Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 25

Jaarsoliin, Fakkeenya Giidewonirraa Baradhaa

Jaarsoliin, Fakkeenya Giidewonirraa Baradhaa

“Waaʼee Giidewon . . . dubbachuuf yeroon na hin gaʼu.”—IBR. 11:32.

FAARFANNAA 124 Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu

QABIYYEE a

1. Akka 1 Pheexiros 5:2 jedhutti jaarsoliin mirga akkamii qabu?

 JAARSOLIIN hoolota Yihowaa jaallatamoo taʼan akka kunuunsaniif adaraan isaanitti kennameera. Obboloonni amanamoon kun mirga obboloota isaanii tajaajiluuf argataniif iddoo guddaa kennu, “tiksitoota dhugumaan isaan tiksan” taʼuufis carraaqqii guddaa godhu. (Er. 23:4; 1 Pheexiros 5:2 dubbisi.) Dhiironni kun gumii keenya keessa jiraachuu isaaniitti baayʼee galateeffanna.

2. Jaarsolii tokko tokko haala rakkisaa akkamiitu isaan mudata?

2 Jaarsoliin itti gaafatamummaa isaanii yeroo raawwatan haalli rakkisaa hedduun isaan mudata. Fakkeenyaaf, gumichaaf eegumsa gochuun hojii guddaa gaafata. Tooniin inni Yuunaayitid Isteetis keessatti jaarsa taʼee tajaajilu hojii isaaf kennamu fudhachuurratti humna isaa beekuu barachuun isa barbaachiseera. Akkana jedheera: “Weerarri dhibee Kooviid-19 yeroo jalqabetti, walgaʼiiwwanii fi tajaajila qindeessuuf itti gaafatamummaa hedduu fudhadheen ture. Taʼus, hammamiyyuu yoon hojjedhe, yeroo hunda hojiin hojjetamu hin dhabamu ture. Yeroo boodas, Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf, qoʼannaa dhuunfaa godhachuu fi kadhachuuf yeroo dhabuun jalqabe.” Jaarsi gumii Iliir jedhamuu fi Kosoovoo keessa jiraatummoo haalli rakkisaa kan biraan isa mudateera. Naannoo waraanni itti geggeeffamu keessa yeroo turetti qajeelfama tiʼookraasii hordofuun isatti ulfaatee ture. Akkana jedheera: “Waajjirri damee obbolootaa fi obboleettota naannoo balaadhaaf nama saaxilu keessa jiraatan akkan gargaaru yeroo na gaafatetti ija jabinni koo qoramee ture. Sodaadheen ture, qajeelfamni kennames waan deemsisu hin fakkaatu ture.” Misiyooniin Tiim jedhamuu fi Eeshiyaa keessa jiraatu hojii guyyaa guyyaadhaan hojjechuun isa barbaachisu hojjechuun isatti ulfaatee ture. “Yeroo tokko tokko dadhabbii cimaatu natti dhagaʼama” jedheera. Jaarsolii haalli rakkisaan akkasii isaan mudachaa jiru maaltu isaan gargaara?

3. Fakkeenya Giidewon qoruun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

3 Jaarsoliin Giidewon isa abbaa murtii taʼee tajaajilaa turerraa barumsa guddaa argatu. (Ibr. 6:12; 11:32) Giidewon saba Waaqayyoo eegaa fi tiksaa ture. (Abo. 2:16; 1 Sen. 17:6) Jaarsoliinis akkuma Giidewon yeroo baayʼee rakkisaa taʼetti saba Waaqayyootiif kunuunsa akka godhan muudamaniiru. (HoE. 20:28; 2 Xim. 3:1) Giidewon nama humna isaa beeku, gad of qabuu fi nama ajajamu ture; nutis gama kanaan fakkeenya isaa hordofuu dandeenya. Giidewon hojii isaaf kenname yeroo raawwatutti obsi isaa qoramee ture. Jaarsolii taanus taʼuu baannus dinqisiifannaa jaarsolii keenyaaf qabnu guddifachuu dandeenya. Dhiirota jabaatanii hojjetan kana deggeruu ni dandeenya.—Ibr. 13:17.

