Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Guyyaa Hundumaa Wal Jajjabeessuu Keessan Itti Fufaa”

“Guyyaa Hundumaa Wal Jajjabeessuu Keessan Itti Fufaa”

“Dubbii uummaticha jajjabeessu yoo qabaattan dubbadhaa.”—HOE. 13:15.

FAARFANNAA: 53, 45

1, 2. Sababii namoota jajjabeessuun barbaachisaa itti taʼe ibsi.

KIRISTIINAAN [1] ishiin umuriin ishii waggaa 18 taʼe akkana jetteetti: “Warri koo na jajjabeessanii hin beekan; kanaa mannaa yeroo hunda garmalee na ceephaʼu. Wanti isaan dubbatanis baayʼee kan nama miidhu dha. Akka ani bilchina hin qabne, matumaa fooyyaʼuu akka hin dandeenye, akkasumas furdoo akkan taʼe dubbatu. Kanaafuu, yeroo baayʼee kanan booʼu siʼa taʼu, isaaniin ooduun filadha. Gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama.” Namni tokko jajjabina hin argatu taanaan jireenyi isaa baayʼee ulfaataa taʼa!

2 Gama biraatiin immoo, jajjabinni hojii gaariidhaaf nama kakaasa. Ruuben akkana jedheera: “Waggoota hedduudhaaf miira gatii akka ani hin qabne natti dhagaʼamuu wajjin walʼaansoo gochaan ture. Gaaf tokko garuu, jaarsa gumii tokkoo wajjinan tajaajila baʼe; innis miirri koo gaarii akka hin taane hubatee ture. Yommuu ani miira koo ibsu akka gaariitti na dhaggeeffate. Achiis hojii gaarii ani hojjechaa ture na yaadachiise. Kana malees, wanta Yesuus tokkoon tokkoon keenya simbirroota hedduu caalaa gatii guddaa akka qabnu dubbate na yaadachiise. Yeroo baayʼee caqasa kana nan yaadadha; amma iyyuu caqasni kun baayʼee garaa koo na tuqa. Wanti jaarsi sun dubbate jijjiirama guddaa fideera.”—Mat. 10:31.

3. (a) Namoota jajjabeessuu ilaalchisee Phaawulos ergamaan maal jedhe? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

3 Kitaabni Qulqulluun yeroo hunda namoota jajjabeessuun barbaachisaa akka taʼe kan ibsu taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Phaawulos ergamaan Ibroota Kiristiyaanota taʼaniif akkana jedhee barreesseera: “Kanaaf, yaa obbolootaa, isin keessaa namni kam iyyuu Waaqayyo isa jiraataa irraa fagaachuudhaan garaa hamaa amantii hin qabne akka hin qabaanne of eeggadhaa; kanaa mannaa, isin keessaa namni kam iyyuu humna gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa akka hin taaneef . . . guyyaa hundumaa wal jajjabeessuu keessan itti fufaa.” (Ibr. 3:12, 13) Yeroo jajjabinni isin argattan itti isin haaromse ni yaadattu taanaan, gorsi akka wal jajjabeessinuuf nuu kenname hammam barbaachisaa akka taʼe beektu. Kanaaf, mee gaaffilee armaan gadii haa ilaallu: Namoota jajjabeessuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Karaa Yihowaan, Yesuusii fi Phaawulos warra kaan itti jajjabeessan irraa maal baranna? Karaa buʼa qabeessa taʼeen namoota jajjabeessuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

JAJJABINNI NAMOOTA NI BARBAACHISA

4. Jajjabinni eenyuuf barbaachisa? Yeroo harʼaatti hafaa kan jiru hoo maaliifi?

4 Hundi keenya iyyuu jajjabinni nu barbaachisa. Keessumaa yeroo guddachaa deemnutti caalaatti nu barbaachisa. Barsiisaan Tiimotii Ivanz jedhaman tokko, “Ijoolleen . . . akkuma biqiltoonni bishaan barbaadan nama isaan jajjabeessu barbaadu. Mucaan tokko yoo jajjabeeffame gatii akka qabuu fi akka jaallatamu isatti dhagaʼama” jedhaniiru. Haa taʼu malee, yeroo rakkisaa keessa jiraanna. Namoonni ofittoo fi jaalala kan hin qabne taʼaniiru, akkasumas namoota jajjabeessuun hafaa jira. (2 Xim. 3:1-5) Warri tokko tokko warri isaanii matumaa isaan galateeffatanii hin beekan; kanaaf, isaanis ijoollee isaanii hin galateeffatan. Hojjettoonni hedduun, namoonni isaan galateeffatan waan hin jirreef, bakka hojiitti namni isaan jajjabeessu tokko illee akka hin jirre dubbatu.

5. Nama jajjabeessuun maalfaa dabalata?

5 Yeroo baayʼee, jajjabinni wanta gaarii hojjechuu isaatiif nama tokko galateeffachuu dabalata. Kana malees, warri kaan amala gaarii akka qaban isaanitti himuudhaan ykn wanta ‘warra abdii kutatan jajjabeessu’ dubbachuudhaan isaan jajjabeessuu ni dandeenya. (1 Tas. 5:14, milj.) Jechi Afaan Giriikii yeroo baayʼee “jajjabeessuu” jedhamee hiikamu, kallattiidhaan “nama tokko cinaa dhaabachuu” jechuu dha. Obboloota keenyaa wajjin yommuu tajaajillu, wanta isaan jajjabeessu dubbachuuf carraa argachuun keenya hin oolu. (Lallaba 4:9, 10 dubbisi.) Yeroo mijataa yommuu argannu, warri kaan maaliif akka isaan jaallannuu fi akka isaan dinqisiifannu akka hubatan gochuuf ni carraaqnaa? Gaaffii kana deebisuu keenya dura fakkeenya “Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu maal maal baʼeessa!” jedhu irratti yaaduun keenya gaarii dha.—Fak. 15:23.

6. Diyaabilos abdii nu kutachiisuu kan barbaadu maaliifi? Fakkeenya kenni.

6 Seexanni abdii kutachuun, karaa hafuuraatiinis taʼe karaa biraatiin akka dadhabnu akka godhu waan beekuuf, abdii nu kutachiisuu barbaada. Fakkeenyi 24:10, “Ati bara rakkinaatti yoo raafamte, humni kee muraasa” jedha. Seexanni, Iyoob isa qajeelaa taʼe abdii kutachiisuuf rakkoowwan walitti aananii dhufanii fi himata sobaatti fayyadameera; tooftaan gara jabinaa kun garuu utuu isaaf hin milkaaʼin hafeera. (Iyo. 2:3; 22:3; 27:5) Miseensota maatii keenyaa fi gumii keenyaa jajjabeesuudhaan hojii Diyaabilos mormuu dandeenya. Kun immoo, manni keenyas taʼe Galmi Mootummaa keenya bakka gammachuu fi nageenyi itti argamu akka taʼu gochuuf gargaara.

JAJJABINA ILAALCHISEE FAKKEENYOTA KITAABA QULQULLUU KEESSATTI ARGAMAN

7, 8. (a) Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu Yihowaan namoota jajjabeessuuf iddoo guddaa akka kennu argisiisan kam faʼi? (b) Warri fakkeenya Yihowaa hordofuuf maal gochuu dandaʼu? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

7 Yihowaa. Faarfatichi, “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha, warra [“abdii kutatanis,” NW milj.] in fayyisa” jedhee faarfateera. (Far. 34:18) Ermiyaas yommuu sodaatee fi yommuu abdii kutatee turetti, Yihowaan amanannaa raajiin amanamaa taʼe kun qabu isaaf cimseera. (Er. 1:6-10) Daaniʼel raajichi inni maanguddoon, Waaqayyo maleekaa isaa ergee yommuu isa jajjabeessee wanta isatti dhagaʼame tilmaamuu dandeessu. Maleekaan sun Daaniʼeliin “nama guddaa jaallatamaa” jedhee isa waame! (Dan. 10:8, 11, 18, 19) Ati hoo, haaluma wal fakkaatuun babalʼistoota, qajeelchitootaa fi maanguddoota dadhabaa jiran jajjabeessuu ni dandeessaa?

8 Waaqayyo, innii fi Ilmi isaa inni jaallatamaan waggoota dheeraadhaaf waan waliin hojjetaniif, yommuu Yesuus lafa irra turetti isa galateeffachuu fi isa jajjabeessuun akka hin barbaachisne isatti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa, Abbaan isaa, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa ani itti gammadu dha” jedhee samii irraa yommuu dubbatu Yesuus siʼa lama dhagaʼee ture. (Mat. 3:17; 17:5) Kanaaf Waaqayyo, Yesuusiin galateeffateera; wanta gaarii hojjechaa akka jirus isaaf mirkaneesseera. Yesuus jechoota kana siʼa lama, jechuunis yommuu tajaajila isaa jalqabettii fi yommuu jireenya isaa isa lafa irraa xumuruuf jedhu yeroo dhagaʼetti baayʼee akka jajjabaate beekamaa dha. Kana malees Yihowaan, Yesuus galgala duʼa isaa dura turetti yommuu baayʼee dhiphatetti maleekaa tokko ergee isa jajjabeesseera. (Luq. 22:43) Warra kan taane, yeroo hunda ijoollee keenya jajjabeessuu fi wanta gaarii isaan godhaniif isaan galateeffachuudhaan fakkeenya Yihowaa haa hordofnu. Mana barumsaatti amanamummaa isaanii irra qorumsi gaʼaa jira yoo taʼes, deggersa dabalataa isaaniif gochuu qabna.

