Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Ani Dhugaa Kee Keessa Nan Deddeebiʼa”

“Ani Dhugaa Kee Keessa Nan Deddeebiʼa”

“Yaa Yihowaa, waaʼee daandii keetii na barsiisi. Ani dhugaa kee keessa nan deddeebiʼa.”—FAR. 86:11, NW.

FAARFANNAA: 31, 72

1-3. (a) Dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Fakkeenyaan ibsi. (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa qoranna?

MIʼA bitame tokko deebisuun gocha baayʼee baramaa taʼe dha. Biyyoota tokko tokko keessatti namoonni miʼa bitan keessaa gara dhibbeentaa 9 kan taʼu manneen kuusaatti akka deebisan ni tilmaamama. Miʼoota karaa intarneetii bitaman keessaa immoo dhibbeentaa 30 ol kan taʼan deebiʼuu dandaʼu. Namoonni kan deebisan tarii akka eegan waan hin taaneef, hirʼina waan qabuuf ykn waan jaallatan waan hin taaneef taʼuu dandaʼa. Kanaafuu miʼicha jijjiiruuf ykn qarshii isaanii deebifachuuf murteessu.

2 Miʼa bitne tokko deebisnee qarshii keenya fudhachuu kan dandeenyu taʼus, dhugaa Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee “beekumsa . . . sirrii” ‘bitanne’ matumaa deebisuu ykn ‘gurguruu’ hin barbaannu. (Fakkeenya 23:23, NW * dubbisi; 1 Xim. 2:4) Akkuma mata duree darbe irratti ilaalle, dhugaa kan arganne yeroo dheeraa ramadnee barachuudhaan ture. Dhugaa bitachuu malees, hojii galii gaarii argamsiisu dhiisneerra taʼa, akkasumas hariiroo namoota kaanii wajjin qabnu irratti akkasumas yaadaa fi amala keenya irratti jijjiirama gooneerra ykn aadaa fi gocha deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne dhiisneerra taʼa. Haa taʼu malee, eebba argannee wajjin yommuu wal bira qabamu gatiin kaffalle xinnoo dha.

3 Dhugaa Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee miirri keenya miira nama Yesuus fakkeenya gabaabaa tokko keessatti ibsee wajjin wal fakkaata. Yesuus dhugaan Mootummaa Waaqayyoo warra isa argataniif gatii guddaa akka qabu argisiisuuf, waaʼee daldalaa imaltuu callee gaarii barbaaduu fi argate tokkoo dubbatee ture. Calleen sun gatii guddaa waan qabuuf, namichi sun callee sana bitachuuf wanta qabu hundumaa ‘battaluma sanatti gurgureera.’ (Mat. 13:45, 46) Haaluma wal fakkaatuun dhugaan Mootummaa Waaqayyoo nuti argannee fi dhugaawwan kaan Dubbii Waaqayyoo keessaa baranne hundi, gatii guddaa waan nuuf qabaniif, isaaniin argachuuf jecha aarsaa barbaachisu yeruma sana fedhii keenyaan kaffalleerra. Dhugaadhaaf iddoo guddaa kennuu keenya hamma itti fufnetti ‘matumaa hin gurgurru.’ Kan nama gaddisiisu saba Waaqayyoo keessaa tokko tokko gatii guddaa dhugaan argatan qabu arguu dadhabuu isaanii irra iyyuu gurguraniiru. Wanti akkasii matumaa nu irra hin gaʼin! Dhugaadhaaf iddoo guddaa akka kenninuu fi matumaa gurguruu akka hin barbaanne argisiisuuf, gorsa Kitaaba Qulqulluu, “dhugaadhaan deddeebiʼaa” jedhu hordofuu qabna. (3 Yohaannis 2-4 dubbisi.) Dhugaadhaan deddeebiʼuun, ittiin jiraachuu jechuunis jireenya keenya keessatti dursa kennuufii akkasumas haala isaa wajjin wal simuun jireenya keenya geggeessuu dabalata. Mee gaaffiiwwan sadii haa qorannu; isaanis: Namoonni tokko tokko dhugaa ‘gurguruu’ kan dandaʼan maaliifi? Akkamitti? Dogoggora gaddisiisaa akkasii raawwachuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Murtoo ‘dhugaadhaan deddeebiʼuuf’ goone cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?

