jirutti akka fakkeeffame mulʼataan argee ture. (His. 1:4-28) Konkolaataa sana kan oofu Yihowaa dha; gara hafuurri isaa isa geessu hundattis ni deema. Kutaan jaarmiyaa isaa inni samii immoo kutaa isa lafa irraa geggeessa. Dhuguma iyyuu konkolaatichi saffisaan deemaa jira! Mee waaʼee jijjiiramawwan hedduu waggoota kurnan darban keessatti godhaman yaadaa; jijjiiramawwan kana duuba kan jiru Yihowaa akka taʼes yaadadhaa. Konkolaataan Yihowaa inni saffisaan sochoʼaa jiru, Kiristoosii fi maleekota qulqulluu addunyaa hamaa kana balleessuuf jedhanii wajjin taʼee, ol aantummaan Yihowaa akka mirkanaaʼuu fi maqaan isaa qulqulluu akka taʼu gochuuf saffisaan deemaa jira.

Obboloota hedduu dadhabne utuu hin jedhin fedhiidhaan hojii ijaarsaa irratti hirmaatan guddaa galateeffanna! (Keeyyata 11 ilaali)

11, 12. Wantoonni jaarmiyaan Yihowaa raawwachaa jiru tokko tokko kamfaʼi?

11 Wanta kutaan jaarmiyaa Waaqayyoo inni lafa irraa guyyoota gara dhumaa kana keessatti raawwachaa jiru irratti xiinxalaa. Hojii ijaarsaa. Hojjettoonni hedduun waajjira muummee haaraa Dhugaa Baatota Yihowaa Woorwiik, Niwuu Yoorki, Ameerikaatti argamu ijaaruu irratti hinaaffaadhaan hirmaataniiru. Addunyaa maratti namoonni kumaan lakkaaʼamanii fi fedhiidhaan of dhiheessan qajeelfama Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Addunyaa Maraa jalatti, Galmawwan Mootummaa ijaaruu fi waajjiroota damee babalʼisuu irratti ciminaan hirmaachaa jiru. Obboloonni hedduun dadhabne utuu hin jedhin fedhii isaaniitiin ijaarsawwan akkasii irratti hirmaachuu isaaniitiif guddaa galateeffanna! Yihowaan labsitoota Mootummichaa addunyaa maratti argamanii fi gad of qabuu fi amanamummaadhaan hojiiwwan akkasii deggeruuf hamma dandaʼan buusii qarshii godhan akka eebbisaa jiru yaadadhaa.—Luq. 21:1-4.

12 Barumsa. Yihowaan saba isaa barsiisuu ni jaallata. (Isa. 2:2, 3) Mee waaʼee manneen barumsaa qabnu garaa garaa yaadaa. Mana Barumsaa Qajeelchitootaa, Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa, Mana Barumsaa Giilʼaad, Mana Barumsaa Obboloota Reefu Betʼel Galaniif Qophaaʼe, Mana Barumsaa Daawwattoota Ol Aanaa Aanaa fi Haadhotii Manaa Isaanii, Mana Barumsaa Jaarsolii Gumii, Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa fi Mana Barumsaa Miseensota Koree Waajjira Damee fi Haadhotii Manaa Isaanii qabna. Barumsi Kitaaba Qulqulluu karaa weebsaayitii keenya jw.org isa barreeffamoota garaa garaa afaanota dhibbaan lakkaaʼamaniin qabateenis ni kennama. Weebsaayitii kana irratti kutaan addaa ijoolleefi maatiidhaaf qophaaʼe jira; akkasumas kutaa oduu qabateera. Ati hoo tajaajila irrattii fi waaqeffannaa maatii kee irratti jw.org fayyadamaa jirtaa?

