Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 48

Yeroo Amanamummaan Kee Qoramu Dandeettii Hubannaa Kee Eeggadhu

Yeroo Amanamummaan Kee Qoramu Dandeettii Hubannaa Kee Eeggadhu

“Wantoota hundumaa keessatti dandeettii hubannaa kee eeggadhu.”—2 XIM. 4:5.

FAARFANNAA 123 Seera Tiʼookraasiitiif Bitamuu

QABIYYEE a

1. Dandeettii hubannaa keenya eeggachuu jechuun maal jechuudha? (2 Ximotewos 4:5)

 YOMMUU rakkinni garaa garaa nu mudatu amanamummaan Yihowaa fi jaarmiyaa isaatiif qabnu qoramuu dandaʼa. Maarree, rakkina nu mudatu dandamachuu kan dandeenyu akkamitti? Amantiitti cimnee dhaabbachuudhaan dandeettii hubannaa keenya eeggachuu fi dammaqoo taanee itti fufuu qabna. (2 Ximotewos 4:5 dubbisi.) Dandeettii hubannaa keenya eeggachuuf tasgabbaaʼuu, sirriitti yaaduu fi wantoota garaa garaatiif ilaalcha Yihowaa qabaachuuf carraaqqii gochuu qabna. Akkas kan goonu yoo taʼe, miirri keenya yaada keenya hin toʼatu.

2. Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna?

2 Mata duree darberratti haalawwan rakkisoo gumiidhaa alatti nu mudatan sadiirratti mariʼanneerra. Mata duree kana keessattimmoo, haalawwan rakkisoo gumii keessatti nu mudatanii fi amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu qoruu dandaʼan sadiirratti mariʼanna. Isaanis, haalawwan rakkisoo (1) yeroo obboleessi tokko akka nu miidhe nutti dhagaʼamu, (2) yeroo adabni nuuf kennamu, akkasumas (3) jijjiirama jaarmiyichi godhe wajjin wal baruuf yeroo carraaqqii goonu nu mudatanidha. Yeroo akkasiitti dandeettii hubannaa keenya eeggachuu fi amanamummaadhaan Yihowaa fi jaarmiyaa isaatti maxxannee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

YEROO OBBOLEESSI TOKKO AKKA NU MIIDHE NUTTI DHAGAʼAMU

3. Wanta obboleessi tokko godheen yeroo miidhamnu maaltu nutti dhagaʼamuu dandaʼa?

3 Wanta obboleessi tokko, tarii obboleessi itti gaafatamummaa qabu tokko godheen miidhamtee beektaa? Obboleessi sun wanta sana kan godhe si miidhuuf yaadee taʼuu dhiisuu dandaʼa. (Rom. 3:23; Yaq. 3:2) Taʼus, wanti inni godhe si aarsee taʼuu dandaʼa. Waaʼee wanta uumamee yaaduudhaan hirriba dhabdeetta taʼa. Tariimmoo, ‘Obboleessi tokko wanta akkasii kan raawwatu taanaan, kun dhuguma jaarmiyaa Waaqayyoo taʼuu dandaʼaa?’ jettee yaaddeetta taʼa. Seexannis akkas akka sitti dhagaʼamu barbaada. (2 Qor. 2:11) Ilaalcha akkasii qabaachuun Yihowaa fi jaarmiyaa isaarraa nu fageessuu dandaʼa. Obboleessi ykn obboleettiin tokko akka nu miidhan yoo nutti dhagaʼame, dandeettii hubannaa keenya eeggachuu fi wanta nu miidhu yaaduurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

4. Yoseef yeroo warri kaan isa miidhanitti dandeettii hubannaa isaa kan eeggate akkamitti? Nutoo fakkeenya isaarraa maal baranna? (Uumama 50:19-21)