NAMOONNI TOKKO TOKKO DHUGAA KAN ‘GURGURAN’ MAALIIFI? AKKAMITTI?

4. Jaarraa jalqabaatti namoonni tokko tokko dhugaa kan ‘gurguran’ maaliif ture?

4 Jaarraa jalqabaatti namoonni barumsa Yesuus fudhatan tokko tokko dhugaa keessa deddeebiʼuu isaanii itti hin fufne. Fakkeenyaaf, Yesuus namoota hedduu dinqiidhaan erga nyaachisee booda, namoonni sun hamma Galaana Galiilaa gamaatti isa duuka buʼanii turan. Achitti Yesuus, “foon Ilma namaa yoo nyaattanii fi dhiiga isaa yoo dhugdan malee, ofii keessaniin jireenya hin qabdan” jechuudhaan wanta isaan naasise tokko dubbate. Taʼus, akka inni isaaniif ibsu gaafachuu mannaa, “Dubbiin kun kan nama suukanneessu dha; eenyutu dhagaʼuu dandaʼa?” jechuudhaan dubbii isaatiin gufatan. Kanaan kan kaʼes, “barattoota isaa keessaa baayʼeen wantoota dhiisanii turanitti deebiʼan; sana boodas isa duukaa hin buune.”—Yoh. 6:53-66.

5, 6. (a) Yeroo dhihoodhaa asitti namoonni tokko tokko dhugaa cimsanii qabachuu kan dadhaban maaliifi? (b) Namni tokko suuta suuta dhugaa dhiisuu kan dandaʼu akkamitti?

5 Kan nama gaddisiisu namoonni yeroo harʼaa jiran tokko tokko dhugaa cimsanii qabachuu dadhabaniiru. Tokko tokko kan gufatan sirreeffama hubannaa kutaa Kitaaba Qulqulluu tokko irratti qabnu irratti godhameen ykn wanta obboleessi iddoo guddaa qabu tokko dubbateen ykn godheen ture. Warri kaan immoo gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee isaaniif kennametti mufataniiru ykn Kiristiyaana tokkoo wajjin walii galuu dadhabuu isaaniitiin kan kaʼe dhugaa dhiisaniiru. Kaan immoo gantootaa fi mormitoota warra amantii keenya jalʼisanii hubatan cinaa hiriiraniiru. Kanaan kan kaʼes, tokko tokko taʼe jedhanii Yihowaa fi gumii irraa ‘fagaachuu’ jalqabaniiru. (Ibr. 3:12-14) Akkuma Pheexiros ergamaan godhe utuu amantii isaanii eeggataniiru taʼee akkasumas Yesuusitti amanamuu isaanii itti fufaniiruu taʼee baayʼee gaarii ture! Yesuus ergamoonni isaa deemuu akka barbaadan yommuu isaan gaafatu, Pheexiros yeruma sana, “Yaa Gooftaa, gara eenyuu dhaqna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabda” jedhee deebiseera.—Yoh. 6:67-69.

6 Warri kaan immoo suutuma suuta wanta taʼaa jiru illee utuu hin hubatin, dhugaa dhiisaniiru. Namni suutuma suuta dhugaa dhiisu tokko, bidiruu suuta suuta qarqara galaanaa irraa fagaatu wajjin wal fakkaata. Kitaabni Qulqulluun jijjiirama akkasii ‘suuta suuta fagaachuu’ jedhee ibsa. (Ibr. 2:1) Nama taʼe jedhee dhugaa dhiisu irraa haala adda taʼeen, namni suuta suuta dhugaa irraa fagaatu tokko kana kan godhu taʼe jedhee miti. Haa taʼu malee, namni akkasii hariiroo Yihowaa wajjin qabu laaffisuudhaan hariiroo kana gara guutummaatti dhabuutti adeema. Adeemsa balaadhaaf nama saaxilu akkasii irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

