Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanti Kam Iyyuu Badhaasicha Akka Isin Dhabsiisu Hin Heyyaminaa

Wanti Kam Iyyuu Badhaasicha Akka Isin Dhabsiisu Hin Heyyaminaa

‘Namni kam iyyuu, badhaasicha akka isin dhabsiisu hin heyyaminaa.’—QOL. 2:18.

FAARFANNAA: 122, 139

1, 2. (a) Tajaajiltoonni Waaqayyoo badhaasa isa kam abdatu? (b) Badhaasicha irratti xiyyeeffachuuf maaltu nu gargaara? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

AKKUMA Phaawulos ergamaa, Kiristiyaanonni dibamoon yeroo harʼaa jiran, “badhaasa Waaqayyoo waamicha isa olii” argachuuf abdii guddaa qabu. (Filp. 3:14) Yesuus Kiristoosii wajjin, Mootummaa isaa isa samii keessatti tajaajiluu fi ilmaan namootaa cubbuu irraa walaba gochuu irratti hirmaachuuf abdiidhaan eeggatu. (Mul. 20:6) Dhuguma iyyuu Waaqayyoo namoonni kun galma dinqisiisaa akka hordofan isaan afeereera! Hoolonni kan biraan immoo abdii kana irraa adda taʼe qabu. Lafa irratti badhaasa jireenya bara baraa argachuuf abdiidhaan eeggatu, kun abdii baayʼee nama gammachiisu dha!—2 Phe. 3:13.

2 Phaawulos Kiristiyaanonni dibamoon kun amanamummaa isaanii eeggachuudhaan badhaasicha akka argataniif, ‘Sammuun keessan yeroo hunda wantoota ol samii irra jiran irratti akka xiyyeeffatu godhaa’ jechuudhaan isaan gorseera. (Qol. 3:2) Kiristiyaanonni kun yeroo hunda abdii isaanii isa dinqisiisaa, jechuunis dhaala isaanii isa samii irraa sammuutti qabachuu qabu turan. (Qol. 1:4, 5) Dhuguma iyyuu, abdiin isaanii samii irras taʼe lafa irra jiraachuu tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi eebba Yihowaan isaaniif kenne irratti xiinxaluun isaanii badhaasicha irratti akka xiyyeeffatan isaan gargaara.—1 Qor. 9:24.

3. Phaawulos Kiristiyaanonni balaawwan akkamii irraa akka fagaatan isaan akeekkachiise?

3 Phaawulos balaawwan badhaasichaa isaan dhabsiisuu dandaʼan ilaalchisees Kiristiyaanota akeekkachiiseera. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanota sobaa warra Kiristoositti amanuudhaan utuu hin taʼin, Seericha eeguudhaan Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf yaalan ilaalchisee gumii Kiristiyaanaa Qolosaayis keessa jiruuf barreesseera. (Qol. 2:16-18) Kana malees, Phaawulos wantoota hamma harʼaatti balaa geessisuu isaanii itti fufanii fi badhaasicha nu dhabsiisuu dandaʼan ibseera. Fakkeenyaaf, fedhiiwwan naamusaa ala taʼan irraa of eeguu, rakkoowwan obboloota gidduuttii fi maatii keessatti uumaman hiikuu ilaalchisee ibsa kenneera. Gorsi inni dhimmoota kana irratti kenne yeroo harʼaas faayidaa nuuf argamsiisa. Kanaaf akeekkachiisa Phaawulos jaalalaan kakaʼee kennee fi xalayaa warra Qolosaayisiif barreesse keessatti argamu tokko tokko haa qorru.

