Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 46

FAARFANNAA 49 Yihowaa Gammachiisuu

Obbolootaa—Tajaajilaa Gumii Taʼuuf Carraaqaa Jirtuu?

Obbolootaa—Tajaajilaa Gumii Taʼuuf Carraaqaa Jirtuu?

“Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”HOE. 20:35.

YAADA IJOO

Mata dureen kun obboloonni cuuphaman tajaajilaa gumii taʼuuf fedhii akka qabaatanii fi ulaagaa barbaachisu guutuuf carraaqqii akka godhan jajjabeessuuf qophaaʼe.

1. Phaawulos ergamaan tajaajiltoota gumii ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama ture?

 TAJAAJILTOONNI gumii, gumii keessatti hojii barbaachisaa taʼe hojjetu. Phaawulos ergamaan dhiirota kana baayʼee akka dinqisiifatu ifadha. Fakkeenyaaf, yeroo Kiristiyaanota Filiphisiyus keessa turaniif barreessetti tajaajiltoota gumiis taʼe jaarsolii gumii caqasee nagaa isaaniitti dhaameera.—Filp. 1:1.

2. Obboleessi Luuyis jedhamu mirga tajaajilaa gumii taʼuudhaan qabu ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama?

2 Dargaggootas taʼan maanguddoota, obboloonni cuuphaman hedduun tajaajiltoota gumii taʼuusaaniitti baayʼee gammadu. Fakkeenyaaf, Deevan yeroo muudametti waggaa 18 ture. Obboleessi Luuyis jedhamummoo kan muudame waggaa 50 ol taʼeeti. Luuyis akkana jechuudhaan miira obboloota hedduu ibseera: “Tajaajilaa gumii taʼuu koo akka mirga guddaattan ilaala; keessumaa jaalala gumichi natti argisiisu yeroon yaadu baayʼeen gammada!”

3. Gaaffilee kamfaa ilaalla?

3 Cuuphamteetta yoo taʼee fi tajaajilaa gumii yoo taʼuu baatte, galma kana baafachuu ni dandeessaa? Wanti galma kana baafachuuf si kakaasu maalidha? Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu guutuu qabdu kamfaʼi? Mata duree kana keessatti, deebii gaaffilee kanaa ilaalla. Jalqabarratti garuu, gaʼeen tajaajiltoota gumii maal akka taʼe haa ilaallu.

GAʼEEN TAJAAJILTOOTA GUMII MAALIDHA?

4. Gaʼeen tajaajiltoota gumii maalidha? (Fakkichas ilaali.)

4 Tajaajilaan gumii obboleessa cuuphamee fi hojii gumii hedduurratti jaarsolii akka gargaaruuf hafuura qulqulluudhaan muudamedha. Tajaajiltoonni gumii tokko tokko babalʼistoonni naannoo tajaajilaa fi barreeffama tajaajilaaf isaan barbaachisu akka qabaatan gargaaru. Warri kaanimmoo Galma Walgaʼii qulqulleessuu fi suphuurratti gargaarsa godhu. Yeroo walgaʼiitti ni keessummeessu, akkasumas meeshaalee sagalee fi viidiyoorratti ni hojjetu. Hojiiwwan kun hundi wantoota nutis ijaan arginudha. Hunda caalaammoo, tajaajiltoonni gumii namoota hafuuraati; Yihowaa ni jaallatu, akkasumas ulaagaalee qajeelinaasaatiin jiraatu. Obbolootaa fi obboleettotasaaniis baayʼee jaallatu. (Mat. 22:37-39) Obboleessi cuuphame tokko tajaajilaa gumii taʼuuf carraaqqii gochuu kan dandaʼu akkamitti?

Tajaajiltoonni gumii fakkeenya Yesuus hordofuudhaan warra kaan tajaajiluuf fedhiidhaan of dhiheessu (Keeyyata 4 ilaali)


5. Obboleessi tokko carraaqqii gochuu kan dandaʼu akkamitti?

5 Kitaabni Qulqulluun ulaagaalee tajaajiltoonni gumii guutuu qaban ni ibsa. (1 Xim. 3:8-10, 12, 13) Ulaagaalee kana qoʼachuu fi guutuuf jabaattee hojjechuudhaan galma kanarra gaʼuuf carraaqqii gochuu dandeessa. Jalqaba garuu kakaʼumsa kee of eeggannoodhaan qoruu qabda.

