Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nama Hafuuraa Taʼuudhaan Fuulduratti Adeemaa!

Nama Hafuuraa Taʼuudhaan Fuulduratti Adeemaa!

“Hafuuraan deddeebiʼuu keessan itti fufaa.”GAL. 5:16.

FAARFANNAA: 22, 75

1, 2. Obboleessi tokko karaa hafuuraa dadhabina akka qabu akka hubatu kan isa godhe maali dha? Sana booda hoo tarkaanfii akkamii fudhate?

ROOBARTI umurii waggoota kurnanii keessatti kan cuuphame taʼus, jireenya isaa keessatti dhugaan wanta hundumaa caalaa iddoo guddaa akka qabaatu hin goone. Akkana jedheera: “Wanta sirrii hin taane akkamii iyyuu godhee kanan hin beekne taʼus, wantoota tokko tokko kanan godhu akkasumatti waan na irraa eegamuuf qofa ture. Walgaʼii hundumaa irratti waanan hirmaadhuuf, akkasumas waggaa keessatti jiʼa muraasaaf qajeelchaa gargaaraa taʼee waanan tajaajiluuf, karaa hafuuraa cimaan fakkaadha ture. Haa taʼu malee, wanti natti hirʼate tokko jira ture.”

2 Roobarti rakkinni isaa maal akka taʼe hamma yeroo booda gaaʼela godhatutti hin hubanne ture. Innii fi haati manaa isaa yeroo tokko tokko gaaffii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe wal gaafachaa yeroo dabarsu turan. Haati manaa isaa ishiin karaa hafuuraa cimtuu taate gaaffiiwwan sanaaf deebii kennuuf hin rakkattu turte; Roobarti garuu waan jedhu waan hin beekneef yeroo hundumaa ni qaanaʼa ture. “Wantan beeku tokko illee waanan qabu hin fakkaatu. ‘Karaa hafuuraa mataa haadha manaa kootii yoon taʼe wanta tokko gochuun qaba’ jedheen yaade” jedheera. Achiis Roobarti tarkaanfii fudhate. Akkana jedheera: “Kitaaba Qulqulluu irra deddeebiʼee nan qoʼadhe; haalli isaas fooyyaʼuu jalqabe. Hubannaan koo ni dabale; hundumaa caalaa immoo michummaan Yihowaa wajjin qabu ni cime.”

3. (a) Muuxannoo Roobarti irraa maal barachuu dandeenya? (b) Qabxiiwwan ijoo taʼan kamfaa ilaalla?

3 Muuxannoo Roobarti irraa barumsa guddaa argachuu dandeenya. Tarii beekumsa Kitaaba Qulqulluu muraasa qabaachuu dandeenya; akkasumas yeroo hundumaa gumii irrattii fi tajaajila irratti ni hirmaanna taʼa; taʼus wantoonni kun qofti nama hafuuraa akka taanu nu godhu jechuu miti. Yookiin karaa hafuuraa amma iyyuu guddina kan goone taʼus, yommuu caalaatti of qorru ammas fooyyaʼiinsa dabalataa gochuu akka dandeenyu ni hubanna taʼa. (Filp. 3:16) Guddinni keenya akka itti fufu gochuuf akka nu gargaaru, mata duree kana keessatti gaaffiiwwan ijoo sadiif deebii arganna: (1) Karaa hafuuraa haala akkamii irra akka jirru qoruuf maaltu nu gargaara? (2) Namummaa hafuuraa horachuu fi nama hafuuraa taanee guddachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? (3) Karaa hafuuraa jabaachuun keenya jireenya keenya keessatti kan nu gargaaru akkamitti?

OF QORUU

4. Gorsi Efesoon 4:23, 24 irratti argamu kan hojjetu eenyu faʼiifi?

4 Yommuu tajaajiltoota Waaqayyoo taanu jijjiirama gooneerra. Jijjiiramni kunis jireenya keenya hundumaa tuqeera. Taʼus yommuu cuuphamnutti jijjiirama gochuu keenya xumurreerra jechuu miti. Sababiin isaas gorsi, “Humna sammuu keessan hojjechiisuunis haareffamuu keessan itti fufaa” jedhu nuuf kennameera. (Efe. 4:23, 24) Hundi keenya iyyuu cubbuu waan dhaalleef, jijjiirama gochuu keenya itti fufuu qabna. Warri yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilan illee namummaa hafuuraa isaanii eeggachuun isaan barbaachisa.—Filp. 3:12, 13.

