Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 44

FAARFANNAA 33 Baʼaa Kee Yihowaa Irratti Gatii Dhiisi

Jalʼina Haqaa Dandamachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Jalʼina Haqaa Dandamachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

“Hamaa gaariidhaan moʼuu kee itti fufi malee, hamaadhaan hin moʼamin.”ROM. 12:21.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu maal gochuu akka dandeenyu ilaalla.

1-2. Hundi keenyayyuu jalʼinni haqaa akkamii nurra gaʼuu dandaʼa?

 YESUUS fakkeenya waaʼee dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi haqa argachuuf abbaa murtii tokko irra deddeebitee kadhachaa turte tokkoo ibsu dubbateera. Jalʼinni haqaa namoota bara sana turan hedduurra gaʼaa waan tureef, barattoonni Yesuus miira dubartii sanatti dhagaʼame akka hubatan hin shakkisiisu. (Luq. 18:1-5) Nutis miirri dubartii sanatti dhagaʼamee ture nuuf gala; hundi keenyayyuu yeroo taʼe tokkotti jalʼinni haqaa nurra gaʼee beeka.

2 Yeroo harʼaatti addunyaa keessatti jibbi halaalaa, loogiinii fi cunqursaan baramaa waan taʼeef yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu nu hin ajaaʼibu. (Lal. 5:8) Taʼus, obboleessi ykn obboleettiin tokko wanta gaarii hin taane yeroo nurratti raawwatan baayʼee gaddina taʼa. Dhugaadha, obboloonnii fi obboleettonni keenya akka mormitoota keenyaa jalʼina nurratti raawwachuu hin barbaadan. Wanta nu miidhu kan raawwatan mudaa waan qabaniifi. Wanta Yesuus yeroo mormitoonni hamoota taʼan jalʼina haqaa isarraan gaʼanitti godherraa barumsa hedduu arganna. Mormitoota jalʼina haqaa nurratti raawwataniif kan obsinu yoo taʼe obboloota keenyaafimmoo caalaatti obsuu hin qabnuu? Yihowaan gumiidhaa alattis taʼe gumii keessatti jalʼinni haqaa yeroo nurra gaʼu maaltu isatti dhagaʼama? Wanti nurra gaʼu isa yaaddessaa?

3. Yihowaan yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu maaltu isatti dhagaʼama? Maaliif?

3 Yihowaan akkaataan warri kaan itti nu qaban isa yaaddessa. “Yihowaan haqa ni jaallata.” (Far. 37:28) Yesuus Yihowaan yeroo sirrii taʼetti ‘dafee haqa akka argamsiisu’ nuuf mirkaneesseera. (Luq. 18:7, 8) Yeroo dhihootti miidhaa nurra gaʼes taʼe jalʼina haqaa guutummaatti balleessa.—Far. 72:1, 2.

4. Yihowaan yeroo harʼaatti gargaarsa akkamii nuuf godha?

4 Yeroo qajeelummaan itti dagaagu yommuu eeggachaa jirru kanatti Yihowaan jalʼina haqaa akka dandamannu nu gargaara. (2 Phe. 3:13) Yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu gocha gowwummaa raawwachuurraa akkamitti of qusachuu akka dandeenyu nu barsiisa. Yihowaan jalʼina haqaa akkamitti dandamachuu akka dandeenyu Ilmasaatti fayyadamee nu barsiisa. Gorsa gaarii yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu hojiirra oolchuu dandeenyus nuu kenna.

YEROO JALʼINNI HAQAA SIRRA GAʼU WANTA GOOTURRATTI OF EEGGADHU

5. Yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu wanta goonurratti of eeggachuu kan qabnu maaliifi?

5 Yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu miirri keenya baayʼee miidhamuu fi dhiphachuu dandeenya. (Lal. 7:7) Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon kan akka Iyyoobii fi Anbaaqom jiranis akkas isaanitti dhagaʼameera. (Iyo. 6:2, 3; An. 1:1-3) Miirri akkasii nutti dhagaʼamuunsaa waanuma jirudha; taʼus gocha gowwummaa akka hin raawwanne of eeggachuu qabna.

