Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 45

Hafuurri Qulqulluun kan Nu Gargaaru Akkamitti?

Hafuurri Qulqulluun kan Nu Gargaaru Akkamitti?

“Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.”—FILP. 4:13.

FAARFANNAA 104 Waaqayyo Hafuura Qulqulluu Nuu Kenna

QABIYYEE *

1-2. (a) Rakkina guyyaa guyyaatti nu irra gaʼu dandamachuuf maaltu nu gargaara? Ibsi. (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

“WAAʼEE rakkina ani keessa darbee yommuun yaadu, humna kootiin qofa rakkina sana akkan hin dandamanne beeka.” Ati akkas jettee beektaa? Baayʼeen keenya akkas jennee beekna. Tarii akkas kan jette dhibee fayyaa cimaa taʼe ykn gadda nama jaalattu duʼaan dhabuu keetiin si irra gaʼe akkamitti akka dandamatte erga yaaddee booda taʼuu dandaʼa. Gara duubaa deebitee yeroo yaaddu guyyaa hunda jabaattee dhaabbachuu kan dandeesse, Yihowaan karaa hafuura qulqulluu ‘humna humna caalu’ waan siif kenneef akka taʼe sitti dhagaʼama.—2 Qor. 4:7-9.

2 Akkasumas dhiibbaa addunyaa hamaan kun nu irraan gaʼu dandamachuuf gargaarsi hafuura qulqulluu nu barbaachisa. (1 Yoh. 5:19) Dabalataanis, “humnoota hafuurota hamoo” wajjin qabsoo gochuu nu barbaachisa. (Efe. 6:12) Dhiibbaawwan nu irra gaʼan kana hunda sammuutti qabachuudhaan, karaawwan hafuurri qulqulluun itti nu gargaaru lama ilaalla. Achiis guutummaatti hafuura qulqulluu irraa fayyadamuudhaaf maal gochuu akka qabnu mariʼanna.

HAFUURRI QULQULLUUN HUMNA NUUF KENNA

3. Karaawwan Yihowaan rakkinoota dandamachuuf itti nu gargaaru keessaa inni tokko isa kami?

3 Hafuurri qulqulluun humna ykn cimina utuma rakkinni jiruu itti gaafatamummaa keenya raawwachuuf nu dandeessisu nuuf kennuudhaan nu gargaara. Phaawulos ergamaan utuma rakkinni jiruu Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufuu kan dandaʼe ‘humna Kiristoositti’ waan amanameef akka taʼe isatti dhagaʼamee ture. (2 Qor. 12:9) Phaawulos adeemsa misiyoonummaa isaa isa lammaffaa irratti hojii lallabaa qofa utuu hin taʼin, wantoota isa barbaachisan guuttachuufis cimee hojjeteera. Kana gochuudhaaf magaalaa Qorontos keessa mana Aqiilaa fi Phirisqillaa taaʼa ture. Hojiin isaanii immoo dunkaana hodhuu dha. Phaawulosis hojii dunkaana hodhuu waan beekuuf guyyaa tokko tokko isaan wajjin hojjeta ture. (HoE. 18:1-4) Hafuurri qulqulluun Phaawulos hojii isaa isa dhuunfaas taʼe tajaajila isaa raawwachuu akka dandaʼu humna isaaf kenneera.

4. Akka 2 Qorontos 12:7b-9 jedhutti Phaawulos rakkina akkamii qaba ture?

4 2 Qorontos 12:7b-9 dubbisi. Caqasa kana irratti Phaawulos ‘qoree foon isaa waraanu’ wajjin walʼaansoo akka godhu yommuu dubbatu maal jechuu isaati? Qoreen qaama kee waraaneera yoo taʼe baayʼee si dhukkubsa. Kanaaf, Phaawulos rakkinni dhuunfaa nama dhukkubsu tokko akka isa muudate dubbachaa jira. Phaawulos rakkinni kun “maleekaa Seexanaa” yeroo hunda isa “kabalu” (“reebu,” milj.) akka taʼe dubbateera. Rakkina Phaawulos isa akka qoree foon isaa waraanuu taʼe kana kallattiidhaan kan itti fide Seexana ykn jinniiwwan taʼuu dhiisuu dandaʼu. Haa taʼu malee, hafuuronni hamoon kun “qoree” sana yommuu argan qaama isaatti dhiibuu, jechuunis dhukkubbii isaa dabaluu barbaadanii taʼuu dandaʼa. Maarree, Phaawulos maal godhe?

