Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 25

FAARFANNAA 7 Yihowaa, Jabina Keenya

Yihowaan “Waaqa Jiraataa” Akka Taʼe Yaadadhu

Yihowaan “Waaqa Jiraataa” Akka Taʼe Yaadadhu

“Yihowaan jiraataa dha!”FAR. 18:46.

YAADA IJOO

Waaqni waaqeffannu “Waaqa jiraataa” akka taʼe yaadachuun keenya baayʼee nu fayyada.

1. Sabni Yihowaa utuma rakkinni isaan mudatuu isa waaqeffachuusaanii itti fufuuf maaltu isaan gargaara?

 KITAABNI QULQULLUUN yeroo keessa jiraannu “[yeroo] addaa baayʼee rakkisaa taʼe” jedhee ibsa. (2 Xim. 3:1) Sabni Yihowaa rakkoowwan namoota hundarra gaʼaniin alattis mormii fi ariʼatama dandamachuu qabu. Utuma rakkoowwan kun nurra gaʼanii Yihowaa waaqeffachuu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaara? Wanti nu gargaaru inni guddaan Yihowaan “Waaqa jiraataa” akka taʼe beekuu keenyadha.—Er. 10:10; 2 Xim. 1:12.

2. Yihowaan Waaqa jiraataa kan taʼe karaa kamiini?

2 Yihowaan Qaama qorumsa nurra gaʼu hunda arguu fi yeroo hunda nu gargaaruuf qophaaʼaa taʼedha. (2 Sen. 16:9; Far. 23:4) Waaqa jiraataa akka taʼe yaadachuun keenya qorumsa nu mudatu kamiyyuu milkaaʼinaan dandamachuuf nu gargaara. Daawit Mootichi kana yaadachuunsaa kan isa gargaare akkamitti akka taʼe mee haa ilaallu.

3. Daawit “Yihowaan jiraataa dha!” yeroo jedhu maal jechuusaati?

3 Daawit Yihowaa waan beekuuf isatti amanameera. Saaʼol Mooticha dabalatee diinonnisaa yeroo isa ariʼaa turanitti Yihowaan akka isa gargaaru kadhateera. (Far. 18:6) Daawit, Waaqayyo isa oolchuudhaan kadhannaasaatiif deebii erga kennee booda, “Yihowaan jiraataa dha!” jedheera. (Far. 18:46) Daawit yeroo akkas jedhetti Waaqayyo akka jiru dubbachuusaa qofa hin turre. Barreeffamni qorannaa tokko akka jedhetti, Daawit Yihowaan “waaqa jiraataa yeroo hunda sabasaatiif jecha tarkaanfii fudhatu” akka taʼe amanannaa qabu ibsaa ture. Eeyyee, Daawit Waaqnisaa jiraataa akka taʼe jireenyasaa keessatti argeera; amanannaa akkasii qabaachuunsaammoo kutannoo Yihowaa tajaajiluu fi jajachuuf godhe isaaf haaromseera.—Far. 18:28, 29, 49.

4. Yihowaan Waaqa jiraataa akka taʼe yaadachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

4 Yihowaan Waaqa jiraataa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuun keenya hinaaffaadhaan isa tajaajiluuf nu gargaara. Cimina qorumsa dandamachuuf nu barbaachisuu fi kakaʼumsa tajaajilasaa keessatti jabaannee hojjechuuf nu gargaaru ni qabaanna. Akkasumas, isatti dhihaannee jiraachuuf kutanna.

WAAQNI JIRAATAAN SI CIMSA

5. Yeroo qorumsi nu mudatu amanannaa qabaachuuf maaltu nu gargaara? (Filiphisiyus 4:13)

5 Yihowaan jiraataa akka taʼee fi akka nu gargaaru kan yaadannu yoo taʼe, guddaas taʼe xinnaa qorumsa akkamiiyyuu dandamachuu ni dandeenya. Rakkinni nu mudatu kamiyyuu Waaqa keenyaaf ulfaataa miti. Waaqa Hundumaa Dandaʼu waan taʼeef humna jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu nuuf kennuu ni dandaʼa. (Filiphisiyus 4:13 dubbisi.) Kanaafuu, sababii quubsaa qorumsa nu mudatu akka dandamannu amanannaa qabaachuuf nu dandeessisu qabna. Yeroo qorumsi salphaan nu mudatutti gargaarsa Yihowaan nuuf godhu hubachuun keenya, yeroo qorumsi ulfaataan nu mudatuttis akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuuf nu dandeessisa.