4 Gaddaan hin liqimfamin. Yoseef yeroo umurii waggoota kurnanii keessa turetti obboloonni isaa wanta isa miidhu isarratti raawwatanii turan. Isa jibbaniiru, isaan keessa tokko tokkommoo isa ajjeesuuyyuu barbaadanii turan. (Uma. 37:4, 18-22) Boodas garbummaatti isa gurguran. Kanaan kan kaʼes, Yoseef waggaa 13f rakkoowwan ciccimoon isa mudataniiru. Yeroo kanatti Yoseef Yihowaan akka isa jaallatu shakkuu dandaʼa ture. Yeroo gargaarsi isaa isa barbaachisutti akka isarraa fagaatettis yaaduu dandaʼa ture. Taʼus, Yoseef gaddaan hin liqimfamne. Kanaa mannaa, tasgabbaaʼuudhaan dandeettii hubannaa isaa eeggateera. Obboloota isaarratti haaloo baʼuuf yeroo carraa argatetti akkas gochuurraa of qusateera; darbees jaalala isaanitti argisiiseera, akkasumas dhiifama isaaniif godheera. (Uma. 45:4, 5) Yoseef amala akkasii kan argisiise sirriitti yaaduu waan dandaʼeefi. Rakkina isa mudaterratti xiyyeeffachuu mannaa, dhimma isa guddaarratti, jechuunis kaayyoo Yihowaarratti xiyyeeffateera. (Uumama 50:19-21 dubbisi.) Kanarraa maal baranna? Warri kaan wanta si miidhu raawwataniiru taanaan, Yihowaatti hin mufatin ykn ‘Na dhiiseeraa laata?’ jettee hin yaadin. Kanaa mannaa, qorumsa si mudachaa jiru akka dandamattu si gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe xiinxali. Kana malees, yeroo warri kaan si miidhanitti balleessaa isaanii jaalalaan irra darbuuf yaali.—1 Phe. 4:8.

5. Miikiyaas yeroo warri kaan akka isa miidhan isatti dhagaʼametti dandeettii hubannaa isaa eeggachuu kan dandaʼe akkamitti?

5 Mee muuxannoo obboleessa Ameerikaa Kibbaatti jaarsa gumii taʼee tajaajiluu fi Miikiyaas jedhamuu haa ilaallu. b Yeroo tokko obboloonni itti gaafatamummaa qaban muraasni akka isa miidhan isatti dhagaʼamee ture. Akkana jedheera: “Akka yeroo sanaa dhiphadhee hin beeku. Garmaleen sodaadhe. Halkan rafuu hin dandaʼun ture; homaa gochuu akkan hin dandeenye waan natti dhagaʼameef nan booʼan ture.” Taʼus, Miikiyaas dandeettii hubannaa isaa eeggachuu fi miira isaa toʼachuuf jabaatee hojjeteera. Hafuura qulqulluu akka isaaf kennuu fi cimina haala isaa dandamachuuf isa barbaachisu akka isaaf kennu irra deddeebiʼee Yihowaa kadhateera. Barreeffamoota keenyarraas yaada isa gargaaru argachuuf carraaqqii godheera. Kanarraa maal baranna? Obboleessi ykn obboleettiin tokko akka si miidhan yoo sitti dhagaʼame tasgabbaaʼuu fi miira sirrii hin taane kamiiyyuu toʼachuuf carraaqqii godhi. Wanti namni sun wanta sana akka dubbatu ykn akka raawwatu isa taasise maal akka taʼe beekuu dhiisuu dandeessa. Kanaafuu, Yihowaan ilaalcha namni sun haala sanaaf qabu hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu. Akkas gochuun kee namni sun wanta sana kan godhe si miidhuuf jedhee akka hin taane yaaduu fi tolaan dhiifama gochuuf si gargaara. (Fak. 19:11) Yihowaan haala kee akka hubatuu fi cimina haala isaa dandamachuuf si barbaachisu akka siif kennu yaadadhu.—2 Sen. 16:9; Lal. 5:8.

YEROO ADABNI NUUF KENNAMU

6. Yihowaan kan nu adabu waan nu jaallatuuf akka taʼe hubachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Ibroota 12:5, 6, 11)

6 Yeroo adabni nuuf kennamu miirri keenya baayʼee miidhamuu dandaʼa. Miirri keenya miidhamuu isaarratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe garuu, adabni nuuf kenname sirrii akka hin taane, nuuf akka hin hojjenne ykn gara jabinarratti kan hundaaʼe akka taʼetti yaaduu dandeenya. Akkasitti yaaduun keenyammoo wanta baayʼee barbaachisaa taʼe, jechuunis Yihowaan kan nu adabu waan nu jaallatuuf akka taʼe nu dagachiisuu dandaʼa. (Ibroota 12:5, 6, 11 dubbisi.) Miirri keenya akka nu toʼatu yoo heyyamne, Seexanni akka nu miidhu carraa isaaf banna. Seexanni adaba nuuf kenname fudhachuu akka didnu, darbees Yihowaa fi gumicharraa akka of fageessinu barbaada. Adabni siif kennameera taanaan, dandeettii hubannaa kee eeggachuu kan dandeessu akkamitti?