DHUGAA GURGURUU IRRAA FAGAACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

7. Dhugaa gurguruu irraa fagaachuuf tarkaanfii jalqabaa kamtu nu gargaara?

7 Dhugaadhaan deddeebiʼuuf wanta Yihowaan dubbate hunda fudhachuu fi ajajamuu qabna. Jireenya keenya keessatti dhugaadhaaf dursa kennuu fi dhugaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simnee jiraachuu qabna. Daawit Mootichi “Ani dhugaa kee keessa nan deddeebiʼa” jedhee Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera. (Far. 86:11, NW) Daawit murtoo godhee ture. Nutis dhugaa Waaqayyootiin deddeebiʼuu keenya itti fufuuf murtoo cimaa gochuu qabna. Yoo kana gochuu baanne wanta dhugaadhaaf kaffaletti gaabbuu fi tarii immoo wanta kaffalle keessaa hamma tokko deebisnee fudhachuu jalqabuuf qoramuu dandeenya. Kanaa mannaa guutummaa dhugaa of eeggannoodhaan cimsinee qabanna. Dhugaa isa tokko fudhannee isa kan biraa immoo fudhachuu dhiisuu hin dandeenyu. Akkasumas ‘dhugaa hunda’ keessa deddeebiʼuu qabna. (Yoh. 16:13) Mee wantoota dhugaadhaaf kaffaluu dandeenyu shanan irratti haa xiinxallu. Kana gochuun keenya wanta kaffalle keessaa hamma tokko illee deebisnee fudhachuu akka hin barbaanne murtoo goone nuuf cimsa.—Mat. 6:19.

8. Karaa ogummaa hin qabneen yerootti fayyadamuun Kiristiyaana tokko dhugaa irraa fageessuu kan dandaʼu akkamitti? Fakkeenya tokko kenni.

8 Yeroo. Dhugaa irraa akka hin fagaanne yeroo keenya ogummaadhaan itti fayyadamuu qabna. Yoo of eeggannoo gochuu baanne, bashannanuudhaan, wanta yeroo boqonnaatti hojjennu hojjechuudhaan, intarneetii sakattaʼuu ykn televijiinii ilaaluudhaan yeroo dheeraa dabarsuu jalqabuu dandeenya. Wantoonni kun mataa isaaniitiin dogoggora taʼuu baatanis, yeroon nuti wantoota kana irratti dabarsinu, yeroo duraan qoʼannaa dhuunfaa fi sochiiwwan hafuuraa kan biraa irratti dabarsinu irratti dhiibbaa gochuu dandaʼu. Mee wanta obboleettii Eemaa * jedhamtu takka mudate haa ilaallu. Eemaan ijoollummaa ishiitii kaastee farda jaallatti turte. Yeroo carraa isaa argattutti immoo farda yaabbattee gulufti turte. Yeroo muraasa booda, saʼaatiin ishiin wanta yeroo boqonnaa ishiitti hojjettu kana irratti dabarsitu ishii dhiphisuu jalqabe. Achiis sirreeffama kan goote siʼa taʼu, boodas bashannanaaf iddoo isaaf taʼu kennuu irratti milkoofteetti. Kana malees, muuxannoo Koorii Weelsi ishii duraan dorgommii farda gulufuu irratti hirmaachaa turte irraa jajjabina argatteetti. * Eemaan yeroo ammaa sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaachuudhaan akkasumas maatii ishii Kiristiyaana taʼanii fi michoota ishii wajjin yeroo dabarsuudhaan gammaddi. Amma Yihowaatti akka dhihaatte ishiitti dhagaʼama akkasumas yeroo ishii ogummaadhaan itti fayyadamaa akka jirtu waan beektuuf nagaa qabdi.

