MATA DUREE QOʼANNAA 46
‘Gaachana Amantii Keessan Isa Guddaa’ Eeggachaa Jirtuu?
“Gaachana amantii guddaa . . . kaasaa.”—EFE. 6:16.
FAARFANNAA 119 Amantii Qabaachuu Qabna
QABIYYEE *
1-2. (a) Efesoon 6:16 akka jedhutti ‘gaachanni amantii guddaan’ kan nu barbaachisu maaliifi? (b) Gaaffiiwwan kamfaa ilaalla?
“GAACHANA amantii guddaa” qabdaa? (Efesoon 6:16 dubbisi.) Akka qabdu hin shakkisiisu. Akkuma gaachanni guddaan tokko kutaalee qaamaa hedduudhaaf eegumsa godhu, amantiin kees wantoota gadhee addunyaa kana keessa jiran irraa jechuunis, gochawwan naamusaan ala taʼan irraa, hammeenyaa fi wantoota ulaagaalee Waaqayyoo wajjin wal hin simne kam irraa iyyuu eegumsa siif godha.
2 Haa taʼu malee, “guyyoota dhumaa” keessa waan jiraannuuf, amantiin keenya qoramuu isaa itti fufa. (2 Xim. 3:1) Gaachanni amantii kee cimaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf qoruu kan dandeessu akkamitti? Gaachana kee jabeessitee qabachuu kan dandeessu hoo akkamitti? Mee deebii gaaffiiwwan kanaa haa ilaallu.
GAACHANA KEESSAN OF EEGGANNOODHAAN QORAA
3. Loltoonni gaachana isaanii maal godhu? Maaliifi?
3 Bara duriitti yeroo baayʼee loltoonni gaachana gogaadhaan uwwifame qabatu turan. Loltoonni gogaan isaa yeroo dheeraa akka turuu fi sibiilli isaa akka hin ligidoofne gochuuf gaachana isaanii zayitii dibu turan. Loltuun tokko gaachanni isaa akka miidhame yoo hubate, yeroo hunda lola itti aanuuf qophaaʼaa taʼuuf gaachanni isaa akka suphame mirkanaaʼaa taʼuu qaba. Fakkeenyi kun amantii kee wajjin kan wal qabatu akkamitti?
4. Gaachana amantii kee qoruu kan qabdu maaliifi? Kana gochuu kan qabdu hoo akkamitti?
4 Akkuma loltoota bara durii atis yeroo hunda lolaaf qophaaʼuuf Efe. 6:10-12) Namni kam iyyuu gaachana amantii keetiif eegumsa gochuu hin dandaʼu. Qorumsa dandamachuuf qophaaʼaa akka taate mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti? Tokkoffaa, Waaqayyo akka si gargaaru isa kadhachuu qabda. Achiis, akka Waaqayyo si ilaalutti of ilaaluuf akka si gargaaru Dubbii Waaqayyootti fayyadamuu si barbaachisa. (Ibr. 4:12) Kitaabni Qulqulluun, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!” jedha. (Fak. 3:5, 6) Kana sammuutti qabachuudhaan murtoowwan dhiheenya kana goote irratti maaliif hin yaaddu? Fakkeenyaaf, rakkinni qarshii cimaa taʼe si mudateeraa? Maarree waadaa Yihowaan Ibroota 13:5 irratti, “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jechuudhaan gale gara sammuu keetti hin dhufnee? Waadaan kun Yihowaan akka si gargaaru amanannaa akka qabaattu si taasiseeraa? Taanaan, kun gaachanni amantii kee haala gaarii irra akka jiraatu gochuuf eeggachaa akka jirtu argisiisa.
gaachana amantii kee qoruu fi eegumsa gochuufii qabda. Kiristiyaanota waan taaneef hafuurota hamoo dabalatee diinota keenya wajjin waraanaa hafuuraa goona. (5. Amantii kee yommuu qortutti maal hubachuu dandeessa?
