Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaada Keessan Irratti Eenyutu Dhiibbaa Gochaa Jira?

Yaada Keessan Irratti Eenyutu Dhiibbaa Gochaa Jira?

“Sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.”—ROM. 12:2.

FAARFANNAA: 88, 45

1, 2. (a) Yesuus gorsa Pheexiros garaa akka ofitti hin jabaanne isaaf kenneef deebii akkamii kenne? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Yesuus karaa kanaan deebii kan kenne maaliif ture?

BARATTOONNI Yesuus wanta dhagaʼaa jiran amanuu hin dandeenye. Yesuus inni mootummaa Israaʼel akka deebisu isaan eegan yeroo dhihoo keessatti akka dhiphatuu fi akka duʼu dubbate. Wanta isaanitti dhagaʼame kana baasee kan dubbate Pheexiros ergamaa ture. “Yaa Gooftaa, garaa ofitti hin jabaatin; matumaa wanti kun si irra hin gaʼu” jedhe. Yesuus garuu isa mormuudhaan, “Seexana nana, duuba koo deemi! Ati kan namaa malee kan Waaqayyoo waan hin yaadneef gufuu natti taateetta” jedhe.—Mat. 16:21-23; HoE. 1:6.

2 Yesuus jechoota kanatti fayyadamuudhaan yaadawwan Waaqayyo irraa maddanii fi yaadawwan addunyaa Seexanni toʼatu irraa maddan gidduu garaagarummaan akka jiru ifaa godheera. (1 Yoh. 5:19) Pheexiros, Yesuus yaada addunyaa isa ofittummaa irratti hundaaʼe akka qabaatu isa jajjabeesse. Yesuus garuu yaadni Abbaa isaa kana irraa adda akka taʼe beeka ture. Dhiphinaa fi duʼa gara fuulduraatti isa eeggatuuf akka of qopheessu Waaqayyo isa irraa akka barbaadu beeka ture. Yesuus deebii Pheexirosiif kenne irratti yaada addunyaa diduudhaan, yaada Yihowaa fudhachuu isaa ifaa godheera.

3. Yaada addunyaa didanii yaada Yihowaa fudhachuun ulfaataa kan taʼe maaliifi?

3 Nuti hoo? Akka Yihowaatti yaadna moo akka namoota addunyaatti yaadna? Dhugaa dha, amalli keenya ulaagaa Waaqayyoo wajjin akka wal simu gooneerra taʼa. Haa taʼu malee yaadni keenya hoo? Yaadni keenyaa fi ilaalchi keenya kan Yihowaa wajjin akka wal simu gooneerraa? Kana gochuun taʼe jedhanii carraaqqii gochuu gaafata. Karaa kan biraa immoo yaada addunyaa qabaachuun carraaqqii gochuu hin gaafatu. Kun kan taʼe hafuurri addunyaa naannoo keenya hunda waan jiruufi. (Efe. 2:2) Kana malees, hafuurri addunyaa fedhii ofittummaa waan jajjabeessuuf, akkaataan addunyaan itti yaadu nama hawwachuu dandaʼa. Eeyyee, akka Yihowaatti yaaduun ulfaataa dha, akka addunyaatti yaaduun garuu baayʼee salphaa dha.

4. (a) Addunyaan yaada keenya irratti dhiibbaa akka godhu yoo heyyamne maaltu uumama? (b) Mata dureen kun kan nu gargaaru akkamitti?

4 Addunyaan yaada keenya irratti dhiibbaa akka godhu yoo heyyamne, fedhii ofittummaa guuttachuu barbaaduu fi gama naamusaatiin murtoo mataa keenyaa gochuuf kakaʼuu dandeenya. (Mar. 7:21, 22) Kanaafuu, yaada “namootaa” utuu hin taʼin, yaada “Waaqayyoo” horachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Mata dureen kun kana gochuuf nu gargaara. Yaadni keenya yaada Yihowaa wajjin akka wal simu gochuun bilisummaa kan nama dhabsiisu utuu hin taʼin, kan nama fayyadu dha kan jennu maaliif akka taʼe ibsa. Kana malees, yaadni addunyaa dhiibbaa akka nu irratti godhu heyyamuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe argisiisa. Mata dureen itti aanu immoo, dhimmoota gara garaa irratti yaada Yihowaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼee fi yaada isaa kan ofii keenyaa godhachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

YAADNI YIHOWAA FAAYIDAA QABEESSAA FI BARBAACHISAA DHA

5. Namoonni tokko tokko eenyu iyyuu dhiibbaa akka isaan irratti godhu kan hin barbaanne maaliifi?

5 Namoonni tokko tokko eenyu iyyuu yaada isaanii irratti dhiibbaa akka hin goone cimsanii mormu. “Ani yaada mataa koo qaba,” jedhu. Tarii yommuu akkas jedhan, murtoo ofii isaanii akka godhanii fi kana gochuun isaaniis sirrii akka taʼe dubbachuu isaanii taʼuu dandaʼa. Namni kam iyyuu akka isaan toʼatus taʼe, eenyummaa isaanii dabarsanii kennuu hin barbaadan. *

6. (a) Yihowaan bilisummaa akkamii nuuf kenneera? (b) Bilisummaan kun daangaa kan hin qabnedhaa?

6 Yaadni keenya yaada Yihowaa wajjin akka wal simu goona jechuun, yaada dhuunfaa keenyaa guutummaatti dhiisna jechuu miti. Akkuma 2 Qorontos 3:17 irratti ibsame, ‘bakka hafuurri Yihowaa jiru bilisummaan jira.’ Eenyummaa keenya isa adda baasee nu beeksisu guddifachuuf bilisummaa qabna. Filannaa dhuunfaa keenyaa qabaachuu fi wantoota irratti xiyyeeffachuu barbaannu filachuu ni dandeenya. Yihowaan kana akka goonu godhee nu uume. Haa taʼu malee, bilisummaa keenya daangaa malee itti fayyadamuu hin dandeenyu. (1 Pheexiros 2:16 dubbisi.) Wantoota sirrii taʼanii fi dogoggora taʼan ilaalchisee Yihowaan yaada isaa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsameen akka geggeeffamnu barbaada. Kun gar malee bilisummaa kan nama dhabsiisu dha moo, faayidaa kan qabu dha?

7, 8. Ilaalcha Yihowaan wantootaaf qabu horachuun gar malee bilisummaa kan nama hin dhabsiisne maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.

7 Mee fakkeenya tokko haa qorru. Warri ijoolleen isaanii amalawwan gaggaarii akka qabaatan carraaqqii godhu. Haqa qabeeyyii akka taʼan, jabaatanii akka hojjetanii fi namoota kaaniif akka yaadan isaan barsiisu taʼa. Kun gar malee bilisummaa isaanii kan daangessu miti. Kanaa mannaa, wanti warri godhan ijoolleen yommuu of dandaʼanii jiraatan milkaaʼina akka argatan isaan qopheessa. Ijoolleen yommuu guddatanii warra isaanii irraa adda baʼan filannoo mataa isaanii gochuuf bilisummaa qabu. Wantoota gaggaarii warra isaanii irraa barataniin jiraachuuf yoo filatan murtoo booda itti hin gaabbine gochuun isaanii hin oolu. Kanaan kan kaʼes, ofuma isaaniitiin rakkinaa fi dhiphina ofitti fiduu irraa bilisa taʼu.

8 Akkuma warra gaarii taʼan tokkoo, Yihowaan ijoolleen isaa jireenya hunda caalaa milkaaʼina qabu akka jiraatan barbaada. (Isa. 48:17, 18) Kanaafuu, naamusaa fi amala warra kaanitti argisiisuu qabnu ilaalchisee seera buʼuuraa nuuf kenneera. Dhimmoota akkasii wajjin haala wal qabateen, yaada isaa akka qabaannuu fi ulaagaa isaatiin akka jiraannu nu afeera. Kun bilisummaa nu dhabsiisuu mannaa, dandeettii yaaduu keenya dabala, ol kaasa akkasumas ni guddisa. (Far. 92:5; Fak. 2:1-5; Isa. 55:9) Kunis eenyummaa dhuunfaa keenyaa utuu hin dhabin filannoowwan gammachuu nuuf argamsiisan gochuuf nu gargaara. (Far. 1:2, 3) Eeyyee, akka Yihowaatti yaaduun faayidaa qabeessaa fi barbaachisaa dha!

YAADNI YIHOWAA HUNDA CAALA

9, 10. Yaadni Yihowaa kan addunyaa akka caalu kan mirkanaaʼe akkamitti?

