Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 45

Yihowaan Tajaajila Keenya Akka Raawwannu Nu Gargaara

Yihowaan Tajaajila Keenya Akka Raawwannu Nu Gargaara

“Raajiin isaan gidduu akka ture dhugumaan ni beeku.”—HIS. 2:5.

FAARFANNAA 67 “Dubbicha Lallabi”

QABIYYEE a

1. Wanti akkamii akka nu mudatu eegna? Taʼus, waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

 HOJII lallabaa yeroo raawwannu mormiin akka nu mudatu ni eegna. Gara fuulduraattimmoo mormiin nu mudatu caalaatti dabalaa deemuu dandaʼa. (Dan. 11:44; 2 Xim. 3:12; Mul. 16:21) Taʼus, Yihowaan gargaarsa nu barbaachisu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Maaliif? Yihowaan hammamiyyuu ulfaataa yoo taʼe, hojii isaaniif kenname akka raawwatan yeroo hundumaa tajaajiltoota isaa ni gargaara. Mee taʼeewwan jireenya Hisqiʼel raajichaa keessatti uumaman tokko tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu; Hisqiʼel Yihudoota boojuudhaan gara Baabilonitti geeffamaniif lallabaa ture.

2. Yihowaan waaʼee namoota naannoo tajaajilaa Hisqiʼel keessa jiranii maal jedhe? Mata duree kana keessatti maal ilaalla? (Hisqiʼel 2:3-6)

2 Naannoo tajaajilaa Hisqiʼel keessa kan turan namoota akkamiiti? Yihowaan namoonni sun “[kan] hin ajajamnee,” “mata jabeeyyii” fi “finciltoota” akka taʼan dubbateera. Namoonni kun akkuma qoree fi akkuma torbaanqabaa miidhaa guddaa kan geessisan turan. Yihowaan Hisqiʼeliin irra deddeebiʼee, “Hin sodaatin” jechuun isaa nama hin dinqisiisu. (Hisqiʼel 2:3-6 dubbisi.) Hisqiʼel hojii lallabaa isaaf kenname raawwachuu dandaʼeera; sababiin isaas, (1) kan isa erge Yihowaadha, (2) hafuurri Waaqayyoo cimina isaaf kenneera, akkasumas (3) wanti Waaqayyo dubbate amantii isaa isaaf cimseera. Wantoonni sadan kun Hisqiʼeliin kan gargaaran akkamitti? Yeroo harʼaattoo nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

HISQIʼELIIN KAN ERGE YIHOWAADHA

3. Wanti Hisqiʼeliin jajjabeessee taʼuu dandaʼu maalidha? Yihowaan akka isa deggeru kan isaaf mirkaneesse hoo akkamitti?

3 Yihowaan Hisqiʼeliin, “Ani . . . sin erga” jedheera. (His. 2:3, 4) Hisqiʼel wanta Yihowaan dubbate kanarraa jajjabina akka argate hin shakkisiisu. Akkas kan jennu maaliifi? Hisqiʼel Yihowaan Musee fi Isaayyaas warra raajota isaa taʼan yeroo ergettis akkasuma akka isaaniin jedhe akka yaadate hin shakkisiisu. (Bau. 3:10; Isa. 6:8) Kana malees, Hisqiʼel Yihowaan raajota isaa lamaan kana haala rakkisaa isaan mudate akka dandamatan akkamitti akka gargaares beeka. Kanaafuu, Hisqiʼel Yihowaan siʼa lama, “Ani . . . sin erga” yeroo isaan jedhu deggersa isaa akka argatu amanannaa qabaachuu ni dandaʼa jechuudha. Kana malees, kitaaba Hisqiʼel keessatti yaanni, “Dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe” jedhu siʼa hedduu argama. (His. 3:16) Yaanni, “Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe” jedhus siʼa baayʼee argama. (His. 6:1) Kanaafuu, Hisqiʼel kan isa erge Yihowaa akka taʼe amanannaa guutuu qabaachuu ni dandaʼa ture. Kana malees, Hisqiʼel ilma lubaa waan taʼeef, abbaan isaa Yihowaan yeroo hunda raajota isaa deggeraa akka ture isa barsiisee taʼuu qaba. Yihowaan Yisihaaq, Yaaqoobii fi Ermiyaasiin, “Ani sii wajjinan jira” jedheera.—Uma. 26:24; 28:15; Er. 1:8.

