Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 47

FAARFANNAA 103 Tiksitoota—Dhiirota Kennaa Taʼan

Obbolootaa—Jaarsa Taatanii Tajaajiluuf Carraaqaa Jirtuu?

Obbolootaa—Jaarsa Taatanii Tajaajiluuf Carraaqaa Jirtuu?

“Namni ilaaltuu ol aanaa taʼuuf carraaqu hojii gaarii hawwa.”1 XIM. 3:1.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu obboleessi tokko jaarsa gumii taʼuuf guutuu qaburratti mariʼanna.

1-2. Jaarsi tokko “hojii gaarii” akkamii hojjeta?

 YEROO muraasaaf tajaajilaa gumii taatee tajaajilaa turte taanaan ulaagaalee jaarsa gumii taʼuuf barbaachisan guutuuf carraaqqii gochaa jirta taʼa. “Hojii gaarii” jaarsoliin hojjetan hojjechuu ni barbaaddaa?—1 Xim. 3:1.

2 Jaarsi tokko hojii akkamii hojjeta? Hojii lallabaarratti dursa fudhatee hirmaata, tika gochuu fi barsiisuuf carraaqqii godha, akkasumas dubbii fi fakkeenyasaatiin gumii ijaara. Kitaabni Qulqulluun jaarsoliin jabaatanii hojjetan kun “kennaa” akka taʼan kan dubbatu kanaafi.—Efe. 4:8.

3. Obboleessi tokko ulaagaa jaarsa gumii taʼuuf barbaachisu guutuu kan dandaʼu akkamitti? (1 Ximotewos 3:1-7; Tiitoo 1:5-9)

3 Ulaagaa jaarsa gumii taʼuuf barbaachisu guutuu kan dandeessu akkamitti? Jaarsa gumii taʼuuf gaʼumsa qabaachuun hojii taʼe tokkoof gaʼumsa qabaachuu wajjin tokko miti. Yeroo baayʼee dandeettii hogganaan tokko barbaadu yoo qabaatte hojii sana argachuu dandeessa. Jaarsa gumii taʼuuf garuu dandeettii lallabuu fi barsiisuu qabaachuu caalaa wanti sirraa eegamu jira. Ulaagaalee 1 Ximotewos 3:1-7 fi Tiitoo 1:5-9 irratti ibsaman guutuu qabda. (Dubbisi.) Mata duree kana keessatti ulaagaalee kana keessaa muraasa isaaniirratti mariʼanna. Obboleessi tokko gumii keessattis taʼe gumiidhaa alatti maqaa gaarii qabaachuu, mataa maatii gaarii taʼuu fi gumii tajaajiluuf fedhii qabaachuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ilaalla.

MAQAA GAARII QABAACHUU

4. “Himata irraa walaba” taʼuu jechuun maal jechuudha?

4 Jaarsa taatee tajaajiluuf “himata irraa walaba” taʼuu, jechuunis amala gaarii argisiisuudhaan gumii keessatti maqaa gaarii qabaachuu qabda. “Namoota alaa birattis maqaa gaarii” qabaachuu qabda. Namoonni hin amanne amantii kee qeequu dandaʼu, garuu amanamummaa fi amaloota kee kaan ilaalchisee sababii itti si komatan qabaachuu hin qaban. (Dan. 6:4, 5) ‘Gumii keessattis taʼe gumiidhaa alatti maqaa gaarii qabaa?’ jedhii of gaafadhu.

5. ‘Waan gaarii akka jaallattu’ argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

5 “Waan gaarii kan [jaallattu]” yoo taʼe amaloota gaggaarii warri kaan qabanirratti xiyyeeffatta, akkasumas isaan dinqisiifatta. Wanta sirraa eegamurrallee dabartee warra kaaniif wanta gaarii gochuun si gammachiisa. (1 Tas. 2:8) Jaarsoliin amala kana qabaachuunsaanii baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yeroosaanii hedduu gumichaaf tika gochuu fi hojii isaaniif kenname hojjechuudhaan waan dabarsaniifi. (1 Phe. 5:1-3) Taʼus, gammachuun warra kaan tajaajiluudhaan argatan aarsaa kaffalan kamirrayyuu baayʼee caala.—HoE. 20:35.

