Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amantii Qabaachuu fi Ajajamuu Ilaalchisee Fakkeenya Noh, Daaniʼelii fi Iyoob Hordofaa

Amantii Qabaachuu fi Ajajamuu Ilaalchisee Fakkeenya Noh, Daaniʼelii fi Iyoob Hordofaa

“Nohii fi Daaniʼel, Iyoobis . . . qajeelummaa isaaniitiin ofiidhuma isaanii duwwaa oolfachuu danda’u turan.”HIS. 14:14.

FAARFANNAA: 89, 119

1, 2. (a) Fakkeenyi Noh, Daaniʼelii fi Iyoob kan nu jajjabeessu maaliifi? (b) Hisqiʼel, yaada Hisqiʼel 14:14 irratti argamu kan barreesse haala akkami keessatti ture?

QORUMSAWWAN akka dhukkubaa, rakkina dinagdee ykn ariʼatamaa wajjin walʼaansoo gochaa jirtaa? Yeroo tokko tokko gammachuu tajaajila Yihowaa irratti qabdu eegdee jiraachuun sitti ulfaataa? Taanaan, fakkeenya Noh, Daaniʼelii fi Iyoob irraa jajjabina argachuu dandeessa. Namoonni kun mudaa kan qaban turan; akkasumas akkuma keenya rakkoowwan lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilan dabalatee, qorumsawwan hedduun isaan irra gaʼaniiru. Taʼus, Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraataniiru; innis amantii qabaachuu fi ajajamuu irratti akka fakkeenyaatti isaan ilaaleera.—Hisqiʼel 14:12-14 dubbisi.

2 Hisqiʼel caqasa ijoo matadureen kun irratti hundaaʼe kan barreesse Dh.K.D. bara 612 * Baabilon keessatti ture. (His. 1:1; 8:1) Yeroo kanatti, badiisni Yerusaalem ishii gantuu taate irratti raajiidhaan dubbatamee fi Dh.K.D. bara 607⁠tti raawwatamu dhihaatee ture. Namoonni akkuma Noh, Daaniʼelii fi Iyoob amala gaarii argisiisan muraasni badiisa irraa akka oolan mallattoon itti godhameera. (His. 9:1-5) Namoota muraasa sana keessaa tokko tokko Ermiyaas, Baaruk, Ebeed-Melekii fi Rekaabota dha.

3. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

3 Yeroo harʼaattis, sirni ammaa kun yommuu badu namoota Yihowaan akkuma Noh, Daaniʼelii fi Iyoob balleessaa hin qabneetti ilaalu qofatu badiisa irraa ooluuf mallattoon irratti godhama. (Mul. 7:9, 14) Kanaafuu, Yihowaan namoota kana qajeelummaa argisiisuudhaan fakkeenya akka taʼanitti kan ilaale maaliif akka taʼe haa ilaallu. Waaʼee isaanii tokko tokkoon yeroo qorrutti, (1) rakkoowwan isaan mudatanii fi (2) amantii qabaachuu fi ajajamuu irratti fakkeenya isaanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa hubannu.

NOH JAARRAAWWAN SAGALIIF NAMA AMANTII QABUU FI NAMA AJAJAMU TURE

4, 5. Noh irra rakkina akkamiitu gaʼe? Jabaatee dhaabbachuun isaa kan nama dinqisiisu maaliifi?

4 Rakkoowwan Nohiin mudatan. Bara akaakilii Noh kan taʼe Heenok jiraachaa turetti namoonni garmalee hamoo taʼanii turan. Namoonni kun, Yihowaa irratti illee “wantoota suukanneessaa” dubbatu turan. (Yih. 14, 15) Yeroo sanatti lolli babalʼatee ture. Sirumaa iyyuu bara Nohitti, ‘lafti humnaan wal irratti kaʼuudhaan guutamtee’ turte. Maleekonni hamoon akka namootaatti foon uffachuudhaan, haadhotii manaa fuudhanii ijoollee diqaalaa gara jabeeyyii taʼan godhataniiru. (Uma. 6:2-4, 11, 12) Noh garuu adda taʼee jiraateera. ‘Nohi Waaqayyo duratti faara tolaadhaan ilaalame. Dhaloota sana keessatti nama balleessaa hin qabne ture; inni karaa Waaqayyoo irra deddeebi’uudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate.’—Uma. 6:8, 9.

