MATA DUREE QOʼANNAA 26
Warri Kaan Dhiphina Akka Dandamatan Gargaaraa
“Hundi keessan yaadaan tokkummaa qabaadhaa, miira walii hubadhaa, jaalala obbolummaa qabaadhaa, gara laafina qabaadhaa, akkasumas kan gad of qabdan taʼaa.”—1 PHE. 3:8.
FAARFANNAA 107 Fakkeenya Jaalalaa
QABIYYEE *
1. Fakkeenya Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
YIHOWAAN baayʼee nu jaallata. (Yoh. 3:16) Nutis fakkeenya Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee hordofuu barbaanna. Kanaafuu, namoota hundumaa keessumaa immoo warra “amantiidhaan nutti firooman” ‘miira isaanii hubachuuf, akkasumas jaalala obbolummaa fi gara laafina isaaniif qabaachuuf’ yaalii goona. (1 Phe. 3:8; Gal. 6:10) Namoota miseensa maatii hafuuraa keenya taʼan haalli dhiphisaan yommuu isaan mudatu isaan gargaaruu barbaanna.
2. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii qoranna?
2 Namoonni kutaa maatii Yihowaa taʼuu barbaadan hundi, haalli dhiphisaan isaan mudata. (Mar. 10:29, 30) Dhumni sirna kanaa dhihaachaa yommuu adeemutti immoo qorumsa dabalataa dandamachuun nu barbaachisuu hin oolu. Wal gargaaruu kan dandeenyu akkamitti ree? Mee seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee Loox, Iyyoobii fi Naaʼomii dubbatu irraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu. Qorumsawwan yeroo harʼaatti obbolootaa fi obboleettota keenya irra gaʼaa jiran tokko tokkos ni ilaalla; akkasumas rakkoowwan kana akka dandamataniif akkamitti isaan gargaaruu akka dandeenyu ni ilaalla.
OBSA QABAADHAA
3. Akkuma 2 Pheexiros 2:7, 8 irratti ibsame Loox murtoo dogoggoraa akkamii godheera? Kunoo maal isa irraan geessise?
3 Loox namoota Sodoom warra gocha baayʼee naamusaan ala taʼe raawwachuudhaan beekaman gidduu jiraachuuf yeroo murteessetti filannoo sirrii taʼe hin goone ture. (2 Pheexiros 2:7, 8 dubbisi.) Naannoon sun badhaadhina kan qabu taʼus, Loox Sodoomitti galuu isaatti aarsaa guddaa kaffaleera. (Uma. 13:8-13; 14:12) Haati manaa isaa Yihowaadhaaf utuu hin ajajamin kan hafte, magaalattii ykn namoota achi jiraatan keessaa tokko tokko wajjin baayʼee waan walitti firoomteef taʼuu hin oolu. Kanaafuu, yommuu Waaqayyo naannoo sana irratti ibiddaa fi dinyii roobse lubbuu ishii dhabdeetti. Waaʼee ijoollee durbaa Loox lamaaniis yaadaa. Isaan namoota Sodoom keessatti duʼaniif kaadhimatamanii turan. Loox mana isaa, qabeenya isaa fi hunda caalaa kan nama gaddisiisu immoo haadha manaa isaa dhabeera. (Uma. 19:12-14, 17, 26) Yeroo dhiphisaa taʼe kanatti Yihowaan Looxitti obsa dhabeeraa? Lakki.
4. Yihowaan Looxitti obsa kan argisiise akkamitti? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)
4 Loox Sodoom keessa jiraachuu kan filate taʼus, Yihowaan isaa fi maatii isaa akka oolchaniif gara laafinaan kakaʼee maleekota ergeera. Haa taʼu malee, Loox ajaja ariifachiisaa maleekonni isaaf kennan fudhachuu mannaa “qaqqabachaa ture.” Kanaafuu, maleekonni sun harka isaa qabanii innii fi maatiin isaa magaalicha keessaa akka baqatan isaan gargaaruuf dirqaman. (Uma. 19:15, 16) Achiis maleekonni sun naannoo tullootaatti akka baqatu isatti himan. Taʼus, Loox Yihowaadhaaf ajajamuu mannaa, gara magaalaa dhiheenya sana jiruutti deemuuf gaafate. (Uma. 19:17-20) Yihowaan obsaan kan isa dhaggeeffate siʼa taʼu, Loox gara magaalichaa akka deemu isaaf heyyame. Loox booda bakka sana jiraachuu waan sodaateef, bakka Yihowaan duraan itti hime, jechuunis naannoo tullootaa dhaqee jiraateera. (Uma. 19:30) Yihowaan obsa guddaa argisiiseera! Nuti hoo fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
5-6. Fakkeenya Waaqayyoo hordofuudhaan 1 Tasalonqee 5:14 hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?
