Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 46

Yihowaan Gammachuudhaan Jabaannee Akka Dhaabbannu Nu Gargaara

Yihowaan Gammachuudhaan Jabaannee Akka Dhaabbannu Nu Gargaara

“Yihowaan . . . gaarummaa isinitti argisiisuuf obsaan eegaa jira, gara laafina isinitti argisiisuufis ni kaʼa.”—ISA. 30:18.

FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya

QABIYYEE a

1-2. (a) Gaaffilee kamfaa qorra? (b) Yihowaan nu gargaaruuf akka hawwu wanti argisiisu maalidha?

 YIHOWAAN rakkina jireenya keessatti nu mudatu akka dandamannuu fi tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessinurraa gammachuu akka argannu nu gargaara. Gargaarsa akkasii kan nuuf godhu karaawwan kamiini? Gargaarsa Yihowaan nuuf godhurraa faayidaa guutuu argachuu kan dandeenyu hoo akkamitti? Mata dureen kun gaaffilee kanneeniif deebii kenna. Deebii gaaffilee kanaa ilaaluu keenya dura garuu, gaaffii tokko haa kaasnu: Yihowaan dhugumaan nu gargaaruuf fedhii qabaa?

2 Jechi Phaawulos ergamaan xalayaa Ibrootaaf barreesserratti itti fayyadame tokko deebii gaaffii kanaa argachuuf nu gargaara. Phaawulos, “Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?” jedheera. (Ibr. 13:6) Barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluurratti yaada kennan akka ibsanitti caqasa kanarratti jechi, “gargaaraa” jedhu qaama nama gargaarsa argachuuf iyyatu gargaaruuf ariifatu argisiisa. Mee Yihowaan nama dhiphina keessa jiru tokko oolchuuf yeroo ariifatu yaadaan ilaali. Ibsi kun fedhii guddaa Yihowaan gargaaraa keenya taʼuuf qabu kan addeessu taʼuu isaa akka irratti walii galtu hin shakkisiisu. Yihowaan nu cinaa waan jiruuf qorumsa nu mudatu gammachuudhaan dandamachuu dandeenya.

3. Karaawwan Yihowaan qorumsa nu mudatu gammachuudhaan akka dandamannu itti nu gargaaru sadan kamfaʼi?

3 Karaawwan Yihowaan qorumsawwan nu mudatan gammachuudhaan akka dandamannu itti nu gargaaru tokko tokko kamfaʼi? Deebii gaaffii kanaa kitaaba Isaayyaas irraa arganna. Akkas kan jennu maaliifi? Raajiiwwan Isaayyaas hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee barreesse hedduun tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo harʼaa jiraniif waan hojjetuufi. Kana malees, Isaayyaas yeroo baayʼee waaʼee Yihowaa kan ibse jechoota salphaatti hubachuu dandeenyutti fayyadameeti. Mee Isaayyaas boqonnaa 30 akka fakkeenyaatti haa ilaalu. Boqonnaa kana keessatti Isaayyaas Yihowaan saba isaa kan gargaaru akkamitti akka taʼe fakkeenyota gaggaariitti fayyadamee ibseera. Yihowaan (1) kadhannaa keenya xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatee deebii kennuudhaan, (2) qajeelfama nuuf kennuudhaan, akkasumas (3) yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti nu eebbisuudhaan akka nu gargaaru barreesseera. Mee Yihowaan karaawwan sadan kanaan akkamitti akka nu gargaaru haa ilaallu.