5 Amantii kee of eeggannoodhaan yommuu qortu wanti argattu si dinqisiisuu dandaʼa taʼa. Tarii dadhabina yeroo muraasaaf utuu hin hubatin hafte akka qabdu hubattee taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, yaaddoon hin barbaachisne, sobnii fi abdii kutachuun amantii kee akka si jalaa miidhe hubatteetta taʼa. Haalli akkasii si mudateera yoo taʼe, amantii kee miidhaa dabalataa irraa eeguu kan dandeessu akkamitti?
YAADDOO HIN BARBAACHISNE, SOBAA FI ABDII KUTACHUU IRRAA OF EEGAA
6. Waaʼee wantoota akkamii yaaddaʼuun keenya gaarii dha?
6 Waaʼee wantoota tokko tokkoo yaaddaʼuun gaarii dha. Fakkeenyaaf, Yihowaa fi Yesuusiin gammachiisuuf yaaddaʼuun gaarii dha. (1 Qor. 7:32) Cubbuu cimaa yoo hojjenne immoo waaʼee michummaa Waaqayyoo wajjin qabnu deebisnee haaromsuu ni yaaddofna. (Far. 38:18) Kana malees, waaʼee hiriyaa gaaʼelaa keenya gammachiisuu, nageenya miseensota maatii keenyaa fi obboloota keenyaa ni yaaddofna.—1 Qor. 7:33; 2 Qor. 11:28.
7. Fakkeenyi 29:25 akka jedhutti nama sodaachuu kan hin qabne maaliifi?
7 Gama biraatiin immoo yaaddoon hin barbaachisne amantii keenya miidhuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, yeroo hunda waaʼee nyaataa fi uffata gaʼaa argachuu dhiphachuu dandeenya. (Mat. 6:31, 32) Yaaddoo akkasii hirʼisuuf immoo qabeenya kuufachuu irratti xiyyeeffachuu dandeenya. Qarshiidhaaf jaalala horachuu illee ni dandeenya. Kun akka taʼu kan heyyamnu yoo taʼe, amantiin Yihowaa irratti qabnu ni laafa, akkasumas karaa hafuuraa miidhaa cimaan nu irra gaʼuu dandaʼa. (Mar. 4:19; 1 Xim. 6:10) Yookiin immoo gosa yaaddoo hin barbaachisne kan biraatiin qabamuu, jechuunis waaʼee namoota biratti fudhatama argachuu garmalee yaaddaʼuu dandeenya. Yihowaa akka hin gaddisiisne sodaachuu caalaa namoonni akka nutti hin qoosnee fi ariʼatamni akka nu irra hin geenye sodaachuu dandeenya. Balaa akkasii irraa of eeguuf, Yihowaan amantii fi ija jabina rakkina dandamachuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu kadhachuu qabna.—Fakkeenya 29:25 dubbisi; Luq. 17:5.
8. Sobni yeroo nu mudatutti maal gochuu qabna?
8 Seexanni inni “abbaa sobaa” taʼe waaʼee Yihowaa fi obboloota keenyaa soba babalʼisuuf warra toʼannaa isaa jala jiranitti fayyadama. (Yoh. 8:44) Fakkeenyaaf, gantoonni karaa weebsaayitii, televijinii fi karaa miidiyaalee kan biroo waaʼee jaarmiyaa Yihowaa soba babalʼisu, akkasumas dhugaa jiru jalʼisanii dhiheessu. Sobawwan kun “xiyyaawwan” Seexanaa warra “bobaʼan” keessaa tokko dha. (Efe. 6:16) Namni tokko waaʼee sobawwan kanaa nutti dubbachuu yoo jalqabe maal gochuu qabna? Isa dhaggeeffachuu hin qabnu! Maaliifi? Sababiin isaas Yihowaa irratti amantii qabna, akkasumas obboloota keenya ni amanna. Gantoota wajjin matumaa hin haasofnu. Hawwiin wanta tokko beekuuf qabnus taʼe namni kam iyyuu ykn wanti akkamii iyyuu isaanii wajjin wal falmuutti akka nu geessu hin heyyamnu.
