MATA DUREE QOʼANNAA 28
Waaqayyoon Sodaachuudhaan Faayidaa Argachuu Keessan Itti Fufaa
“Namni qulqullummaa isaatiin deddeebiʼu Yihowaa sodaata.”—FAK. 14:2.
FAARFANNAA 122 Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa!
QABIYYEE a
1-2. Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiran akkuma Loox rakkina akkamiitu mudachaa jira?
GOCHA naamusaan alaa namoonni addunyaa kanaa raawwatan yeroo ilaallu akkuma Loox nutti dhagaʼama. Loox, Abbaan keenya inni samii amala gadhee akka jibbu waan beekuuf, “addaggummaa namoonni hamoon raawwatanitti baayʼee dhiphachaa ture.” (2 Phe. 2:7, 8) Waaqayyoon sodaachuu fi jaalala isaaf qabaachuun isaa ulaagaa naamusaa gad aanaa namoonni naannoo isaa jiran hordofaa turanirraa fagaachuuf isa kakaaseera. Namoonni naannoo keenya jiranis ulaagaalee naamusaa Yihowaatiif kabaja hin qaban. Taʼus, nuti Waaqayyoof jaalala yoo qabaannee fi sodaa sirrii yoo isaaf qabaanne karaa naamusaa qulqulluu taanee itti fufuu dandeenya.—Fak. 14:2.
2 Yihowaan gama kanaan nu gargaaruuf jajjabina kitaaba Fakkeenyaarraa argannutti fayyadama. Dhiironnis taʼan dubartoonni, dargaggoonnis taʼan maanguddoonni, Kiristiyaanonni hundi gorsa ogummaarratti hundaaʼee fi kitaabicha keessatti argamu qoruudhaan faayidaa guddaa argachuu dandaʼu.
WAAQAYYOON SODAACHUUN EEGUMSA NUUF GODHA
3. Akka Fakkeenyi 17:3 jedhutti sababii guddaan garaa keenya eeggachuuf nu kakaasu maalidha? (Fakkichas ilaali.)
3 Sababii guddaan garaa keenya eeggachuuf nu kakaasu Yihowaan garaa keenya kan qoru taʼuu isaati. Inni wanta namoonni kaan arguu dandaʼan qofa utuu hin taʼin, keessa keenyatti namoota akkamii akka taane sirriitti beeka. (Fakkeenya 17:3 dubbisi.) Sammuu keenya ogummaa jireenya argamsiisuun kan guunnu yoo taʼe Yihowaan nu jaallata. (Yoh. 4:14) Akkas yoo goone addunyaan Seexanaa karaa naamusaa fi karaa hafuuraa miidhaan nurraan hin gaʼu. (1 Yoh. 5:18, 19) Caalaatti Yihowaatti dhihaachaa yeroo deemnu jaalallii fi kabajni isaaf qabnu ni guddata. Abbaa keenya gaddisiisuu waan hin barbaanneef, yaada gara cubbuutti nu geessullee ni jibbina. Wanta sirrii hin taane raawwachuuf yeroo qoramnu, ‘Qaama baayʼee akka na jaallatu argisiise akkamittan taʼe jedhee gaddisiisa?’ jennee of gaafachuu qabna.—1 Yoh. 4:9, 10.
4. Obboleettiin tokko sodaan Yihowaadhaaf qabdu qorumsaaf harka akka hin laanne eegumsa kan ishiidhaaf godhe akkamitti?
4 Obboleettiin Kirooʼeeshiyaa jiraattuu fi Maartaa jedhamtu wanta naamusaan ala taʼe raawwachuuf qoramtee turte; akkana jettee barreessiteetti: “Akka gaariitti yaaduunii fi fedhiin wanta sirrii hin taane raawwachuuf qabu moʼuun natti ulfaatee ture. Haa taʼu malee, sodaan Yihowaaf qabu eegumsa naaf godheera.” b Waaqayyoon sodaachuun keenya gama kanaan kan nu gargaaru akkamitti? Maartaan miidhaa murtoo sirrii hin taane gochuun geessisurratti akka xiinxalte dubbatteetti. Nutis akkasuma gochuu dandeenya. Miidhaan hundarra hammaatu Yihowaa gaddisiisuu fi mirga barabaraaf isa waaqeffachuu dhabuudha.—Uma. 6:5, 6.
5. Muuxannoo Liyoorraa barumsa akkamii argachuu dandeessa?
5 Yihowaa kan sodaannu yoo taʼe namoota wantoota gadhee raawwatanitti hin michoomnu. Liyoon inni Koongoo keessa jiraatu gama kanaan barumsa guddaa argateera. Cuuphamee waggaa afur booda namoota wanta gadhee raawwatanitti michoome. Ofii isaatii wanta gadhee hamma hin raawwannetti Yihowaarratti cubbuu akka hin hojjennetti yaadee ture. Utuma baayʼee hin turin garuu, michoonni isaa kun dhugaatii alkoolii garmalee akka dhuguu fi halalummaa akka raawwatu dhiibbaa isarratti godhan. Booda garuu wanta maatiin isaa isa barsiisanii fi gammachuu duraan qaburratti yaaduu jalqabe. Maarree, buʼaa akkamii argate? Gara qalbii isaatti deebiʼeera. Gargaarsa jaarsoliitiin gara Yihowaatti deebiʼuu dandaʼeera. Amma jaarsa gumii fi qajeelchaa addaa taʼee gammachuudhaan tajaajilaa jira.
6. Wantoota dubartoota lamatti fakkeeffaman kamfaa qorra?
6 Kanatti aansuudhaan Fakkeenya boqonnaa 9 haa qorru. Achirraa waaʼee ogummaa fi gowwummaa dubartoota lamatti fakkeeffamee dubbisna. (Roomaa 5:14; Galaatiyaa 4:24 wajjin wal bira qabii ilaali.) Yeroo boqonnaa kana qorru addunyaan Seexanaa halalummaa fi poornoogiraafii akka jajjabeessu yaadachuu qabna. (Efe. 4:19) Kanaafuu, Waaqayyoon sodaachuun keenyaa fi daandii hamaarraa fagaachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. (Fak. 16:6) Dhiiras taane dubartoota hundi keenyayyuu boqonnaa kanarraa faayidaa argachuu dandeenya. Dubartoonni lamaanuu warra muuxannoo hin qabneef, jechuunis “warra hubannaa hin [qabneef]” affeerrii akka dhiheessan ibsameera. Lamaan isaaniiyyuu akkuma waan, ‘Mana koo koottaa, nyaata nyaadhaa,’ jechuudhaan affeerrii dhiheessaniiti. (Fak. 9:1, 5, 6, 13, 16, 17) Buʼaan affeerrii dubartoonni kun lamaan dhiheessanii garuu baayʼee garaagaradha.
DAANDII GOWWUMMAARRAA FAGAADHU
7. Akka Fakkeenyi 9:13-18 jedhutti, namoota affeerraa dubartii gowwaa sanaa fudhatanirra maaltu gaʼa? (Fakkichas ilaali.)
7 Affeerraa “dubartii gowwaan” dhiheessitu mee haa ilaallu. (Fakkeenya 9:13-18 dubbisi.) Qaanii tokko malee namoonni muuxannoo hin qabne, “gara mana ishii” akka dhufan affeerti. Maarree, namoota affeerraa ishii fudhatanirra maaltu gaʼa? “Warri duʼaan moʼaman achi [jiru].” Fakkeenya darberrattis akkasuma akka jedhame ni yaadatta taʼa. Waaʼee dubartii “addaggee” fi “dubartii baalagee” akeekkachiisni nuuf kennameera. ‘Manni ishii gara duʼaatti akka gad lixu’ nutti himameera. (Fak. 2:11-19) Fakkeenya 5:3-10 irratti “dubartii addaggee” kan biraa ‘miilli ishii gara duʼaatti gad buʼu’ ilaalchisee akeekkachiisni nuuf kennameera.
8. Filannaa akkamii gochuu qabna?
8 Warri “dubartii gowwaa” dhaggeeffatan affeerraa ishii fudhachuu fi dhiisuu keessaa tokko filachuu qabu. Nutis wantoota kana keessaa tokko filachuun nu barbaachisa. Maarree, halalummaa raawwachuuf ykn poornoogiraafii ilaaluuf yoo qoramne maal goona?
9-10. Sababiiwwan halalummaarraa fagaachuuf nu kakaasan tokko tokko kamfaʼi?
9 Sababii gaarii halalummaarraa fagaachuuf nu kakaasu qabna. “Dubartii gowwaan” sun, “Bishaan hatame ni miʼaawa” akka jette ibsameera. “Bishaan hatame” maal argisiisa? Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtiin abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti raawwatamu akkuma bishaan garaa namaa gammachiisuu akka taʼe ibsa. (Fak. 5:15-18) Dhiirrii fi dubartiin seeraan wal fuudhan saalqunnamtii raawwachuudhaan gaaʼela isaanii keessatti gammaduu dandaʼu. “Bishaan hatame” garuu kanarraa baayʼee addadha. Bishaan hatame saalqunnamtii seeraan ala taʼe argisiisa. Akkuma hattuun dhoksaatti hatu, yeroo baayʼee gochi kun dhoksaatti raawwatama. Keessumaa gochi isaanii kun akka isaanirratti hin beekamne yoo yaadan “bishaan hatame” miʼaawaa fakkaatee isaanitti mulʼachuu dandaʼa. Kun gowwummaa guddaadha. Yihowaan waan hundumaa ni arga. Wanti Yihowaa biratti fudhatama dhabuu caalaa hadhaaʼaa taʼe hin jiru; kanaafuu, gochi miidhaa guddaa geessisu akkasii “miʼaawaa” ykn gammachiisaa taʼuu hin dandaʼu. (1 Qor. 6:9, 10) Garuu, miidhaa kan biraas qaba.
10 Namni halalummaa raawwatu qaanii ofitti fiduu, ulfi hin barbaadamne akka uumamu gochuu, maatiin isaa diigamuu fi gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Kanaafuu, “mana” dubartii gowwaa fi maaddii ishiirraa fagaachuun ogummaadha. Namoonni halalummaa raawwatan hedduun dhukkuba garaa garaatiin waan qabamaniif, karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin karaa qaamaas duʼaaf saaxilamu. (Fak. 7:23, 26) Boqonnaan 9 lakkoofsi 18, “keessummoonni [ishii] awwaala gadi fagoo keessa akka jiran” dubbata. Maarree, namoonni baayʼeen affeerraa ishii isa miidhaa guddaa geessisu kan fudhatan maaliifi?—Fak. 9:13-18.
11. Poornoogiraafii ilaaluun miidhaa guddaa geessisa kan jennu maaliifi?
11 Kiyyoon irraa of eeguu qabnu tokko poornoogiraafiidha. Namoonni tokko tokko poornoogiraafii ilaaluun miidhaa akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, poornoogiraafiin wanta miidhaa guddaa geessisu, nama salphisuu fi araada namatti taʼudha. Fakkiiwwan akkasii sammuu keessaa baasuun baayʼee rakkisaadha. Kana malees, poornoogiraafiin fedhii dogoggoraa ajjeesuu mannaa caalaatti akka kakaʼu godha. (Qol. 3:5; Yaq. 1:14, 15) Eeyyee, namoonni poornoogiraafii ilaalan hedduun halalummaa raawwataniiru.
12. Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasanirraa fagaachuuf carraaqqii akka goonu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
12 Meeshaalee elektirooniksii keenyatti utuma fayyadamnuu poornoogiraafiin yoo nu mudate maal gochuu qabna? Yeruma sana of duraa balleessuu qabna. Qabeenyi keenya inni guddaan michummaa Yihowaa wajjin qabnu akka taʼe yoo yaadanne tarkaanfii kana fudhachuun nuuf salphata. Fakkiiwwan akka poornoogiraafiitti hin ilaalamnellee fedhii saalaa kakaasuu dandaʼu. Fakkiiwwan akkasiirraas fagaachuu kan qabnu maaliifi? Garaa keenya keessa yaanni gara halalummaatti nu geessu xinnoonillee akka jiraatu waan hin barbaanneefi. (Mat. 5:28, 29) Jaarsi gumii Taayilaandi keessa jiraatuu fi Deevid jedhamu akkana jedheera: “‘Fakkiiwwan kun poornoogiraafii yoo taʼuu baatanillee ilaaluu koo yoon itti fufe Yihowaan ni gammadaa?’ jedheen of gaafadha. Akkas jedhee yaaduun koo ogummaadhaan tarkaanfii fudhachuuf na gargaara.”
13. Ogummaadhaan tarkaanfii fudhachuuf maaltu nu gargaara?
13 Yihowaa akka hin gaddisiisne sodaachuun keenya gama kanaan tarkaanfii ogummaarratti hundaaʼe fudhachuuf nu gargaara. Yihowaa sodaachuun “jalqaba” ykn buʼuura “ogummaati.” (Fak. 9:10) Fakkeenya boqonnaa 9 jalqabarratti, “ogummaa dhugaan” dubartii kan biraa wajjin wal bira qabamtee ibsamteetti.
AFFEERRAA “OGUMMAA DHUGAAN” SIIF DHIHEESSITU FUDHADHU
14. Fakkeenya 9:1-6 irratti affeerraa kan biraan akkamii ibsameera?
14 Fakkeenya 9:1-6 dubbisi. Caqasa kanarratti affeerraa Uumaan keenya inni maddaa fi buʼuura ogummaa dhugaa taʼe nuuf dhiheesse ibsameera. (Fak. 2:6; Rom. 16:27) Fakkeenya kanarratti manni guddaan utubaa torba qabu ibsameera. Fakkeenyi kun Yihowaan arjaa akka taʼee fi warra ogummaa isaa jireenya isaanii keessatti hojiirra oolchuu barbaadan hunda akka simatu argisiisa.
15. Waaqayyo maal akka goonu nu affeereera?
15 Yihowaan Waaqa arjaa wanta nu barbaachisu baayʼinaan nuuf kennudha. “Ogummaa dhugaa” Fakkeenya boqonnaa 9 irratti dubartiitti fakkeeffamterraa Yihowaan Waaqa akkasii akka taʼe hubanna. Seenaan waaʼee dubartii fakkeenyaan ibsamtee dubbatu kun dubartiin kun mana ishii keessatti guutummaatti foon akka qopheessite, daadhii wayinii ishii akka waliin maktee fi maaddii ishii akka qopheessite dubbata. (Fak. 9:2, milj.) Lakkoofsa 4 fi 5 irratti, ‘ogummaa dhugaan warra hubannaa hin qabneen, “Kottaa, nyaata koo nyaadhaa”’ akka jette ibsameera. Gara mana ogummaa dhugaa deemnee nyaata ishiin qopheessite nyaachuu kan qabnu maaliifi? Yihowaan ijoolleen isaa ogeeyyii akka taʼanii fi nagaa akka qabaatan barbaada. Dogoggora miidhaa nurraan geessisu akka raawwannu hin barbaadu. Inni ‘qajeelotaaf ogummaa kan kuusu’ kanaafi. (Fak. 2:7) Yihowaadhaaf sodaa sirrii yoo qabaanne isa gammachiisuu barbaanna. Gorsa isaa isa ogummaarratti hundaaʼe ni dhageenya; hojiirra oolchuunis nu gammachiisa.—Yaq. 1:25.
16. Alaayin Waaqayyoon sodaachuun isaa murtoo ogummaarratti hundaaʼe gochuuf kan isa gargaare akkamitti? Kunoo buʼaa akkamii argamsiise?
16 Obboleessi Alaayin jedhamu sodaa Waaqayyoo qabaachuun isaa murtoo ogummaarratti hundaaʼe gochuuf kan isa gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Obboleessi jaarsa gumii fi barsiisaa taʼe kun, “Namoonni na wajjin hojjetan hedduun fiilmii poornoogiraafii gosa barnootaa saalqunnamtii keessaa tokko akka taʼetti ilaalu” jedheera. Taʼus, Alaayin kanaan hin gowwoomfamne. Akkana jedheera: “Yihowaa waanan sodaadhuuf, fiilmiiwwan kana ilaaluurraa guutummaattan fagaadha. Sababiin ilaaluu itti hin barbaanne namoota na wajjin hojjetaniif ibseera.” Obboleessi kun gorsa “ogummaa dhugaa,” “Daandii hubannaa irra fuulduratti deemaa” jedhu hojiirra oolcheera. (Fak. 9:6) Barsiisonni isaa wajjin hojjetan tokko tokko Alaayin ejjennoo cimaa akkasii qabaachuun isaa waan isaan dinqisiiseef, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi walgaʼii gumiirratti argamuu jalqabaniiru.
17-18. Warri affeerrii “ogummaa dhugaa” fudhatan eebba akkamii argatu? Gara fuulduraattoo maaltu isaan eeggata? (Fakkichas ilaali.)
17 Yihowaan gara fuulduraatti jireenya gammachiisaa jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisuuf dubartoota fakkeenyaan ibsaman lamaan kanatti fayyadameera. Warri affeerrii “dubartii gowwaa” fudhatan halalummaa raawwachuudhaan gammachuu argachuuf yaalu. Gochi isaanii kun gara fuulduraatti maal akka isaanitti fidu hin yaadan. Dhumni isaanii “Awwaala gad fagoo” keessadha.—Fak. 9:13, 17, 18.
18 Haalli namoota affeerraa “ogummaa dhugaa” fudhatanii garuu, kanarraa baayʼee addadha. Keessummoonni ishii nyaata hafuuraa gaarii fi akka gaariitti qophaaʼe waan soorataniif gammadoodha. (Isa. 65:13) Yihowaan karaa Isaayyaas raajichaa akkana jedheera: “Xiyyeeffannaadhaan na dhaggeeffadhaa, wanta gaarii taʼe nyaadhaa, nyaata dhugumaan gaarii taʼeenis gammachuu guddaa ni argattu.” (Isa. 55:1, 2) Wanta Yihowaan jaallatu akka jaallannuu fi wanta inni jibbu akka jibbinu barachaa jirra. (Far. 97:10) Warri kaan “ogummaa dhugaa” irraa faayidaa akka argatan affeeruudhaan gammachuu arganna. Tajaajiltoota, ‘iddoowwan ol kaʼoo magaalattii irraa “Namni muuxannoo hin qabne kam iyyuu, as haa dhufu” jedhanii waaman’ wajjin wal fakkaanna. Nutis taane warri nu dhagaʼan faayidaa kan argannu amma qofa miti. Affeerraa ogummaa dhugaa fudhachuudhaan ‘daandii hubannaarra fuulduratti deemuu’ keenya yoo itti fufne bara baraaf “lubbuudhaan jiraanna.”—Fak. 9:3, 4, 6.
19. Lallaba 12:13, 14 wajjin haala wal simuun maal gochuuf murteessuu qabna? (Saanduqa “ Waaqayyoon Sodaachuun Keenya Nu Fayyada” jedhus ilaali.)
19 Lallaba 12:13, 14 dubbisi. Sodaan Waaqayyoof qabnu guyyoota dhumaa hamoo taʼan kana keessatti garaa keenyaaf eegumsa gochuudhaan karaa naamusaa fi hafuuraa qulqulluu taanee itti fufuuf kan nu gargaaru haa taʼu. Sodaa akkasii qabaachuun keenya, hamma nuuf dandaʼame namoonni baayʼeen “ogummaa dhugaa” akka barbaadanii fi akka irraa fayyadaman affeeruuf nu kakaasa.
FAARFANNAA 127 Nama Akkamii Taʼuun Qaba?
a Kiristiyaanonni Waaqayyoof sodaa sirrii qabaachuu barbaadu. Sodaan akkasii garaa keenya nuuf eeguu dandaʼa; halalummaa fi poornoogiraafiirraas eegumsa nuuf godha. Mata duree kana keessatti Fakkeenya boqonnaa 9 qorra; mata dureen kun dubartoota lama akka fakkeenyaatti fayyadamuudhaan ogummaa fi gowwummaa walbira qabee ibsa. Boqonnaa kanarraa gorsa yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti nu fayyadu arganna.
b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.