5 Akkuma Loox miseensi maatii hafuuraa keenya tokko murtoo dogoggoraa gochuudhaan rakkina cimaadhaaf of saaxiluu dandaʼa. Wanti akkasii yoo uumame maal goona? Waanuma facaase haammataa akka jiru dubbachuudhaaf qoramuu dandeenya, kunis dhugaa dha. (Gal. 6:7) Haa taʼu malee, wanta kana irra wayyu gochuu ni dandeenya. Karaa Yihowaan Looxiin itti gargaare hordofuu ni dandeenya. Akkamitti?
6 Yihowaan maleekota kan erge Looxiin akka akeekkachiisan qofa utuu hin taʼin, balaa Sodoom irratti dhufu irraa akka ooluuf akka isa gargaaraniif ture. Haaluma kana fakkaatuun, nutis obboleessi keenya tokko gara rakkinaatti deemaa akka jiru yoo argine isa akeekkachiisuu nu barbaachisa taʼa. Haa taʼu malee, isa gargaaruus ni dandeenya taʼa. Gorsa Kitaaba Qulqulluu isaaf kennine dafee hojii irra kan hin oolchine yoo taʼe illee, obsa argisiisuu nu barbaachisa. Akka maleekota lamaan sanaa taʼaa. Obboleessa keenyatti abdii kutachuu fi isa irraa fagaachuu mannaa, karaa qabatamaa itti isa gargaaruu dandeenyu barbaaduu qabna. (1 Yoh. 3:18) Akka fakkeenyaatti, harka isaa qabnee gorsa gaarii isaaf kenname akka hojii irra oolchu isa gargaaruu nu barbaachisa.—1 Tasalonqee 5:14 dubbisi.
7. Akkaataa Yihowaan Looxiin itti ilaale hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
7 Yihowaan dogoggora Loox irratti xiyyeeffachuu ni dandaʼa ture. Kanaa mannaa, yeroo booda, Pheexiros ergamaan Loox nama qajeelaa akka taʼe akka barreessu hafuuraan isa geggeesseera. Yihowaan dogoggora keenya kan irra nuuf darbu taʼuu isaatti baayʼee gammadna! (Far. 130:3) Akkaataa Yihowaan Looxiin itti ilaale hordofuu ni dandeenyaa? Amala gaarii obboloonnii fi obboleettonni keenya qaban irratti yoo xiyyeeffanne, caalaatti obsa qabeeyyii taana. Isaanis gorsa nuti isaaniif kenninu fudhachuuf caalaatti fedhii qabaatu.
GARA LAAFEYYII TAʼAA
8. Gara laafinni maal akka goonu nu kakaasa?
8 Loox irraa haala adda taʼeen, Iyyoob dhiphinni kan isa irra gaʼe, murtoo dogoggoraa tokko tokko waan godheef hin turre. Taʼus, qabeenya isaa, iddoo guddaa hawaasicha keessatti qabuu fi fayyaa isaa dhabuudhaan balaa cimaadhaaf saaxilamee ture. Kana irra kan hammaatu immoo innii fi haati manaa isaa ijoollee isaanii hundumaa duʼaan dhabaniiru. Iyyoob namoonni michoota sobaa taʼan sadii isa hadheessaniiru. Sababiin namoonni jajjabeessitoota gatii hin qabne
taʼan sadan sun Iyyoobitti gara laafina utuu hin argisiisin hafan maaliifi? Isaan kan ilaalan haala isaa isa alaan mulʼatu qofa ture. Kanaan kan kaʼes, xumura dogoggoraa irra gaʼuudhaan gara jabinaan isatti murteessaniiru. Nuti hoo dogoggora kana fakkaatu raawwachuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Haala nama tokkoo dhugaa jiru guutummaatti kan beeku Yihowaa qofa akka taʼe hubadhaa. Wanta namni dhiphachaa jiru sun dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa. Wanta inni dubbatu dhaggeeffachuu caalaa, dhukkubbiin isaa akka isinitti dhagaʼamu gochuuf yaalaa. Miira obboleessa ykn obboleettii keessanii dhugumaan hubachuu kan dandeessan yoo kana gootan qofa dha.9. Gara laafinni maal gochuu irraa akka of qusannu nu kakaasa? Maaliif?