6. Karaawwan ‘keessummaa simachuun’ itti dandaʼamu keessaa tokko tokko kamfaʼi? (Ibroota 13:2, 16; fakkichas ilaali.)

6 Namoota michoota kee hin taane dabalatee warra kaaniif wanta gaarii yeroo gootu “keessummaa kan [simattu]” taʼuu kee argisiista. (1 Phe. 4:9) Barreeffamni tokko namni keessummaa simatu, “balballi manasaatis taʼe balballi garaasaa keessummootaaf banaa taʼuu akka qabu” ibseera. ‘Keessummoota simachuu wajjin haala walqabateen maqaa akkamiin qaba?’ jedhii of gaafadhu. (Ibroota 13:2, 16 dubbisi.) Namni keessummaa simatu keessummoota hundatti gaarummaa argisiisa. Fakkeenyaaf, namoota harka qalleeyyii taʼan, obboloota haasaa dhiheessuuf dhufanii fi daawwattoota olaanaa jabaatanii hojjetan ni simata.—Uma. 18:2-8; Fak. 3:27; Luq. 14:13, 14; HoE. 16:15; Rom. 12:13.

Hiriyoonni gaaʼelaa keessummaa simachuu jaallatan tokko daawwataa olaanaa aanaa fi haadha manaasaa simachaa jiru (Keeyyata 6 ilaali)


7. Jaarsi tokko “maallaqa kan hin jaallanne” taʼuusaa argisiisuu kan dandaʼu akkamitti?

7 “Maallaqa kan hin jaallanne.” Kana jechuun qabeenya horachuurratti hin xiyyeeffattu jechuudha. Sooressas taate hiyyeessa kallattii jireenyaa kee hundumaarratti hojii Mootummichaatiif dursa kennita. (Mat. 6:33) Yeroo, humnaa fi qabeenya kee Yihowaa waaqeffachuuf, maatii kee kunuunsuu fi gumii tajaajiluuf itti fayyadamta. (Mat. 6:24; 1 Yoh. 2:15-17) Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Maallaqaaf ilaalcha akkamiin qaba? Wantan qabutti gammadeen jiraadhaa? Moo maallaqaa fi qabeenya dabalataa argachuurrattan xiyyeeffadha?’—1 Xim. 6:6, 17-19.

8. ‘Barsiifata madaalamaa akka qabduu’ fi ‘akka of toʼattu’ argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

8 “Barsiifata madaalamaa kan [qabduu]” fi “kan of [toʼattu]” yoo taʼe kallattii jireenyaa kee hundumaarratti madaallii kee eeggatta. Kunis nyaata, dhugaatii, uffannaa, miidhaginaa fi bashannanarratti madaallii eeguu dabalata. Akkaataa jireenyaa addunyaa kanaa hin hordoftu. (Luq. 21:34; Yaq. 4:4) Yeroo warri kaan si aarsanittillee ni tasgabboofta. ‘Hin machooftu,’ akkasumas garmalee dhuguudhaan hin beekamtu. ‘Akkaataan jireenyaa koo barsiifata madaalamaa akkan qabuu fi akkan of toʼadhu argisiisaa?’ jedhii of gaafadhu.

9. ‘Sirriitti yaaduu’ fi “seera qabeessa” taʼuun maalfaa dabalata?

9 “Sirriitti kan [yaaddu]” yoo taʼe jireenya kee keessatti dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiin geggeeffamta. Murtoo gochuu kee dura dhugaawwan buʼuuraa kanarratti gadi fageenyaan yaadda; kunis hubannaa qabaachuuf si gargaara. Dhimma tokko ilaalchisee xumura tokkorra gaʼuuf hin ariifattu. Kanaa mannaa, odeeffannoo guutuu argachuuf carraaqqii goota. (Fak. 18:13) Kanaan kan kaʼes, murtoo gaarii ilaalcha Yihowaa calaqqisiisu goota. “Seera qabeessa” yoo taate hojii tokko karaa qindaaʼina qabuun hojjetta, beellamas ni kabajja. Nama amanamaa fi qajeelfama hordofu taʼuudhaan beekamta. Amaloonni kun maqaa gaarii qabaachuuf si gargaaru. Mee amma ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu mataan maatii tokko guutuu qabu haa ilaallu.

MATAA MAATII GAARII TAʼUU

10. Obboleessi tokko ‘haala gaariidhaan maatii isaa bulchuu’ kan dandaʼu akkamitti?

10 Mataa maatii yoo taatee fi jaarsa taʼuu yoo barbaadde maatiin kee maqaa gaarii qabaachuu qaba. Kanaafuu, ‘haala gaariidhaan maatii kee kan bulchitu’ taʼuu qabda. Mataa maatii jaalala qabeessaa fi itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼuudhaan maqaa gaarii qabaachuu qabda. Kunis kutaawwan waaqeffannaa keenya hundarratti dursa fudhachuu dabalata. Akkas gochuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Phaawulos ergamaan, “Namni tokko maatii isaa akkamitti akka bulchu hin beeku taanaan, gumii Waaqayyoo akkamitti kunuunsuu dandaʼa?” jedheera.—1 Xim. 3:5.

