Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Yeroo Waraanaattis Taʼe Yeroo Nagaatti Yihowaan Nu Jabeesseera

Yeroo Waraanaattis Taʼe Yeroo Nagaatti Yihowaan Nu Jabeesseera

Pool: Baayʼee gammannee turre! Yeroonsaa Sadaasa 1985 yeroo taʼu, misiyoonota taanee gara Laayibeeriyaa ishii Afrikaa Dhihaatti argamtuu fi ramaddii keenya jalqabaa taatetti imalaa turre. Xiyyaarri ittiin imalaa turre Seneegaalitti qubate. Yeroo kanatti Aan, “Saʼaatii tokko keessatti Laayibeeriyaa geenya” jette. Achiis beeksisa, “Warri gara Laayibeeriyaatti imaltan xiyyaaricharraa buʼaa. Laayibeeriyaa keessa fonqolchi mootummaa waan jiruuf garas deemuu hin dandeenyu” jedhu dhageenye. Guyyoota kurnan sana booda jiran misiyoonota Seneegaal keessa jiran bira turre; achittis Laayibeeriyaatti namoonni hedduun ajjeefamaa akka jiran, mootummaan biyyattii namoonni galgala manaa akka hin baane ajaja akka baasee fi namni karaarratti argame akka ajjeefamu oduu ni dhageenya turre.

Aan: Baayʼee of eegganna turre. Xinnummaa kootii kaasee ‘intala of eeggattuu’ taʼuu kootiinan beekama. Daandii ceʼuunillee na sodaachisa ture! Taʼus, gara ramaddii keenyaatti deemuuf kutannee turre.

Pool: Anii fi Aan dhiha Ingilaanditti naannoo kiilomeetira saddeet qofa walirraa fagaatutti dhalanne. Warri koo fi haati Aan qajeelchitoota akka taanu baayʼee nu jajjabeessaa waan turaniif, lamaan keenyayyuu akkuma barumsa sadarkaa lammaffaa xumurreen qajeelchitoota taane. Jireenya keenya tajaajila yeroo guutuudhaan dabarsuu akka barbaannu yeroo hubatanitti nu deggeraniiru. Yeroon waggaa 19 taʼu, Beetelitti tajaajiluuf mirgan argadhe; Aanis bara 1982​tti erga gaaʼela dhaabbannee booda ana wajjin Beetelitti tajaajiluu jalqabde.

Yeroo Giiliyaadii eebbifamnetti, Fulbaana 8, 1985

Aan: Beeteliin kan jaallannu taʼus, yeroo hunda iddoo caalaatti gargaarsi barbaachisutti tajaajiluu barbaanna turre. Beetelitti obboloota duraan misiyoonota turan wajjin tajaajiluun keenya fedhii keenya kana nuuf cimseera. Waggaa sadiif yeroo hunda galgala galgala dhimma kana caqasnee kadhanna turre; kanaafuu, bara 1985tti Mana Barumsaa Giiliyaad kutaa 79ffaarratti akka hirmaannu yeroo affeeramnu baayʼee gammanne! Achiis Laayibeeriyaa ishii Afrikaa Dhihaatti argamtutti ramadamne.

JAALALLI OBBOLOOTA KEENYAA NU CIMSEERA

Pool: Xiyyaara deebiʼee gara Laayibeeriyaa akka deemu heyyamameef isa jalqabaa yaabbanne. Uummatichi baayʼee jeeqamee ture, galgala manaa baʼuun hin heyyamamu ture. Namoonni garmalee jeeqamanii waan turaniif naannoo gabaatti yeroo konkolaataan akka tasaa sagalee guddaa dhageessisu iyyaa baqatu turan! Of tasgabbeessuuf yeroo hunda galgala galgala kitaaba Faarfannaarraa yaada muraasa waliin dubbisna. Taʼus ramaddii keenya baayʼee jaallanne. Aan misiyoonii dirree taatee tajaajilti, animmoo Joon Chaaruuk wajjin Beetelittan tajaajila ture. a Muuxannoosaa fi haala obboloonni keenya keessa jiran ilaalchisee hubannaa inni qaburraa barumsa guddaa argadheera.