YIHOWAAN NU DHAGAʼA

4. (a) Yihowaan waaʼee Yihudoota bara Isaayyaas jiraatanii maal jedheera? Yeroo booda maaltu akka isaanirra gaʼu heyyame? (b) Yihowaan Yihudoota amanamoodhaaf abdii akkamii kenne? (Isaayyaas 30:18, 19)

4 Isaayyaas boqonnaa 30 jalqabarratti Yihowaan, waaʼee Yihudootaa yeroo dubbatu, ‘Ilmaan mata jabeeyyii cubbuu irratti cubbuu dabalan’ jedheera. Itti fufuudhaanis, “Isaan saba fincilu, . . . Ilmaan seera Yihowaa dhagaʼuuf fedhii hin qabne dha” jedheera. (Isa. 30:1, 9) Isaayyaas sabichi Yihowaa dhagaʼuu waan dideef, Yihowaan rakkinni akka isaanirra gaʼu akka heyyamu raajii dubbateera. (Isa. 30:5, 17; Er. 25:8-11) Yommuu warri Baabilon boojuudhaan isaan fudhatanitti wanti taʼes kanuma. Haa taʼu malee, isaan keessaa Yihudoonni amanamoon tokko tokko waan jiraniif Isaayyaas ergaa murtii isaanitti himeera. Yihowaan gaaf tokko gara Yerusaalemitti akka isaan deebisu isaanitti hime. (Isaayyaas 30:18, 19 dubbisi.) Wanti taʼes kanuma. Yihowaan yeroon boojuudhaan itti jiraatan akka xumuramu godheera. Taʼus, bilisa kan baʼan yeruma sana hin turre. Yaanni, “Yihowaan . . . gaarummaa isinitti argisiisuuf obsaan eegaa jira” jedhu namoonni amanamoon bilisa baʼuu isaanii dura yeroon murtaaʼe akka darbu argisiisa. Namoonni lubbuudhaan oolan gara Yerusaalemitti akka deebiʼan isaaniif heyyamamuu isaa dura Israaʼelonni boojuudhaan Baabilon keessa waggaa 70 turaniiru. (Isa. 10:21; Er. 29:10) Gara biyya dhalootaa isaaniitti yeroo deebiʼan imimmaan gaddaa boojiʼamtoota taʼuu isaaniitiin dhangalaasaa turan gara gammachuutti jijjiirameera.

5. Isaayyaas 30:19 maal nuuf mirkaneessa?

5 Yeroo harʼaattis yaada “Ati yommuu gargaarsa argachuuf iyyitu, inni dhugumaan gaarummaa sitti ni argisiisa” jedhurraa jajjabina ni arganna. (Isa. 30:19) Isaayyaas Yihowaan yeroo gargaarsaaf gara isaatti iyyinu xiyyeeffannaadhaan akka nu dhagaʼuu fi iyyannoo keenyaaf yeruma sana deebii akka kennu nuuf mirkaneesseera. Isaayyaas itti dabaluudhaan, “Iyya kee akkuma dhagaʼeenis deebii siif ni kenna” jedheera. Yaanni nama jajjabeessu kun, Abbaan keenya yommuu gargaarsa argachuuf gara isaatti iyyinu nu gargaaruuf fedhii guddaa akka qabu argisiisa. Kana beekuun keenya gammachuudhaan jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara.

6. Yaanni Isaayyaas dubbate Yihowaan kadhannaa tokkoon tokkoon tajaajiltoonni isaa dhiheessan akka dhagaʼu kan argisiisu akkamitti?

6 Caqasni kun kadhannaa dhiheessinu ilaalchisee barumsa dabalataa akkamii nuuf kenna? Yihowaan kadhannaa tokkoon tokkoon keenyaatiif xiyyeeffannaa kenna. Akkana kan jennu maaliifi? Isaayyaas boqonnaa 30 kutaa jalqabaarratti, Yihowaan sabicha akka gareetti argisiisuuf jecha “isin” jedhutti fayyadameera. Lakkoofsa 19 irratti garuu, jecha “ati” jedhutti fayyadameera; kunis ergaan kun dhuunfaatti kan kenname akka taʼe argisiisa. Isaayyaas akkana jedhe barreesseera: “Ati matumaa hin boossu”; “inni dhugumaan gaarummaa sitti ni argisiisa”; “deebii siif ni kenna.” Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa waan taʼeef, ilma isaa ykn intala isaa abdii kutatanii jiraniin, “Akka obboleessa keetii ykn obboleettii keetii cimuu qabda” hin jedhu. Kanaa mannaa, dhuunfaatti waan nuuf yaaduuf kadhannaa keenya xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffata.—Far. 116:1; Isa. 57:15.

