MATA DUREE QOʼANNAA 27
Yihowaa Sodaachuu kan Qabnu Maaliifi?
“Warri isa sodaatan Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabu.”—FAR. 25:14.
FAARFANNAA 8 Yihowaan Dawoo Keenya
QABIYYEE a
1-2. Faarfannaan 25:14 akka jedhutti Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuuf maal gochuu qabna?
NAMA tokko wajjin michummaa cimaa qabaachuuf amalli baayʼee barbaachisaa taʼe isa kami jettee yaadda? Michoonni gaariin wal jaallachuu fi wal gargaaruu qabu jettee deebista taʼa. Michummaa gaarii uumuuf sodaan barbaachisaa akka taʼe sitti hin dhagaʼamu taʼa. Haa taʼu malee, akkuma caqasni ijoon mata duree kanaa ibsu namoonni Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuu barbaadan ‘isa sodaachuu’ qabu.—Faarfannaa 25:14 dubbisi.
2 Yihowaa kan tajaajille yeroo hammamiitiifiyyuu yoo taʼe hundi keenyayyuu sodaa sirrii isaaf qabaachuu qabna. Garuu Waaqa sodaachuu jechuun maal jechuudha? Yihowaa sodaachuu barachuu kan dandeenyuhoo akkamitti? Waaqa sodaachuu ilaalchisee Obaadiyaa isa bulchaa turerraa, Yehoyaadaa isa luba olaanaa turerraa fi Yoʼaas Mooticharraa maal baranna?
WAAQA SODAACHUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?
3. Sodaan nutti dhagaʼamuun isaa eegumsa kan nuuf argamsiisu akkamitti akka taʼe ibsi.
3 Miidhaan taʼe tokko nurra gaʼuu akka dandaʼu yoo yaanne sodaan nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Sodaan akkasii gaarii waan taʼeef tarkaanfii ogummaarratti hundaaʼe fudhachuuf nu kakaasuu dandaʼa. Akka hin kufne sodaachuun keenya qarqara hallayyaatti baayʼee dhihaannee deemuurraa of qusachuuf nu kakaasa. Miidhaan akka nurra hin geenye sodaachuun keenya haala balaadhaaf nu saaxilurraa fagaachuuf nu kakaasa. Michummaan nama jaallannu tokko wajjin qabnu akka addaan hin cinne sodaachuun keenyammoo, wanta gaarii hin taane dubbachuu ykn raawwachuurraa of qusachuuf nu kakaasa.
4. Seexanni Yihowaadhaaf sodaa akkamii akka qabaannu barbaada?
4 Seexanni namoonni Yihowaa garmalee akka sodaatan barbaada. Seexanni akkuma Eliifaaz jedhe Yihowaan Waaqa yeroo hunda aaru, nu adabuu barbaaduu fi gammachiisuun hin dandaʼamne akka taʼe akka amannu barbaada. (Iyo. 4:18, 19) Baayʼee isa sodaannee isa tajaajiluu keenya akka dhiisnu barbaada. Kiyyoo akkasiirraa fagaachuuf Waaqayyoof sodaa sirrii taʼe horachuu qabna.
5. Waaqa sodaachuu jechuun maal jechuudha?
5 Namni Waaqayyoof sodaa sirrii taʼe qabu isa ni jaallata, wanta michummaa isa wajjin qabu jalaa balleessu kamiyyuu raawwachuus hin barbaadu. Yesuus Waaqayyoof sodaa akkasii qaba ture. (Ibr. 5:7) Garmalee isa hin sodaatu ture. (Isa. 11:2, 3) Kanaa mannaa, baayʼee waan isa jaallatuuf isaaf ajajamuu barbaada ture. (Yoh. 14:21, 31) Yihowaan Waaqa jaalala qabeessa, ogeessa, haqa qabeessaa fi humna guddaa qabu waan taʼeef, nutis akkuma Yesuus kabaja guddaa isaaf qabaachuu fi isa sodaachuu qabna. Kana malees, Yihowaan baayʼee akka nu jaallatuu fi deebiin qajeelfama isaatiif kenninu akka isa yaaddessu beekna. Wanti goonu isa gaddisiisuus taʼe garaa isaa gammachiisuu dandaʼa.—Far. 78:41; Fak. 27:11.
