MATA DUREE QOʼANNAA 24
Yihowaan Waaqa Dhiifamni Isaa Guddaa Taʼedha
“Yaa Yihowaa, ati gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha; warra si waammatan hundumaatti jaalala amanamaa hedduu ni argisiista.”—FAR. 86:5.
FAARFANNAA 42 Kadhannaa Tajaajilaa Waaqayyoo
QABIYYEE *
1. Solomoon Mootichi Lallaba 7:20 irratti dhugaa akkamii ibseera?
SOLOMOON Mootichi, “Namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii godhuu fi matumaa cubbuu hin hojjenne tokko illee lafa irratti hin argamu” jedheera. (Lal. 7:20) Kun dhugaadha. Hundi keenyayyuu cubbamootadha. (1 Yoh. 1:8) Kanaafuu, Waaqa keenyarraas taʼe warra kaanirraa dhiifama argachuun nu barbaachisa.
2. Michuun kee tokko yeroo dhiifama siif godhu maaltu sitti dhagaʼama?
2 Yeroo michuu kee tokko itti mufachiiste ni yaadattaa? Michummaan keessan akka itti fufu waan barbaadduuf, garaadhaa dhiifama akka isa gaafatte hin shakkisiisu. Yeroo michuun kee sun tolaan dhiifama siif godhetti maaltu sitti dhagaʼame? Baʼaan wayii akka sirraa buʼe sitti hin dhagaʼamnee? Gammaddee akka turtes beekamaadha!
3. Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna?
3 Yihowaan michuu keenya baayʼee itti dhihaannu akka taʼu barbaanna; taʼus, yeroo tokko tokko wanta dubbannuun ykn wanta raawwannuun isa gaddisiisna. Haa taʼu malee, Yihowaan dhiifama nuu gochuuf fedhii guddaa akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Akkaataan Yihowaan dhiifama itti godhu, akkaataa nuti dhiifama itti goonurraa adda kan taʼe karaawwan kamiini? Yihowaan dhiifama kan godhu namoota akkamiitiifi?
YIHOWAAN DHIIFAMA GOCHUUF QOPHAAʼAADHA
4. Yihowaan dhiifama gochuuf qophaaʼaa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
4 Dubbiin Waaqayyoo Yihowaan dhiifama gochuuf qophaaʼaa akka taʼe nuuf mirkaneessa. Yihowaan yeroo Gaara Siinaarratti waaʼee ofiisaa Museetti himetti, karaa maleekaa tokkoo akkana jedheera: “Yihowaa, Yihowaa Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee kan taʼe, jaalala amanamaa kumaatamatti kan argisiisu, dogoggora, balleessaa fi cubbuu kan namaaf dhiisu.” (Bau. 34:6, 7) Yihowaan Waaqa gaarii fi araara qabeessa cubbamoota yaada geddarataniif dhiifama gochuuf yeroo hundumaa qophaaʼaa taʼedha.—Nah. 9:17; Far. 86:15.
5. Faarfannaan 103:13, 14 akka jedhutti Yihowaan waaʼee keenya akka gaariitti beekuun isaa maal gochuuf isa kakaasa?
5 Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef waaʼee keenya waan hundumaa beeka. Mee yaadi, waaʼee namoota lafa kanarra jiran hundumaa wanti inni hin beekne tokkollee hin jiru. (Far. 139:15-17) Kanaafuu, mudaa warra keenyarraa dhaalle hunda arguu ni dandaʼa. Kanarra darbees, wantoota jireenya keenya keessatti nu mudatanii fi eenyummaa amma qabnu akka qabaannu godhan hundumaa beeka. Maarree, Yihowaan waaʼee keenya akka gaariitti beekuun isaa maal gochuuf isa kakaasa? Gara laafina nutti argisiisuuf isa kakaasa.—Far. 78:39; Faarfannaa 103:13, 14 dubbisi.