FEDHIIWWAN NAAMUSAA ALA TAʼAN AJJEESAA

4. Fedhiiwwan naamusaa ala taʼan badhaasicha nu dhabsiisuu kan dandaʼan maaliifi?

4 Phaawulos obboloota isaa waaʼee abdii isaanii isa dinqisiisaa erga isaan yaadachiisee booda, “Kutaawwan qaama keessanii warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, fedha saalqunnamtii toʼannaa hin qabne, hawwa hamaa fi sassata” jedhee barreesseera. (Qol. 3:5) Fedhiiwwan naamusaa ala taʼan humna guddaa waan qabaniif, qabeenya hafuuraa keenya nu dhabsiisuu dandaʼu. Obboleessi fedhiiwwan naamusaa ala taʼaniin fudhatamee ture tokko, erga gara gumiitti deebiʼee booda, fedhii cimaa naamusaa ala taʼeen moʼamee waan tureef, ‘gumiitti deebiʼuuf yeroo dheeraa akka isatti fudhate’ dubbateera.

5. Haala sodaachisaa taʼe keessatti of eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Keessumaa haalawwan ejjennoo ulaagaa naamusaa Yihowaatiif qabnu akka laaffisnu nu godhan yommuu nu mudatanitti of eeggannoo guddaa gochuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf namoonni gaaʼelaaf wal qoratan lama jalqabumaa kaasanii, yeroo walii wajjin taʼanitti, harkaan wal qaqqabuu, wal dhungachuu ykn kophaa isaanii taʼuu ilaalchisee daangaa ifa taʼe baafachuu qabu. (Fak. 22:3) Haalawwan gama naamusaatiin balaa geessisan, yeroo Kiristiyaanni tokko hojiidhaaf mana irraa fagaatee deemu ykn nama saala faallaa qabuu wajjin kophaa isaa hojjetutti uumamuu dandaʼu. (Fak. 2:10-12, 16) Haala akkasii keessa yoo seente, Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taate of beeksisi, karaa kabaja qabuun deddeebiʼi, akkasumas kolomsuun miidhaa guddaa fiduu akka dandaʼu yaadadhu. Kana malees, dhiphina sammuu kan qabnuu fi kophummaan kan nutti dhagaʼamu yoo taʼe balaa cimaa keessa seenuu dandeenya. Yeroo akkasiitti nama iddoo guddaa akka qabnu nu yaadachiisu argachuu barbaanna. Yeroo kanatti karaa miiraa nama nu deggeru baayʼisnee waan barbaannuuf, xiyyeeffannaa namni kam iyyuu nuuf kennu fudhachuu dandeenya. Haalli akkasii yoo si mudate, badhaasicha akka si hin dhabsiisneef, Yihowaa fi saba isaa irraa gargaarsa argachuuf carraaqqii godhi.—Faarfannaa 34:18; Fakkeenya 13:20 dubbisi.

6. Bohaartii filachuu ilaalchisee maal yaadatti qabachuu qabna?

6 Fedhiiwwan naamusaa ala taʼan ajjeesuuf, bohaartiiwwan naamusaa ala taʼan irraa fagaachuu qabna. Bohaartiiwwan yeroo harʼaa jiran hedduun wanta bara Sodoomii fi Gomoraatti raawwatamaa turee wajjin wal fakkaatu. (Yih. 7) Hoggantoonni bohaartiiwwan kanaa saalqunnamtiin naamusaa ala taʼe fudhatama akka qabuu fi miidhaa hin qabneetti dhiheessuudhaan naamusa ilaalchisee yaada ofii isaanii babalʼisu. Bohaartii dhihaate hunda callisnee fudhachuudhaan of eeggannoo keenya laaffisuu hin qabnu. Bohaartiiwwan badhaasa jireenyaa irraa xiyyeeffannaa keenya hin jalʼisne filachuu qabna.—Fak. 4:23.

JAALALAA FI GAARUMMAA ‘UFFADHAA’

7. Gumii Kiristiyaanaa keessatti rakkoowwan akkamii nu mudachuu dandaʼu?

7 Miseensa gumii Kiristiyaanaa taʼuun eebba taʼuu isaa hundi keenya irratti walii galla. Walgaʼiiwwan keenya irratti Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu, gaarummaa fi jaalalaan wal deggeruun keenya badhaasicha irratti xiyyeeffachuuf nu gargaara. Taʼus yeroo tokko tokko dogoggoraan wal hubachuun miseensota gumii gidduutti wal dhabiinsi akka uumamu gochuu dandaʼa. Rakkoowwan akkasiitiif furmaata kennuu yoo dhiisne, haaloo akka qabannu nu gochuu dandaʼu. Haalawwan akkasiitiif furmaata kan kenninu akkamitti?—1 Pheexiros 3:8, 9 dubbisi.

