Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Phaawulos ergamaan, “Ani karaa seerichaa seerichaaf duʼeera” yeroo jedhu maal jechuu isaa ti?—Gal. 2:19.

Phaawulos, “Waaqayyoof jiraachuu akkan dandaʼuuf, ani karaa seerichaa seerichaaf duʼeera” jedhee barreesseera.—Gal. 2:19.

Wanti Phaawulos barreesse kun yaada ijoo gumiiwwan Galaatiyaa ishii bulchiinsa Roomaa jalatti argamtu keessa jiraniif ibsaa turee wajjin wal qabata. Barsiisonni sobaa Kiristiyaanota achi turan tokko tokko irratti dhiibbaa gochaa turan. Namoonni kun namni tokko fayyina argachuuf Seera Musee, keessumaa immoo seera dhaqna qabaa hordofuu akka qabu barsiisu turan. Taʼus Phaawulos, Waaqayyo namoonni amanan akka dhaqna qabatan akka isaan irraa hin eegne beeka. Kanaafuu, karaa nama amansiisuun dubbachuudhaan barumsi kun soba taʼuu isaa mirkaneesseera; amantii obboloonni aarsaa furii Yesuus Kiristoos irratti qabanis isaaniif cimseera.—Gal. 2:4; 5:2.

Kitaabni Qulqulluun namni tokko erga duʼee booda wanta naannoo isaatti raawwatamu tokko iyyuu akka hin beekne ifatti dubbata. (Lal. 9:5) Phaawulos, “Seerichaaf duʼeera” yeroo jedhu, Seerri Musee sana booda jireenya isaa irratti dhiibbaa akka hin goone dubbachuu isaa ture. Phaawulos amantii aarsaa furichaa irratti qabuun kan kaʼe “Waaqayyoof jiraachuu [akka] dandaʼu” mirkanaaʼaa ture.

Haalli Phaawulos kan jijjiirame “karaa seerichaa” ti. Akkana kan jennu maaliifi? Phaawulos yaada kana caqasuu isaa dura, “namni tokko qajeelaa jedhamee kan waamamu seera eeguudhaan utuu hin taʼin, Yesuus Kiristoositti amanuu isaatiin qofa akka taʼe” dubbateera. (Gal. 2:16) Seerichi wanta baayʼee barbaachisaa taʼe tokko fiixaan akka baase homaa hin shakkisiisu. Phaawulos warra Galaatiyaatiif yeroo ibsu, “Hanga sanyichi inni waadaan galameef sun dhufutti, dogoggora namoonni hojjetan mulʼisuuf dabalame” jedheera. (Gal. 3:19) Eeyyee, Seerichi namoonni cubbamoo taʼan karaa mudaa hin qabneen Seericha eeguu akka hin dandeenyee fi aarsaan mudaa hin qabne akka isaan barbaachisu ifa godheera. Akka kanaan Seerichi namoota gara ‘sanyichaatti,’ jechuunis gara Kiristoositti geesseera. Namni tokko Yesuus Kiristoos irratti amantii akka qabu argisiisuudhaan Waaqayyo duratti qajeelaa jedhamee waamamuu ni dandaʼa. (Gal. 3:24) Phaawulos qajeelaa jedhamee kan waamame karaa Seerichaa fudhatama waan argatee fi Yesuusitti waan amaneefi. Kanaan kan kaʼes Phaawulos “seerichaaf duʼee” “Waaqayyoof jiraachuu” dandaʼeera. Isa irratti aangoo kan qabu Seericha utuu hin taʼin Waaqayyoo dha.

Phaawulos xalayaa warra Roomaatiif barreesse irrattis akkana jechuudhaan yaada wal fakkaatu dubbateera: “Yaa obboloota koo, isinis . . . karaa qaama Kiristoos Seerichaaf duutaniittu . . . Isa nu dhowwu sanaaf waan duuneef, Seericha jalaa bilisa baaneerra.” (Rom. 7:4, 6) Phaawulos caqasa kana irrattis taʼe Galaatiyaa 2:19 irratti dubbachaa kan jiru waaʼee Seericha jalatti akka cubbamaatti balaaleffatamee duʼuu isaa miti. Kanaa mannaa, yaanni inni ibsuu barbaade waaʼee bilisa baʼuu ti. Seerichi isa irrattis taʼe warra akka isaa bilisa baʼan kaan irratti dhiibbaa gochuu hin dandaʼu. Sababiin isaas, amantii aarsaa Yesuus irratti qabaniin kan kaʼe bilisa baʼaniiru.