SEENAA JIREENYAA
Murtoo Koo Hundumaa Irratti Yihowaadhaaf Dursa Kenneera
BARA 1984 gaaf tokko ganama mana keenya Veenzuweelaatti, magaalaa Kaaraakaasitti argamu keessaa baʼee hojii dhaqaan ture. Utuun karaa irra deemuu waaʼee mata duree Masaraa Eegumsaa irraa dhiheenyatti dubbise tokkoo yaadaan ture. Mata dureen sun, ‘Olloonni keenya ilaalcha akkamii nuuf qabu?’ jennee akka yaannu jajjabeessa. Gara manneen naannoo koo jiranii ilaalee, ‘Olloonni koo akka hojjetaa baankii milkaaʼina argatetti moo akka tajaajilaa Waaqayyoo maatii isaa gargaaruuf hojii baankii hojjetutti na ilaalu?’ jedheen yaade. Yeroo kanatti olloonni koo kan na ilaalan akka hojjetaa baankii milkaaʼina argatetti qofa akka taʼen hubadhe; kun immoo na hin gammachiisne. Kanaafuu, haala isaa sirreessuuf tarkaanfii fudhachuufan murteesse.
Caamsaa 19, bara 1940tti biyya Libaanos keessa magaalaa Amiyuunittin dhaladhe. Waggoota muraasa booda maatiin keenya magaalaa Tiripoolii gale; achittis maatii jaalalaa fi gammachuu qabu, akkasumas Yihowaa beekuu fi jaallatu keessattan guddadhe. Obbolaa durbaa sadii fi obbolaa dhiiraa lama keessaa ani isa quxusuu hundumaa ti. Warri koo iddoo guddaa kan kennan maallaqa argachuuf hin turre. Jireenyi keenya Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu, walgaʼii irratti argamuu, akkasumas warri kaan waaʼee Waaqayyoo akka baratan gargaaruu irratti kan xiyyeeffate ture.
Gumii keenya keessa Kiristiyaanonni dibamoon muraasni jiru turan. Isaan keessaa tokko Miisheel Abuudi dha; qoʼannaa kitaabaa keenya kan geggeessu isa ture. Niiwu Yoorki keessatti dhugaa erga baratee booda yeroo jalqabaatiif bara 1921tti gara Libaanositti dhugaa kan fide isa dha. Keessumaa obboleessi kun shamarran Mana Barumsaa Giiliyaad irraa eebbifamanii fi Aanii fi Giween Beevar jedhamaniif kabaja guddaa akka qabu, akkasumas isaan gargaaraa akka ture nan yaadadha. Isaanis michoota gaarii nuuf taʼaniiru. Waggoota hedduu booda, Yuunaayitid Isteetisitti Aanii wajjin yeroon wal argu baayʼeen gammade. Yeroo muraasa booda immoo Giween wajjin wal argine; ishiin Wiilfrad Guuchitti heerumtee waliin taʼanii waajjira damee Landan, Ingilaandi keessa tajaajilaa turan.
LIBAANOS KEESSATTI LALLABUU
Yeroon dargaggeessa turetti Dhugaa Baatota Yihowaa muraasatu Libaanos keessa ture. Taʼus wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baranne hinaaffaa guddaadhaan namootatti himna turre. Akkas gochaa kan turre utuma geggeessitoonni amantii tokko tokko nu mormanii ture. Wantoota nu mudatan tokko tokko amma iyyuu akka gaariittan yaadadha.