8, 9. (a) Amalawwan akkamii qabaachuu keenyatu badhaasicha argachuuf nu gargaara? (b) Kiristiyaanni tokko yoo nu mufachiise nagaa uumuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

8 Haaloo qabachuun, badhaasicha akka nu hin dhabsiisne gochuu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos Kiristiyaanota Qolosaayisiif gorsa akkana jedhu kenneera: “Isin warra Waaqayyoof filatamtan qulqullootaa fi jaallatamoo waan taataniif, gara laafina garaadhaa madde, gaarummaa, gad of qabuu, garraamummaa fi obsa uffadhaa. Namni tokko sababii isa kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu keessanii fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa. Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise isinis tola waliif dhiisuu qabdu. Wantoota kana hundumaa malees, jaalala uffadhaa; sababiin isaas jaalalli mudaa kan hin qabne godhee tokkummaadhaan nama walitti hidha.”—Qol. 3:12-14.

9 Jaalallii fi gaarummaan walii keenyaaf dhiifama akka goonu nu gargaaruu dandaʼu. Fakkeenyaaf, jechi ykn gochi Kiristiyaana tokkoo yoo nu miidhe, nutis yeroo dubbii warra kaan miidhu itti dubbanne ykn wanta warra kaan miidhu itti hojjenne yaadachuuf yaaluu dandeenya. Obboloonni keenya dogoggora raawwanne irra nuu darbuudhaan jaalalaa fi gaarummaa nutti argisiisan hin dinqisiifannuu? (Lallaba 7:21, 22 dubbisi.) Keessumaa gaarummaa Kiristoos isa waaqeffattoota dhugaa walitti qabee tokko godheef guddaa galateeffanna. (Qol. 3:15) Hundi keenya Waaqa tokko jaallanna, ergaa tokko lallabna, akkasumas rakkoowwan wal fakkaatan nu mudatu. Gaarummaa fi jaalalaan dhiifama waliif gochuudhaan, tokkummaa Kiristiyaanaatiif gumaacha goona, akkasumas badhaasa jireenyaa keenya irratti xiyyeeffanna.

10, 11. (a) Hinaafuun balaa kan qabu maaliifi? (b) Hinaafuun badhaasa keenya akka nu hin dhabsiisne gochuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu akeekkachiisa taʼan, hinaafuun badhaasicha nu dhabsiisuu akka dandaʼu nu yaadachiisu. Fakkeenyaaf, Qaayin obboleessa isaa Abeelitti hinaafee isa ajjeeseera. Qoraahi, Daataanii fi Abiiram Museetti hinaafuudhaan isa mormanii turan. Saaʼol Mootichis Daawit milkaaʼina waan argateef isatti hinaafee isa ajjeesuuf yaalee ture. Dubbiin Waaqayyoo, “Bakka hinaaffaa fi morkiin jiru hunda, jeequmsii fi wanti gadheen hundi ni jiraata” jechuun isaa kan nama dinqisiisu miti.—Yaq. 3:16.

11 Garaa keenya keessatti jaalalaa fi gaarummaa yoo horanne, salphaatti hinaafaa hin taanu. Dubbiin Waaqayyoo, “Jaalalli obsaa dha, gaarummaas ni argisiisa. Jaalalli hin hinaafu” jedha. (1 Qor. 13:4) Hinaafuun garaa keenyaa keessatti akka hidda gadi hin fageeffanneef, obboloonni keenya miseensa qaama tokkoo, jechuunis miseensa gumii Kiristiyaanaa akka taʼanitti ilaaluudhaan wanta hundumaatiif ilaalcha Waaqayyo qabaachuu qabna. Kunis gorsa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi “Kutaan qaamaa tokko yoo ulfina argate, kutaawwan qaamaa kaan hundi isaa wajjin ni gammadu” jedhuu wajjin haala wal simuun isaaniif yaaduuf nu gargaara. (1 Qor. 12:16-18, 26) Kanaafuu, warri kaan eebba yommuu argatan isaanitti hinaafuu mannaa isaanii wajjin gammanna. Fakkeenya Yonaataan, ilma Saaʼol Mootichaa ilaali. Yonaataan yeroo Daawit mootummaa akka dhaaluuf muudametti isatti hin hinaafne. Kanaa mannaa, isa jajjabeesse. (1 Sam. 23:16-18) Nuti hoo akkuma Yonaataan gaarummaa fi jaalala qabnaa?

