Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Namoonni bara Yesuus turan gibira gosa akkamii kaffalaa turan?

ISRAAʼELONNI bara duriitii kaasee waaqeffannaa dhugaa deggeruuf, maallaqa kennu turan. Bara Yesuusitti garuu Yihudoonni gibira hedduu kaffalu turan; kun immoo jireenyi akka isaanitti ulfaatu godheera.

Waaqeffannaa godoo qulqulluutti, yeroo booda immoo mana qulqullummaatti godhamaa ture deggeruuf, Yihudoonni gaʼeessota taʼan hundi walakkaa sheeqilii (diraakmaa lama) akka kaffalan irraa eegama ture. Jaarraa jalqabaatti maallaqni kun aarsaawwan dhihaatan qopheessuu fi mana qulqullummaa Heroodis ijaare kunuunsuuf oola ture. Yihudoonni tokko tokko ilaalcha Yesuus dhimma kana irratti qabu ilaalchisee, Pheexirosiin gaafatanii turan; Kiristoosis gibira kaffaluun dogoggora akka hin taane dubbateera. Akkasumas Yesuus saantima gibira kaffaluuf taʼu akka argatu Pheexirosiin gargaareera.—Mat. 17:24-27.

Sabni Waaqayyoo yeroo sana turan gosa gibiraa kurnoo jedhamus kaffaluu qabu turan; kana jechuun oomisha isaanii ykn galii isaanii keessaa kudhan keessa tokko kennuu qabu jechuu dha. (Lew. 27:30-32; Lak. 18:26-28) Geggeessitoonni amantii sabichi “kefoo, inchilaalaa fi kamuunii” dabalatee, muduraalee hundumaa irraa of eeggannoodhaan kurnoo akka kaffalan isaanitti himu turan. Yesuus kurnoo kaffaluun dogoggora akka taʼe hin dubbanne; garuu ilaalchi barsiisonni seeraa fi Fariisonni gibira ilaalchisee qaban dogoggora akka taʼe dubbateera.—Mat. 23:23.

Yeroo sanatti Yihudoota bulchaa kan turan warra Roomaa ti; kanaafuu, sabichi gibira hedduu isaaniif kaffala ture. Fakkeenyaaf, abbootiin lafaa akka gibiraatti maallaqa ykn oomisha galfatan keessaa kennu turan. Sabichi oomisha galfate keessaa tilmaamaan dhibbeentaa 20 hanga 25 kenna ture. Tokkoon tokkoon Yihudootaas gibira akka kaffalan irraa eegama ture. Fariisonni Yesuusiin kan gaafatanis waaʼee gibira kanaa ture. Yesuus gibira kaffaluu ilaalchisee “Egaa, wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa” jedheera.—Mat. 22:15-22.

Kana malees, daldaltoonni yeroo miʼa naannoo biraatti geessanis taʼe yeroo gara naannoo isaaniitti galchan gibira akka kaffalan irraa eegama ture. Gibirri kun kan sassaabamu naannoo buufatawwan doonii, riqichawwan, addabaabayiiwwan, karra magaalaa ykn gabaa biratti dha.

Gibirri warri Roomaa sabicha gaafatan humna isaaniitii ol ture. Barreessaa seenaa warra Roomaa kan taʼe Taasiitas akka barreessetti yeroo bulchiinsa Xibaariyoositti, jechuunis yeroo Yesuus lafa irra turetti “warri Sooriyaa fi warri Yihudaa gibirri kaffalan baayʼee isaanitti ulfaatee waan tureef, akka isaaniif hirʼifamu kadhatanii turan.”

Akkaataan gibirri itti sassaabamus jireenyi sabichatti akka ulfaatu godhee ture. Hojiin kun kan kennamu nama hojii sana argachuuf maallaqa hedduu kaffaluuf ture. Inni immoo namoota gibira walitti sassaaban qacara; akka kanaan hundi isaanii iyyuu buʼaa buufachuuf yaalu. Zakkewoosis warra namoota isaan jalatti gibira sassaaban qaban keessaa tokko taʼuu hin oolu. (Luq. 19:1, 2) Sabichi namoota gibira walitti qaban kan jibbus kanaaf ture.