Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ilaalcha Addunyaa Of Irraa Fageessaa

Ilaalcha Addunyaa Of Irraa Fageessaa

‘Namni kam iyyuu, akka wantoota buʼuuraa addunyaatti, falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabneen boojiʼee akka isin hin fudhanne of eeggadhaa.’ —QOL. 2:8.

FAARFANNAA: 38, 31

1. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota obboloota isaa taʼaniif gorsa akkamii barreesse? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

PHAAWULOS ergamaan Kiristiyaanota Qolosaayis keessa jiraniif xalayaa isaa isa jalqabaa kan barreesse Roomaa keessatti yeroo jalqabaatiif hidhamee hiikamuuf jedhutti, jechuunis Dh.K.B. naannoo bara 60-61⁠tti akka taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Xalayaa kana irratti ‘hubannaa hafuuraatiin guutamuun’ barbaachisaa taʼuu isaa isaaniif ibseera. (Qol. 1:9) Phaawulos itti dabaluudhaan, “Kana kanan jedhu, namni kam iyyuu sossobee akka isin hin gowwoomsineefi. Namni kam iyyuu, akka Kiristoositti utuu hin taʼin, akka aadaa namootaatti, akka wantoota buʼuuraa addunyaatti, falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabneen boojiʼee akka isin hin fudhanne of eeggadhaa” jedheera. (Qol. 2:4, 8) Itti fufuudhaan immoo, yaadawwan beekamoon tokko tokko maaliif dogoggora akka taʼanii fi ilaalchi addunyaa namoota cubbamoo taʼan kan hawwatu maaliif akka taʼe ibseera. Fakkeenyaaf, namni tokko ogeessa akka taʼee fi warra kaan akka caalu akka isatti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Xalayaan kun obboloonni ilaalcha addunyaa fi gochawwan dogoggoraa akka of irraa fageessan gargaaruuf yaadamee kan barreeffame ture.— Qol. 2:16, 17, 23.

2. Yaadawwan ilaalcha addunyaatiif fakkeenya taʼan qoruu kan qabnu maaliifi?

2 Ilaalchi addunyaa qajeelfama Yihowaatiif danta akka dhabnu ykn akka tuffannu nu godha, dhiibbaan isaas suutuma suuta amantii keenya laaffisa. Yeroo harʼaa hundi keenya ilaalcha addunyaatiif saaxilamneerra. Ilaalchi kun televijiniidhaan, Intarneetiidhaan, bakka hojiitti ykn nama barumsaatti babalʼifama. Mata duree kana irratti ilaalchi akkasii sammuu keenya akka hin mancaasneef maal gochuu akka dandeenyu qoranna. Ilaalcha addunyaa wajjin haala wal qabateen fakkeenyota shan qoranna, akkasumas yaadawwan kana akkamitti of irraa fageessuu akka dandeenyu ilaalla.

WAAQAYYOTTI AMANUUN NU BARBAACHISAA?

3. Yaada isa kamtu namoota hedduu hawwata? Maaliif?

3 “Ani Waaqayyotti utuu hin amaniin nama gaarii taʼuu nan dandaʼa.” Biyyoota hedduu keessatti, namoonni Waaqayyotti hin amannu yommuu jedhan dhagaʼuun waan haaraa miti; namoonni kun amantii akka hin qabnetti of ilaalu. Namoonni kun Waaqayyo jiraachuu fi dhiisuu isaa of eeggannoodhaan utuu hin qoratiin, ‘yaada waanan barbaade gochuuf bilisummaa qaba’ jedhu fudhachuuf murteessu. (Faarfannaa 10:4 dubbisi.) Warri kaan immoo, akka addunyaatti ogeeyyii akka taʼan waan isaanitti dhagaʼamuuf, “Ani utuun Waaqayyotti hin amaniin, qajeelfama gaarii na barbaachisu qabaachuu nan dandaʼa” jedhu.