Gaaf tokko anii fi obboleettiin tiyya Saanaan gamoo tokko irratti ergaa Kitaaba Qulqulluu namootatti himaa turre. Utuu namoota mariisisaa jirruu qeesiin tokko nutti dhufe. Qeesichi kan dhufe namni wayii isatti himee taʼuu hin oolu. Achiis obboleettii koo arrabsuu jalqabe. Baayʼee waan aareef, kortoo irraa gad ishii darbate; ishiinis baayʼee miidhamte. Namni wayii gaarummaadhaan kakaʼee Saanaan gargaarsa akka argattu gochuuf poolisiitti bilbile. Isaanis qeesicha gara buufata poolisiitti geessan; achittis qeesichi shugguxii akka qabate beekan. Achiis ajajaan poolisootaa, “Hojiin kee maali dha? Ati geggeessaa amantii ti moo geggeessaa namoota jeequmsa uumanii ti?” jedhee isa gaafate.
Gaaf tokko gumiin keenya magaalaa fagoo tokkotti misiraachicha lallabuuf otoobisii kireeffatee ture; wanta yeroo sana taʼe akka gaariittan yaadadha. Achitti yeroo gammachiisaa dabarsaa turre; booda garuu qeesiin tokko wanta raawwachaa jirru dhagaʼee namoota jeequmsa uuman walitti qabe. Isaanis baayʼee nu rakkisan, dhagaa illee nutti darbachaa turan; kanaan kan kaʼes abbaan koo baayʼee miidhame. Dhagaadhaan waan rukutameef fuulli isaa dhiiga duwwaa taʼee ture. Abbaan koo haadha tiyya wajjin gara otoobisiitti yeroo deebiʼu nuti immoo isaan duuba deemaa turre; hundi keenya iyyuu jeeqamnee turre. Taʼus wanta haati tiyya utuu madaa abbaa kootii haxooftuu dubbatte matumaa hin irraanfadhu; “Yaa Yihowaa, maaloo dhiifama isaaniif godhi. Isaan wanta gochaa jiran hin beekan” jettee turte.
Yeroo tokko immoo firoota keenya gaafachuuf magaalaa dhalootaa keenya dhaqnee turre. Geggeessaa amantii beekamaa taʼe tokkoo wajjin mana akaakayyuu kootti wal argine. Geggeessaan amantii kun warri koo Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan beeka. Umuriin koo waggaa jaʼa qofa taʼus kophaatti na waamee, “Ati maaliif hin cuuphamne?” jedhee na gaafate. Anis, “Ani mucaa xinnoo dha; cuuphamuuf Kitaaba Qulqulluu caalaatti beekuu fi amantii cimaa qabaachuun qaba” jedheen isaaf deebise. Deebii kootti waan hin gammanneef mucaa kabaja hin qabne akkan taʼe akaakayyuu kootti hime.
Haa taʼu malee, muuxannoowwan gaarii hin taane akkasii muraasa dha. Namoonni Libaanos walumaa galatti kan namatti dhihaatanii fi keessummaa simachuu kan jaallatani dha. Kanaafuu, namoota hedduutti waaʼee Kitaaba Qulqulluu himuu dandeenyeerra; isaan keessaa namoonni baayʼeen nuu wajjin qoʼataniiru.
MAATIIN KEENYA BIYYA BIRAATTI GALUUF MURTEESSE
Utuman barumsa irra jiruu obboleessi dargaggeessi tokko Veenzuweelaadhaa Libaanosiin daawwachuu dhufe. Yeroo walgaʼii keenya irratti argametti obboleettii tiyya Waafaa wajjin wal bare. Yeroo booda gaaʼela dhaabbatanii Veenzuweelaa jiraachuu jalqaban. Waafaan abbaa kootiif xalayaa barreessuudhaan maatiin keenya Veenzuweelaa akka jiraatu isa amansiisuuf yaalaa turte. Akkana kan goote baayʼee
waan nu yaaddeefi. Boodas yaada ishii fudhachuudhaan Veenzuweelaa jiraachuuf murteessine!Bara 1953 Veenzuweelaa dhaqnee Kaaraakaas keessa naannoo masaraa mootummaatti dhihoo jiru jiraachuu jalqabne. Mucaa xinnoo waanan tureef pireezidaantichi konkolaataa adda taʼeen karaa irra yeroo darbu arguun baayʼee na gammachiisa ture. Haa taʼu malee, warri koo afaan, aadaa, nyaataa fi haala qilleensaa biyya sanaatti baruun isaanitti ulfaatee ture. Utuma jireenya isaanii isa haaraatti baruuf carraaqaa jiranii haalli nama gaddisiisu tokko ni uumame.