Aan: Dafnee Laayibeeriyaa kan jaallanne maaliifi? Obboloota keenya achi jiraniin kan kaʼedha. Jaalala guddaa nutti argisiisaniiru, akkasumas amanamoo turan. Baayʼee walitti dhihaanne; maatii nuuf taʼan. Gorsi isaan nuuf kennan karaa hafuuraa nu jabeesseera. Tajaajilli baayʼee nama gammachiisa ture. Namni haasofsiistu daftee yoo biraa deemte ni muufata! Namoonni daandii qarqaratti Kitaaba Qulqulluurratti ni mariʼatu. Salphaatti isaanitti makamtee haasaʼuu dandeessa. Barattoota Kitaaba Qulqulluu hedduu waan qabnuuf, hundasaanii waliin gaʼuun rakkisaa ture. Naannoo tajaajilaa addaa ture!

SODAANNUS YIHOWAAN NU JABEESSEERA

Laayibeeriyaa Beetelitti yeroo baqattoota kunuunsaa turretti, 1990

Pool: Waggaa afuriif hamma tokko nagaa erga argannee booda, bara 1989​tti waraanni waliinii baayʼee sodaachisaa taʼe ni kaʼe. Adoolessa 2, 1990tti finciltoonni naannoo Beetel ni toʼatan. Jiʼa sadiif maatii keenyas taʼe waajjira muummee wajjin wal qunnamuu hin dandeenye. Jeequmsi, hanqinni nyaataa fi dirqisiisanii gudeeduun babalʼatee ture. Haalli kun waggaa 14f waan itti fufeef, guutummaa biyyattiirratti dhiibbaa godhee ture.

Aan: Miseensonni gosoota tokko tokkoo namoota gosa biraa qaban lolaa fi ajjeesaa turan. Namoonni meeshaa waraanaa hedduu hidhatanii fi uffata baramaa hin taane uffatan karaarra guutanii turan; mana barbaadan seenanii wanta barbaadan fudhatu turan. Isaan keessaa tokko tokko nama ajjeesuu akkuma lukkuu qaluutti ilaalu turan. Bakka addaddaatti, naannoo waajjira dameettillee reeffi namaa walirra tuulamee mulʼata ture. Misiyoonota lama dabalatee Dhugaa Baatonni amanamoonillee ajjeefamaniiru.

Obboloota gosoota ajjeefamaa jiran keessaa taʼan dhoksuuf Dhugaa Baatonni hedduun lubbuusaanii balaadhaaf saaxilaniiru. Misiyoononnii fi miseensonni maatii Beetelis akkasuma godhaniiru. Beetelitti, Dhugaa Baatonni baqatanii dhufan tokko tokko kutaawwan gaditti argaman keessa, warri kaanimmoo kutaawwan olitti argaman keessa nu faana jiraatu turan. Kutaa keenya keessa maatiin miseensota torba qabu tokko nu wajjin jiraata ture.

Pool: Guyyaa guyyaadhaan, loltoonni namoonni dhoksine yoo jiraatan ilaaluuf dhufu turan. Namoonni nu eegan afur jiru turan; namoonni lama gara karra alaa yeroo deeman namoonni lamammoo karaa foddaa ilaalu. Namoonni karra bira jiran lamaan harkasaanii gara fuulduraatti yoo fidan wanti hundi nagaadha jechuudha. Harkasaanii gara duubaa yoo godhan garuu, loltoonni sun aaraniiru jechuudha; kanaafuu, namoonni karaa foddaa ilaalan sun obboloota keenya dhoksuuf dafanii deemu.