WAAQA SODAACHUU BARACHUU
6. Karaan Waaqa sodaachuu barachuu itti dandeenyu tokko isa kami? (Faarfannaa 34:11)
6 Yihowaa sodaachuun wanta nu wajjin dhalatu miti; amala kana horachuu qabna. (Faarfannaa 34:11 dubbisi.) Karaan kana gochuu itti dandeenyu inni tokko uumamawwan isaa qorachuudha. Ogummaa Waaqayyoo, humna isaa fi jaalala isaa isa “wantoota uumaman” irratti mulʼatuuf caalaatti xiyyeeffannaa yeroo kenninu kabajnii fi jaalalli isaaf qabnus caalaatti dabala. (Rom. 1:20) Obboleettiin Adiriyaan jedhamtu, “Ogummaan Yihowaa uumamarratti mulʼatu baayʼee na dinqisiisa, akkasumas Yihowaan wanta naaf wayyu akka beeku hubachuuf na gargaara” jetteetti. Yeroo hunda waaʼee kanaa yaaduun ishii, “Wanta hariiroon Yihowaa isa jireenya naaf kenne wajjin qabu na jalaa balleessu kamiyyuu raawwachuu hin barbaadu” jechuuf ishii kakaaseera. Atoo torbee kana wanta Yihowaan uume tokkorratti xiinxaluuf yeroo ramaduu dandeessaa? Akkas gochuun kee kabajnii fi jaalalli Yihowaadhaaf qabdu akka guddatu godha.—Far. 111:2, 3.
7. Kadhannaan Yihowaadhaaf sodaa sirrii qabaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
7 Karaan Waaqa sodaachuu barachuu itti dandeenyu kan biraanimmoo yeroo hunda kadhachuudha. Caalaatti kadhachuun keenya Yihowaan caalaatti akka nuuf dhugoomu godha. Yeroo humna qorumsa tokko dandamachuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu kadhannu hundatti humna dinqisiisaa inni qabu yaadanna. Ilma isaa waan nuu kenneef yeroo isa galateeffannu jaalala inni nuuf qabu of yaadachiisna. Yihowaan rakkina tokko dandamachuuf akka nu gargaaru cimsinee yeroo kadhannu ogummaa guddaa akka qabu yaadanna. Kadhannaan akkasii kabajni isaaf qabnu akka guddatu godha. Akkasumas wanta michummaa isa wajjin qabnu nu jalaa balleessu kamirraayyuu fagaachuuf murtoo goone nuuf cimsa.
8. Sodaa Waaqayyoof qabnu eeggannee itti fufuuf maal gochuu dandeenya?
8 Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan sodaa Waaqayyoof qabnu eeggannee jiraachuu dandeenya; Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼannu galmi keenya fakkeenyota gaarii taʼanii fi gaarii hin taanerraa barumsa argachuudha. Mee fakkeenya tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan lamaa haa ilaallu; isaanis Obaadiyaa isa bulchaa mana Ahaab Mootichaa taʼee fi Yehoyaadaa isa luba olaanaa taʼedha. Achiis Yoʼaas mootii Yihudaa isa jalqabbiin isaa gaarii turee fi yeroo booda Yihowaa dhiiserraa maal barachuu akka dandeenyu ilaalla.
AKKUMA OBAADIYAA IJA JABEEYYII TAʼAA
9. Obaadiyaan Yihowaa sodaachuun isaa kan isa gargaare akkamitti? (1 Mootota 18:3, 12)
9 Kitaabni Qulqulluun waaʼee Obaadiyaa b dubbachuu kan jalqabu, “Obaadiyaan nama baayʼisee Yihowaa sodaatu ture” jechuudhaani. (1 Mootota 18:3, 12 dubbisi.) Obaadiyaan sodaa sirrii taʼe akkasii qabaachuun isaa kan isa gargaare akkamitti? Mootichi itti gaafatamaa mana mootummaa godhee waan isa muudeef nama amanamaa taʼuuf isa gargaareera. (Nahimiyaa 7:2 wajjin walbira qabii ilaali.) Obaadiyaan nama Waaqa sodaatu taʼuun isaa ija jabina guddaa akka qabaatu isa gargaareera; amalli kun baayʼee isa barbaachisa ture. Kan jiraate bara bulchiinsa Ahaab Mootichaa isa hamaa turee keessadha. Ahaab “Yihowaa duratti wanta [mootota] isa dura turan hunda caalaa hammaatu” raawwateera. (1 Mot. 16:30) Kana malees, haati manaa isaa Iizaabel ishiin Baʼaaliin waaqeffattu Yihowaa baayʼee waan jibbituuf mootummaa kaabaa keessaa waaqeffannaa dhugaa balleessuuf yaalteetti. Raajota Waaqayyoo hedduus ajjeesisteetti. (1 Mot. 18:4) Obaadiyaan Yihowaa waaqeffachaa kan ture yeroo baayʼee ulfaataa taʼe keessa akka ture ifadha.