9. Qabeenya argachuu barbaaduun namoonni tokko tokko sochii hafuuraa akka dhiisan kan godhe akkamitti?

9 Carraawwan qabeenya argamsiisan. Dhugaa keessa deddeebiʼuu keenya itti fufuu yoo barbaanne qabeenyaaf iddoo isaaf taʼu kennuu qabna. Dhugaa yommuu baranne jireenya keenya keessatti wantoonni hafuuraa iddoo tokkoffaa, qabeenyi immoo iddoo lammaffaa akka qabaatu gooneerra. Dhugaa keessa deddeebiʼuuf jecha qabeenya keenya gammachuudhaan aarsaa goona. Haa taʼu malee, yeroo booda, namoonni kaan meeshaa elektirooniksii ammayyaa ykn wantoota qarshiin bituu dandaʼu kan biraatiin yommuu gammadan arguu dandeenya. Kanaafuu, milkaaʼina akka dhabne nutti dhagaʼamuu jalqabuu dandaʼa. Wantoota qabnutti gammaduu waan dhiisnuuf, Yihowaa tajaajiluu caalaa qabeenya argachuu irratti xiyyeeffachuu dandeenya. Adeemsi akkasii Deemaasiin nu yaadachiisa. Jaalalli inni ‘sirna ammaa kanaaf’ qabu Phaawulos ergamaa wajjin tajaajiluu isaa akka dhaabu isa godheera. (2 Xim. 4:10) Deemaas Phaawulosiin dhiisee kan deeme maaliif ture? Kana kan godhe sochii hafuuraa caalaa qabeenya jaallatee ykn aarsaa Phaawulosii wajjin tajaajiluun gaafatu kaffaluuf fedhii dhabee taʼuu fi dhiisuu isaa Kitaabni Qulqulluun hin ibsu. Fedhiin qabeenyaaf qabnu deebiʼee akka kakaʼuu fi fedhiin kun jaalala dhugaadhaaf qabnu akka ukkaamsu gochuu akka hin barbaanne beekamaa dha.

10. Dhugaa keessa deddeebiʼuu keenya itti fufuuf dhiibbaa akkamii dandamachuu qabna?

10 Hariiroo namoota kaanii wajjin qabnu. Dhugaa keessa deddeebiʼuu keenya itti fufuuf, dhiibbaa namoota kaaniitiif harka kennuu hin qabnu. Dhugaa keessa deddeebiʼuu yeroo jalqabnetti, hariiroon namoota Dhugaa Baatota hin taanee fi miseensota maatii keenya wajjin qabnu jijjiirameera. Isaan keessaa tokko tokko nu hin mormine; warri kaan garuu nu mormaniiru. (1 Phe. 4:4) Miseensota maatii keenyaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu fi gaarummaadhaan isaan qabuuf kan carraaqnu taʼus, isaaniin gammachiisuuf jennee ejjennoo dhugaadhaaf qabnu akka hin laaffisne of eeggachuu qabna. Miseensota maatii keenyaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf yaalii gochuu keenya itti fufna. Akeekkachiisa ifaa 1 Qorontos 15:33 irratti kenname irratti hundaaʼuudhaan, namoota Yihowaa jaallatan qofa wajjin michummaa cimaa qabaachuu qabna.

11. Gochawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hin hundoofne irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Yaadaa fi amala Waaqayyoon hin gammachiisne. Namoonni dhugaa keessa deddeebiʼan hundi qulqulluu taʼuu qabu. (Isa. 35:8; 1 Pheexiros 1:14-16 dubbisi.) Hundi keenya gara dhugaatti yommuu dhufne, ulaagaa qajeelinaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simuuf jijjiirama gochuun nu barbaachiseera. Namoonni tokko tokko jijjiirama guddaa gochuun isaan barbaachiseera. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, qulqullummaa keenya xuraaʼummaa naamusaa addunyaa kanaatti geddaruu hin qabnu. Amala naamusaan ala taʼeef harka kennuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaan qulqulluu nu gochuuf gatii guddaa jechuunis dhiiga Ilma isaa Yesuus Kiristoos kaffaluu isaa irratti xiinxalaa. (1 Phe. 1:18, 19) Yihowaa duratti ejjennoo qulqulluu qabaannee itti fufuuf, gatiin aarsaan furii Yesuus qabu sammuu fi garaa keenya keessatti iddoo guddaa akka qabaatu gochuu qabna.