TAJAAJILAA GUMII TAʼUU KAN BARBAADDE MAALIIFI?

6. Obbolootaa fi obboleettota kee tajaajiluuf wanti si kakaasu maal taʼuu qaba? (Maatewos 20:28; fakkii jirus ilaali.)

6 Yesuus Kiristoos inni fakkeenya keenya taʼe wanta hunda kan raawwatu jaalala Abbaasaa fi namootaaf qabuun kakaʼeeti. Jaalalli kun jabaatee hojjechuuf, akkasumas hojii gadaanaa akka taʼetti ilaalamu hojjechuuf isa kakaaseera. (Maatewos 20:28 dubbisi; Yoh. 13:5, 14, 15) Jaalalaan kakaatee carraaqqii kan gootu yoo taʼe, Yihowaan galma kee siif eebbisuudhaan tajaajilaa gumii akka taatu si gargaara.—1 Qor. 16:14; 1 Phe. 5:5.

Yesuus iddoo guddaa argachuuf yaaluu mannaa, warra kaan gad of qabanii akka tajaajilan fakkeenya isaaniif taʼuudhaan ergamootasaa barsiiseera (Keeyyata 6 ilaali)


7. Obboleessi tokko warri kaan akka isa dinqisiifataniif jedhee carraaqqii gochuu kan hin qabne maaliifi?

7 Addunyaa keessatti, namoonni of argisiisan yeroo baayʼee ni leellifamu. Jaarmiyaa Yihowaa keessatti garuu akkas miti. Obboleessi akkuma Yesuus jaalalaan kakaʼee carraaqqii godhu warra kaanirratti aangoo qabaachuuf hin hawwu. Namni hawwii akkasii qabu tokko gumii keessatti yoo muudame, hojii akka gadaanaatti ilaalamuu fi hoolota Yihowaa kunuunsuuf barbaachisu tokko tokko raawwachuuf fedhii dhabuu dandaʼa. Hojiin akkasii akka isaaf hin taane isatti dhagaʼamuu dandaʼa. (Yoh. 10:12) Yihowaan carraaqqii namni tokko koora ykn ofittummaadhaan kakaʼee godhu hin eebbisu.—1 Qor. 10:24, 33; 13:4, 5.

8. Yesuus ergamootasaatiif gorsa akkamii kenne?

8 Michoonni Yesuusillee fedhii dogoggoraatiin kakaʼanii mirga argachuuf carraaqqii godhanii beeku. Mee ergamoota Yesuus kan taʼan Yaaqoobii fi Yohaannis maal akka godhan haa ilaallu. Ergamoonni kun Mootummaasaa keessatti iddoo adda taʼe akka isaaniif kennu Yesuusiin gaafatanii turan. Yesuus akkas gochuusaaniitti hin gammanne. Ergamoota 12niin akkana jedheera: “Isin gidduutti guddaa taʼuu kan barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan haa taʼu; namni isin gidduutti dura taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha hunda keessanii haa taʼu.” (Mar. 10:35-37, 43, 44) Obboloonni kakaʼumsa sirrii qabaatanii, jechuunis warra kaan tajaajiluu barbaadanii carraaqqii godhan gumichaaf eebba taʼu.—1 Tas. 2:8.

FEDHII CARRAAQQII GOCHUUF QABDU GUDDIFACHUUF MAALTU SI GARGAARA?

9. Fedhii carraaqqii gochuuf qabdu guddifachuu kan dandeessu akkamitti?

9 Yihowaa akka jaallattuu fi warra kaan tajaajiluu akka barbaaddu hin shakkisiisu. Taʼus, hojii dabalataa tajaajiltoonni gumii hojjetan hojjechuuf fedhii hin qabdu taʼa. Maarree, fedhii tajaajiluuf qabdu guddifachuu kan dandeessu akkamitti? Gammachuu obbolootaa fi obboleettota kee tajaajiluun siif argamsiisurratti maaliif hin yaaddu? Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedheera. (HoE. 20:35) Yesuus wanta dubbate kana hojiirra oolcheera. Warra kaan tajaajiluudhaan gammachuu argateera; atis akkumasaa gammachuu argachuu ni dandeessa.