HUMNA KEESSAN BEEKUUNII FI GAD OF QABUUN YEROO ISINITTI ULFAATU

4. Giidewon humna isaa akka beekuu fi akka gad of qabu kan argisiise akkamitti?

4 Giidewon nama humna isaa beekuu fi gad of qabu ture. b Maleekaan Yihowaa Israaʼelota Miidiyaanota humna guddaa qaban jalaa akka oolchuuf filatamuu isaa yeroo isatti himetti Giidewon gad of qabuudhaan, “Qomoon koo gosa Minaasee keessaa isa hundumaa irra xinnaatu dha; anis mana abbaa koo keessatti iddoo guddaa kan hin qabne dha” jedheera. (Abo. 6:15) Itti gaafatamummaa kana fudhachuuf gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture; Yihowaan garuu akka inni dandaʼu beekee ture. Giidewon gargaarsa Yihowaatiin itti gaafatamummaa isaaf kenname guutummaatti raawwateera.

5. Jaarsi tokko humna isaa beekuunii fi gad of qabuun kan isatti ulfaatu yoom taʼuu dandaʼa?

5 Jaarsoliin waan hundumaarratti humna isaanii akka beekanii fi akka gad of qaban argisiisuuf carraaqqii godhu. (Mik. 6:8; HoE. 20:18, 19) Dandeettii isaaniis taʼe wanta raawwatan arbeessanii hin ilaalan; dadhabina isaaniitiin kan kaʼes gatii akka hin qabne isaanitti hin dhagaʼamu. Taʼus, jaarsi tokko qorumsi isa mudachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, itti gaafatamummaa hedduu fudhatee hunda isaa raawwachuun isatti ulfaachuu dandaʼa. Yookiinimmoo akkaataa itti gaafatamummaa tokko itti raawwate ilaalchisee komatamuu ykn jajamuu dandaʼa. Jaarsoliin fakkeenya Giidewon hordofuun isaanii haala akkasii dandamachuuf kan isaan gargaaru akkamitti?

Jaarsi humna isaa beeku tokko fakkeenya Giidewon hordofuudhaan hojiiwwan akka lallaba addabaabayii jiran qindeessuurratti warra kaan gargaarsa ni gaafata (Keeyyata 6 ilaali)

6. Jaarsoliin humna ofii beekuu ilaalchisee Giidewonirraa maal baratu? (Fakkichas ilaali.)

6 Gargaarsa gaafadhaa. Namni humna isaa beeku wantoonni humna isaatii ol taʼan akka jiran ni hubata. Giidewon warra kaan gargaarsa gaafachuudhaan humna isaa akka beeku argisiiseera. (Abo. 6:27, 35; 7:24) Jaarsoliin ogeeyyii taʼanis akkasuma godhu. Tooniin inni olitti ibsame akkana jedheera: “Akkaataa guddinaa kootiin kan kaʼe hojiiwwan humna kootii ol taʼan fudhachuuf nan qoraman ture. Kanaafuu, waaqeffannaa maatii keenyarratti waaʼee humna ofii beekuu akka qoʼannun murteesse; haati manaa koos yaada akka naaf kennitu nan gaafadhe. Kana malees, viidiyoo Akkuma Yesus Warra Kaan Leenjisaa, Isaan Amanaa Akkasumas Itti Gaafatamummaa Kennaafii jedhamuu fi jw.org irratti argamu nan ilaale.” Achiis Tooniin hojii isaarratti warri kaan akka isa gargaaran affeeruu jalqabe. Maarree, buʼaa akkamii argate? Tooniin, “Hojiin gumii keessaa hojjetamuu dandaʼeera, anis karaa hafuuraa of cimsuuf yeroo dabalataa argachuu dandaʼeera” jedheera.