5. Yihowaan kadhannaa Phaawulosiif deebii kan kenne akkamitti?

5 Jalqaba irratti Phaawulos ‘qoreen’ sun akka isa irraa fuudhamu barbaadee ture. Phaawulos, “Akka ana irraa fuudhamuuf siʼa sadii Gooftaa [Yihowaa] kadhadheen ture” jedheera. Phaawulos kadhannaa kan dhiheesse taʼus, qoreen foon isaa waraanu kun isa irraa hin fuudhamne. Maarree, kana jechuun Yihowaan kadhannaa Phaawulosiif deebii hin kennine jechuudhaa? Lakki. Deebii isaaf kenneera. Yihowaan rakkinicha kan hin balleessine taʼus, humna jabaatee dhaabbachuuf isa dandeessisu isaaf kenneera. Yihowaan, “Humni koo guutuu kan taʼu yeroo ati dadhabdutti dha” isaan jedheera. (2 Qor. 12:8, 9) Kanaaf, Phaawulos gargaarsa Waaqayyootiin gammachuu isaa fi nagaa isaa eegee jiraachuu dandaʼeera!—Filp. 4:4-7.

6. (a) Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu akkamitti taʼuu dandaʼa? (b) Abdiiwwan caqasoota keeyyaticha keessatti caqasaman keessa jiran irraa jabina akkamii argatte?

6 Ati hoo akkuma Phaawulos Yihowaan rakkina tokko akka siif balleessu kadhattee beektaa? Kadhannaa garaadhaa madde kan dhiheessite taʼus rakkinichi yoo itti fufe ykn yoo hammaate, tarii Yihowaan anatti hin gammanne taʼa jettee yaaddoftaa? Taanaan, fakkeenya Phaawulos yaadadhu. Akkuma Yihowaan kadhannaa Phaawulosiif deebii kenne kadhannaa keetiifis deebii ni kenna! Yihowaan rakkinicha balleessuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, hafuura qulqulluutti fayyadamee jabina rakkina sana dandamachuuf si barbaachisu siif kenna. (Far. 61:3, 4) Tarii ni ‘kufta’ taʼa, Yihowaan garuu si hin gatu.—2 Qor. 4:8, 9; Filp. 4:13.

HAFUURRI QULQULLUUN YIHOWAA TAJAAJILUU KEENYA AKKA ITTI FUFNU NU GARGAARA

7-8. (a) Hafuurri qulqulluun qilleensa wajjin kan wal fakkaatu karaa kamiini? (b) Pheexiros hojii hafuura qulqulluu kan ibse akkamitti?

7 Karaa hafuurri qulqulluun itti nu gargaaru inni kan biraan isa kami? Akkuma qilleensa gaarii galaana bubbee cimaa qabu irratti qilleensaʼuu, hafuurri qulqulluunis rakkinoota akka bubbee cimaa taʼan keessa darbinee addunyaa haaraa Waaqayyo abdachiisetti galuuf fuulduratti akka deemnu nu gargaara.

8 Pheexiros ergamaan nama qurxummii qabu waan tureef waaʼee doonii oofuu wanta baayʼee beeka. Kanaaf hojii hafuurri qulqulluun hojjetu ibsuuf, jecha doonii oofuu wajjin wal qabatetti fayyadamuu isaa hubachuun barbaachisaa dha. Akkana jechuudhaan barreesseera: “Raajiin yoom iyyuu fedhii namaatiin hin dhufne; kanaa mannaa namoonni Waaqayyo biraa ergaman hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii dubbatan.” Jechi Afaan Giriikii “geggeeffamanii” jedhamee hiikame kallattiidhaan yeroo hiikamu “oofamanii” jechuu dha.—2 Phe. 1:21; milj.