10. Yesuus warra kaan tajaajiluun akka isa gammachiisu kan argisiise akkamitti? (Maarqos 6:31-34)

10 Mee Yesuus warra kaan tajaajiluun akka isa gammachiisu fakkeenya argisiisu tokko haa ilaallu. (Maarqos 6:31-34 dubbisi.) Yeroo tokko Yesuusii fi ergamoonnisaa dadhabanii turan. Xinnoo boqochuuf gara bakka namni hin jirree deemaa turan. Taʼus, namoonni hedduun Yesuus akka isaan barsiisu abdachuudhaan isaan dursanii achi gaʼan. Yesuus isaan diduu dandaʼa ture. Innis taʼe ergamoonnisaa “nyaata nyaachuuf illee yeroo hin arganne.” Dhugaa tokko ykn lama isaanitti himee isaan geggeessuu dandaʼa ture. Inni garuu jaalalaan kakaʼee “wanta [hedduu] isaan barsiisuu jalqabe.” Isaan barsiisuusaa waan itti fufeef dhumarratti “saʼaatiin sokkee” ture. (Mar. 6:35) Akkas kan godhe waan isarraa eegamuuf utuu hin taʼin, waan ‘baayʼee isaaniif gaddeefi.’ Isaan waan jaallatuuf isaan barsiisuu barbaadee ture. Yesuus warra kaan tajaajiluunsaa gammachuu isaaf argamsiiseera.

11. Yesuus warra kaan kan gargaare akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

11 Yesuus namoota hedduu sana yeroo tajaajilaa turetti isaan barsiisuu malees wanta dabalataa godheera. Gargaarsa isaan barbaachisu kan biraas isaaniif godheera. Dinqiidhaan nyaata erga qopheessee booda barattoonnisaa akka hihiran godhe. (Mar. 6:41) Akkas gochuudhaan, akkamitti warra kaan tajaajiluun akka dandaʼamu isaan barsiiseera. Hojiiwwan akkasii barbaachisoo akka taʼanis isaan barsiiseera; hojiin tajaajiltoonni gumii hojjetanis kanaa wajjin wal fakkaata. Ergamoonni Yesuus isa wajjin nyaata dinqiidhaan argame kana namootaaf yeroo raabsanii fi “hundi isaanii nyaatanii [akka] quufan” yeroo argan hammam akka gammadan yaadi! (Mar. 6:42) Yesuus faayidaa warra kaanii kan ofiisaarra akka dursu kan argisiise yeroo kanatti qofa miti. Lafarratti guutummaa jireenyasaa kan dabarse warra kaan tajaajiluudhaani. (Mat. 4:23; 8:16) Yesuus warra kaan barsiisuu fi gad of qabee wanta isaan barbaachisu isaaniif kennuudhaan gammachuu argateera. Atis fedhii ofittummaarraa walaba taʼeen kakaatee tajaajilaa gumii taʼuuf carraaqqii yeroo gootu gammachuu guddaa akka argattu hin shakkisiisu.

Jaalalli Yihowaadhaaf qabduu fi fedhiin warra kaan tajaajiluuf qabdu karaa kamiiniyyuu gumii kee tajaajiluuf si kakaasa (Keeyyata 11 ilaali) a


12. Nu keessaa eenyuyyuu wanta gumiidhaaf kennu akka hin qabne isatti dhagaʼamuu kan hin qabne maaliifi?

12 Dandeettii addaa akka hin qabne yoo sitti dhagaʼame abdii hin kutatin. Amaloota gumicha deggeruuf si dandeessisan akka qabdu hin shakkisiisu. Yaada Phaawulos 1 Qorontos 12:12-30 irratti dubbaterratti kadhannaadhaan yaaduun kee si fayyada. Wanti Phaawulos dubbate atis akkuma tajaajiltoota Yihowaa kaanii gumii keessatti gaʼee barbaachisaa akka qabdu ifatti argisiisa. Yeroo ammaatti ulaagaalee tajaajilaa gumii taʼuuf barbaachisan guutuu hin dandeessu yoo taʼe abdii hin kutatin. Kanaa mannaa, wanta Yihowaa fi obboloota kee fayyadu raawwachuuf wanta dandeessu godhi. Jaarsoliin waaʼee kee akka yaadanii fi hojii hojjechuu dandeessu akka siif kennan mirkanaaʼaa taʼi.—Rom. 12:4-8.