Aan: Torban hedduu booda gareen loltootaa aare tokko humnaan seene. Yeroo kanatti anii fi obboleettiin takka kutaa dhagna itti dhiqatan keessa seennee cufanne; kutaa sana keessa qumsaaxinii keessa iddoon dhiphaan itti dhokatan jira ture. Obboleettiin sun iddoo dhiphaa sana keessa dhokattee turte. Loltoonni meeshaa qabatan gara kutaawwan olitti argamanii dhufan. Achiis aariidhaan balbala keenya bananii seenan. Yeroo kanatti Pool, “Haati manaa koo mana boolii fayyadamaa jirti” jedhee isaan kadhate. Iddoo dhiphaa qumsaaxinii keessa jiruu fi obboleettiin sun itti dhokatte yeroon cufu sagaleen jeequ dhagaʼamee waan turee fi wanta hunda iddoosaatti hamman deebisutti yeroo muraasa waan fudhateef, guutummaan qaama kootii hollachaa ture. Maarree, balbala akkamittan banuu dandaʼa? Akka na gargaaru sagalee utuun hin dhageessisin cimseen Yihowaa kadhadhe. Achiis balbala baneen tasgabbaaʼee nagaa isaan gaafadhe. Loltoota sana keessaa inni tokko na darbatee seenee qumsaaxinii sana erga banee booda wanta achi keessa jiru gadi baasuu jalqabe. Homaa akka hin arganne yeroo hubatu isa ajaaʼibe. Achiis innii fi gareensaa kutaawwan kaanii fi iddoo baaxii jala jiru sakattaʼuusaanii itti fufan. Ammas homaa hin arganne.

DHUGAAN IFUUSAA ITTI FUFE

Pool: Jiʼoota hedduudhaaf hanqinni nyaataa nu mudatee ture. Nyaata hafuuraa garuu dhabnee hin beeknu. “Cireen” argannu waaqeffannaa ganamaa Beetelitti dhihaatu qofa ture; hundi keenyayyuu jabina guddaa irraa argannu baayʼee dinqisiifanna turre.

Nyaannii fi bishaan yoo nu jalaa dhume waajjira damee dhiisnee baʼuuf akka dirqamnuu fi namoonni nu biratti dhokatanii jiran akka ajjeefaman beekna. Yeroo tokko tokko yeroonii fi haalli Yihowaan wanta nu barbaachisu akka argannu itti godhu dinqii fakkaata! Yihowaan wanta nu barbaachisu nuuf kenneera, sodaa keenya akka toʼannus nu gargaareera.

Addunyaan caalaatti dukkanaaʼaa yeroo deemetti dhugaanimmoo caalaatti ifaa deeme. Obboloonni keenya yeroo baayʼee lubbuusaanii oolfachuuf baqachuun kan isaan barbaachise taʼus, amantii fi tasgabbii qaban hin dhabne. Obboloonni tokko tokko waraana kana arguunsaanii “rakkina guddaadhaaf akka isaan qopheesse” dubbatu. Jaarsoliinii fi obboloonni dargaggoon ija jabeeyyii taʼan obbolootasaanii gargaaruuf wanta dandaʼan hunda godhaniiru. Obboloonni gara iddoo biraatti baqatan wal gargaaru turan, naannichatti lallabuus jalqabanii turan; bosona keessatti Galma Walgaʼii xinnoo ijaaranii walgaʼii godhachaa turan. Obboloonni yeroo baayʼee ulfaataa ture sanatti walgaʼiirratti argamuunsaanii baayʼee isaan jajjabeesseera, tajaajilarratti hirmaachuunsaaniis haalasaa dandamachuuf isaan gargaareera. Yeroo miʼoota isaan barbaachisan isaaniif raabsinutti, obboloonni uffata utuu hin taʼin boorsaa tajaajilaa yeroo nu gaafatan garaan keenya baayʼee tuqame. Namoonni gaddaa fi dhiphina cimaa keessa jiran misiraachicha dhagaʼuuf fedhii qabu turan. Dhugaa Baatonni Yihowaa gammadoo fi ilaalcha gaarii kan qaban taʼuunsaanii baayʼee isaan ajaaʼiba ture; obboloonni dukkana sana keessatti ifa guddaa ibsaa turan. (Mat. 5:14-16) Hinaaffaansaanii loltoonni gara jabeeyyii taʼan tokko tokkollee obboloota keenya akka taʼan kakaaseera.