4. Yaadawwan Hisqiʼeliin jajjabeessan kamfaʼi?

4 Israaʼelonni walumaa galatti ergaa Hisqiʼel isaanitti himeef deebii akkamii kennan? Yihowaan, “Manni Israaʼel . . . na dhagaʼuu waan hin barbaanneef, si hin dhagaʼan” isaan jedheera. (His. 3:7) Sabichi Hisqiʼeliin dhagaʼuu diduudhaan Yihowaa dhagaʼuu akka hin barbaanne argisiiseera. Yihowaan sabichi ergaa Hisqiʼel fudhachuu diduun isaa hojiin inni raajii taʼuudhaan hojjetu akka isaaf hin milkoofne kan argisiisu akka hin taane isaaf mirkaneesseera. Kana malees, Yihowaan murtiin inni labse yeroo raawwatamu “raajiin isaan gidduu akka ture [akka beekan]” isaaf mirkaneesseera. (His. 2:5; 33:33) Yaadawwan nama jajjabeessan kun Hisqiʼeliif cimina tajaajila isaa raawwachuuf isa barbaachisu akka isaaf argamsiisan hin shakkisiisu.

KAN NU ERGE YIHOWAADHA

Akkuma Hisqiʼeliin mudate namoonni dantaa hin qabnee fi nu morman nu mudachuu dandaʼu; taʼus Yihowaan akka nu wajjin jiru beekna (Keeyyata 5-6 ilaali)

5. Akka Isaayyaas 44:8 jedhutti wanti cimina nuuf argamsiisu maalidha?

5 Hojii lallabaa akka raawwannu kan nu erge Yihowaa akka taʼe beekuun keenya cimina nuuf argamsiisa. Yihowaan, “Dhugaa baatota koo” jedhee nu waamuudhaan nu kabajeera. (Isa. 43:10) Kun mirga guddaadha! Yihowaan akkuma Hisqiʼeliin, “Hin sodaatin” jedhe nuunis, “Hin naʼinaa” jedheera. Mormitoota keenya sodaachuu kan hin qabne maaliifi? Akkuma Hisqiʼel nuunis kan erge Yihowaa waan taʼeefi, deggersa isaas qabna.—Isaayyaas 44:8 dubbisi.

6. (a) Yihowaan akka nu gargaaru kan nuuf mirkaneesse akkamitti? (b) Wanti jajjabinaa fi cimina nuuf argamsiisu maalidha?

6 Yihowaan akka nu gargaaru waadaa nuuf galeera. Fakkeenyaaf Yihowaan, “Isin dhugaa baatota koo ti” jechuu isaa dura akkana jedheera: “Ati yommuu bishaan keessa ceetu ani sii wajjin nan taʼa. Yommuu lageen keessa ceetus isaan si hin liqimsan. Ati yommuu ibidda keessa darbitu hin gubattu, laboobni isaas si hin waxalu.” (Isa. 43:2) Tajaajila keenya yommuu raawwannu yeroo tokko tokko gufuuwwan akka lolaa taʼanii fi qorumsawwan akka ibiddaa taʼan nu mudatu. Taʼus, gargaarsa Yihowaatiin lallabuu keenya itti fufna. (Isa. 41:13) Akkuma namoota bara Hisqiʼel turanii namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun ergaa isaanitti himnu hin fudhatan. Taʼus, kun kan taʼu waan nuti akka gaariitti hin lallabneef akka hin taane beekna. Yihowaan yommuu amanamummaadhaan ergaa isaa labsuu keenya itti fufnu akka nutti gammadu beekuun keenya jajjabinaa fi cimina nuuf argamsiisa. Phaawulos ergamaan, “Namni hundi akkuma hojii isaatti badhaasa isaa ni fudhata” jedheera. (1 Qor. 3:8; 4:1, 2) Obboleettiin yeroo dheeraadhaaf qajeelchituu taatee tajaajilte takka, “Yihowaan carraaqqii keenya akka eebbisu beekuun koo gammachuu naaf argamsiisa” jetteetti.

