Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

YAADA QOʼANNAADHAAF TAʼU

Haala Gaarii Itti Qoʼattu Mijeeffadhu

Haala Gaarii Itti Qoʼattu Mijeeffadhu

Qoʼannaa dhuunfaa keerraa caalaatti fayyadamuu barbaaddaa? Yaadawwan armaan gadii wanta qoʼatturratti caalaatti xiyyeeffachuuf si gargaaru:

  • Iddoo gaarii filadhu. Yoo dandaʼame, iddoo qulqulluu ifa gaarii qabu filadhu. Minjaala bira taaʼuu ykn alatti iddoo mijataa filachuu dandeessa.

  • Iddoo kophaa itti taatu filadhu. Yesuus “ganama barii . . . bakka namni hin jirre” deemee kadhata ture. (Mar. 1:35) Kophaa taʼuun kan si rakkisu yoo taʼe, maatiin kee ykn namoonni si wajjin jiraatan sagantaa qoʼannaa akka qabdu akka beekan gochuu fi akka si hin jeeqne isaanitti himuu dandeessa.

  • Xiyyeeffannaan kee akka hin hihiramne gochuuf yaali. Qoʼannaadhaaf bilbila ykn taableetii kee fayyadamta yoo taʼe sagaleesaa dhaamsuu ykn akka sitti hin bilbilamne gochuu dandeessa. Wanti hojjechuu qabdu tokko gara sammuu keetti yoo dhufe, yaadannoo qabadhuutii qoʼachuu kee itti fufi. Yaada kee sassaabbachuun yoo si rakkise sosochoʼi ykn hihiixadhu.