6. Fakkeenya Abishaalomirraa maal baranna? (Fakkichas ilaali.)

6 Nurra ykn nama jaallannurra jalʼinni haqaa yeroo gaʼu haaloo baʼuuf yaalla taʼa. Akkas gochuun garuu haallisaa akka itti hammaatu godha. Mee waaʼee Abishaalom isa ilma Daawit Mootichaa taʼee haa ilaallu. Abishaalom yeroo obboleessisaa Amnoon obboleettiisaa Taamaariin dirqisiisee gudeedetti baayʼee aaree ture. Akka Seera Museetti Amnoon ajjeefamuu qaba ture. (Lew. 20:17) Abishaalom aaruunsaa dogoggora taʼuu baatus, ofiisaatiin tarkaanfii fudhachuuf aangoo hin qabu ture.—2 Sam. 13:20-23, 28, 29.

Abishaalom yeroo obboleettiisaa Taamaarirra jalʼinni haqaa gaʼetti aariisaa toʼachuu dadhabeera (Keeyyata 6 ilaali)


7. Jalʼinni haqaa faarfaticharratti yeroo muraasaaf dhiibbaa akkamii godhee ture?

7 Namoonni jalʼina haqaa raawwatan kan hin adabamne yeroo fakkaatutti, wanta sirrii taʼe raawwachuun gatii akka hin qabne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Faarfataan tokko namoonni hamoon qajeelootarratti jalʼina raawwatan gammachuudhaan akka jiraatan isatti dhagaʼamee ture. “Namoonni kun hamoota, warra yeroo hunda rakkina malee jiraatani dha” jedheera. (Far. 73:12) Jalʼina haqaa arguunsaa baayʼee waan isa dhiphiseef, Yihowaa tajaajiluun gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture; “Kana hubachuuf yommuun yaalii godhetti, na rakkisee ture” jedheera. (Far. 73:14, 16) “Ani garuu, miilli koo karaa irraa jalʼachuuf jedhee, tarkaanfiin koos mucucaachuu jala gaʼee ture” jechuudhaan ifatti dubbateera. (Far. 73:2) Obboleessi Albertoo jedhamus haalli akkasii isa mudateera.

8. Obboleessi tokko jalʼinni haqaa isarra gaʼuunsaa dhiibbaa akkamii isarratti godhe?

8 Albertoon maallaqa gumii akka hate sobaan himatamee ture. Kanaan kan kaʼes, mirgasaa fi kabaja warra dhimmicha beekan biratti qabu ni dhabe. Albertoon, “Baayʼee aaree fi gaddeen ture” jedheera. Miirri isatti dhagaʼame kun karaa hafuuraa dhiibbaa akka isarratti godhu heyyamee waan tureef, waggaa shaniif qabbanaaʼee ture. Muuxannoon kun jalʼina haqaa nurra gaʼeen kan kaʼe yoo baayʼee mufanne wanta uumamuu dandaʼu nu hubachiisa.

JALʼINA HAQAA DANDAMACHUURRATTI FAKKEENYA YESUUS HORDOFI

9. Yesuus jalʼina haqaa kamfaa dandamateera? (Fakkichas ilaali.)

9 Yesuus jalʼina haqaa dandamachuurratti fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Miseensota maatiisaa dabalatee namoonni baayʼeen jalʼina haqaa isarratti raawwataniiru. Firoonnisaa maraateera isaan jedhaniiru, geggeessitoonni amantaa humna jinniitiin dinqii raawwata isaan jedhaniiru, akkasumas loltoonni warra Roomaa isatti qoosaniiru, miidhaa qaamaa isarraan gaʼaniiru, dhumarrattis isa ajjeesaniiru. (Mar. 3:21, 22; 14:55; 15:16-20, 35-37) Taʼus, Yesuus jalʼina haqaa kana hunda dandamateera; haaloo baʼuuf yaalee hin beeku. Nutoo fakkeenyasaarraa maal baranna?

Yesuus jalʼina haqaa dandamachuurratti fakkeenya guddaa nuuf taʼa (Keeyyata 9-10 ilaali)


10. Yesuus jalʼina haqaa kan dandamate akkamitti? (1 Pheexiros 2:21-23)

10 Pheexiros Tokkoffaa 2:21-23 dubbisi. a Yesuus jalʼina haqaa dandamachuurratti fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Yoom callisuu fi yoom dubbachuu akka qabu sirriitti beeka. (Mat. 26:62-64) Yeroo waaʼeesaa sobni dubbatamu hundatti deebii hin kennine. (Mat. 11:19) Yeroo dubbatettis namoota isa ariʼachaa turan hin arrabsine ykn hin doorsisne. “Isa qajeelinaan murteessu sanatti imaanaadhaan [waan of kenneef]” of toʼateera. Yesuus wanti iddoo guddaa qabu ilaalcha Yihowaan dhimma tokkoof qabu akka taʼe beeka. Inni yeroo sirrii taʼetti jalʼina haqaatiif furmaata akka kennu amaneera.