9 Gara laafinni rakkina warra kaan irra gaʼaa jiru ilaalchisee hamii nama miidhu akka hin babalʼisne nu dhowwa. Namni hamii babalʼisu tokko gumii hin ijaaru, kanaa mannaa ni diiga. (Fak. 20:19; Rom. 14:19) Namni akkasii gaarummaa hin qabu, kanaa mannaa, utuu itti hin yaadin dubbata; wanti inni dubbatus nama dhiphachaa jiru tokko madeessuu dandaʼa. (Fak. 12:18; Efe. 4:31, 32) Amala gaarii namni tokko qabu hubachuu fi qorumsa isa ykn ishii irra gaʼaa jiru akka dandaʼan karaa itti gargaarru barbaaduun keenya baayʼee gaarii mitii!
10. Yaadni Iyoob 6:2, 3 irra jiru maal nu barsiisa?
10 Iyoob 6:2, 3 dubbisi. Iyyoob yeroo tokko tokko ‘ariitiidhaan dubbatee’ ture. Taʼus, booda wanti inni dubbate dogoggora taʼuu isaa amaneera. (Iyo. 42:6) Akkuma Iyyoob yeroo harʼaas namni rakkina cimaa keessa jiru tokko wanta booda itti gaabbu tokko ariitiidhaan dubbachuu dandaʼa. Deebiin keenya maal taʼuu qaba ree? Nama sana ceephaʼuu mannaa, gara laafina itti argisiisuu qabna. Yihowaan rakkinnii fi dhiphinni yeroo harʼaa nu irra gaʼu nama kam irra iyyuu akka gaʼu kaayyoo isaa akka hin turre yaadadhaa. Kanaafuu, tajaajilaan Yihowaa amanamaa taʼe tokko yeroo dhiphina guddaa keessa jirutti maaliif utuu itti hin yaadin akka dubbatu hubachuu dandeenya. Waaʼee Yihowaa ykn waaʼee keenya wanta sirrii hin taane yoo dubbate illee, dafnee isatti aaruu ykn wanta akkasii dubbachuu isaatiif isatti murteessuu hin qabnu.—Fak. 19:11.
11. Jaarsoliin yommuu gorsa kennan fakkeenya Eliihuu hordofuu kan dandaʼan akkamitti?
11 Yeroo tokko tokko namni haala dhiphisaa keessa jiru hamma tokko gorsa ykn adaba isa gargaaru argachuunis isa barbaachisa. (Gal. 6:1) Jaarsoliin rakkina akkasiitiif furmaata kennuu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenya Eliihuu isa gara laafina guddaadhaan Iyyoobiin dhaggeeffate sanaa hordofuun isaanii gaarii dha. (Iyo. 33:6, 7) Eliihuun gorsa kan kenne yaada Iyyoob erga hubatee booda ture. Jaarsoliin fakkeenya Eliihuu hordofan of eeggannoodhaan dhaggeeffatu; akkasumas haala nama tokkoo hubachuuf yaalii godhu. Achiis yommuu gorsa kennan, caalaatti garaa nama isaan dhaggeeffatu sanaa tuquun isaanii hin oolu.
YAADA NAMA JAJJABEESSU DUBBADHAA
12. Naaʼomiin duuti abbaa manaa fi ilmaan ishii lamaanii dhiibbaa akkamii ishii irraan geessisee ture?
12 Naaʼomiin dubartii amanamtuu Yihowaa jaallattu turte. Haa taʼu malee, abbaan manaa ishii fi ilmaan ishii lamaan erga duʼanii booda, maqaa ishii Naaʼomii irraa gara “maaraa” jechuunis “hadhooftuu” jedhamuutti jijjiiruu barbaaddee turte. (Rut. 1:3, 5, 20, 21) Haadha manaa ilma Naaʼomii kan taate Ruut yeroo qorumsa ishii hundaatti ishiitti maxxanteetti. Ruut gargaarsa qabatamaa taʼe ishiidhaaf kennuu malees, yaada ishii jajjabeessu Naaʼomitti dubbatteetti. Ruut jechoota salphaa taʼanii fi garaadhaa maddan dubbachuudhaan Naaʼomii akka jaallattuu fi akka deggertu argisiisteetti.—Rut. 1:16, 17.