7. Jaarsoliin yeroo komatamanitti fakkeenya Giidewon hordofuu kan dandaʼan akkamitti? (Yaaqoob 3:13)

7 Yeroo komatamtan garraamummaadhaan deebii kennaa. Jaarsoliin komatamuun isaaniis qorumsa isaanitti taʼuu dandaʼa. Gama kanaanis fakkeenyi Giidewon isaan gargaaruu dandaʼa. Giidewon hirʼina akka qabu waan beekuuf, yeroo namoonni Efreem isa komatanitti garraamummaadhaan deebii kenneera. (Abo. 8:1-3) Giidewon yeroo kanatti hin aarre. Wanta isaan yaaddesse yeroo dubbatanitti isaan dhaggeeffachuudhaan akka gad of qabu argisiiseera, akkasumas malaan haala isaa tasgabbeesseera. Jaarsoliin ogeeyyii taʼanis fakkeenya Giidewon hordofuudhaan yeroo komataman sirriitti dhaggeeffatu, akkasumas garraamummaadhaan deebii kennu. (Yaaqoob 3:13 dubbisi.) Akkas gochuudhaan nageenya gumiitiif gumaacha godhu.

8. Jaarsoliin yeroo jajaman maal gochuu qabu? Fakkeenya kenni.

8 Yihowaan akka jajamu godhaa. Giidewon injifannoo Miidiyaanotarratti argateen kan kaʼe yeroo ulfinni isaaf kennametti, xiyyeeffannaa isaanii gara Yihowaatti akka naannessan godheera. (Abo. 8:22, 23) Dhiironni muudaman fakkeenya Giidewon hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Milkaaʼina argataniif Yihowaan akka jajamu gochuu dandaʼu. (1 Qor. 4:6, 7) Fakkeenyaaf, jaarsi tokko dandeettii barsiisuu isaatiin kan kaʼe yeroo jajamu, warri kaan Dubbii Waaqayyoo isa madda barumsichaa taʼerratti ykn leenjii jaarmiyaa Yihowaarraa argaterratti akka xiyyeeffatan gochuu dandaʼa. Jaarsoliin darbee darbee, ‘Xiyyeeffannaa hin barbaachisne ofitti harkisaan jiraa laata?’ jedhanii of qoruun isaanii gaariidha. Mee muuxannoo jaarsa Tiimootii jedhamuu haa ilaallu. Tiimootiin jaarsa taʼee akkuma muudameen haasaa sabaa dhiheessuun isatti tola ture. Akkana jedheera: “Seensa dheeraa fi fakkeenyota wal xaxoo taʼanittan fayyadama ture. Kanaan kan kaʼes, namoonni yeroo baayʼee na jaju turan. Kan nama gaddisiisu garuu, Kitaaba Qulqulluurratti ykn Yihowaarratti utuu hin taʼin anarratti xiyyeeffachuu jalqaban.” Yeroo boodas, Tiimootiin xiyyeeffannaa hin barbaachisne akka ofitti hin harkisneef akkaataa itti barsiisu sirreessuun akka isa barbaachisu hubate. (Fak. 27:21) Maarree, buʼaan isaa maal ture? Akkana jedheera: “Amma obboloonni haasaan koo rakkina tokko dandamachuuf, qorumsa keessatti jabaatanii dhaabbachuuf ykn caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf akka isaan gargaare natti himu. Yeroo na jajaa turan caalaa amma yaada akkasii yeroon dhagaʼu baayʼeen gammada.”

AJAJAMUUN YOOKIIN IJA JABINA ARGISIISUUN YEROO ISINITTI ULFAATU

Giidewon Yihowaadhaaf ajajamuudhaan baayʼina raayyaa isaa hirʼisee namoota dammaqoo taʼuu isaanii argisiisan 300 filateera (Keeyyata 9 ilaali)

9. Giidewon ajajamuu fi ija jabina argisiisuurratti qorumsi kan isa mudate akkamitti? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)

9 Giidewon abbaa murtii taʼee erga muudamee booda ajajamuunii fi ija jabina argisiisuun isa barbaachisee ture. Iddoo aarsaa Baʼaal isa abbaan isaa ijaare akka balleessu itti gaafatamummaan isaaf kennamee ture; kun wanta lubbuu isaa balaadhaaf saaxilu ture. (Abo. 6:25, 26) Yeroo boodas, Giidewon loltoota erga walitti qabee booda lakkoofsa isaanii akka hirʼisu qajeelfamni isaaf kennamee ture. (Abo. 7:2-7) Dhumarrattis, halkan walakkaa buufata diinotaa akka haleelu isatti himame.—Abo. 7:9-11.

