Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 48

‘Hojii Jalqabdan Fiixaan Baasaa’

‘Hojii Jalqabdan Fiixaan Baasaa’

“Hojii jalqabdan . . . fiixaan baasaa.”—2 QOR. 8:11.

FAARFANNAA 35 ‘Wantoota Caalaatti Barbaachisan Beekaa’

QABIYYEE *

1. Yihowaan maal akka goonu nuuf heyyameera?

YIHOWAAN akkaataa itti jiraannu akka murteessinu nuuf heyyameera. Inni filannoo gaarii akkamitti akka goonu nu barsiisa, akkasumas murtoo isa gammachiisu yommuu goonu akka nuuf milkaaʼu nu gargaara. (Far. 119:173) Ogummaa Dubbii Waaqayyo keessa jiru hojii irra yommuu oolchinu, caalaatti murtoo gaarii goona.—Ibr. 5:14.

2. Murtoo tokko erga goonee booda qabsoo akkamii gochuun nu barbaachisuu dandaʼa?

2 Haa taʼu malee, murtoo gaarii yommuu goonutti illee wanta jalqabne fiixaan baasuuf qabsoo gochuun nu barbaachisa taʼa. Mee fakkeenyota muraasa armaan gadii ilaalaa: Obboleessi dargaggeessa taʼe tokko Kitaaba Qulqulluu guutummaatti dubbisee xumuruuf murteesse. Achiis torbee muraasaaf akka gaariitti kan dubbise taʼus, yeroo booda garuu dubbisuu dhaabe. Obboleettiin takka qajeelchituu yeroo hundaa taatee tajaajiluuf kan murteessite taʼus, guyyaa itti jalqabdu garuu lafa irra harkisti. Qaamni jaarsolii tokko obbolootaa fi obboleettota gumii keessa jiran karaa hafuuraa caalaatti tiksuuf kan murteessan taʼus, jiʼoota hedduu booda illee wanta murteessan kana hojii irra hin oolchine. Haalawwan kun adda adda taʼanis, wanti wal isaan fakkeessu garuu jira. Murtoowwan godhaman kunneen guutummaatti hojii irra hin oolle. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa gumii Qorontos keessa turan haalli wal fakkaatu isaan mudatee ture. Mee wanta isaan irraa barachuu dandeenyu haa ilaallu.

3. Warri Qorontos murtoo akkamii godhanii turan? Haa taʼu malee, maaltu taʼe?

3 Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 55⁠tti warri Qorontos murtoo barbaachisaa taʼe tokko godhan. Obboloonni isaanii Yerusaalemii fi Yihudaa jiran haala ulfaataa fi hiyyummaa keessa akka jiran, akkasumas gumiiwwan kaan isaan gargaaruuf qarshii walitti sassaabaa akka jiran hubatan. Achiis gumiin Qorontos gaarummaa fi arjummaadhaan kakaʼanii buusii gochuuf murteessan; kanaafuu, karaa kana gochuu itti dandaʼan beekuuf Phaawulos ergamaa gaafatan. Phaawulosis gumichaaf qajeelfama kan erge siʼa taʼu, hojii buusii sassaabuu kana irratti gargaarsa akka godhuuf immoo Tiitoo muude. (1 Qor. 16:1; 2 Qor. 8:6) Jiʼoota muraasa booda garuu Phaawulos gumiin Qorontos buusii ni goona jedhanii turan sana akka hin goone hubate. Kanaan kan kaʼes, kennaan isaanii buusii gumiiwwan kaan irraa sassaabame wajjin gara Yerusaalemitti ergamuuf qophaaʼaa waan ture hin fakkaatu.—2 Qor. 9:4, 5.

4. Akka 2 Qorontos 8:7, 10, 11 irratti ibsametti Phaawulos warri Qorontos maal akka godhan isaan jajjabeesse?

4 Warri Qorontos murtoo gaarii godhaniiru; Phaawulosis amantii cimaa fi arjummaa argisiisuuf fedhii qabaachuu isaaniitiif isaan galateeffateera. Haa taʼu malee, wanta jalqaban fiixaan akka baasanis isaan jajjabeessuu qaba ture. (2 Qorontos 8:7, 10, 11 dubbisi.) Muuxannoon isaanii kun Kiristiyaanonni amanamoon illee murtoo gaarii godhanii turan hojii irra oolchuun isaanitti ulfaachuu akka dandaʼu nu barsiisa.

5. Gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii arganna?

5 Akkuma warra Qorontos nutis murtoo goone hojii irra oolchuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Maaliif? Mudaa kan qabnu waan taaneef hojii irra oolchuuf harʼa boru jechuu dandeenya. Yookiin immoo yeroonii fi wanti hin eegamne wanta murteessine sana akka hin raawwanne nu gochuu dandaʼu. (Lal. 9:11; Rom. 7:18) Murtoo kanaan dura goone irra deebinee qoruu yoo barbaanne ykn murtoo goone sana jijjiiruuf murteessuun yoo nu barbaachise maal gochuu qabna? Wanta jalqabne fiixaan baasuu irratti caalaatti buʼa qabeessa taʼuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

MURTOO GOCHUU KEE DURA

6. Murtoo tokko jijjiiruun kan nu barbaachisu yoom taʼuu dandaʼa?

6 Murtoowwan barbaachisoo taʼan tokko tokko matumaa jijjiiruun hin dandaʼamu. Fakkeenyaaf, murtoo Yihowaa tajaajiluuf goone hin jijjiirru, kana malees hiriyaa gaaʼelaa keenyaaf amanamaa taʼuuf murteessineerra. (Mat. 16:24; 19:6) Murtoowwan kan biraa garuu, jijijjiiruun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Maaliifi? Sababiin isaas haalawwan ni jijjiiramu. Maarree murtoo gaarii gochuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

7. Maal argachuuf kadhachuu qabna? Maaliifi?

7 Ogummaa argachuuf kadhadhu. Yihowaan Yaaqoob geggeessaa hafuuraatiin akkana jedhee akka barreessu isa kakaaseera: “Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, inni Waaqayyoon kadhachuu isaa itti haa fufu; sababiin isaas Waaqayyo . . . nama hundumaaf arjummaadhaan ni kenna.” (Yaq. 1:5) Haala tokko tokko keessatti, hundi keenya ‘ogummaan nutti hirʼachuu’ dandaʼa. Kanaafuu, murtoo yommuu gootuu fi murtoo goote jijjiiruun yommuu si barbaachisu Yihowaan akka si gargaaru isa gaafadhu. Yihowaanis murtoo ogummaa irratti hundaaʼe akka gootu si gargaara.

8. Murtoo gochuu keenya dura qorannaa akkamii gochuu qabna?

8 Qorannaa gadi fageenya qabu godhi. Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota jaarmiyaan Yihowaa baase dubbisi, akkasumas namoota amantu haasofsiisi. (Fak. 20:18) Hojii jijjiiruuf, bakka kan biraa deemuuf ykn qarshii gaʼaa Yihowaa tajaajiluu kee akka itti fuftu si gargaaru argachuuf barumsa akkamii barachuu akka qabdu murteessuu kee dura qorannaa akkasii gochuun kee barbaachisaa dha.

9. Haqaan of qoruun kan nu fayyadu akkamitti?

9 Wanta murtoo gochuuf si kakaase qori. Yihowaan kakaʼumsa keenyaaf iddoo guddaa kenna. (Fak. 16:2) Inni wanta hundumaan amanamoo akka taanu barbaada. Kanaafuu, murtoo yommuu goonu murtoo sana gochuuf wanta nu kakaase ilaalchisee ofii keenyaafis taʼe warra kaaniif amanamoo taʼuu barbaanna. Guutummaatti amanamoo yoo taʼuu baanne garuu, murtoo goone raawwachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleessi dargaggeessa taʼe tokko qajeelchaa yeroo hundaa taʼuuf murteessuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yeroo muraasa booda saʼaatii isa irraa eegamu guuttachuuf qabsoo gochuu fi tajaajila isaa irraa gammachuu dhabuu jalqabe. Qajeelchaa taʼee tajaajiluuf wanti isa kakaase inni guddaan Yihowaa gammachiisuu waan barbaaduuf akka taʼe yaadee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, tarii wanti qajeelchaa taʼee tajaajiluuf isa kakaase inni guddaan warra isaa ykn nama kan biraa gammachiisuu waan barbaadeefii laata?

10. Jijjiirama gochuuf maaltu barbaachisa?

10 Mee fakkeenya barataa Kitaaba Qulqulluu tamboo xuuxuu dhiisuuf murteesse tokkoo haa ilaallu. Jalqaba irratti baayʼee isatti ulfaatus torbee tokkoof ykn lamaaf tamboo hin xuuxne, booda irra garuu araada isaatiin moʼamee deebiʼee xuuxuu jalqabe. Haa taʼu malee, xumura irratti isaaf milkaaʼeera! Jaalalli Yihowaadhaaf qabuu fi fedhiin inni isa gamachiisuuf qabu araada kana akka injifatu isa gargaareera.—Qol. 1:10; 3:23.

