Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

“Wantin Barbaadu Yihowaadhaaf Hojjechuu Ture”

“Wantin Barbaadu Yihowaadhaaf Hojjechuu Ture”

BOSONA ROOBAA Suurinaam keessatti namoota muraasa naannoo mandara Giraanboriitti daawwannetti nagaa dhaamne. Achiis bidiruu dheeraa mukarraa hojjetame yaabbannee Laga Taapaanaahoniirra imaluu jalqabne. Boodas, utuma saffisaan lagicharra imalaa jirruu kutaan motara bidiruu sanaa kattaatti rukutame. Fuuldurri bidirichaa yeruma sana lagicha keessa lixe; achiis bishaaniin liqimfamuu jalqabne. Onneen koo baayʼee rukutaa ture. Daawwataa olaanaa aanaa taʼee yeroon tajaajilu bidiruudhaan waggoota hedduudhaaf imalaa kanan ture taʼus, bishaan daakuu hin beekun ture.

Wanta itti aansuudhaan taʼe isinitti himuu koo dura tajaajila yeroo guutuu kanan jalqabe akkamitti akka taʼen isinitti hima.

Odola bareedduu Kaaribiyaan kan taate Kiwuraasaawoo keessatti bara 1942​ttin dhaladhe. Abbaan koo nama Suurinaam yeroo taʼu, gara odola kanaa kan dhufe hojiidhaafi. Ani dhalachuu koo gara waggaa lamaa dura abbaan koo Kiwuraasaawoo keessatti namoota jalqaba Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessaa tokko ture. a Ijoollummaa keenyatti yeroo tokko tokko kan isa rakkisnu taʼus, torban torbaniin Kitaaba Qulqulluu nu qoʼachiisa ture. Yeroon waggaa 14 turetti abbaan koo haadha isaa maanguddoo taate kunuunsuuf nu fuudhee gara Suurinaam deeme.

MICHOONNI KOO NA GARGAARANIIRU

Suurinaamitti dargaggoota hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajilanittan dhihaadhe. Dargaggoonni umuriidhaan xinnuma na caalan kun qajeelchitoota yeroo hundaa taʼanii tajaajilu turan. Yommuu muuxannoo tajaajilarratti argatan dubbatan fuulli isaanii gammachuudhaan ifa ture. Hiriyoota koo kanaa wajjin walgaʼii gumii booda mata dureewwan Kitaaba Qulqulluurratti mariʼanna turre; yeroo tokko tokkommoo ala teenyee urjiilee samii ilaalaa haasofna. Hiriyoonni koo kun wantan jireenya koo keessatti raawwachuu barbaadu akkan adda baafadhu na gargaaraniiru; wantin barbaadus Yihowaadhaaf hojjechuu ture. Kanaafuu, yeroo umuriin koo waggaa 16 taʼu nan cuuphame. Yeroon waggaa 18 taʼummoo qajeelchaa yeroo hundaan taʼe.

BARUMSA GUDDAA ARGACHUU

Qajeelchaa taʼee Paaraamaariboo keessatti tajaajilaa yeroon turetti

Yeroon qajeelchaa taʼee tajaajilaa turetti barumsa hedduu argadheera; barumsi kunis jireenyan tajaajila yeroo guutuu keessatti dabarserratti na gargaareera. Fakkeenyaaf, barumsan jalqaba argadhe keessaa tokko, warra kaan leenjisuun barbaachisaa taʼuu isaati. Yeroon qajeelchaa taʼetti misiyooniin Vaayilam Vaan Seeyil jedhamu xiyyeeffannaa naaf kennee ture. b Obboleessi kun itti gaafatamummaan gumii keessatti qabu akkamitti raawwachuu akkan qabu na barsiiseera. Yeroo sanatti leenjii hedduun akka na barbaachisu hin hubannen ture. Waggaa itti aanutti qajeelchaa addaa taʼeen muudame; sana booda gareewwan obboloota muraasa of keessatti qabatanii fi bosona roobaa Suurinaam keessatti fagaatanii argaman gargaaruun jalqabe. Obboloonni kun yeroo na barbaachisutti leenjii waan naaf kennaniif baayʼeen isaan galateeffadha! Yeroo sanaa kaasee anis fakkeenya isaanii hordofuudhaan warra kaan leenjisuun barbaade.