13. Ulaagaalee hedduu dhiironni muudaman guutuu qaban ilaalchisee dhugaansaa maalidha?

13 Sababii ulaagaa tajaajilaa gumii taʼuuf barbaachisu guutuuf carraaqqii gochuu itti qabdu kan biraa haa ilaallu: Ulaagaalee hedduun Kiristiyaanota hundaarraa ni eegama. Kiristiyaanonni hundi Yihowaatti dhihaachuu, gammachuu kennuudhaan argamu argachuu fi warra kaaniif fakkeenya gaarii taʼuu qabu. Maarree, obboleessi tokko carraaqqii gochuu kan dandaʼu akkamitti?

CARRAAQQII GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

14. “Itti gaafatamummaan kan itti dhagaʼamu” taʼuu jechuun maal jechuudha? (1 Ximotewos 3:8-10, 12)

14 Mee amma ulaagaalee 1 Ximotewos 3:8-10, 12 irratti ibsaman muraasa haa ilaallu. (Dubbisi.) Tajaajilaan gumii tokko “itti gaafatamummaan kan itti dhagaʼamu” taʼuu qaba. Yaanni kun “kan kabajamu” ykn “ulfina kan qabu” jedhamee hiikamuu dandaʼa. Kana jechuun garuu kolfuu ykn taphachuu hin dandeessu jechuu miti. (Lal. 3:1, 4) Taʼus, itti gaafatamummaa qabdu hunda sirriitti raawwachuu qabda. Hojii siif kennamu sirriitti hojjettee xumuruudhaan kan beekamtu yoo taʼe obboloonni gumii keessa jiran si kabaju.

15. “Arraba lamaan kan hin [dubbannee]” fi “karaa sirrii hin taaneen buʼaa argachuuf kan hin sassanne” taʼuu jechuun maal jechuudha?

15 “Arraba lamaan [hin dubbattu]” jechuun nama hin sobdu, akkasumas amanamaa taata jechuudha. Waadaa galte ni eegda, warra kaan hin gowwoomsitu. (Fak. 3:32) “Karaa sirrii hin taaneen buʼaa argachuuf [hin sassatu]” jechuunimmoo hojii fi maallaqa wajjin haala wal qabateen amanamaa taata jechuudha. Hariiroo gaarii obboloota wajjin qabdutti fayyadamtee maallaqa argachuuf hin yaaltu.

16. (a) “Daadhii wayinii hedduudhaaf kan hin bitamne” jechuun maal jechuudha? (b) “Qalbii qulqulluu” qabaachuu jechuun maal jechuudha?

16 “Daadhii wayinii hedduudhaaf [hin bitamtu]” jechuun dhugaatii alkoolii hedduu hin dhugdu ykn kanaan hin beekamtu jechuudha. “Qalbii qulqulluu” qabaatta jechuunimmoo ulaagaalee Yihowaa eegdee jiraatta jechuudha. Mudaa qabaattus nagaa Waaqayyo wajjin hariiroo gaarii qabaachuudhaan argamu qabda.

17. Obboleessi tokko ‘gaʼumsa akka qabu ilaaluuf yeroo qoramutti’ amanamaa taʼuusaa argisiisuu kan dandaʼu akkamitti? (1 Ximotewos 3:10; fakkichas ilaali.)

17 ‘Gaʼumsa akka qabdu ilaaluuf qoramteetta’ jechuun itti gaafatamummaa siif kenname akka raawwattu argisiistetta jechuudha. Kanaafuu, jaarsoliin hojii tokko yeroo siif kennan qajeelfama isaan siif kennanii fi qajeelfama jaarmiyichi qopheesse of eeggannoodhaan hordofi. Hojiin siif kenname maalfaa akka dabalatuu fi yoom xumuruu akka qabdu mirkaneeffadhu. Hojii siif kenname hunda sirriitti kan hojjettu yoo taʼe, obboloonni gumii keessa jiran guddina gochaa jirtu hubachuunsaanii hin oolu. Jaarsoliin, obboloota cuuphaman leenjisuuf dammaqoo taʼaa. (1 Ximotewos 3:10 dubbisi.) Gumii keessan keessa obboloonni cuuphamanii fi umurii jalqaba waggoota kurnanii ykn isaa gadirratti argaman jiruu? Qoʼannaa dhuunfaa gochuurratti barsiifata fakkeenya taʼu qabuu? Walgaʼii fi tajaajilarratti hirmaannaa gaarii ni godhuu? Taanaan hojii umurii fi haalasaaniitiif taʼu isaaniif kennaa. Karaa kanaan “gaʼumsa akka qaban ilaaluuf [qoramuu]” dandaʼu. Achiis yeroo umurii dhuma waggoota kurnaniirra gaʼan tajaajiltoota gumii taʼuuf ulaagaa barbaachisu guutuu dandaʼu.

