Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 47

Wanti Akkamiiyyuu Yihowaarraa Akka Gargar Si Baasu hin Heyyamin

Wanti Akkamiiyyuu Yihowaarraa Akka Gargar Si Baasu hin Heyyamin

“Yaa Yihowaa, ani . . . sittan amanama.”—FAR. 31:14.

FAARFANNAA 122 Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa!

QABIYYEE a

1. Yihowaan nutti dhihaachuu akka barbaadu akkamitti beekna?

 YIHOWAAN akka isatti dhihaannu nu afeereera. (Yaq. 4:8) Inni Waaqa keenya, Abbaa keenyaa fi Michuu keenya taʼuu barbaada. Kadhannaa keenyaaf deebii ni kenna, akkasumas yeroo haalli ulfaataan nu mudatutti nu gargaara. Kana malees, jaarmiyaa isaatti fayyadamee nu barsiisa, akkasumas eegumsa nuuf godha. Maarree, Yihowaatti dhihaachuuf maal gochuu qabna?

2. Yihowaatti dhihaachuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan, akkasumas Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan isatti dhihaachuu dandeenya. Akkas gochuun keenya garaan keenya jaalalaa fi dinqisiifannaa isaaf qabnuun akka guutamu godha. Akkasumas, isaaf ajajamuu fi ulfina isaaf malu isaaf kennuuf kakaana. (Mul. 4:11) Caalaatti Yihowaa beekaa yommuu deemnu, isattis taʼe jaarmiyaa inni nu gargaaruuf qopheessetti caalaatti amanamaa deemna.

3. Diyaabilos Yihowaarraa gargar nu baasuuf kan yaalu akkamitti? Waaqa keenyaa fi jaarmiyaa isaa matumaa akka hin dhiisne wanti nu gargaaru hoo maalidha? (Faarfannaa 31:13, 14)

3 Haa taʼu malee, Diyaabilos keessumaa yeroo haalli rakkisaan nu mudatutti Yihowaarraa gargar nu baasuuf yaalii godha. Kana gochuuf mala akkamiitti fayyadama? Suutuma suuta amantii Yihowaa fi jaarmiyaa isaarratti qabnu balleessuuf yaalii godha. Taʼus, tooftaa isaa kanarraa of eeguu ni dandeenya. Amantiin Waaqa keenyarratti qabnu cimaa yoo taʼe isas taʼe jaarmiyaa isaa hin dhiisnu.—Faarfannaa 31:13, 14 dubbisi.

4. Mata duree kana keessatti maal qorra?

4 Mata duree kana keessatti qorumsawwan gumiidhaa ala nu mudatan sadi qorra. Qorumsawwan kun amanannaa Yihowaa fi jaarmiyaa isaarratti qabnu laaffisuu dandaʼu. Qorumsawwan kun Yihowaarraa gargar nu baasuu kan dandaʼan akkamitti? Carraaqqii Seexanni godhu dandamachuuf hoo maal gochuu dandeenya?

YOMMUU RAKKINNI NU MUDATU

5. Rakkinni nu mudatu amantii Yihowaa fi jaarmiyaa isaarratti qabnu laaffisuu kan dandaʼu akkamitti?

5 Yeroo tokko tokko mormii maatii fi hojii dhabuu dabalatee rakkinni garaa garaa nu mudata. Qorumsawwan akkasii amantii Yihowaa fi jaarmiyaa isaarratti qabnu laaffisuu fi Yihowaarraa gargar nu baasuu kan dandaʼan akkamitti? Yeroo dheeraadhaaf rakkinni yommuu nurra gaʼu abdii kutachuu fi dhiphinaan liqimfamuu dandeenya. Seexanni carraa akkasiitti fayyadamee Yihowaan kan nu jaallatu taʼuu isaa akka shakkinu gochuuf yaala. Diyaabilos rakkina nurra gaʼuuf kan itti gaafatamu Yihowaa fi jaarmiyaa isaa akka taʼetti akka yaannu gochuu barbaada. Haalli akkasii Israaʼelota Gibxii keessa turan tokko tokko mudateera. Israaʼelonni jalqabarratti Yihowaan garbummaa jalaa isaan baasuuf Musee fi Aaroniin akka isaaniif muude amananii turan. (Bau. 4:29-31) Haa taʼu malee, yeroo Faraʼoon jireenyi akka isaanitti ulfaatu godhetti rakkina isaanirra gaʼeef Musee fi Aaroniin komataniiru. ‘Isin Faraʼoonii fi tajaajiltoonni isaa akka nu tuffatan gootaniittu, akkasumas akka nu ajjeesaniif harka isaanii keessa goraadee keessaniittu’ isaaniin jedhaniiru. (Bau. 5:19-21) Isaan tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan kana komataniiru. Akkas gochuun isaanii nama gaddisiisa! Yeroo dheeraadhaaf rakkina dandamachaa jirta taanaan, amantiin Yihowaa fi jaarmiyaa isaarratti qabdu cimaa taʼee akka itti fufu gochuu kan dandeessu akkamitti?