10. Jaarsi tokko ajajamuun isatti ulfaachuu kan dandaʼu haala akkamii keessattidha?

10 Jaarsoliin “ajajamuuf kan [qophaaʼan]” taʼuu qabu. (Yaq. 3:17) Jaarsi ajajamaa taʼe tokko wanta Kitaabonni Qulqulluun dubbatanii fi qajeelfama jaarmiyaan Waaqayyoo kennuuf bitamuuf qophaaʼaadha. Kana gochuudhaan warra kaaniif fakkeenya gaarii taʼa. Taʼus, ajajamuun isatti ulfaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, qajeelfama isaaf kennamu hunda hordofuun isatti ulfaachuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko, ‘Qajeelfamni kun dhuguma ogummaarratti kan hundaaʼedhaa?’ gaaffiin jedhu isatti uumamuu dandaʼa. Yookiinimmoo itti gaafatamummaan bilisummaa isaa balaadhaaf saaxilu isaaf kennamuu dandaʼa. Jaarsoliin haalawwan akkasii keessatti ajajamuudhaan fakkeenya Giidewon hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

11. Jaarsoliin ajajamoo taʼuuf maaltu isaan gargaara?

11 Qajeelfama isiniif kennamu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa, akkasumas hojiirra oolchaa. Waaqayyo Giidewon iddoo aarsaa abbaan isaa ijaare akkamitti akka balleessu, Yihowaadhaaf iddoo aarsaa haaraa eessatti akka ijaaruu fi beelada akkamii aarsaa akka godhu qajeelfama isaaf kenneera. Giidewon qajeelfama isaaf kennamerratti gaaffii kaasuu mannaa, wanta ajajame raawwateera. Yeroo harʼaatti, jaarsoliin jaarmiyaa Yihowaarraa karaa xalayaa fi beeksisaa qajeelfama ni argatu; qajeelfamoonni nageenya hafuuraa fi qaamaa keenya wajjin wal qabatanis isaaniif kennamu. Jaarsolii qajeelfama tiʼookraasii amanamummaadhaan hordofan kana baayʼee jaallanna. Akkas gochuu isaaniitti guutummaan gumichaa ni fayyadama.—Far. 119:112.

12. Jaarsoliin karaa itti wanta tokko raawwatan akka jijjiiran qajeelfamni yeroo isaaniif kennamu, gorsa Ibroota 13:17 irratti argamu hojiirra oolchuu kan dandaʼan akkamitti?

12 Sirreeffama gochuuf fedhii qabaadhaa. Giidewon qajeelfama Yihowaa hordofuudhaan lakkoofsa raayyaa isaa dhibbeentaa 99 oliin akka hirʼise yaadadhu. (Abo. 7:8) Tarii, ‘Jijjiiramni kun barbaachisaadhaa? Akkas gochuun keenyahoo nu baasaa?’ jedhee yaadee taʼuu dandaʼa. Taʼus, Giidewon ajajameera. Jaarsoliin yeroo harʼaa jiranis, yeroo jaarmiyichi wanta kanaan dura gochaa turan akka jijjiiran qajeelfama kennu ajajamuudhaan fakkeenya Giidewon hordofu. (Ibroota 13:17 dubbisi.) Fakkeenyaaf, bara 2014​tti Qaamni Olaanaan karaa itti ijaarsi Galma Walgaʼii fi Galma Walgaʼiiwwan Guguddaa maallaqaan itti deggeramu ilaalchisee jijjiirama godhee ture. (2 Qor. 8:12-14) Sana dura jaarmiyichi gumiiwwan Galma Walgaʼii akka ijaarrataniif maallaqa isaaniif liqeessa ture; gumiiwwanis maallaqicha yeroo booda kaffalu turan. Amma garuu jaarmiyichi gumiin tokko buusiin godhu baayʼee xinnoo yoo taʼellee, Galma Walgaʼii fi Galma Walgaʼiiwwan Guguddaa ijaaruuf buusii gumiiwwan addunyaa maratti argaman hundi godhanitti fayyadama. Hooseen waaʼee jijjiirama kanaa yeroo dhagaʼu, malli kun buʼa qabeessa taʼuu isaa waan shakkeef, ‘Galmi Walgaʼii tokkollee hin ijaaramu; kun biyya keenyatti hin hojjetu’ jedhee ture. Maarree, Hooseen qajeelfama kana deggeruuf maaltu isa gargaare? Akkana jedheera: “Yaanni Fakkeenya 3:5, 6 irratti argamu Yihowaatti amanamuu akkan qabu na yaadachiiseera. Buʼaan argames baayʼee kan nama ajaaʼibsiisu ture! Galmawwan Walgaʼii dabalataa ijaaruu dandeenyeerra; kana malees, wanti nurraa hafe hirʼina warra kaanii akka guutuuf akkamitti buusii gochuu akka dandeenyu baranneerra.”