9. Abdii kutachuun dhiibbaa nu irratti gochuu kan dandaʼu akkamitti?
9 Abdii kutachuun amantii keenya laaffisuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko rakkinni waan nu irra gaʼuuf abdii kutachuu dandeenya. Dhugaadha, rakkinoota kana callisnee bira darbuu hin dandeenyu. Taʼus, rakkoowwan keenya ilaalcha keenya akka toʼatan heyyamuu hin qabnu. Ilaalcha keenya akka toʼatan kan heyyamnu yoo taʼe, abdiiwwan dinqisisaa Yihowaan nuu kenne dagachuu dandeenya. (Mul. 21:3, 4) Miirri abdii kutachuu cimina keenya laaffisuu fi akka harka kenninu nu gochuu dandaʼa. (Fak. 24:10) Kun akka nu irra gaʼu garuu hin barbaannu.
10. Xalayaa obboleettiin takka barreessite irraa maal barattan?
10 Mee obboleettiin Yunaayitid Isteetis keessa jiraattu takka abbaa manaa ishii baayʼee dhukkubsateef kunuunsa gochaa yeroo jirtutti amantii ishii akkamitti akka eeggatte haa ilaallu. Xalayaa waajjira muummeetiif barreessite irratti akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko haalli keenya kan nama dhiphisuu fi abdii kan nama kutachiisu dha, haa taʼu malee abdii qabna. Wantoota Yihowaan amantii keenya cimsuuf, akkasumas nu jajjabeessuuf nuu kenne hundaaf baayʼeen galateeffadha. Dhuguma iyyuu gorsii fi jajjabinni akkasii nu barbaachisa. Yihowaa tajaajiluu keenya akka itti fufnuu fi rakkoowwan Seexanni nu irraan gaʼu dandamachuuf nu gargaareera.” Wanta obboleettiin tun dubbatte irraa miira abdii kutachuu mooʼuu akka dandeenyu baranna. Akkamitti? Rakkoowwan isin irra gaʼan akka qorumsa Seexanaatti ilaalaa. Yihowaan akka isin jajjabeessu amanannaa qabaadhaa. Akkasumas nyaata hafuuraa inni dhiheessuuf dinqisiifannaa qabaadhaa.
11. Amantiin keenya haala akkamii irra akka jiru qoruuf gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?
11 Amantiin kee cimaa taʼuun akka isa barbaachisu hubatteettaa? Jiʼoottan muraasa darbanitti yaaddoo hin barbaachisneen miira abdii kutachuu sitti dhagaʼamu hambisuu dandeesseettaa? Soba gantoonni babalʼisan dhaggeeffachuu fi isaanii wajjin wal falmuu irraa of qusatteettaa? Miira abdii kutachuu hoo dandamachuu dandeesseettaa? Taanaan, amantiin kee haala gaarii irra jira jechuu dha. Haa taʼu malee, Seexanni
meeshaalee itti fayyadamuuf yaalu kan biroos waan qabuuf of eeggachuu qabna. Mee isaan keessaa isa tokko haa ilaallu.JAALALA QABEENYAA IRRAA OF EEGAA
12. Jaalalli qabeenyaa dhiibbaa akkamii nu irraan gaʼuu dandaʼa?
12 Jaalalli qabeenyaa xiyyeeffannaan keenya akka hihhiramuu fi gaachana amantii keenya akka dagannu nu gochuu dandaʼa. Phaawulos ergamaan akkana jedheera: “Namni loltuu taʼee tajaajilu kam iyyuu isa loltuu godhee isa galmeesse biratti fudhatama argachuu waan barbaaduuf, buʼaa argachuuf jedhee hojii daldalaa keessa hin seenu.” (2 Xim. 2:4) Loltoonni Roomaa hojii daldalaa kam iyyuu keessa akka seenan isaaniif hin heyyamamu ture. Maarree loltuun tokko ulaagaa kana yoo hordofuu baate maaltu taʼuu dandaʼa?
