Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Gammachuu fi Barumsa Yihowaa Tajaajiluudhaan Argamu

Gammachuu fi Barumsa Yihowaa Tajaajiluudhaan Argamu

IJOOLLUMMAA kootti yeroon xiyyaara argu hundumaatti xiyyaaraan biyya kan biraa deemuuf baayʼeen hawwa ture. Yeroo sanatti kun wanta taʼuu hin dandeenye natti fakkaata ture.

Warri koo yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti Istooniyaadhaa gara Jarmanii deemanii turan; anis achittan dhaladhe. Ergan dhaladhee booda warri koo gara Kaanaadaa deemuuf qophaaʼuu jalqaban. Kaanaadaatti jalqabarratti naannoo Otaawaa mana xinnoo hindaaqqoonnis keessa jiraatan keessa jiraanna turre. Hiyyeeyyii taanus cireerratti hanqaaquu nyaanna turre.

Gaaf tokko, Dhugaa Baatonni Yihowaa haadha kootiif Mulʼata 21:3, 4 dubbisan. Haati koo wanti dhageesse garaa ishii waan tuqeef booʼuu jalqabde. Sanyiin dhugaa kunis ni guddate; utuma baayʼee hin turin haati koo fi abbaan koo guddina godhanii cuuphaman.

Warri koo Ingiliffa sirriitti kan hin dandeenye taʼus dhugaadhaaf hinaaffaa guddaa qabu turan. Abbaan koo yeroo hunda Sanbadduraa, Sadbarii Ontaariyoo keessatti halkan guutuu warshaa nikeelii keessatti hojjechaa erga bulee boodallee, anaa fi quxusuu koo kan taate Siilviyaa tajaajila fuudhee baʼa ture. Torban torbaniinis maatiidhaan taanee Masaraa Eegumsaa qoʼanna turre. Aabbaa fi Harmeen Yihowaadhaaf jaalala akkan qabaadhu godhanii na guddisan. Kunis bara 1956​tti umurii koo waggaa kudhanitti jireenya koo Yihowaadhaaf murteessuuf na kakaaseera. Jaalalli cimaan Yihowaadhaaf qaban jireenya koo guutuu baayʼee na jajjabeesseera.

Barumsa sadarkaa lammaffaa ergan xumuree booda xiyyeeffannaan koo hamma tokko hihiramee ture. Qajeelchaa yoon taʼe hawwiin xiyyaaraan addunyaarra deemee daawwachuuf qabu milkeessuuf maallaqa gaʼaa argachuu akkan hin dandeenye yaadeen ture. Dhaabbata raadiyoo naannoo keenyatti argamu keessattan hojii argadhe; achitti muuziqaa waraabamen taphachiisa ture; hojiin kunis baayʼee natti tola ture. Taʼus, galgala galgalas waanan hojjedhuuf, yeroo baayʼee walgaʼiirraa nan hafan ture; namoota Waaqayyoof jaalala hin qabnettis dhihaachuun jalqabe. Dhumarrattis, qalbiin koo inni Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe jijjiirama gochuuf na kakaase.

Achiis gara Oshaawaa, Ontaariyoon deeme. Achittis Reey Normaanii fi obboleettii isaa Leeslii, akkasumas qajeelchitoota kan biroo wajjinan wal bare. Hundi isaaniiyyuu miira hoʼaadhaan na simatan. Gammachuu isaanii arguun koo galma koo irra deebiʼee gamaaggamuuf na kakaase. Qajeelchaa akkan taʼu na jajjabeessan, anis Fulbaana 1966​tti qajeelchaan taʼe. Jireenyi koo gammachiisaa ture; haa taʼu malee, wantoonni hin eegamnee fi jireenya koo jijjiiran na mudachuuf jedhu turan.

YIHOWAAN WANTA TOKKO AKKA GOOTU YEROO SI AFFEERU, WANTA SANA GOCHUUF YAALI

Barumsa sadarkaa lammaffaa barachaa yeroon turetti Beetel isa Toorontoo, Kaanaadaatti argamu galuuf foormii guuteen ture. Yeroo boodas, qajeelchaa taʼee tajaajiluu ergan jalqabee booda waggaa afuriif Beetelitti akkan tajaajilun affeerame. Taʼus, Leeslii baayʼee jaalladheen ture; kanaafuu, ‘Affeerraa kana yoon fudhadhe deebiʼee ishii arguu dhiisuu nan dandaʼaa laata?’ jedhee sodaadheen ture. Yeroo dheeraadhaaf cimsee ergan kadhadhee booda, dhumarratti affeerraa Beetel akkan galu naaf dhihaate nan fudhadhe; Leesliirraa adda baʼuun garuu baayʼee natti ulfaatee ture.