13. Namoonni hiriyaa gaaʼelaa isaanii duʼaan dhaban deggersa keenya kan barbaadan maaliifi?
13 Miseensi maatii hafuuraa keenya tokko hiriyaa gaaʼelaa yommuu duʼaan dhabu ykn dhabdu gargaarsi keenya isaan barbaachisa. Hiriyoonni gaaʼelaa muka wal biratti guddatan lamatti fakkeeffamuu dandaʼu. Waggoota hedduudhaaf hiddi mukoota kanaa walitti maramaa turaniiru. Mukti inni tokko jigee yommuu gogu, mukti inni kaanis garmalee miidhama. Haaluma kana fakkaatuun, namni tokko hiriyaa gaaʼelaa isaa duʼa isa diina taʼeen yommuu dhabu ykn dhabdu yeroo dheeraadhaaf dhiphinni guddaan isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Poolaa * ishiin abbaan manaa ishii akka tasaa jalaa duʼe akkas jetteetti: “Jireenyi koo guutummaatti unkurame akkasumas humnan dhabe. Michuu koo isa hunda caalu nan dhabe. Waan garaa koo hundumaa abbaa manaa kootti nan himan ture. Inni gammachuu koo ni hirmaata, yeroo rakkina koottis na cina dhaabbata ture. Inni yeroo ani rakkina koo dubbadhu hundatti na dhaggeeffata. Yommuu inni duʼe iddoo lamatti akkan gargar cite natti dhagaʼame.”
14-15. Nama hiriyaan gaaʼelaa isaa jalaa duʼe tokko akkamitti jajjabeessuu dandeenya?
14 Nama hiriyaan gaaʼelaa isaa jalaa duʼe tokko akkamitti jajjabeessuu dandeenya? Tarkaanfiin barbaachisu inni jalqabaa, isinitti toluu baatu illee ykn maal akka dubbattan mirkanaaʼoo taʼuu baattan illee isatti ykn ishiitti dubbachuu dha. Poolaa ishiin olitti ibsamte akkas jetteetti: “Duuti namni tokko haalli jiru akka itti hin tolle akka godhu nan hubadha. Waan isaan dubbatan dogoggora taʼuu dandaʼa jedhanii yaaddaʼu. Haa taʼu malee, homaa utuu hin dhagaʼin hafuun wanta dogoggora taʼe dhagaʼuu caalaa nama miidha.” Namni gadda irra jiru tokko tarii yaada gad fageenya qabu akka dubbannu nu irraa hin eegu taʼa. Poolaan, “Michoonni koo, ‘kun si irra gaʼuu isaatti baayʼeen gadda’ yommuu nan jedhan nan dinqisiifadha” jetteetti.
15 Wiiliyaam inni haati manaa isaa waggoota hedduu dura jalaa duute akkas jedheera: “Namoonni wanta haati manaa koo raawwatte yommuu dubbatan nan dinqisiifadha; kun ishiin jaallatamtuu fi kabajamtuu akka taate waan naaf mirkaneessuuf na jajjabeessa. Deggersi akkasii gargaarsa guddaa naaf godha. Haadha manaa
koo baayʼee waanan jaalladhuu fi ishiin jireenya koo keessatti iddoo guddaa waan qabduuf, kun baayʼee na gammachiisa.” Biyaankaa ishiin abbaan manaa ishii irraa duʼe akkas jetteetti: “Namoonni kaan yommuu na wajjin kadhatanii fi caqasa tokko ykn lama naaf dubbisan nan jajjabaadha. Waaʼee abbaa manaa koo dubbachuun isaanii fi yommuu ani waaʼee isaa dubbadhu na dhaggeeffachuun isaanii na gargaara.”16. (a) Nama nama jaallatu tokko duʼaan dhabeef maal gochuu qabna? (b) Akka Yaaqoob 1:27 jedhutti itti gaafatamummaa akkamii qabna?
16 Akkuma Ruut, Naaʼomii ishii abbaan manaa ishii irraa duʼetti maxxante, nutis warra nama jaallatan duʼaan dhabaniif gargaarsa itti fufiinsa qabu gochuu qabna. Poolaan ishiin olitti ibsamte akkas jetteetti: “Erga abbaan manaa koo duʼee kaasee, gargaarsa hedduu argadheera. Yeroo booda, namoonni jireenya isaanii guyyaa guyyaatti waan deebiʼan fakkaata. Haa taʼu malee, ani jireenyi koo guutummaatti jijjiirameera. Namoonni kaan namni gadda irra jiru tokko duʼa sana booda jiʼoota hedduudhaaf, darbees waggoota hedduudhaaf illee deggersi akka isa barbaachisu hubachuun isaanii gargaarsa guddaa dha.” Dhugaa dha, namoonni hundi tokko miti. Namoonni tokko tokko haala isaanii isa haaraatti dafanii waan baran fakkaatu. Warri kaan garuu, tokkoon tokkoon sochii nama jaallatan sanaa wajjin gochaa turanii hundi nama duʼaan dhaban sana isaan yaadachiisa. Akkaataan namoonni itti gadda isaanii ibsan garaa gara dha. Yihowaan namoota hiriyaa gaaʼelaa isaanii duʼaan dhaban akka kunuunsinu mirgaa fi itti gaafatamummaa nuuf kennuu isaa haa yaadannu.—Yaaqoob 1:27 dubbisi.