HAALA GADDISIISAA
Abbaan koo dhukkubsachuu jalqabe. Nama cimaa fayya buleessa waan taʼeef haalli kun haaraa nutti taʼee ture. Sana dura dhukkubsatee hin beeku. Achiis kaansarii rajiijiitiin akka qabame beekame; yaaliin baqaqsanii hodhuu isaaf godhamee ture. Kan nama gaddisiisu garuu torban tokko booda ni duʼe.
Gadda nutti dhagaʼame jechaan ibsuun baayʼee natti ulfaata. Yeroo sanatti umuriin koo waggaa 13 ture. Baayʼee rifanne, akka waan samiin nu irratti jigetti nutti dhagaʼame. Yeroo muraasaaf haati tiyya abbaan manaa ishii lubbuudhaan akka hin jirre amanuun ishiitti ulfaatee ture. Haa taʼu malee, jireenyi akka itti fufuu fi gargaarsa Yihowaatiin haala isaa dandamachuu akka dandeenyu hubachaa dhufne. Umurii koo waggaa 16tti barumsa sadarkaa lammaffaa Kaaraakaasitti barachaa ture nan xumure; maatii koo gargaaruuf fedhii guddaan qaba ture.
Yeroo booda obboleettiin tiyya Saanaan, Ruuben Araawuhoo isa Mana Barumsaa Giiliyaad irraa eebbifamee fi gara Veenzuweelaatti deebiʼetti heerumte. Isaanis Niiwu Yoorki jiraachuuf filatan. Maatiin keenya yunivarsiitii galee akkan baradhu waan murteessaniif Niiwu Yoorki dhaqee obboleettii tiyyaa fi abbaa manaa ishii wajjin jiraachuun jalqabe. Obboleettiin tiyyaa fi abbaan manaa ishii karaa hafuuraa guddina akkan godhu baayʼee na gargaaraniiru. Kana malees, gumii keenya Birukliinitti argamuu fi Afaan Ispeeniin geggeeffamu keessa obboloonni karaa hafuuraa cimoo taʼan hedduun jiru turan. Miiltan Heenshelii fi Fireedriik Firaanz wajjin wal baruun koo baayʼee na gammachiise; lamaan isaanii iyyuu Biruukliin Beetelitti tajaajilu turan.
Yeroo waggaan jalqabaa yunivarsiitiitti barachaa ture xumuramuuf jedhutti ‘Jireenya koo akkamittan itti fayyadamaa jira?’ jedhee yaaduun jalqabe. Mata dureewwan Masaraa Eegumsaa waaʼee Kiristiyaanota galma qabanii dubbatan dubbisee irratti xiinxaluun jalqabe. Qajeelchitoonnii fi miseensonni maatii Beetel gumii keenya turan, gammachuu guddaa akka qaban hubachuun koo akka isaanii taʼuuf na kakaase. Haa taʼu malee, yeroo sanatti hin cuuphamnen ture. Jireenya koo Yihowaadhaaf murteessuu akkan qabu beekan ture. Achiis of murteessee Bitootessa 30, bara 1957tti nan cuuphame.
MURTOOWWAN GUGUDDAA
Ergan cuuphamee booda qajeelchaa taʼuuf yaaduun jalqabe. Qajeelchaa taʼuuf fedhii cimaa kanan qabu taʼus, haalli isaa salphaa akka hin taane hubadheen ture. ‘Utuun yunivarsiitii baradhuu qajeelchaa taʼuu nan dandaʼaa?’ jedhee yaadaan ture. Barumsa yunivarsiitii dhaabee Veenzuweelaatti deebiʼee qajeelchaa taʼuu barbaadeen ture; murtoo koo kana ilaalchisee haadha tiyyaa fi obbolaa koo wajjin xalayaa hedduu walii barreessineerra.
