Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Namni Arjaan In Eebbifama’

‘Namni Arjaan In Eebbifama’

WAAQEFFANNAA dhugaa keessatti, bara duriitii kaasee aarsaawwan iddoo guddaa qabu turan. Israaʼeloonni aarsaa beeladootaa kan dhiheessan siʼa taʼu, Kiristiyaanonni immoo yeroo hundumaa “aarsaa galataa” dhiheessuudhaan beekamu. Taʼus, aarsaawwan Waaqayyoon akka gaariitti gammachiisan kan biroonis jiru. (Ibr. 13:15, 16) Fakkeenyonni kanatti aananii jiran akka argisiisanitti, aarsaawwan kun gammachuu fi eebba argamsiisu.

Haannaa ishiin bara duriitti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa turte, mucaa dhiiraa godhachuu barbaaddee kan turte taʼus ijoollee godhachuu hin dandeenye. Kanaaf, mucaa dhiiraa yoo deesse “guutummaa bara jireenya isaatiitti siif nan kenna” jettee kadhannaadhaan Yihowaadhaaf wareegde. (1 Sam. 1:10, 11) Yeroo booda, Haannaan ulfooftee mucaa maqaan isaa Saamuʼel jedhamu deesse. Achiis Saamuʼel erga harma guʼee booda, akkuma wareegdee turte gara godoo qulqullaa’aatti isa geessite. Yihowaan, Haannaan fedhii ishii aarsaa gochuu ishiitiif ishii eebbiseera. Haannaan ijoollee dabalataa shan godhachuudhaan kan eebbifamte siʼa taʼu, Saamuʼelis raajii fi barreessaa Kitaaba Qulqulluu taʼeera.—1 Sam. 2:21.

Akkuma Haannaa fi Saamuʼel Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis jireenya isaanii Uumaa isaanii tajaajiluuf itti fayyadamuuf mirga argataniiru. Aarsaan nuti Yihowaa waaqeffachuuf kaffallu hundi baayʼisee akka nu kiisu Yesuus waadaa galeera.—Mar. 10:28-30.

Jaarraa jalqabaatti, Kiristiyaanni Dorqaa jedhamtu namoota kaan gargaaruuf aarsaa dhiheessuudhaan, jechuunis ‘hojiiwwan gaggaarii hedduu hojjechuu fi hiyyeeyyii gargaaruudhaan’ beekamti turte. Kan nama gaddisiisu garuu, ‘dhukkubsattee duʼuun ishii’ gumicha irratti gadda guddaa geessisee ture. Barattoonni, Pheexiros naannoo sana jiraachuu isaa yommuu dhagaʼan yeruma sana akka dhufu isa kadhatan. Pheexiros dhufee yommuu Dorqaa duʼaa kaasu hangam akka gammadan tilmaami; kunis duʼaa kaasuu ergamoonni raawwatan isa jalqabaa ture! (HoE. 9:36-41) Waaqayyo aarsaa Dorqaan kaffalte hin irraanfanne. (Ibr. 6:10) Arjummaan ishiin argisiiste fakkeenya akka nuu taʼuuf seenaan ishii Dubbii Waaqayyoo keessatti eegamee akka turu godhameera.

Phaawulos ergamaanis yeroo isaa fi xiyyeeffannaa isaa arjummaadhaan kennuudhaan fakkeenya gaarii taʼeera. Kiristiyaanota obboloota isaa Qorontos keessa jiraataniif, “Ani gama kootiin waan hundumaa gammachuudhaan isiniif kennuu fi guutummaatti isiniif dabarsee of kennuu nan barbaada” jedhee barreesseera. (2 Qor. 12:15) Phaawulos, warra kaaniif aarsaa of gochuun isaa gammachuu isaaf argamsiisuu caalaa, Yihowaan akka isa eebbisuu fi fudhatama akka isaaf argamsiisu muuxannoo isaa irraa barateera.—HoE. 20:24, 35.

Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan yeroo fi humna keenya fedhii Mootummichaa babalʼisuu fi obboloota keenya gargaaruuf yommuu itti fayyadamnu ni gammada. Haa taʼu malee, karaan hojii Mootummicha labsuuf hojjetamu deggeruu itti dandeenyu kan biraan jiraa? Eeyyee! Hojii jaalalaan kakaanee hojjennu malees, fedhii keenyaan buusii gochuudhaan Waaqayyoon kabajuu dandeenya. Buusiin nuti goonu, misiyoonotaa fi tajaajiltoota yeroo guutuu addaa kaan deggeruu dabalatee hojii lallabaa addunyaa maraa babalʼisuuf faayidaa irra oola. Kana malees, buusiin nuti fedhiidhaan goonu barreeffamootaa fi viidiyoowwan qopheessuu fi hiikuuf, yeroo balaan gaʼutti gargaarsa gochuuf, akkasumas Galmawwan Walgaʼii haaraa ijaaruuf hojii irra oola. Kanaafuu, “namni arjaan eebbifamaa” akka taʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Hunda caalaa immoo, qabeenya keenya warra gatii guddaa qaban Yihowaadhaaf yommuu kenninu isa kabajuu keenya argisiisna.—Fak. 3:9; 22:9.