YEROO GADDINETTI JAJJABINA ARGANNEERRA

Pool: Yeroo garaagaraatti biyyattii dhiisnee deemuun nu barbaachisee ture; siʼa sadii yeroo gabaabaadhaaf, siʼa lamammoo waggaa tokko guutuudhaaf biyyattiidhaa baaneerra. Obboleettiin misiyoonii taate takka miira nutti dhagaʼamu sirriitti ibsiteetti: “Giiliyaaditti, garaan keenya ramaddii keenyarratti akka xiyyeeffatu nu barsiisaniiru; nutis akkasuma goone. Kanaafuu, haala akkasii keessatti yeroo obboloota keenyarraa adda baanu akkuma waan onneen keenya cabetti nutti dhagaʼama!” Kan nama gammachiisu, biyyoota dhihoo jiran keessa taanee hojii Laayibeeriyaatti hojjetamurratti gargaarsa gochuu dandeenyeerra.

Gammachuudhaan gara Laayibeeriyaatti yeroo deebinu, 1997

Aan: Caamsaa 1996tti, arfan keenya konkolaataa waajjira damee yaabbannee turre; konkolaataa kanarra faayiloonni waaʼee hojii Laayibeeriyaatti hojjetamuu ibsan feʼamanii turan. Magaalattii keessa qaxxaamurree gara naannoo tasgabbii qabuu fi kiilomeetira 16 fagaatee argamuu deemuu barbaannee turre. Yeruma sanas naannoo keenyatti haleellaan ni baname. Loltoonni aaranii turan gara samiitti dhukaasuudhaan nu dhaabsisan; achiis sadan keenya buusanii, konkolaataa sana utuma Pool keessa jiruu fudhatanii deeman. Baayʼee naanee turre. Achiis yeruma sana Pool miilasaatiin deemaa gara keenya dhufe; addasaarra dhiigni yaaʼaa ture. Jalqabarratti, rasaasaan akka rukutame yaannee turre; booda garuu utuu akkas taʼee deemuu akka hin dandeenye hubanne! Loltuun tokko yeroo konkolaataa keessaa darbatee isa baasu isa rukuteeti. Kan nama gammachiisu, madaansaa xinnoo ture.

Konkolaataan loltootaa namoota sodaataniin guutame naannoo sana jira ture. Nutis konkolaataa sana yaabbachuuf murteessine, iddoon tokkollee waan hin jirreef alaan irratti rarraʼuuf yaalle. Namichi oofu yeroo saffisaan konkolaachisu kufuu jala geenyee turre. Akka dhaabu isa kadhachaa kan turre taʼus, inni garuu baayʼee waan sodaateef nu dhagaʼuu hin dandeenye. Iddoo buunu yeroo geenyu, harki keenya baayʼee bututee fi qaamni keenya naasuudhaan hoollachaa ture.

Pool: Uffanni keenya xuraaʼee fi tatarsaʼee yeroo wal ilaallu lubbuudhaan ooluu keenya amanuun nutti ulfaatee ture. Naannoo sana hilikooptariin bakka hedduu rasaasaan rukutame tokko jira ture; naannuma sana erga bullee booda guyyaa ittaanutti hilikooptarii sanaan gara Seeraa Liyoon deemne. Lubbuudhaan ooluun keenya nu gammachiisee kan ture taʼus, haalli obboloota keenyaa baayʼee nu yaaddessee ture.