Isaayyaas, “Boqonnaa tokko iyyuu [Yihowaadhaaf] hin kenninaa” yeroo jedhu maal jechuu isaati? (Keeyyata 7 ilaali)

7. Isaayyaasii fi Yesuus irra deddeebiʼanii kadhachuun barbaachisaa akka taʼe kan ibsan akkamitti?

7 Yihowaan wanta nu yaaddesse tokko yeroo isatti himnu wanti inni jalqabarratti godhu cimina haala isaa dandamachuuf nu gargaaru nuuf kennuu taʼuu dandaʼa. Qorumsi nurra gaʼaa jiru sun yeroo eegnetti yoo dhaabbachuu baate, cimina haala isaa dandamachuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu irra deddeebinee Yihowaa kadhachuun keenya gaariidha. Yihowaan akkas akka goonu nu affeereera. Wanti Isaayyaas, “Boqonnaa tokko iyyuu [Yihowaadhaaf] hin kenninaa” jechuudhaan dubbate kana argisiisa. (Isa. 62:7) Kana jechuun maal jechuudha? Akkuma waan Yihowaa boqonnaa dhowwannuutti irra deddeebinee kadhachuu qabna jechuu dha. Yaanni Isaayyaas dubbate fakkeenya Yesuus Luqaas 11:8-10, 13 irratti kadhannaa ilaalchisee dubbate nu yaadachiisa. Yesuus caqasa kanarratti hafuura qulqulluu argachuuf ‘irra deddeebinee ija jabinaan akka kadhannuu’ fi ‘kadhachuu keenya akka itti fufnu’ nu jajjabeesseera. Kana malees, qajeelfama murtoo sirrii gochuuf nu barbaachisuu akka nuuf kennu cimsinee Yihowaa kadhachuu dandeenya.

YIHOWAAN QAJEELFAMA NUUF KENNA

8. Yaanni Isaayyaas 30:20, 21 irratti argamu bara duriitti raawwii isaa kan argate akkamitti?

8 Isaayyaas 30:20, 21 dubbisi. Loltoonni Baabilon waggaa tokkoo fi walakkaadhaaf yeroo Yerusaalemitti marsanii turanitti sabichi baayʼee dhiphatee ture. Haalli dhiphisaan sunis akkuma nyaataa fi bishaanii wanta baramaa taʼee ture. Haa taʼu malee, lakkoofsa 20 fi 21 irratti Yihowaan yoo yaada geeddaratanii fi amala isaanii yoo jijjiiran akka isaan oolchu Yihudootaaf waadaa galeera. Isaayyaas Yihowaan ‘Barsiisaa isaanii Isa Guddicha’ akka taʼe caqasuudhaan akkamitti karaa fudhatama qabuun isa Waaqeffachuu akka dandaʼan akka isaan barsiisu isaanitti himeera. Yaanni kun yeroo Yihudoonni boojuudhaa bilisa baʼan raawwii isaa argateera. Yihowaan Barsiisaa isaanii Isa Guddicha taʼuu isaa mirkaneesseera, akkasumas qajeelfama isaa jalatti sabichi waaqeffannaa qulqulluu deebisee hundeessuurratti milkaaʼina argateera. Yeroo harʼaatti Yihowaan Barsiisaa keenya Isa Guddicha taʼuu isaatti baayʼee gammanna.