5 Jechoonni kun waaʼee nama qajeelaa kanaa maal akka dubbatan hubadhu. Tokkoffaa, Noh Bishaan Badiisaa dura Waaqa wajjin kan deddeebiʼe waggaa 70 ykn 80f, jechuunis umurii namoonni yeroo harʼaa baayʼeen jiraataniif qofa hin turre. Addunya sana keessa gara waggoota 600 jiraateera! (Uma. 7:11) Kana malees, akka keenya yeroo ammaa gumii namoota isa wajjin waaqeffatanii fi obboloota foonii karaa hafuuraa isa deggaran hin qabu ture. *

6. Noh karaawwan kamiin ija jabina guddaa akka qabu argisiise?

6 Noh jireenya gaarii jiraachuudhaan qofa gammadee hin teenye. Kan sodaa malee “qajeelummaa lallabu” waan tureef, amantii Yihowaa irratti qabu ifatti dubbata ture. (2 Phe. 2:5) Phaawulos ergamaan, ‘amantii kanaan addunyaatti akka murteesse’ dubbateera. (Ibr. 11:7) Kanaafuu namoonni akka isatti qoosanii fi isa morman, akkasumas isa sossodaachisanii akka turan illee tilmaamuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, inni ‘sodaa namaatiin’ hin mooʼamne. (Fak. 29:25) Kanaa mannaa, jabina Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoodhaaf kennu qaba ture.

7. Noh doonii yeroo ijaaruutti rakkoowwan akkamiitu isa mudate?

7 Noh jaarraawwan shanii oliif Waaqa wajjin erga deddeebiʼee booda, Yihowaan ilmaan namootaa fi bineeldonni akka badiisa irraa oolaniif doonii akka hojjetu isatti hime. (Uma. 5:32; 6:14) Hojiin kun ijaarsa isaa dabalatee wantoota rakkisaa taʼan kan qabu fakkaata ture. Noh hojiin kun namoonni caalaatti akka itti qoosanii fi akka isa morman akka godhu hubatee akka ture hin shakkisiisu. Taʼus, amantiidhaan ajajameera. ‘Akkuma abboomametti hojjetee raawwateera.’—Uma. 6:22.

8. Noh, wantoota maatii isaatiif barbaachisan dhiheessuuf Yihowaatti akka amanamu kan argisiise akkamitti?

8 Wanta haadha manaa isaatii fi ijoollee isaatiif barbaachisu dhiheessuunis Nohiif rakkina kan bira ture. Bishaan Badiisaa dura namoonni miidhaan oomishuuf baayʼee jabaatanii hojjechuu qabu turan; Nohis akkas gochuu akka qabu beekamaa dha. (Uma. 5:28, 29) Taʼu iyyuu, jireenyi isaa qabeenya irratti utuu hin taʼin Waaqa irratti kan xiyyeeffate ture. Yeroo doonii hojiin isaa tarii waggaa 40 ykn 50 fudhate ijaaraa turetti illee, Noh wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuu isaa itti fufeera. Kana malees, Bishaan Badiisaa booda waggoota 350 taʼaniif akkas gochuu isaa itti fufeera. (Uma. 9:28) Amantii qabaachuu fi ajajamuu irratti fakkeenya gaarii nuu taʼa.

9, 10. (a) Amantii qabaachuu fi ajajamuu ilaalchisee fakkeenya Noh hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Waaqayyo namoota ulaagaa isaatiif iddoo guddaa kennan akkamitti ilaala?

