Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Mordekaay dhugumaan jiraateeraa?

YIHUDIIN Mordekaay jedhamu taʼeewwan kitaaba Asteer isa kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼe keessatti ibsaman keessatti shoora guddaa taphateera. Mordekaay boojuudhaan fudhatamee mana mootummaa Faarsi keessatti hojjechaa ture. Yeroon isaa Dh.K.D. jalqaba jaarraa shanaffaatti, jechuunis “bara Ahaashweros [Mootichaatti]” ture. (Mootiin kun yeroo harʼaatti maqaa Xaraksiis Tokkoffaa jedhuun beekama.) Mordekaay mala haxxummaa mooticha ajjeesuuf qopheeffamee ture saaxileera. Mootichis gocha isaa kana waan dinqisiifateef Mordekaayiif uummata duratti ulfina kenneera. Boodas, Haamaan inni diina Mordekaayii fi Yihudoota kaanii taʼe erga ajjeefamee booda, mootichi ministeera muummee godhee isa muudeera. Mordekaay aangoo kana qabaachuun isaa labsii Yihudoota Bulchiinsa Faarsi keessa jiran duguuggaa sanyii irraa oolchu baasuuf isa dandeessiseera.—As. 1:1; 2:5, 21-23; 8:1, 2; 9:16.

Naannoo jalqaba jaarraa 20​ffaatti hayyoonni seenaa kitaabni Asteer asoosama akka taʼee fi Mordekaay nama dhugumaan jiraate akka hin taane dubbachuu jalqaban. Haa taʼu malee, bara 1941​tti qorattoonni arkiyooloojii ragaa wanta Kitaabni Qulqulluun waaʼee Mordekaay dubbatu deggeruu dandaʼu argatan. Wanti argatan kun maalidha?

Qorattoonni barreeffama kiyuniifoormii Faarsi maqaa nama Maardukaa (Afaan Oromootiin Mordekaay) jedhamu qabate tokko argatan. Namichi kun Shushaan keessatti bulchaa taʼee hojjeteera (itti gaafatamaa maallaqaa taʼuu hin oolu). Hayyuu seenaa warra Bahaa kan taʼan Artar Unginaad yeroo sanatti Kitaaba Qulqulluudhaa alatti maqaa Mordekaay jedhu kan caqasu kiyuniifoormii kana qofa akka taʼe gabaasanii turan.

Unginaad gabaasa kana erga dhiheessanii booda hayyoonni kiyuniifoormota Faarsi kumaan lakkaaʼaman hiikaniiru. Isaan keessaa tokko gabateewwan jijjigaa magaalaa Parsapoliis keessatti argamanidha; gabateewwan kun kan argaman Mana Qabeenyaa dallaa magaalatti biratti argamu keessattidha. Gabateewwan kun kan qophaaʼan bara bulchiinsa Xaraksiis Tokkoffaattidha. Kan barreeffaman Afaan Elaamiin yeroo taʼu, maqoota kitaaba Asteer keessatti ibsaman garaa garaa qabataniiru. a

Maqaa Mordekaay (Maardukaa) barreeffama kiyuniifoormii Faarsirratti argamu

Gabateewwan Parsapoliis garaa garaa maqaa Maardukaa isa bara Xaraksiis Tokkoffaatti mana mootummaa Shushaanitti argamu keessatti barreessaa mootichaa taʼee tajaajilaa turee qabataniiru. Gabateen tokko Maardukaan hojii hiikkaa akka hojjetu ibseera. Ibsi kun yaada Kitaabni Qulqulluun waaʼee Mordekaay dubbatu wajjin kan wal simudha. Mordekaay abbaa taayitaa mana mootummaa Ahaashweros Mootichaa (Xaraksiis Tokkoffaa) keessatti tajaajilaa turee fi yoo xinnaate afaan lama dubbachuu dandaʼudha. Yeroo baayʼee mana mootummaa Shushaanitti argamu keessa karra mootichaa bira taaʼa ture. (As. 2:19, 21; 3:3) Karri kun gamoo guddaa abbootiin taayitaa mana mootummaa itti hojjetanidha.

Yaanni gabateewwan sanarratti waaʼee Maardukaa ibsamee fi yaanni Kitaaba Qulqulluu keessatti waaʼee Mordekaay ibsame baayʼee wal fakkaata. Barri keessa jiraatanii fi bakki jiraatan wal fakkaata, akkasumas bakka hojii wal fakkaataa taʼetti abbaa taayitaa taʼanii tajaajilaniiru. Argannoowwan arkiyooloojii kun hundi namichi Maardukaa jedhamuu fi Mordekaay inni kitaaba Asteer keessatti ibsame namuma tokko akka taʼan argisiisu.

a Bara 1992​tti Pirofeesar Edwiin Yaamuchiin maqoota barreeffama Parsapoliis irratti caqasamanii fi kitaaba Asteer keessatti ibsaman kudhan barreeffama isaaniirratti caqasaniiru.