Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Dhugaa Bitadhu, Matumaas hin Gurgurin’

‘Dhugaa Bitadhu, Matumaas hin Gurgurin’

“Dhugaa, ogummaa, adabaa fi hubannaa bitadhu, matumaas isaan hin gurgurin.”—FAK. 23:23, NW.

FAARFANNAA: 94, 96

1, 2. (a) Qabeenyi keenya inni gatii guddaa qabu maali dha? (b) Dhugaawwan iddoo guddaa kenninuuf kamfaʼi? Maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

QABEENYI keessan inni gatii guddaa qabu maali dha? Qabeenya kana wanta gatii xinnoo qabutti jijjiiruuf fedhii qabduu? Namoota Yihowaadhaaf of murteessaniif deebiin gaaffiiwwan kanaa salphaa dha. Qabeenyi keenya inni gatii guddaa qabu hariiroo Yihowaa wajjin qabnu siʼa taʼu, qabeenya kana wanta kamiin iyyuu jijjiiruu hin barbaannu. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu Abbaa keenya isa samii wajjin hariiroo cimaa akkasii akka horannu nu gargaareefis iddoo guddaa kennina.—Qol. 1:9, 10.

2 Mee wanta Barsiisaan keenya Guddichi Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu keessaa nu barsiise hunda yaadaa! Maqaa isaa isa hiika guddaa qabuu fi amalawwan isaa warra nama hawwatan ilaalchisee dhugaa jiru nutti mulʼiseera. Qophii furii isa hunda caaluu fi karaa Ilma isaa Yesuus jaalalaan nuuf kenne ilaalchisee odeeffannoo nuuf kenneera. Akkasumas Yihowaan waaʼee Mootummaa Masiihichaa nutti himeera; kana malees, Kiristiyaanota dibamoodhaaf abdii samii irra jiraachuu, ‘hoolota kan biraaf’ immoo abdii lafa Jannata taatu irra jiraachuu kenneera. (Yoh. 10:16) Inni akkamitti jiraachuu akka qabnu nu barsiisa. Dhugaawwan kun Uumaa keenyatti caalaatti akka dhihaannu waan nu dandeessisaniif iddoo guddaa isaaniif kennina. Jireenyi keenyas kaayyoo akka qabaatu godhu.

3. Dhugaa bitachuu jechuun maal jechuu miti?

3 Yihowaan Waaqa arjaa taʼe dha. Inni namoota dhugaa barbaadaniif wanta gaarii kennuu irraa duubatti hin jedhu. Yihowaan jireenya Ilma isaa jaallatamaa illee tola kenneera. Waaqayyo dhugaadhaaf qarshii akka kaffallu matumaa nu irraa hin barbaadu. Namichi Simoon jedhamu aangoo hafuura qulqulluu kennuu Pheexiros ergamaa irraa argachuuf yommuu qarshii isaa kennuuf yaaletti, Pheexiros, “Kennaa Waaqayyo tola kennu qarshiidhaan argachuu akka dandeessu waan yaaddeef, meetiin kee sii wajjin haa badu!” jedhee isa ifateera. (HoE. 8:18-20) Maarree, qajeelfamni ‘dhugaa bitadhu’ jedhuu fi geggeessaa hafuuraatiin barreeffame hiika maalii qaba?

DHUGAA ‘BITACHUU’ JECHUUN MAAL JECHUU DHA?

4. Mata duree kana keessatti dhugaa ilaalchisee maal baranna?

4 Fakkeenya 23:23, NW * dubbisi. Carraaqqii utuu hin godhin dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru argachuu hin dandeenyu. Dhugaa kana argachuuf aarsaa barbaachisu kam iyyuu kaffaluuf fedhii qabaachuu qabna. Akkuma barreessaan Fakkeenyaa inni ogeessa taʼe hubachiise, “dhugaa” takkaa erga ‘bitannee’ ykn argannee booda, akka hin ‘gurgurre’ ykn hin dhabne of eeggannoo gochuu qabna. Mee dhugaa ‘bitachuu’ jechuun maal jechuu akka taʼee fi akka fakkeenyaatti gatiin dhugaa kanaaf kaffallu maal akka taʼe haa mariʼannu. Kana gochuudhaan dinqisiifannaa dhugaadhaaf qabnu guddisuu fi matumaa akka hin ‘gurgurre’ murtoo goone jabeessuu dandeenya. Akkuma kanatti aansinee ilaallu dhugaa bitachuuf gatii kaffaluun keenya kan isaaf malu dha.