9 Amantii qabaachuu fi ajajamuu ilaalchisee fakkeenya Noh hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Qajeelummaa Waaqayyoo deggaruudhaan, kutaa addunyaa Seexanaa taʼuu dhiisuudhaan, akkasumas Mootummichaaf dursa kennuudhaan kana gochuu dandeenya. (Mat. 6:33; Yoh. 15:19) Akkaataan jireenyaa keenya namoota addunyaa biratti fudhatama akka hin qabne beekamaa dha. Fakkeenyaaf, saalqunnamtii fi gaaʼela ilaalchisee seerawwan Waaqayyoo baase waan hordofnuuf, namoonnii sabqunnamtii irratti waaʼee keenya wanta sirrii hin taane dubbatu taʼa. (Miilkiyaas 3:17, 18 dubbisi.) Taʼus akkuma Noh, nama utuu hin taʼin Yihowaa sodaanna. Jireenya bara baraa kan kennu isa qofa akka taʼe beekna.—Luq. 12:4, 5.

10 Akkana jedhi of gaafadhu: ‘Warri kaan yoo natti qoosa ykn na ceephaʼan illee wanta Waaqayyo duratti sirrii taʼe hojjechuu koo ittan fufaa? Wanta ittiin jiraatan argachuun rakkisaa yeroo taʼutti illee Yihowaan maatii kootiif wanta barbaachisu akka kennu isatti nan amanamaa?’ Amantii qabaachuu fi ajajamuu ilaalchisee fakkeenya Noh kan hordoftu yoo taʼe, Yihowaan akka si kunuunsu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Filp. 4:6, 7.

DAANIʼEL MAGAALAA HAMMINAAN GUUTAMTE KEESSATTI NAMA AMANTII QABUU FI AJAJAMU TAʼEE JIRAATEERA

11. Daaniʼelii fi hiriyoonni isaa sadan Baabilonitti rakkoowwan akkamiitu isaan mudate? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

11 Rakkoowwan Daaniʼeliin mudatan. Daaniʼel magaalaa Baabilon ishii waaqolii sobaatiinii fi gocha hafuura xuraaʼummaatiin guutamte keessa boojiʼamaa taʼee jiraata ture. Kana malees, warri Baabilon Yihudota kan tuffatan taʼuu isaa irra iyyuu, isaanittis taʼe Waaqa isaanii Yihowaatti ni qoosu turan. (Far. 137:1, 3) Haalli kun Yihudota akka Daaniʼel amanamoo turan baayʼee gaddisiisee akka ture beekamaa dha! Akkasumas, Daaniʼelii fi hiriyoonni isaa sadan, jechuunis Hanaaniyaa, Miishaaʼelii fi Azaariyaan mootii Baabilon tajaajiluuf leenjifamuuf waan jedhaniif iji namootaa isaan irra buʼee ture. Nyaata mootichaa isa sabni Yihowaa nyaachuu hin qabne akka nyaatan barbaadamee kan ture taʼus, Daaniʼel ‘nyaata mootichi nyaatu soorachuudhaan of xureessuu’ hin barbaanne ture.—Dan. 1:5-8, 14-17.

12. (a) Daaniʼel amalawwan gaggaarii akkamii argisiise? (b) Yihowaan Daaniʼeliin akkamitti ilaala ture?

12 Rakkinni Daaniʼeliin mudate inni biraan jalqaba irratti salphaa fakkaachuu hin oolu. Dandeettii waan qabuuf mootichi mirgawwan adda taʼan isaaf kennee ture. (Dan. 1:19, 20) Taʼus, kooruu fi ilaalchi isaa yeroo hunda sirrii akka taʼe yaaduu mannaa, yeroo hunda galata argachuu kan qabu Yihowaa akka taʼe yaaduudhaan gad of qabee jiraateera. (Dan. 2:30) Sirumaa iyyuu, Yihowaan Daaniʼel akkuma Nohii fi Iyoob qajeelina qabaachuudhaan fakkeenya akka taʼu kan dubbate yeroo inni dargaggeessa turetti. Waaqayyo Daaniʼel irraatti amanannaa qabaachuun isaa dogoggora ture? Matumaa! Daaniʼel jireenya isaa guutuu nama amantii qabuu fi ajajamu taʼee jiraateera. Daaniʼel umuriin isaa waggaa dhibba guutuuf yommuu jedhuutti, maleekaan tokko, “Yaa Daaniʼel nama guddaa jaallatamaa” isaan jedheera.—Dan. 10:11.