Yeroo hojii keenyarratti dhorkaan kaaʼamuttillee ija jabinaan dhugaa baʼuu ni dandeenya (Keeyyata 13 ilaali)

13. (a) Giidewon waaʼee maalii mirkanaaʼaa ture? (b) Jaarsoliin fakkeenya Giidewon hordofuu kan dandaʼan akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

13 Ija jabinaan fedhii Yihowaa raawwadhaa. Giidewon sodaatee kan turee fi hojiin isaaf kenname balaadhaaf kan isa saaxilu taʼus Yihowaadhaaf ajajameera. (Abo. 9:17) Yihowaarraa jajjabina erga argatee booda, Waaqayyo saba isaatiif eegumsa gochuurratti akka isa gargaaru amanannaa guutuu qaba ture. Jaarsoliin biyyoota hojiin keenya itti dhorkame keessa jiraatan fakkeenya Giidewon hordofu. Akka hidhaman, akka qorataman, hojii isaanii akka dhaban ykn miidhaan akka isaanirra gaʼu kan doorsifaman taʼus, walgaʼiiwwanii fi tajaajilarratti ija jabinaan dursa fudhatanii geggeessu. c Jaarsoliin yeroo rakkina guddaatti qajeelfama isaaniif kennamu hojiirra oolchuuf ija jabinni isaan barbaachisa; tarii akkas gochuun balaadhaaf isaan saaxiluu dandaʼa. Qajeelfamoonni kun ergaa murtii akka cabbii guguddaa taʼe akkamitti akka lallabnuu fi haleellaa Goog isa biyya Maagoog jalaa ooluuf maal gochuu akka qabnu kan ibsu taʼuu dandaʼa.—His. 38:18; Mul. 16:21.

YEROO OBSI KEESSAN QORAMU

14. Giidewon obsi isaa kan qorame akkamitti?

14 Giidewon abbaa murtii taʼee yeroo hojjechaa turetti hojii hedduu hojjechuu qaba ture. Yeroo Miidiyaanonni isa duraa baqachaa turan sanatti, sulula Yezriʼelirraa kaasee hanga Laga Yordaanositti isaan ariʼeera; naannoon kun bosonaan kan marfame taʼuu hin oolu. (Abo. 7:22) Giidewon Yordaanos bira yeroo gaʼu dhaabbateeraa? Lakki! Innis taʼe namoonni 300 isa faana turan dadhabanii kan turan taʼus, lagicha ceʼuudhaan isaan ariʼuu isaanii itti fufaniiru. Dhumarrattis, Miidiyaanota erga dhaqqabanii booda isaan injifataniiru.—Abo. 8:4-12.

15. Jaarsi tokko obsi isaa qoramuu kan dandaʼu yoomi?

15 Jaarsi tokko gumii fi maatii isaa yeroo kunuunsu qaamni isaas taʼe sammuun isaa baayʼee dadhabuu dandaʼa. Haala akkasii keessatti jaarsoliin fakkeenya Giidewon hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

Jaarsoliin jaalala qabeeyyii taʼan warra gargaarsi isaan barbaachisu hedduu gargaaruu dandaʼaniiru (Keeyyata 16-17 ilaali)

16-17. Giidewon obsa argisiisuuf maaltu isa gargaare? Jaarsoliin waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu? (Isaayyaas 40:28-31) (Fakkichas ilaali.)