6. Rakkina dandamachuu ilaalchisee Anbaaqom raajicharraa maal baranna? (Anbaaqom 3:17-19)

6 Wanta garaa kee keessa jiru kadhannaadhaan Yihowaatti himi, gargaarsa isaa argachuufis yaali. Anbaaqom raajicha rakkoowwan hedduun mudataniiru. Yeroo taʼe tokkotti Yihowaan akka isaaf yaadu shakkee waan ture fakkaata. Kanaafuu, miira isaa kadhannaadhaan Yihowaatti hime. Akkana jedheera: “Yaa Yihowaa, iyya ani gargaarsa argachuuf dhageessisu kan hin dhageenye hamma yoomiitti? . . . Cunqursaa hoo maaliif callistee ilaalta?” (An. 1:2, 3) Yihowaanis kadhannaa tajaajilaan isaa amanamaan kun garaadhaa dhiheesseef deebii kenneera. (An. 2:2, 3) Anbaaqom gocha fayyinaa Yihowaarratti erga xiinxalee booda gammachuu isaa deebisee argateera. Yihowaan akka isaaf yaaduu fi rakkina isa mudate kamiyyuu akka dandamatu akka isa gargaaru mirkanaaʼaa taʼeera. (Anbaaqom 3:17-19 dubbisi.) Seenaa kanarraa barumsa akkamii arganna? Rakkinni yeroo si mudatu, miira sitti dhagaʼamu kadhannaadhaan Yihowaatti himi. Achiis gargaarsa isaa argachuuf yaali. Yoo akkas goote Yihowaan cimina jabaattee dhaabbachuuf si barbaachisu akka siif kennu amanannaa qabaachuu dandeessa. Yommuu gargaarsa isaa argattummoo amantiin isarratti qabdu ni cima.

7. Firri Shirliin tokko maal ishii amansiisuuf yaalaa ture? Amantii Yihowaarratti qabdu akka hin dhabne wanti ishii gargaare hoo maalidha?

7 Barsiifata hafuuraa gaarii qabaadhu. Obboleettiin Shirlii jedhamtuu fi Paappuwaa Niwu Giinii jiraattu yeroo haalli rakkisaan ishii mudatetti barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuun ishii kan ishii gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu. b Maatiin Shirlii hiyyeeyyii waan taʼaniif, yeroo tokko tokko nyaata gaʼaa argachuuf rakkatu. Firri ishii tokko amantii Yihowaarratti qabdu laaffisuuf yaalee ture. Akkana ishiidhaan jedhe: “Hafuurri qulqulluun na gargaaraa jira jetta; gargaarsi argachaa jirtu meerre? Maatiin kee ammayyuu hiyyeeyyiidha. Tajaajila jettee yeroo kee gubaa jirta.” Shirliin akkana jechuudhaan ifatti dubbatetti: “‘Dhuguma Waaqayyo nuuf yaadaa?’ jedheen of gaafadhe. Kanaafuu, yeruma sana wantan yaadaa jiru hundumaa kadhannaadhaan Yihowaattin hime. Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya dubbisuu, akkasumas lallabuu fi walgaʼiiwwanirratti argamuu koo ittan fufe.” Sana booda Shirliin utuma baayʼee hin turin Yihowaan maatii ishii kunuunsaa akka jiru hubachuu jalqabde. Maatiin ishii hin beelofne, akkasumas gammachuu qabu. Shirliin, “Yihowaan kadhannaa kootiif deebii kennaa akka jiru natti dhagaʼame” jetteetti. (1 Xim. 6:6-8) Atis barsiifata hafuuraa gaarii yoo qabaatte, rakkinni ykn shakkiin Yihowaarraa gargar akka si baasu hin heyyamtu.