HAALA RAKKISAA HIN EEGAMNE DANDAMACHUUF JABINA ARGACHUU

Aan: Beetel Firiitaawun, Seeraa Liyoonitti argamu nagaadhaan geenye; achittis obboloonni sirriitti nu kunuunsan. Taʼus, yaadannoo suukanneessaa taʼeen dhiphachuun jalqabe. Guyyaa guyyaa wanti nama sodaachisu akka uumamu yaadaan dhiphadha, sirriitti yaaduunis na rakkisa ture; wanti naannoo koo jiru hundi abjuu natti fakkaata ture. Halkanimmoo yeroo baayʼee wanti suukanneessaa taʼe uumamuuf akka jedhu waan natti dhagaʼamuuf baayʼee na dafqisiisee fi hoollachaan hirribaa dammaqa ture. Hafuura baafachuunis natti ulfaata ture. Yeroo akkasiitti Pool na hammatee na faana kadhata. Hamman tasgabbaaʼutti faarfannaawwan Mootummichaa faarfanna. Maraachuuf akkan jedhuu fi misiyoonii taʼee tajaajiluu akkan hin dandeenye natti dhagaʼamee ture.

Wanta ittaansuudhaan taʼe yoomiyyuu hin irraanfadhu. Torbanuma sana keessatti barruulee lama argannee turre. Barruun inni tokko Dammaqaa! Waxabajjii 8, 1996ti. Barruun kun mata duree, “Naasuu Cimaa Dandamachuu” jedhu qabatee ture. Mata dureen kun miirri akkasii kan natti dhagaʼamu maaliif akka taʼe hubachuuf na gargaareera. Barruun inni lammaffaanimmoo Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 1996 isa mata duree, “Jabina kan Argatan Akkamitti?” jedhu qabudha. Masaraan Eegumsaa sun fakkii billaacha miidhaan irra gaʼe argisiisu qaba ture. Mata dureen sun akkuma billaachi tokko utuma qoochoon isaa baayʼee miidhamee jiruu soorachuu fi balaliʼuusaa itti fufuu dandaʼu, nutis karaa miiraa miidhaan nurra gaʼee utuma jiruu gargaarsa hafuura Yihowaatiin warra kaan gargaaruu keenya itti fufuu akka dandeenyu ibsa. Yihowaan mata dureewwan kanatti fayyadamee yeruma na barbaachisutti jabina naaf kenneera. (Mat. 24:45) Qorannaa akkasii gochuun koo fi mata dureewwan waaʼee kanaa dubbatan walitti qabachuun koo baayʼee na fayyadeera. Yeroo booda, dhiphinni natti dhagaʼamu hirʼachaa dhufe.

RAMADDII HAARAATTI BARUUF JABINA ARGACHUU

Pool: Yeroo gara Laayibeeriyaa deebinee dhaqnu hundatti baayʼee gammanna turre. Dhuma bara 2004tti erga achitti ramadamnee gara waggaa 20 taʼee ture. Waraannis dhaabbatee ture. Waajjira damee ijaaruuf karoorfamee ture. Taʼus akkuma tasaa ramaddii haaraan nuuf kenname.

Baayʼee nutti ulfaatee ture. Obboloota achi jiran wajjin baayʼee walitti dhihaannee turre; akkuma maatii keenyaatti waan isaan ilaalluuf isaanirraa adda baʼuu hin barbaannu turre. Taʼus yeroo maatii keenyarraa adda baanee gara Giiliyaad deemnetti Yihowaan akkamitti akka nu eebbise argineerra; kanaafuu, ramaddii haaraa nuuf kenname ni fudhanne. Gaanaa ishii naannoo sanatti argamtutti ramadamne.