HAFUURRI WAAQAYYOO HISQIʼELIIF CIMINA KENNEERA

Hisqiʼel saragallaa isa samii mulʼataan arguun isaa Yihowaan tajaajila isaa fiixaan akka baasu akka isa gargaaru amanannaa qabu isaaf cimseera (Keeyyata 7 ilaali)

7. Hisqiʼel mulʼata argerratti yeroo xiinxalu hundumaatti maaltu isatti dhagaʼama ture? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)

7 Hisqiʼel hafuurri Waaqayyoo humna guddaa akka qabu argeera. Hafuurri qulqulluun uumamawwan jiraatoo humna guddaa qaban yeroo gargaaruu fi geengoowwan saragallaa isa samii yeroo sochoosu mulʼataan argeera. (His. 1:20, 21) Yeroo kanatti Hisqiʼelitti maaltu dhagaʼame? Hisqiʼel wanta uumame galmeesseera. “Yommuun kana argetti adda kootiin nan gombifame” jedheera. Hisqiʼel baayʼee waan sodaateef lafatti kufe. (His. 1:28) Sana booda Hisqiʼel yeroo mulʼata ajaaʼibsiisaa taʼe kanarratti xiinxalu hundatti hafuurri Waaqayyoo tajaajila isaa raawwachuuf akka isa gargaaru amantiin qabu akka isaaf cimu hin shakkisiisu.

8-9. (a) Ajajni Yihowaa Hisqiʼeliif maal argamsiise? (b) Yihowaan Hisqiʼel naannoo tajaajilaa rakkisaa taʼe keessatti tajaajiluuf akka qophaaʼuuf cimina dabalataa kan isaaf kenne akkamitti?

8 Yihowaan Hisqiʼeliin, “Yaa ilma namaa, sii wajjin akkan dubbadhuuf miila keetiin dhaabbadhu” jedhee ajaje. Ajajni kunii fi hafuurri Waaqayyoo Hisqiʼeliif cimina lafarraa kaʼuuf isa barbaachisu isaaf argamsiiseera. Hisqiʼel, “Hafuurri na keessa seenee . . . miila kootiin na dhaabe” jedhee barreesseera. (His. 2:1, 2) Hisqiʼel guutummaa tajaajila isaa keessatti “harki” Waaqayyoo, jechuunis hafuurri qulqulluun isa geggeesseera. (His. 3:22; 8:1; 33:22; 37:1; 40:1) Hafuurri Waaqayyoo Hisqiʼeliif cimina hojii isaa raawwachuuf, jechuunis namoota “boqu jabeeyyii fi mata jabeeyyii” naannoo tajaajilaa isaa keessa jiraniif lallabuuf isa barbaachisu isaaf kenneera. (His. 3:7) Yihowaan Hisqiʼeliin akkana jedheera: “Fuulli kee akkuma fuula isaanii jabaa akka taʼu, addi kees akkuma adda isaanii jabaa akka taʼu godheera. Adda kee akkuma almaazii godheera; dhagaa jabaa caalaas cimaa godheera. . . . isaan hin sodaatin yookiin fuulli isaanii si hin naasisin.” (His. 3:8, 9) Karaa kan biraatiin Yihowaan Hisqiʼeliin, ‘Sabichi mata jabeeyyii taʼuu isaaniitiin kan kaʼe abdii hin kutatin. Ani sin cimsa’ jechaa jira.

9 Sana booda, Hisqiʼel naannoo tajaajilaa isaa keessatti yeroo tajaajilu hafuurri Waaqayyoo isa deggereera. Hisqiʼel, “Harki Yihowaa inni [cimaan] na irra buufatee ture” jedhee barreesseera. Raajichi garaa guutuudhaan lallabuu akka dandaʼuuf ergaa labsu akka gaariitti hubachuuf torban tokko isatti fudhateera. (His. 3:14, 15) Achiis Yihowaan gara dirree sulula keessatti argamu tokko akka dhaqu isatti hime; achittis “hafuurri [isa] keessa seene.” (His. 3:23, 24) Hisqiʼel tajaajila isaa jalqabuuf qophaaʼee ture.

HAFUURRI WAAQAYYOO CIMINA NUUF KENNA

Wanti Hisqiʼel tajaajila isaa akka raawwatu gargaaree fi nuunis yeroo harʼaatti nu gargaaru maalidha? (Keeyyata 10 ilaali)

10. Hojii lallabaa raawwachuuf gargaarsa akkamiitu nu barbaachisa? Maaliif?

10 Hojii lallabaa keenya raawwachuuf gargaarsa akkamiitu nu barbaachisa? Deebii gaaffii kanaa beekuuf, wanta Hisqiʼeliin mudaterratti yaadi. Hojii lallabaa isaa jalqabuu isaa dura hafuurri Waaqayyoo cimina isa barbaachisu isaaf kenneera. Nutis akkuma Hisqiʼel hojii lallabaa keenya raawwachuu kan dandeenyu gargaarsa hafuura Waaqayyoo yoo arganne qofadha. Akkana kan jennu maaliifi? Sababiin isaas, Seexanni hojii lallabaa akka dhaabnu gochuuf waraana nurratti baneera. (Mul. 12:17) Akka ilaalcha namaatti matumaa Seexana injifachuu kan dandeenyu hin fakkaatu. Taʼus, karaa hojii lallabaa keenyaa isa injifachaa jirra. (Mul. 12:9-11) Akkas kan jennu maaliifi? Yommuu hojii lallabaarratti hirmaannu doorsisa Seexanaa akka hin sodaanne argisiisaa jirra. Yeroo lallabnu hundatti Seexana injifachaa jirra. Utuma mormiin nu mudatuu hojii lallabaa keenya raawwachuu dandaʼuun keenya maal nu hubachiisa? Yihowaan karaa hafuura isaa humna nuuf kennaa akka jiruu fi isa biratti fudhatama akka arganne nu hubachiisa.—Mat. 5:10-12; 1 Phe. 4:14.

11. Hafuurri Waaqayyoo kan nu gargaaru akkamitti? Hafuura kana argachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

11 Yihowaan fuulaa fi adda Hisqiʼel akka cimse beekuun keenya amanannaa dabalataa akkamii nuuf argamsiisa? Hafuurri Waaqayyoo haala rakkisaa tajaajilarratti nu mudatu kamiyyuu moʼuuf cimina nu barbaachisu nuuf kenna. (2 Qor. 4:7-9) Maarree, hafuura Waaqayyoo argachuu keenya itti fufuuf maal gochuu dandeenya? Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼu mirkanaaʼoo taʼuudhaan, hafuura isaa akka nuuf kennu utuu walirraa hin kutin kadhachuu qabna. Yesuus barattoota isaatiin, “Kadhachuu keessan itti fufaa, . . . barbaaduu keessan itti fufaa, . . . balbala rurrukutuu keessan itti fufaa” jedheera. Yihowaanis “warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu [kennuudhaan]” kadhannaa isaaniitiif deebii kenna.—Luq. 11:9, 13; HoE. 1:14; 2:4.

WANTI WAAQAYYO DUBBATE AMANTII HISQIʼEL CIMSEERA

12. Hisqiʼel 2:9–3:3 irratti akka ibsametti, maraan kitaabaa sun eessaa dhufe? Ergaan of keessatti qabate hoo maalidha?

12 Hisqiʼel hafuura Waaqayyoorraa qofa utuu hin taʼin, wanta inni dubbaterraas cimina argateera. Harka maraa kitaabaa qabate tokko mulʼataan argeera. (Hisqiʼel 2:9–3:3 dubbisi.) Maraan kitaabaa kun eessaa dhufe? Ergaa akkamii of keessatti qabateera? Hisqiʼel maraa kitaabaa kanarraa cimina kan argate hoo akkamitti? Mee haa ilaallu. Maraan sun teessoo Waaqayyoo biraa dhufe. Yihowaan maraa kitaabaa sana Hisqiʼelitti kennuuf kan fayyadame maleekota inni sana dura mulʼataan arge arfan keessaa tokkotti taʼuu hin oolu. (His. 1:8; 10:7, 20) Maraan kitaabaa sun wanta Waaqayyo dubbate, jechuunis ergaa murtii Hisqiʼel boojiʼamtoota finciltoota taʼanitti himu kan qabatedha. (His. 2:7) Ergaan kun maraa kitaabaa sanarratti kan barreeffame fuulduraa fi duubaani.

13. Yihowaan maraa kitaabaa sana maal akka godhu Hisqiʼelitti hime? Maraan kitaabaa sun miʼaawaa kan taʼe maaliifi?

13 Yihowaan maraa kitaabaa sana ‘nyaatee garaa isaa akka ittiin guuttatu’ Hisqiʼelitti hime. Innis ajajamuudhaan maraa kitaabaa sana guutummaatti ni nyaate. Ergaan mulʼata kanaa maalidha? Hisqiʼel ergaa labsuuf jedhu guutummaatti hubachuun isa barbaachisa. Ergaa sana lallabuuf kan kakaʼu ergichatti yoo amanedha. Sana booda wanti nama dinqisiisu ni uumame. Hisqiʼel maraan kitaabaa sun “akka dammaa kan miʼaawu” taʼuu isaa hubate. (His. 3:3) Akkas kan isatti dhagaʼame maaliifi? Yihowaa bakka buʼuudhaan ulfina argachuun Hisqiʼeliif muuxannoo miʼaawaa, jechuunis gammachiisaa taʼedha. (Far. 19:8-11) Yihowaan raajii isaa taʼee akka tajaajilu isaaf heyyamuu isaatti baayʼee isa galateeffateera.

14. Hisqiʼel hojii isaaf kenname raawwachuuf akka qophaaʼu wanti isa gargaare maalidha?

14 Boodas Yihowaan Hisqiʼeliin, “Dubbii koo isan sitti dubbadhu hundumaa dhagaʼi, garaattis qabadhu” jedheera. (His. 3:10) Yihowaan qajeelfama kana Hisqiʼeliif kennuudhaan wantoota maraa kitaabaa sana keessatti barreeffaman yaadachuuf akka yaaluu fi akka irratti xiinxalu itti himeera. Hisqiʼel akkas gochuun isaa amantii isaa isaaf cimseera. Kana malees, ergaa humna guddaa qabu sabichatti himuuf qophaaʼaa akka taʼu isa gargaareera. (His. 3:11) Hisqiʼel ergaa Waaqayyoo guutummaatti hubachuu fi amanuun isaa, hojii isaaf kenname fudhachuu fi raawwachuuf qophaaʼaa taʼuuf isa gargaareera.—Faarfannaa 19:14 wajjin wal bira qabii ilaali.

DUBBIIN WAAQAYYOO AMANTII KEENYA NUUF CIMSA

15. Tajaajila keenya raawwachuu keenya itti fufuuf wanti ‘garaatti qabachuun’ nu barbaachisu maalidha?

15 Nutis tajaajila keenya raawwachuuf Dubbii Waaqayyootti fayyadamnee amantii keenya cimsachuu keenya itti fufuu qabna. Wanta Yihowaan nutti hime hunda ‘garaatti qabachuun’ nu barbaachisa. Yeroo harʼaatti Yihowaan kan nutti dubbatu Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadameeti. Dubbiin Waaqayyoo yaada, miiraa fi kakaʼumsa keenyarratti dhiibbaa gochaa akka jiru mirkaneeffachuu kan dandeenyu akkamitti?