6. Yihowaan dhiifama gochuuf fedhii guddaa akka qabu kan argisiise akkamitti?
6 Yihowaan dhiifama nuu gochuuf fedhii guddaa akka qabu ifatti argisiiseera. Balleessaa Addaam raawwateen kan kaʼe hundi keenyayyuu cubbamoota akka taanee fi duʼaaf akka saaxilamne beeka. (Rom. 5:12) Ofii keenyas taʼe nama kan biraa cubbuu fi duʼarraa oolchuuf wanti gochuu dandeenyu hin jiru. (Far. 49:7-9) Haa taʼu malee, Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe gara laafinaan kakaʼee bilisa nu baasuuf qophii godheera. Qophii akkamii godhe? Yohaannis 3:16 irratti akka ibsametti nuuf jedhee akka duʼuuf Ilma isaa isa tokkicha ergeera. (Mat. 20:28; Rom. 5:19) Yesuus nama isatti amanu kamiyyuu bilisa baasuuf nuuf jedhee duʼeera. (Ibr. 2:9) Yihowaan Ilmi isaa inni jaallatamaan karaa nama suukanneessuu fi nama salphisuun yeroo ajjeefametti hammam akka dhiphate tilmaamuu dandeenya! Yihowaan dhiifama nuu gochuuf fedhii hin qabu utuu taʼee Ilmi isaa akka duʼu hin heyyamu ture.
7. Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu Yihowaan tolaan dhiifama akka godhu argisiisan kamfaʼi?
7 Kitaaba Qulqulluu keessatti fakkeenyonni Yihowaan tolaan dhiifama akka godhu argisiisan hedduun jiru. (Efe. 4:32) Namni gara sammuu keetti dhufe jiraa? Tarii waaʼee Minaasee Mootichaa yaaddee taʼuu dandaʼa. Namni hamaan kun Yihowaarratti cubbuu suukanneessaa taʼe hojjeteera. Waaqeffannaa sobaa babalʼiseera. Ijoollee isaa ajjeesuudhaan waaqolii sobaatiif aarsaa godhee dhiheesseera. Kanarrayyuu darbee mana qulqullummaa Yihowaa keessa fakkii waaqa sobaa kaaʼeera. Kitaabni Qulqulluun waaʼee isaa yeroo dubbatu, “Isa [dheekkamsiisuuf] wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hedduu ni raawwate” jedha. (2 Sen. 33:2-7) Haa taʼu malee, yeroo Minaaseen garaadhaa yaada akka geddarate argisiisetti Yihowaan tolaan dhiifama isaaf godheera. Waaqayyo aangoo isaallee isaaf deebiseera. (2 Sen. 33:12, 13) Waaʼee Daawit Mootichaa isa halalummaa fi ajjeechaa dabalatee Yihowaarratti cubbuuwwan ciccimoo hojjetees ni yaadda taʼa. Haa taʼu malee, yeroo Daawit balleessaa isaa amanuudhaan garaadhaa yaada geddaratetti Yihowaan isaafis dhiifama godheera. (2 Sam. 12:9, 10, 13, 14) Eeyyee, Yihowaan dhiifama gochuuf fedhii guddaa akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Akkuma kanatti aansinee ilaallu, akkaataan Yihowaan dhiifama itti godhu, akkaataa namoonni dhiifama itti godhanirraa addadha.
AKKAATAAN YIHOWAAN DHIIFAMA ITTI GODHU ADDADHA
8. Yihowaan Abbaa Murtii gaʼumsa addaa qabu taʼuun isaa akkaataa dhiifama itti godhu adda kan taasisu akkamitti?
8 Yihowaan ‘Abbaa Murtii guutummaa lafaati.ʼ (Uma. 18:25) Abbaa murtii gaarii taʼuuf seera baʼe akka gaariitti hubachuun barbaachisaadha. Yihowaan Abbaa Murtii keenya qofa utuu hin taʼin seera kan nuuf kennus isadha; kanaafuu, seericha akka gaariitti beeka. (Isa. 33:22) Qaamni hamma Yihowaa wanta sirrii taʼee fi dogoggora taʼe beekuu dandaʼu hin jiru. Abbaa murtii gaarii taʼuuf wanti barbaachisu kan biraan maalidha? Abbaan murtii tokko murtii kennuu isaa dura dhugaa jiru hunda beekuun isa barbaachisa. Yihowaan yoomiyyuu taanaan dhugaa jiru hunda waan beekuuf, Abbaa Murtii gaʼumsa adda taʼe qabudha.
