MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Sadaasa 2019

Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Muddee 30, 2019–Guraandhala 2, 2020tti qoʼataman qabateera.

Dhumni Dhufuu Isaa Dura Michummaa Cimaa Uumuuf Carraaqqii Godhaa

Muuxannoo Ermiyaas isa michuun isaa Yerusaalem baduu ishii dura duʼa irraa akka oolu isa gargaare irraa barumsa guddaa argachuu dandeenya.

Hafuurri Qulqulluun kan Nu Gargaaru Akkamitti?

Hafuurri Waaqayyoo jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara. Guutummaatti irraa fayyadamuuf garuu tarkaanfiiwwan fudhachuun qabnu afur jiru.

‘Gaachana Amantii Keessan Isa Guddaa’ Eeggachaa Jirtuu?

Amantiin keenya akkuma gaachana nu eeguu ti. Gaachanni amantii keenya haala gaarii irra akka jiru mirkanaaʼoo taʼuuf maal gochuu dandeenya?

Kitaaba Lewwootaa Irraa Barumsa Akkamii Argachuu Dandeenya?

Kitaabni Lewwootaa seerota Yihowaan Israaʼel duriitiif kenne qabateera. Nuti Kiristiyaanota waan taaneef seerota kana jala hin jirru, taʼus irraa fayyadamuu dandeenya.

‘Hojii Jalqabdan Fiixaan Baasaa’

Murtoo sirrii yeroo goonutti illee wanta murteessine sana raawwachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Yaadawwan wanta jalqabde raawwachuuf si gargaaruu dandaʼan hubadhu.

Kana Beektaa?

Bara duriitti bulchitoonni gaʼee akkamii qabu turan?