9. Akkaataa Yesuus ergamoota isaa itti qabe irraa maal baranna?

9 Yesuus. Yesuus, galgala Ayyaana Yaadannoo hundeessetti, ergamoonni isaa amala gadhee tokko akka qaban, jechuunis akka of tuulan argee ture. Yesuus gad of qabuudhaan miilla isaanii kan isaaniif dhiqe taʼus, isaan garuu isaan keessaa eenyu akka caalu wal falmuu isaanii hin dhiisne; Pheexiros immoo garmalee kan ofitti amanamu ture. (Luq. 22:24, 33, 34) Haa taʼu malee Yesuus, yeroo rakkina isaatti waan isatti maxxananiif ergamoota isaa amanamoo taʼan galateeffateera. Isa caalaa hojii hedduu akka hojjetan raajii dubbate; Waaqayyo akka isaan jaallatus isaaniif mirkaneesseera. (Luq. 22:28; Yoh. 14:12; 16:27) Nutis akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Dadhabina isaanii irratti xiyyeeffachuu mannaa, wanta gaarii ijoolleen koo fi warri kaan hojjetaniif isaan galateeffachuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu hin qabuu?’

10, 11. Phaawulos ergamaan warra kaan jajjabeessuun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubate kan argisiise akkamitti?

10 Phaawulos ergamaa. Phaawulos xalayaawwan isaa irratti, gaarummaa Kiristiyaanota hidhata isaa taʼanii dubbateera. Tokko tokkoo wajjin waggoota dheeraadhaaf waliin deemaa waan turaniif, dadhabina isaanii akka beeku hin shakkisiisu; taʼus waaʼee isaanii wanta gaarii dubbateera. Fakkeenyaaf Phaawulos, Ximotewos ‘Gooftaa tajaajiluudhaan ilma isaa jaallatamaa fi amanamaa’ Kiristiyaanota kaaniif garaadhaa yaadu akka taʼe dubbateera. (1 Qor. 4:17; Filp. 2:19, 20) Phaawulos ergamaan gumii Qorontosiif yommuu barreessetti, “inni michuu koo fi nama faayidaa keessaniif anaa wajjin hojjetu dha” jedhee Tiitoo galateeffateera. (2 Qor. 8: 23) Ximotewosii fi Tiitoon ilaalcha Phaawulos isaaniif qabu yommuu hubatan jajjabaatanii taʼuu qaba!

11 Phaawulosii fi Barnaabaas iddoo itti rakkinni cimaan isaan irra gaʼee turetti deebiʼuudhaan lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii turan. Fakkeenyaaf, Lisxiraatti mormii cimaan isaan irra gaʼu iyyuu, barattoonni haaraan amanamummaa isaanii eeganii akka jiraatan jajjabeessuuf achitti deebiʼaniiru. (HoE. 14:19-22) Efesoonitti immoo uummanni Phaawulos irratti jeequmsa kaasee ture. Hojiin Ergamootaa 20:1, 2 akkana jedha: “Jeequmsi sun erga qabbanaaʼee booda, Phaawulos namoota erguudhaan barattoota waamsisee, erga isaan jajjabeessee fi ‘nagaatti’ isaaniin jedhee booda gara Maqedooniyaatti qajeele. Bakka kanatti iddoo tokko tokko dhaqee obboloota achi jiraniif haasaa nama jajjabeessu hedduu erga isaaniif kennee booda gara Giriikii dhufe.” Dhuguma iyyuu Phaawulos namoota jajjabeessuun barbaachisaa akka taʼe hubatee ture.