YIHOWAADHAAF AMANAMOO TAʼAA, JAARMIYAA ISAAS DEGGERAA

13. Waaqeffattoota Yihowaa amanamoo waan taaneef, itti gaafatamummaa akkamii qabna?

13 Kutaa jaarmiyaa Yihowaa taʼuun mirga guddaa dha! Ulaagaa fi qajeelfama Waaqayyoo beekuun keenya, wanta sirrii taʼe raawwachuu fi olaantummaa isaa deggeruuf itti gaafatamummaan akka nu irra jiraatu godha. Addunyaan kun jireenya gadhiisiitiin caalaatti liqimfamaa yommuu deemu kanatti, akkuma Yihowaa nutis ‘wanta hamaa jibbuu’ qabna. (Far. 97:10) Namoota Waaqayyoon hin waaqeffannee fi “Isa hamaadhaan gaarii dha, isa gaariidhaan immoo hamaa dha” jedhan irraa fagaachuu qabna. (Isa. 5:20) Waaqayyoon gammachiisuu waan barbaannuuf, karaa qaamaa, amalaa fi hafuuraa qulqulluu taanee jiraachuuf carraaqna. (1 Qor. 6:9-11) Yihowaa ni jaallanna; isattis ni amanamna; qajeelfamawwan Kitaaba isaa isa dinqisiisaa keessatti ifatti ibsamanii wajjin haala wal simuun jiraachuudhaan isaaf amanamoo akka taane argisiisuu filanna. Bakka hundatti, jechuunis mana keessatti, gumii keessatti, bakka hojii fi mana barumsaatti qajeelfamoota kanaa wajjin wal simnee jiraachuuf carraaqqii guddaa goona. (Fak. 15:3) Karaawwan dabalataa Waaqayyoof amanamoo akka taane argisiisuu itti dandeenyu haa ilaallu.

14. Warri Kiristiyaana taʼan Waaqayyoof amanamoo taʼuu isaanii argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

14 Ijoollee guddisuu. Warri Kiristiyaana taʼan ijoollee isaanii Dubbii Yihowaatiin leenjisuudhaan isaaf amanamoo akka taʼan argisiisu. Warri Waaqayyoon waaqeffatan ijoollee guddisuu ilaalchisee aadaan naannoo isaanii garmalee dhiibbaa isaan irratti geessisuu hin qabu. Hafuurri addunyaa maatii Kiristiyaanaa keessatti iddoo hin qabu. (Efe. 2:2) Abbaan Kiristiyaana taʼee fi cuuphame tokko, ‘Biyya keenyatti haadhatu ijoollee leenjisa’ jedhee yaaduu hin qabu. Gama kanaan Kitaabni Qulqulluun gorsa ifa taʼe kenna: “Abbootii nana . . . leenjii fi gorsa [barumsa; qajeelfama] Yihowaatiin [ijoollee keessan] guddisaa.” (Efe. 6:4; milj.) Abbaa fi haati Waaqayyoon sodaatan, ijoolleen isaanii akkuma Saamuʼel isa ijoollummaa isaatti Yihowaan isaa wajjin turee akka taʼan barbaadu.—1 Sam. 3:19.

15. Murtoo guguddaa yommuu goonu Yihowaadhaaf amanamoo akka taane argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Murtoo gochuu. Jireenya keenya keessatti murtoo guguddaa yommuu goonu, karaan Waaqayyoof amanamoo akka taane itti argisiisnu tokko Dubbii isaa isa barreeffamaan jiruu fi jaarmiyaa isaa irraa gargaarsa argachuuf yaaluu dha. Kun hangam barbaachisaa akka taʼe fakkeenyaan ibsuuf, dhimma ulfaataa fi maatii hedduu tuqu tokko haa ilaallu. Godaantonni tokko tokko, biyya dhaqan sanatti hojii hojjetanii qarshii argachuu isaanii itti fufuuf jecha, ijoollee isaanii reefuu dhalatan gara firoota isaaniitti erguu barsiifata godhataniiru. Kun dhimma dhuunfaa taʼus, murtoo goonuuf Waaqayyo duratti akka itti gaafatamnu yaadachuu qabna. (Roomaa 14:12 dubbisi.) Gorsa Kitaaba Qulqulluu utuu tilmaama keessa hin galchin waaʼee maatii keenyaa fi hojii keenyaa murtoo guguddaa gochuun sirriidhaa? Sirrii akka hin taane beekamaa dha! Karaa jireenya keenyaa ofuma keenyaan geggeeffachuu waan hin dandeenyeef gargaarsi Abbaa keenya isa samii nu barbaachisa.—Er. 10:23.

16. Haati tokko yommuu ilmi ishii dhalatetti filannoo akkamii gochuu qabdi turte? Filannoo sirrii akka gootu kan ishii gargaare hoo maali dha?