11-12. Obboleessi tokko ulaagaa jaarsa taʼuuf barbaachisu guutuuf amalli miseensonni maatiisaa argisiisan barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

11 Abbaa yoo taate, ijoolleen kee warri waggaa 18 gadi taʼan “kan ajajamanii fi amala gaarii kan qaban” taʼuu qabu. Jaalalaan isaan barsiisuu fi leenjisuu qabda. Dhugaadha, akkuma ijoollee kaanii isaanis kolfuu fi taphachuu barbaadu. Taʼus ajajamoo akka taʼan, warra kaan akka kabajanii fi naamusa gaarii akka qabaatan isaan barsiisuu qabda. Kana malees, ijoolleen kee Yihowaa wajjin hariiroo gaarii akka qabaatan, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin walsimanii akka jiraatanii fi guddina godhanii akka cuuphaman gargaaruuf wanta dandeessu gochuu qabda.

12 “Ijoollee amananii fi jireenya gadhiisii jiraachuudhaan yookiin ajajamuu diduudhaan hin himatamne [kan] qabu.” Mucaan cuuphame tokko cubbuu cimaa hojjechuunsaa abbaasaarratti dhiibbaa akkamii godha? Abbaansaa leenjii fi adaba utuu isaaf hin kennin hafeera yoo taʼe jaarsa taʼee tajaajiluusaa itti fufuuf gaʼumsa hin qabaatu.—Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 1996, ful. 21, key. 6-7 (Amaariffa) ilaali.

Mataawwan maatii ijoolleensaanii kutaawwan waaqeffannaa garaagaraarratti akka hirmaatan gochuudhaan isaan leenjisu (Keeyyata 11 ilaali)


GUMII TAJAAJILUU

13. “Yaada ofiitti kan hin [cichinee]” fi “nama yaada mataa isaatiin hin geggeeffamne” taʼuu kee argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

13 Obboloonni amaloota gaggaarii qaban gumicha baayʼee fayyadu. Namni ‘yaada ofiitti hin cichine’ nagaan akka jiraatu godha. Nama yaada ofiitti hin cichine taʼuudhaan beekamuu yoo barbaadde, yaada warra kaanii dhagaʼuu fi miirasaanii hubachuuf yaali. Seerri ykn dhugaan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hamma hin cabnetti murtoo jaarsolii baayʼeen irratti walii galan ni deggartaa? “Nama yaada mataa isaatiin hin geggeeffamne” yoo taate wanti hundi karaa ani barbaaduun hojjetamuu qaba jettee hin yaaddu. Yaada warra kaanii fudhachuun faayidaa akka qabu beekta. (Uma. 13:8, 9; Fak. 15:22) “Kan nama hin [lollee]” fi “nama dafee hin aarre” taata. Kana jechuun warra kaan hin tuffattu ykn falmii keessa hin galtu jechuudha. Kanaa mannaa, gaarummaa isaanitti argisiista. Naga qabeessa waan taateef haala ulfaataa taʼe keessattillee nagaa buusuuf dursa fudhatta. (Yaq. 3:17, 18) Dubbiin gaarummaadhaan dubbattu mormitoota dabalatee namoonni akka tasgabbaaʼan gochuu dandaʼa.—Abo. 8:1-3; Fak. 20:3; 25:15; Mat. 5:23, 24.

14. Yaanni “dhiheenyatti kan amane taʼuu hin qabu” jedhuu fi “amanamaa” jedhu maal argisiisa?

14 Obboleessi jaarsa taʼee muudamu “dhiheenyatti kan amane taʼuu hin qabu.” Erga cuuphamtee waggoonni hedduun darbuun dirqama miti; taʼus Kiristiyaana bilchaataa taʼuuf yeroon si barbaachisa. Jaarsa taatee muudamuu kee dura akkuma Yesuus gad of qabuu fi karaa kamiiniyyuu Yihowaa tajaajiluuf fedhii qabaachuu qabda. Hamma Yihowaan gumii keessatti mirga dabalataa sii kennutti obsaan eegda. (Mat. 20:23; Filp. 2:5-8) Yihowaa fi ulaagaaleesaatti maxxanuudhaan, akkasumas qajeelfama inni karaa jaarmiyaasaa kennu hordofuudhaan “amanamaa” akka taate argisiisuu dandeessa.—1 Xim. 4:15.

