SEENAA JIREENYAA
Yihowaan Kadhannaa Kootiif Xiyyeeffannaa Kenneera
YEROO umuriin koo waggaa kudhan turetti gaaf tokko galgala ol jedhee samii urjiileedhaan guutame ilaalaan ture. Achiis jilbeenfadhee kadhachuun jalqabe. Waaʼee Yihowaa reefun barachuu jalqabe; taʼus wanta natti dhagaʼame hundan isatti hime. Yihowaa ‘isa kadhannaa namaa dhagaʼu’ wajjin michummaa umurii koo guutuu ture uumuu kanan jalqabe yeroo sanattidha. (Far. 65:2) Waaqan reefu waaʼeesaa barachuu jalqabetti kadhannaa kanan dhiheesse maaliif akka taʼe mee isinittan hima.
DAAWWANNAA JIREENYA KOO JIJJIIRE
Kanan dhaladhe Muddee 22, 1929tti Beeljiyam keessa mandara xinnoo Nooviil jedhamtuu fi magaalaa Baastoonitti dhihoo jirtuttidha. Yeroo gammachiisaa ijoollummaa kootti warra koo wajjin lafa qonnaarratti dabarse hin irraanfadhu. Anii fi obboleessi koo quxusuun Reeyimandi guyyaa guyyaadhaan saawwan elmina turre; midhaan sassaabuurrattis gargaarsa ni goona turre. Mandara keenya keessatti namni hundi wal gargaaree waliin hojjeta ture.
Abbaan koo Eemilii fi haati koo Aliis amantaa Kaatolikii cimsanii hordofu turan. Yeroo hunda Dilbata Qiddaaseerratti ni argamu turan. Haa taʼu malee, naannoo bara 1939tti qajeelchitoonni Ingilaandirraa gara mandara keenyaa dhufan barruu Koonsoleeshin (amma Dammaqaa! jedhama) kontiraata akka galu abbaa koo affeeran. Abbaan koo yeruma sana wanti barruu sanarraa dubbise dhugaa akka taʼe waan hubateef Kitaaba Qulqulluu dubbisuu jalqabe. Qiddaaseerratti argamuu yeroo dhaabu olloonni keenya isatti dhihaatan cimsanii isa mormuu jalqaban. Abbaan koo amantaa Kaatolikii akka hin dhiisne dhiibbaa isarratti godhu turan; sababa kanaan yeroo baayʼee wal falmu turan.
Abbaa koorra dhiibbaa cimaan akkasii yeroo gaʼu arguun baayʼee na dhiphisa ture. Kunis akkuman seensarratti caqase kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan Waaqa gargaarsa gaafachuuf na kakaaseera. Olloonni keenya suutuma suuta abbaa koo mormuu yeroo dhiisan baayʼeen gammade. Yihowaan ‘isa kadhannaa namaa dhagaʼu’ taʼuusaa mirkanaaʼaan taʼe.
JIREENYA YEROO WARAANAATTI DABARSINE
Caamsaa 10, 1940tti bulchiinsi Naazii Beeljiyam weerare; kanaan kan kaʼes namoonni hedduun biyyattii gadhiisanii baqatan. Maatiin keenyas gara kibba Faransaayitti baqate. Karaarratti loltoonni Jarmanii fi loltoonni Faransaayi yeroo wal waraanan argineerra.
Gara lafa qonnaa keenyatti yeroo deebinu qabeenyi keenya baayʼeen akka saamame hubanne. Saree keenya qofatu manatti hafe. Haalonni kun ‘Waraannii fi rakkinni kan baayʼate maaliifi?’ gaaffiin jedhu akka natti uumamu godhaniiru.
Yeroo sanatti jaarsi gumii qajeelchaa taʼee fi Eemilii Shiraanzi a jedhamu nu daawwachuunsaa baayʼee nu fayyadeera. Rakkinni kan nurra gaʼu maaliif akka taʼee fi gaaffileen jireenya ilaalchisee qabu hundumaatiif Kitaaba Qulqulluurraa deebii ifa taʼe nuuf kenne. Anis Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa uumuu fi Waaqa jaalalaa taʼuusaa mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼeera.
Waraanichi dhaabbachuusaa durallee maatiin keenya obboloota kan biroo wajjin wal arguu dandaʼeera. Hagayya 1943tti obboleessi keenya Hoosee Niikolaas Miineet haasaa nuu kennuuf gara lafa qonnaa keenya dhufe. Innis, “Namni cuuphamuu barbaadu jiraa?” jedhee nu gaafate. Abbaan koo yeroo harka baasu anis nan baase. Achiis laga xinnoo naannoo lafa qonnaa keenyatti argamu tokko keessatti cuuphamne.
