Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mata Dureewwan Dabalataa Masaraa Eegumsaarratti Baʼan

Mata Dureewwan Dabalataa Masaraa Eegumsaarratti Baʼan

Babalʼistoonni hedduun walgaʼiidhaaf qophaaʼuuf JW Library® fayyadamu; liinkiin kallattiidhaan gara mata duree qoʼannaatti geessu jiraachuun isaa isaanitti tola. Taʼus, Masaraan Eegumsaa maxxansa qoʼannaa yeroo baayʼee mata dureewwan nyaata hafuuraa qabatan dabalataas ni qabaata. JW Library® fayyadamuudhaan mata dureewwan kana argachuu fi irraa fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

  • Mata duree qoʼannaa hundumaa jalatti, mata duree xiqqaan “Dubbisa Dabalataa” jedhu jira. Liinkii, “Maxxansa kana keessatti matadureewwan kan biroo” jedhuu fi mata duree xiqqaa kana jalatti argamu tuqi. Baafata mata duree ilaaluudhaan mata duree fi lakkoofsa tokkoon tokkoon mata duree qoʼannaa adda baafachuu dandeessa. Achiis mata duree dabalataa dubbisuu barbaaddu tuqi.

  • Kaʼumsa JW Library irratti kutaa “Wanta Haaraa” jedhu jalaa maxxansa Masaraa Eegumsaa haaraa baʼe buufadhu. Barruu buufatte baniitii baafata mata duree ilaaluudhaan hunda isaaniiyyuu dubbisuu kee mirkaneeffadhu.