Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Oneesimii fi Geeraaldinii

Eebba Guddaa Namoonni Biyya Dhalootaa Isaaniitti Deebiʼan Argatan

Eebba Guddaa Namoonni Biyya Dhalootaa Isaaniitti Deebiʼan Argatan

OBBOLOONNII fi obboleettonni hedduun kanaan dura biyyoota guddachaa jiran irraa gara biyyoota guddatanii deemanii turan gara biyya dhalootaa isaanitti deebiʼaniiru. Jaalala Yihowaa fi namootaaf qabaniin kakaʼanii gara naannoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemaniiru. (Mat. 22:37-39) Aarsaa akkamii kaffalaniiru? Eebbi isaan argatan hoo maalidha? Kana hubachuuf, biyya Kaameeroon ishii Afriikaa dhihaatti argamtu irratti haa xiyyeeffannu.

“‘QURXUMMII QABUUF’ IDDOO SIRRI TAʼE”

Bara 1998⁠tti obboleessi Oneesim jedhamu biyya dhalootaa isaa irraa gara biyya kan biraatti godaane. Waggaa 14f biyya alaa jiraateera. Gaaf tokko, gumii irratti fakkeenya waaʼee hojii lallabaa ibsu dhagaʼe. Obboleessi haasaa dhiheessu akkas jedhee ture: “Michoonni lama iddoo gara garaatii qurxummii qabaa jiru yoo taʼee fi inni tokko isa tokko caalaa qurxummii hedduu qabaa jira yoo taʼe, inni qurxummii muraasa qabaa jiru gara iddoo qurxummii hedduun itti qabamuu hin deemuu?”

Fakkeenyi kun Oneesim biyya Kaameeroon bakka namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu barbaadanitti deebiʼee babalʼistoota naannichaa gargaaruu akka yaadu isa taasiseera. Taʼus, wantoonni isa yaaddessan jiru. Waggoota hedduudhaaf biyya alaa erga jiraatee booda biyya dhalootaa isaa jiraachuutti ni baraa? Kana beekuuf, Oneesimeen jiʼa jaʼaaf Kaameeroon dhaqe. Achiis bara 2012⁠tti, dhaabbataadhaan jiraachuuf deebiʼee.

Oneesim akkas jedheera: “Qilleensa hoʼaa fi haala jireenyaatti baruuf sirreeffama gochuun na barbaachiseera. Galma Walgaʼiitti teessuma mijataa hin taane irra taaʼuutti baruun na barbaachiseera.” Dabalataanis seeqaa akkas jedheera: “Taʼus, caalaatti yommuun saganticha irratti xiyyeeffadhu, waaʼee teessuma mijataa galmawwan walgaʼii kan birootti argamanii caalaattan irraanfadhe.”

Bara 2013⁠tti Oneesim, Geeraaldinii ishii waggaa sagaliif Faransaay jiraattee fi Kaameeroon jiraachuuf deebite fuudhe. Hiriyoonni gaaʼelaa kun jireenyi isaanii sochiiwwan tiʼookraasii irratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan eebbawwan akkamii argataniiru? Oneesimeen akkas jedheera: “Hiriyaa gaaʼelaa koo wajjin Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaatti baranneerra, akkasumas Betʼelitti tajaajilleerra. Waggaa darbeetti gumii keenyatti qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu 20 cuuphamaniiru. Amma ‘qurxummii qabuuf’ iddoo gaarii akkan jiru natti dhagaʼama.” (Mar. 1:17, 18) Geeraaldiniis itti dabaluudhaan akkas jettetti: “Hamman yaadee ol eebba guddaa argadheera.”

GAMMACHUU BARATTOOTA GOCHUUDHAAN ARGAMU

Juudiitii fi Saam-Kaastee

Juudiit gara Yunaayitid Isteetisitti kan godaante taʼus, tajaajila ishii balʼifachuu barbaaddi turte. Akkas jettetti, “Yeroon maatii koo Kaameeroon jiran gaafachuu deeme hundatti, namootan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiise dhiisee waanan deemuuf baayʼeen boʼa ture.” Haa taʼu malee, Juudiit Kaameeroonitti deebiʼuuf duubatti jetti turte. Hojiin ishii mindaa gaarii ishiidhaaf argamsiisa, kun immoo yaalii fayyaa abbaa ishii Kaameeroon jiruuf kaffaluuf ishii gargaara. Taʼus, Juudiit Yihowaatti amanamuudhaan gara Kaameeroonitti deebite. Jireenya mijataa biyya alaatti jiraachaa turte tokko tokko akka yaaddu hin haalle. Sirreeffama gochuuf akka ishii gargaaru Yihowaa kadhatte, akkasumas ilaaltuun ol aanaa aanaa fi haati manaa isaa ishii jajjabeessuudhaan ishii gargaaraniiru.