9 Sababii kan biraan, waaqeffattoonni Yihowaa yaadni isaanii isa kan Waaqayyoo wajjin akka wal simu gochuu itti qaban, yaadni Yihowaa kan addunyaa kanaa irra kan caalu waan taʼeefi. Dhaabbileen addunyaa adda addaa naamusa, hariiroo maatii, hojiitti gammaduu fi kallattiiwwan jireenyaa kaan irratti gorsa kennaniiru. Gorsawwan kun hedduun isaanii yaada Yihowaa wajjin wal hin siman. Fakkeenyaaf, beekamtii argachuu barbaaduun yeroo baayʼee ni jajjabeeffama. Akkasumas halalummaan fudhatama akka qabutti ilaalama. Yeroo tokko tokko caalaatti gammachuu argachuuf sababiiwwan xixinnoo taʼaniin gargar baʼuu fi wal hiikuun barbaachisaa akka taʼe gorsi ni kennama. Gorsawwan akkasii Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu. Haa taʼu malee, yeroo ammaatti gorsi addunyaa gorsa Kitaaba Qulqulluu caalaa hojii irra ooluu kan dandaʼudhaa?

10 Yesuus, “Ogummaan qajeelaa taʼuun ishii hojii ishiitiin mirkaneeffameera” jedheera. (Mat. 11:19) Addunyaan teknooloojiidhaan guddina guddaa godheera; taʼus, rakkoowwan guguddaa gammachuu nama dhabsiisan kan akka waraanaa, sanyiidhaan wal qoqqooduu fi yakka balleessuu hin dandeenye. Waaʼee naamusaa akka laayyootti ilaaluun isaa hoo? Namoonni hedduun ilaalchi akkasii furmaata kennuu mannaa, maatiin diigamuu, dhukkubaa fi rakkoowwan kaaniif gumaacha akka godhe ibsu. Karaa kan biraa immoo, Kiristiyaanonni ilaalcha Waaqayyoo horatan, hariiroo maatii gaarii taʼeen, faayidaa naamusaan qulqulluu taʼuun argamsiisuun akkasumas namoota hidhata amantii isaanii addunyaa maratti argamanii wajjin nagaa qabaniin gammadaa jiru. (Isa. 2:4; HoE. 10:34, 35; 1 Qor. 6:9-11) Kun yaadni Yihowaa kan addunyaa irra akka caalu kan argisiisu mitii?

11. Museen yaada eenyuutiin geggeeffamaa ture? Kunoo buʼaa akkamii argamsiise?

11 Waaqeffattoonni dhugaan Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman yaadni Yihowaa caalmaa qabaachuu isaa hubataniiru. Fakkeenyaaf, Museen “ogummaa warra Gibxii hunda” kan barate taʼus, ‘ogummaa garaatti galfachuuf’ akka isa gargaaru Waaqayyoon gaafateera. (HoE. 7:22; Far. 90:12) Kana malees, “Karaa kee anatti argisiisi!” jechuudhaan cimsee kadhateera. (Bau. 33:13) Museen yaada Yihowaatiin geggeeffamaa waan tureef raawwii kaayyoo Yihowaa keessatti gaʼee guddaa qabaachuu isaa irra iyyuu, Kitaaba Qulqulluu keessatti nama amantii guddaa qabu taʼuun isaa kabajaan ibsameera.—Ibr. 11:24-27.

12. Phaawulos murtoon isaa maal irratti kan hundaaʼe ture?

12 Phaawulos ergamaan yoo xinnaate qooqa lama kan beeku siʼa taʼu, nama baratee fi dandeettii guddaa qabu ture. (HoE. 5:34; 21:37, 39; 22:2, 3) Taʼus, dhugaa buʼuuraa wajjin haala wal qabateen, ogummaa addunyaa tuffateera. Kanaa mannaa, murtoon isaa Kitaaba Qulqulluu irratti akka hundaaʼu godheera. (Hojii Ergamootaa 17:2; 1 Qorontos 2:6, 7, 13 dubbisi.) Kanaan kan kaʼes, Phaawulos tajaajila isaa irratti milkaaʼina argateera akkasumas jireenya bara baraa akka badhaafamu abdachuu dandaʼeera.—2 Xim. 4:8.

13. Yaadni keenya kan Yihowaa wajjin akka wal simu gochuuf itti gaafatamummaa kan qabu eenyu?

13 Shakkii tokko malee, yaadni Waaqayyoo yaada addunyaa yeroo harʼaa jiruu irra ni caala. Yaada isaatiin jiraachuun, gammachuu guddaa fi milkaaʼina hunda caalu nuuf argamsiisa. Haa taʼu malee, Yihowaan yaada isaa akka fudhannu nu hin dirqisiisu. “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” yaada namootaa hin toʼatu, jaarsoliinis akkas gochuu hin qaban. (Mat. 24:45; 2 Qor. 1:24) Kanaa mannaa, tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa yaadni isaa ykn ishii kan Yihowaa wajjin akka wal simu gochuuf itti gaafatamummaa dhuunfaa qabu. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

SIRNI KUN DHIIBBAA AKKA ISIN IRRATTI GODHU HIN HEYYAMINAA

14, 15. (a) Akka Yihowaatti yaaduuf maal irratti xiinxaluu qabna? (b) Akka Roomaan 12:2 jedhutti, yaada addunyaa irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.