5, 6. (a) Qarshii utuu hin kaffalin dhugaa bitachuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi. (b) Dhugaan kan nu fayyadu akkamitti?

5 Wanta tola kennamu tokko argachuun illee gatii kaffaluu gaafachuu dandaʼa. Jechi Afaan Ibrootaa Fakkeenya 23:23 irratti ‘bitachuu’ jedhamee hiikame, “argachuu” jedhamuus ni dandaʼa. Jechoonni lamaanuu wanta gatii qabu tokko argachuuf carraaqqii gochuun ykn wanta kan biraa kennuun akka barbaachisu argisiisu. Dhugaa bituu yaada jedhu akka itti aanutti fakkeenyaan ibsuu dandeenya. Mee bakka gabaa tokkotti “Muuziin tola akka kennamu” beeksifamaa jira haa jennu. Muuziin kun dinqiidhaan minjaala keenya irratti argamuu ni dandaʼaa? Lakki. Bakka gabaa sana dhaqnee fiduuf carraaqqii gochuu qabna. Muuziin kun tola argamee? Eeyyee, garuu carraaqqii gochuu fi yeroo ramadnee gabaa dhaquu qabna. Haaluma wal fakkaatuun dhugaa bitachuuf qarshii kaffaluun nu hin barbaachisu. Haa taʼu malee, dhugaa kana argachuuf carraaqqii gochuu qabna.

6 Isaayaas 55:1-3 dubbisi. Dubbiin Yihowaa Isaayaas galmeesse dhugaa bituu jechuun maal jechuu akka taʼe caalaatti ifa godha. Kutaa Kitaaba Qulqulluu kana keessatti Yihowaan dubbii isaa bishaan, aannanii fi wayinii wajjin wal bira qabeera. Akkuma bishaan qulqulluu qabbanaaʼaa dhuguun nama gammachiisu, dhugaan dubbii Waaqayyoos nama haaromsa. Akkasumas akkuma aannan nu jabeessuu fi ijoolleen akka guddatan gargaaru, dubbiin Yihowaas, nu jabeessa akkasumas karaa hafuuraa akka guddannu nu gargaara. Kana malees, dubbiin Yihowaa wayinii wajjin wal fakkaata. Karaa kamiin? Kitaaba Qulqulluu keessatti wayiniin gammachuu wajjin wal qabsiifamee ibsameera. (Far. 104:15) Kanaafuu, Yihowaan sabni isaa ‘wayinii akka bitatan’ isaanitti himuudhaan, akka dubbii isaatti jiraachuun gammachuu akka nuu kennu nuuf mirkaneesseera. (Far. 19:8) Fakkeenyi kun dhugaa dubbii Waaqayyoo barachuu fi hojii irra oolchuun faayidaa akka argamsiisu akka gaariitti kan ibsu dha! Carraaqqii goonu gatii kaffalluu wajjin wal bira qabuu dandeenya. Kanaafuu, mee dhugaa bitachuuf wantoota kaffaluu qabnu shan haa ilaallu.

DHUGAA BITACHUUF MAAL KAFFALTANIITTU?

7, 8. (a) Dhugaa bitachuuf yeroo ramaduu kan qabnu maaliifi? (b) Shamarree barattuun takka hangam kaffaltee turte? Buʼaa akkamii argatte?