Beetelitti laawundarii keessattan hojjedha ture; boodas barreessaa taʼee hojjechuun jalqabe. Yeroo kanatti Leesliin Gaatiniiwu, Kuubeek keessatti qajeelchituu addaa taatee tajaajiluu jalqabde. Yeroo baayʼee, ‘Maal hojjechaa jirti laata? Murtoo sirriin godhee?’ jedheen yaada ture. Achiis wanti gammachiisaan hin eegamne tokko ni uumame. Reey obboleessi Leeslii Beetel akka galu affeerame. Achiis kutaa tokko keessa waliin jiraachuu jalqabne. Kunis michummaan Leeslii wajjin qabu haaressuuf karaa naaf baneera. Guraandhala 27, 1971​tti, Beetel galee waggaa arfaffaa xumuruuf yeroon jedhu gaaʼela dhaabbanne.

Bara 1975​tti hojii aanaa yeroo jalqabnu

Anii fi Leesliin Kuubeekitti gumii Afaan Faransaayiin geggeeffamu tokko keessatti akka tajaajillu ramadamne. Waggoota muraasa booda, umurii koo waggaa 28​tti ilaaltuu olaanaa aanaa taʼee akkan tajaajilun affeerame. Ijoollee akkan taʼee fi gaʼumsa akkan hin qabne kan natti dhagaʼame taʼus, yaanni Ermiyaas 1:7, 8 irratti argamu na jajjabeesseera. Haa taʼu malee, Leesliin yeroo lama balaan konkolaataa ishiirra gaʼee waan tureef, hirriba rafuun ishii rakkisa ture. Kanaafuu, ‘Hojii aanaa hojjechuun nutti ulfaataa laata?’ jennee yaaddofnee turre. Ishiin garuu, “Yihowaan wanta tokko akka goonu yoo nu affeere, wanta sana gochuuf yaaluu hin qabnuu?” jette. Affeerraa kana fudhannee waggaa 17f hojii daawwannaa gammachuudhaan hojjenneerra.

Daawwataa yeroon turetti hojiin waan natti baayʼatuuf Leeslii wajjin yeroo dabarsuuf yeroo baayʼee yeroo gaʼaa hin argadhun ture. Barumsa kan biraa barachuun na barbaachisee ture. Gaaf tokko Wiixata ganama bilbilli balbala keenyaa ni iyye. Balbalarra garuu namni tokkollee hin jiru ture; balbalarratti korojoo uffata minjaalaa, muduraa, chiizii, daabboo, daadhii wayinii fi burcuqqoo qabate arganne; waraqaan, “Haadha manaa kee fudhadhuutii bashannana deemi” jedhamee irratti barreeffames jira ture. Guyyaan isaa baayʼee kan namatti tolu ture. Taʼus, haasaan qophaaʼu waanan qabuuf deemuu akkan hin dandeenyen Leesliitti hime. Leesliin haala koo kan naa hubatte taʼus, hamma tokko gadditee turte. Qophaaʼuuf ergan taaʼee booda garuu, sammuun koo na jeequu jalqabe. Efesoon 5:25, 28 irrattan yaade. Caqasni kun Yihowaan miira haadha manaa kootiif xiyyeeffannaa akkan kennu kan barbaadu taʼuu isaa na yaadachiise. Ergan kadhadhee boodas Leesliidhaan, “Koottu haa deemnun” jedheen; ishiinis baayʼee gammadde. Konkolaataadhaan laga tokko bira erga deemnee booda uffata minjaalaa sana afnee yeroo baayʼee gammachiisaa taʼe waliin dabarsine. Garuu, haasaa koos qophaaʼuu dandaʼeera.