11. Karaawwan dubbii keenya toʼachuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi? (Fakkiiwwanis ilaali.)

11 Yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼutti wanta dubbannu toʼachuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. Jalʼinni haqaa nurra gaʼu tokko tokko salphaa waan taʼeef calluma jennee bira darbuu dandeenya. Yookiin wanta haallisaa akka itti hammaatu godhu akka hin dubbanneef calluma jechuu dandeenya. (Lal. 3:7; Yaq. 1:19, 20) Yeroo tokko tokko garuu, warri kaan wanta sirrii hin taane yeroo godhan isaanitti dubbachuun ykn wanta dhugaa taʼeef falmuun nu barbaachisuu dandaʼa. (HoE. 6:1, 2) Dubbachuuf yoo filanne, tasgabbaaʼuu fi kabaja argisiisuuf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna.—1 Phe. 3:15. b

Yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu yoomii fi akkamitti akka dubbannu of eeggannoodhaan murteessuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya (Keeyyata 11-12 ilaali)


12. “Isa qajeelinaan murteessu sanatti imaanaadhaan” of kennuu kan dandeenyu akkamitti?

12 “Isa qajeelinaan murteessu sanatti imaanaadhaan” of kennuudhaanis fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. Warri kaan dogoggoraan yeroo nu hubatan ykn nu miidhanitti Yihowaan dhugaasaa akka beeku ni amanna. Amanannaa akkasii qabaachuun keenya Yihowaan yeroo booda wanta hunda akka sirreessu beekuudhaan jalʼina haqaa dandamachuuf nu gargaara. Dhimmicha Yihowaadhaaf dhiisuun keenya aaruu ykn haaloo qabachuurraa of qusachuuf nu gargaara. Miirri akkasii tarkaanfii gaarii hin taane akka fudhannu gochuu, gammachuu keenya nu dhabsiisuu fi hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu dandaʼa.—Far. 37:8.

13. Jalʼina haqaa obsaan dandamachuuf maaltu nu gargaara?

13 Dhugaadha, fakkeenya Yesuus guutummaatti hordofuu hin dandeenyu. Yeroo tokko tokko wanta booda itti gaabbinu dubbachuu ykn raawwachuu dandeenya. (Yaq. 3:2) Jalʼinni haqaa tokko tokko karaa miiraa fi karaa qaamaa godaannisa sirna kana keessatti hin badne nurratti dhiisuu dandaʼa. Atis haalli akkasii sirra gaʼeera taanaan Yihowaan haala keessa jirtu akka beeku mirkanaaʼaa taʼi. Yesuus inni jalʼinni haqaa hedduun irra gaʼes miira kee siif hubata. (Ibr. 4:15, 16) Yihowaan Yesuus fakkeenya akka nuuf taʼu gochuu qofa utuu hin taʼin, gorsa jalʼina haqaa dandamachuuf nu gargaarus nuuf kenna. Mee kitaaba Roomaarraa caqasoota nu gargaaran lama haa ilaallu.

“DHEEKKAMSA WAAQAYYOOF DHIISAA”

14. ‘Dheekkamsa Waaqayyoof dhiisuu’ jechuun maal jechuudha? (Roomaa 12:19)

14 Roomaa 12:19 dubbisi. Phaawulos ergamaan, “Dheekkamsa Waaqayyoof dhiisaa” jedhee Kiristiyaanota jajjabeesseera; garuu dheekkamsa yeroo jedhu maal jechuusaati? Yaada naannoosaa jirurraa akka hubannutti waaʼee dheekkamsa Yihowaa dubbachaa jira. Yeroo inni barbaadettii fi karaa inni filateen haqa akka fidu isaaf dhiisuudhaan dheekkamsa Yihowaadhaaf dhiisuu dandeenya. Obboleessi Joon jedhamu jalʼinni haqaa erga isarra gaʼee booda akkana jedheera: “Dogoggora raawwatame sirreessuuf karaa mataa kootiin tarkaanfii fudhachuurraa of qusachuuf of toʼachuun qaba ture. Roomaan 12:19 Yihowaa eeggachuuf na gargaareera.”