7 Yeroo. Kun gatii namni dhugaa bitachuu barbaadu hundi kaffaluu qabu dha. Ergaa Mootummichaa dhaggeeffachuun, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbisuun, qoʼannaa dhuunfaa gochuun, walgaʼiidhaaf qophaaʼuu fi irratti hirmaachuun yeroo gaafata. Yeroo akkasii ‘bitachuu’ ykn sochiiwwan baayʼee barbaachisoo hin taane irraa qooddachuu qabna. (Efesoon 5:15, 16, fi miiljalee dubbisi.) Waaʼee barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu beekumsa sirrii argachuun yeroo hangamii gaafata? Kun haala keenya irratti kan hundaaʼe dha. Ogummaa, karaa fi hojii Yihowaa ilaalchisee wantoonni barachuu dandeenyu dhuma hin qaban. (Rom. 11:33) Maxxansi Masaraa Eegumsaa inni jalqabaa dhugaa ‘habaaboo xinnoo tokkotti’ fakkeessuudhaan akkana jedhee ture: “Habaaboo dhugaa tokkittii qabaachuu qofaan na gaʼa hin jedhin. Tokko qofti ni gaʼa utuu taʼee kan biraan hin barbaachisu ture. Hamma dandeessu walitti qabadhu, dabalataan argachuuf yaali.” ‘Hidhaan habaaboo koo hangam guddaa dha?’ jennee of gaafachuu dandeenya. Bara baraaf yoo jiraanne illee, yeroo hundumaa waaʼee Yihowaa wanta dabalataa barachuu ni dandeenya. Yeroo harʼaa wanti baayʼee barbaachisaa taʼe, hamma haalli keenya nuuf heyyame dhugaa hedduu bitachuuf yeroo keenya ogummaadhaan itti fayyadamuu dha. Mee fakkeenya nama cimsee dhugaa barbaadaa ture tokkoo ilaalaa.

8 Shamarreen lammii Jaappaan taatee fi Maarikoo * jedhamtu takka barumsaaf gara magaalaa Niwuu Yoorki Yuunaayitid Isteetis dhufte. Yeroo sanatti warraaqsa amantii dhuma bara 1950⁠tti Jaappaan keessatti jalqabame tokko hordofti turte. Obboleettiin qajeelchituu taate takka utuu manaa gara manaa tajaajiltuu Maarikoo wajjin wal argite. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu barachuu yommuu jalqabdu baayʼee gammaddee waan turteef, qajeelchituun sun torbanitti al lama akka ishii qoʼachiistu gaafatte. Maarikoon barumsa irratti yeroo dheeraa kan dabarsituu fi hojii saʼaatii muraasaa kan hojjettu taʼus, yeruma sana walgaʼii irratti argamuu jalqabde. Akkasumas yeroo dhugaa barachuuf ishii gargaaru bitachuu akka dandeessuuf sochiiwwan hawaasaa tokko tokko irratti hirmaachuu dhiiste. Aarsaa akkasii gochuun ishii karaa hafuuraa saffisaan guddina akka gootu gumaacha godheera. Achiis waggaa tokko keessatti cuuphamte. Jiʼa jaʼa booda bara 2006⁠tti qajeelchituu kan taate siʼa taʼu, amma iyyuu qajeelchituu taatee tajaajilaa jirti.

9, 10. (a) Dhugaa bitachuun ilaalcha qabeenyaaf qabnu irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? (b) Shamarreen takka carraa akkamii dhiiste? Waaʼee kanaa hoo maaltu ishiitti dhagaʼame?

9 Carraawwan qabeenya argamsiisan. Dhugaa bitachuuf hojii galii guddaa argamsiisu dhiisuun nu barbaachisuu dandaʼa taʼa. Pheexirosii fi Indiriyaas warri qurxummii qabdoota turan, yommuu Yesuus ‘namoota akka qaban’ isaan afeeru, ‘kiyyoowwan isaanii dhiisaniiru.’ (Mat. 4:18-20) Dhugaa dha, yeroo harʼaa namoonni dhugaa baratan baayʼeen salphaadhumatti hojii isaanii dhiisuu hin dandaʼan. Itti gaafatamummaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe qabu. (1 Xim. 5:8) Haa taʼu malee, namoonni dhugaa baratan yeroo baayʼee ilaalcha qabeenyaaf qaban jijjiiruu fi wantoota dursa kennaniif sirreessuu qabu. Yesuus, “Lafa irratti qabeenya kuufachuu dhiisaa. Kanaa mannaa . . . samii irratti qabeenya kuufadhaa” jechuudhaan yommuu dubbate kana ifa godheera. (Mat. 6:19, 20) Mee fakkeenya shamarree takkaa haa ilaallu.