JAJJABINA YEROO AMMAATTI ARGAMU

12. Walgaʼiiwwan keenya wal jajjabeessuu irratti gaʼee akkamii qabu?

12 Abbaan keenya inni samii gaarummaadhaan kakaʼee yeroo hunda walgaʼii irratti akka argamnuuf qophii nuu godheera; kunis wal jajjabeessuuf nu gargaara. (Ibroota 10:24, 25 dubbisi.) Akkuma duuka buutota Yesuus jaarraa jalqabaatti turanii, barachuu fi jajjabina argachuuf walitti qabamna. (1 Qor. 14:31) Kiristiinaa ishiin seensa mata duree kanaa irratti ibsamte akkana jetteetti: “Walgaʼiiwwan ilaalchisee wanti baayʼee na gammachiisu jaalalaa fi jajjabina ani achitti argadhu dha. Al tokko tokko yommuun Galma Mootummaa gaʼu nan dhiphadha. Haa taʼu malee, obboleettonni dhufanii na hammatanii bareedduu akkan taʼe natti himu. Akka na jaallatanii fi guddina ani karaa hafuuraa godhutti akka gammadanis natti himu. Jajjabinni isaan naaf kennan ilaalcha gaarii akkan ofiif qabaadhu na gargaareera!” Hundi keenya gaʼee ‘wal jajjabeessuuf’ qabnu yommuu raawwannu, gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama!—Rom. 1:11, 12.

13. Tajaajiltoonni Waaqayyoo muuxannoo qaban jajjabinni kan isaan barbaachisu maaliifi?

13 Tajaajiltoonni Waaqayyoo muuxannoo qaban illee jajjabinni isaan barbaachisa. Mee fakkeenya Iyaasuu haa ilaallu. Waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa tureera. Taʼus, Yihowaan Museen akkana jedhee akka isa jajjabeessu itti hime: “Saba kana dura buʼee dhaqee, biyya ati argitu kana akka isaan dhaalan in godha; ati isa ajaji, gorsi, jajjabeessis.” (Kes. 3:27, 28) Iyaasuun, Israaʼelota dura buʼee Biyyattii Abdachiifamtetti akka isaan galchuuf itti gaafatamummaa guddaan isaaf kennamuuf jedha. Rakkinni garaa garaa isa mudatee ture; loltoonni isaa immoo yoo xinnaate siʼa tokko injifatamaniiru. (Iya. 7:1-9) Iyaasuun, jajjabinnii fi ciminni isa barbaachisuun isaa nama hin dinqisiisu! Kanaaf daawwattoota ol aanaa aanaa dabalatee jaarsolii tuuta hoolota Waaqayyoo kunuunsuuf dhamaʼan haa jajjabeessinu. (1 Tasalonqee 5:12, 13 dubbisi.) Daawwataan ol aanaa aanaa tokko akkana jedheera: “Al tokko tokko obboloonni xalayaa galateeffannaa daawwannaa keenyatti akka gammadan ibsu nuuf kennu. Xalayaawwan kana kan walitti qabannu siʼa taʼu, yommuu gaddinu baasnee dubbisna. Isaan madda jajjabina dhugaa nuuf taʼaniiru.”

Ijoolleen keenya yommuu miira hoʼaadhaan isaan jajjabeessinu caalaatti hojiidhaaf kakaʼu (Keeyyata 14)

14. Gorsi yommuu kennamutti, galateeffachuu fi jajjabeessuun kan fayyadu taʼuu isaa wanti argisiisu maali dha?

14 Jaarsolii fi warri Kiristiyaana taʼan gorsa Kitaaba Qulqulluu yommuu kennanitti, galateeffachuu fi jajjabeessuun isaanii isaan fayyaduu dandaʼa. Phaawulos, Kiristiyaanonni Qorontos gorsa inni kenne waan hojii irra oolchaniif isaan galateeffachuun isaa, wanta sirrii taʼe hojjechuu isaanii akka itti fufan isaan gargaaree taʼuu qaba. (2 Qor. 7:8-11) Andiriyaas inni ijoollee lama qabu akkana jedheera: “Ijoollee jajjabeessuun karaa hafuuraa fi karaa miiraa akka guddatan gargaara. Isaan jajjabeessuudhaan gorsa isaaniif kenname akka fudhatan gochuu dandeessu. Ijoolleen keenya wanta sirrii kan beekan taʼus, yeroo hunda kan isaan jajjabeessinu yoo taʼe jireenya isaanii guutuu wanta sirrii taʼe hojjechuun isaaniif salphata.”