Achiis Waxabajjii 1957tti gara Kaaraakaasittan deebiʼe. Haa taʼu malee, haalli maatii kootii gaarii hin turre. Gargaarsi nama kan biraa isaan barbaachisa ture. Kanaafuu, ‘Ani akkamittan isaan gargaaruu dandaʼa?’ jedhee yaaduun jalqabe. Mana baankii keessatti hojii tokko argadheen ture; taʼus qajeelchaa taʼuuf fedhii guddaan qaba ture. Gara Veenzuweelaatti kanan deebiʼes qajeelchaa taʼuufi. Achiis hojii lamaan kana wal faana hojjechuufan murteesse. Waggoota muraasaaf baankii keessa guyyaa guutuu hojjechaa qajeelchaa taʼee tajaajilaan ture. Akka yeroo sanaa hojiin natti baayʼatees taʼe gammadee hin beeku!
Obboleettii bareedduu lammii Jarman taatee fi Siilviyaa jedhamtu fuudhuun koo gammachuu koo naaf dabaleera; Siilviyaan Yihowaadhaaf jaalala cimaa qabdi. Maatii ishii waliin Veenzuweelaa jiraachuu jalqabanii turan. Yeroo booda, ilmaa fi intala godhanne; ilmi keenya Miisheel (Maayik) jedhama, intalli teenya immoo Samiiraa jedhamti. Haadha koos anatu kunuunsa ture. Kanaafuu, ishiinis nuu wajjin jiraachuu jalqabde. Itti gaafatamummaa maatii kootiif qabu raawwachuuf jecha qajeelchaa taʼee tajaajiluu kanan dhiise taʼus hinaaffaan tajaajila irratti qabu hin qabbanoofne. Anii fi Siilviyaan yeroo boqonnaa keenyatti yeroo dandeenyu hundatti qajeelchaa gargaaraa taanee tajaajilla.
MURTOO CIMAA KAN BIRAA
Murtoon jalqaba irratti caqase yeroon murteessetti ijoolleen keenya barumsa irra turan. Jireenya gaarii jiraanna, namoonni mana baankiitti wajjin hojjedhus na kabaju turan. Caalaatti garuu tajaajilaa Yihowaa taʼuu kootiin beekamuun barbaade. Dhimma kana irra deddeebiʼeen irratti yaade. Kanaafuu, haadha manaa tiyyaa wajjin teenyee baasii keenya irratti mariʼanne. Hojiin baankii keessatti hojjedhu yoon dhaabe maallaqni hedduun naaf kaffalamu jira ture. Liqiinis nu irra hin jiru ture; kanaafuu, baasii barbaachisaa hin taane yoo dhiisne maallaqa yeroo dheeraadhaaf ittiin jiraannu qabaachuu dandeenya.
Murtoo kana gochuun salphaa hin turre; taʼus haati manaa tiyya ishiin jaallatamtuunii fi haati tiyya murtoo koo deggeraniiru. Utuman qajeelchaa taʼuuf qophaaʼaa jiruu wanti hin eegamne tokko nu muudate.
WANTA GAMMACHIISAA HIN EEGAMNE!
Gaaf tokko dooktorri keenya Siilviyaan akka ulfoofte nutti hime. Kun lamaan keenyaaf iyyuu wanta hin eegamne ture! Baayʼee gammanne; taʼus waaʼee murtoon qajeelchaa taʼuuf murteessees yaadaan ture. ‘Amma iyyuu qajeelchaa taʼuu nan dandaʼaa?’ jedheen yaade. Yeruma sana miseensa maatii dabalataa argachuuf jennu hawwiidhaan eeguu jalqabne. Garuu ‘Amma iyyuu qajeelchaa taʼuu nan dandaʼaa laata?’ jedhee yaadaan ture.