YOMMUU OBBOLOOTA ITTI GAAFATAMUMMAA QABANIRRA RAKKINNI GAʼU

8. Obboloota jaarmiyaa Yihowaa keessattii itti gaafatamummaa qabanirra maaltu gaʼuu dandaʼa?

8 Diinonni keenya miidiyaalee garaa garaatti fayyadamanii waaʼee obboloota jaarmiyaa Yihowaa keessatti itti gaafatamummaa qabanii soba ykn odeeffannoo sirrii hin taane babalʼisu. (Far. 31:13) Obboloonni tokko tokko hidhamaniiru, akkasumas yakkamtoota akka taʼanitti himatamaniiru. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo Phaawulos dogoggoraan hidhamee turetti haalli akkasii isaan mudatee ture. Maarree, yeroo kanatti maal godhan?

9. Kiristiyaanonni tokko tokko yeroo Phaawulos ergamaan hidhametti maal godhan?

9 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko yeroo Phaawulos ergamaan hidhamee turetti isa deggeruu dhiisanii turan. (2 Xim. 1:8, 15) Maaliif? Namoonni akka yakkamaatti waan isa ilaalaniif isatti qaanaʼaaniitii laata? (2 Xim. 2:8, 9) Moo isaanirras ariʼatamni akka hin geenye sodaataniiti? Sababni isaanii maaliyyuu yoo taʼe, wanta Phaawulositti dhagaʼamu mee yaadi. Phaawulos isaaniif jecha rakkina hedduu dandamateera, lubbuu isaallee balaadhaaf saaxileera. (HoE. 20:18-21; 2 Qor. 1:8) Nuti matumaa akka namoota yeroo gargaarsi isa barbaachisetti isarraa fagaatan sanaa taʼuu hin barbaannu! Maarree, obboloota itti gaafatamummaa qabanirra yeroo ariʼatamni gaʼu maal yaadachuu qabna?

10. Obboloota itti gaafatamummaa qabanirra yeroo ariʼatamni gaʼu maal yaadachuu qabna? Maaliif?

10 Ariʼatamni kan nurra gaʼu maaliif akka taʼee fi kan kakaasu eenyu akka taʼe yaadadhu. Ximotewos Lammaffaan 3:12 akkana jedha: “Namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu.” Kanaafuu, Seexanni keessumaa obboloota itti gaafatamummaa qaban miidhuu barbaaduun isaa nu hin dinqisiisu. Wanti inni barbaadu obboloonni kun amanamummaa isaanii akka laaffisan gochuu fi nu sossodaachisuudha.—1 Phe. 5:8.

Phaawulos hidhamee kan ture taʼus, Oneesiforos ija jabinaan isa gargaareera. Akkuma hojiin argisiisa kanarratti mulʼatutti obboloonni yeroo harʼaa jiranis obboloota isaanii hidhamanii jiran ni deggeru (Keeyyata 11-12 ilaali)

11. Oneesiforosirraa maal baranna? (2 Ximotewos 1:16-18)

11 Obboloota kee deggeruu fi amanamummaadhaan isaanitti maxxanuu kee itti fufi. (2 Ximotewos 1:16-18 dubbisi.) Kiristiyaana jaarraa jalqabaa kan taʼe Oneesiforos yeroo Phaawulos hidhamee turetti wanta namoonni olitti ibsaman godhanirraa adda taʼe godheera. Oneesiforos, Phaawulos “funcaadhaan hidhamuu [isaatti] hin qaanofne.” Kanaa mannaa, dhimmee isa barbaadeera, yeroo isa argatettis isa gargaaruuf carraaqqii godheera. Akkas gochuudhaan, lubbuu isaa balaadhaaf saaxileera. Nuti kanarraa maal baranna? Nama sodaannee obboloota keenya ariʼatamni irra gaʼaa jiru deggeruurraa duubatti jechuu hin qabnu. Kanaa mannaa, isaaniif haa falminu, akkasumas isaan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda haa goonu. (Fak. 17:17) Jaalallii fi deggersi keenya isaan barbaachisa.

12. Obboloota keenya Raashiyaa jiranirraa maal baranna?

12 Mee obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa jiraatan obboloota isaanii hidhamanii jiran kan gargaaran akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Isaan keessaa tokko tokko yeroo mana murtiitti dhihaatan, obboloonnii fi obboleettonni hedduun isaan deggeruuf mana murtii dhaqaniiru. Nuti kanarraa maal baranna? Obboloonni itti gaafatamummaa qaban yeroo maqaan isaanii balleeffamu, yeroo hidhaman ykn yeroo ariʼatamni isaanirra gaʼu hin sodaatinaa. Isaaniif kadhadhaa, miseensota maatii isaanii kunuunsaa, akkasumas karaa isaan gargaaruu itti dandeessan kan biraa barbaadaa.—HoE. 12:5; 2 Qor. 1:10, 11.