KARAA BUʼA QABEESSA TAʼEEN JAJJABEESSUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

15. Warra kaan jajjabeessuuf maal gochuu dandeenya?

15 Carraaqqii gaarii isaan godhanii fi amala gaarii namoonni isinii wajjin waaqeffatan qaban akka dinqisiifattan argisiisaa. (2 Sen. 16:9; Iyo. 1:8) Yihowaa fi Yesuus, haalli keessa jirru carraaqqii fi gumaacha goonu nu jalaa daangessus deggersa hundi keenya fedhii Mootummichaa dursuuf goonuuf iddoo guddaa kennu. (Luqaas 21:1-4; 2 Qorontos 8:12 dubbisi.) Fakkeenyaaf, maanguddoonni keenya jaallatamoon tokko tokko yeroo hunda walgaʼii irratti argamuuf, yaada kennuu fi tajaajila irratti hirmaachuuf carraaqqii cimaa godhu. Maarree isaan galateeffachuu fi isaan jajjabeessuu hin qabnuu?

16. Warra kaan jajjabeessuu irraa matumaa duubatti jechuu kan hin qabne maaliifi?

16 Carraa warra kaan jajjabeessuuf argattanitti fayyadamaa. Wanti akka galateeffannu nu taasisu yoo jiraate maaliif galateeffachuu irraa duubatti jenna? Mee wanta Phaawulosii fi Barnaabaas yeroo gara Anxokiyaa ishii Phisdiyaa keessatti argamtu dhaqanitti taʼe haa ilaallu. Geggeessitoonni mana sagadaa, “Yaa obbolootaa, dubbii uummaticha jajjabeessu yoo qabaattan dubbadhaa” isaaniin jedhanii turan. Kanaaf Phaawulos haasaa gaarii kenne. (HoE. 13:13-16, 42-44) Dubbii nama jajjabeessu dubbachuu kan dandeenyu yoo taʼe, maaliif dubbachuu irraa duubatti jenna? Warra kaan jajjabeessuu kan amaleeffannu yoo taʼe, isaanis deebisanii akka nu jajjabeessan hubachuun keenya hin oolu.—Luq. 6:38.

17. Galateeffannaan keenya hiika guddaa akka qabaatu kan godhu maali dha?

17 Garaa qajeelaadhaan, akkasumas adda baasaa dubbadhaa. Akkasumaan namoota jajjabeessuunii fi galateeffachuun gaarii taʼuu dandaʼus, adda baasanii dubbachuun caalaatti gaarii akka taʼe wanta Yesuus Kiristiyaanota Tiyaaxiraa jiranitti dubbate irraa hubachuun ni dandaʼama. (Mulʼata 2:18, 19 dubbisi.) Fakkeenyaaf warra kan taane, ijoolleen keenya karaa hafuuraa guddina isaan gochaa jiraniif akka isaan dinqisiifannu itti himuu dandeenya. Haati qeentee taate tokko haala rakkisaa keessa jiraattus akkaataa ishiin ijoollee ishii itti guddisaa jirtu akka dinqisiifannu itti himuu dandeenya taʼa. Galateeffannaa fi jajjabinni akkanaa jijjiirama guddaa fiduu dandaʼa!

18, 19. Namoota jajjabinni isaan barbaachisu jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Yihowaan akkuma Museen Iyaasuu akka jajjabeessuu fi akka cimsu itti hime, wanta nama tokko jajjabeessu akka dubbannu dhuunfaatti nutti hin himu. Taʼus, Waaqayyo obboloota keenyaa fi namoota kaan yommuu jajjabeessinu ni gammada. (Fak. 19:17; Ibr. 12:12) Fakkeenyaaf, obboleessa haasaa sabaa nuuf kennetti, haasaan isaa gorsa nu barbaachisu akka nuu kenne ykn caqasa tokko caalaatti akka hubannu akka nu gargaare itti himuu dandeenya. Obboleettiin tokko bakka buʼaa waajjira damee tokkoof akkana jettee barreessitee turte: “Daqiiqaa muraasaaf qofa kan waliin haasofne taʼus, akkan gadde hubattee na jajjabeessiteetta; miirri gaariin akka anatti dhagaʼamus gooteetta. Dubbiin ati waltajjii irraas taʼe dhuunfaatti karaa gaarummaa qabuun dubbatte, kennaa Yihowaa biraa naaf kenname akka taʼetti akkan ilaalu akka ati hubattun barbaada.”

19 Gorsa Phaawulos, “Akkuma amma gochaa jirtan wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa” jechuudhaan kenne hojii irra oolchuuf yoo murteessine, karaa warra kaan karaa hafuuraa itti jajjabeessinu hedduu akka argannu hin shakkisiisu. (1 Tas. 5:11) Hundi keenya ‘guyyaa hundumaa wal jajjabeessuu keenya yoo itti fufne’ Yihowaa akka gammachiisnu beekamaa dha.

^ [1] (keeyyata 1) Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.