Hojiin aanaa baayʼee kan nama gammachiisu ture; aanaan keenya Biritiish Kolombiyaarraa hanga Niiwfaawundilaanditti balʼata ture. Kanaafuu, akkuman ijoollummaa kootti hawwaa ture gara naannoo addaddaatti imaluu dandaʼeera. Waaʼee Mana Barumsaa Giiliyaad galanii barachuu yaadee beeka; garuu biyya alaatti misiyoonii taʼee tajaajiluuf fedhii hin qabun ture. Misiyoononni namoota addaa akka taʼanii fi animmoo gaʼumsa akkan hin qabne natti dhagaʼama ture. Kana malees, biyya Afrikaa dhukkubaa fi waraanaan miidhametti ergamuun dandaʼa jedhee sodaadheen ture. Kaanaadaa keessatti gammachuudhaan tajaajilaan ture.

ISTOONIYAA FI BIYYOOTA BAALKAANITTI AKKA TAJAAJILLU AFFEERAMNE

Biyyoota Baalkaan keessa yeroo imallu

Bara 1992​tti biyyoota Sooviyeet durii keessatti hojiin lallabaa deebiʼee yeroo jalqabamu Istooniyaatti misiyoonota taanee akka tajaajillu affeeramne. Baayʼee naanee kan turre taʼus, waaʼee dhimmichaa ni kadhanne. Ammas, ‘Yihowaan wanta tokko akka goonu yoo nu affeere, wanta sana gochuuf yaaluu hin qabnuu?’ jennee yaanne. Achiis affeerraa kana ni fudhanne; garuu, gara Afrikaatti waan hin ergamneef gammadeera.

Yeruma sana Afaan Istooniyaa barachuu jalqabne. Biyyattii keessa gara jiʼa lamaatiif erga turree booda hojii daawwannaa akka hojjennu gaafatamne. Gumiiwwanii fi gareewwan 46 biyyoota Baalkaanii fi Kaaliiniingiraad, Raashiyaa keessatti argaman daawwanna turre. Kana jechuun Afaan Laatviyaa, Afaan Litweeniyaa fi Afaan Raashiyaa barachuuf carraaquu qabna jechuudha. Kunimmoo ulfaataadha. Taʼus, obboloonni carraaqqii goonetti waan gammadaniif nu gargaaraniiru. Bara 1999​tti Istooniyaatti waajjirri damee ni hundeeffame; anis Toomaas Edar, Lambiit Reeyilii fi Toomii Kaawukoo wajjin miseensa koree waajjira damee taʼee akkan tajaajilun ramadame.

Bitaa: Walgaʼii guddaa Litweeniyaa keessatti geggeeffame tokkorratti haasaa yeroon dhiheessu

Mirga: Koree Waajjira Damee Istooniyaa, bara 1999​tti hundeeffame

Dhugaa Baatota gara Saayibeeriyaatti geeffamanii turan hedduu wajjin wal barreerra. Mana hidhaa keessatti miidhaa hedduun kan isaanirra gaʼee fi maatii isaaniirraa adda baafamanii kan turan taʼus, haala keessa turan ilaalchisee matumaa hin gungumne. Gammachuu isaanii fi hinaaffaa tajaajilaaf qaban eeggatanii itti fufaniiru. Kunis haala rakkisaa keessatti gammachuudhaan jabaannee dhaabbachuu akka dandeenyu nu hubachiiseera.

Waggoota hedduudhaaf boqonnaa tokko malee hojjechaa waan turreef, Leesliin dadhabbii cimaan ishiitti dhagaʼamuu jalqabe. Dadhabbiin akkasii kan ishiitti dhagaʼamu dhukkuba faayibiroomaayaljiyaa jedhamuu fi baayʼee nama dadhabsiisu waan qabduuf akka taʼe hin hubanne turre. Kanaafuu, gara Kaanaadaatti deebiʼuuf yaaduu jalqabne. Paatarsan, Niiwu Yoorki, Yuunaayitid Isteetisitti mana barumsaa miseensota koree waajjira dameerratti akka hirmaannu yeroo affeeramnetti hirmaachuu kan dandeenyu taʼuu isaa shakkeen ture. Haa taʼu malee, baayʼee erga kadhannee booda affeerraa kana ni fudhanne. Yihowaanis murtoo keenya nuuf eebbiseera. Leesliin yaalii fayyaa ishii barbaachisu kan argatte yeroo mana barumsaa kanarratti hirmaachaa turrettidha. Sana booda, sochiiwwan keenya warra duriirratti hirmaachuu dandeenyeerra.