Muddee 1944 Jarman dhiha Awurooppaatti haleellaa guddaa isa dhumaa Waraana Baalji jedhamee beekamu bante. Naannoo waraanichi itti geggeeffamu waan jiraannuuf gara jiʼa tokkootiif kutaa lafa jalaa mana keenya keessa jiru keessaa baʼuu hin dandeenye. Gaaf tokko horiidhaaf wanta nyaatan kennuuf yeroon gadi baʼu meeshaan waraanaa lafa qonnaa keenyarra buʼe baaxii mana kuusaa barbadeesse. Loltuun Ameerikaa bakka horiin keessa bulan keessa ture tokko “Gadi ciisi!” jedhee iyye. Anis fiigeen isa bira ciise; innis balaarraa akka na eeguuf baarmeexaasaa mataa koorra kaaʼe.
KARAA HAFUURAA GUDDACHUU
Waraanicha booda obboloota gumii magaalaa Liyeejitti argamu tokko keessa jiran wajjin yeroo baayʼee wal arguu dandeenyeerra; gumichi kallattii kaabaatiin gara kiilomeetira 90 nurraa fagaata. Yeroo booda Baastoon keessatti garee qoʼannaa xinnoo tokko hundeessine. Hojii gibira wajjin walqabatu hojjechuu yeroon jalqabu waaʼee seeraa barachuuf carraan argadhe. Boodammoo waajjira mootummaa naannoo keenyatti argamu tokko keessatti hojjechuun jalqabe. Bara 1951tti Baastoon keessatti walgaʼii aanaa godhachuuf qophii goone.
Qajeelchituu hinaaffaa guddaa qabduu fi Eelii Rooyitar jedhamtu dabalatee namoonni gara dhibba tokkoo taʼan walgaʼicharratti argamaniiru. Eeliin walgaʼicharratti argamuuf kiilomeetira 50 saayikiliidhaan imalteetti. Utuma baayʼee hin turin waan wal jaallanneef wal kaadhimanne. Eeliin Yuunaayitid Isteetis deemtee Mana Barumsaa Giiliyaaditti akka barattu affeeramtee turte. Waajjira muummeetti xalayaa barreessitee affeerraa kana kan hin fudhanne maaliif akka taʼe ibsite. Obboleessi keenya Noor gaarummaadhaan tarii gaaf tokko abbaa manaa ishii wajjin Giiliyaaditti barachuu akka dandeessu ishiitti hime. Achiis Guraandhala 1953tti gaaʼela dhaabbanne.Wagguma sanatti anii fi Eeliin walgaʼii Hawaasa Addunyaa Haaraa jedhamuu fi Niwu Yoorkitti Istaadiyeemii Yaankee keessatti geggeeffamerratti argamne. Yeroo achi turretti obboleessi tokko hojii gaarii naa kennuudhaan Yuunaayitid Isteetisitti akka godaannu nu affeere. Dhimmicharratti erga kadhannee booda affeerraasaa fudhachuu dhiisuu fi Beeljiyamitti deebinee garee xinnoo Baastoonitti argamuu fi gara babalʼistoota kudhanii qabu gargaaruuf murteessine. Waggaa ittaanutti mucaa Sargee jedhamu godhanne. Kana nama gaddisiisu jiʼa torba booda Sargeen dhukkubsatee duʼe. Gadda nutti dhagaʼame kadhannaadhaan Yihowaadhaaf ibsineerra; abdii duʼaa kaʼuu isa amansiisaa taʼerraas jajjabina arganneerra.
TAJAAJILA YEROO GUUTUU
Onkoloolessa 1961tti hojii guyyaa walakkaa qajeelchaa taʼee tajaajiluuf na gargaarun argadhe. Taʼus, gaafuma sana tajaajilaan waajjira damee Beeljiyam naaf bilbile. Innis tajaajilaa aanaa (amma ilaaltuu olaanaa aanaa jedhama) taʼee tajaajiluu akkan dandaʼu na gaafate. Anis, “Ramaddii kana fudhachuu keenya dura qajeelchitoota taanee tajaajiluu hin dandeenyuu?” jedheen gaafadhe. Achiis nuuf heyyamame. Jiʼa saddeetiif qajeelchitoota taanee erga tajaajillee booda Fulbaana 1962tti hojii aanaa jalqabne.