4. Nama Uumaan hin jiru jedhu tokko gargaaruuf maal jechuu dandeenya?

4 Yaanni namoonni Waaqayyotti hin amanne Uumaan hin jiru jechuudhaan dubbatan sababii quubsaa irratti kan hundaaʼe dhaa? Namni tokko wantoonni lubbuu qaban kan uumaman taʼuu fi dhiisuu isaanii beekuuf saayinsii yommuu qoratu salphaadhumatti odeeffannoo hedduudhaan liqimfamuu dandaʼa. Dhugaa dubbachuuf garuu deebiin isaa salphaa dha. Mana tokko ijaaruuf namni kan barbaachisu erga taʼee, wantoota lubbuu qaban hojjechuuf hoo qaamni kana caalu hin barbaachisuu? Seelonni xixinnoon lubbuu qabanii fi lafa irratti argaman hedduun, wanta manni kam iyyuu hojjechuu hin dandeenye waan hojjetaniif, jechuunis fakkaattii isaanii waan horaniif mana kam iyyuu caalaa wal xaxoo dha. Kanaafuu seelonni kun fakkaattii isaanii horuuf mala odeeffannoo ittiin kuusanii fi garagalchan qabu. Dizaayiiniin seelota lubbuu qaban hojjechuuf gargaaru eessaa dhufe? Kitaabni Qulqulluun, “Manni hundi nama taʼe tokkoon akka ijaaramu beekamaa dha, inni wantoota hundumaa uume garuu Waaqayyo dha” jechuudhaan deebii kenna.—Ibr. 3:4.

5. Yaada namni tokko utuu Waaqayyotti hin amanin wanta gaarii taʼe murteessuu ni dandaʼa jedhu fashaleessuuf maal jechuu dandeenya?

5 Yaada namni tokko Waaqayyotti amanuun utuu isa hin barbaachisin, ‘wanta gaarii taʼe beekuu dandaʼa’ jedhu fashaleessuu kan dandeenyu akkamitti? Dubbiin Waaqayyoo namoonni Waaqayyotti hin amanne qajeelfamoota jajamuu dandaʼan tokko tokko qabaachuu akka dandaʼan ni ibsa. (Rom. 2:14, 15) Fakkeenyaaf, abbaa fi haadha isaanii kabajuu fi jaallachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, namni Uumaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe wanta sirrii fi dogoggoraa ilaalchisee ulaagaa baasuuf mirga akka qabu amanee hin fudhanne tokko, naamusni isaa hammam hundee cimaa qaba? (Isa. 33:22) Yeroo harʼaa namoonni yaada qajeelaa qaban, haalawwan jibbisiisoo taʼanii fi lafa irraa jiran namni gargaarsi Waaqayyoo kan isa barbaachisu taʼuu isaa akka argisiisu ni amanu. (Ermiyaas 10:23 dubbisi.) Kanaafuu, namni tokko utuu Waaqayyotti hin amaninii fi yaada ofii isaa irratti hundaaʼee wanta gaarii taʼe murteessuu ni dandaʼa jennee yaaduuf qoramuu hin qabnu.—Far. 146:3.

AMANTIIN NU BARBAACHISAA?

6. Namoonni hedduun amantiidhaaf ilaalcha akkamii qabu?

6 “Amantii utuu hin qabaatiin gammadaa taʼuu ni dandeessa. Namoonni hedduun amantii akka gowwummaa fi gatii hin qabneetti waan ilaalaniif ilaalchi addunyaa kun isaan hawwata. Akkasumas amantiiwwan hedduun waaʼee ibidda bara baraa barsiisuu, kurnoo sassaabuu ykn waaʼee siyaasaa lallabuudhaan dhaabbileen amantii hedduun namoonni Waaqayyoo irraa akka baqatan godhu. Namoonni lakkoofsi isaanii dabalaa dhufe, amantii utuu hin qabaatin gammaduu akka dandaʼan itti dhagaʼamuun isaa nama hin dinqisiisu! Namoonni akkasii, “Ani wantoota hafuuraa nan jaalladha, garuu jaarmiyaa amantii tokko keessa galuu hin barbaadu” jedhu taʼa.