UTUU HIN EEGAMIN ARDII KAN BIRAATTI RAMADAMNE

Bara 2008​tti Istooniyaatti erga deebinee booda gaaf tokko galgala waajjira muummeerraa bilbilli naaf bilbilamee Koongootti tajaajiluu kan dandeenyu taʼuu keenya na gaafatan. Guyyaa itti aanutti deebii isaaniif kennuu waanan qabuuf baayʼee naʼeen ture. Leesliin yoon itti hime halkan sana akka hin rafne waanan beekuuf, jalqabarratti ishiitti hin himnen ture. Garuu hirriiba dhabee kan bule anadha; Afrikaa deemuun waan na yaaddesseef kadhachaan bule.

Guyyaa itti aanutti Leesliittan hime; achiis, “Yihowaan gara Afrikaa akka deemnu nu affeeraa jira. Utuu hin yaalin akkas gochuu akka hin dandeenyee fi akka nu hin gammachiisne akkamitti beekuu dandeenya?” jennee yaanne. Kanaafuu, waggaa 16f Istooniyaa keessa erga jiraannee booda gara Kinshaasaa, Koongoo deemne. Waajjirri damee Koongoo iddoo biqiltuu bareedaa kan qabuu fi baayʼee tasgabbaaʼaa ture. Wanti Leesliin jalqaba kutaa keenya keessa keesse kaardii erga Kaanaadaadhaa baanee kaasee qabattee turtedha. Kaardii sanarratti yaanni, “Bakka dhaabamtetti dagaagi” jedhu barreeffameera. Obboloota wajjin erga wal arginee, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu erga geggeessinee fi gammachuu misiyoonii taʼuun argamsiisu erga arginee booda gammachuun keenya ni dabale. Yeroo booda, waajjiroota damee Afrikaa keessatti argaman 13 daawwachuuf mirga arganneerra. Kunis garaagarummaa fi bareedina uummata addaddaa arguuf nu gargaareera. Sodaan koo ni bade, Yihowaan gara Afrikaatti nu erguu isaatiifis isa galateeffanne.

Koongootti ilbiisota dabalatee nyaata gosa garaagaraatu nuuf dhihaata ture. Jalqabarratti, nuti nyaata akkasii nyaachuu akka hin dandeenye natti dhagaʼamee ture; haa taʼu malee, obboloonni nyaata akkasiitti akka gammadan yeroo ilaallu, nutis yaaluu barbaanne; akkas gochuu keenyattis gammanneerra.

Obboloota keenya jajjabeessuu fi wanta isaan barbaachisu isaaniif geessuuf gara baha biyyattiitti imallee turre; naannoowwan kanatti gareewwan finciltootaa mandarootarratti haleellaa bananii dubartootaa fi ijoolleerratti miidhaa geessisu turan. Obboloonni hedduun qabeenya baayʼee hin qaban turan. Taʼus, amantii cimaan abdii duʼaa kaʼuurratti qaban, jaalalli Yihowaadhaaf qabanii fi amanamummaan jaarmiyaa isaatiif qaban garaa keenya baayʼee tuqeera. Muuxannoon kun amantii keenya qoruu fi cimsachuuf nu kakaaseera. Obboloonni tokko tokko mannii fi midhaan isaanii jalaa barbadaaʼeera. Kunis qabeenyi foonii dafee akka badu, qabeenyi hafuuraa garuu hammam gatii guddaa akka qabu na yaadachiiseera. Obboloonni haala rakkisaa cimaa taʼe keessa kan jiran taʼus, yeroo baayʼee hin gunguman turan. Ilaalchi isaanii rakkina fayyaa dabalatee rakkinoota nu mudatan hunda ija jabinaan akka dandamannu nu jajjabeesseera.

Bitaa: Baqattootaaf yeroon haasaa dhiheessu

Mirga: Obboloota Dunguu, Koongootti argamaniif qoricha dabalatee wanta isaan barbaachisu yeroo geessinu

EESHIYAATTI RAMADDII HAARAAN NUUF KENNAME

Achiis wanti hin eegamne kan biraan ni uumame. Gara waajjira damee Hoongi Koongi akka deemnu gaafatamne. Eeshiyaa keessa ni jiraanna jennee matumaa yaannee hin beeknu. Haa taʼu malee, ramaddii keenya hundumaarratti harka Yihowaa waan argineef, affeerraa kana ni fudhanne. Bara 2013​tti michoota keenya baayʼee jaallannuu fi Afrikaa ishii bareedduu taaterraa booʼaa gargar baane; wanta sana booda nu mudatu hin beeknu turre.