Jaarsoliin obboloota cuuphamaniif hojii kennuudhaan “gaʼumsa akka qaban ilaaluuf” isaan qoruu dandaʼu (Keeyyata 17 ilaali)


18. “Himata irraa walaba” taʼuu jechuun maal jechuudha?

18 “Himata irraa walaba” taata jechuun eenyuyyuu dogoggora cimaa raawwatteetta jedhee sababii itti si komatu hin qabaatu jechuudha. Dhugaadha, Kiristiyaanonni sobaan himatamuu dandaʼu. Yesuus sobaan himatamee ture; duuka buutonnisaas haalli akkasii akka isaanirra gaʼu raajii dubbateera. (Yoh. 15:20) Haa taʼu malee, akkuma Yesuus qulqullinaan yoo jiraatte gumii keessatti maqaa gaarii qabaatta.—Mat. 11:19.

19. “Haadha manaa takkittii kan qaban” taʼuun maal dabalata?

19 “Haadha manaa takkittii kan qaban.” Yihowaan yeroo gaaʼela hundeessetti, gaaʼelli hariiroo dhiira tokkoo fi dubartii takka gidduu jiraatu akka taʼe dubbateera; Kiristiyaanonni hundi qajeelfama kanaaf ajajamuu qabu. (Mat. 19:3-9) Kiristiyaanni tokko matumaa halalummaa raawwachuu hin qabu. (Ibr. 13:4) Garuu kun wanta dabalatu qaba. Dubartii kan biraadhaaf xiyyeeffannaa sirrii hin taane kennuurraa of qusachuudhaan haadha manaa keetiif amanamaa taʼuu qabda.—Iyo. 31:1.

20. Namni tokko maatiisaa “haala gaariidhaan” kan bulchu akkamitti?

20 “Ijoollee isaanii fi maatii isaanii haala gaariidhaan kan bulchan.” Mataa maatii yoo taate, itti gaafatamummaa kee sirriitti baʼuu qabda. Dhaabbataadhaan waaqeffannaa maatii geggeessi. Tokkoon tokkoon miseensota maatii kee wajjin tajaajilarratti hirmaadhu. Yihowaa wajjin dhuunfaatti hariiroo akka qabaatan ijoollee kee gargaari. (Efe. 6:4) Namni maatiisaa kunuunsu gumichas kunuunsuu akka dandaʼu argisiisa.—1 Ximotewos 3:5 wajjin wal bira qabi.

21. Tajaajilaa gumii taatee tajaajilaa hin jirtu yoo taʼe maal gochuu dandeessa?

21 Obboloonni tajaajilaa gumii hin taane, maaloo mata duree kana kadhannaadhaan irratti yaadaa. Ulaagaalee tajaajilaa gumii taʼuuf barbaachisan qoʼadhaa, ulaagaalee kana guutuufis jabaadhaa hojjedhaa. Jaalala Yihowaa fi obboloota keessaniif qabdanirratti yaadaa. Fedhii isaan tajaajiluuf qabdan guddifadhaa. (1 Phe. 4:8, 10) Gammachuu maatii hafuuraa keessan tajaajiluudhaan argamu dhandhamaa. Yihowaan carraaqqii tajaajilaa gumii taatanii tajaajiluuf gootan isiniif haa eebbisu!—Filp. 2:13.

FAARFANNAA 17 “Nan Fedha”

a IBSA FAKKII: Karaa bitaa, Yesuus gad of qabee barattootasaa tajaajilaa jira; karaa mirgaa, tajaajilaan gumii tokko gumii keessatti obboleessa maanguddoo tokko gargaaraa jira.