10. Obaadiyaan ija jabina guddaa kan argisiise akkamitti?
10 Obaadiyaan ija jabina guddaa kan argisiise akkamitti? Iizaabel raajota Waaqayyoo ajjeesuuf yeroo isaan adamsaa turtetti Obaadiyaan raajota 100 fuudhee “50 holqa tokko keessa, 50 immoo holqa kan biraa keessa dhoksee nyaataa fi bishaan isaaniif kennaa” ture. (1 Mot. 18:13, 14) Akkas gochaa akka ture utuu isarratti beekamee ajjeefamuu dandaʼa ture. Obaadiyaan yeroo kanatti sodaatee akka ture ifadha, duʼuus hin barbaadu. Taʼus, Obaadiyaan lubbuu isaa caalaa Yihowaa fi tajaajiltoota isaa jaallata ture.
11. Tajaajiltoonni Yihowaa bara keenyatti argaman fakkeenya Obaadiyaa kan hordofan akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
11 Yeroo harʼaatti tajaajiltoonni Yihowaa biyyoota hojiin keenya itti dhorkame keessa jiraatan hedduun jiru. Obboloonni jaallatamoon kun abbootii taayitaatiif kabaja isaaniif malu ni kennu; taʼus, akkuma Obaadiyaa Yihowaadhaaf wanta isaaf malu ni kennu, jechuunis guutummaatti isaaf bulu. (Mat. 22:21) Namootaaf ajajamuurra Waaqayyoof ajajamuudhaan akka isa sodaatan argisiisu. (HoE. 5:29) Kanas kan godhan misiraachicha lallabuu fi dhoksaatti walitti qabamuu isaanii itti fufuudhaani. (Mat. 10:16, 28) Obboloonnii fi obboleettonni isaanii nyaata hafuuraa isaan barbaachisu akka argatan gargaaruuf carraaqqii godhu. Mee fakkeenya Henarii isa biyya Afrikaa hojiin keenya yeroodhaaf itti dhorkamee ture keessa jiraatuu haa ilaallu. Yeroo dhorkaa sanatti Henariin nyaata hafuuraa obbolootaaf raabsaa ture. Akkana jedhee barreesseera: “Uumama kootiin ija laafessadha. Kanaafuu, ija jabina na barbaachisu kan naaf kenne kabaja guddaa ani Yihowaadhaaf qabu akka taʼe nan amana.” Atoo akka Henarii ija jabina argisiisuu ni dandeessaa? Waaqayyoof sodaa sirrii yoo qabaatte ija jabina argisiisuu ni dandeessa.
AKKUMA YEHOYAADAA ISA LUBA OLAANAA TUREE AMANAMOO TAʼAA
12. Yehoyaadaa fi haati manaa isaa Yihowaadhaaf amanamoo akka taʼan kan argisiisan akkamitti?
12 Yehoyaadaan inni luba olaanaa ture Yihowaa ni sodaata ture; kunimmoo amanamaa taʼuu fi waaqeffannaa dhugaa babalʼisuuf isa kakaaseera. Kunis yeroo Ataaliyaan intalli Iizaabel seeraan ala Yihudaa bulchuu jalqabdetti ifatti mulʼateera. Uummatichi Ataaliyaa sodaachuun isaanii nama hin ajaaʼibsiisu. Dubartiin gara jabeettii fi aangoo argachuuf baayʼee hawwitu tun ilmaan ilmaan ishii warra sanyii mootii taʼan hunda ajjeesuufillee yaalteetti. (2 Sen. 22:10, 11) Ijoollee kana keessaa tokko kan taʼe Yoʼaas, haadha manaa Yehoyaadaa kan taate Yoshaabet waan isa dhoksiteef ooluu dandaʼeera. Yoshaabetii fi abbaan manaa ishii dhoksanii isa kunuunsaa turan. Haala kanaan Yehoyaadaa fi haati manaa isaa sanyiin moototaa karaa Daawit dhufu akka hin banne godhaniiru. Yehoyaadaan Yihowaadhaaf amanamaa ture; Ataaliyaas hin sodaanne.—Fak. 29:25.
