Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 25

“Warra Xixinnoo Kana” hin Gufachiisinaa

“Warra Xixinnoo Kana” hin Gufachiisinaa

“Warra xixinnoo kana keessaa isa tokko akka hin tuffanne of eeggadhaa.”—MAT. 18:10.

FAARFANNAA 113 Nagaa Qabnu

QABIYYEE *

1. Yihowaan tokkoon tokkoon keenyaaf maal godheera?

YIHOWAAN tokkoon tokkoon keenya gara isaatti harkiseera. (Yoh. 6:44) Mee kana jechuun maal jechuu akka taʼe yaadi. Yihowaan garaa namoota biliyoonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argamanii yeroo qoru garaa qajeelaa isa jaallachuu dandaʼu akka qabdu si keessatti arge. (1 Sen. 28:9) Yihowaan si beeka, haala keessa jirtu ni hubata, si jaallatas. Kun baayʼee nama jajjabeessa!

2. Yesuus Yihowaan tokkoon tokkoon hoolota isaatiif akka yaadu argisiisuuf fakkeenya akkamiitti fayyadame?

2 Yihowaan garaadhaa siif yaada; obbolootaa fi obboleettota kee hundaafis ni yaada. Yesuus haala kana fakkeenyaan ibsuuf Yihowaa tiksee tokkoo wajjin wal fakkeesseera. Hoolota 100 keessaa hoolaan 1 yoo bade tikseen hoolota sanaa maal godha? “Hoolota 99n sana gaara irratti dhiisee isa jalaa bade sana barbaacha” deema. Tikseen sun hoolaa sana yeroo argatu baduu isaatti isatti hin aaru. Kanaa mannaa ni gammada. Kana irraa maal baranna? Hoolonni hundi Yihowaa biratti iddoo guddaa qabu. Yesuus, “Abbaan koo inni samii warra xixinnoo kana keessaa tokko illee akka badu hin barbaadu” jedheera.—Mat. 18:12-14.

3. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

3 Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa eenyuun iyyuu gaddisiisuu hin barbaannu. Maarree, warra kaan gufachiisuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Namni tokko yoo nu miidhe maal gochuu dandeenya? Mata duree kana keessatti deebii gaaffiiwwan kanaa ilaalla. Jalqaba garuu Maatewos boqonnaa 18 irratti, “warra xixinnoo kana” kan jedhaman eenyufaa akka taʼan haa ilaallu.

“WARRA XIXINNOO KANA” KAN JEDHAMAN EENYUFAʼI?

4. “Warra xixinnoo kana” kan jedhaman eenyufaʼi?

4 “Warra xixinnoo kana” kan jedhaman barattoota Yesuus umurii kam irra iyyuu jirani dha. Hundi isaanii iyyuu Yesuus irraa barachuuf fedhii waan qabaniif, umurii kam irratti iyyuu yoo argaman ‘akka ijoolleetti’ ilaalamu. (Mat. 18:3) Akkaataa guddinaa, aadaa, ilaalchaa fi eenyummaa garaa garaa kan qaban taʼus, hundi isaanii iyyuu Kiristoos irratti amantii akka qaban argisiisaniiru. Innis baayʼee isaan jaallata.—Mat. 18:6; Yoh. 1:12.

5. Namni tokko tajaajiltoota isaa keessaa tokko yeroo gufachiisu ykn miidhu Yihowaatti maaltu dhagaʼama?

5 ‘Warri xixinnoon kun’ hundi Yihowaa duratti iddoo guddaa qabu. Miira ijoolleedhaaf qabnu irratti yaaduun keenya Yihowaan nuuf miira akkamii akka qabu hubachuuf nu gargaara. Ijoolleedhaaf baayʼee yaanna. Akka namoota guguddaa cimina, muuxannoo fi ogummaa waan hin qabneef eegumsa isaaniif gochuu barbaanna. Eenyu iyyuu yeroo miidhamu arguu hin barbaannu; keessumaa garuu yeroo ijoolleen miidhaman arguun baayʼee nu gaddisiisa, akkasumas nu aarsa. Haaluma wal fakkaatuun Yihowaan eegumsa nuuf gochuu barbaada. Namni tokko tajaajiltoota isaa keessaa tokko yeroo gufachiisu ykn yeroo miidhu ni gadda, akkasumas ni aara!—Isa. 63:9; Mar. 9:42.

6. Akka 1 Qorontos 1:26-29 jedhutti addunyaan kun barattoota Yesuusiif ilaalcha akkamii qaba?

6 Barattoonni Yesuus “warra xixinnoo” kan taʼan karaa kan biraan kamiini? Addunyaan kun iddoo guddaa kan kennu namoota akkamiitiifi? Namoota sooreyyii, beekamoo taʼanii fi aangoo qabaniifi. Barattoonni Yesuus garuu akka namoota gatii hin qabneetti ykn akka ‘warra xixinnootti’ ilaalamu. (1 Qorontos 1:26-29 dubbisi.) Ilaalchi Yihowaan isaaniif qabu garuu kana irraa baayʼee adda dha.

7. Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenyaaf ilaalcha akkamii akka qabaannu barbaada?

7 Isa kan tajaajilan waggoota hedduufis taʼe waggoota muraasaaf Yihowaan tajaajiltoota isaa hunda ni jaallata. Yihowaan obboloota keenya hundaaf iddoo guddaa waan kennuuf, nutis iddoo guddaa isaaniif kennuu qabna. Obboloota keenya muraasaaf qofa utuu hin taʼin “guutummaa waldaa obbolootaatiif jaalala [qabaachuu]” barbaanna. (1 Phe. 2:17) Eegumsa isaaniif gochuu fi isaan kunuunsuuf wanta nuuf dandaʼame hundumaa gochuu qabna. Nama tokko akka miine ykn akka mufachiisne yoo beekne, ‘Inni nama dafee miidhamu waan taʼeef, ilaalcha isaa kana sirreessuu qaba’ jennee yaaduudhaan dhimmicha calluma jennee bira darbuu hin qabnu. Namoonni tokko tokko kan mufatan maaliif taʼuu dandaʼa? Obboloonnii fi obboleettonni tokko tokko akkaataa guddinaa isaaniitiin kan kaʼe ofii isaaniitiif ilaalcha gad aanaa qabaachuu dandaʼu. Warri kaan immoo dhugaadhaaf haaraa waan taʼaniif namoonni tokko tokko dogoggora yommuu raawwatanitti haala isaa akkamitti qabuu akka qaban hin beekan taʼa. Haalli nu muudate maal iyyuu yoo taʼe nagaa buusuuf wanta dandeenyu gochuu qabna. Kana malees, namni tokko yeroo baayʼee warra kaanitti kan mufatu yoo taʼe amalli isaa kun gaarii akka hin taane hubachuudhaan sirreeffama gochuuf carraaquu qaba. Innis taʼe warri kaan nagaa akka qabaataniif akkas gochuun isaa barbaachisaa dha.

WARRI KAAN ISIN IRRA AKKA CAALAN YAADAA

8. Ilaalchi barattoota Yesuus irratti dhiibbaa godhe isa kami?

8 Yesuus waaʼee ‘warra xixinnoo kanaa’ kan dubbate maaliifi? Barattoonni isaa, “Mootummaa samii keessatti hundumaa irra kan caalu eenyu?” jedhanii isa gaafatanii turan. (Mat. 18:1) Yihudoonni hedduun aangoodhaaf iddoo guddaa kennu turan. Hayyuun tokko, “Dhiironni ulfina, maqaa gaarii, beekamtii fi kabaja argachuuf iddoo guddaa kennu turan” jedheera.