14 Roomaa 12:2 irratti gorsi, “Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne ofuma keessanii mirkaneeffachuu akka dandeessaniif, sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa” jedhu nuuf kennameera. Jechoonni geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun dhugaa barachuu keenya dura yaada keenya irratti dhiibbaa kan godhe maal iyyuu yoo taʼe, yaadni keenya kan Waaqayyoo wajjin akka wal simu gochuu akka dandeenyu argisiisu. Dhugaa dha, wanti warra keenya irraa dhaallee fi muuxannoon dabarsine hamma tokko yaada keenya irratti dhiibbaa godhu. Taʼus sammuun salphaatti wanta haaraa fudhachuu fi jijjiiramuu isaa itti fufuu ni dandaʼa. Jijjiiramni akkasii garri caalaan isaa wanta sammuu keenyaatti akka galu heyyamnuu fi wanta irratti xiinxaluuf filannu irratti kan hundaaʼe dha. Akkaataa Yihowaan itti yaadu irratti xiinxaluudhaan, ilaalchi isaa sirrii taʼuu isaa mirkaneeffachuu dandeenya. Kana kan goonu yoo taʼe, yaadni keenya kan Yihowaa wajjin akka wal simu gochuuf fedhii qabaanna.

15 Haa taʼu malee, sammuu keenya jijjiirree akkaataa Yihowaan yaadutti yaaduuf, ‘sirni kun dhiibbaa akka nu irratti godhu heyyamuu keenya dhaabuu’ akka qabnu hubadhaa. Yaadawwanii fi ilaalchawwan yaada Waaqayyootiin morman sammuu keenyatti galchuu keenya dhaabuu qabna. Tarkaanfii jalqabaa kana nyaata akka fakkeenyaatti fudhachuudhaan ibsuun ni dandaʼama. Namni tokko nyaata madaalamaa nyaachuudhaan fayyaa isaa fooyyessuuf yaaluu dandaʼa. Taʼus, yeroo hunda nyaata faalamaa taʼes ni nyaata yoo taʼe, kun faayidaa maalii isaaf argamsiisa? Haaluma wal fakkaatuun, sammuu keenya yaada addunyaatiin mancaasaa jirra yoo taʼe, yaada Yihowaa soorachuun keenya faayidaa nuuf hin argamsiisu.

16. Maal irraa of eeguu nu barbaachisa?

16 Yaadni addunyaa matumaa gara sammuu keenyaatti akka hin galle gochuu ni dandeenyaa? Lakki, qaamaan addunyaa keessaa baʼuu hin dandeenyu. Yaadawwan addunyaa tokko tokkoof akka hin saaxilamne gochuu hin dandeenyu. (1 Qor. 5:9, 10) Hojiin lallabaa mataan isaa yaadawwan dogoggoraa wajjin akka wal qunnamnu nu godha. Yaadawwan ilaalcha Waaqayyoo wajjin wal hin simne irraa guutummaatti fagaachuu kan hin dandeenye taʼus, irratti xiinxaluu ykn fudhachuu hin qabnu. Akkuma Yesuus yaadawwan kaayyoo Seexanaa galmaan gaʼan irraa dafnee fagaachuu qabna. Kana malees, utuu hin barbaachisin, yaada addunyaatiif saaxilamuu irraa of eeguu ni dandeenya.—Fakkeenya 4:23 dubbisi.

17. Karaawwan utuu hin barbaachisin yaada addunyaatiif akka hin saaxilamne gochuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi?

17 Fakkeenyaaf, namoota michuu dhihoo nuuf taʼan yommuu filannu of eeggannoo gochuu qabna. Kitaabni Qulqulluun namoota Yihowaa hin waaqeffanne michuu yoo godhanne yaadni isaanii nutti darbuu akka dandaʼu nu akeekkachiisa. (Fak. 13:20; 1 Qor. 15:12, 32, 33) Bashannanas of eeggannoodhaan filachuu ni dandeenya. Bashannana barumsa jijjiirama tirannaa, hammina ykn halalummaa jajjabeessu irraa fagaachuudhaan, sammuun keenya yaadawwan, ‘beekumsa Waaqayyoo mormaniin’ akka hin faalamne gochuu ni dandeenya.—2 Qor. 10:5.