6. Daawit ijoollummaasaatti haala amanannaa Yihowaarratti qabu isaaf cimsu akkamiitu isa mudate?

6 Haalawwan Daawitiin mudatanii fi amanannaa Yihowaarratti qabu isaaf cimsan lama haa ilaallu. Ijoollummaasaatti tiksee yeroo turetti amaakennii fi leenci hoolota abbaasaa inni tiksaa ture jalaa fudhatanii turan. Daawit yeroo lamaanittuu bineensota kana duukaa buʼuudhaan hoolaa fudhatan sana afaanii buuseera. Taʼus, Daawit milkaaʼina kana kan argate ofiisaatiin akka taʼe hin yaanne. Yihowaan akka isa gargaare beeka. (1 Sam. 17:34-37) Daawit haala isa mudate kana hin irraanfanne. Kanarratti xiinxaluunsaa Waaqni jiraataan gara fuulduraattis akka isa cimsu amanannaa akka qabaatu isa gargaareera.

7. Daawit ilaalcha sirrii qabaachuunsaa Goliyaadiin loluuf kan isa kakaase akkamitti?

7 Yeroo booda, utuma umurii waggoota kurnanii keessa jiruu taʼuu hin oolu, Daawit buufata raayyaa waraanaa Israaʼel ilaaluuf dhaqe. Loltoonni Israaʼel namicha Filisxeem baayʼee dheeraa taʼee fi Goliyaad jedhamuun kan kaʼe baayʼee jeeqamanii turan; innis, “Loltoota Israaʼel warra hiriira galanii dhaabbatan nan qaanessa” jedha ture. (1 Sam. 17:10, 11) Loltoonni sun kan sodaatan guddina namichaa fi arrabsoo dhagaʼanirratti waan xiyyeeffataniifi. (1 Sam. 17:24, 25) Daawit garuu haala kana karaa kanarraa adda taʼeen ilaaleera. Daawit Goliyaad qoosaa kan jiru raayyaa Israaʼelitti qofa utuu hin taʼin “Waaqa isa jiraataatti” akka taʼe beeka. (1 Sam. 17:26) Yeroo kanatti waaʼee Yihowaa yaadaa ture. Daawit Waaqni yeroo tiksee turetti isa gargaare haala kana keessattis akka isa gargaaru amaneera. Waaqayyo akka isa gargaaru mirkanaaʼaa waan taʼeef Goliyaadiin loluuf baʼe; kana gochuusaattis injifannoo guddaa argateera!—1 Sam. 17:45-51.

8. Yeroo qorumsi nu mudatu Yihowaa yaadachuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

8 Nutis Waaqni jiraataan nu gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼe yoo yaadanne qorumsa nu mudatu milkaaʼinaan dandamachuu dandeenya. (Far. 118:6) Wanta inni kanaan dura raawwaterratti yaaduun keenya amanannaa isarratti qabnu nuuf cimsa. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu Yihowaan tajaajiltootasaa akkamitti akka oolche yaadachuuf si gargaaran dubbisi. (Isa. 37:17, 33-37) Gabaasawwan weebsaayitii keenya jw.org irratti baʼanii fi Yihowaan yeroo ammaatti obboloota keenya gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe argisiisanis ilaaluu dandeessa. Kana malees, waaʼee yeroowwan Yihowaan siif jecha tarkaanfii itti fudhatee yaadachuuf yaali. Yihowaan akka Daawitiin leencaa fi amaaketarraa oolchetti, siif wanta ajaaʼibsiisaa taʼe akka hin goone sitti dhagaʼama taʼa. Dhugaa dubbachuuf, Yihowaan jireenya kee keessatti wanta hedduu siif godheera! Michuusaa akka taatuuf ofitti si harkiseera. (Yoh. 6:44) Hanga ammaatti dhugaa keessa turuu kan dandeesse inni waan si gargaareefi. Waaʼee yeroowwan kadhannaa keetiif deebii itti kennee, yeruma si barbaachisutti itti si deggeree ykn haala rakkisaa keessatti itti si gargaaree yaadachuuf akka si gargaaru maaliif isa hin kadhattu? Muuxannoowwan akkasiirratti xiinxaluun kee Yihowaan siif jecha tarkaanfii akka fudhatu amanannaa qabdu siif cimsa.

Qorumsi nu mudatu kutaa dhimma isa guddaati (Keeyyata 8-9 ilaali)


9. Qorumsa nu mudatuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? (Fakkeenya 27:11)

9 Yihowaan Qaama jiraataa akka taʼe yaadachuun keenya qorumsa nu mudatuuf ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaara. Akkamitti? Qorumsi nu mudatu kutaa dhimma isa guddaa Yihowaa fi Seexana gidduutti kaʼee akka taʼetti ilaalla. Diyaabilos yeroo rakkinni nu mudatu Yihowaa akka dhiisnu dubbateera. (Iyo. 1:10, 11; Fakkeenya 27:11 dubbisi.) Qorumsa nu mudatu milkaaʼinaan yeroo dandamannu garuu, Yihowaa akka jaallannu argisiisna, akkasumas Diyaabilos sobduu taʼuusaa saaxilla. Mormii mootummaa, rakkina diinagdee, dhiibbaa namoota dantaa hin qabnee ykn qorumsa kan biraa dandamachaa jirtaa? Taanaan, haalli keessa jirtu garaa Yihowaa gammachiisuuf carraa akka siif banu yaadadhu. Yihowaan humna keetii ol akka qoramtu matumaa akka hin heyyamnes yaadadhu. (1 Qor. 10:13) Cimina jabaattee dhaabbachuuf si barbaachisu siif kenna.