10 Maariyaan utuu mana barumsaa hin galin illee, tapha goolfii irratti hirmaatti turte. Yeroo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa barattutti immoo dandeettii goolfii taphachuu ishii guddifachuu itti fufuudhaan dhuma irratti yunivarsiitii tokko keessatti carraa kaffaltii malee barachuu argatte. Goolfii taphachuun jireenya ishii kan ture siʼa taʼu, kaayyoon ishii goolfii taphachuu irratti beekamtuu taʼuudhaan qarshii guddaa argachuu ture. Achiis Maariyaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqabde siʼa taʼu, dhugaa barachaa jirtus ni jaallatte. Jijjiirama dhugaan jireenya ishii keessatti akka gootu ishii gargaaretti baayʼee gammadde. Akkas jetteetti: “Ilaalchaa fi akkaataa jireenyaa koo ulaagaa Kitaaba Qulqulluu wajjin caalaatti wal simsiisaa yommuun adeemu, caalaatti gammachuu argachaan deeme.” Maariyaan qabeenya hafuuraa fi qabeenya qarshii wal faana hordofuun ulfaataa ishiitti taʼuu akka dandaʼu hubatteetti. (Mat. 6:24) Kanaafuu, goolfiitti dandeettii guddaa qabaachuu fi soorettii taʼuu akkasumas beekamtii argachuuf kaayyoo jireenya ishii guutuu hordofaa turte dhiisuudhaan gatii kaaffalteetti. Haa taʼu malee, dhugaa bitachuu ishiitiin kan kaʼe, yeroo ammaa qajeelchituu taatee kan tajaajiltu siʼa taʼu, kunis “jireenya gammachiisaa kaayyoo hunda caalu qabu” akka taʼe dubbatteetti.

11. Dhugaa yommuu bitannu hariiroon namoota tokko tokkoo wajjin qabnu maal taʼuu dandaʼa?

11 Hariiroo warra kaanii wajjin qabnu. Akka dhugaa Kitaaba Qulqulluutti jiraachuuf yommuu filannu, hariiroon michootaa fi firoota keenyaa wajjin qabnu jijjiiramuu dandaʼa. Maaliifi? Yesuus duuka buutota isaa ilaalchisee, “Dhugaa sanaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha” jedhee kadhateera. (Yoh. 17:17; milj.) “Isaan qulqulleessi” jechuun “adda isaan baasi” jedhamuus ni dandaʼa. Dhugaa yommuu fudhannu, addunyaa irraa adda taana, sababiin isaas sana booda akka inni barbaadu hin taanu. Wanti nuti iddoo guddaa kenninuuf waan jijjiirameef, namoonni akka adda taanetti nu ilaalu. Ulaagaa dhugaa Kitaaba Qulqulluutiin jiraanna. Nuti wal qoqqooduu kan hin uumne taʼu illee, michoonnii fi miseensonni maatii keenya tokko tokko nu irraa fagaachuu ykn amantii keenya isa haaraa mormuu illee ni dandaʼu. Kun nu hin dinqisiisu. Yesuus, “Dhuguma iyyuu, namni tokko miseensonni maatii isaa diinota isatti taʼu” jechuudhaan dhugaa isaa beeksiseera. (Mat. 10:36) Kana malees, dhugaa bitachuu keenyaan badhaasni argannu, gatii kaffallu hunda irra baayʼee akka caalu mirkaneesseera.—Maarqos 10:28-30 dubbisi.