MAATIIDHAAN BADHAASICHA ARGADHAA

12. Kitaaba Qulqulluu isa kam hojii irra oolchuutu maatiidhaan badhaasicha argachuuf nu gargaara?

12 Seerawwan Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun, maatiin tokko nagaa fi gammachuu akka argatu gochuu isaa irra iyyuu badhaasicha akka argatan isaan gargaara. Phaawulos maatiiwwan ilaalchisee Kiristiyaanota Qolosaayis keessa jiraniif gorsa akkamii kennee ture? Akkana jedheera: “Isin haadhotiin manaa, Gooftaa duratti fudhatama waan qabuuf abbootii manaa keessaniif bitamaa. Isin abbootiin manaa, haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa; akka malees isaanitti hin dheekkaminaa. Isinis yaa ijoolle, kun Gooftaa kan gammachiisu waan taʼeef, waan hundumaan warra keessaniif ajajamaa. Isin abbootiin, hamileen isaanii akka hin cabneef, tuttuqxanii ijoollee keessan hin aarsinaa.” (Qol. 3:18-21) Gorsa Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin barreesse hojii irra oolchuun abbootii manaa, haadhotii manaa fi ijoollee yeroo harʼaa jiranis kan gargaaru taʼuu isaa irratti akka walii galtan hin shakkisiisu.

13. Obboleettiin Kiristiyaana taate tokko abbaa manaa ishii hin amanne biratti fudhatama argachuu kan dandeessu akkamitti?

13 Haadha manaa yoo taatee fi abbaan manaa kee inni hin amanne akka gaariitti si hin qabu yoo taʼe hoo? Amala isaa akka sirreessu isaa wajjin falmuudhaan haala kana fooyyessuu ni dandeessaa? Wanta barbaadde akka inni raawwatu gochuu yoo dandeesse illee, gara dhugaatti akka inni dhufu gochuu ni dandeessaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Garuu matummaa abbaa manaa keetiif kabaja yoo kennite, nagaa maatichaatiif gumaacha gochuu dandeessa, Yihowaadhaaf ulfina fidda, akkasumas abbaa manaa kee gara dhugaatti fiduu illee ni dandeessa; kunis lamaan keessaniif iyyuu badhaasa argamsiisa.—1 Pheexiros 3:1, 2 dubbisi.

14. Abbaan manaa Kiristiyaanni tokko haati manaa isaa hin amanne yoo isa kabajuu baatte maal gochuu qaba?

14 Abbaa yoo taatee fi haati manaa kee ishiin hin amanne kabaja akka siif hin kennine sitti dhagaʼama yoo taʼe hoo? Aangoo kan qabu eenyu akka taʼe argisiisuuf ishiitti iyyita taanaan, akka kabaja siif laattuuf kakaasuu dandeessaa? Matumaa! Waaqayyo matummaa kee fakkeenya Yesuus hordofuudhaan jaalalaan akka itti fayyadamtu si irraa eega. (Efe. 5:23) Yesuus matummaa gumii isaa irratti qabu jaalalaa fi obsaan itti hojjeta. (Luq. 9:46-48) Abbaan manaa tokko fakkeenya Yesuus hordofuudhaan haadha manaa isaa gara dhugaatti fiduu dandaʼa.