9. Barattoonni Yesuus maal gochuu qabu?

9 Yesuus barattoonni isaa miira wal dorgommii aadaa Yihudootaa keessatti babalʼatee ture garaa isaanii keessaa buqqisanii gatuuf carraaqqii cimaa gochuu akka qaban beeka. Akkana isaaniin jedheera: “Isin keessaa inni hunda irra caalu, akka isa quxisuu hundumaa haa taʼu; inni dura buʼaa taʼes akka tajaajilaa haa taʼu.” (Luq. 22:26) ‘Warri kaan akka nu irra caalan goonee yoo yaanne,’ ‘akka isa quxisuu hundumaatti’ of ilaalla. (Filp. 2:3) Ilaalcha akkasii caalaatti horachaa yeroo deemnu carraan warra kaan itti gufachiisnu xiqqaachaa deema.

10. Gorsa Phaawulos kenne kamiif xiyyeeffannaa kennuu qabna?

10 Obboloonnii fi obboleettonni keenya hundi karaa taʼe tokkoon nu caalu. Amaloota gaggaarii isaan qaban irratti yoo xiyyeeffanne kana hubachuun nuuf salphata. Gorsa Phaawulos warra Qorontosiif kenne kanaaf xiyyeeffannaa kennuu qabna: “Eenyutu siin isa kaan irraa adda godhe? Wanta hin fudhanne maal qabda? Fudhatteetta taanaan immoo, akka waan hin fudhanneetti maaliif of jajja?” (1 Qor. 4:7) Xiyyeeffannaa akka ofitti hin harkisne ykn warra kaan irra akka caallutti akka hin yaanne of eeggachuu qabna. Obboleessi tokko haasaa dhiheessuu irratti dandeettii guddaa qaba taʼa; obboleettiin tokko immoo qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu irratti dandeettii guddaa qabdi taʼa; taʼus lamaan isaanii iyyuu milkaaʼina argatan kanaaf Yihowaadhaaf ulfina kennuu qabu.

“GARAADHAA” DHIIFAMA GODHAA

11. Fakkeenya Yesuus waaʼee mootii tokkoo fi garbicha isaa dubbate irraa barumsa akkamii arganna?

11 Yesuus warra kaan akka hin gufachiisne duuka buutota isaatiif akeekkachiisa erga kennee booda, fakkeenya waaʼee mootii tokkoo fi garbicha isaa dubbatu isaanitti hime. Mootiin kun liqii guddaa garbichi isaa matumaa kaffaluu hin dandeenye isaaf dhiiseera. Booda garuu garbichi kun liqii xinnoo garbichi kan biraan isa irraa liqeeffate isaaf dhiisuu dide. Kanaan kan kaʼes mootichi garbicha gara jabeessa taʼe sana mana hidhaa galche. Fakkeenyi kun maal nu barsiisa? Yesuus, “Isinis, tokkoon tokkoon keessan obboleessa keessaniif garaadhaa dhiifama hin gootan taanaan, Abbaan koo inni samii akkanuma isin irratti godha” jedheera.—Mat. 18:21-35.

12. Dhiifama gochuu dhiisuun keenya warra kaan kan miidhu akkamitti?

12 Gochi garbicha sanaa isa qofa utuu hin taʼin warra kaanis miidheera. Tokkoffaa, “hanga inni liqii isa irra jiru kaffalutti mana hidhaa akka galu” gochuudhaan nama akkuma isaa garbicha taʼe sana miidheera. Lammaffaa immoo, garboota gocha isaa kana ilaalaa turan kaan miidheera. “Namoonni akkuma isaa garboota taʼan wanta taʼe kana yommuu argan baayʼee gaddan.” Haaluma wal fakkaatuun, gochi keenya warra kaan miidhuu dandaʼa. Nama balleessaa nu irratti raawwate tokkoof dhiifama gochuu yoo didne maaltu uumamuu dandaʼa? Tokkoffaa, dhiifama, xiyyeeffannaa fi jaalala keenya isa dhowwachuudhaan isa miina. Lammaffaa immoo, warri gumii keessa jiran kaan nuti nama sanaa wajjin nagaa akka hin qabne waan hubataniif dhiphachuu dandaʼu.