11. Galma ifa taʼe qabaachuu kan qabnu maaliifi?

11 Galma ifa taʼe qabaadhu. Galma ifa taʼe qabaannaan wanta jalqabde fiixaan baasuun siif salphata. Fakkeenyaaf, yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf murteessiteetta taʼa. Haa taʼu malee, sagantaa ifa taʼe yoo hin qabaanne, galma kee kana irra gaʼuu dhiisuu dandeessa. * Yookiin immoo jaarsoliin gumii tokko keessa jiran obbolootaa fi obboleettota caalaatti karaa hafuuraa tiksuuf murteessaniiru taʼa; haa taʼu malee yeroo muraasa booda murtoo kana utuu hin raawwatin hafan. Obboloonni kun milkaaʼina argachuuf gaaffiiwwan kanatti aananii jiran of gaafachuu dandaʼu: “Obbolootaa fi obboleettota hojii tiksummaa kana irraa caalaatti fayyadaman adda baasnerraa? Yeroo itti dhaqnee isaan gaafannu hoo murteessineerraa?”

12. Maal gochuun nu barbaachisuu dandaʼa? Maaliifi?

12 Dhugaa jiru amanii fudhadhu. Hundi keenya iyyuu yeroo, qabeenya ykn humna wanta barbaannu hunda gochuuf nu dandeessisu hin qabnu. Kanaafuu dhugaa jiru amanii fudhadhu, akkasumas sababa qabeessa taʼi. Yeroo barbaachisaa taʼutti murtoo humna keetii ol taʼe tokko jijjiiruun si barbaachisuu dandaʼa. (Lal. 3:6) Amma murtoo goote irra deebitee ilaalteetta, sirreeffama barbaachisus gooteetta, akkasumas hojii irra oolchuu akka dandeessu sitti dhagaʼameera haa jennu. Mee wanta jalqabde xumuruuf tarkaanfiiwwan si gargaaruu dandaʼan shan haa ilaallu.

TARKAANFIIWWAN MURTOO GOOTE HOJII IRRA OOLCHUUF SI GARGAARAN

13. Humna murtoo goote hojii irra oolchuuf si barbaachisu argachuu kan dandeessu akkamitti?

13 Humna tarkaanfii fudhachuuf si dandeessisu argachuuf kadhadhu. Waaqayyo ‘hojiidhaaf akka kakaatu humna sii kennuu’ fi murtoo goote akka hojii irra oolchitu si gargaaruu dandaʼa. (Filp. 2:13) Kanaafuu humna si barbaachisu argachuuf Yihowaan hafuura qulqulluu isaa akka sii kennu kadhadhu. Kadhannaan kee deebii utuu hin argatin akka ture yoo sitti dhagaʼame illee kadhachuu kee itti fufi. Akkuma Yesuus jedhe, ‘kadhachuu kee itti fufi, [hafuurri qulqulluun] siif kennama.’—Luq. 11:9, 13.

14. Dhugaan buʼuuraa Fakkeenya 21:5 irratti ibsame murtoo goote hojii irra oolchuuf kan si gargaaru akkamitti?

14 Karoora baafadhu. (Fakkeenya 21:5 dubbisi.) Hojii jalqabde kam iyyuu fiixaan baasuuf karoora baafachuun si barbaachisa. Achiis karoora sana wajjin haala wal simuun hojjechuu qabda. Haaluma wal fakkaatuun, murtoo tokko yommuu gootu murtoo sana hojii irra oolchuuf tarkaanfiiwwan fudhachuuf yaadde barreessi. Hojiiwwan guguddaa taʼan bakka xixinnootti qoqqooddee hojjechuun kee hammam akka hojjette gamaaggamuuf si gargaaruu dandaʼa. Phaawulos warri Qorontos hamma inni isaan bira dhaqutti eeguu fi yeroo inni isaan bira dhufutti buusii walitti qabuu mannaa, “guyyaa jalqaba torbaniitti” buusii isaanii adda baasanii akka kaaʼan isaan jajjabeesseera. (1 Qor. 16:2) Kana malees, hojiiwwan guguddaa taʼan bakka xixinnootti qoqqooddee hojjechuun miira hojiiwwan sana hojjechuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamu irraa si eeguu dandaʼa.