13. Loltuun tokko hojii daldalaa keessa kan hin seenne maaliifi?
13 Mee haala kanatti aanee jiru yaadaan ilaali. Gareen loltootaa tokko ganama goraadee isaaniitiin shaakalaa jiru, loltuun inni tokko garuu achi hin jiru. Loltuun kun bakka gabaatti hojii nyaata gurguruutiin qabameera. Gara galgalaa immoo loltoonni sun meeshaa isaanii sakattaʼaa, akkasumas goraadee isaanii qarachaa turan. Loltuun nyaata gurguru sun garuu nyaata guyyaa itti aanutti gurguratu qopheessaa ture. Haa taʼu malee, guyyaa itti aanutti akka tasaa diinonni waraana isaan irratti banan. Maarree waraana kanaaf kan qophaaʼee fi ajajaa isaa biratti fudhatama kan argatu loltuu isa kami? Loltuun si cinaa akka dhaabbatu barbaaddu hoo isa qophaaʼuu irratti xiyyeeffate sana dha moo isa xiyyeeffannaan isaa hihhirame sana dha?
14. Loltoota Kiristoos waan taaneef wanti nuti iddoo guddaa kenninuuf maali dha?
14 Nutis akkuma loltuu gaarii taʼe tokkoo galma keenya isa guddaa irraa xiyyeeffannaan keenya akka hihhiramu hin barbaannu. Galmi keenyas Yihowaa fi Yesuus warra Ajajjoota keenya taʼan biratti fudhatama argachuu dha. Kunis wanta addunyaan Seexanaa dhiheessu hunda argachuu caalaa gatii guddaa kan qabu akka taʼetti ilaalla. Yihowaa tajaajiluuf, gaachana amantii keenya eeggachuuf, akkasumas meeshaan waraanaa hafuuraa keenya kaan haala gaarii irra akka jiraatu gochuuf yeroo fi humna nu barbaachisu akka qabnu mirkanaaʼoo taʼuu qabna.
15. Phaawulos akeekkachiisa akkamii nuuf kenneera? Maaliifi?
15 Yeroo hunda dammaqoo taʼuu qabna. 1 Xim. 6:9, 10) Jechi ‘maquu’ jedhu qabeenya hin barbaachisne argachuuf yaaluudhaan xiyyeeffannaan keenya hihhiramuu akka dandaʼu argisiisa. Achiis ‘hawwii hedduu faayidaa hin qabnee fi miidhaa geessisaniif’ garaa keenya saaxiluu dandeenya. Fedhiiwwan kun garaa keenya keessa akka seenan heyyamuu mannaa meeshaalee waraanaa nu miidhuu dandaʼan akka taʼanitti isaan ilaaluu qabna.
Maaliifi? Phaawulos ergamaan “warri sooressa taʼuuf kutatanii kaʼan” ‘daandii amantii irraa akka maqan’ akeekkachiiseera. (16. Yaanni Maarqos 10:17-22 irra jiru gaaffiiwwan kamfaa irratti akka xiinxallu nu kakaasuu qaba?
16 Mee qarshii wantoota hedduu bituuf nu dandeessisu qabna haa jennu. Wanta barbaanne, garuu immoo dhugumaan nu hin barbaachisne tokko utuu binnee dogoggora raawwachaa jirra jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Mee gaaffiiwwan kanneen irratti yaadi: Wanta tokko bituu kan dandeenyu taʼus, yeroo fi humna wanta sanatti fayyadamuu fi suphuuf nu barbaachisu qabnaa? Qabeenya keenya garmalee jaallachuu yoo jalqabne hoo? Jaalalli qabeenyaaf qabnu akkuma dargaggeessa affeerraa Yesuus tajaajila inni Waaqayyoof dhiheessu akka balʼifatuuf isaaf dhiheesse hin fudhanne sanaa akka taanu nu gochuu hin dandaʼuu? (Maarqos 10:17-22 dubbisi.) Jireenya salphaa jiraachuun, akkasumas yeroo fi humna keenya isa gatii guddaa qabu, fedha Yihowaa raawwachuuf itti fayyadamuun keenya baayʼee barbaachisaa dha!