YOMMUU NAMOONNI NUTTI QOOSAN

13. Namoonni nutti qoosuun isaanii amantii Yihowaa fi jaarmiyaa isaarratti qabnu laaffisuu kan dandaʼu akkamitti?

13 Firoonni keenya hin amanne, namoonni nu wajjin hojjetan ykn ijoolleen nu wajjin baratan hojii lallabaarratti waan hirmaannuuf ykn jireenya keenya keessatti ulaagaalee naamusaa Yihowaa waan hordofnuuf nutti qoosu taʼa. (1 Phe. 4:4) Tarii, “Akka nama tokkotti sin jaalladha, garuu amantaan keessan garmalee seera kan cimsuu fi duubatti hafaadha” nuun jedhu taʼa. Namoonni tokko tokko hariiroo namoota gumiidhaa baafaman wajjin qabnu ilaalchisee, “Akkamitti namoota jaalala qabeeyyiidha ofiin jettu?” jechuudhaan nu qeequ taʼa. Wanti namoonni dubbatan akkasii shakkiin akka nu keessatti uumamu gochuu dandaʼa. Tarii gaaffiin, ‘Yihowaan wanta humna kootii ol taʼe narraa eegaa jiraa? Jaarmiyaan isaa garmalee seera cimsaa?’ jedhu nutti uumama taʼa. Gaaffiin akkasii sitti uumameera taanaan, Yihowaa fi jaarmiyaa isaatti dhihaattee jiraachuu kee itti fufuu kan dandeessu akkamitti?

Iyyoob soba namoonni michoota isaa fakkaatanii isatti dhihaatanii fi isatti qoosaa turan itti himan amanuu dideera. Amanamummaa Yihowaadhaaf qabu eegee itti fufuuf kutatee ture (Keeyyata 14 ilaali)

14. Ulaagaalee Yihowaa hordofuu keenyaan kan kaʼe yommuu namoonni nutti qoosan maal gochuu qabna? (Faarfannaa 119:50-52)

14 Ulaagaalee Yihowaa hordofuuf murteessi. Iyyoob kan isatti qoosame taʼus, ulaagaalee Yihowaa hordofeera. Namoota michoota isaa fakkaatanii dhihaatan keessaa tokko Iyyoob ulaagaalee isaa hordofuu fi dhiisuun isaa Yihowaa akka hin yaaddessine isa amansiisuuf yaalee ture. (Iyo. 4:17, 18; 22:3) Iyyoob garuu soba akkasii hin amanne. Ulaagaalee Yihowaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baase sirrii akka taʼe beeka, ulaagaalee kana hordofuufis murteessee ture. Warri kaan amanamummaa isaa akka jalaa laaffisan hin heyyamne. (Iyo. 27:5, 6) Kanarraa maal baranna? Warri kaan sitti qoosuun isaanii ulaagaalee Yihowaa akka shakkitu akka si taasisu hin heyyamin. Mee waaʼee jireenya keetii yaadi. Ulaagaaleen Yihowaa sirrii akka taʼanii fi akka si fayyadan yeroo garaa garaatti hin arginee? Jaarmiyaa ulaagaalee kana hordofu yeroo hundumaa deggeruuf murteessi. Yoo akkas goote, qoosaan akkamiiyyuu Yihowaarraa gargar si baasuu hin dandaʼu.—Faarfannaa 119:50-52 dubbisi.

15. Birziit mormii cimaan kan ishiirra gaʼe maaliifi?

15 Mee muuxannoo obboleettii Birziit jedhamtuu fi biyya Hindii jiraattu tokkoo haa ilaallu. Miseensonni maatii ishii amantaa ishiitiin kan kaʼe miira ishii miidhanii turan. Bara 1997​tti cuuphamtee utuma baayʼee hin turin abbaan manaa ishii inni hin amanne hojii isaa dhabe. Kanaafuu, abbaan manaa ishii ijoollee durbaa isaanii wajjin warra isaa magaalaa kan biraa jiraatan faana jiraachuuf murteesse. Yeroo kanatti Birziit haalli rakkisaan isa duraarra hammaatu ishii mudate. Abbaan manaa ishii hojii waan hin qabneef, maatii ishii deggeruuf guyyaa guutuu hojjechuu qabdi turte. Kana malees, gumiin isaanitti dhihoo jiru gara kiilomeetira 350 fagaata ture. Kan nama gaddisiisu, maatiin abbaa manaa ishii amantaa ishiitiin kan kaʼe ishii mormu turan. Mormiin ishiirra gaʼu baayʼee cimaa waan taʼeef, maatiin Birziit iddoo biraa jiraachuuf murteesse. Achiis akkuma tasaa abbaan manaa ishii ni duʼe. Boodammoo intalli ishii waggaa 12 kaansariidhaan duute. Kan nama gaddisiisu, firoonni Birziit haala gaddisiisaa ishii mudate kanaaf kan itti gaafatamu ishii akka taʼe dubbatan. Utuu Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu baattee rakkinni kun hundi akka hin uumamne dubbatu turan. Taʼus Birziit Yihowaatti amanamuu fi jaarmiyaa isaatti maxxantee jiraachuu ishii itti fufteetti.