Waggaa lamaaf hojii aanaa erga hojjennee booda Beetel isa Biraasalsitti argamutti akka tajaajillu affeeramne. Onkoloolessa 1964tti achitti tajaajiluu jalqabne. Ramaddii haaraan kun eebba hedduu nuuf argamsiiseera. Obboleessi keenya Noor bara 1965tti waajjira damee keenya daawwatee utuma baayʼee hin turin tajaajilaa waajjira damee taʼee yeroon muudamu baayʼeen naʼe. Boodas anii fi Eeliin Mana Barumsaa Giiliyaad kutaa 41ffaarratti akka hirmaannu affeeramne. Wanti obboleessi keenya Noor waggaa 13 dura dubbate ni raawwatame! Erga eebbifamnee booda Beetel isa Beeljiyamitti argamutti deebine.
MIRGA SABA YIHOWAATIIF FALMUU
Waggoota hedduudhaaf barumsa seeraa kanaan dura baradhetti fayyadamee Awurooppaa fi biyyoota kan biroo keessatti mirga waaqeffannaa keenyaaf falmuuf carraa argadheera. (Filp. 1:7) Kanaan kan kaʼes, abbootii taayitaa biyyoota hojiin keenya itti daangeffame ykn dhorkame 55 ol taʼan keessa jiran wajjin wal arguu dandaʼeera. Abbootii taayitaa kana wajjin yeroon wal argu muuxannoon hojii seeraarratti qabu caqasuu mannaa, “Nama Waaqaa” jedheen of beeksisa ture. Yeroo hunda qajeelfama Yihowaa argachuuf nan kadhadha; sababiinsaas, “garaan mootii [ykn abbaa murtii] harka Yihowaa irratti akkuma bishaan yaaʼuu” akka taʼe beeka. “Inni gara barbaadetti isa ni qajeelcha.”—Fak. 21:1.
Yeroon itti miseensa Paarlaamaa Awurooppaa tokko wajjin wal arge ammayyuu nan yaadadha. Isa haasofsiisuuf yeroo baayʼee ergan yaalee booda dhumarratti na haasofsiisuuf walii gale. “Daqiiqaa shan qofan sii kenna, kana caalaa daqiiqaa tokkoyyuu sii hin dabalu” naan jedhe. Anis mataa koo gadi qabee kadhachuun jalqabe. Innis naʼee ‘Maal gochaa jirta?’ naan jedhe. Achiis ol jedheen, “Tajaajiltootasaa keessaa tokko taʼuu keetti Waaqa galateeffachaan jira” jedhee isaaf deebise. Innis, “Maal jechuu keeti?” naan jedhe. Achiis Roomaa 13:4 baaseen itti argisiise. Pirootestaantii waan taʼeef caqasni Kitaaba Qulqulluu kun xiyyeeffannaasaa harkise. Sana boodahoo maaltu taʼe? Saʼaatii walakkaa naaf kenne, mariin keenyas baayʼee buʼa qabeessa ture. Hojii keenyaaf kabaja akka qabullee dubbateera.
Sabni Yihowaa Awurooppaa keessatti siyaasarraa walaba taʼuu, ijoollee guddisuu, gibiraa fi dhimmoota kan biroorratti waggoota hedduudhaaf mirga isaaniitiif falmaniiru. Dhimmoota seeraa kana keessaa baayʼee isaaniirratti hirmaachuu fi Yihowaan milkaaʼinaa fi injifannoo yeroo nuu kennu ijuma kootiin arguuf mirga argadheera. Dhugaa Baatonni Yihowaa Mana Murtii Mirga Namummaa Awurooppaatti dhimmoota seeraa 140 olirratti injifannoo argataniiru!
KUUBAA KEESSATTI HOJIIN MOOTUMMICHAA NI BABALʼATE
Bara 1990mmanitti Kuubaatti hojiin keenya daangeffamee waan tureef obboloonni keenya achi jiran bilisummaadhaan waaqeffachuu akka dandaʼan gargaaruuf, obboleessa keenya Filiippi Biramlii isa waajjira muummeetti tajaajiluu fi obboleessa keenya Vaaltar Faarnetii isa Xaaliyaanitti tajaajilu wajjin hojjedheera. Imbaasii Kuubaa Beeljiyamitti argamuuf xalayaa barreesseen abbaa taayitaa dhimma kana ilaaluuf aangoo qabu tokko wajjin wal argine. Jalqaba yeroo wal arginetti ilaalcha dogoggoraa hojiin keenya akka dhorkamu godhe furuu hin dandeenye turre.
Qajeelfama Yihowaa argachuuf erga kadhannee booda Kitaaba Qulqulluu 5,000 gara Kuubaatti erguuf gaafannee nuuf heyyamame. Kitaabonni Qulqulluun kun achi gaʼanii obbolootaaf erga raabsamanii booda Yihowaan carraaqqii keenya eebbisaa akka jiru hubanne. Ammas Kitaabota Qulqulluu dabalataa 27,500 erguuf gaafanne. Achiis nuuf heyyamame. Obboloonnii fi obboleettonni keenya jaallatamoon Kuubaa jiran Kitaaba Qulqulluu dhuunfaasaanii akka argatan gargaaruun koo baayʼee na gammachiise.