12. Namni Yihudii tokko dhugaadhaaf gatii akkamii kaffale?

12 Namni Yihudii Aaron jedhamuu fi daldalaa taʼe tokko, ijoollummaa isaatii kaasee maqaan Waaqayyoo akka hin waamamne baratee ture. Haa taʼu malee, Aaron dhugaadhaaf dheebuu qaba ture. Dhugaa Baatuun tokko tuqaawwan dubbachiiftuu bakka buʼan, qubeewwan dubbifamaa arfan maqaa Waaqayyoo bakka buʼanitti dabaluudhaan maqaan isaa “Yihowaa” jedhamee waamamuu akka dandaʼu yommuu itti argisiisu baayʼee dinqisiifate. Achiis wanta dinqisiisaa argate kana barsiisota Yihudootaa rabbii jedhamanitti argisiisuuf gammachuudhaan gara mana sagadaa dhaqe. Taʼus, deebiin isaan kennan wanta Aaron eegee ture miti. Waaʼee maqaa Waaqayyoo dhugaa isaa barachuu isaatti isaa wajjin gammaduu mannaa, isatti tufan akkasumas baayʼee jibbamaa akka taʼetti isa ilaalan. Hariiroon inni maatii isaa wajjin qabu ni mancaʼe. Taʼus utuu abdii hin kutatin, jireenya isaa guutuu dhugaa bitachuu fi Dhugaa Baatuu taʼuudhaan ija jabinaan Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufeera. Akkuma Aaron dhugaa keessa deddeebiʼuuf, jijjiirama iddoo hawaasa keessatti qabnu ykn hariiroo maatii keenyaa wajjin qabnu irratti dhufu kam iyyuu fudhachuudhaan gatii kaffaluuf fedhii qabaachuu qabna.

13, 14. Dhugaa bitachuuf yaadaa fi amala keenya irratti jijjiirama akkamii gochuu nu barbaachisa? Fakkeenya tokko kenni.

13 Yaadaa fi amala Waaqayyoon hin gammachiisne. Dhugaa fudhachuu fi ulaagaa naamusaa Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuuf, yaadaa fi amala keenya irratti jijjiirama gochuuf fedhii qabaachuu qabna. Jijjiirama kana ilaalchisee yaada Pheexiros akkas jedhee barreesse hubadhaa: “Akka ijoollee ajajamaniitti, hawwii isa yeroo wallaalummaadhaan turtan sanaan tolfamuu keessan dhiisaa; kanaa mannaa . . . amala keessan hundumaan qulqulloota taʼaa.” (1 Phe. 1:14, 15) Namoota magaalaa Qorontos ishii karaa naamusaa mancaate keessa jiraataniif, dhugaa bitachuu jechuun akkaataa jireenyaa isaanii irratti jijjiirama guddaa gochuu jechuu ture. (1 Qor. 6:9-11) Yeroo harʼaas namoonni hedduun dhugaa bitachuu akka dandaʼaniif, amala Waaqayyoon hin gammachiisne dhiisaniiru. Pheexiros itti dabaluudhaan Kiristiyaanota bara isaa turan, “Yeroon duraa inni isin addaggummaadhaan, kajeellaa toʼannaa hin qabneen, akka malee dhuguudhaan, gadhiisiidhaan, dorgommiidhaan hedduu dhuguu fi waaqolii tolfamoo jibbisiisaa taʼan waaqeffachuudhaan fedhii namoota addunyaa raawwachaa itti turtan ni gaʼa” jedhee gorseera.—1 Phe. 4:3.

14 Deeviinii fi Jaasmiin waggoota hedduudhaaf ni machaaʼu turan. Deeviin dandeettii herrega hojjechuu kan qabu taʼus, alkoolii gar malee dhuguun isaa hojii dhaabbataa taʼe akka hin qabaanne isa taasiseera. Jaasmiin immoo aarii fi lola jaallachuudhaan beekamti turte. Guyyaa tokko utuu machooftee karaa irra deemaa jirtuu misiyoonota Dhugaa Baatota taʼan lama wajjin wal argite. Misiyoononni sun Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf qophii kan godhan taʼus, torban itti aanu yommuu mana Deeviin dhaqan Jaasmiinis taʼe Deeviin machaaʼanii turan. Misiyoononni sun xiyyeeffannaa isaaniif kennanii gara mana isaanii ni dhufu jedhanii hin yaadne turan. Yeroo itti aanu garuu haalli isaa adda ture. Jaasmiinii fi Deeviin qoʼannaa jalqabaatii kaasee dhimmanii Kitaaba Qulqulluu kan qoʼatan siʼa taʼu, wanta baratanis hojii irra oolchuu jalqabanii turan. Jiʼa sadii keessatti alkoolii dhuguu dhiisuuf kan murteessan siʼa taʼu, boodas gaaʼela isaanii seeraan galmeessan. Jijjiiramni isaan godhan baayʼee waan beekameef, namoonni mandara isaanii keessa jiraatan hedduun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf kakaʼaniiru.