15. Karoora erga baafannee booda maal gochuu dandeenya?

15 Karoorri ifa taʼee fi barreeffamaan kaaʼame murtoo goote hojii irra oolchuuf si gargaaruu dandaʼa. (1 Qor. 14:40) Fakkeenyaaf, qaamni jaarsolii wanta murteeffame tokko kan raawwatu eenyu akka taʼee fi yoom xumuruu akka qaban dabalatee jaarsa murtoo qaamni jaarsolii godhe hunda galmeessu akka ramadan qajeelfamni isaaniif kennameera. Jaarsoliin qajeelfama kana hordofan murtoo isaanii raawwachuun isaaniif salphata. (1 Qor. 9:26) Dhimmoota dhuunfaa kee wajjin haala wal qabateenis wanta kanaa wajjin wal fakkaatu gochuuf yaaluu dandeessa. Fakkeenyaaf, wanta guyyaa guyyaadhaan hojjechuun si barbaachisu barreessuu fi wanta hojjettu tartiibaan kaaʼuu dandeessa. Kunis wanta jalqabde fiixaan baasuuf qofa utuu hin taʼin, yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf si gargaaruu dandaʼa.

16. Murtoo goote raawwachuuf maal gochuu si barbaachisa? Roomaan 12:11 hoo yaada kana kan deeggaru akkamitti?

16 Carraaqqii godhi. Karoora baafatte hojii irra oolchuunii fi wanta jalqabde fiixaan baasuun carraaqqii gochuu gaafata. (Roomaa 12:11 dubbisi.) Phaawulos, Ximotewos ‘carraaqqii gochuu isaa akka itti fufuu’ fi barsiisaa gaarii taʼuuf akka ‘cimu’ isa gorseera. Gorsi kun galmawwan hafuuraa wajjin haala wal qabateenis ni hojjeta.—1 Xim. 4:13, 16.

17. Murtoo goone raawwachuu irratti gorsa Efesoon 5:15, 16 irra jiru hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Yeroo keetti ogummaadhaan fayyadami. (Efesoon 5:15, 16 dubbisi.) Yeroo itti murtoo kee hojii irra oolchitu filadhu, akkasumas yeroo sana hin jijjiirin. Haalli akkasii dhufuu dhiisuu waan dandaʼuuf, tarkaanfii fudhachuuf haala mijataa taʼe hin eegin. (Lal. 11:4) Wantoonni baayʼee barbaachisoo hin taane yeroo kee akka fudhatanii fi humna wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif si barbaachisu akka si jalaa fixan hin heyyamin. (Filp. 1:10) Yoo dandaʼame yeroo namoonni kaan baayʼee si hin jeeqne filadhu. Wantoota tokko tokko irratti xiyyeeffachuuf yeroon akka si barbaachisu warra kaanitti himi. Bilbila kee cufuu fi iimeelii siif ergaman ykn weebsaayitii hawaasaa yeroo booda ilaaluu akka dandeessu hin irraanfatin. *

18-19. Yommuu gufuun si mudatu murtoo gaarii gochuu irratti abdii akka hin kutanne maaltu si gargaara?

18 Buʼaa gaarii argamu irratti xiyyeeffadhu. Buʼaan murtoo keetii xumura adeemsa tokkoo wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Xumura adeemsa sanaa irra gaʼuu yoo barbaadde karaan isaa yoo cufame iyyuu karaa kee jijjiiruudhaan adeemsa kee itti fufuu qabda. Haaluma wal fakkaatuun, buʼaa murtoo keenyaa irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, yommuu wanti nu gufachiisu nu mudatu ykn karaa kan biraatiin deemuun nu barbaachisutti salphaatti abdii hin kutannu.—Gal. 6:9.

19 Murtoo gaarii gochuun ulfaataa dha, hojii irra oolchuun immoo qabsoo gochuu gaafata. Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaatiin ogummaa fi humna wanta jalqabde fiixaan baasuuf si barbaachisu argachuu dandeessa.

FAARFANNAA 65 Gaʼeessummaatti Guddadhu!

^ key. 5 Murtoowwan kanaan dura goote tokko tokkotti ni gaabbitaa? Yookiin immoo yeroo tokko tokko murtoo gaarii gochuu fi murtoo goote hojii irra oolchuuf qabsoo gochuun si barbaachiseeraa? Mata dureen kun rakkoowwan kana akka mootuu fi wanta jalqabde fiixaan baasuu ykn xumuruu akka dandeessu si gargaara.

^ key. 11 Dubbisa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa keetiif akka si gargaaruuf, “Sagantaa Dubbisa Kitaaba Qulqulluu” jw.org/om irra jirutti fayyadamuu dandeessa.

^ key. 17 Yeroo kee akka gaariitti itti fayyadamuu ilaalchisee yaada dabalataa argachuuf mata duree “Karaawwan Yeroo Dabalataa Argachuun Itti Dandaʼamu 20” jedhuu fi Dammaqaa! Ebla 2010 (Amaariffa) irratti baʼe ilaali.