Ijoolleen keenya bashannana miidhaa geessisu irraa akka fagaatan ni gargaarraa? (Keeyyata 18, 19 ilaali)

18, 19. (a) Yaadawwan addunyaa karaa dhokataa taʼeen babalʼifaman irraa of eeguu kan qabnu maaliifi? (b) Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna? Maaliifi?

18 Kana malees, yaadni addunyaa karaawwan ifaa hin taaneen yommuu nuuf dhihaatu adda baasnee beekuu fi irraa fagaachuu qabna. Fakkeenyaaf, oduun gabaafame tokko yaada siyaasaa tokko akka deggeru haala argisiisuun dhihaachuu dandaʼa. Seenaan tokko galma namootaa fi wantoota namoonni raawwatan ilaalchisee yaada addunyaan qabuuf bakka guddaa kan kennu taʼuu dandaʼa. Fiilmonnii fi kitaabonni tokko tokko falaasama ‘dursa ofiif’ akkasumas ‘dursa maatii ofiitiif’ jedhu jajjabeessuudhaan, yaadawwan akkasii ragaa sirrii irratti kan hundaaʼan, kan nama hawwatanii fi sirrii akka taʼan fakkeessu. Haa taʼu malee, ilaalchawwan akkasii Kitaaba Qulqulluu tilmaama keessa kan galchan miti. Kitaabni Qulqulluun nutis taane maatiin keenya gammachuu dhugaa argachuu kan dandeenyu hunda caalaa Yihowaa yoo jaallanne akka taʼe ibsa. (Mat. 22:36-39) Seenaawwan ijoolleedhaaf qophaaʼan tokko tokko dogoggora yoo taʼuu baatanis, ijoolleen karaa dhokataa taʼeen amalawwan naamusaan ala taʼan akka fudhatan gochuu dandaʼu.

19 Kana jechuun bashannana gaarii taʼetti gammaduun dogoggora dha jechuu miti. Taʼus, gaaffiiwwan kana of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Barumsawwan addunyaa karaa ifa hin taaneen yeroo babalʼifaman illee, adda baasnee ni beeknaa? Ijoolleen keenya ykn nuti illee sagantaalee ykn barreeffamoota tokko tokkoof akka hin saaxilamne ni daangessinaa? Yaadawwan addunyaa ijoolleen keenya dhagaʼan ykn argan yaada Yihowaatiin ni diignaa?’ Garaagarummaa yaada Waaqayyoo fi kan addunyaa gidduu jiru hubachuudhaan, ‘sirni kun dhiibbaa akka nu irratti godhu heyyamuu’ irraa fagaachuu ni dandeenya.

AMMA EENYUTU DHIIBBAA ISIN IRRATTI GOCHAA JIRA?

20. Dhiibbaa kan nu irratti godhu yaada Waaqayyoo ykn yaada addunyaa taʼuu isaa kan murteessu maali dha?

20 Maddawwan odeeffannoo lama qofatu jira; isaanis Yihowaa fi addunyaa toʼannaa Seexanaa jala jiru akka taʼan yaadadhaa. Madda isa kamtu dhiibbaa nu irratti gochaa jira? Deebiin isaa, madda isa nuti odeeffannoo irraa argannu dha. Yaada addunyaa kan fudhannu yoo taʼe, ilaalcha foonii fi amala dogoggoraa akka qabaannu nu gochuudhaan yaada keenya irratti dhiibbaa godha. Wanta sammuun keenya akka irratti xiinxalu heyyamnu of eeggannoodhaan filachuun keenya barbaachisaa kan taʼe kanaafi.

21. Mata duree itti aanu irratti wanta barbaachisaa akkamiitu ibsama?

21 Akkuma olitti ibsame, yaada Yihowaa qabaachuuf, sammuu keenya dhiibbaa nama mancaasu irraa eeguu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Yaada Yihowaa kan ofii keenyaa godhachuuf, yaada Waaqayyoo soorachuu qabna. Mata dureen itti aanu kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

^ key. 5 Dhugaan isaa garuu, namoonni falaasota beekamoo taʼan illee, dhiibbaan akka isaan irratti hin godhamne gochuu hin dandaʼan. Wantoota gurguddaa akka jireenyi akkamitti akka jalqabe irratti yaaduu ykn wantoota xixinnoo akka wanta uffatan murteessuu irratti, hamma tokko namoota irratti warri kaan dhiibbaa ni godhu. Haa taʼu malee, namoota dhiibbaa akka nu irratti godhan heyyamnu filachuu ni dandeenya.