17. Namoonni hiriyaan gaaʼelaa isaanii isaan dhiisee deeme gargaarsi keenya kan isaan barbaachisu maaliifi?
17 Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko aarii fi dhiphina
hiriyaan gaaʼelaa isaanii isaan dhiisee deemuun isaanitti fide dandamachuu qabu. Jooyis ishiin abbaan manaa ishii dubartii kan biraa jaallatee ishii dhiisee deeme akkas jetteetti: “Dhiphinni wal hiikuun keenya natti fide, abbaa manaa koo duʼaan dhabuu caalaa ulfaata. Inni balaadhaan ykn dhukkubaan duʼeera utuu taʼee, dhimma sana irratti filannaa hin qabu ture. Amma garuu abbaan manaa koo na dhiisee deemuu filateera. Akkan salphadhee fi akkan tuffatame natti dhagaʼama ture.”18. Namoota hiriyaa gaaʼelaa isaanii dhaban gargaaruuf maal gochuu dandeenya?
18 Namoota hiriyaa gaaʼelaa isaanii dhabaniif gocha gaarummaa xixinnoo gochuun keenya, akka jaallataman akka isaanitti dhagaʼamu godha. Yeroo kam iyyuu caalaa michoota gaarii argachuun isaan barbaachisa. (Fak. 17:17) Michoota isaanii akka taatan akkamitti mirkaneessuufii dandeessu? Nyaata salphaa isaan afeeruu dandeessu. Akkasumas bashannana ykn tajaajila irratti waliin hirmaachuuf isaan afeeruu dandeessu. Filannaa kan biraan immoo, waaqeffannaa maatii keessan irratti akka isinii wajjin hirmaatan gaafachuu dha. Kana kan gootan yoo taʼe, Yihowaan “warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo” waan taʼee fi “dubartoota abbaan manaa irraa duʼeefis eegumsa, NW” waan godhuuf, garaa isaa gammachiistu.—Far. 34:18; 68:5.
19. 1 Pheexiros 3:8 yaadatti qabachuudhaan maal gochuuf murteessiteetta?
19 Dhiheenyatti yeroo Mootummaan Waaqayyoo lafa bulchuu jalqabu, ‘dhiphinni ni irraanfatama.’ Yeroo ‘wanti dur taʼe hin yaadatamne, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufne’ hawwii guddaadhaan eegganna. (Isa. 65:16, 17) Hamma yeroon sun gaʼutti, wal haa gargaarru; akkasumas dubbii keenyaa fi hojii keenyaan namoota maatii hafuuraa keenya taʼan hunda akka jaallannu haa argisiisnu.—1 Pheexiros 3:8 dubbisi.
FAARFANNAA 111 Sababa Itti Gammannu
^ key. 5 Loox, Iyyoobii fi Naaʼomiin amanamummaadhaan Yihowaa kan tajaajilan taʼus, haala dhiphisaa jireenya isaanii keessatti isaan mudate dandamachuun isaan barbaachiseera. Mata dureen kun muuxannoo isaanii irraa maal barachuu akka dandeenyu ibsa. Kana malees, obboloonnii fi obboleettonni keenya haalli rakkisaan yommuu isaan mudatutti obsa argisiisuu fi gara laafinaan isaan qabuun akkasumas yaada nama jajjabeessu isaanitti dubbachuun maaliif barbaachisaa akka taʼe ibsa.
^ key. 13 Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.
^ key. 57 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko baayʼee waan aareef ‘ariitiidhaan dubbachaa’ kan jiru siʼa taʼu, jaarsi gumii tokko obsaan isa dhaggeeffachaa jira. Booda obboleessi aare sun yommuu tasgabbaaʼu, jaarsi sun gaarummaadhaan gorsa isaaf kenna.
^ key. 59 IBSA FAKKII: Hiriyoonni gaaʼelaa dargaggoota taʼan tokko obboleessa dhiheenya haati manaa isaa jalaa duutee wajjin yeroo dabarsaa jiru. Wanta gaarii waaʼee ishii yaadatan dubbachaa jiru.