Hojiin keenya seera biratti fudhatama akka argatu gargaaruuf yeroo baayʼee gara Kuubaa deemeera. Yeroo kanatti abbootii taayitaa mootummaa
hedduu wajjin walitti dhufeenya gaarii uumuu dandaʼeera.OBBOLOOTA KEENYA RUWAANDAA JIRAN GARGAARUU
Bara 1994tti Ruwaandaa keessatti duguuggaa sanyii gosa Tutisii irratti raawwatameen namoonni 1,000,000 ol taʼan ajjeefamaniiru. Kan nama gaddisiisu obboloonnii fi obboleettonni keenya tokko tokkos ajjeefamaniiru. Utuma baayʼee hin turin obboloonni muraasni biyyattii keessatti hojii gargaarsaa akka qindeessan gaafataman.
Gareen keenya magaalaa guddoo biyyattii kan taate Kiigaalii yeroo gaʼu waajjirri hiikkaa fi kuusaan barreeffamootaa rasaasaan akka malee rukutamee argine. Waaʼee obbolootaa fi obboleettota gajaraadhaan ajjeefamanii dabalatee seenaawwan nama suukanneessan baayʼee dhageenye. Seenaawwan obboloonni jaalalasaanii hojiidhaan akka argisiisan ibsanis dhageenyeerra. Fakkeenyaaf, obboleessa gosa Tutisii taʼee fi guyyaa 28tiif lafa jala boolla keessa dhokatee ture tokko wajjin wal arginee turre; obboleessa kana kan dhoksan maatii Dhugaa Baatota Yihowaa gosa Huutuu taʼanidha. Walgaʼii Kiigaalii keessatti geggeeffame tokkorratti obbolootaa fi obboleettota 900 oliif jajjabina hafuuraa kennineerra.
Achiis obboloota hedduu Ruwaandaadhaa gara kaampii baqattootaa magaalaa Goomaa biratti argamutti baqatan barbaaduuf daangaa qaxxaamurree gara Zaayer (amma Rippuubliikii Dimokiraatawaa Koongoo jedhamti) deemne. Isaan argachuu waan hin dandeenyeef Yihowaan gara isaaniitti akka nu qajeelchu kadhanne. Achiis namichi tokko gara keenya utuu dhufuu arginee, ‘Dhugaa Baatota Yihowaa beektaa?’ jennee isa gaafanne. Innis, “Eeyyee, anuu Dhugaa Baatuu Yihowaati. Gara koree gargaarsaatti isin geessuu nan dandaʼa” nuun jedhe. Koree gargaarsaa wajjin walgaʼii nama jajjabeessu erga goonee booda jajjabina hafuuraa isaaniif kennuuf baqattoota gara 1,600 taʼan wajjin wal argine. Xalayaa Qaama Olaanaarraa ergames isaaniif dubbisne. Obboloonnii fi obboleettonni yaada akkana jedhu yeroo dhagaʼan baayʼee gammadan: “Yeroo hunda isiniif kadhanna. Yihowaan akka isin hin gatne beekna.” Yaanni Qaama Olaanaa kun dhugaa taʼuunsaa mirkanaaʼeera. Yeroo ammaatti Ruwaandaa keessatti Dhugaa Baatonni Yihowaa 30,000 ol taʼan gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa jiru!
AMANAMAA TAʼEE ITTI FUFUUF KUTADHEERA
Eeliin koo gara waggaa 58tiif erga waliin jiraannee booda bara 2011tti ni boqotte. Gadda natti dhagaʼame Yihowaatti himuun koo na jajjabeesseera. Misiraachoo Mootummichaa namootatti himuun koos jajjabina naa kenneera.
Amma umurii waggoota 90mmanii keessa kanan jiru taʼus torbee torbeedhaan tajaajilarratti nan hirmaadha. Kutaa Seeraa waajjira damee Beeljiyamitti argamu gargaaruun, muuxannoo koo warra kaaniif hiruunii fi dargaggoota Beetel keessatti tajaajilaniif tika gochuunis na gammachiisa.
Gara waggaa 84 dura yeroo jalqabaatiif gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesseen ture. Imala gammachiisaa Yihowaatti caalaatti dhihaachuuf na gargaare kanan jalqabe yeroo sanattidha. Yihowaan jireenya koo guutuu kadhannaa kootiif xiyyeeffannaa kennuu isaatiif baayʼeen isa galateeffadha.—Far. 66:19. b