Aan: Yeroo Laayibeeriyaadhaa baanu baayʼee boonye. Obboleessi maanguddoon Firaanki jedhamu yeroo, “Waaʼee keenya yaaduu keessan dhiisuu qabdu!” nuun jedhu baayʼee nu ajaaʼibe. Achiis akkana jedhe: “Akka isin nu hin irraanfanne beekna; garuu garaan keessan ramaddii keessan isa haaraarratti akka xiyyeeffatu gochuu qabdu. Ramaddii kana Yihowaatu isinii kenne; kanaafuu, obbolootaa fi obboleettota achi jiranirratti xiyyeeffadhaa.” Wanti obboleessi kun dubbate biyya nama beeknu baayʼee hin qabnee fi wanti hundi haaraa nutti taʼe keessatti michoota haaraa horachuuf qophaaʼoo akka taanu nu gargaareera.

Pool: Haa taʼu malee, obboloota keenya Gaanaa keessa jiran jaallachuuf yeroo dheeraa nutti hin fudhanne. Biyyattii keessa Dhugaa Baatota baayʼeetu jira! Amanamummaa fi amantii cimaa michoonni keenya kun qabanirraa barumsa guddaa arganneerra. Gaanaa keessatti waggaa 13f erga tajaajillee boodammoo ramaddii kan biraatu nuu kenname. Waajjira damee Afrikaa Bahaa Keeniyaatti argamutti akka tajaajillu gaafatamne. Michoota keenya naannoo duraan itti ramadamne keessa jiran baayʼee kan yaannu taʼus, obboloota amanamoo Keeniyaa keessa jiran wajjinis dafnee walitti dhihaanne. Asittis hojiin hojjetamu hedduun jira; hanga ammaatti Keeniyaa keessatti tajaajilaa jirra.

Michoota naannoo tajaajilaa waajjira damee Afrikaa Bahaa keessatti horanne wajjin, 2023

BARUMSA ARGANNE

Aan: Jireenya koo keessatti wanti nama sodaachisuu fi nama naasisu hedduun na mudateera. Haalawwan balaadhaaf nama saaxilanii fi nama dhiphisan karaa qaamaas taʼe karaa miiraa nu miidhuu dandaʼu. Yihowaan wantoota akkanaarraa dinqiidhaan akka nu oolchu eeguu hin dandeenyu. Ammayyuu, yeroon sagalee dhukaasaa dhagaʼu garaa na ciniina, harki koos ni hadooda. Taʼus, gargaarsa obboloonnii fi obboleettonni keenya nuuf godhan dabalatee qophii Yihowaan nu jabeessuuf godhu hundarraa fayyadamuu akkan qabu baradheera. Barsiifata hafuuraa keenya yoo eegganne Yihowaan ramaddii keenya keessatti akka itti fufnu akka nu gargaarus argeera.

Pool: Namoonni tokko tokko, “Ramaddii keessan ni jaallattuu?” jedhanii nu gaafatu. Biyyi tokko miidhagaa taʼus, tasgabbii kan hin qabnee fi balaadhaaf kan nama saaxilu taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, biyya tokko caalaa wanti jaallannu jira. Obbolootaa fi obboleettota keenya warra maatii keenya taʼan baayʼee jaallanna. Akkaataan guddinaa keenya garaagara taʼus yaada tokko qabna. Isaan jajjabeessuuf akka ergamne kan yaannu taʼus, dhugaasaa dubbachuuf, isaantu nu jajjabeessa.

Bakka dhaqnu hundatti dinqii tokko argina; innis waldaa obbolummaa addunyaa maraati. Kutaa gumii taanee hamma itti fufnetti maatii fi mana qabna. Yihowaatti amanamuu keenya hamma itti fufnetti, inni haala akkamiiyyuu keessatti nu jabeessa.—Filp. 4:13.

a Seenaa jireenyaa Joon Chaaruuk, “Waaqayyoo fi Kiristoosiin Nan Galateeffadha” jedhu maxxansa Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 1973 (Ingiliffa) irraa ilaali.