WAAQNI JIRAATAAN SI BADHAASA

10. Waaqni jiraataan namoota isa waaqeffataniif maal godha?

10 Yihowaan yeroo hundumaa namoota isa waaqeffatan ni badhaasa. (Ibr. 11:6) Yeroo ammaatti nagaa fi gammachuu, gara fuulduraattimmoo jireenya barabaraa nuuf kenna. Yihowaan nu badhaasuu akka barbaaduu fi humna akkas gochuuf isa dandeessisu akka qabu guutummaatti amanuu dandeenya. Amantii akkasii qabaachuun keenya akkuma namoota amanamoo bara durii waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinurratti xiyyeeffachuuf nu kakaasa. Ximotewos akkas godheera.—Ibr. 6:10-12.

11. Ximotewos gumii keessatti jabaatee hojjechuuf maaltu isa kakaase? (1 Ximotewos 4:10)

11 1 Ximotewos 4:10 dubbisi. Ximotewos Waaqa jiraataa abdateera. Yihowaa fi warra kaan tajaajiluuf jabaatee hojjechaa fi carraaqqii cimaa gochaa kan ture kanaafi. Kana kan godhe akkamitti? Phaawulos ergamaan tajaajilarrattis taʼe gumii keessatti barsiisuurratti guddina akka godhu isa jajjabeesseera. Ximotewos dargaggootaa fi maanguddoota dabalatee obboloota gumii keessa jiraniifis fakkeenya gaarii taʼeera. Itti gaafatamummaa ulfaataan warra isaan barbaachisuuf gorsa cimaa garuummoo jaalalarratti hundaaʼe kennuu dabalatu isaaf kennameera. (1 Xim. 4:11-16; 2 Xim. 4:1-5) Ximotewos yeroo tokko tokko warri kaan hojii inni hojjetu arguu ykn dinqisiifachuu baatanis, Yihowaan akka isa badhaasu mirkanaaʼaa ture.—Rom. 2:6, 7.

12. Jaarsoliin gumii keessatti jabaatanii kan tajaajilan maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

12 Yeroo harʼaas, jaarsoliin Yihowaan hojii gaarii isaan hojjetan akka arguu fi akka dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. Jaarsolii hedduun tika gochuu, barsiisuu fi lallabuudhaan alattis, pirojektii ijaarsaarrattii fi yeroo balaatti gargaarsa ni godhu. Jaarsoliin kaanimmoo Garee Namoota Dhukkubsatan Gaafatu ykn Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu keessatti tajaajilu. Jaarsoliin gumicha kan hundeesse nama utuu hin taʼin Yihowaa akka taʼe beeku. Gumii keessatti lubbuu guutuudhaan kan tajaajilan kanaafi; Waaqayyo tajaajilasaaniitiif akka isaan eebbisus guutummaatti amanu.—Qol. 3:23, 24.

Waaqni jiraataan gumicha gargaaruuf jabaattee yeroo hojjettu si badhaasa (Keeyyata 12-13 ilaali)


13. Yihowaan carraaqqii isa tajaajiluuf goonu ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama?

13 Namni hundi jaarsa gumii taʼuu hin dandaʼu. Taʼus, hundi keenyayyuu wanta Yihowaadhaaf kennuu dandeenyu qabna. Waaqni keenya isa tajaajiluuf wanta dandeenyu hunda yeroo goonu baayʼee gammada. Hammamiyyuu yoo xinnaate buusii hojii addunyaa maraatiif goonu ni hubata. Ija laafina keenya moonee walgaʼiirratti yaada kennuuf yeroo harka baasnu, akkasumas wanta nama aarsu tokko calluma jennee bira darbuudhaan yeroo warra kaaniif dhiifama goonu baayʼee gammada. Wanta gochuu barbaaddu hunda gochuu kan hin dandeenye yoo taʼellee, Yihowaan wanta raawwattuuf iddoo guddaa akka kennu amani. Kana gochuu keetti si jaallata, akkasumas si badhaasa.—Luq. 21:1-4.