Pheexiros gad of qabuudhaan sirreeffama isaaf kenname waan fudhateef, Yihowaan caalaatti isatti fayyadameera (Keeyyata 7 ilaali)

7. (a) Fakkicharratti akka mulʼatutti Pheexiros sirreeffama isaaf kenname erga fudhatee booda Yihowaan caalaatti kan isatti fayyadame akkamitti? (b) Pheexirosirraa maal baratta?

7 Adaba fudhadhu, sirreeffama barbaachisus godhi. Yesuus yeroo garaa garaatti ergamoota kaan duratti Pheexirosiif sirreeffama kenneera. (Mar. 8:33; Luq. 22:31-34) Tarii, haalli kun Pheexirosiin qaanessee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Pheexiros Yesuusiif amanamaa taʼee itti fufeera. Sirreeffama isaaf kenname fudhateera, dogoggora isaarraas barateera. Yihowaan Pheexiros amanamaa taʼuu isaatiif isa eebbiseera; gumii keessattis itti gaafatamummaa guguddaa isaaf kenneera. (Yoh. 21:15-17; HoE. 10:24-33; 1 Phe. 1:1) Pheexirosirraa maal baranna? Adaba nuuf kennameen kan kaʼe qaanii nutti dhagaʼamurratti xiyyeeffachuu mannaa, adaba nuuf kenname fudhannee sirreeffama barbaachisu gochuun keenya nuunis taʼe warra kaan ni fayyada. Akkas kan goonu taanaan, Yihowaas taʼe obboloota keenya caalaatti fayyadna.

8-9. Bernaardoon yeroo adabni isaaf kennametti jalqabarratti maaltu isatti dhagaʼame? Taʼus, ilaalcha isaa sirreessuuf maaltu isa gargaare?

8 Mee wanta obboleessa Bernaardoo jedhamuu fi Moozaambiik keessa jiraatu mudate haa ilaallu. Bernaardoon jaarsa gumii taʼee tajaajilaa ture. Achiis mirga isaa dhabe. Jalqabarratti maaltu isatti dhagaʼame? “Adaba naaf kennametti waanan hin gammanneef mufadheen ture” jedheera. Bernaardoon ilaalchi obboloonni gumii keessa jiran kan biroon isaaf qabaatan isa yaaddessee ture. “Ilaalchan haala na mudateef qabu sirreessuuf, akkasumas amantiin Yihowaa fi jaarmiyaa isaarratti qabu deebifachuuf jiʼoota muraasa natti fudhateera” jechuudhaan ifatti dubbateera. Maarree, ilaalcha isaa sirreessuuf maaltu isa gargaare?

9 Bernaardoon ilaalcha isaa sirreesseera. Akkana jedheera: “Yeroon jaarsa taʼee tajaajilaa turetti warri kaan adaba Yihowaatiif ilaalcha sirrii akka qabaatan gargaaruuf Ibroota 12:7​tti fayyadameera. Ammammoo, ‘Caqasa kana hojiirra oolchuu kan qabu eenyudha?’ jedheen of gaafadhe. Ana dabalatee tajaajiltoonni Yihowaa hundi hojiirra oolchuu qabu.” Achiis Bernaardoon amantii Yihowaa fi jaarmiyaa isaarratti qabu cimsachuuf tarkaanfiiwwan dabalataa fudhate. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi xiinxaluudhaan yeroo dabalataa dabarsuu jalqabe. Ilaalchi obboloonni isaaf qaban kan isa yaaddessu taʼus, isaan wajjin ni tajaajila, akkasumas walgaʼiirratti ni hirmaata. Boodas Bernaardoon deebiʼee jaarsa gumii taʼe. Atis akkuma Bernaardoo adabni siif kennameera taanaan, qaanii sitti dhagaʼamerratti xiyyeeffachuu mannaa, gorsa siif kenname fudhachuudhaan sirreeffama barbaachisu godhi. c (Fak. 8:33; 22:4) Akkas yoo goote, Yihowaan amanamummaadhaan isattii fi jaarmiyaa isaatti maxxanuu keetiif akka si eebbisu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