9. Pheexiros hafuura qulqulluudhaan “oofamanii” yommuu jedhu namoonni maal akka yaadan barbaadee ti?

9 Pheexiros hafuura qulqulluudhaan “oofamanii” yommuu jedhu namoonni maal akka yaadan barbaadee ti? Barreessaa kitaaba Hojii Ergamootaa kan taʼe Luqaasis doonii qilleensaan ‘oofamu’ ibsuuf jecha Afaan Giriikii wal fakkaatutti fayyadameera. (HoE. 27:15) Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko akka ibsetti Pheexiros barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu akka “oofaman” yommuu barreessu “fakkeenya galaana irraa dinqisiisaa taʼetti” fayyadameera. Pheexiros, akkuma dooniin tokko adeemsa isaa xumuruuf qilleensaan oofamu, raajonnii fi barreessitoonni Kitaaba Qulqulluus hojii isaanii raawwachuuf hafuura qulqulluudhaan akka oofaman dubbateera. Hayyuun olitti ibsame kun namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan akkuma doonii “sharaan isaa diriiree” akka taʼan dubbateera. Hojii hafuurri qulqulluun akka hojjetaniif isaan qajeelche hojjechuuf qophaaʼoo turan. Yihowaan gama isaatiin wanta gochuun isa barbaachisu godheera. Inni “qilleensicha” ykn hafuura qulqulluu kenneera. Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluus gama isaaniitiin wanta isaan irraa eegamu godhaniiru. Qajeelfama hafuurri sun isaaniif kennu wajjin haala wal simuun hojjetaniiru.

TARKAANFII 1FFAA: Yeroo hunda sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaadhu

TARKAANFII 2FFAA: Hamma dandeesse sochiiwwan hafuuraa irratti guutummaatti hirmaadhu (Keeyyata 11 ilaali) *

10-11. Hafuura qulqulluudhaan geggeeffamaa akka jirru mirkanaaʼoo taʼuuf tarkaanfiiwwan akkamii lama fudhachuu qabna? Fakkeenya kenni.

10 Dhugaadha, yeroon itti hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii kitaaba barreessan darbeera. Taʼus, Yihowaan tajaajiltoota isaa qajeelchuuf ammas hafuura qulqulluutti ni fayyadama. Yihowaan ammas gaʼee isaa raawwachaa jira. Maarree, hafuura qulqulluu irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Nutis gama keenyaan gaʼee keenya raawwachaa akka jirru mirkanaaʼoo taʼuu nu barbaachisa. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Mee fakkeenya kanatti aanee jiru ilaali. Namni doonii oofu tokko qilleensicha irraa fayyadamuuf wanta lama gochuu qaba. Tokkoffaa, doonii isaa kallattii qilleensi qilleensaʼaa jiru irra kaaʼuu qaba. Dhugaadha namni doonii oofu sun bakka qilleensi qilleensaʼu irraa fagaatee qarqara bishaanichaa irra yoo dhaabbate dooniin isaa deemuu hin dandaʼu. Lammaffaa, hamma dandaʼame sharaa isaa sirriitti ol kaasuu fi diriirsuu isa barbaachisa. Qilleensi kan qilleensaʼu taʼus dooniin isaa gara fuulduraatti deemuu kan dandaʼu qilleensi sharaa doonichaa yoo guute qofa akka taʼe ifa dha. Haaluma wal fakkaatuun tajaajila Yihowaa keessatti jabaannee dhaabbachuu kan dandeenyu gargaarsa hafuura qulqulluu yoo qabaanne qofa dha. Nutis hafuura kana irraa fayyadamuuf tarkaanfii lama fudhachuu qabna. Tokkoffaa, sochiiwwan dhiibbaa hafuura qulqulluu jala nu galchuu dandaʼan irratti hirmaachuudhaan bakka hafuurri Waaqayyoo jiru of kaaʼuu qabna. Lammaffaa, Sochiiwwan kanneen irratti hamma dandeenyu guutummaatti hirmaachuudhaan “sharaa keenya” sirriitti “diriirsuu” nu barbaachisa. (Far. 119:32) Tarkaanfiiwwan kanneen yommuu fudhannu, hafuurri qulqulluun hamma addunyaa haaraa Waaqayyo fidu geenyutti jabina amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf nu gargaaru nuuf kenna.

12. Kanatti aansinee waaʼee maalii ilaalla?

12 Hamma ammaatti karaawwan hafuurri qulqulluun itti nu gargaaru lama ilaalleerra. Hafuurri qulqulluun humna nuuf kenna, yeroo rakkinni nu muudatuttis amanamoo taanee akka jiraannu nu gargaara. Kana malees hafuurri qulqulluun gara fuulduraatti akka deemnuu fi daandii gara jireenya bara baraatti geessu irra deemuu keenya akka itti fufnu nu gargaara. Mee amma immoo hafuura qulqulluu irraa guutummaatti fayyadamuuf wantoota gochuu qabnu afur haa ilaallu.