WAAQA JIRAATAATTI DHIHAADHUU JIRAADHU

14. Yihowaatti dhihaannee jiraachuun keenya amanamummaa keenya eeguuf kan nu gargaaru akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

14 Yihowaan yoo nuuf dhugoome amanamummaa keenya eeguun nuuf salphata. Gama kanaan Yoseef fakkeenya nuuf taʼa. Yoseef halalummaa raawwachuu kan dide Waaqayyo waan isaaf dhugoomee fi isa gaddisiisuu waan hin barbaanneefi. (Uma. 39:9) Yihowaan akka nuu dhugoomuuf, kadhannaa isatti dhiheessuu fi Dubbiisaa qoʼachuuf yeroo ramaduu qabna. Akkas yoo goone michummaan isa wajjin qabnus ni cima. Akkuma Yoseef Yihowaa wajjin michummaa cimaa yoo qabaanne, wanta isa gaddisiisu akkamiiyyuu gochuu hin barbaannu.—Yaq. 4:8.

Waaqa jiraataatti dhihaachuun kee amanamummaa kee eeguuf si gargaara (Keeyyata 14-15 ilaali)


15. Wanta Israaʼelota lafa onaa keessa turan mudaterraa maal baranna? (Ibroota 3:12)

15 Namoonni Yihowaan Waaqa jiraataa taʼuusaa dagatan salphaatti isarraa fagaachuu dandaʼu. Israaʼelonni yeroo lafa onaa keessa turanitti maaltu akka isaan mudate haa ilaallu. Yihowaan akka jiru kan beekan taʼus, wanta isaan barbaachisu akka isaaniif kennu garuu shakkiin isaanitti uumamee ture. Gaaffii, “Yihowaan nu gidduu jira moo hin jiru?” jedhullee kaasanii turan. (Bau. 17:2, 7) Kanaan kan kaʼes, Waaqayyorratti fincilaniiru. Nuti akka isaanii taʼuu akka hin barbaanne beekamaadha.—Ibroota 3:12 dubbisi.

16. Wanti amantii keenya qoruu dandaʼu maalidha?

16 Addunyaan kun Yihowaatti dhihaannee jiraachuun ulfaataa akka nutti taʼu godha. Namoonni hedduun Waaqayyo akka jiru hin amanan. Namoonni Waaqayyoof hin ajajamne yeroo baayʼee gammachuu kan qaban fakkaatanii mulʼatu. Yeroo kana arginu amantiin keenya qoramuu dandaʼa. Waaqayyo jiraachuusaa kan hin haalle taʼus, nuuf jecha tarkaanfii akka fudhatu shakkiin nutti uumamuu dandaʼa. Barreessaan Faarfannaa 73 yeroo tokko miirri akkasii isatti dhagaʼamee ture. Namoonni naannoosaa jiran seerota Waaqayyoo kan hin eegne taʼus, jireenya gammachiisaa jiraachaa akka jiran argee ture. Kanaan kan kaʼes, Waaqayyoon tajaajiluun kan nama hin gaabbisiisne taʼuusaa shakkuu jalqabe.—Far. 73:11-13.

17. Yihowaatti dhihaannee jiraachuuf maaltu nu gargaara?

17 Faarfatichi ilaalchasaa akka jijjiiru maaltu isa gargaare? Wanta namoota Yihowaa dagatanirra gaʼurratti xiinxaleera. (Far. 73:18, 19, 27) Faayidaa Waaqayyoon tajaajiluun argamsiisurrattis yaadeera. (Far. 73:24) Nutis eebbawwan Yihowaan nuuf kennerratti xiinxaluu ni dandeenya. Yihowaa hin tajaajillu utuu taʼee jireenyi keenya maal akka fakkaatu yaaduu dandeenya. Akkas gochuun keenya amanamummaa keenya eeggachuuf nu gargaara; akkuma faarfatichaa, “Gama kootiin garuu, Waaqayyotti dhihaachuun anaaf gaarii dha” jechuu dandeenya.—Far. 73:28.

18. Yeroo gara fuulduraa amanannaadhaan kan eeggannu maaliifi?

18 “Waaqa isa jiraataa fi isa dhugaa akka garbaatti” waan tajaajilluuf, rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate hin sodaannu. (1 Tas. 1:9) Waaqni keenya Waaqa jiraataa tajaajiltootasaatiif jecha tarkaanfii fudhatudha. Bara durii kaasee tajaajiltootasaa wajjin akka taʼu argisiiseera, yeroo harʼaattis nu wajjin jira. Dhiheenyatti lafarratti rakkinni guddaan ni uumama. Taʼus, Yihowaan nu wajjin waan jiruuf, kophaa keenya hin taanu. (Isa. 41:10) Hundi keenyayyuu, “ija jabina guddaadhaan, ‘Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu’” jechuu dandeenya.—Ibr. 13:5, 6.

FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya