Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhaabbataadhaan Qoʼachuuf Maaltu Si Gargaara?

Dhaabbataadhaan Qoʼachuuf Maaltu Si Gargaara?

QOʼANNAA dhuunfaa kee dhaabbataa fi gammachiisaa gochuun sitti ulfaataa? Hundi keenya yeroo tokko tokko nutti ulfaata. Garuu mee wantoota dhaabbataadhaan goonu kan biroo kanneen akka dhaqna dhiqachuu jiran yaadi. Dhaqna dhiqachuun yeroo fi carraaqqii gaafata; taʼus, erga dhiqannee booda miirri gaariin nutti dhagaʼama! Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼannus ‘dubbiin Waaqayyoo akkuma bishaanii dhiqee nu qulqulleessuudhaan’ nu haaromsa. (Efe. 5:26) Mee yaadawwan gama kanaan nu gargaaran tokko tokko haa ilaallu:

  • Sagantaa baafadhu. Kiristiyaana tokkoof qoʼannaan dhuunfaa “wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan” keessaa tokkodha. (Filp. 1:10) Sagantaa kee salphaatti yaadachuu akka dandeessuuf bakka salphaatti mulʼatutti maaliif hin maxxansitu? Yookiinimmoo saʼaatiin qoʼannaa kee gaʼuusaa dura akka si yaadachiisuuf moobaayilii keerratti alaarmii guutuu dandeessa.

  • Mala siif taʼu filadhu. Takkaatti saʼaatii dheeraadhaaf qoʼachuumoo, yeroo garaagaraatti saʼaatii gabaabaadhaaf qoʼachuutu siif salphata? Haala kee situ beeka. Kanaafuu, yeroo sagantaa baafattu kana sammuutti qabadhu. Yeroo saʼaatiin qoʼannaa keetii gaʼu qoʼachuuf kakaʼumsa yoo dhabde, daqiiqaa kudhaniif qofa qoʼachuuf maaliif hin murteessitu? Kan qoʼattu daqiiqaa kudhaniif qofa yoo taʼellee barumsa hedduu argatta. Takkaa qoʼannaa jalqabnaan itti fufuuf kakaʼuu dandeessa.—Filp. 2:13.

  • Wanta qoʼattu dursii filadhu. Yeroo saʼaatiin itti qoʼattu gaʼu teessee maal akka qoʼattu yaadda taanaan ‘yeroo kee akka gaariitti itti fayyadamuun’ si rakkisuu dandaʼa. (Efe. 5:16) Mata dureewwan ykn dhimmoota qoʼachuu barbaaddu maaliif hin galmeeffattu? Dhimma tokko ilaalchisee gaaffii gara sammuu keetti dhufu hunda barreeffadhu. Dhuma qoʼannaa keerrattis, yaadawwan qoʼachuu barbaaddu kan biroo barreeffachuu dandeessa.

  • Yeroo barbaachisutti jijjiirama godhi. Wanti guddaan torban torbaniin qoʼachuu keeti. Kanaafuu, yeroo barbaachisutti guyyaa fi saʼaatii itti qoʼattu, akkasumas dheerinasaa fi mata duree qoʼatturratti sirreeffama godhi.

Torban torbaniin yoo qoʼatte faayidaa guddaa argatta. Yihowaatti caalaatti dhihaatta, murtoo ogummaarratti hundaaʼe goota, akkasumas ni haaromta.—Iya. 1:8.