JIJJIRAMA JAARMIYICHI GODHE WAJJIN WALBARUUF YEROO CARRAAQQII GOONU

10. Jijjiiramni amanamummaa dhiirota Israaʼel tokko tokkoo qore isa kam taʼuu dandaʼa?

10 Jaarmiyichi jijjiirama tokko tokko yeroo godhu amanamummaan keenya qoramuu dandaʼa. Yoo of eeggachuu baanne jijjiiramawwan akkasii Yihowaarraa gargar akka nu baasan heyyamuu dandeenya. Fakkeenyaaf, jijjiiramni Seera Musee jalatti godhame Israaʼelota tokko tokko kan tuqe akkamitti akka taʼe ilaali. Seerichi kennamuu isaa dura hojii lubaa kan raawwatan mataawwan maatii turan. Maatii isaanii bakka buʼuudhaan Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ni ijaaru, akkasumas aarsaa ni dhiheessu turan. (Uma. 8:20, 21; 12:7; 26:25; 35:1, 6, 7; Iyo. 1:5) Seerichi erga hundaaʼee booda garuu mataawwan maatii mirga kana dhabaniiru. Yihowaan aarsaa akka dhiheessaniif maatii Aaron keessaa Luboota muudeera. Jijjiiramni kun erga godhamee booda mataan maatii sanyii Aaron hin taane tokko hojii lubaa hojjechuuf yoo yaale ajjeefamuu dandaʼa ture. d (Lew. 17:3-6, 8, 9) Qoraan, Daataan, Abiraam fi ajajjoonni 250​ni aangoo Musee fi Aaron fudhachuu kan didan jijjiirama kanaan kan kaʼedhaa laata? (Lak. 16:1-3) Waaʼee kanaa mirkanaaʼaa taanee dubbachuu hin dandeenyu. Sababiin isaa maaliyyuu yoo taʼe, Qoraanii fi deggertoonni isaa Yihowaadhaaf amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru. Jijjiirama jaarmiyichi godheen kan kaʼe amanamummaan kee yoo qorame maal gochuu dandeessa?

Qehaatonni yeroo ramaddiin isaanii jijjiirametti, faarfattootaa fi karra eegdota ykn itti gaafatamtoota manneen kuusaa taʼanii fedhiidhaan tajaajilaniiru (Keeyyata 11 ilaali)

11. Qehaatota tokko tokkorraa maal baranna?

11 Jijjiirama jaarmiyichi godhu garaadhaa deggeri. Yeroo lafa onaa keessa imalaa turanitti Qehaatotaaf hojiin adda taʼe kennamee ture. Israaʼelonni yeroo buufata saanii buqqisan hundumaatti Qehaatonni muraasni namoota hundumaa duratti taabota kakuu baatu turan. (Lak. 3:29, 31; 10:33; Iya. 3:2-4) Kun mirga guddaadha! Haa taʼu malee, yeroo Israaʼelonni biyyattii abdachiifamtetti galan haalli isaa ni jijjiirame. Sana booda Taabotichi yeroo hunda iddoodhaa gara iddootti geeffamuun isa hin barbaachisu. Kanaafuu, yeroo Solomoon mootii taʼetti, Qehaatonni tokko tokko faarfattoota, tokko tokko karra eegdota, kaanimmoo itti gaafatamtoota manneen kuusaa taʼanii muudamanii turan. (1 Sen. 6:31-33; 26:1, 24) Qehaatonni sana dura mirga addaa waan qabaniif, hojiin kun isaaniif kennamuu isaatti akka gunguman ykn hojiin adda taʼe kan biraan akka isaaniif kennamu akka gaafatan yaanni argisiisu hin jiru. Kanarraa maal baranna? Jijjiirama ramaddii keenya tuqu dabalatee jijjiirama jaarmiyaan Yihowaa godhu kamiyyuu garaa guutuudhaan deggeri. Ramaddii siif kennamu kamittiyyuu gammadi. Iddoon Yihowaa duratti qabdu ramaddii keerratti kan hundaaʼe akka hin taane yaadadhu. Yihowaan mirga qabdu kamiyyuu caalaa ajajamuu keetiif iddoo guddaa kenna.—1 Sam. 15:22.