9. Yihowaan dhiifama gochuuf ykn dhiisuuf yeroo murteessutti maalfaa tilmaama keessa galcha?
9 Yihowaan abbootii murtii kaanirraa haala adda taʼeen, yeroo hundumaa dhimma kamiyyuu ilaalchisee dhugaawwan jiran sirriitti beeka. (Uma. 18:20, 21; Far. 90:8) Inni wanta namoonni arganiin ykn dhagaʼaniin hin daangeffamu. Amalli namni tokko warra isaarraa dhaale, akkaataan guddinaa isaa fi naannoon itti guddate, akkasumas fayyummaan sammuu isaa gocha isaarratti akkamitti dhiibbaa akka godhu guutummaatti ni hubata. Yihowaan wanta garaa namaa keessa jirus beeka. Miira, kakaʼumsaa fi fedhii nama hundumaa guutummaatti ni hubata. Wanti Yihowaa jalaa dhokachuu dandaʼu hin jiru. (Ibr. 4:13) Kanaafuu, Yihowaan nama tokkoof dhiifama kan godhu haala nama sanaa guutummaatti waan hubatuufi.
10. Murtiin Yihowaa yeroo hundumaa haqa qabeessaa fi sirriidha kan jennu maaliifi? (Keessa Deebii 32:4)
10 Murtiin Yihowaa yeroo hundumaa haqa qabeessaa fi sirriidha. Inni matumaa hin loogu. Yihowaan nama tokkoof dhiifama kan godhu namni sun miidhagaa, sooressa ykn beekamaa waan taʼeef ykn dandeettii hedduu waan qabuuf miti. (1 Sam. 16:7; Yaq. 2:1-4) Eenyuyyuu isarratti dhiibbaa gochuus taʼe mattaʼaa isaaf kennuu hin dandaʼu. (2 Sen. 19:7) Murtoon isaas miirarratti kan hundaaʼe miti. (Bau. 34:7) Yihowaan waaʼee keenyas taʼe haala keenya guutummaatti waan beekuuf Abbaa Murtii hundarra caaludha.—Keessa Deebii 32:4 dubbisi.
11. Akkaataan Yihowaan dhiifama itti godhu adda kan taʼe karaa kamiini?
11 Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa akkaataan Yihowaan dhiifama itti godhu adda akka taʼe hubataniiru. Jecha Afaan Ibrootaa isaan itti fayyadaman ilaalchisee barreeffamni tokko akkana jedheera: “Jechi kun kan itti hojjetame akkaataa Waaqayyo cubbamootaaf dhiifama itti godhu argisiisuuf qofadha; jechi kun akkaataa daangeffamaa taʼee fi namni tokko nama kan biraatiif dhiifama itti godhu argisiisuu hin dandaʼu.” Cubbamaa yaada geddarate tokkoof guutummaatti dhiifama gochuu kan dandaʼu Yihowaa qofadha. Yihowaan dhiifama nuuf gochuun isaa faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?
12-13. (a) Namni tokko yeroo Yihowaan dhiifama isaaf godhu maaltu isatti dhagaʼama? (b) Faayidaan dhiifama Yihowaarraa argamu yeroo hammamiitiif tura?
12 Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe yommuu amannee fudhannu isa biraa “yeroon haareffamuu” nuuf dhufa; kunimmoo nagaa sammuu fi qalbii qulqulluu nuuf argamsiisa. Miira akkasii qabaachuu kan dandeenyu yoo ‘Yihowaanʼ dhiifama nuuf godhe qofadha. (HoE. 3:19) Yihowaan yeroo dhiifama nuuf godhu deebinee michoota isaa akka taanu nuuf heyyama; guutummaatti waan nuu dhiisuuf, akka waan cubbuu sana hin hojjennetti nu ilaala.
13 Yihowaan takkaa dhiifama erga nuuf godhee booda, cubbuu sanaaf lammata nu hin komatu ykn nu hin adabu. (Isa. 43:25; Er. 31:34) Yihowaan “akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu” cubbuu keenya nurraa fageessa. * (Far. 103:12) Dhiifamni Yihowaa hammam guddaa akka taʼe yeroo yaannu keessi keenya galateeffannaa fi dinqisiifannaadhaan guutama. (Far. 130:4) Haa taʼu malee, Yihowaan dhiifama kan godhu namoota akkamiitiifi?