15. Gatii dhugaadhaaf kaffalamuu dandaʼu keessaa inni hunda caalaa ulfaataa taʼe maali dha? Maaliifi?

15 Aadaawwanii fi gochawwan deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne. Aadaa fi gocha deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne dhiisuun gatii dhugaadhaaf kaffallu keessaa hunda caalaa ulfaataa taʼuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko gochawwan akkasii dhiisuu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu fudhachuun kan isaanitti salphatu taʼus, warri kaan garuu dhiibbaa miseensota maatii, michootaa fi hiriyoota isaanii irraa isaan irra gaʼuun kan kaʼe duubatti jedhu. Keessumaa aadaan sun sirna firoota duʼan kabajuu wajjin kan wal qabate yoo taʼe, haalli isaa miira namaa tuquu dandaʼa. (Kes. 14:1) Fakkeenyi ija jabinaa namoonni kaan nuuf taʼan, jijjiirama barbaachisu gochuuf nu gargaaruu dandaʼa. Jiraattonni Efesoon jaarraa jalqabaatti turan tokko tokko tarkaanfii ija jabinaa akkamii akka fudhatan ilaalaa.

16. Namoonni Efesoon tokko tokko dhugaa bitachuuf maal godhanii turan?

16 Efesoon gargaarsa jinniitiin wantoota tokko tokko hojjechuudhaan beekamti turte. Namoonni haaraan hojii akkasii hojjechaa turanii fi amantii Kiristiyaanaa fudhatan, gocha deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne sana dhiisanii dhugaa bitachuuf maal godhanii turan? Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Namoonni gargaarsa jinniitiin wantoota tokko tokko hojjetan hedduunis, kitaabota isaanii walitti qabanii namoota hunda duratti guban. Gatii kitaabota kanaas yommuu shallagan gara meetii 50,000 taʼuu isaa hubatan. Kanaan kan kaʼes, dubbiin Yihowaa babalʼachaa fi moʼaa deeme.” (HoE. 19:19, 20) Kiristiyaanonni amanamoo taʼan, aarsaa gatii guddaa qabu akkasii kaffaluudhaan eebba hangana hin jedhame argataniiru.

17. (a) Gatiin dhugaadhaaf kaffaluu qabnu maalfaa dabalachuu dandaʼa? (b) Mata duree itti aanu irratti gaaffiiwwan kamfaa qoranna?

17 Isin hoo dhugaadhaaf maal kaffaltanii turtan? Hundi keenya habaaboo dhugaa walitti qabachuudhaan yeroo dabarsineerra. Namoonni tokko tokko immoo carraa qabeenya isaaniif argamsiisu dhiisuu fi walitti dhufeenya dhuunfaatti warra kaanii wajjin qaban sirreessuudhaan dhugaadhaaf gatii kaffalaniiru. Namoonni hedduun yaadaa fi amala isaanii jijjiiruu akkasumas aadaa fi gocha deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne dhiisuun isaan barbaachiseera. Gatiin kaffallu hangam iyyuu yoo taʼe, dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif gatii kam iyyuu kaffaluun kan isaaf malu taʼuu isaa amanneerra. Dhugaan Kitaaba Qulqulluu kun qabeenya gatii hunda caalu qabu jechuunis Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuuf nu dandeessisa. Eebba dhugaa beekuun nuuf argamsiisu irratti yommuu xiinxallu, namni kam iyyuu gurguruu barbaada jennee yaaduun nutti ulfaata. Kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Dogoggora guddaa akkasii raawwachuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Gaaffiiwwan kana mata duree itti aanu irratti qoranna.

^ key. 4 Fakkeenya 23:23 (NW): Dhugaa, ogummaa, adabaa fi hubannaa bitadhu, matumaas isaan hin gurgurin.

^ key. 8 Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.