12. Zayinaan yeroo ramaddii haaraan ishiidhaaf kennametti maaltu ishiitti dhagaʼame?

12 Mee muuxannoo Zayinaa ishii ramaddiin ishii jijjiiramee fi mirga jaallattu dhabdee haa ilaallu. Waggaa 23 oliif Beetelitti erga tajaajiltee booda qajeelchituu addaa taatee ramadamte. Akkana jetteetti: “Ramaddiin koo jijjiiramuun isaa baayʼee na naasisee ture. Gatii akkan hin qabne natti dhagaʼame, yeroo hunda, ‘Maalan balleesse laata?’ jedheen of gaafadha ture.” Kan nama gaddisiisu obboloonni gumii ishii tokko tokko, “Akka gaariitti hojjetta utuu taʼee jaarmiyichi Beetelii si hin baasu ture” ishiidhaan jechuudhaan dhiphina ishiitti dabalaniiru. Zayinaan sana booda waan baayʼee gadditeef, galgala galgala yeroo hunda boossi turte. Taʼus, “Jaarmiyichi ykn Yihowaan akka na hin jaallanne matumaa natti dhagaʼamee hin beeku” jetteetti. Zayinaan dandeettii hubannaa ishii eeggachuu kan dandeesse akkamitti?

13. Zayinaan miira sirrii hin taane injifachuuf maal goote?

13 Zayinaan miira dogoggoraa ishiitti dhagaʼamaa ture moʼuu dandeesseetti. Akkamitti? Mata dureewwan barreeffamoota keenyarratti baʼanii fi waaʼee waldhaansoo ishiin gochaa jirtuu ibsan dubbisuun ishii ishii gargaareera. Mata dureen, “Miira Abdii Kutannaa Dandamachuu ni Dandeessa!” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1, 2001 irratti baʼe baayʼee ishii fayyadeera. Mata dureen kun barreessaa Kitaaba Qulqulluu kan taʼe Maarqos yeroo ramaddiin isaa jijjiirametti miira wal fakkaatu wajjin akkamitti waldhaansoo godhee taʼuu akka dandaʼu ibsa. Zayinaan, “Fakkeenyi Maarqos miira abdii kutannaa natti dhagaʼamu moʼuuf baayʼee na gargaareera” jetteetti. Kana malees, michoota ishiitti baayʼee dhihaatteetti. Namootarraa of hin fageessine; miira gaddaatiinis hin liqimfamne. Jaarmiyicha kan geggeessu hafuura Yihowaa akka taʼee fi obboloonni dura buutota taʼanii tajaajilan garaadhaa akka ishiidhaaf yaadan hubatteetti. Kana malees, jaarmiyaan Yihowaa hojiin isaa akka hojjetamu gochuuf wanta caalaatti gaarii taʼe akka godhu hubatteetti.

14. Vilaadoon jijjiirama jaarmiyichi godhe isa kamii wajjin wal baruuf waldhaansoo godhe? Gama kanaan maaltu isa gargaare?