7. Amantii dhugaan gammachuu kan guddisu akkamitti?

7 Dhuguma namni tokko amantii utuu hin qabaatin gammadaa taʼuu ni dandaʼaa? Eeyyee, namni tokko miseensa amantii sobaa utuu hin taʼin gammadaa taʼuu ni dandaʼa, Yihowaa isa “Waaqa gammadaa” jedhamee ibsamee wajjin hariiroo utuu hin qabaatin garuu gammachuu dhugaa argachuu hin dandaʼu. (1 Xim. 1:11) Wanti Waaqayyo hojjete hundi warra kaan kan fayyadu dha. Tajaajiltoonni isaa warra kaan gargaaruu irratti waan xiyyeeffataniif gammadoo dha. (HoE. 20:35) Fakkeenya amantiin dhugaa gammachuu maatii akkamitti akka guddisu argisiisu ilaali. Amantii dhugaan, hiriyaa gaaʼelaa keenya akka kabajnu, waadaa gaaʼelaa akka qulqulluutti akka ilaallu, ejja irra akka fagaannu, ijoollee nama kabajan akka guddisnuu fi jaalala dhugaa akka argisiisnu nu barsiisa. Waaqeffannaa dhugaan sabonnni Yihowaa addunyaa maratti argaman, nagaadhaan tokko taʼanii akka waliin hojjetanii fi gumiiwwan isaanii keessatti jaalala akka walitti argisiisan isaan gargaareera.— Isaayaas 65:13, 14 dubbisi.

8. Maatewos 5:3⁠tti fayyadamnee gaaffii, ‘Namoonni gammachuu akka argatan kan godhu maali dha?’ jedhuuf akkamitti deebii kennuu dandeenya?

8 Ilaalcha addunyaa isa namni tokko utuu Waaqayyoon hin tajaajilin gammadaa taʼuu ni dandaʼa jedhu akkamitti qoruu dandeenya? Mee gaaffii kana ilaali: Namoonni gammadoo akka taʼan kan godhu maali dha? Namoonni tokko tokko hojii iddoo guddaa kennaniif tokko hojjechuudhaan, ispoortii ykn wanta hojjechuu barsiiftaniin gammadu. Warri kaan immoo maatii ykn michoota isaanii kunuunsuudhaan gammadu. Wantoonni kun hundi gammachuu kan argamsiisan taʼanis, jireenyi keenya kaayyoo ol aanaa gammachuu bara baraa argamsiisu qaba. Beeladoota irraa haala adda taʼeen, nuti Uumaa keenya beekuu fi amanamummaadhaan isa tajaajiluu ni dandeenya. Nuti kana gochuudhaan gammachuu akka argannu taanee uumamne. (Maatewos 5:3 dubbisi.) Fakkeenyaaf, waaqeffattoonni dhugaan Yihowaa waaqeffachuuf walgaʼuudhaan gammachuu fi jajjabina guddaa argatu. (Far. 133:1) Kana malees, tokkummaa obbolummaa, jireenya qulqulluu fi abdii gammachiisaa qabaachuudhaan ni gammadu.

ULAAGAAN NAAMUSAA NU BARBAACHISAA?

9. (a) Saalqunnamtii ilaalchisee yaadni addunyaa kana keessatti baramaa taʼe isa kami? (b) Dubbiin Waaqayyoo saalqunnamtii gaaʼelaa alatti raawwatamu kan balaaleffatu maaliifi?

9 “Saalqunnamtii gaaʼelaa alatti godhamu maaliif balaaleffanna?” Namoonni, “Jireenyatti guutummaatti gammaduu qabna. Saalqunnamtii gaaʼelaa alatti godhamu maaliif balaaleffanna?” nuun jechuu dandaʼu. Yaanni Kiristiyaanni tokko ejja balaaleffachuu hin qabu jedhu dogoggora dha. Maaliif? Sababiin isaas Dubbiin Waaqayyoo ejja waan dhuwwuufi. * (1 Tasalonqee 4:3-8 dubbisi.) Yihowaan waan nu uumeef seera nuuf baasuuf mirga qaba. Seerri Waaqayyoo inni saalqunnamtiin dhiiraa fi dubartii wal fuudhan giddutti qofa akka taʼu heyyamu, qophii gaaʼelaa keessaa tokko dha. Waaqayyo seera kan nuuf kenne waan nu jaallatuufi dha. Seerawwan isaa nu fayyadu. Maatiiwwan seerawwan kana hojii irra oolchan jaalala, kabajaa fi nageenya qabaatu. Waaqayyo nama taʼe jedhee seera isaa cabsu callisee hin ilaalu.—Ibr. 13:4.

