Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaadhaaf Kennaa Akkamii Kennuu Dandeenya?

Yihowaadhaaf Kennaa Akkamii Kennuu Dandeenya?

YEROO tokko Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedhee ture. (HoE. 20: 35) Dhugaan buʼuuraa kun hariiroo Yihowaa wajjin qabnu irrattis ni hojjeta. Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaan kennaawwan gammachuu nuuf argamsiisan hedduu nuu kenneera; haa taʼu malee Yihowaadhaaf kennaa kennuudhaan caalaatti gammachuu argachuu ni dandeenya. Yihowaadhaaf kennaa akkamii kennuu dandeenya? Fakkeenyi 3:9, (NW) “Qabeenya kee isa gatii guddaa qabuun, . . . Yihowaadhaaf ulfina kennijedha. ‘Qabeenyi keenya inni gatii guddaa qabu’ yeroo, dandeettii, humnaa fi qarshii keenya kan dabalatu dha. Qabeenya akkasii waaqeffannaa dhugaa babalʼisuuf yommuu itti fayyadamnu Yihowaadhaaf kennaa kennina, kana gochuun keenya immoo gammachuu guddaa nuuf argamsiisa.

Qabeenya keenya Yihowaadhaaf kennuu akka hin daganne maaltu nu gargaara? Phaawulos ergamaan, warri Qorontos wanta buusii godhan ‘adda baasanii akka kaaʼan’ isaan gorseera. (1 Qor. 16:2) Naannoo keessanitti mala buusii gochuuf gargaaru ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf maal gochuu dandeessu? Saanduqa armaan gadii ilaalaa.

Intarneetiidhaan buusii gochuun kan dandaʼamu biyya hunda keessatti miti. Haa taʼu malee, karaa kan biraa buusii gochuu ilaalchisee intarneetii irraa odeeffannoo argachuun ni dandaʼama. Biyyoota tokko tokko keessatti barreeffamni intarneetii irratti argamu buusii ilaalchisee gaaffii yeroo baayʼee kaʼuuf deebii kenna.