Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jecha Hiika Guddaa Qabu!

Jecha Hiika Guddaa Qabu!

“DUBARTII NANA.” Kun jecha Yesuus yeroo tokko tokko dubartoota waamuuf itti fayyadamu ture. Fakkeenyaaf, dubartii waggaa 18tiif goophattee turte yeroo fayyisetti, “Dubartii nana, dhukkuba kee irraa furamteetta” jedhee ture. (Luq. 13:10-13) Yesuus yeroo haadha isaa wajjin haasaʼutti illee, jecha bara duriitti baramaa taʼee fi kabaja argisiisu kanatti fayyadameera. (Yoh. 19:26; 20:13) Haa taʼu malee, jechi kabaja argisiisuu caalaa hiika guddaa qabu kan biraanis jira.

Kitaabni Qulqulluun keessumaa waaʼee dubartoota tokko tokkoo yeroo dubbatutti, jechoota gaarummaa fi gara laafina argisiisanitti fayyadama. Yesuus, dubartii waggaa 12f dhiigni ishii dhangalaʼuudhaan ishii rakkisaa ture yeroo haasofsiisetti jechichatti fayyadameera. Akkaataan ishiin gara Yesuusitti itti dhihaatte Seera Waaqayyoo wajjin kan wal hin simne taʼuu isaa irra iyyuu, namni haala akka ishii keessa jiru akka xuraaʼaatti ilaalama ture. Haala keessa jirtuun kan kaʼe, namoota irraa fagaachuu qabdi turte jedhanii mormii kaasuun ni dandaʼama ture. (Lew. 15:19-27) Ishiin garuu abdii kutattee turte. “Ishiin ogeeyyii fayyaa hedduu bira dhaquudhaan baayʼee kan dhiphattee fi wanta qabdu hundumaa kan fixxe taʼus, dhukkubni ishii ittuma caalaa deeme malee itti hin wayyoofne.”—Mar. 5:25, 26.

Dubartiin tun suuta jette namoota hedduu gidduu darbitee, duuba Yesuusiin dhuftee foʼaa fiixee uffata isaa tuqxe. Battaluma sanatti dhiigni ishii dhangalaʼaa ture ni dhaabate! Dubartiin sun namni tokko illee akka ishii hin argine yaaddee kan turte taʼus, Yesuus “Eenyutu na tuqe?” jedhee gaafate. (Luq. 8:45-47) Yeroo kanatti, dubartiin sun sodaadhaan hollachaa Yesuus duratti kuftee, “wanta tokko utuu hin hambisin dhugaa isaa isatti himte.”—Mar. 5:33.

Yesuus dubartii tana tasgabbeessuuf gaarummaadhaan “Intala ko, jabaadhu!” jedheen. (Mat. 9:22) Hayyoonni Kitaaba Qulqulluu akka dubbatanitti, jechi Afaan Ibrootaa fi Afaan Giriikii “intala ko” jedhu, akka fakkeenyaatti “gaarummaa fi gara laafina” ibsuuf faayidaa irra ooluu dandaʼa. Yesuus caalaatti ishii jajjabeessuuf, “Amantiin kee si fayyiseera. Nagaadhaan dhaqi; dhukkuba kee isa si dhiphisu irraas fayyi” jedheen.—Mar. 5:34.

“Intala ko.” Nama Israaʼel kan ture Boaz inni sooressi Ruut ishii nama Moʼaab turte kan waame jecha kanaan ture. Ruut, maasii nama hin beeknee keessaa qarmii garbuu funaannachaa waan turteef, sodaachuun ishii nama hin dinqisiisu. Boaz, “Mee dhaggeeffadhu [“intala ko,” hiika bara 1899]!” jedheen. Achiis, maasii isaa keessaa qarmii funaannachuu ishii akka itti fuftu ishii jajjabeesse. Ruut miilla isaa jalatti kuftee nama akka ishii orma taʼeef gaarummaa kan argisiise maaliif akka taʼe Boaziin gaafatte. Innis akkana jedhee deebisuudhaan ishii jajjabeesse: “Wanti ati amaatii keef [Naaʼoomii ishii abbaan manaa ishii irraa duʼeef] goote hundinuu, tokko tokkoon anatti himameera . . . Gocha keetiif Waaqayyo waan gaarii siif haa deebisu.”—Rut. 2:8-12.

Yesuusii fi Boaz jaarsolii gumiitiif fakkeenya gaarii taʼu! Darbee darbee, jaarsoliin gumii lama obboleettii karaa hafuuraa gargaarsii fi jajjabinni ishii barbaachisu ni haasofsiisu taʼa. Jaarsoliin kun kadhannaadhaan qajeelfama Yihowaa erga gaafatanii fi wanta obboleettiin sun dubbattu sirriitti erga dhaggeeffatanii booda, Dubbii Waaqayyootti fayyadamanii ishii gargaaruu fi ishii jajjabeessuu dandaʼu.—Rom. 15:4.