9. Karaan yeroo harʼaatti qajeelfama Yihowaa itti argannu tokko maalidha?

9 Isaayyaas itti fufuudhaan nuti barattoota karaa lamaan Yihowaa irraa barannu akka taane ibseera. Jalqabarratti, “Ijuma keetiin Barsiisaa kee Isa Guddicha ni argita” jedheera. Fakkeenya kanarratti barsiisichi akka waan bartoota dura dhaabbatee jiruutti ibsameera. Yeroo harʼaatti barumsa isaarraa fayyadamuuf mirga arganneerra. Yihowaan kan nu barsiisu akkamitti? Jaarmiyaa isaatti fayyadamee nu barsiisa. Qajeelfama ifaa jaarmiyaa Yihowaarraa argannuuf baayʼee galateeffanna. Barumsi karaa walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa, akkasumas karaa barreeffamoota, biroodkaastiingii fi karaawwan kan birootiin argannu haala rakkisaa nu mudatu gammachuudhaan dandamachuuf nu gargaara.

10. ‘Duuba keenyaan sagalee’ kan dhageenyu karaa kamiini?

10 Isaayyaas, “Duuba keetiin gurri kee sagalee . . . ni dhagaʼa” jechuudhaan karaa Yihowaan itti nu barsiisu isa lammaffaas caqaseera. Asirratti raajichi Yihowaan barsiisaa karaa fuuldura isaanii jiru isaanitti argisiisuu fi qajeelfama isaaniif kennuuf barattoota isaa duuba deemuudhaan xiyyeeffannaa isaaniif kennu akka taʼeetti ibseera. Yeroo harʼaatti sagalee Waaqayyoo duuba keenyaan ni dhageenya. Akkamitti? Dubbiin Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti kan galmeeffame yeroo dheeraa dura dha. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnu akkuma waan sagalee Waaqayyoo duuba keenyaan dhagaʼaa jirruuti.—Isa. 51:4.

11. Gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu qabna? Maaliif?

11 Qajeelfama Yihowaan karaa jaarmiyaa isaa fi Dubbii isaa nuuf kennaa jiru irraa faayidaa guutuu argachuu kan dandeenyu akkamitti? Isaayyaas wantoota lama akka dubbate qalbeeffadhu. Tokkoffaa, “Karichi isa kana” jedheera. Lammaffaammoo, “Isa irra deemaa” jedheera. (Isa. 30:21) ‘Karicha’ beekuun qofti gaʼaa miti. ‘Isa irra deemuu’ qabna. Dubbii Yihowaa fi ibsa jaarmiyaan isaa nuuf kennurraa wanta Yihowaan nurraa barbaadu barachuu dandeenya. Wanta baranne hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni baranna. Yihowaa gammachuudhaan tajaajiluu keenya itti fufuuf tarkaanfiiwwan lamaan kana fudhachuu qabna. Eebba Yihowaa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu yoo akkas goone qofadha.

YIHOWAAN NU EEBBISA

12. Akka Isaayyaas 30:23-26 irratti ibsametti Yihowaan saba isaa kan eebbise akkamitti?

12 Isaayyaas 30:23-26 dubbisi. Raajiin kun Yihudoota boojuu Baabilon jalaa bilisa baʼanii gara biyya Israaʼelitti deebiʼaniif kan raawwatame akkamitti? Yihudoonni sun karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa eebba hedduu argataniiru. Yihowaan nyaata hedduu isaaniif kennuudhaan saba isaa eebbiseera. Hunda caalaammoo, waaqeffannaa dhugaan irraa jalaan yeroo gara iddoo isaatti deebiʼu nyaata hafuuraa hedduu isaaniif kennuudhaan isaan eebbiseera. Eebbi hafuuraa yeroo sanatti sabni Waaqayyoo argatan wanta sana dura argatan kamirrayyuu kan caalu ture. Lakkoofsa 26 irratti akka ibsameetti Yihowaan ifni hafuuraa baayʼee akka dabalu godheera. (Isa. 60:2) Eebbi Yihowaa tajaajiltoonni isaa “gammachuu garaa isaaniitiin kan kaʼe” cimina qabaatanii isa tajaajiluu isaanii akka itti fufan isaan gargaareera.—Isa. 65:14.