Hoongi Koongi magaalaa namoota addunyaa mararraa dhufaniin guutamte waan taateef, kun nuuf jijjiirama guddaa ture. Afaan Chaayinaa barachuun ulfaataa ture. Taʼus, obboloonni miira hoʼaadhaan nu simataniiru, nyaata naannichaas jaallanneerra. Naannichatti hojichi saffisaan babalʼachaa jira; garuu gatiin lafaa baayʼee dabale. Kanaafuu, Qaamni Olaanaan qabeenya waajjira damee keessaa baayʼee isaa gurguruuf murteesse. Utuma baayʼee hin turin bara 2015​tti gara Kooriyaa Kibbaatti jijjiiramne; amma achitti tajaajilaa jirra. Ammas afaan ulfaataa taʼe kan biraa barachuun nu barbaachiseera; afaanicha sirriitti dubbachuu kan hin dandeenye taʼus, obboloonni afaanicha dubbachuurratti guddina gochaa akka jirru nutti himuudhaan nu jajjabeessu.

Bitaa: Hoongi Koongi keessatti jireenya haaraa yeroo jalqabnu

Mirga: Waajjira damee Kooriyaa

BARUMSA ARGANNE

Michoota haaraa horachuun yeroo hunda salphaa miti; taʼus, dursa fudhannee warra kaan simachuun dafnee isaan baruuf akka nu gargaaru hubanneerra. Obboloota keenya wajjin garaagarummaa keenyarra wanti wal nu fakkeessu akka caalu, akkasumas Yihowaan garaa keenya bannee namoota hedduu jaallachuu akka dandeenyu godhee akka nu uume hubanneerra.—2 Qor. 6:11.

Akkuma Yihowaa namoota simachuunii fi ragaa akka inni nu jaallatuu fi qajeelfama nuu kennaa akka jiru argisiisu hubachuun keenya barbaachisaa akka taʼe jireenya keenya keessatti argineerra. Yeroo abdii kutannu ykn ‘Obboloonni nu jaallataniiruu laata?’ jennee yaannu hundatti, kaardiiwwan ykn xalayaawwan michoonni keenya nuuf ergan irra deebinee dubbisna. Yihowaan jajjabinaa fi cimina nuuf kennuudhaan kadhannaa keenyaaf akkamitti deebii akka nuuf kenne argineerra.

Anii fi Leesliin hammamiyyuu yoo hojiin nutti baayʼate yeroo waliin dabarsuun barbaachisaa akka taʼe baranneerra. Keessumaa yeroo afaan haaraa barachuuf yaallutti ofitti kolfuun barbaachisaa akka taʼes hubanneerra. Yeroo hundumaa galgala wanta gammachiisaa Yihowaa galateeffachuuf nu kakaasu yaaduuf yaalla.

Dhugaa dubbachuuf, misiyoonii taʼuu ykn biyya kan biraa jiraachuu nan dandaʼa jedhee matumaa yaadee hin beeku. Taʼus, gargaarsa Yihowaatiin wanti hundumtuu akka dandaʼamu barachuun koo na gammachiiseera. Wanti Ermiyaas raajichi, “Yaa Yihowaa, ati na gowwoomsite” jechuudhaan dubbate gara sammuu kootti dhufa. (Er. 20:7) Eeyyee, wantoota gammachiisoo hin eegamnee fi eebbawwan matumaa hin yaanne hedduu nuuf kenneera; hawwiin xiyyaaraan imaluuf qabullee naaf guuteera. Isan ijoollummaa kootti hawwaa ture caalaa xiyyaaraan bakka hedduu deemneerra; waajjiroota damee ardii shan keessatti argaman daawwanneerra. Ramaddii keenya hundarratti deggersa Leesliin naaf goote baayʼeen dinqisiifadha.

Wanta kana hunda kana goonu eenyuu fi maaliif akka taʼe yeroo hunda of yaadachiisna. Eebbawwan yeroo ammaatti arganne, yeroo barabaraaf jiraannu jireenyi maal akka fakkaatu hubachuuf nu gargaaraniiru; yeroo sanatti Yihowaan ‘harka isaa banee, fedhii uumamawwan jiraatoo hundumaa ni quubsa.’—Far. 145:16.