16. Yihowaan Dubbii isaa maal akka goonu barbaada? Dubbii isaa caalaatti hubachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

16 Yeroo nyaata nyaannuu fi qaamni keenya nyaata sana bulleessee itti fayyadamu akkuma fayya buleeyyii taanu, yeroo Dubbii Waaqayyoo qoʼannuu fi irratti xiinxallus karaa hafuuraa fayya buleeyyii taana. Kanaafuu, Barumsa waaʼee maraa kitaabaa ibsu sammuutti qabachuu qabna. Garaa keenya Dubbii isaatiin akka guunnu, jechuunis Dubbii isaa akka gaariitti akka hubannu barbaada. Kana gochuuf kan nu gargaaru kadhachuu, dubbisuu fi xiinxaluudha. Jalqaba, yaada Waaqayyoo fudhachuuf akka nu gargaaruuf garaa keenya qopheeffachuuf kadhanna. Achiis, kutaa Kitaaba Qulqulluu tokko dubbisuu jalqabna. Itti aansuudhaanimmoo, takka dhaabbannee wanta dubbisnerratti xiinxalla, akkasumas gadi fageenyaan yaanna. Kun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa? Caalaatti xiinxaluun keenya garaan keenya Dubbii Waaqayyoo caalaatti akka hubatu taasisa; kunimmoo amantii keenya nuuf cimsa.

17. Wanta Kitaaba Qulqulluurraa dubbisnerratti xiinxaluun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

17 Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Akkas gochuun keenya yeroo ammaatti ergaa Mootummichaa lallabuuf, akkasumas ergaa murtii cimaa tarii dhiheenyatti lallabnuuf jabina nu barbaachisu nuuf argamsiisa. Amaloota Yihowaa warra nama hawwatanirratti yeroo xiinxallus hariiroon isa wajjin qabnu caalaatti cimaa deema. Kunimmoo wanta dhugumaan miʼaawaa taʼe, jechuunis nagaa keessaa fi gammachuu nuuf argamsiisa.—Far. 119:103.

JABAATANII DHAABBACHUU

18. Namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran maal amananii fudhachuuf dirqamu? Maaliif?

18 Nuti akka Hisqiʼel hafuuraan kakaanee namootatti raajii hin himnu. Haa taʼu malee, hanga hojiin lallabaa xumuramutti ergaa Yihowaan Dubbii isaa keessatti ibse labsuu keenya itti fufuuf kutanneerra. Yeroon murtii yommuu gaʼu namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran akeekkachiisni akka isaaniif hin kennamne ykn Waaqayyo akka isaan dagate sababii itti dubbatan hin qabaatan. (His. 3:19; 18:23) Kanaa mannaa, ergaan lallabaa turre Waaqayyo biraa akka dhufe amananii fudhachuuf dirqamu.

19. Wantoonni tajaajila keenya raawwachuuf cimina nuuf argamsiisan maalfaʼi?

19 Wantoonni tajaajila keenya raawwachuuf cimina nuuf argamsiisan maalfaʼi? Wantootuma Hisqiʼeliif cimina argamsiisan sadani. Kan nu erge Yihowaa akka taʼe, hafuurri isaa humna akka nuuf kennuu fi Dubbiin isaa amantii keenya akka nuuf cimsu waan beeknuuf lallabuu keenya itti fufna. Gargaarsa Yihowaatiin tajaajila keenya raawwachuu fi “hanga dhumaatti” jabaannee dhaabbachuu ni dandeenya.—Mat. 24:13.

FAARFANNAA 65 Gaʼeessummaatti Guddadhu!

a Mata duree kana keessatti, wantoota Hisqiʼel raajichi hojii lallabaa isaaf kenname akka raawwatu isa gargaaran sadii qorra. Yihowaan raajii isaa kana akkamitti akka gargaare yeroo ilaallu, nutis tajaajila keenya akka raawwannu akka nu gargaaru amanannaa qabnu cimsanna.