16 Yihowaan akka isin cimsu amantii qabaadhaa. Giidewon Yihowaan cimina akka isaaf kennu amantii qaba ture; Yihowaanis isa hin qaanessine. (Abo. 6:14, 34) Yeroo tokko, Giidewonii fi namoonni isa faana turan mootota Miidiyaan lama miilaan duukaa buʼanii ariʼaa turan; mootonni kun baqachaa kan turan garuu gaala yaabbatanii taʼuu hin oolu. (Abo. 8:12, 21) Taʼus, Israaʼelonni kutatoo taʼan kun gargaarsa Waaqayyootiin injifannoo argachuu dandaʼaniiru. Haaluma wal fakkaatuun, jaarsoliinis Yihowaa ‘isa matumaa hin dadhabne yookiin hin bututnetti’ amanamuu dandaʼu. Inni yeroo isaan barbaachisutti cimina isaaniif ni kenna.—Isaayyaas 40:28-31 dubbisi.

17 Mee muuxannoo Maatiwu isa miseensa Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisuu taʼee haa ilaallu. Maatiwu obsa argisiisuuf maaltu isa gargaare? Akkana jedheera: “Yaanni Filiphisiyus 4:13 irratti argamu dhugaa taʼuu isaa jireenya koo keessatti argeera. Yeroo baayʼee yeroon baayʼee dadhabuu fi butututti Waaqayyo humna obboloota koo gargaaruuf na dandeessisu akka naaf kennu cimseen kadhadha. Yeroo akkasiitti, hafuurri Yihowaa humna akka naaf kennee fi obsa argisiisuuf akka na gargaare hubadheera.” Jaarsoliin keenya warri jabaatanii hojjetanis akkuma Giidewon yeroo hoolota Yihowaa jaalalaan tiksanitti gufuuwwan garaagaraa isaan mudachuu dandaʼu. Dhugaadha, humna isaanii beekuu fi wanta hojjechuu barbaadan hunda yeroo hunda hojjechuu akka hin dandeenye hubachuun isaan barbaachisa. Taʼus, Yihowaan kadhannaa gargaarsa argachuuf dhiheessan akka dhagaʼuu fi humna obsuuf isaan barbaachisu akka isaaniif kennu amanuu dandaʼu.—Far. 116:1; Filp. 2:13.

18. Jaarsoliin fakkeenya Giidewon hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

18 Jaarsoliin fakkeenya Giidewonirraa barumsa hedduu argachuu dandaʼu. Baayʼina hojii fudhataniirrattis taʼe, yeroo komataman ykn yeroo jajaman humna isaanii akka beekanii fi akka gad of qaban argisiisuu qabu. Keessumaa yeroo dhumni sirna kanaa baayʼee dhihaachaa jiru kanatti ajajamuu fi ija jabina argisiisuu qabu. Gufuun akkamiiyyuu yoo isaan mudate Waaqayyo isaan cimsuu akka dandaʼu amanuunis isaan barbaachisa. Tiksitoota jabaatanii hojjetan kana baayʼee dinqisiifanna, ‘namoota akka isaaniitiif ulfina guddaa kennina.’—Filp. 2:29.

FAARFANNAA 120 Akka Kiristoositti Garraamota Taʼaa

a Giidewon saba Yihowaa akka tiksuu fi akka eegu kan muudame seenaa saba Israaʼel keessatti yeroo baayʼee rakkisaa taʼe keessatti ture. Giidewon gara waggaa 40tiif itti gaafatamummaa isaa kana amanamummaadhaan raawwateera. Taʼus, haalli rakkisaa hedduun isa mudatee ture. Mata duree kana keessatti, jaarsoliin yeroo harʼaa jiran yeroo qorumsi isaan mudatu fakkeenyi isaa isaan gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe mariʼanna.

b Humna ofii beekuunii fi gad of qabuun amaloota baayʼee wal fakkaatanidha. Humna keenya kan beeknu yoo taʼe, ofii keenyaaf ilaalcha sirrii qabaanna, humni keenya daangeffamaa taʼuu isaas ni hubanna. Kan gad of qabnu yoo taʼe warra kaan ni kabajna, nu caalaa iddoo guddaa akka qabanis ni yaanna. (Filp. 2:3) Namni humna isaa beekummoo gad of qaba.

c Mata duree, “Dhorkaa Keessatti Yihowaa Waaqeffachuu Keessan Itti Fufaa” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Adoolessa 2019, ful. 10-11, key. 10-13 irratti argamu ilaali.