10. Kiristiyaanni tokko ejja irraa fagaachuu kan dandaʼu akkamitti?

10 Dubbiin Waaqayyoo ejja irraa akkamitti akka fagaannu nu barsiisa. Karaan kana gochuu itti dandeenyu inni guddaan wanta ilaallu toʼachuu dha. Yesuus, “Namni saalqunnamtii raawwachuuf fedhiin inni qabu hamma kakaʼutti dubartii tokko ilaaluu isaa itti fufu hundi garaa isaatti ishii wajjin ejja raawwateera. Iji kee mirgaa yoo si gufachiise of keessaa baasii gati” jedheera. (Mat. 5:28, 29) Kanaafuu, Kiristiyaanni tokko pornoogiraafii ilaaluu ykn muuziqaa walaloon isaa ejja jajjabeessu dhaggeeffachuu irraa fagaachuu qaba. Phaawulos ergamaan, ‘Halalummaa ilaalchisee kutaawwan qaama keessanii warra lafa irraa ajjeesaa’ jechuudhaan barreesseera. (Qol. 3:5) Kana malees, wanta yaannuu fi wanta dubbannu toʼachuu qabna.—Efe. 5:3-5.

HOJIIDHAAF IDDOO OL AANAAKENNUU QABNAA?

11. Hojii tokko kaayyoo jireenya ofii godhachuun kan nama hawwatu maaliifi?

11 “Hojii tokko irratti milkaaʼina argachuu gammachuudhaaf murteessaa dha.” Namoonni hedduun hojii tokko kaayyoo jireenya keenyaa akka goonu nu jajjabeessu. Hojiin akkasii kabaja, aangoo fi qabeenya nuuf argamsiisuu dandaʼa. Namoonni hedduun hojii tokko kaayyoo jireenya isaanii waan godhataniif, Kiristiyaanni tokkos ilaalcha akkasii qabaachuu dandaʼa.

12. Hojii irratti milkaaʼina argachuun gammachuudhaaf murteessaa dhaa?

12 Dhuguma hojii aangoo fi kabaja namaaf argamsiisu tokko irratti milkaaʼina argachuun gammachuu itti fufiinsa qabu namaaf argamsiisaa? Lakki. Namoota kaan toʼachuu fi dinqisiifamuu barbaaduun hawwii Seexana hojii hamaadhaaf kakaase siʼa taʼu, kunis aarii malee gammachuu isaaf hin argamsiisne. (Mat. 4:8, 9; Mul. 12:12) Gammachuun hojii irraa argamu, gammachuu namoonni kaan ogummaa Waaqayyoo irraa fayyadamanii jireenya bara baraa akka argatan gargaaruu irraa argamuu wajjin yommuu wal bira qabnee ilaallu, gammachuun hojii irraa argamu baayʼee xinnoo dha. Hunda caalaa immoo, hafuurri addunyaa wal morkii jajjabeessa. Hafuurri kun namoonni warra kaan caaluuf akka tattaafatan, akka hinaafanii fi dhuma irrattis ‘qilleensa kan ariʼan’ akka isaan godhu mirkanaaʼeera.—Lal. 4:4.

13. (a) Hojiidhaaf iddoo guddaa kennuu wajjin haala wal qabateen ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? (b) Akka xalayaan Phaawulos warra Tasalonqeetiif barreesse ibsutti, wanti gammachuu guddaa isaaf argamsiise maal ture?