15. Jaarsi tokko dirqama haasaa dhiheessuurratti dandeettii guddaa qabaachuu qabaa? Ibasi.

15 Kitaabni Qulqulluun jaarsi tokko “barsiisuuf gaʼumsa kan qabu” taʼuu akka qabu ifatti dubbata. Kana jechuun dirqama haasaa dhiheessuurratti dandeettii guddaa qabaachuu qabda jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Jaarsoliin gaʼumsa qaban hedduun haasaa dhiheessuurratti dandeettii guddaa qabaachuu baatanis tajaajilarrattii fi yeroo tika godhanitti karaa buʼa qabeessa taʼeen barsiisu. (1 Qorontos 12:28, 29 fi Efesoon 4:11 wajjin wal bira qabi.) Taʼus, dandeettii barsiisuu kee fooyyeffachuuf yeroo hunda carraaqqii gochuu qabda. Gama kanaan caalaatti buʼa qabeessa taʼuu kan dandeessu akkamitti?

16. Barsiisuurratti caalaatti buʼa qabeessa taʼuu kan dandeessu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

16 “Dubbicha isa amanamaa sana cimsee kan qabate.” Barsiisuurratti caalaatti buʼa qabeessa taʼuuf haasaan kees taʼe gorsi dhuunfaatti kennitu Dubbii Waaqayyoorratti kan hundaaʼe akka taʼu godhi. Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya sirriitti qoʼadhu. (Fak. 15:28; 16:23) Yeroo qoʼattu caqasoota Kitaaba Qulqulluu karaa sirrii taʼeen akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessu yaadi. Yeroo barsiistus garaa dhaggeeffattoota keetii tuquuf carraaqqii godhi. Jaarsoliin muuxannoo qaban yaada akka sii kennan gaafachuu fi yaada isaan sii kennan hojiirra oolchuudhaan dandeettii kee fooyyeffachuu dandeessa. (1 Xim. 5:17) Jaarsoliin obbolootaa fi obboleettotasaanii “jajjabeessuu [kan dandaʼan]” taʼuu qabu; taʼus yeroo tokko tokko gorsa isaaniif kennuu, darbees “balleessaa isaanii hubachiisuu” qabu. Yeroo akkas godhan hundatti gaarummaa argisiisuu qabu. Garraamummaa fi jaalala kan argisiistu yoo taʼe, akkasumas wanti barsiistu Dubbii Waaqayyoorratti akka hundaaʼu yoo goote, fakkeenya Yesuus isa Barsiisaa Guddicha taʼee hordofaa waan jirtuuf buʼa qabeessa taʼuu dandeessa.—Mat. 11:28-30; 2 Xim. 2:24.

Tajaajilaan gumii tokko jaarsa muuxannoo qabu wajjin taʼuudhaan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii barsiisuun akkamitti akka dandaʼamu leenjiʼaa jira. Tajaajilaan gumii kun haasaa gumiirratti dhiheessu daawwitii fuuldura dhaabbatee shaakalaa jira (Keeyyata 16 ilaali)


CARRAAQQII GOCHUU KEE ITTI FUFI

17. (a) Tajaajiltoonni gumii carraaqqii gochuusaanii itti fufuuf maaltu isaan gargaara? (b) Jaarsoliin obboloota muuduuf yeroo gamaaggaman maal sammuutti qabachuu qabu? (Saanduqa, “ Warra Kaan Yeroo Gamaaggamtan Madaallii Keessan Eeggadhaa” jedhu ilaali.)

17 Tajaajiltoonni gumii tokko tokko ulaagaalee jaarsa taʼuuf barbaachisan erga ilaalanii booda yoomiyyuu ulaagaalee kana guutuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaanis taʼe jaarmiyaansaa ulaagaalee kana hunda mudaa tokko malee akka guuttu akka sirraa hin eegne yaadadhu. (1 Phe. 2:21) Ulaagaalee kana akka guuttu kan si gargaarus hafuura Yihowaa isa humna guddaa qabudha. (Filp. 2:13) Amalli fooyyessuu barbaaddu jiraa? Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. Dhimmicharratti qorannaa godhi, akkamitti fooyyessuu akka dandeessu yaada akka sii kennu jaarsa tokko gaafadhu.

18. Tajaajiltoonni gumii hundi maal gochuu qabu?

18 Warra jaarsolii taanee tajaajilaa jirru dabalatee hundi keenyayyuu amaloota mata duree kana keessatti ibsaman horachuu keenya itti haa fufnu. (Filp. 3:16) Atoo tajaajilaa gumiitii? Guddina gochuu kee itti fufi! Yihowaan isaa fi gumicha caalaatti tajaajiluu akka dandeessuuf akka si leenjisu kadhadhu. (Isa. 64:8) Yihowaan carraaqqii ulaagaa jaarsa taʼuuf barbaachisu guutuuf gootu siif haa eebbisu.

FAARFANNAA 101 Tokkummaadhaan Waliin Hojjechuu