Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Yoseefii fi Maariyaam Yesuus erga dhalatee booda gara Naazireetitti deebiʼuu mannaa, Beetaliheem keessa jiraachuu isaanii kan itti fufan maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa homaa hin dubbatu. Garuu ragaa yeroo sanatti Naazireetitti deebiʼuu dhiisuuf kan filatan maaliif taʼuu akka dandaʼu argisiisu qabateera.

Maleekaan tokko ulfooftee akka deessu Maariyaamitti himee ture. Yeroo maleekaan kun ergaa kana dubbatetti Maariyaamii fi Yoseef Naazireet ishii Galiilaatti argamtu keessa jiraachaa turan; Yoseef kan guddate magaalaa kana keessattidha. (Luq. 1:26-31; 2:4) Boodas Gibxiidhaa erga deebiʼanii booda Naazireet keessa jiraachaa turan. Yesuus achitti waan guddateef, nama biyya Naazireet jedhamee beekama ture. (Mat. 2:19-23) Maqaan Yesuus, Yoseefii fi Maariyaam yeroo kaʼu magaalaa Naazireet kan yaadannu kanaafi.

Maariyaam fira Elsaabex jedhamtuu fi Yihudaa keessa jiraattu qabdi turte. Elsaabex haadha manaa Zakkaariyaas lubichaa fi haadha Yohaannis Cuuphaati. (Luq. 1:5, 9, 13, 36) Maariyaam Elsaabex bira dhaqxee jiʼa sadiif ishii faana Yihudaa keessa jiraatteetti. Achiis gara Naazireetitti deebite. (Luq. 1:39, 40, 56) Maariyaam naannoo Yihudaa beekuu kan dandeesse kanaafi.

Boodas, Yoseef labsii ‘akka galmaaʼan’ kennameef ajajameera. Kanaafuu, Yoseef Naazireetirraa kaʼee gara Beetaliheem “magaalaa Daawit” jedhamtee waamamtuu dhaqe; Masiihichi magaalaa kana keessatti akka dhalatus raajiin dubbatamee ture. (Luq. 2:3, 4; 1 Sam. 17:15; 20:6; Mik. 5:2) Maariyaam Yesuusiin erga deessee booda, daaʼima reefuu dhalate baattee karaa dheeraa imaluudhaan gara Naazireetitti akka deebitu hin goone. Kanaafuu, Beetaliheem ishii Yerusaalemirraa kiilomeetira sagal fagaattu keessa jiraachuu isaanii itti fufan. Daaʼima isaanii gara mana qulqullummaatti geessuu fi aarsaa Seerichi ajaju dhiheessuun kan isaanitti salphatu achuma yoo turanidha.—Lew. 12:2, 6-8; Luq. 2:22-24.

Maleekaan Waaqayyoo ilmi ishii “teessoo . . . Daawit” akka dhaaluu fi ‘Mootii taʼee akka bulchu’ Maariyaamitti himee ture. Tarii Yoseefii fi Maariyaam Yesuus magaalaa Daawit keessatti dhalachuu akka qabu hubatanii turanii laata? (Luq. 1:32, 33; 2:11, 17) Tarii Waaqayyo wanta sana booda akka godhan barbaadu hamma isaan beeksisutti achuma turuun isaanii gaarii akka taʼe isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa.

Namoonni urjii lakkaaʼan gara isaanii dhufuu isaanii dura, Yoseefii fi Maariyaam Beetaliheem keessa kan turan yeroo hammamiitiif akka taʼe hin beeknu. Yeroo sanatti jiraachaa kan turan mana keessadha, ilmi isaaniis daaʼima reefuu dhalate utuu hin taʼin “mucicha” jedhameera. (Mat. 2:11) Naazireetitti deebiʼuu mannaa, yeroo muraasaaf Beetaliheem keessa jiraachaa waan turan fakkaata.

Heroodis ‘ijoolleen dhiiraa Beetaliheem keessa jiran warri umuriin isaanii waggaa lamaa fi isaa gad taʼe hundi akka ajjeefaman’ ajaja kennee ture. (Mat. 2:16) Yoseefii fi Maariyaam labsii kana ilaalchisee Waaqayyo akeekkachiisa waan isaaniif kenneef, Yesuusiin fuudhanii gara Gibxiitti baqachuudhaan hamma Heroodis duʼutti achuma turan. Yeroo boodas Yoseef maatii isaa fudhatee gara Naazireet deeme. Maarree, gara Beetaliheemitti kan hin deebine maaliifi? Ilmi Heroodis Arkelaawos inni nama gara jabeessa taʼe Yihudaa keessatti bulchaa waan tureef, akkasumas achitti akka hin deebine Waaqayyo akeekkachiisa waan isaaf kenneefi. Yoseef Naazireet keessatti Yesuusiin nagaadhaan guddisuu dandaʼa ture.—Mat. 2:19-22; 13:55; Luq. 2:39, 52.

Ifatti akka hubannutti, Yoseef kan duʼe Yesuus duʼuu isaa fi karaan gara samii deemuun itti dandaʼamu banamuu isaa duradha. Kanaafuu, Yoseef lafarratti duʼaa kaafama. Yeroo sanatti isa argachuu fi innii fi Maariyaam Yesuus erga dhalatee boodas Beetaliheem keessa jiraachuu isaanii kan itti fufan maaliif akka taʼe isa gaafachuun ni dandaʼama.