Barumsin argadhe inni lammaffaanimmoo, faayidaa jireenya salphaa, garuummoo akka gaariitti qindaaʼe jiraachuun qabudha. Yeroo hundumaa jalqaba jiʼichaarratti, anii fi obboleessi qajeelchaa addaa taʼee na wajjin tajaajilu nyaataa fi wantoota kan biroo torbeewwan dhufaniif nu barbaachisan adda baafanna. Achiis ani ykn inni imala dheeraa gochuudhaan gara magaalaa guddoo dhaqnee wantoota nu barbaachisan bitanna. Maallaqa baasii keenyaaf nuuf kennamu wantoota guutummaa jiʼichaatiif nu barbaachisan ittiin bitachuu akka dandeenyuuf wantoota bitannu of eeggannoodhaan karoorfanna turre. Utuma bosona roobaa keessa jirruu waa yoo nu jalaa dhume nama nu gargaaru argachuun rakkisaa ture. Ijoollummaa kootii kaasee jireenya salphaa, garuummoo akka gaariitti qindaaʼe jiraachuu barachuun koo guutummaa jireenya kootii keessatti hojii Yihowaarratti xiyyeeffachuuf akka na gargaare natti dhagaʼama.

Barumsi sadaffaan argadhemmoo, faayidaa namoota afaan dhalootaa isaaniitiin barsiisuun qabudha. Afaan Dachii, Ingiliffa, Paapiyaamentoo fi Siraanaantongoo (Siraanaan jedhamees ni beekama) isa Suurinaam keessatti balʼinaan dubbatamu dubbachaan guddadhe. Haa taʼu malee, bosona roobaa keessatti namoonni misiraachichaaf deebii gaarii kan kennan yeroo afaan dhalootaa isaaniitiin lallabnuuf akka taʼen hubadhe. Afaanota kana keessaa tokko tokko dubbachuun na rakkisee ture; fakkeenyaaf, Afaan Saaraamaakaan isa karaa adda taʼeen dubbatamu baruun natti ulfaatee ture. Afaan barachuun carraaqqii guddaa kan na gaafate taʼus, na hin gaabbisiisu. Afaan dhalootaa isaanii dubbachuu waanan dandaʼuuf, namoota hedduu dhugaa barsiisuu dandaʼeera.

Wanti nama qaanessus na mudatee beeka. Fakkeenyaaf, yeroo tokko dubartiin Afaan Saaraamaakaan dubbattuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa turte takka garaa ishii waan ishii dhukkubeef haala fayyaa ishii ishii gaafachuu barbaadeen ture. Ani garuu ulfa taʼuu ishiin ishii gaafadhe! Gaaffiin koos ishii qaanesse. Dogoggora akkasii kanan raawwadhe taʼus, afaan dhalootaa namoota naannoo ramaddii koo jiranii dubbachuuf yeroo hundumaan carraaqqii godha ture.

ITTI GAAFATAMUMMAA DABALATAA FUDHACHUU

Bara 1970​tti ilaaltuu olaanaa aanaa taʼeen muudame. Waggaa sanatti sagantaa islaayidiidhaan qophaaʼee fi “Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Daawwachuu” jedhamu gareewwan bosona roobaa keessatti fagaatanii argaman argisiiseera. Gareewwan kana bira gaʼuuf obboloota muraasa wajjin taanee bidiruu dheeraa mukarraa hojjetameen imalla turre. Janareetara, beenziila, faanosii fi meeshaa islaayidii fuunee imalla turre. Yeroo achi geenyu miʼoota kana hunda baannee gara iddoo sagantichi itti argisiifamutti geessina turre. Imala kana keessaa wantin caalaatti yaadadhu namoonni naannoo fagootti argaman sagantaa kana baayʼee jaallachuu isaaniiti. Warri kaan waaʼee Yihowaa fi waaʼee kutaa jaarmiyaa isaa isa lafarraa akka beekan gargaaruun na gammachiisa ture. Eebbi hafuuraa ani argadhe hojii Yihowaa hojjechuuf aarsaan kaffale kamirrayyuu kan caaludha.

WADAROO FOʼAA SADIIN FOʼAME

Anii fi Iiteel Fulbaana 1971​tti gaaʼela dhaabbanne

Qeenxee taʼuun koo tajaajilarratti akka na fayyade beekus, gaaʼela dhaabbachuun barbaade. Kanaafuu, haadha manaa gammachuudhaan bosona roobaa keessatti ana wajjin tajaajila yeroo guutuurratti hirmaattu akka naaf kennu adda baasee caqasuudhaan kadhachuun jalqabe. Achiis waggaa tokko booda qajeelchituu addaa Iiteel jedhamtuu fi amala fedhii ofii aarsaa gochuu qabdu wajjin wal qorachuu jalqabne. Iiteel ijoollummaa ishiitii kaastee Phaawulos ergamaadhaaf dinqisiifannaa guddaa qabdi; akkuma isaa tajaajilarratti wanta dandeessu hunda gochuu barbaaddi. Fulbaana 1971​tti gaaʼela dhaabbanne, achiis hojii daawwannaa waliin hojjechuu jalqabne.