13. Yehoyaadaan Yoʼaas umuriin isaa waggaa torba yeroo taʼu ammas Yihowaadhaaf amanamaa akka taʼe kan argisiise akkamitti?
13 Yoʼaas umuriin isaa waggaa torba yeroo taʼu Yehoyaadaan karoora tokko qopheessuudhaan ammas Yihowaadhaaf amanamaa akka taʼe argisiiseera. Karoorri kun yoo milkaaʼe Yoʼaas inni teessoo Daawit dhaaluuf mirga qabu mootii taʼa. Yoo milkaaʼuu baate garuu Yehoyaadaan lubbuu isaa dhabuu dandaʼa. Eebba Yihowaatiin karoorri kun milkaaʼuu dandaʼeera. Yehoyaadaan Yoʼaas mootii akka taʼuu fi Ataaliyaan akka ajjeefamtu godhe; yeroo kanatti dura buutonnii fi Leewwonnis isa gargaaraniiru. (2 Sen. 23:1-5, 11, 12, 15; 24:1) Achiis Yehoyaadaan “saba Yihowaa taʼanii akka itti fufaniif, Yihowaa, mootichaa fi sabicha gidduutti kakuun akka galamu godhe.” (2 Mot. 11:17) “Kana malees, inni namni karaa kamiin iyyuu xuraaʼaa taʼe akka keessa hin galleef, karrawwan mana Yihowaa bira karra eegdota ni dhaabbachiise.”—2 Sen. 23:19.
14. Yehoyaadaan Yihowaadhaaf ulfina kennuu isaatiin ulfina kan argate akkamitti?
14 Sana dura Yihowaan, “Warra ulfina naa kennaniif ulfina nan kenna” jedhee ture. Yihowaan akkuma waadaa galetti Yehoyaadaa eebbiseera. (1 Sam. 2:30) Fakkeenyaaf, barumsa akka irraa argannuuf seenaan Yehoyaadaa Kitaaba Qulqulluu keessatti akka barreeffamu godheera. (Rom. 15:4) Kana malees, Yehoyaadaan yeroo duʼetti ulfinni addaa isaaf kennameera; “Waaqa dhugaa fi mana isaa wajjin haala wal qabateen Israaʼel keessatti wanta gaarii taʼe waan raawwateef, Magaalaa Daawit keessatti moototaa wajjin isa awwaalan.”—2 Sen. 24:15, 16.
15. Seenaa Yehoyaadaarraa maal baranna? (Fakkichas ilaali.)
15 Seenaan Yehoyaadaa hundi keenya sodaa Waaqayyoof qabnu akka guddifannu nu gargaara. Ilaaltonni olaanaa gumii Kiristiyaanaa yeroo hunda dammaqoo taʼuu fi amanamummaadhaan hoolota Waaqayyootiif eegumsa gochuudhaan fakkeenya Yehoyaadaa hordofuu dandaʼu. (HoE. 20:28) Maanguddoonni Yihowaa kan sodaatanii fi isaaf amanamoo taʼanii kan itti fufan yoo taʼe, Yihowaan kaayyoo isaa raawwachuuf isaanitti fayyadamuu akka dandaʼu fakkeenya Yehoyaadaarraa barachuu dandaʼu. Inni matumaa isaan hin dhiisu. Dargaggoonnis akkaataa Yihowaan Yehoyaadaa itti qaberraa barumsa argatu; keessumaa maanguddoota waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaniif ulfina kennuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu dandaʼu. (Fak. 16:31) Hundi keenyayyuu dura buutotaa fi Leewwota Yehoyaadaa deeggaranirraas barumsa argachuu dandeenya. “Warra . . . dura buutota taʼaniif” ajajamuudhaan amanamummaadhaan isaan haa deeggarru.—Ibr. 13:17.