13. Daaniʼel Yihudoota kaaniif eebba kan taʼe akkamitti taʼuu dandaʼa?

13 Daaniʼel Waaqa duratti fudhatama waan argateef, mootummaa Baabilon, akkasumas Medoonii fi Faares keessatti abbaa taayitaa ol aanaa taʼee hojjeteera. (Dan. 1:21; 6:1, 2) Akkuma Yooseef Gibxiitti, Asteerii fi Mordekaayi immoo Faaresitti eebba taʼanii turan, tarii Daaniʼelis saba isaatiif eebba akka taʼu Yihowaan haala isaa mijeessee taʼuu dandaʼa. * (Dan. 2:48) Hisqiʼelii fi Yihudoonni boojiʼaman kaan Yihowaan isaan gargaaruuf Daaniʼelitti akkamitti akka fayyadame arguun isaanii baayʼee akka isaan jajjabeesse beekamaa dha!

Yihowaan namoota amanamummaa isaanii eegan akkuma Daaniʼel jaallatamoo akka taʼanitti ilaala (Keeyyata 14 fi 15 ilaali)

14, 15. (a) Haalli keenyaa fi haalli Daaniʼel karaawwan kamiin wal fakkaata? (b) Warri ijoollee qaban, warra Daaniʼel irraa maal barachuu dandaʼu?

14 Amantii qabaachuu fi ajajamuu ilaalchisee fakkeenya Daaniʼel hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo harʼaatti, Baabilon Guddittiin ishiin bulchiinsa amantii sobaa addunyaa taatee fi “bakka jinniiwwan jiraatan taate” karaa amalaa fi karaa hafuuraatiin addunya kana mancaasteetti. Nutis addunyaa kana keessa orma taanee jiraanna. (Mul. 18:2) Kanaan kan kaʼes, warra kaan irraa baayʼee adda taanee waan mulʼannuuf namoonni nutti qoosuu dandaʼu. (Mar. 13:13) Egaa, akkuma Daaniʼel nutis Waaqa keenya Yihowaatti dhihaannee haa jiraannu. Gad of qabuudhaanii fi ajajamuudhaan kan isatti amanamnu yoo taʼe, Yihowaa biratti jaallatamoo taana.—Isa. 43:4.

15 Warri ijoollee qaban, warra Daaniʼel irra barachuu dandaʼu. Akkamitti? Daaniʼel mucaa yeroo turetti Yihudaa keessatti hammeenyi babalʼatee kan ture taʼus, Daaniʼel Waaqa kan jaallatu taʼee guddate. Kun waanuma akka carraatti taʼe akka hin taane beekamaa dha. Kanaa mannaa, warri isaa leenjii gaarii akka isaaf kennan argisiisa. (Fak. 22:6) Hiikni maqaa Daaniʼel inni “Kan Murtoo Naa Kennu Waaqayyo Dha” jedhu illee, warra Waaqayyo sodaatan akka qabu argisiisa. Kanaafuu warra kan taatan, ijoollee keessanitti abdii hin kutatinaa; kanaa mannaa obsaan isaan barsiisaa. (Efe. 6:4) Akkasumas isaan wajjin kadhadhaa; isaaniifis kadhadhaa. Yommuu dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu garaa isaanii keessa kaaʼuuf carraaqxan, Yihowaa biraa eebba guddaa argattu.—Far. 37:5.

IYOOB SOORESSAS TAʼE HIYYEESSA, NAMA AMANTII QABUU FI AJAJAMAA TURE

16, 17. Iyoob (a) yeroo sooressaa fi kabajamaa turetti, (b) yeroo rakkina keessa turetti, qorumsa akkamiitu isa mudate?