Iiteel intala qananiidhaan guddatte miti; kanaafuu, hojii daawwannaa bosona roobaa keessatti hojjennurratti hirmaachuuf sirreeffama gochuun ishiitti hin ulfaanne. Fakkeenyaaf, gumiiwwan bosona keessa fagaatanii argaman daawwachuuf yeroo deemnu wanta baayʼee hin qabannu turre. Uffata keenya kan miiccannuu fi dhaqna kan dhiqannu lagatti. Wanta obboloonni keenya nuuf dhiheessan kamiyyuu ni nyaanna; gosa lootuu guddaas taʼe qurxummii ykn wanta bosona keessaa adamsan ykn bishaan keessaa kiyyeessanii qaban kamiyyuu ni nyaanna turre. Wanti nyaatamu hin jiru taanaanis baala muuzii nyaanna turre. Meeshaan ittiin nyaannu hin jiru yoo taʼemmoo harkaan nyaanna turre. Anii fi Iiteel tajaajila Yihowaa keessatti waliin taanee aarsaa akkasii kaffaluun keenya wadaroo cimaa foʼaa sadiin foʼame taʼuuf akka nu gargaare nutti dhagaʼama. (Lal. 4:12) Muuxannoo arganne kanaaf iddoo guddaa kennina!

Haallin jalqabarratti caqase obboloota bosona roobaa keessa jiran daawwannee yeroo deebinu wanta nu mudatedha. Bidiruun sun saffisaan bishaan keessa erga lixee booda yeruma sana ol deebiʼe. Kan nama gammachiisu jaakkeettii lubbuu baraaru uffannee turre, bidiricharraas hin kufne. Bidiruun keenya garuu bishaaniin guutamee ture. Nyaata miʼa nyaataa keenya keessa jiru lagichatti gadi naqnee bishaan bidiricha keessa jiru budduqsinee lagichatti gadi naquu jalqabne.

Sana booda nyaata waan hin qabneef lagicha keessaa qurxummii kiyyeessuuf yaaluu jalqabne. Taʼus, qurxummii tokkoyyuu hin qabanne. Kanaafuu, Yihowaan nyaata guyyaa sanaaf taʼu akka nuuf kennu kadhanne. Akkuma kadhanneen obboleessi tokko meeshaa ittiin qurxummii qaban darbatee qurxummii guddaa galgala sana shanan keenya quubsu qabate.

ABBAA MANAA, ABBAA FI DAAWWATAA OLAANAA TAʼUU

Anii fi Iiteel waggaa shaniif hojii daawwannaa erga hojjennee booda eebba hin eegamne arganne. Mucaa godhachuuf akka jennu barre; jireenya keenya gara fuulduraarratti dhiibbaa akkamii akka godhu beekuu baadhus mucaa godhachuuf akka jennu beekuu kootti nan gammade. Anii fi Iiteel hamma nuuf dandaʼame tajaajila yeroo guutuu keessa itti fufuuf fedhii guddaa qabna turre. Bara 1976​tti ilmi keenya Etniʼeel ni dhalate. Mucaa keenya isa lammaffaa kan taʼe Joovaaniinimmoo waggaa lamaa fi walakkaa booda dhalate.

Baha Suurinaamitti naannoo Goodoo Hoolootti yeroo namoonni Laga Taapaanaahonii keessatti cuuphaman—bara 1983​tti

Yeroo sanatti Suurinaam keessa hanqinni daawwattoota olaanaa waan jiruuf utuman ijoollee guddisuu daawwataa olaanaa taʼee akkan itti fufu waajjirri damee haala naa mijeesse. Yeroo ijoolleen keenya xixinnoo turanitti aanaa gumiiwwan muraasa qofa qabatetu naaf ramadama ture. Kunis jiʼa keessaa torban lamaaf daawwataa olaanaa aanaa taʼee tajaajiluuf na dandeessiseera; yeroo hafettimmoo gumii ramadamne keessatti qajeelchaa taʼeen tajaajila ture. Iiteelii fi ijoolleen keenya yeroon gumii naannoo keenya jiru daawwadhutti na wajjin dhaqu turan. Haa taʼu malee, gumiiwwanii fi walgaʼiiwwan aanaa bosona roobaa keessatti argamu yeroon daawwadhutti kophaa koon deema ture.