15. Abbaan manaa Kiristiyaanni tokko haadha manaa isaa akka jaallatu kan argisiisu akkamitti?

15 Abbootiin manaa gorsi, “Haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa; akka malees isaanitti hin dheekkaminaa” jedhu isaaniif kennameera. (Qol. 3:19) Abbaan manaa jaalala qabu tokko yaada haati manaa isaa kennitu dhaggeeffachuu fi wanta ishiin jettuuf iddoo guddaa akka kennu ishiidhaaf mirkaneessuudhaan ishii kabaja. (1 Phe. 3:7) Yeroo hundumaa wanta ishiin gaafattu raawwachuu baatus, ishii wajjin mariʼachuudhaan murtoo qajeelaa gochuu dandaʼa. (Fak. 15:22) Abbaan manaa jaalala qabu tokko haati manaa isaa kabaja akka isaaf kennitu gaafachuu mannaa, hojii isaa ilaaltee akka isa kabajju gochuuf yaala. Abbaan manaa haadha manaa isaa fi ijoollee isaa jaallatu tokko maatii gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu fi badhaasa jireenyaa argatu qabaachuu dandaʼa.

Rakkoowwan maatii keessatti nu mudatan badhaasicha akka nu hin dhabsiisne gochuu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 13-15 ilaali)

DARGAGGOOTAA, WANTI KAM IYYUU BADHAASICHA AKKA ISIN DHABSIISU HIN HEYYAMINAA!

16, 17. Dargaggeessa yoo taate, warra keetti garmalee abdii kutachuu irraa of qusachuu kan dandeessu akkamitti?

16 Dargaggeessa umurii kurnanii keessa jirtuu fi warri kee Kiristiyaana taʼan karaa dogoggoraa akka si hubatanii fi daangaa akka sitti baayʼisan kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe hoo? Abdii kutachuun kee Yihowaa tajaajiluu irraa dubbatti akka jettu si gochuu dandaʼa. Abdii kutachuun Yihowaa tajaajiluu akka si dhaabsisu yoo heyyamte garuu, utuma baayʼee hin turin warra kee Waaqayyoon sodaatanii fi gumii kee caalaa namni garaadhaa siif yaadu kan biraan akka hin jirre ni hubatta.

17 Warri kee matumaa sirreeffama siif kennanii hin beekan utuu taʼee, dhugumaan siif yaaduu isaanii hin shakkitu turtee? (Ibr. 12:8) Garuu wanti si mufachiisee tarii akkaataa warri kee itti si adaban taʼuu dandaʼa. Akkaataa adabni itti siif kenname sana irratti xiinxaluu mannaa, tarii sababii itti haala kanaan si adaban akka qabaatan hubachuuf yaali. Kanaafuu tasgabbaaʼi, akkasumas adaba siif kennametti garmalee aaruu dhiisuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Dubbiin Waaqayyoo, “Namni beekaan of qusachaa dubbata, namni hubataanis hin banbanu” jedha. (Fak. 17:27) Nama bilchaataa tasgabbiidhaan gorsa fudhatu taʼuuf carraaqi, akkasumas akkaataa adabni itti siif kenname irratti garmalee xiinxaluu mannaa faayidaa irraa argachuuf yaali. (Fak. 1:8) Warra dhugumaan Yihowaa jaallatan qabaachuun eebba dha. Isaan dhugumaan badhaasa jireenyaa akka argattu si gargaaruu barbaadu.

18. Badhaasicha irratti xiinxaluuf kan murteessite maaliifi?

18 Badhaasa nu fuuldura jiru, jechuunis samii irratti jireenya hin badne argachuus taʼe, lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuu irratti xiinxaluun gammachuu guddaa argamsiisa. Abdiin kun waadaa Uumaan gale irratti kan hundaaʼe waan taʼeef amansiisaa dha. Waaqayyo lafa jannata taatu ilaalchisee, “Lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta” jedheera. (Isa. 11:9) Namoonni yeroo sanatti jiraatan hundi Waaqayyo irraa baratu. Dhuguma iyyuu kun badhaasa carraaqqii gochuufii qabnu dha. Kanaafuu wantoota Yihowaan abdachiise sammuu keetti qabadhu, akkasumas wanti tokko iyyuu badhaasicha akka si dhabsiisu hin heyyamin!