Juudiit duubatti deebitee yeroo yaaddu akkas jettetti: “Waggaa sadii gidduutti ijoollee hafuuraa afur argachuudhaan baayʼee gammadeera.” Juudiit qajeelchituu addaa taʼuudhaan tajaajiluu jalqabde. Yeroo harʼaa, abbaa manaa ishii Saam-Kaasteel faana hojii daawwannaa irratti hirmaachaa jirti. Haa taʼu malee, abbaan Juudiit akkam taʼe? Ishii fi maatiin ishii biyya alaatti hospitaala yaalii fayyaa baqaqsanii hodhuu tolaan abbaa ishiitiif godhu argachuu dandaʼaniiru. Kan nama gammachiisu immoo, yaaliin kunis milkaaʼeera.

GARGAARSA YIHOWAA ARGACHUU

Kaarooliinii fi Viktoor

Obboleessi Viktoor jedhamu Kaanaadaa deemee jiraachuu jalqabe. Achiis, Masaraa Eegumsaa waaʼee barumsa sadarkaa ol aanaa ibsu erga dubbisee booda, waaʼee barumsa isaa yaaduu jalqabe. Barumsa Yuunivarsitiitti hordofu dhiisee leenjii ogummaa harkaa yeroo gabaabaa fudhachuu jalqabe. Obboleessi kun akkas jedheera: “Kana gochuun koo dafee akkan hojii argadhuu fi yeroo dheeraadhaaf hawwii koo isan qajeelchaa taʼee tajaajiluuf qabu, akkan raawwadhu na gargaareera.” Booda, Viktoor Kaarooliiniin kan fuudhe siʼa taʼu, hiriyoonni gaaʼelaa kun kaameeron daawwatan. Biyya kanatti yeroo waajjira damee daawwatan, waaʼee Kaameeronitti tajaajiluu akka yaadan jajjabeeffaman. Viktoor akkas jedheera: “Jireenya keenya salphaa goonee waan turreef, afeerraa kana fudhachuu diduuf sababa hin qabnu, afeerricha fudhachuu ni dandeenya.” Kaarooliin dhibee fayyaa tokko tokko kan qabdu taʼus, Kaameeroon deemuf murteessan.

Viktoorii fi Kaarooliin namoota hedduu Kitaaba Qulqulluu barachuu barbaadan gargaaruuf, qajeelchitoota taʼanii tajaajiluu jalqaban. Yeroo muraasaaf qarshii qusataniin jiraachuu dandaʼaniiru. Sana booda, jiʼoota muraasaaf Kaanaadaa deemanii kan hojjetan yoo taʼu, kun immoo Kaameeroonitti deebiʼanii qajeelchitoota taʼanii itti fufuuf isaan gargaareera. Maarree eebbawwan akkamii argatan? Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa kan hirmaatan siʼa taʼu, qajeelchitoota addaa taʼanii tajaajilaniiru, amma immoo tajaajiltoota ijaarsaa taʼanii hojjechaa jiru. Viktoor akkas jedheera: “Haala mijataa qabnu dhiisuun keenya, gargaarsa Yihowaan nuuf godhu akka hubannu nu gargaareera.”

GAMMACHUU NAMOONNI YIHOWAADHAAF AKKA OF MURTEESSAN GARGAARUUDHAAN ARGAMU

Isteefaanee fi Alaayin

Bara 2002, Alaayin inni Jarmanitti Yunvarsiitiitii baratu, tiraaktii DargaggootaaJireenya Keessanitti Maal Gochuu Yaaddu? jedhu dubbise. Yaadni inni achi irraa dubbise galma haaraa akka baafatu isa kakaase. Achiis bara 2006 Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa kan hirmaate siʼa taʼu, biyya dhalootaa isaa Kaameeroonitti ramadame.

Alaayin Kaameeroonitti hojii saʼaatii muraasaaf hojjetamu argate. Booda immoo, hojii mindaa gaarii isaaf argamsiisu kan argate taʼus, hirmaannaan tajaajila irratti godhu na jalaa hirʼisuu dandaʼa jedhee yaaddaʼe. Kanaafuu, qajeelchaa addaa akka taʼu yommuu affeerraan isaaf dhihaatu mamii malee fudhate. Yeroo kanatti Hojjechiisaan isaa mindaa guddaa akka isaaf kaffalu kan itti hime taʼus, Alaayin garuu murtoo godhe hin jijjiirre. Alaayin booda Isteefaanee ishii waggoota hedduuf Faransaayi jiraatte fuudhe. Isteefaaneen Kaameeeroon erga dhuftee booda rakkoowwan akkamiitu ishii mudate?