GAACHANA AMANTII KEESSAN JABEESSAA QABADHAA
17. Maal irraanfachuu hin qabnu?
17 Hundi keenya waraana irra akka jirruu fi guyyaa guyyaadhaan lolaaf qophaaʼuun akka nu irra jiru matumaa irraanfachuu hin qabnu. (Mul. 12:17) Obboloonnii fi obboleettonni keenya gaachana amantii keenya nuuf baachuu hin dandaʼan. Ofuma keenyaa gaachana amantii keenya jabeessinee qabachuu qabna.
18. Loltoonni bara duriitti turan gaachana isaanii jabeessanii kan qabatan maaliifi?
18 Bara duriitti loltuun tokko gootummaa waraana irratti argisiiseef kabaja ni argata ture. Haa taʼu malee, gaachana isaa dhiisee yoo gale akka salphate isatti dhagaʼama ture. Barreessaan seenaa Roomaa Taasitas jedhamu, “Loltuun tokko gaachana isaa dhiisee yoo gale, kun salphina guddaa dha” jechuudhaan barreesseera. Kun sababii itti loltoonni gaachana isaanii jabeessanii qabachuun isaan barbaachisu keessaa isa tokko dha.
19. Gaachana amantii keenya jabeessinee qabachuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti yeroo hunda argamuudhaan, akkasumas waaʼee maqaa Yihowaa fi Mootummaa isaa namootatti himuudhaan gaachana amantii keenya jabeessinee qabachuu dandeenya. (Ibr. 10:23-25) Kana malees, guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo ni dubbisna, akkasumas wanta inni jedhu hojii irra oolchuuf akka nu gargaaru Yihowaa ni kadhanna. (2 Xim. 3:16, 17) Meeshaan Seexanni nu miidhuuf itti fayyadamu kam iyyuu miidhaa itti fufiinsa qabu nu irraan gaʼuu hin dandaʼu. (Isa. 54:17) ‘Gaachanni amantii keenya inni guddaan’ eegumsa nuuf godha. Obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin harka walqabannee jabaannee ni dhaabbanna. Akkasumas, waraana guyyaa guyyaadhaan amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu gochuuf goonu irratti ni injifanna. Hunda caalaa immoo, yommuu Yesuus waraana Seexanaa fi deeggartoota isaa wajjin godhu irratti mooʼicha argatu mirga isa cinaa dhaabbachuu arganna.—Mul. 17:14; 20:10.
FAARFANNAA 118 “Amantii Keenya Nuu Guddisi”
^ key. 5 Loltoonni miidhaan akka isaan irra hin geenyeef gaachanni isaan barbaachisa. Amantiin keenyas akkuma gaachanaa ti. Kanaafuu, akkuma loltoonni gaachana isaanii eeggachuun isaan barbaachisu nutis amantii keenya eeggachuu nu barbaachisa. Mata dureen kun ‘gaachanni amantii keenya inni guddaan’ haala gaarii irra akka jiru mirkaneeffachuuf maal gochuu akka dandeenyu ibsa.
^ key. 58 IBSA FAKKII: Gantoota waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa soba babalʼisan ilaalchisee gabaasni tokko televijiniidhaan yommuu argisiifamu, maatiin Dhugaa Baatota taʼan tokko ariitiidhaan televijinicha yommuu cufan.
^ key. 60 IBSA FAKKII: Yeroo booda, waaqeffannaa maatii isaanii irratti abbaan, amantii maatichaa cimsuuf Kitaaba Qulqulluutti yommuu fayyadamu.