HAFUURA QULQULLUU IRRAA GUUTUMMAATTI FAYYADAMUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

13. Akka 2 Ximotewos 3:16, 17 jedhutti Kitaabni Qulqulluun maal gochuuf nu gargaara? Nuti hoo maal gochuu qabna?

13 Tokkoffaa, Dubbii Waaqayyoo qoʼadhaa. (2 Ximotewos 3:16, 17 dubbisi.) Jechi Afaan Giriikii “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin” jedhamee hiikame kallattiidhaan “kan Waaqayyo hafuura itti baafate” jechuu dha. Waaqayyo yaada isaa sammuu namoota Kitaaba Qulqulluu barreessanii keessa kaaʼuuf hafuura isaatti fayyadameera. Kanaaf, Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnuu fi wanta dubbisne irratti yommuu xiinxallu, qajeelfamni Waaqayyoo sammuu fi garaa keenya seena. Yaadawwan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kun jireenya keenya fedha Waaqayyoo wajjin wal simsiisuuf nu kakaasu. (Ibr. 4:12) Haa taʼu malee, hafuura qulqulluu irraa guutummaatti fayyadamuuf yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf, akkasumas wanta dubbisne irratti gadi fageenyaan xiinxaluuf yeroo ramaduu qabna. Akkas kan goonu yoo taʼe Dubbiin Waaqayyoo wanta dubbannuu fi raawwannu hunda irratti dhiibbaa qabaata.

14. (a) Walgaʼiiwwan keenya irratti hafuurri qulqulluun ni argama kan jennu maaliifi? (b) Walgaʼiiwwan keenya irratti hafuura qulqulluu irraa guutummaatti fayyadamuuf maaltu nu gargaara?

14 Lammaffaa, warra kaanii wajjin Waaqayyoon waaqeffadhaa. (Far. 22:22) Walgaʼiiwwan keenya bakka hafuurri Yihowaa itti argamu dha. (Mul. 2:29) Akkas kan jennu maaliifi? Sababiin isaas yommuu obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin waaqeffannaadhaaf walitti qabamnu, hafuura qulqulluu argachuudhaaf ni kadhanna, faarfannaawwan Mootummichaa Dubbii Waaqayyoo irratti hundaaʼan faarfanna, akkasumas qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi obboloonni hafuura qulqulluudhaan muudaman kennan dhaggeeffanna. Kana malees hafuurri qulqulluun obboleettonnis kutaa isaanii akka qophaaʼanii fi akka dhiheessan isaan gargaara. Haa taʼu malee, hafuura qulqulluu irraa guutummaatti fayyadamuuf sirriitti qophoofnee walgaʼii irratti hirmaannaa gochuu qabna. Kana gochuudhaan yommuu walgaʼii irratti argamnu akkuma doonii sharaan isaa diriiree nutis hafuura qulqulluu irraa fayyadamuuf qophaaʼoo taana.

15. Hafuurri qulqulluun hojii lallabaa irratti kan nu gargaaru akkamitti?

15 Sadaffaa, hojii lallabaa irratti hirmaadhaa. Hojii lallabuu fi barsiisuu irratti Kitaaba Qulqulluutti yommuu fayyadamnu hafuurri qulqulluun tajaajila keenya irratti akka nu gargaaru heyyamna. (Rom. 15:18, 19) Taʼus, hafuura Waaqayyoo irraa guutummaatti fayyadamuuf yeroo hunda hojii lallabaa irratti hirmaachuu fi yeroo siif dandaʼame hundatti Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuu qabda. Karaan tajaajila irratti namoota wajjin marii gaarii gochuu itti dandeessu inni tokko maree fakkeenya taʼanii fi Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa irratti baʼanitti fayyadamuu dha.

16. Karaan inni guddaan hafuura qulqulluu argachuu itti dandeenyu isa kami?

16 Arfaffaa, Yihowaa kadhadhaa. (Mat. 7:7-11; Luq. 11:13) Hafuura Qulqulluu argachuuf karaan inni guddaan kadhannaadhaan Yihowaa gaafachuu dha. Wanti kadhannaan keenya Yihowaa bira akka hin geenye dhoowwuu dandaʼu hin jiru ykn kennaa gaarii hafuurri Waaqayyoo nuuf kennu manni hidhaas taʼe Seexanni illee dhoowwuu hin dandaʼu. (Yaq. 1:17) Maarree, hafuura qulqulluu irraa guutummaatti fayyadamuuf akkamitti kadhachuu qabna? Deebii isaa argachuuf, kadhannaa ilaalchisee fakkeenya Wangeela Luqaas qofa keessatti galmeeffamee argamu tokko haa ilaallu. *