13 Dhugaa dha, waan ittiin jiraannu argachuu qabna, hojii jaallannu filachuunis dogoggora hin qabu. Haa taʼu malee, hojiin keenya jireenya keenya keessatti iddoo guddaa qabachuu hin qabu. Yesuus, “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼee bitamuu dandaʼu hin jiru; isa tokko jibbee isa kan biraa jaallata; yookiin isa tokkotti maxxanee isa kan biraa tuffata. Waaqayyoo fi qabeenyaaf bitamuu hin dandeessan” jedhee ture. (Mat. 6:24) Hundumaa dura Yihowaa tajaajiluu fi Dubbii isaa namoota kaan barsiisuu irratti yommuu xiyyeeffannu gammachuu guddaa arganna. Phaawulos ergamaan namoota gammachuu akkasii argatan keessaa tokko ture. Dargaggeessa yommuu turetti hojii iddoo guddaa qabu argachuu irratti xiyyeeffata ture. Booda, Dubbiin Waaqayyoo namoota inni isaaniif lallabe akkamitti akka jijjiiru yommuu argu garuu gammachuu dhugaa argateera. (1 Tasalonqee 2:13, 19, 20 dubbisi.) Hojii kan biraan kam iyyuu gammachuu akkasii hin argamsiisu.

Gammachuun itti fufiinsa qabu namoonni ogummaa Waaqayyoo irraa akka fayyadaman gargaaruudhaan argama (Keeyyata 12 fi 13 ilaali)

RAKKOOWWAN ILMAAN NAMOOTAAFURUU NI DANDEENYAA?

14. Yaanni ‘Namoonni rakkoowwan isaanii furuu ni dandaʼu’ jedhu hawwataa kan fakkaatu maaliif?

14 “Namoonni rakkoowwan isaanii furuu ni dandaʼu.” Ilaalchi addunyaa kun namoota hedduutti gaarii fakkaatee mulʼachuu ni dandaʼa. Maaliif? Yaanni kun dhugaa dha utuu taʼee, namni qajeelfamni Waaqayyoo isa hin barbaachisu, akkasumas wanta barbaade gochuu dandaʼa jechuu taʼa. Kana malees, yaanni namoonni rakkoowwan isaanii furuu ni dandaʼu jedhu amansiisaa fakkaata; sababiin isaas akka qorannoowwan tokko tokko argisiisanitti waraanni, yakki, dhukkubnii fi hiyyummaan hirʼachaa jiru. Gabaasni tokko, “Jireenyi namootaa caalaatti gaarii kan taʼe namoonni addunyaa iddoo gaarii gochuuf waan murteessaniifi dha” jedheera. Yaanni akkasii namoonni rakkoowwan yeroo dheeraadhaaf isaan hubaa turan toʼannaa jala akka oolchan argisiisaa? Deebii kanaa argachuuf rakkoowwan kana gadi fageenyaan haa qorru.

15. Ragaawwan ilmaan namootaa rakkoowwan cimaa keessa akka jiran argisiisan warra kami?

15 Waraana: Waraanonni addunyaa lamaan gara namoota miliyoona 60 ykn isaa olii ajjeesaniiru. Waraanni Addunyaa Lammaffaan erga dhaabatee booda, ilmaan namootaa waraana irraa fagaachuu hin baranne. Bara 2015⁠tti, waraana ykn ariʼatamaan kan kaʼe namoonni qeʼee isaanii irraa buqqaʼan gara miliyoona 65⁠tti guddatee ture. Bara 2015⁠tti qofa namoonni qeʼee isaanii irraa buqqaʼan miliyoona 12.4 akka taʼan tilmaamama. Yakka: Yakkawwan tokko tokko iddoowwan tokko tokkotti kan hirʼatan taʼus, yakkawwan kaan kan akka intarneetiidhaan raawwataman, mana keessatti raawwatamanii fi shororkeessummaa jiran haala nama naasisuun dabalaa jiru. Kana malees, namoonni hedduun malaanmaltummaan addunyaa maratti itti caalaa akka jiru ni amanu. Ilmaan namootaa yakka balleessuu hin dandeenye. Dhukkuba: Dhukkuboonni tokko tokko toʼannaa jala oolaniiru. Haa taʼu malee, gabaasni bara 2013⁠tti baʼe tokko waggaa waggaadhaan namoonni umuriin isaanii 60 gadi taʼee fi miliyoona sagal taʼan dhukkuba onnee, dhiigni kantaruu, kaansarii, dhukkuboota sirna hargansuu fi dhukkuba sukkaaraatiin akka duʼan ibseera. Hiyyummaa: Baankiin Addunyaa, Afriikaa keessatti qofa namoonni hiyyummaa cimaa keessa jiran isa bara 1990⁠tti miliyoonii 280 turan irraa bara 2012⁠tti gara miliyoonii 330⁠tti akka dabalan ibseera.