AKKA YOʼAAS MOOTICHAA HIN TAʼINAA
16. Yoʼaas mootii dadhabaa akka ture wanti argisiisu maalidha?
16 Yoʼaas Mootichi dhiibbaa gaarii Yehoyaadaan isarratti godherraa fayyadameera. (2 Mot. 12:2) Kanaan kan kaʼes, ijoollummaa isaatti Yihowaa gammachiisuu barbaada ture. Yehoyaadaan erga duʼee booda garuu, Yoʼaas bulchitoota gantoota taʼan dhagaʼuu jalqabe. Maarree buʼaan isaa maal ture? Innis taʼe uummatichi “utubaawwan waaqeffannaa fi waaqolii tolfamoo tajaajiluu jalqaban.” (2 Sen. 24:4, 17, 18) Yihowaan gocha isaanii kanatti baayʼee waan gaddeef “akka isaan deebisaniif raajota isaaniif erga ture; . . . isaan garuu dhagaʼuu didan.” Zakkaariyaas ilma Yehoyaadaallee dhagaʼuu didaniiru; Zakkaariyaas raajii fi luba Yihowaa qofa utuu hin taʼin durbii Yoʼaas ture. Yoʼaas Mootichi oolmaa maatiin Zakkaariyaas isaaf oolaniif galata dhabuudhaan Zakkaariyaasiin ajjeesiseera.—2 Sen. 22:11; 24:19-22.
17. Dhumni Yoʼaas maal taʼe?
17 Yoʼaas Yihowaa sodaachuu isaa waan itti hin fufneef dhumni isaa gaarii hin turre. Yihowaan, “Warri na tuffatan . . . ni tuffatamu” jedheera. (1 Sam. 2:30) Yeroo booda raayyaan waraanaa Sooriyaa inni xinnoo taʼe “raayyaa waraanaa guddaa” Yoʼaas injifate; isaanis “akka malee . . . isa madeessan.” Yoʼaas Zakkaariyaasiin waan ajjeeseef, warri Sooriyaa erga deemanii booda tajaajiltoonni isaa isa ajjeesaniiru. Mootii hamaan kun “iddoowwan awwaalchaa moototaa keessatti” illee hin awwaalamne.—2 Sen. 24:23-25.
18. Ermiyaas 17:7, 8 akka jedhutti akka Yoʼaas taʼuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Fakkeenya Yoʼaasirraa maal baranna? Yoʼaas akkuma muka hidda gadi hin fageeffannee fi baallaatti hirkatee jiruu ture. Yeroo Yehoyaadaan inni akka baallaatti isa deeggaraa ture duʼettii fi gantoota dhaggeeffachuu jalqabetti kufeera. Fakkeenya kanarraa akka barannutti, Waaqayyoof kan ajajamnu miseensota maatii keenya dabalatee obboloonni gumii keessa jiran akkas akka goonu waan nu jajjabeessaniif qofa taʼuu hin qabu. Karaa hafuuraa cimoo taanee itti fufuuf yeroo hunda qoʼachuu, xiinxaluu fi kadhachuudhaan jaalalaa fi sodaa Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu keenya itti fufuu qabna.—Ermiyaas 17:7, 8 dubbisi; Qol. 2:6, 7.
19. Yihowaan maal nurraa barbaada?
19 Yihowaan wanta humna keenyaa ol taʼe nu hin gaafatu. Wanti inni nurraa barbaadu ajaja Lallaba 12:13 irratti ibsame akka hojiirra oolchinudha: “Waaqa dhugaa sodaadhu, ajajawwan isaas eegi; kun guutummaa dirqama namaa ti.” Waaqa kan sodaannu yoo taʼe qorumsawwan gara fuulduraatti nu mudatan dandamachuu fi akkuma Obaadiyaa fi Yehoyaadaa jabaannee dhaabbachuu dandeenya. Wanti kamiyyuu michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu hin dandaʼu.
FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya
a Kitaabota Qulqulluu keessatti jechi “sodaa” jedhu hiika balʼaa qaba. Akkuma galumsa isaatti romʼuu ykn kabajuu argisiisuu dandaʼa. Mata dureen kun sodaa Abbaa keenya isa samii yeroo tajaajillu ija jabeeyyii fi amanamoo taʼuuf nu kakaasu horachuuf nu gargaara.
b Obaadiyaan kun Obaadiyaa raajicha isa jaarraawwan hedduu booda jiraatee fi kitaaba maqaa isaatiin moggaafame barreesse miti.
c IBSA FAKKII: Hojiin argisiisa kanarratti obboleessi tokko yeroo dhorkaan jirutti nyaata hafuuraa obbolootaaf raabsaa jira.
d IBSA FAKKII: Obboleettiin dargaggeettiin takka bilbilaan dhugaa baʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe obboleettii maanguddoo taaterraa barachaa jirti; obboleessi maanguddoon tokko tajaajila addabaabayiirratti ija jabinaan lallabuudhaan fakkeenya gaarii taʼaa jira; obboleessi muuxannoo qabu tokko Galma Walgaʼii suphuurratti warra kaaniif leenjii kennaa jira.