14 Mee haala obboleessa waggaa 73 Vilaadoo jedhamuu fi Islooveeniyaa keessatti jaarsa gumii taʼee tajaajiluu haa ilaallu; obboleessi kun yeroo gumiin isaanii gumii kan biraa wajjin walitti makamettii fi Galmi Walgaʼii isaanii cufametti haalli isaa baayʼee itti ulfaatee ture. Akkana jedheera: “Galmi Walgaʼii baayʼee miidhagaa taʼe akkasii maaliif akka cufame naaf hin galle. Galmicha kan haaressine dhiheenyatti waan taʼeef cufamuu isaatti baayʼeen gadde. Hojii anaaxummaan hojjedha; miʼoota mukaa galmichaa tokko tokko anatu hojjete. Kana malees, jijjiirama jaarmiyichi godhe kana wajjin wal baruuf sirreeffama baayʼee gochuun nu barbaachiseera; kunimmoo obboloota akka keenya babalʼistoota durii taʼaniif salphaa miti.” Maarree, qajeelfama kana deggeruuf maaltu isa gargaare? Akkana jedheera: “Jijjiirama jaarmiyaan Yihowaa godhetti baruuf yaaluun yeroo hundumaa eebba argamsiisa. Jijjiiramawwan guguddaa gara fuulduraatti godhamaniifillee nu qopheessa.” Gumiin keessan gumii kan biraa wajjin walitti makamuu isaatiin ykn ramaddiin kee jijjiiramuu isaatiin kan kaʼe waldhaansoo gochaa jirtaa? Yihowaan miira kee akka siif hubatu mirkanaaʼaa taʼi. Jijjiiramawwan akkasii yeroo deggertuu fi Yihowaa fi jaarmiyaa inni itti fayyadamaa jirutti amanamummaadhaan yeroo maxxantu eebba akka argattu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Far. 18:25.

WANTA HUNDUMAARRATTI DANDEETTII HUBANNAA KEE EEGGADHU

15. Gumii keessatti haalli rakkisaan yeroo nu mudatu dandeettii hubannaa keenya eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Dhumni sirna kanaa caalaatti dhihaachaa yeroo deemu, gumii keessatti haalawwan rakkisoon garaa garaa akka nu mudatan eegna. Rakkoowwan kun amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu qoruu dandaʼu. Kanaafuu, dandeettii hubannaa keenya eeggachuu qabna. Obboleessi tokko wanta si miidhu akka godhe yoo sitti dhagaʼame gaddaan hin liqimfamin. Adabni yoo siif kenname, qaanii sitti dhagaʼamurratti xiyyeeffachuu mannaa, gorsa siif kenname fudhachuudhaan sirreeffama barbaachisu godhi. Jaarmiyaan Yihowaa jijjiirama si tuqu yeroo godhutti, jijjiirama kana garaa guutuudhaan deggeri, qajeelfama kennamuufis ajajami.

16. Amantii Yihowaa fi jaarmiyaa isaarratti qabdu eeggachuu kan dandeessu akkamitti?

16 Amanamummaan kee yeroo qoramu amantii Yihowaa fi jaarmiyaa isaarratti qabdu eeggachuu ni dandeessa. Kana gochuuf garuu, dandeettii hubannaa kee eeggachuu, tasgabbaaʼuu, sirriitti yaaduu fi dhimmoota garaa garaatiif ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuun si barbaachisa. Kitaaba Qulqulluurraa waaʼee namoota rakkina si mudachaa jiru milkaaʼinaan dandamatanii qoʼadhu, akkasumas fakkeenya isaaniirratti xiinxali. Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. Matumaa gumiirraa of hin fageessin. Akkas kan gootu taanaan, haalli akkamiiyyuu yoo uumame, Seexanni Yihowaa fi jaarmiyaa isaarraa gargar si baasuu hin dandaʼu.—Yaq. 4:7.

FAARFANNAA 126 Dammaqi, Jabaadhu, Cimi!

a Keessumaa gumii keessatti haalli rakkisaan yeroo nu mudatu amanamummaan Yihowaa fi jaarmiyaa isaaf qabnu qoramuu dandaʼa. Mata duree kana keessatti haalawwan rakkisoo nu mudatan sadii fi Yihowaa fi jaarmiyaa isaatiif amanamoo taanee itti fufuuf wanta gochuu dandeenyurratti mariʼanna.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

c Mata duree, “Kanaan Dura Tajaajilaa Turtee? Ammas Tajaajiluu Dandeessaa?” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2009, ful. 30 irratti argamurraa gorsawwan si gargaaran dabalataa argachuu ni dandeessa.

d Seerichi mataawwan maatii beelada tokko qalachuu yoo barbaadan beelada sana gara godoo qulqulluutti akka geessan ajaja ture. Mataawwan maatii naannoo godoo qulqulluurraa fagoo taʼe jiraatan garuu akkas akka godhan isaanirraa hin eegamu.—Kes. 12:21.