Haaloo qabatta moo garaadhaa dhiifama goota? (Keeyyata 13-14 ilaali) *

13. Muuxannoo Kiristaal irraa maal baratta?

13 Obbolootaa fi obboleettota keenyaaf dhiifama gochuun keenya nuunis taʼe warra kaan ni fayyada. Muuxannoon obboleettii Kiristaal jedhamtuu fi qajeelchituu taatee, kun dhugaa taʼuu isaa mirkaneessa. Kiristaal obboleettii gumii ishii jirtu tokkoon miidhamtee turte. Akkana jetteetti: “Jechoonni ishii tokko tokko akkuma albeetti nama muru. Ishii wajjin tajaajila baʼuu illee hin barbaadun ture. Hinaaffaan tajaajila irratti qabuu fi gammachuu koo dhabeen ture.” Kiristaal mufachuuf sababa gaʼaa akka qabdu ishiitti dhagaʼamee ture. Taʼus obboleettii sanatti haaloo hin qabanne ykn miira ofii ishii irratti hin xiyyeeffanne. Kanaa mannaa, gad of qabuudhaan gorsa Kitaaba Qulqulluu mata duree “Garaadhaa Dhiifama Godhaa” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 1999 irratti baʼe hojii irra oolchiteetti. Kiristaal obboleettii ishiitiif dhiifama gooteetti. Akkana jetteetti: “Hundi keenya iyyuu namummaa haaraa uffachuuf carraaqqii gochaa akka jirruu fi Yihowaan guyyaa guyyaadhaan tolaan dhiifama akka nuuf godhu hubadheera. Akka waan baʼaa guddaan na irraa buʼetti natti dhagaʼame. Amma gammachuu koo deebisee argadheera.”

14. Akka Maatewos 18:21, 22 irraa hubannutti, wanti Pheexiros ergamaa rakkise maal taʼuu dandaʼa? Deebii Yesuus kenne irraa hoo maal baranna?

14 Dhiifama gochuu akka qabnu beekna; dhiifama gochuun wanta sirrii gochuu qabnu dha. Taʼus akkas gochuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Pheexiros ergamaanis darbee darbee miirri akkasii itti dhagaʼamuu hin oolu. (Maatewos 18:21, 22 dubbisi.) Maarree, dhiifama gochuuf maaltu nu gargaara? Jalqaba irratti, Yihowaan hammam dhiifama akka siif godhe yaadi. (Mat. 18:32, 33) Dhiifama isaa argachuun kan nuuf malu taʼuu baatus, tolaan dhiifama nuuf godha. (Far. 103:8-10) “Nutis wal jaallachuuf dirqamni nu irra jira.” Kanaafuu, dhiifama gochuun wanta filannaadhaaf dhiifame miti. Obbolootaa fi obboleettota keenyaaf dhiifama gochuuf dirqamni nu irra jira. (1 Yoh. 4:11) Lammaffaa, faayidaa dhiifama gochuun argamsiisu irratti xiinxalaa. Yeroo dhiifama goonutti nama balleessaa nu irratti raawwate ni gargaarra, gumichi tokkummaa akka qabaatu gumaacha goona, michummaa Yihowaa wajjin qabnu balaa irraa eegna, akkasumas boqonnaa guddaa arganna. (2 Qor. 2:7; Qol. 3:14) Dhuma irratti immoo, nama dhiifama nu gaafateef kadhachuu qabna. Seexanni tokkummaa obboloota keessanii wajjin qabdan akka isin jalaa balleessu hin heyyaminaa. (Efe. 4:26, 27) Kiyyoo Seexanaa jalaa ooluuf gargaarsi Yihowaa nu barbaachisa.