16 Dubartiin biyya alaa utuu jiraattuu ilma godhatte tokko, akkoo fi akaakayyuun isaa akka isa guddisaniif gara biyya dhalootaa ishiitti isa erguu yaadde. Yeroo deesse kanatti, Dhugaa Baatuu Yihowaa tokkoo wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabdee turte. Guddina gaarii kan goote siʼa taʼu, mucaan ishii Yihowaa akka waaqeffatu gootee guddisuun itti gaafatamummaa Waaqayyo ishiidhaaf kenne taʼuu isaa hubatte. (Far. 127:3; Fak. 22:6) Dubartiin tun akkuma Kitaabni Qulqulluun nu gorsu, waan garaa ishii keessa jiru Yihowaa duratti dhangalaaste. (Far. 62:7, 8) Wanta ishiitti dhagaʼamu utuu hin dhoksin obboleettii Kitaaba Qulqulluu ishii qoʼachiistutti kan himte siʼa taʼu, obboloota gumii keessa jiran kaanis haasofsiistee turte. Firoonnii fi michoonni ishii mucaa ishii gara akkoo fi akaakayyuu isaatti akka ergitu dhiibbaa ishii irraan geessisanis ishiin garuu kana gochuun sirrii akka hin taane murteessite. Abbaan manaa ishii akkaataa gumiin ishiis taʼe mucicha itti gargaare yommuu argu, baayʼee ajaaʼibsiifamee qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kan jalqabe siʼa taʼu, haadha manaa fi mucaa isaa wajjin gumii irratti argamuu eegale. Haati kun, Yihowaan kadhannaa ishiitiif deebii akka kenne yommuu hubattu hammam akka gammadde tilmaamaa.

17. Barattoota Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee qajeelfamni akkamii nuuf kennameera?

17 Qajeelfama hordofuu. Karaa guddaan Waaqayyoof amanamoo akka taane itti argisiisnu tokko qajeelfama jaarmiyaan isaa nuuf kennu hordofuu dha. Fakkeenyaaf, yaadawwan barattoota Kitaaba Qulqulluu keenya ilaalchisee nuuf kennaman haa ilaallu. Nama tokkoo wajjin kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu qoʼachuu akkuma jalqabneen yeroo hunda qoʼannaa booda daqiiqaa muraasa fudhannee waaʼee jaarmiyichaa itti himuu akka qabnu jajjabeeffamneerra. Viidiyoo Galma Mootummaa Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? Jedhamuu fi birooshura Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi? jedhamutti fayyadamnee kana gochuu dandeenya. Barataa guddina gochaa jiru tokkoo wajjin kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu qoʼannee yommuu xumurru, erga inni cuuphamee booda illee kitaaba Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaajedhamu akka isa qoʼachiisnu nutti himameera. Jaarmiyichi qajeelfama kana kan kenne barattoonni haaraan ‘amantiitti akka cimaniifi dha.’ (Qol. 2:7) Ati hoo qajeelfamawwan jaarmiyaan Yihowaa kennu akkasiitiif ajajamaa jirtaa?

18, 19. Sababiiwwan Yihowaa galateeffachuu itti qabnu tokko tokko kamfaʼi?

18 Sababiiwwan Yihowaa itti galateeffannu hedduu qabna! Jireenya kan nuuf kenne isa dha; kan sochoonus taʼe kan jiraannu isaani. (HoE. 17:27, 28) Kitaaba Qulqulluu isa kennaa guddaa taʼe nuuf kenneera. Nutis, akkuma Kiristiyaanota Tasalonqee dubbii Waaqayyoo fudhatanii, galateeffannaadhaan Kitaaba Qulqulluu akka ergaa Waaqayyootti fudhachuu qabna.—1 Tas. 2:13.

19 Dubbiin Waaqayyoo waan nu harka jiruuf Yihowaatti dhihaachuu dandeenyeerra; innis nutti dhihaateera. (Yaq. 4:8) Abbaan keenya inni samii mirga guddaa kutaa jaarmiyaa isaa taʼuu nuuf kenneera. Eebbawwan Yihowaa irraa arganne akkasii guddaa dinqisiifanna! Akkuma faarfaticha, “Waaqayyo gaarii waan ta’eef, isaaf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata!” jedhee faarfatee nutti dhagaʼama. (Far. 136:1) Faarfannaa 136 irratti yaanni “gaarummaan isaa bara baraan in jiraata!” jedhu siʼa 26 argama. Yihowaadhaafis taʼe jaarmiyaa isaatiif amanamoo yoo taane, bara baraaf waan jiraannuuf jechoonni nama gammachiisan kun hangam dhugaa akka taʼan ilaalla!