16. (a) Rakkoowwan ilmaan namootaa balleessuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa kan taʼe maaliif? (b) Isaayaasii fi faarfatichi eebbawwan Mootummichi fidu warra kam raajiidhaan dubbatan?

16 Sirni dinagdee fi siyaasaa yeroo ammaa jiru humnoota ofittoo taʼaniin qabamee jira. Ifatti hubachuun akka dandaʼamu, humnoonni kun waraana, yakka, dhukkubaa fi hiyyummaa balleessuu hin dandaʼan; kanaa mannaa kana gochuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa dha. Mee wanta Yihowaan ilmaan namootaatiif godhu ilaali. Waraana: Mootummaan Waaqayyoo Seexana dabalatee wantoota waraana, ofittummaa, malaanmaltummaa, gootummaa, amantii sobaatiif madda taʼan ni balleessa. (Far. 46:8, 9) Yakka: Mootummaan Waaqayyoo namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman akka wal jaallatanii fi wal amanan barsiisuudhaan wanta mootummaan kam iyyuu hin goone gochaa jira. (Isa. 11:9) Dhukkuba: Yihowaan fayyaa guutuu isaaniif kennuudhaan saba ni eebbisa. (Isa. 35:5, 6) Hiyyummaa: Yihowaan hiyyummaa ni balleessa, akkasumas sabni isaa karaa hafuuraa fi qaamaa nageenya akka argatan, jechuunis jireenya qabeenya caalaa gatii qabu akka jiraatan godha.—Far. 72:12, 13.

‘AKKAMITTI DEEBII KENNUU AKKA QABDAN BEEKAA’

17. Ilaalcha addunyaa irraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti?

17 Ilaalcha addunyaa amantii keessan balaadhaaf saaxilu yoo dhageessan dhimma sana ilaalchisee wanta Dubbiin Waaqayyo jedhu qoraa, akkasumas obboloota muuxannoo qabanii wajjin irratti mariʼadhaa. Yaanni sun gaarii kan fakkaatu maaliif akka taʼe, yaanni akkasii dogoggora kan taʼe maaliif akka taʼee fi akkamitti fashaleessuu akka dandeessan qoraa. Eeyyee, hundi keenya gorsa Phaawulos akkas jechuudhaan namoota gumii Qolosaayis keessa turaniif kenne hordofuudhaan ilaalcha addunyaa irraa of eeguu ni dandeenya: ‘Warra ala jiran biratti ogummaadhaan deddeebiʼuu keessan itti fufaa. Nama hundaaf akkamitti deebii kennuu akka qabdan akka beekaa.’—Qol. 4:5, 6.

^ key. 9 Namoonni hedduun Kitaabota Qulqulluu tokko tokko irratti yaadni Yohaannis 7:53–8:11 irratti argamu afaan jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffame irra akka hin jirree fi dabalata akka taʼe hin hubatan. Namoonni tokko tokko caqasa kana irratti hundaaʼanii nama cubbuu hin qabne qofatu namni tokko ejja raawwachuun isaa cubbuu dha jechuu dandaʼa jedhanii falmu. Haa taʼu malee, seerri Waaqayyo saba Israaʼeliif kenne, “Namni tokko dubartii dhirsa qabduu wajjin utuu ciisuu yoo argame, lamaanuun isaanii, namichi inni ishee wajjin ciisee fi dubartittiin haa ajjeefaman!” jedha.—Kes. 22:22.