Akkas jetteetti: “Dhibeewwan fayyaa xixinnoo taʼan hedduunii fi alarjii kanan qabu taʼus, yaalii fayyaa dhaabbataa waanan argadheef boqonnaa argachuu dandaʼeera.” Hiriyoonni gaaʼelaa kun jabaatanii dhaabbachuun isaanii eebba isaaniif argamsiiseera. Alaayin akkas jedheera: “Mandara fagoo Kaatee jedhamtutti lallabuuf yommuu deemnu, namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu barbaadan hedduu arganne. Booda bilbilaan isaan qoʼachiisuu dandeenyeerra. Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu lama kan cuuphaman siʼa taʼu, tuutni babalʼistootaa tokko hundeeffameera.” Isteefaaneen itti dabaluudhaan akkas jetteetti: “Namoonni Yihowaadhaaf akka of murteessan gargaaruu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru. Asitti tajaajiluu keenyaan gammachuu akkasii al hedduu arganneerra.” Yeroo harʼaa Alaayinii fi Isteefaaneen hojii dawwaannaa irratti hirmaachaa jiru.

“WANTUMA GOCHUU QABNU GOONE”

Liyoonsii fi Giseelee

Giseeleen Xaaliyaanitti utuu barumsa yaalii fayyaa barachaa jirtuu cuuphamte. Jireenyi salphaa hiriyoonni gaaʼelaa qajeelchitoota taʼanii fi Kitaaba Qulqulluu ishii qoʼachiisan ishii dinqisiise, akkasumas caalaatti tajaajila irratti hirmaachuu barbaadde. Kanaafuu, Giseeleen barumsa ishii utuma fiixaa jirtuu qajeelchituu yeroo hundaa taatee tajaajiluu jalqabde.

Giseeleen Kaameeroonitti deebitee caalaatti Yihowaa tajaajiluuf fedhii kan qabdu taʼus, wanti ishii yaaddessu jira ture. Akkas jettetti: “Mirgan Xaaliyaanii jiraachuuf seeraan argadhe dhabuun qaba ture, akkasumas michootaa fi maatiiwwan koo Xaaliyaanii jiraatan wajjin gargar baʼuun na barbaachiseera.” Haa taʼu malee, Giseeleen Caamsaa 2016 Kaameeroonitti deebite. Yeroo muraasa booda, obboleessa Liyoonsitti heerumte, waajjirri damee Kaameeroon magaalaa Ayoos bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti akka tajaajilan yaada isaaniif dhiheesse.

Ayoositti jireenyi maal fakkaata ture? Giseeleen akkas jettetti: “Yeroo baayʼee torban muraasaaf elektiriikiin hin jiraatu, kanaaf, bilbila keenya chaarjii godhachuu hin dandeenyu. Yeroo baayʼee hojii hin hojjetan. Ibiddaa qoraaniin bobeeffame irratti nyaata bilcheessuu baradheera, akkasumas halkan yeroo dabareen hin baayʼannetti gaarii fi ibsaa qabannee burqituu keessaa bishaan waraabbachuu deemna turre.” Hiriyoonni gaaʼelaa kun rakkina kana kan dandamatan akkamitti? Giseeleen akkas jetteetti: “Hafuurri Yihowaa, hiriyaani gaaʼelaa nama deggeru, jajjabinni maatii fi michoota keenya irraa argannu, yeroo tokko tokko immoo deggersi qarshii isaan nuuf godhan nu gargareera.”

Giseeleen biyya dhalootaa ishiitti deebiʼuun ishii ishii gammachiiseeraa? Akkas jetteetti: “Eeyyee! Baayʼee na gammachiiseera. Jalqaba irratti rakkoowwanii fi miirri abdii kutachuu nu mudatanii kan turan taʼus, wantoota kana erga moonee booda, anii fi abbaan manaa koo wantuma gochuu qabnu akka goone nutti dhagaʼameera. Yihowaatti amanamneerra akka isatti dhihaannees nutti dhagaʼameera.” Liyoonsii fi Giseeleen Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa kan hirmaatan siʼa taʼu, amma qajeelchitoota addaa yeroo muraasaa taʼanii tajaajilaa jiru.

Akkuma qurxummii qabdoota qurxummii hedduu qabuuf haala rakkisaa keessatti ija jabina argisiisanii, namoonni biyya dhalootaa isaanitti deebiʼan, warra ergaa Mootummichaa fudhachuuf garaa qajeelaa qaban gargaaruuf fedhiidhaan aarsaa kafalu. Yihowaan jaalala babalʼistoonni jabaatanii hojjetan kun maqaa isaatiif argisiisan akka yaadatu beekamaa dha. (Neh. 5:19; Ibr. 6:10) Biyya alaa jiraatta yoo taʼee fi biyya dhalootaa keetti babalʼistoonni ni barbaachisu yoo taʼe, biyya dhalootaa keetti deebiʼuu ni dandeessaa? Yoo akkas goote eebba hedduu argatta.—Fak. 10:22.