YIHOWAAN DHIIFAMA KAN GODHU NAMOOTA AKKAMIITIIFI?
14. Akkaataa Yihowaan nama tokkoof dhiifama gochuuf ykn dhiisuuf itti murteessu ilaalchisee maal baranneerra?
14 Akkuma olitti ilaalle, Yihowaan dhiifama gochuuf ykn dhiisuuf kan murteessu cubbuun nama sanaa cimaa ykn salphaa waan taʼeef miti. Kana malees, Yihowaan dhiifama nuu gochuuf ykn dhiisuuf yeroo murteessutti beekumsa Uumaa keenya, seera kan kennuu fi Abbaa Murtii keenya taʼuudhaan qabutti akka fayyadamu baranneerra. Maarree, Yihowaan wantoota akkamii xiyyeeffannaa keessa galcha?
15. Akka Luqaas 12:47, 48 irratti ibsametti wanti Yihowaan tilmaama keessa galchu tokko maalidha?
15 Wanti Yihowaan tilmaama keessa galchu tokko namni cubbuu hojjete sun wanti raawwate dogoggora taʼuu isaa beekuu fi dhiisuu isaati. Yesuus Luqaas 12:47, 48 irratti kana ifa godheera. (Dubbisi.) Namni tokko taʼe jedhee wanta hamaa Waaqayyoon gaddisiisu kan raawwatu yoo taʼe cubbuu cimaa hojjeteera jechuudha. Namni kun dhiifama argachuu dhiisuu dandaʼa. (Mar. 3:29; Yoh. 9:41) Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko wanti raawwannu dogoggora taʼuusaa beekna. Maarree, dhiifama ni argannaa? Eeyyee! Kun immoo wanta Yihowaan tilmaama keessa galchu kan biraatti nu ceesisa.
16. Yaada geddarachuu jechuun maal jechuudha? Yihowaan dhiifama akka nuu godhuuf yaada geddarachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
16 Wanti Yihowaan tilmaama keessa galchu kan biraanimmoo, namni cubbuu hojjete sun garaadhaa yaada geddarachuu isaati. Yaada geddarachuu jechuun maal jechuudha? Yaada geddarachuu jechuun, “yaada, ilaalchaa fi kaayyoo ofii jijjiiruu” jechuudha. Gaabbii fi gadda cimaa namni tokko wanta gadhee raawwatetti ykn wanta sirrii raawwachuu qabu raawwachuu dhiisuu isaatiin isatti dhagaʼamu kan dabalatudha. Namni yaada geddarate tokko dogoggora raawwatetti qofa utuu hin taʼin, dadhabina hafuuraa dogoggora sana raawwachuutti isa geessettis ni gadda. Minaasee Mootichii fi Daawit Mootichi cubbuu cimaa kan hojjetan taʼus, garaadhaa yaada waan geddarataniif Yihowaan dhiifama akka isaaniif godhe yaadadhu. (1 Mot. 14:8) Eeyyee, Yihowaan dhiifama kan nuuf godhu ragaa yaada akka geddaranne argisiisu yoo arge qofadha. Haa taʼu malee, cubbuu keenyatti gadduun keenya qofti gaʼaa miti. Tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼoo taʼuu qabna. * Kunis wanta Yihowaan tilmaama keessa galchu kan biraatti nu ceesisa.
17. Jijjiiramuu jechuun maal jechuudha? Cubbuu kanaan dura raawwanne akka irra hin deebineef kana gochuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Isaayyaas 55:7)
17 Wanti Yihowaan tilmaama keessa galchu kan biraan jijjiiramuudha. Jijjiiramuu jechuun “deebiʼuu” jechuudha. Jecha biraatiin, namni tokko wanta gadhee raawwachuu dhiisee daandii Yihowaa hordofuu qaba jechuudha. (Isaayyaas 55:7 dubbisi.) Namni kun yaada Yihowaatiin geggeeffamuu akka dandaʼuuf yaada isaa jijjiirrachuu qaba. (Rom. 12:2; Efe. 4:23) Yaadaa fi gocha isaa isa gadhee dhiisuuf kutachuu qaba. (Qol. 3:7-10) Yihowaan dhiifama akka nuuf godhuu fi cubbuu keenyarraa akka nu qulqulleessuuf buʼuura kan taʼu amantii aarsaa Kiristoosirratti qabnu akka taʼe beekamaadha. Jijjiirama gochuuf garaadhaa carraaqqii gochaa akka jirru yeroo argu aarsaa kanarratti hundaaʼuudhaan dhiifama nuuf godha.—1 Yoh. 1:7.