Yeroo baayʼee gumiiwwan naannoo fagoo jiran daawwachuuf bidiruudhaanan imala ture

Itti gaafatamummaa koo hunda raawwachuuf of eeggannoodhaan karoora baafachuun qaba ture. Torban torbaniin waaqeffannaa maatii ni godhanna. Yeroon gumiiwwan bosona roobaa keessa jiran daawwachuuf deemutti Iiteel ijoollee keenya wajjin waaqeffannaa maatii godhatti. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee wantoota garaa garaa kan raawwannu maatiidhaan taaneeti. Kana malees, ijoollee keenya wajjin taanee dhaabbataadhaan sochiiwwan nu bashannansiisanirratti ni hirmaanna, taphawwan garaa garaa ni taphanna ykn iddoowwan namatti tolanii fi naannoo keenya jiran ni daawwanna. Ani yeroo baayʼee utuman qophaaʼuu nan dhiisifadha. Iiteel akkuma dubartii kaamettii Fakkeenya 31:15 irratti ibsamteeti; ijoolleen keenya mana barumsaa deemuu isaanii dura maatiidhaan caqasa guyyaa dubbisuu fi ciree nyaachuu akka dandeenyuuf bariidhaan kaati. Haadha manaa fedhii ofii aarsaa gochuudhaan yeroo hundumaa itti gaafatamummaa koo akkan raawwadhu na gargaartu qabaachuu kootti baayʼeen galateeffadha.

Waliin taanee ijoolleen keenya Yihowaa fi tajaajila akka jaallatan gargaaruuf carraaqqii guddaa gooneerra. Ijoolleen keenya nuti waan barbaanneef utuu hin taʼin, fedhii isaaniitiin tajaajila yeroo guutuu akka filatan barbaanna. Tajaajilli yeroo guutuu gammachuu akka argamsiisu yeroo hunda isaanitti himna. Haala ulfaataa nu mudate kan hin dhoksine taʼus, Yihowaan maatii keenya kan gargaaree fi kan eebbise akkamitti akka taʼe isaanitti himna. Kana malees, ijoolleen keenya Dhugaa Baatota jireenya isaanii keessatti Yihowaaf dursa kennan wajjin yeroo akka dabarsan haala mijeessina turre.

Yihowaan yeroo ijoollee keenya guddisnu wanta nu barbaachisu hunda nuuf guuteera. Anis maatii koo gargaaruuf wanta naaf dandaʼame hunda godheera. Yeroon bosona roobaa keessatti qajeelchaa addaa taʼee tajaajilaa turetti wantoota jireenyaaf nu barbaachisan dursanii karoorfachuu baradheera. Wanta dandeenyu hunda kan goonu taʼus, yeroo tokko tokko wantoota nu barbaachisan hunda hin argannu turre. Yeroo akkasiitti Yihowaan nu gargaaraa akka ture nan amana. Fakkeenyaaf, dhuma bara 1980mmannii fi jalqaba bara 1990mmaniitti Suurinaam keessa jeequmsi jira ture. Waggoota sanatti yeroo tokko tokko wantoota buʼuuraallee argachuun ulfaataa ture. Taʼus, Yihowaan wanta nu barbaachisu nuuf kenneera.—Mat. 6:32.

JIREENYAN DABARSE DUUBATTI DEEBIʼEE YAADUU

Bitaadhaa gara mirgaatti: Haadha manaa koo Iiteel wajjin

Ilma keenya angafaa Etniʼeelii fi haadha manaa isaa Naataalii

Ilma keenya Joovaanii fi haadha manaa isaa Kiristaal

Guutummaa jireenya keenya keessatti Yihowaan yeroo hunda nu kunuunsaa ture, gammachuu guddaas nuuf kenneera. Ijoollee keenyatti baayʼee gammanna, Yihowaa akka tajaajilan goonee isaan guddisuu dandaʼuu keenyatti baayʼee galateeffanna. Jireenya isaanii keessatti tajaajila yeroo guutuu filachuu isaanittis gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Etniʼeelii fi Joovaaniin manneen barumsaa tiʼookraasiirraa eebbifamaniiru; lamaan isaaniiyyuu yeroo ammaatti haadhotii manaa isaanii wajjin waajjira damee Suurinaam keessatti tajaajilaa jiru.

Anii fi Iiteel amma dulloomneerra; taʼus qajeelchitoota addaa taanee tajaajiluudhaan ammayyuu hojii Yihowaatiin qabamnee jiraanna. Hanga ammaatti bishaan daakuu barachuuf yeroo hin arganne. Taʼus, wantan itti gaabbu hin qabu. Duubatti deebiʼee yeroon yaadu, ijoollummaa kootti tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuuf murteessuun koo, murtoowwan gaggaarii jireenya koo keessatti godhe keessaa tokko akka taʼe natti dhagaʼama.

b Seenaan jireenyaa Vaayilam Vaan Seeyil, “Wantoota Isan Eegerra Caalan” jedhu Dammaqaa! Onkoloolessa 8, 1999 (Amaariffa) ilaali.