16. Birziit Yihowaa fi jaarmiyaa isaatti maxxantee jiraachuu ishiitiin eebba akkamii argatte?

16 Naannoon Birziit jiraattu gumiirraa baayʼee fagoo waan taʼeef, daawwataa olaanaan tokko naannoo ishiitti akka lallabduu fi mana ishiitti walgaʼii akka geggeessitu ishii jajjabeesse. Jalqabarratti kana gochuun baayʼee akka ulfaatu ishiitti dhagaʼamee ture. Taʼus, gorsa ishiidhaaf kenname hojiirra oolchite. Misiraachicha warra kaanitti himteetti, walgaʼii mana ishiitti geggeessiteetti, ijoollee ishii wajjinis waaqeffannaa maatii gochuuf yeroo ramaddeetti. Maarree, kun buʼaa akkamii argamsiise? Birziit qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu hedduu jalqabsiisteetti; namoota qoʼachiistu keessaa muraasni isaaniis cuuphamaniiru. Bara 2005​tti immoo qajeelchaa yeroo hundaa taatee tajaajiluu jalqabde. Yihowaatti amanamuun ishii fi jaarmiyaa isaatiif amanamtuu taʼuun ishii buʼaa argamsiiseera. Ijoolleen ishii amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa jiru, akkasumas yeroo ammaatti naannoo sana gumii lamatu jira. Birziit Yihowaan cimina haala rakkisaa ishii mudatee fi mormii maatii dandamachuuf ishii barbaachisu akka ishiidhaaf kenne hubatteetti.

AMANAMUMMAA YIHOWAA FI JAARMIYAA ISAATIIF QABDU EEGII JIRAADHU

17. Maal gochuuf murteessuu qabna?

17 Seexanni yeroo rakkinni nu mudatu Yihowaan akka nu hin gargaarree fi jaarmiyaa isaa deggeruun keenya jireenyi akka nutti ulfaatu akka godhu nu amansiisuu barbaada. Kana malees, obboloonni itti gaafatamummaa qaban yeroo maqaan isaanii balleeffamu, yeroo ariʼataman ykn yeroo hidhaman akka sodaannu gochuu barbaada. Namoonni akka nutti qoosan gochuudhaan amantii ulaagaalee Yihowaarrattis taʼe jaarmiyaa isaarratti qabnu laaffisuuf yaala. Haa taʼu malee, mala haxxummaa inni itti fayyadamu waan beeknuuf hin gowwoomfamnu. (2 Qor. 2:11) Soba Seexanaarraa of eeguudhaan amanamaa taatee itti fufuuf murteessi. Yihowaan matumaa akka si hin dhiisne yaadadhu. (Far. 28:7) Kanaafuu, wanti akkamiiyyuu Yihowaarraa akka gargar si baasu hin heyyamin!—Rom. 8:35-39.

18. Mata duree itti aanurratti waaʼee maalii mariʼanna?

18 Mata duree kana keessatti haalawwan rakkisoo gumiidhaa alatti nu mudachuu dandaʼanirratti mariʼanneerra. Haa taʼu malee, amantiin Yihowaa fi jaarmiyaa isaarratti qabnu haala rakkisaa gumii keessatti nu mudatuunis qoramuu dandaʼa. Maarree, haalawwan rakkisoo kana milkaaʼinaan dandamachuu kan dandeenyu akkamitti? Mata duree itti aanurratti waaʼee kanaa mariʼanna.

FAARFANNAA 118 “Amantii Keenya Nuu Guddisi”

a Guyyoota dhumaa kanatti amanamummaadhaan jabaannee dhaabbachuuf Yihowaa fi jaarmiyaa isaatti amanamuu keenya itti fufuu qabna. Diyaabilos amantii kana nu dhabsiisuuf qorumsawwan garaa garaatti fayyadamuuf yaala. Mata duree kana keessatti qorumsawwan Seexanni itti fayyadamu sadii fi qorumsawwan kana dandamachuuf maal gochuu akka dandeenyu ilaalla.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.