13. Raajiin waaʼee iddootti deebisuu dubbatame yeroo harʼaatti raawwii isaa argachaa kan jiru akkamitti?

13 Raajiin Waaqeffannaa qulqulluu iddootti deebisuu ilaalchisee dubbatame yeroo harʼaatti nuuf ni hojjetaa? Eeyyee, ni hojjeta! Akkas kan jennu maaliifi? Dhaloota Kiristoos Booda bara 1919 kaasee namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman boojuu Baabilon Guddittii ishii amantaa sobaa addunyaa maraa argisiistu jalaa bilisa baʼaa jiru. Namoonni kun gara iddoo Biyyattii Abdachiifamterra baayʼee caalutti dhufaa jiru. Iddoon kunis jannata hafuuraati. (Isa. 51:3; 66:8) Jannanni hafuuraa kun maalidha?

14. Jannanni hafuuraa maalidha? Yeroo harʼaatti keessa kan jiraatan eenyufaʼi? (Ibsa Jechaa ilaali.)

14 Dhaloota Kiristoos Booda bara 1919 kaasee Kiristiyaanonni dibamoon mirga jannata hafuuraa keessa jiraachuu argataniiru. b Yeroon darbaa yommuu deemummoo, ‘hoolonni kan biroon’ warri abdii lafarra jiraachuu qabanis gara jannata hafuuraa kanaatti galuudhaan eebba Yihowaa argachaa jiru.—Yoh. 10:16; Isa. 25:6; 65:13.

15. Jannanni hafuuraa eessatti argama?

15 Yeroo harʼaatti jannanni hafuuraa eessatti argama? Waaqeffattoonni Yihowaa addunyaa maratti argamu. Kanaafuu, jannanni hafuuraa isaan keessa jiraatanis addunyaa maratti argama. Yeroo harʼaatti kan jiraannu eessayyuu yoo taʼe waaqeffannaa dhugaa amanamummaadhaan deggeruu keenya hamma itti fufnetti kutaa jannata hafuuraa taʼuu ni dandeenya.

Tokkoon tokkoon keenya miidhagina jannata hafuuraatiif gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 16-17 ilaali)

16. Miidhagina jannata hafuuraarratti xiyyeeffachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Jannata hafuuraa keessa jiraachuu keenya itti fufuuf wanti gochuu qabnu keessaa tokko dinqisiifannaa gumii Kiristiyaanaa addunyaa maraatiif qabnu guddifachuu keenya itti fufuudha. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Mudaa namoonni jannata hafuuraa keessa jiraatan qabanirratti utuu hin taʼin, wantoota gaggaarii isaan qabanirratti xiyyeeffachuudhaani. (Yoh. 17:20, 21) Akkas gochuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Mee fakkeenya tokko haa kaasnu. Paarkii ykn iddoo biqiltuu miidhagaa tokko yeroo daawwannu mukeetii garaa garaa akka arginu eegna. Haaluma wal fakkaatuun, jannanni hafuuraa gumiiwwan keenya keessa jirus namoota garaa garaa mukeetiitti fakkeeffaman kan of keessatti qabatedha. (Isa. 44:4; 61:3) Hanqina “mukeetiin” naannoo keenya jiran qabanirratti utuu hin taʼin, miidhagina “bosonichi” qaburratti xiyyeeffachuu keenya itti fufuu qabna. Gumiin Kiristiyaanaa addunyaa maraa tokkummaa qabu baayʼee miidhaga; mudaan nuti qabnus taʼe obboloonni kaan qaban miidhagina kanarratti akka hin xiyyeeffanne akka nu dhoowwu heyyamuu hin qabnu.

17. Tokkummaa gumii keessa jiruuf dhuunfaatti gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Tokkummaa gumichaatiif dhuunfaatti gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti? Nagaa kan uumnu taʼuudhaani. (Mat. 5:9; Rom. 12:18) Warra gumii keessa jiran wajjin nagaadhaan jiraachuuf dursa fudhannee yeroo carraaqqii goonu hundatti miidhagina jannata hafuuraatiif gumaacha goona. Tokkoon tokkoon jiraattota jannata hafuuraa gara waaqeffannaa qulqulluutti kan harkise Yihowaa akka taʼe dagachuu hin qabnu. (Yoh. 6:44) Yihowaan nagaa fi tokkummaa tajaajiltoota isaa warra isa duratti iddoo guddaa qaban gidduu jiru cimsuuf carraaqqii goonu yommuu argu hammam akka gammadu mee yaadi!—Isa. 26:3; Hag. 2:7.