12, 13. (a) Ilaalcha Yihowaan ayyaanotaaf qabu qabaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Kanatti aansuudhaan maal qoranna?

12 Aadaawwanii fi gochawwan deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne. Miseensonni maatii keenya, namoonni waliin hojjennuu fi waliin barannu guyyoota ayyaanaatti akka isaanii wajjin dabarsinu gochuuf yaaluu dandaʼu. Aadaawwanii fi ayyaanota Yihowaadhaaf ulfina hin fidne irratti akka hirmaannu dhiibbaa nu irratti godhamu moʼuu kan dandeenyu akkamitti? Ilaalcha Yihowaan gochawwan akkasiitiif qabu sammuu keenyatti qabachuudhaan kana gochuu dandeenya. Madda ayyaanota beekamoo taʼanii ilaalchisee yaadawwan barreeffamoota keenya irratti baʼan dubbisuun keenya nu gargaaruu dandaʼa. Ayyaanota akkasii irratti hirmaachuu dhiisuuf sababiiwwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan yommuu yaadannu, karaa “Gooftaa biratti fudhatama qabu” irra deddeebiʼaa akka jirru mirkanaaʼaa taʼuu dandeenya. (Efe. 5:10) Yihowaa fi Dubbii isaa isa dhugaa amanachuun “nama sodaachuu” irraa nu eega.—Fak. 29:25.

13 Dhugaa keessa deddeebiʼuun, adeemsa itti fufiinsa qabu jechuunis daandii bara baraaf irra deemuuf abdannu dha. Murtoo dhugaa keessa deddeebiʼuuf goone cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Mee karaawwan sadii haa qorannu.

MURTOO DHUGAA KEESSA DEDDEEBIʼUUF GOOTAN CIMSADHAA

14. (a) Dhugaa bitachuu keenya itti fufuun murtoo matumaa isa gurguruu dhiisuuf goone kan nuuf cimsu akkamitti? (b) Ogummaan, adabnii fi hubannaan barbaachisaa kan taʼan maaliifi?

14 Tokkoffaa, dhugaa Dubbii Waaqayyoo isa gatii guddaa qabu qoʼachuu fi irratti xiinxaluu keessan itti fufaa. Dhugaa Dubbii Waaqayyoo isa gatii guddaa qabu soorachuuf yeroo dhaabbataa taʼe ramaduudhaan dhugaa bitadhaa. Kana gochuudhaan, dinqisiifannaa dhugaadhaaf qabdan guddifachuu fi murtoo matumaa dhugaa gurguruu dhiisuuf gootan cimsachuu dandeessu. Fakkeenyi 23:23, dhugaa bitachuu malees, “ogummaa, adabaa fi hubannaa” bitachuu akka qabnu dubbata. Beekumsi qofti gaʼaa miti. Dhugaa jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu qabna. Hubannaadhaan, wantoonni Yihowaan dubbate hundi akkamitti akka wal siman adda baasnee beekuu dandeenya. Ogummaan wanta baranne hojii irra akka oolchinu nu kakaasa. Yeroo tokko tokko, dhugaan bakka jijjiirama gochuun itti nu barbaachisu nutti argisiisuudhaan nu adaba. Qajeelfama akkasiitiif yeroo hunda deebii gaarii haa kenninu. Gatiin kanaa meetii irra baayʼee caala.—Fak. 8:10.