Galmawwan keenya irratti erga mariʼannee booda
qajeelchaa taʼuufan murteesse. Ilmi keenya Gabriʼeel Ebla 1985tti dhalate. Taʼus hojiin baankiitti hojjedhu dhiisee Waxabajjii 1985tti deebiʼee qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Booda immoo miseensa Koree Waajjira Damee taʼee tajaajiluufan mirga argadhe. Waajjirri damee keenya kan argamu magaalaa Kaaraakaasii alatti waan tureef torbanitti guyyaa lama ykn guyyaa sadiif gara kiiloo meetira 80 imaluun qaba ture.AMMAS NAANNOO KAN BIRAA JIRAACHUU JALQABNE
Waajjirri damee keenya magaalaa Laa Viiktooriyaatti argama; kanaafuu, Beetelitti dhihaachuu akka dandeenyuuf magaalaa sana keessa jiraachuuf murteessine. Kun hunda keenyaaf iyyuu murtoo ulfaataa ture. Maatii koo baayʼeen dinqisiifadha, garaadhaan isaan galateeffadha. Ilaalcha gaarii qabaachuun isaanii baayʼee na fayyadeera. Obboleettiin tiyya Baahaan haadha tiyya kunuunsuuf walii galte. Maayik gaaʼela dhaabbateera; Samiiraa fi Gabriʼeel garuu nuu wajjin jiraatu turan. Kanaafuu, Laa Viiktooriyaa yeroo jiraannu michoota Kaaraakaasiitti qaban irraa adda baʼu. Haati manaa tiyya Siilviyaanis magaalaa guddoo keessa jiraachaa waan turteef, magaalaa xinnoo itti baruun ishii barbaachisa ture. Akkasumas hundi keenya iyyuu mana guddaa keessaa baanee mana xinnoo keessa jiraachuu itti baruu qabna turre. Eeyyee, Kaaraakaas keessaa baanee Laa Viiktooriyaa jiraachuun jijjiirama guddaa gochuu nu gaafateera.
Haa taʼu malee, wantoonni tokko tokko ammas ni jijjiiraman. Gabriʼeel gaaʼela dhaabbate, Samiiraan immoo of dandeessee jiraachuu jalqabde. Achiis bara 2007tti anii fi Siilviyaan Beetel akka gallu affeerame; hanga guyyaa harʼaatti Beetel keessa gammachuudhaan tajaajilaa jirra. Ilma keenya hangafaa kan taʼe Maayik jaarsa gumii taʼee tajaajilaa jira; akkasumas haadha manaa isaa Moniikaa wajjin qajeelchitoota taʼanii tajaajilaa jiru. Gabriʼeelis jaarsa gumii ti; haadha manaa isaa Ambiraa wajjin Xaaliyaanitti tajaajilaa jiru. Samiiraanis qajeelchituu dha; akkasumas mana ishii teessee fedhiidhaan Beetelitti tajaajilti.
MURTOON GODHETTI MATUMAA HIN GAABBU
Eeyyee, jireenya koo keessatti murtoowwan guguddaa hedduu godheera. Taʼus wantan itti gaabbu hin qabu. Murtoon kanaan dura godhe yeroon yaadu gammachuutu natti dhagaʼama. Hojiiwwanii fi mirgawwan tajaajila Yihowaa keessatti naaf kennamaniif baayʼeen galateeffadha. Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuun hammam barbaachisaa akka taʼe jireenya koo keessatti argeera. Yihowaan murtoon goonu xinnaas taʼe guddaa nagaa “hubannaa hundumaa irra caalu” nuu kenna. (Filp. 4:6, 7) Anii fi Siilviyaan tajaajila qulqulluu Beetelitti dhiheessinutti baayʼee gammanna; murtoo keenya hundumaa irratti Yihowaadhaaf dursa waan kennineef, murtoon jireenya keenya keessatti goone hundi akka eebbifame nutti dhagaʼama.