18. Yeroo baayʼee maalirratti xiinxaluu qabna? Maaliif?

18 Eebbawwan tajaajiltoota Waaqayyoo taʼuu keenyaan argannurraa guutummaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan qoʼachuu fi gadi fageenyaan irratti yaaduudhaani. Qoʼachuu fi xiinxaluun keenya amaloota Kiristiyaanaa gumii keessatti ‘jaalala obbolummaatiin hoʼisnee wal jaallachuuf’ nu kakaasan horachuuf nu gargaara. (Rom. 12:10) Eebbawwan yeroo ammaatti argachaa jirrurratti xiinxaluun keenya hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nuuf cimsa. Eebbawwan Yihowaan gara fuulduraatti nuuf qopheesserratti xiinxaluun keenyammoo abdii bara baraaf isa tajaajiluuf qabnu nuuf cimsa. Wantoonni kun hundi gammachuu yeroo ammaatti Yihowaa tajaajiluudhaan argannuuf gumaacha godhu.

JABAATTEE DHAABBACHUUF KUTADHU

19. (a) Isaayyaas 30:18 akka jedhutti waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? (b) Wanti gammachuudhaan jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaru maalidha?

19 Yihowaan addunyaa hamaa kana yeroo balleessu nu gargaaruuf jecha “ni kaʼa.” (Isa. 30:18) Yihowaan inni “Waaqa haqa qabeessa taʼe” addunyaan Seexanaa utuu hin barbaachisin guyyaa tokkoofillee akka turu akka hin heyyamne homaa hin shakkinu. (Isa. 25:9) Guyyaan fayyinaa sun hanga gaʼutti Yihowaa obsaan ni eegganna. Hammasitti garuu mirga kadhannaadhaaf iddoo guddaa kennuu, Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi hojiirra oolchuu, akkasumas eebbawwan argannerratti xiinxaluu keenya itti fufuuf kutanneerra. Yeroo akkas goonu, Yihowaan jabaannee akka dhaabbannuu fi gammachuudhaan isa waaqeffachuu keenya akka itti fufnu nu gargaara.

FAARFANNAA 142 Abdii Keenya Cimsinee Qabachuu

a Mata dureen kun karaawwan Yihowaan tajaajiltoonni isaa rakkoowwan jireenya isaanii keessatti isaan mudatan gammachuudhaan akka dandamatan itti gargaaru sadii ibsa. Isaayyaas boqonnaa 30 qoruudhaan waaʼee karaawwan gargaarsa itti argannu kanaa baranna. Boqonnaa kana yeroo qorru kadhannaa dhiheessuun, Dubbii isaa qoʼachuun, akkasumas eebbawwan yeroo ammaatti argachaa jirruu fi gara fuulduraatti argannurratti xiinxaluun keenya barbaachisaa taʼuu isaa ilaalla.

b IBSA JECHAA: “Jannanni hafuuraa” haala naga qabeessa tokkummaadhaan Yihowaa itti waaqeffannu argisiisa. Jannata hafuuraa keessatti nyaata hafuuraa dhiibbaa amantaa sobaarraa bilisa taʼe hedduu arganna, akkasumas hojii gammachiisaa hojjennu qabna; hojiin kunis misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuudha. Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabna, akkasumas obbolootaa fi obboleettota keenya jaalala qabeeyyii rakkina jireenya keessatti nu mudatu gammachuudhaan akka dandamannu nu gargaaran wajjin nagaadhaan jiraanna. Gara jannata hafuuraa kanatti kan gallu Yihowaa karaa sirrii taʼeen waaqeffachuu yommuu jalqabnuu fi fakkeenya isaa hordofuuf wanta nuuf dandaʼame hunda yommuu goonudha.