15. Dhimmi tokko hamma furmaata argatutti Yihowaa eeggachuun gaarii kan taʼe maaliifi?

15 Dhimmi tokko hamma furmaata argatutti Yihowaa eeggachuun keenya nu fayyada. Akkas gochuun keenya baʼaa fi dhiphina rakkinichaaf ofii keenyaan furmaata kennuuf yaaluun geessisurraa nu oolcha. Yihowaan nu gargaaruuf qophaaʼaadha. Akkuma waan, ‘Jalʼina haqaa naaf dhiisaa; ani nan sirreessa’ jedhetti yaaduu dandeenya. Waadaa inni, “Ani deebisee nan kaffala” jechuudhaan gale yoo fudhanne, furmaata hundarra wayyu akka kennu amanuudhaan aarii keenya dhiisuu dandeenya. Joon inni olitti ibsame akkas gochuunsaa isa fayyadeera. “Yihowaa yoon eeggadhe, inni furmaata isa kan kootiirra baayʼee wayyu kenna” jedheera.

“HAMAA GAARIIDHAAN MOʼUU KEE ITTI FUFI”

16-17. Kadhannaan ‘hamaa gaariidhaan moʼuu keenya itti fufuuf’ kan nu gargaaru akkamitti? (Roomaa 12:21)

16 Roomaa 12:21 dubbisi. Phaawulos, ‘hamaa gaariidhaan moʼuu isaanii akka itti fufan’ Kiristiyaanota jajjabeesseera. Yesuus Lallabasaa Isa Gaaraarratti, “Diinota keessan jaallachuu fi warra isin ariʼataniif kadhachuu keessan itti fufaa” jedheera. (Mat. 5:44) Innis akkanuma godhe. Yesuus yeroo loltoonni Roomaa mismaaraan mukarratti isa fannisanitti hammam dhiphatee akka ture tilmaamuu dandeenya. Gara jabinaan isa dararaa waan turaniif dhukkubbii cimaan isatti dhagaʼamee ture; dhiphina yeroo kanatti isatti dhagaʼame guutummaatti hubachuu hin dandeenyu.

17 Yesuus jalʼina haqaa isarra gaʼeen hin moʼamne. Loltoota sana abaaruu mannaa, “Yaa Abbaa, isaan wanta gochaa jiran waan hin beekneef dhiifama isaaniif godhi” jedhee isaaniif kadhateera. (Luq. 23:34) Namoota miidhaa nurraan gaʼaniif kadhachuun keenya, tasgabbaaʼuu fi aarii keenya dhiisuuf, darbees ilaalcha isaaniif qabnu jijjiiruuf nu gargaaruu dandaʼa.

18. Albertoonii fi Joon kadhannaan jalʼina haqaa dandamachuuf kan isaan gargaare akkamitti?

18 Obboloonni olitti ibsaman kadhannaan jalʼina haqaa isaanirra gaʼe akka dandamatan isaan gargaareera. Albertoon akkana jedheera: “Obboloota na miidhaniif kadhadheera. Waaʼee jalʼina haqaa narra gaʼee yaaduu koo dhiisuuf akka na gargaaru irra deddeebiʼee Yihowaa kadhadheera.” Kan nama gammachiisu, Albertoon deebiʼee amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa jira. Joon akkana jedheera: “Obboleessa na miidheef yeroo baayʼee kadhadheera. Yihowaanis isatti aaruu fi isatti murteessuu koo dhiisuuf na gargaareera. Nagaa sammuus naaf kenneera.”

19. Hamma dhuma sirna kanaatti maal gochuu qabna? (1 Pheexiros 3:8, 9)

19 Addunyaa hamaa kana keessatti jalʼinni haqaa akkamii akka nurra gaʼu hin beeknu. Wanti akkamiiyyuu yoo nu mudate gargaarsa argachuuf Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu keenya itti haa fufnu. Kana malees, yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu fakkeenya Yesuus haa hordofnu, akkasumas dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuu keenya itti haa fufnu. Akkas yoo goone, eebba Yihowaan fidu akka dhaallu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—1 Pheexiros 3:8, 9 dubbisi.

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

a Pheexiros xalayaasaa isa jalqabaa keessaa boqonnaa 2 fi 3rratti haalawwan rakkisoo gooftoliin gara jabeeyyii taʼanii fi abbootiin manaa hin amanne Kiristiyaanota tokko tokkorraan gaʼan ibseera.—1 Phe. 2:18-20; 3:1-6, 8, 9.

b Viidiyoo Jaalalli Nagaa Dhugaa kan Argamsiisu Akkamitti? jedhamu jw.org irraa ilaali.