IRRA DEDDEEBIʼAA KADHADHAA

17. Kadhannaa ilaalchisee fakkeenya Yesuus Luqaas 11:5-9, 13 irratti dubbate irraa maal barachuu dandeenya?

17 Luqaas 11:5-9, 13 dubbisi. Fakkeenyi Yesuus hafuura Waaqayyoo argachuuf akkamitti kadhachuu akka qabnu argisiisa. Fakkeenya sana irratti namichi sun ‘sababii irra deddeebiʼee ija jabinaan gaafateef’ wanta barbaadu argateera. Yeroon isaa halkan taʼus michuu isaa gargaarsa gaafachuu hin sodaanne. Yesuus fakkeenya kana kadhannaa wajjin kan wal qabsiise akkamitti? Akkana jedheera: “Kadhachuu keessan itti fufaa isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa isiniif ni banama.” Kana irraa maal baranna? Gargaarsa hafuura qulqulluu argachuuf irra deddeebinee kadhachuu qabna.

18. Fakkeenyi Yesuus dubbate akka argisiisutti Yihowaan hafuura qulqulluu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

18 Fakkeenyi Yesuus dubbate Yihowaan hafuura qulqulluu kan nuuf kennu maaliif akka taʼe hubachuufis nu gargaara. Namichi fakkeenya kana irratti ibsame keessummaa isaa sirriitti keessummeessuu barbaadee ture. Keessummaa halkan gara isaa dhufe kanaaf nyaata dhiheessuu akka qabu kan isatti dhagaʼame taʼus wanta isaaf dhiheessu garuu hin qabu ture. Yesuus namichi sun irra deddeebiʼee waan gaafateef michuun isaa daabboo akka isaaf kenne dubbateera. Yesuus maal barsiisuu barbaade? Namni mudaa qabu tokko michuu isaa irra deddeebiʼee isa gaafate gargaaruuf fedhii erga qabaatee, Abbaan keenya inni samii immoo warra irra deddeebiʼanii isa gaafataniif hafuura qulqulluu caalchisee akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Kanaafuu Yihowaan hafuura qulqulluu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taanee isa kadhachuu dandeenya.—Far. 10:17; 66:19.

19. Injifannoo argachuu akka dandeenyu mirkanaaʼoo kan taanu maaliifi?

19 Seexanni nu injifachuuf carraaqqii wal irraa hin cinne kan godhu taʼus, akka isa moonu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Maaliifi? Sababiin isaas hafuurri qulqulluun karaa lamaan nu gargaara. Tokkoffaa, humna rakkinoota dandamachuuf nu barbaachisu nuuf kenna. Lammaffaa, hafuurri qulqulluun humna hanga addunyaa haaraatti Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf nu gargaaru dha. Kanaaf hundi keenya hafuura qulqulluu irraa guutummaatti fayyadamuuf murtoo cimaa haa goonu!

FAARFANNAA 41 Maaloo Kadhannaa Koo Naa Dhagaʼi

^ key. 5 Mata dureen kun hafuurri qulqulluun jabaannee dhaabbachuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ibsa. Akkasumas gargaarsa hafuura qulqulluu irraa guutummaatti fayyadamuuf maal gochuu akka dandeenyu dubbata.

^ key. 16 Barreessitoota Wangeelaa keessaa hunda caalaa Luqaas, jireenya Yesuus keessatti kadhannaan iddoo guddaa akka qabu ibseera.—Luq. 3:21; 5:16; 6:12; 9:18, 28, 29; 18:1; 22:41, 44.

^ key. 59 IBSA FAKKII: TARKAANFII 1FFAA: Obboleessii fi obboleettiin tokko gara Galma Walgaʼii dhufan. Obboloota wajjin walitti qabamuudhaan bakka hafuurri Yihowaa jirutti argamaniiru. TARKAANFII 2FFAA: Walgaʼii irratti hirmaannaa gochuuf qophaaʼaniiru. Tarkaanfiiwwan lamaan kun sochiiwwan kan biroo mata duree kana keessatti ibsaman jechuunis, Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu, hojii lallabaa irratti hirmaachuu fi Yihowaa kadhachuu wajjin haala wal qabateenis ni hojjetu.