Dukkana Keessaa Waamamuu
“[Yihowaan] dukkana keessaa gara ifa isaa isa dinqisiisaa taʼetti isin waame.”—1 PHE. 2:9.
“FAARFANNAA: 43, 28
1. Wantoota yeroo Yerusaalem balleeffamtetti raawwataman ibsi.
DHALOOTA KIRISTOOS DURA bara 607tti, humni waraanaa Baabilon inni guddaan Nebukadnezaar 2ffaa isa mootii Baabilon tureen geggeeffamu magaalaa Yerusaalem weerare. Ajjeechaa yeroo sana booda raawwatame ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “[Nebukadnezaar] dargaggoota isaanii iddoo qulqullaaʼaa keessatti billaadhaan in ajjeese; ijoollota dhiiraa fi ijoollota durbaa, warra dulloomanii fi warra lafa guuran hundumaaf garaa hin laafne. . . . Mana qulqullummaa ibiddaan in guban; dallaa mandara Yerusaalemis in diigan; akkasumas manneen mootummaa hundumaa ibiddaan gubanii, miʼa isaa isa gati-jabeessa caccabsanii in balleessan.”—2 Sen. 36:17, 19.
2. Yihowaan badiisa Yerusaalem ilaalchisee akeekkachiisa akkamii kenne? Yihudoota irra hoo maaltu gaʼe?
2 Badiisni Yerusaalem jiraattota ishii dinqisiisuu hin qabu ture. Sababiin isaas raajonni Waaqayyoo, Yihudoonni Seera Waaqayyoo cabsuu isaanii yoo itti fufan harka Baabilonotaatti dabarfamanii akka kennaman waggoota hedduudhaaf isaan akeekkachiisaa turaniiru. Yihudoonni hedduun billaadhaan ajjeefamu; warri duʼa irraa oolan immoo jireenya isaanii guutuu boojiʼamtoota taʼanii Baabilon keessa jiraachuun isaanii hin oolu ture. (Er. 15:2) Achitti boojiʼamtoota taʼanii jiraachuun maal fakkaata ture? Wanti yeroo boojuu Baabilonitti raawwatame Kiristiyaanota irratti raawwatameeraa? Taanaan, yoom?
JIREENYA BOOJIʼAMTOOTAA
3. Boojuun Baabilon garbummaa Gibxii Israaʼeloonni jala turan irraa adda kan ture karaa kamiin ture?
3 Wanti raajonni dursanii dubbatan ni raawwatame. Yihowaan namoonni itti aanuudhaan boojiʼaman haala haaraa isaan mudatu amananii fudhatanii gammachuudhaan akka jiraatan karaa Ermiyaas isaan gorsee ture. Akkana jedhe: “[Baabilonitti] mana ijaarradhaatii keessa taaʼaa, lafa qotadhaatii wanta isa irraa argattan nyaadhaa. Mandara ani akka isin boojiʼamtanii itti geeffamtan godhe kanaaf nagaa barbaadaa, Waaqayyoonis kadhadhaaf! Isheen nagaa yoo argatte isinis nagaa in argattu.” (Er. 29:5, 7) Namoonni fedha Waaqayyoo raawwatan Baabilonitti illee hamma tokko jireenya gaarii jiraatu turan. Warri Baabilon dhimmoota dhuunfaa isaanii tokko tokko akka raawwatan Yihudootaaf ni heyyamu turan. Boojiʼamtoonni kun biyyattii keessa sosochoʼuuf illee bilisummaa qabu turan. Bara duriitti Baabilon wiirtuu daldalaa turte; ragaawwan qotamanii baʼan akka argisiisanitti immoo Yihudoonni hedduun ogummaa bittaa fi gurgurtaa, warri kaan immoo ogummaa harkaa barataniiru. Kanaaf Yihudoonni tokko tokko sooreyyii taʼanii turan. Boojuun Baabilon garbummaa Gibxii waggoota hedduu dura Israaʼelonni jala turan irraa adda ture.—Baʼuu 2:23-25 dubbisi.
4. Israaʼeloota ajajamuu didaniin alatti namoonni boojuu Baabiloniin miidhaman eenyu faʼi? Karaa fudhatama qabuun Waaqayyoon waaqeffachuuf wanti gufuu itti taʼe hoo maal ture?
4 Yihudoonni karaa foonii wanta isaan barbaachisu argataniiru; karaa hafuuraa hoo wanta isaan barbaachisu argataniiruu? Manni qulqullummaas taʼe iddoon aarsaa balleeffameera; sirni lubummaas karaa gurmaaʼina qabuun hojjechaa hin turre. Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼanis boojiʼamanii turan; balleessaa isaan adabsiisu kan hin hojjenne taʼus, sabichaa wajjin rakkinni isaan irra gaʼaa ture. Taʼus, Seera Waaqayyoo eeguuf waan dandaʼan hunda gochaa turaniiru. Fakkeenyaaf, Baabilonitti Daaniʼelii fi michoonni isaa sadan, Shaadraak, Meshaakii fi Abedneegoon nyaata Yihudoonni dhorkaman nyaachuu irraa of qusataniiru. Daaniʼel immoo yeroo hundumaa Waaqayyotti kadhannaa dhiheessaa akka tures beekna. (Dan. 1:8; 6:10) Haa taʼu malee, bulchiinsa namoota Waaqayyoon hin waaqeffannee jalatti wanta Seerichi ajaju hunda eeguun Yihudii Waaqayyoon sodaatu tokkoof hin dandaʼamu ture.
5. Yihowaan saba isaatiif abdii akkamii kennee ture? Abdiin kun dinqisiisaa dha kan jennu hoo maaliifi?
5 Israaʼeloonni karaa guutummaatti fudhatama qabuun deebiʼanii Waaqayyoon ni waaqeffatuu laata? Yeroo sanatti, kun waan dandaʼamu hin fakkaatu ture. Baabilon matumaa boojiʼamtoota ishii gadhiistee hin beektu. Haa taʼu malee, seerri kun Waaqa keenya Yihowaa tilmaama keessa kan hin galchine ture. Yihowaan sabni isaa bilisa akka baʼan waadaa galee ture; isaanis bilisa baʼaniiru. Wanti Waaqayyo waadaa gale matumaa utuu hin raawwatamin hin hafu.—Isa. 55:11.
WANTI YEROO SANA RAAWWATAME BARA KEENYATTI RAAWWATAMEERAA?
6, 7. Hubannaa boojuu Baabilon bara keenyatti raawwatame ilaalchisee qabnu irratti sirreeffama gochuun maaliif barbaachise?
6 Wanti boojuu Baabilonii wajjin wal fakkaatu Kiristiyaanota mudatee beekaa? Waggoota hedduudhaaf, barruun kun tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo ammaa boojuu Baabilon jala kan galan bara 1918tti akka taʼe, bara 1919tti immoo bilisa akka baʼan ibsaa tureera. Haa taʼu malee, sababiiwwan mata duree kanaa fi isa itti aanu irratti ibsaman irraa akka hubannutti, dhimma kana irratti qorannaa dabalataa gochuun barbaachiseera.
7 Mee yaadaa: Baabilon Guddittiin bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa ti. Kanaaf, sabni Waaqayyoo bara 1918tti boojuu Baabilon jala galaniiru jechuuf, yeroo sanatti karaa taʼe tokkoon garbummaa amantii sobaa jala galuu qabu turan. Dhugaan jiru akka argisiisutti garuu, waggoottan kurnan Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaa dura turanitti tajaajiltoonni Waaqayyoo warri dibamoon Baabilon Guddittii irraa adda baʼan malee garbummaa ishii jala hin galle. Dibamtoonni Waraana
Addunyaa Isa Tokkoffaatti ariʼatamni kan isaan irra gaʼe taʼus, adda durummaadhaan rakkina kan isaan irra geessise abbootii taayitaa ti malee Baabilon Guddittii hin turre. Kanaafuu, sabni Yihowaa bara 1918tti boojuu Baabilon Guddittii jala galanii turan jechuun waan hin fakkaanne dha.SABNI WAAQAYYOO BOOJUU BAABILON JALA KAN GALE YOOM TURE?
8. Amantiin Kiristiyaanaa inni dhugaan kan faalame akkamitti akka taʼe ibsi. (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
8 Guyyaa Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33tti, Yihudoonnii fi namoonni amantii Yihudii fudhatan hedduun hafuura qulqulluudhaan dibamanii turan. Kiristiyaanonni haaraan kun, ‘sanyii filatamaa, luboota mootii, saba qulqulluu, saba qabeenya Waaqayyoo taʼuuf fudhataman’ taʼaniiru. (1 Pheexiros 2:9, 10 dubbisi.) Ergamoonni, hamma lubbuudhaan jiranitti gumiiwwan saba Waaqayyootiif eegumsa guddaa gochaa turaniiru. Haa taʼu malee, keessumaa ergamoonni erga duʼanii booda namoonni “barattoota ofitti fudhachuuf dhugaa micciiran” kaʼaniiru. (HoE. 20:30; 2 Tas. 2:6-8) Namoota kana keessaa hedduun isaanii gumii keessatti ilaaltota ol aanaa taʼanii tajaajilaa turan. Yesuus duuka buutota isaatiin, “Isin hundi keessan obbolaa dha” jedhee kan ture taʼus, gareen qeesotaa hundeeffamuu jalqabe. (Mat. 23:8) Namoonni beekamoon falaasama Aristootilii fi Pilaatoo hordofan, suutuma suutaan barumsa Dubbii Waaqayyoo isa qulqulluu taʼe, yaadawwan amantii sobaa babalʼisaniin bakka buusuu jalqaban.
9. Kiristiyaanummaan gantummaadhaan hundaaʼe deggersa Bulchiinsa Roomaa kan argate akkamitti akka taʼee fi buʼaan isaa maal akka taʼe ibsi.
9 Dhaloota Kiristoos Booda bara 313tti, Qosxanxinoos inni Bulchaa Roomaa turee fi Waaqayyoon hin waaqeffanne, Kiristiyaanummaan gantummaadhaan hundaaʼe kun seera biratti beekkamtii akka argatu godhe. Yeroo sanaa kaasee Waldaa fi Mootummaan harka wal qabatanii hojjechuu jalqaban. Fakkeenyaaf, Walgaʼii Niiqiyaatti godhame booda Qosxanxinoos lubni Aariyos jedhamu tokko Yesuus Waaqa dha jedhee amanuu waan dideef boojuudhaan akka fudhatamu godhee ture. Yeroo booda immoo, bulchiinsa Bulchaa Tewodooshiyas Tokkoffaa jalatti (Dh.K.B. 379-395) Waldaan Kaatolikii, yeroo amantiin Kiristiyaanaa gantummaan keessatti babalʼate mulʼachuu jalqabetti, amantii Bulchiinsa Roomaa keessatti seeraan beekamu taʼe. Barreessitoonni seenaa Roomaa ishiin Waaqayyoon waaqeffachaa hin turre, “Kiristiyaana” kan taate jaarraa arfaffaatti akka taʼe dubbatu. Dhugaan isaa garuu, Kiristiyaanonni gantoota taʼan, amantii namoota Waaqayyoon hin waaqeffannee fi Bulchiinsa Roomaa jala turetti makamuudhaan miseensota Baabilon Guddittii taʼan. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni dibamoon muraasni qamadiitti fakkeeffaman Waaqayyoon waaqeffachuuf hamma dandaʼan yaalaa turan; sagaleen isaanii garuu liqimfamee ture. (Maatewos 13:24, 25, 37-39 dubbisi.) Dhuguma iyyuu boojuu Baabilon jala turan jechuun ni dandaʼama!
10. Dhaloota Kiristoos Booda, jaarraawwan muraasaa booda, namoonni garaa qajeelaa qaban barumsawwan waldaa irratti gaaffii kaasuuf wanti buʼuura isaaniif taʼe maal ture?
10 Taʼus, D.K.B. jaarraawwan muraasa booda namoonni hedduun Afaan Giriikiitiin ykn Afaan Laatiiniitiin Kitaaba Qulqulluu dubbisuu dandaʼaniiru. Kanaafuu, barumsa Dubbii Waaqayyoo fi barumsa amantii waldaalee wal bira qabanii ilaaluuf carraa argataniiru. Isaan keessaa tokko tokko wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisan irratti hundaaʼanii barumsa sobaa waldaan barsiistu fudhachuu didaniiru; yaada akkanaa ifatti dubbachuun garuu balaa kan qabu taʼuu isaa irra iyyuu, duʼaaf kan isaan saaxilu ture.
11. Kitaabni Qulqulluun toʼannaa qeesotaa jala kan gale akkamitti ture?
11 Yeroo booda immoo Kitaabni Qulqulluun afaanota namoonni hedduun hin beekneen qofa argama ture; waldaanis carraaqqii Dubbii Waaqayyoo afaanota namoonni kaan hubatanitti hiikuuf godhamaa ture cimsitee mormiti turte. Kanaan kan kaʼes, Kitaaba Qulqulluu dubbifachuu
kan dandaʼan qeesotaa fi namoota baratan muraasa qofa turan; taʼus qeesonni tokko tokko akka gaariitti dubbisuu fi barreessuu hin dandaʼan turan. Namni wanta waldaan barsiistu fudhachuu dide kam iyyuu adaba guddaatu isa eeggata ture. Dibamtoonni amanamoon tajaajiltoota Waaqayyoo taʼan dhoksaatti gareedhaan walitti qabamu turan; warra tokko tokkoof garuu walitti qabamuun ulfaataa ture. Akkuma yeroo boojuu Baabilon isa kanaan dura turetti taʼe, dibamtoonni “luboota mootii” taʼanis karaa gurmaaʼina qabuun tajaajiluu hin dandeenye turan. Baabilon Guddittiin namoota takaaltee qabdee turte!IFICHI MULʼACHUU JALQABE
12, 13. Sababiiwwan dhiibbaan Baabilon Guddittiin namoota irratti geessistu akka laafu godhan lamaan kam faʼi? Ibsi.
12 Kiristiyaanonni dhugaan ifattii fi karaa fudhatama qabuun Waaqayyoon waaqeffachuuf bilisummaa argatuu laata? Eeyyee! Sababiiwwan guguddaa lamaan kan kaʼe, ifni hafuuraa xinnoon dukkana keessaa mulʼachuu jalqabe. Inni jalqabaa walakkeessa jaarraa 15ffaatti meeshaan maxxansaa kalaqamuu isaa ture. Meeshaan maxxansaa kalaqamuu isaa dura, Kitaabni Qulqulluun of eeggannoo guddaadhaan harkaan garagalfamuu qaba ture. Yeroo sanatti Kitaabni Qulqulluun salphaatti hin argamu ture; yoo argames gatiin isaa miʼaa dha. Namni garagalchuu irratti muuxannoo qabu tokko, Kitaaba Qulqulluu tokkittii harkaan barreessee xumuruuf gara jiʼoota kudhanii itti fudhata ture jedhama! Kana malees, wanti irratti garagalchuuf itti fayyadaman (biraannaa) gatiin isaa miʼaa ture. Faallaa kanaatiin garuu, namni ogummaa qabu tokko meeshaa maxxansaa fi waraqaatti fayyadamee guyyaatti fuula 1,300 ol maxxansuu dandaʼa!
13 Sababiin inni lammaffaan immoo, namoonni ija jabeeyyii taʼan muraasni jalqaba jaarraa 16ffaatti Dubbii Waaqayyoo afaanota namoonni hedduun dubbataniin hiikuuf murteessuu isaanii
ture. Hiiktonni hedduun, hojii kana hojjechuuf jecha lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii turan. Geggeessitoonni waldaa garuu sodaatanii turan. Maaliif? Kitaabni Qulqulluun namoota Waaqayyoon sodaatan harkatti yoo argame, deebiʼanii ittiin nu lolu jedhanii waan yaaddaʼaniif ture. Namoonnis yeroo Kitaaba Qulqulluu argatan, dubbisu jalqaban. Yeroo dubbisanittis gaaffiiwwan akkanaa gaafatu turan: ‘Dubbii Waaqayyoo keessatti namni tokko erga duʼee booda gara samii dhaquu isaa dura cubbuu isaa irraa iddoon itti qulqulleeffamu akka jiru, waaʼeen sirna awwaalchaa raawwachiisuuf qarshii kaffaluu ykn waaʼeen phaaphaasii fi qeesii eessatti ibsame?’ Akka ilaalcha waldaatti kun baayʼee kan nama aarsu ture. Namoonni kaan geggeessitoota waldaa irratti gaaffii kaasuuf akkamitti ija jabaatan? Waldaanis deebitee lola isaan irratti kaaste. Dhiironnii fi dubartoonni barumsawwan waldaa baayʼeen isaanii falaasama Aristootilii fi Pilaatoo warra Yesuus Kiristoos utuu hin dhalatin dura jiraachaa turan irratti hundaaʼan fudhachuu waan didaniif gantoota akka taʼanitti ilaalamu turan. Waldaan murtoo duʼaa namoota kana irratti dabarsaa, Mootummaan immoo raawwachiisaa ture. Kaayyoon isaanii namoonni Kitaaba Qulqulluu akka hin dubbisnee fi waldicha irratti gaaffii akka hin kaasne gochuu ture. Yeroo baayʼee tooftaan isaanii kun milkaaʼina argata ture. Taʼus, namoonni ija jabeeyyii taʼan muraasni Baabilon Guddittii hin sodaanne. Amma hamma tokko Dubbii Waaqayyoo kan hubatan siʼa taʼu, caalaatti barachuus barbaadaniiru! Yeroo kanatti gara fuulduraatti amantii sobaa jalaa bilisa baʼuuf haalli isaa mijaaʼuu jalqabee ture.14. (a) Naannoo bara 1870tti haalli Kitaaba Qulqulluu caalaatti hubachuuf gumaacha godhe maal ture? (b) Carraaqqii guddaa obboleessi keenya Raasil dhugaa argachuuf godhe ibsi.
14 Namoonni dhugaa Kitaaba Qulqulluu dheebotan hedduun, biyyoota waldaan baayʼee dhiibbaa irratti hin goonetti baqatanii turan. Maal yaaduu akka qaban utuu isaanitti hin himamin dubbisuu, qoʼachuu fi waliin mariʼachuu barbaadu turan. Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa naannoo bara 1870tti, Yunaayitid Isteetisitti waliin taʼanii Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqaban yeroo kanatti ture. Jalqaba irratti, kaayyoon obboleessa keenya Raasil amantiiwwan yeroo sanatti turan keessaa dhugaa kan barsiisu isa kam akka taʼe mirkaneeffachuu ture. Amantiiwwan Kiristiyaana hin taane illee dabalatee barumsawwan amantii hedduu wanta Kitaabni Qulqulluun jedhuu wajjin of eeggannoodhaan wal bira qabee ilaaleera. Utuu baayʼee hin turin amantiiwwan kana keessaa guutummaatti Dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe akka hin jirre hubate. Gaaf tokko, Raasil dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu innii fi michoonni isaa bira gaʼan fudhatanii miseensota gumii isaanii akka barsiisan abdachuudhaan geggeessitoota amantii tokko tokkoo wajjin wal qunname. Geggeessitoonni amantii kun garuu yaada isaa hin fudhanne. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu garuu dhugaa jiru kana amananii fudhachuu qabu turan: Namoota amantii sobaatti cichanitti michoomuun barbaachisaa miti.—2 Qorontos 6:14 dubbisi.
15. (a) Kiristiyaanonni boojuu Baabilon Guddittii jala kan galan yoom ture? (b) Mata duree itti aanu irraatti gaaffilee kamiif deebii arganna?
15 Akkuma hanga ammaatti ilaalletti, Kiristiyaanonni dhugaan boojuu Baabilon jala kan galan ergamoonni Yesuus warri dhumaa erga duʼanii booda dha. Haa taʼu malee, gaaffiiwwan kaʼan jiru: Waggoottan bara 1914 dura turanitti dibamtoonni guutummaatti Baabilon Guddittii jalaa bilisa baʼaa akka turan ragaa dabalataa akkamii qabna? Dhuguma Yihowaan sabni isaa yeroo Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti sochii tajaajila irratti godhan waan hirʼisaniif, akkasumas obboloonni keenya tokko tokko yeroo sanatti ejjennoo isaanii waan laaffisaniif isaanitti gaddee turee? Xumura irratti immoo, Kiristiyaanonni boojuu amantii sobaa jala kan galan Dh.K.B. jaarraa lammaffaa irraa eegalee erga taʼee bilisa kan baʼan yoom ture? Gaaffiiwwan kun gaaffilee gaarii dha. Mata duree itti aanu irratti deebii isaanii arganna.