16 Rakkoowwan Iyoobiin mudatan. Iyoob jireenya isaa keessatti jijjiirama guguddaa argeera. Iyoob qoramuu isaa dura, “Namoota gara baʼa-biiftuu jiraatan hundumaa keessaa inni nama guddaa ture.” (Iyo. 1:3) Sooressa, nama beekamtii qabuu fi kabajamaa ture. (Iyo. 29:7-16) Iyoob wantoota kana hundumaa kan qabu taʼus, akka guddaatti of hin ilaalle ykn Waaqni akka isa hin barbaachisne isatti hin dhagaʼamne. Sirumaa iyyuu Yihowaan, “garbicha koo” kan isaan jedhe taʼuu isaa irra iyyuu, “Inni hirʼina kan hin qabne, nama qajeelaa, nama ana Waaqayyoon sodaatu, waan hamaa irraas goruu dha” jedhee waaʼee isaa dubbateera.—Iyo. 1:8.

17 Yeroo gabaabaa gidduutti jireenyi Iyoob guutummaatti jijjiirame. Battalumatti waan qabu hundumaa dhabee, akkasumas abdii kutatee ture. Kun akka taʼu kan godhe Seexana isa maqaa balleessituu akka taʼe beekna; Seexanni Iyoob Waaqayyoon kan tajaajilu faayidaa isaatiifi jechuudhaan sobaan isa himatee ture. (Iyoob 1:9, 10 dubbisi.) Yihowaan himata jalʼaa kana callisee bira hin darbine! Kanaa mannaa Yihowaan, Iyoob amanamummaa isaa akka argisiisuu fi kan isa waaqeffatu ofittummaadhaan kakaʼee utuu hin taʼin garaa qulqulluudhaan taʼuu isaa akka mirkaneessu carraa isaaf kenne.

18. (a) Amanamummaa Iyoob ilaalchisee wanti si dinqisiisu maali dha? (b) Wanta Yihowaan Iyoobiif godhe irraa waaʼee Yihowaa maal hubanna?

18 Seexanni Iyoobiin miidhuu fi rakkina kan isatti fide Waaqayyo akka taʼe akka yaadu gochuuf, gara jabinaan walitti aansee qorumsa isatti fide. (Iyo. 1:13-21) Achiis namoonni sadi isa jajjabeessuuf kan dhufan fakkaatanii Waaqni akkuma hojii isaatti akka isaaf kenne dubbachuudhaan isa miidhaniiru! (Iyo. 2:11; 22:1, 5-10) Taʼus, Iyoob amanamummaa isaa eegeera. Yeroo tokko tokko wanta sirrii hin taane kan dubbate taʼus, Yihowaan miira gadhee Iyoobitti dhagaʼame hubatee ture. (Iyo. 6:1-3) Seexanni Iyoobiin irra deddeebiʼee kan yakkee fi kan miidhe taʼus, namni baayʼee dhiphatee ture kun matumaa Waaqa isaa akka hin dhiisne Yihowaan hubatee ture. Yeroo qorumsi Iyoob xumuramu, Yihowaan wanta inni qorumsa dura qabu dachaa godhee kan isaaf kenne taʼuu isaa irra iyyuu, dabalataan waggaa 140 akka jiraatu godheera. (Yaq. 5:11) Yeroo kanattis guutummaatti nama Waaqayyoof bulu taʼuu isaa itti fufeera. Akkana jechuu kan dandeenyu maaliifi? Hisqiʼel caqasa ijoo mata duree keenyaa yeroo barreessetti Iyoob erga duʼee jaarraawwan hedduun darbanii turan.

19, 20. (a) Amantii qabaachuu fi ajajamuu ilaalchisee fakkeenya Iyoob hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Akkuma Yihowaa warra kaaniif garaa laafuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Amantii qabaachuu fi ajajamuu ilaalchisee fakkeenya Iyoob hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Haala akkami keessa iyyuu yoo jiraanne, guutummaatti isatti amanamuudhaanii fi garaa guutuudhaan isaaf ajajamuudhaan yeroo hunda Yihowaan jireenya keenya keessatti iddoo guddaa akka qabaatu haa goonu. Akkana gochuuf Iyoob caalaa sababii guddaa qabna! Mee kana yaadaa: Waaʼee Seexanaa fi tooftaa isaa wanta hedduu ni beekna. (2 Qor. 2:11) Kitaaba Iyoobiif galanni haa taʼuutii, Waaqni rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyame beekuu dandeenyeerra. Mootummaan Waaqayyoo mootummaa addunyaa Yesuus jalatti bulu taʼuu isaas raajii Daaniʼel irraa hubanneera. (Dan. 7:13, 14) Akkasumas, Mootummaan kun dhiheenyatti rakkoowwan hunda bara baraaf akka balleessu beekna.