WARRI KAAN AKKA ISIN GUFACHIISAN HIN HEYYAMINAA

15. Qolosaayis 3:13 wajjin haala wal simuun obboleessi ykn obboleettiin tokko yoo nu miidhan maal gochuu qabna?

15 Obboleessi ykn obboleettiin tokko wanta si miidhu yoo raawwatan hoo maal gochuu qabda? Nagaan akka hin boorofne gochuuf wanta dandeessu hunda godhi. Wanta sitti dhagaʼamu kadhannaadhaan Yihowaatti himi. Nama si mufachiise akka eebbisu, akkasumas amaloota gaggaarii inni qabuu fi Yihowaan jaallatu hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu. (Luq. 6:28) Wanta obboleessi sun raawwate calluma jettee bira darbuun yoo sitti ulfaate, akkamitti isa haasofsiisuu akka qabdu irratti yaadi. Matumaa obboleessi sun taʼe jedhee akka si miidhetti hin yaadin. (Mat. 5:23, 24; 1 Qor. 13:7) Yeroo isa haasofsiistutti kakaʼumsa gaarii akka qabutti yaadi. Obboleessi sun sitti araaramuu yoo dide hoo? Isa “dandaʼuu” kee itti fufi. Obboleessa keetti abdii hin kutatin. (Qolosaayis 3:13 dubbisi.) Haaloo qabachuun michummaa Yihowaa wajjin qabdu waan si jalaa balleessuuf, matumaa akkas hin godhin. Wanti akkamii iyyuu akka si gufachiisu hin heyyamin. Akkas gochuudhaan, wanta kam iyyuu caalaa Yihowaa akka jaallattu argisiista.—Far. 119:165.

16. Hundi keenya iyyuu itti gaafatamummaa akkamii qabna?

16 Mirga “tiksee tokko” jalatti “tuuta tokko” taanee tokkummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf arganneef iddoo guddaa kennina! (Yoh. 10:16) Kitaabni Saba Fedhii Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼe (Amaariffa) jedhamu fuula 165 irratti: “Tokkummaa sana irraa fayyadamuuf tokkummaan sun akka eegamu gumaacha gochuu qabda” jedha. Kanaafuu, “ilaalcha Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenyaaf qabu qabaachuuf of leenjisuu” qabna. Hundi keenya iyyuu Yihowaa duratti iddoo guddaa qabna. Atoo obbolootaa fi obboleettota keetiif ilaalcha akkasii qabdaa? Yihowaan isaan gargaaruu fi isaan kunuunsuuf wanta gootu hundumaa ni hubata, carraaqqii keetiifis iddoo guddaa kenna.—Mat. 10:42.

17. Maal gochuuf murteessineerra?

17 Obboloota keenya ni jaallanna. Kanaafuu, “wanta nama gufachiisu yookiin wanta nama danqu obboleessa keenya dura kaaʼuu dhiisuuf” murteessineerra. (Rom. 14:13) Obbolootaa fi obboleettonni keenya nu irra akka caalanitti yaanna, akkasumas garaadhaa dhiifama isaaniif gochuu barbaanna. Warri kaan akka nu gufachiisan heyyamuu hin qabnu. Kanaa mannaa, “wantoota nagaa argamsiisanii fi wal ijaaruuf gargaaran haa hordofnu.”—Rom. 14:19.

FAARFANNAA 130 Dhiifama Godhaa

^ key. 5 Cubbuu waan dhaalleef wanta obboloota keenya miidhu dubbachuu ykn raawwachuu dandeenya. Yeroo akkasiitti maal gochuu qabna? Hariiroo obboloota keenyaa wajjin qabnu haaressuuf ni carraaqnaa? Dafnee dhiifama gaafanna moo, yeroo miidhamanitti kun rakkina keenya utuu hin taʼin rakkina isaanii akka taʼetti yaanna? Dubbii ykn gocha warra kaaniitti yoo mufanne hoo? Kun amaluma keenya akka taʼe dubbachuudhaan jijjiirama gochuuf carraaqqii gochuu dhiisnaa? Moo kun dadhabina keenya akka taʼe yaaduudhaan jijjiirama gochuuf carraaqna?

^ key. 53 IBSA FAKKII: Obboleettiin takka obboleettii gumii keessa jirtu kan biraatti mufatteetti. Lamaan isaanii kophaatti dhimmichaaf furmaata erga kennanii booda wanta darbe irraanfatanii gammachuudhaan waliin Yihowaa tajaajilaa jiru.