15. Saqqiin dhugaa akkamitti nu eega?

15 Lammaffaa, guyyaa guyyaadhaan dhugaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf murtoo cimaa godhaa. Saqqii dhugaa mudhii keessanitti hidhadhaa. (Efe. 6:14) Bara duriitti saqqiin loltuun tokko hidhatu, mudhii isaa fi kutaawwan qaama isaa warra keessaa jabeessee isaaf qaba akkasumas isaaf eega ture. Haa taʼu malee, saqqiin isaa eegumsa akka isaaf godhu yoo barbaadame jabaatee hidhamuu qaba. Saqqiin jabaatee hin hidhamne eegumsi inni kennu xinnoo dha. Saqqiin dhugaa hafuuraa keenya kan nu eegu akkamitti? Akkuma saqqii, dhugaa mudhii keenyatti cimsinee yoo maranne, yaada dogoggoraa irraa nu eega akkasumas murtoo sirrii taʼe akka goonu nu gargaara. Yommuu qorumsi nu irra gaʼu, dhugaan Kitaaba Qulqulluu, wanta sirrii taʼe gochuuf murtoo goone nuuf cimsa. Akkuma loltuun tokko matumaa saqqii isaa malee gara waraanaatti hin deemne, nutis saqqii dhugaa keenya matumaa laaffisuu ykn of irraa baasuu dhiisuuf murteessuu qabna. Kanaa mannaa, dhugaa wajjin wal simnee jiraachuudhaan, dhugaan qaama keenyatti cimee akka maramu gochuuf waan nuuf dandaʼame hunda goona. Faayidaan saqqii loltuu tokkoo kan biraan immoo, goraadee isaa itti rarraafachuuf bakka mijataa taʼe qabachuu isaa ti. Kun immoo karaa murtoo dhugaa keessa deddeebiʼuuf goone itti cimsachuu dandeenyu kan biraatti nu geessa.

16. Dhugaa namoota kaan barsiisuun murtoo dhugaa keessa deddeebiʼuuf goone kan nuuf cimsu akkamitti?

16 Sadaffaa, hamma isiniif dandaʼame dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaan barsiisuu irratti guutummaatti hirmaadhaa. Akkas gochuudhaan, goraadee hafuuraa keenya jechuunis “dubbii Waaqayyoo” cimsitanii qabachuu dandeessu. (Efe. 6:17) Hundi keenya “dubbii dhugaa sirriitti barsiisuu” irratti dandeettii barsiisota taʼuudhaan qabnu fooyyessuu keenya itti fufuu dandeenya. (2 Xim. 2:15) Namoonni kaan dhugaa akka bitatanii fi soba irraa bilisa akka taʼan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamnee yommuu gargaarru, dubbiin Waaqayyoo sammuu fi garaa keenya keessatti hidda akka gad fageeffatu gochuu dandeenya. Karaa kanaan, murtoo dhugaa keessa deddeebiʼuuf goone cimsachuu dandeenya.

17. Dhugaan isiniif gatii guddaa kan qabu maaliifi?

17 Dhugaan kennaa gatii guddaa qabuu fi Yihowaa biraa argame dha. Karaa kennaa kanaatiin qabeenya keenya isa gatii guddaa qabu jechuunis Abbaa keenya isa samii wajjin hariiroo cimaa qabaachuu dandeenyeerra. Wanti inni hamma ammaatti nu barsiise jalqaba qofa dha! Waaqayyo dhugaa bitanne irratti dabaluu akka dandeenyuuf abdii jireenya bara baraa nuuf kenneera. Kanaafuu akka callee gatii guddaa qabuutti dhugaadhaaf iddoo guddaa kennaa. ‘Dhugaa bitachuu’ keessan itti fufaa ‘matumaas hin gurgurinaa.’ Akkas gochuudhaan akkuma Daawit “dhugaa kee keessa nan deddeebiʼa” jechuudhaan waadaa Yihowaadhaaf galtan hojii irra oolchitu.—Far. 86:11, NW.

^ key. 2 Fakkeenya 23:23 (NW): Dhugaa, ogummaa, adabaa fi hubannaa bitadhu, matumaas isaan hin gurgurin.

^ key. 8 Maqaan jijjiirameera.

^ key. 8 JW Biroodkaastiingi irraa INTERVIEWS AND EXPERIENCES > TRUTH TRANSFORMS LIVES jedhu jala ilaali.