YIHOWAAN DHIIFAMA AKKA SIIF GODHU AMANI
18. Akkaataa Yihowaan dhiifama itti godhu ilaalchisee maal baranne?
18 Mee qabxiilee ijoo irratti mariʼanne gabaabsinee irra haa deebinu. Yihowaan Waaqa dhiifamni isaa guddaa taʼedha. Akkas kan jennu maaliifi? Tokkoffaa, yeroo hundumaa dhiifama gochuuf qophaaʼaadha. Lammaffaa, akka gaariitti nu beeka. Waaʼee keenya waan hundumaa waan beekuuf garaadhaa yaada geddarachuu fi dhiisuu keenya ni hubata. Sadaffaa, Yihowaan yeroo dhiifama nuuf godhu guutummaatti waan nuu dhiisuuf, akka waan cubbuu sana hin raawwannetti nu ilaala. Kunimmoo qalbii qulqulluu akka qabaannuu fi isa biratti fudhatama akka argannu godha.
19. Mudaa waan qabnuuf cubbuu hojjechuun keenya kan hin oolle yoo taʼellee gammadoo taʼuu ni dandeenya kan jennu maaliifi?
19 Mudaa waan qabnuuf cubbuu hojjechuun keenya hin oolu. Haa taʼu malee, yaanni kitaaba Iinsaayitii, Jildii 2ffaa, fuula 771 irratti argamu kun nu jajjabeessa: “Yihowaan araara qabeessa waan taʼeef, tajaajiltoonni isaa dadhaboo akka taʼan ni hubata; kanaafuu, mudaa kan qabanii fi cubbuu kan raawwatan taʼuu isaaniitti yeroo hunda gadduun isaan hin barbaachisu. (Fr 103:8-14; 130:3) Yeroo hunda daandii Waaqayyoorra deemuuf carraaqqii kan godhan yoo taʼe gammadoo taʼuu ni dandaʼu. (Flp 4:4-6; 1Yo 3:19-22).” Kun yaada baayʼee nama jajjabeessudha!
20. Mata duree ittaanurratti maal ilaalla?
20 Yommuu cubbuu keenyatti garaadhaa akka gaddine argisiisnu Yihowaan dhiifama nuu gochuuf qophaaʼaa taʼuu isaatti baayʼee galateeffanna. Maarree, dhiifama gochuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Akkaataan nuti dhiifama itti goonu akkaataa Yihowaan dhiifama itti godhu wajjin kan wal fakkaatu karaawwan kamiini? Garaa gara kan taʼe hoo karaawwan kamiini? Kana beekuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Mata duree ittaanurratti deebii gaaffilee kanaa ilaalla.
FAARFANNAA 45 Wantan Garaa Kootti Yaadu
^ Yihowaan Dubbii isaa keessatti cubbamoota yaada geddarataniif dhiifama gochuuf fedhii akka qabu ibseera. Yeroo tokko tokko garuu, dhiifama isaa argachuun akka nuuf hin malle nutti dhagaʼama taʼa. Mata duree kana keessatti, Waaqni keenya yeroo hundumaa cubbuu keenyatti garaadhaa yoo gaddine dhiifama nuu gochuuf qophaaʼaadha kan jennu maaliif akka taʼe ilaalla.
^ Kitaaba Yihowaatti Dhihaadhu jedhamu boq. 26, key. 9 ilaali.
^ IBSA JECHAA: “Yaada geddarachuun” akkaataa jireenyaa keenyatti, dogoggora raawwannetti ykn wanta utuu hin raawwatin hafnetti garaadhaa gaabbuudhaan yaada jijjiirrachuu argisiisa. Namni tokko garaadhaa yaada akka geddarate kan argisiisu tarkaanfii fudhachuudhaani.