20 Wanta Iyoob irra gaʼe irraa, obboloota nu wajjin waaqeffatanii fi rakkina hedduu dandamachaa jiraniif garaa laafuu akka qabnu baranna. Tarii yeroo tokko tokko obboloonni tokko tokko akkuma Iyoob wanta sirrii hin taane dubbatu taʼa. (Lal. 7:7, hiika bara 1899) Isaanitti murteessuu mannaa, hubannaa akka qabnuu fi akka isaaniif garaa laafnu haa argisiisnu. Akkana gochuudhaan Abbaa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessaa fi araara qabeessa taʼe fakkaachuu dandeenya.—Far. 103:8.

YIHOWAAN “ISIN JABEESSA”

21. Jechoonni 1 Pheexiros 5:10 irra jiran wanta jireenya Noh, Daaniʼelii fi Iyoob irra gaʼe kan agarsiisan akkamitti?

21 Noh, Daaniʼelii fi Iyoob kan jiraatan yeroo garaa garaattii fi haala garaa garaa keessa taʼus, rakkoowwan isaan mudatan mooʼaniiru. Seenaan jireenyaa isaanii wanta Pheexiros ergamaan akkana jechuudhaan barreesse nu yaadachiisa: “Waaqayyo inni gaarummaa guddaa hundumaan guutame . . . yeroo gabaabaadhaaf erga dhiphattanii booda inni mataan isaa leenjii keessan ni xumura. Inni isin cimsa, isin jabeessa, akkasumas hundee jabaa irra isin dhaaba.”—1 Phe. 5:10.

22. Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?

22 Wanta Pheexiros hafuura qulqulluudhaan gaggeeffamee barreesse irraa akka hubannutti, Yihowaan tajaajiltoota isaa akka cimsuu fi jabeessu mirkaneesseera. Yaanni kun tajaajiltoota Yihowaa yeroo harʼaa jiraniifis ni hojjeta. Hundi keenya iyyuu Yihowaan akka nu jabeessu, akkasumas waaqeffannaa keenyatti jabaanne dhaabbachuu ni barbaanna. Kanaafuu, amantii qabaachuu fi ajajamuu ilaalchisee fakkeenya Noh, Daaniʼelii fi Iyoob hordofuu ni barbaanna! Akkuma mata duree itti aanu irratti ilaallutti, wanti amanamummaa isaanii eeganii akka jiraatan isaan gargaare, Yihowaa akka gaariitti beekuu isaanii ture. Sirumaa iyyuu, wanta inni isaan irraa barbaadu ‘hunda hubatanii’ turan. (Fak. 28:5) Nutis akkana gochuu ni dandeenya.

^ key. 2 Hisqiʼel boojuudhaan kan fudhatame Dh.K.D. bara 617⁠tti ture. Hisqiʼel 8:1–19:14 kan barreeffame boojiʼamanii “waggaa jaʼaffaatti” ykn Dh.K.D. bara 612⁠tti ture.

^ key. 5 Abbaan Noh Laamek inni Waaqayyoon sodaatu kan duʼe, Bishaan Badiisaa dhufuu isaa waggaa shan dura ture. Yeroo Bishaan Badiisaa jalqabetti haati Nohii fi obboloonni isaa lubbuudhaan kan jiran yoo taʼe, badiisa sana irraa hin oole jechuu dha.

^ key. 13 Hiriyoonni Daaniʼel sadanis saba isaa gargaaruuf aangoo akka qabaatan Yihowaan haala mijeessee taʼuu dandaʼa.—Dan. 2:49.