5. Gaaffiiwwan of qoruuf nu gargaaran kam faʼi?

5 Karaa hafuuraa fooyyaʼiinsa gochuu fi namummaa hafuuraa keenya eeguudhaaf amanamummaadhaan of qoruu qabna. Dargaggoonnis taane maanguddoonni akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Jijjiirama gara namummaa hafuuraatti guddachaa akkan jiru argisiisu of irratti ilaalaan jiraa? Namummaan koo kan Kiristoos fakkaachaa jiraa? Ilaalchii fi amalli ani walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argisiisu karaa hafuuraa sadarkaa akkamii irra akkan jiru argisiisa? Wantin namootaa wajjin haasaʼu fedhii akkamii akkan qabu ibsa? Barsiifanni gama qoʼannaatiin qabu, akkaataan uffannaa fi miidhaginaa koo ykn deebiin yommuu gorsi naaf kennamu kennu waaʼee koo maal argisiisa? Yommuu qorumsi na mudatu tarkaanfii akkamiin fudhadha? Akkuma Kiristoos bilchina guutuu bira gaʼuuf guddina gochaan jiraa?’ (Efe. 4:13) Deebii gaaffiiwwan kanaaf kenninu irratti yaaduun keenya karaa hafuuraa sadarkaa akkamii irra akka jirru madaaluuf nu gargaara.

6. Karaa hafuuraa haala akkamii keessa akka jirru qoruuf wanti nu barbaachisu kan biraan maali dha?

6 Karaa hafuuraa haala akkamii irra akka jirru qoruuf, yeroo tokko tokko gargaarsa namoota kaanii barbaanna taʼa. Phaawulos ergamaan namni foonii dogoggorri inni raawwatu Waaqayyoon akka gaddisiisu hubachuu akka hin dandeenye ibseera. Karaa kana irraa adda taʼeen, namni hafuuraa ilaalcha Waaqayyoos taʼe gocha dogoggoraa namni foonii raawwatu ni hubata. (1 Qor. 2:14-16; 3:1-3) Jaarsoliin yaada Kiristoos qaban yeroo baayʼee mallattoowwan ilaalcha foonii warra kaan irratti mulʼatan dafanii hubatu. Gama kanaan gorsa yommuu nuuf kennan gorsa isaanii fudhannee hojii irra ni oolchinaa? Akkana gochuudhaan, karaa hafuuraa guddachuuf fedhii akka qabnu argisiisna.—Lal. 7:5, 9.

KARAA HAFUURAA GUDDINA GOCHUU

7. Karaa hafuuraa cimoo taʼuuf beekumsa Kitaaba Qulqulluu qabaachuun qofti gaʼaa kan hin taane maaliifi?

7 Nama hafuuraa taʼuuf beekumsa Kitaaba Qulqulluu qabaachuun keessan qofti gaʼaa akka hin taane yaadadhaa. Solomoon Mootichi waaʼee daandiiwwan Yihowaa beekumsa guddaa qaba ture. Yeroo boodas wanti inni barreesse kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼeera. Dhuma irratti garuu, nama hafuuraa taʼee jiraachuu isaa waan itti hin fufneef amanamummaa Yihowaadhaaf qabu utuu hin eegin hafeera. (1 Mot. 4:29, 30; 11:4-6) Maarree, beekumsa Kitaaba Qulqulluu malees wanti nu barbaachisu kan biraan maali dha? Karaa hafuuraa guddina gochuu keenya itti fufuun nu barbaachisa. (Qol. 2:6, 7) Haa taʼu malee, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

8, 9. (a) Karaa hafuuraa cimoo taʼuuf maaltu nu gargaara? (b) Yommuu qoʼannuu fi irratti xiinxallu kaayyoon keenya maali dha? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

8 Phaawulos “gara bilchinaatti deemuuf carraaqqii cimaa” akka godhan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa jajjabeesseera. (Ibr. 6:1) Yeroo harʼaatti gorsa Phaawulos hojii irra oolchuudhaaf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeenya? Tarkaanfiin fudhachuu qabnu inni tokko kitaaba, Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaajedhamu qoʼachuu dha. Kitaaba kana qoʼattanii xumuruun keessan qajeelfama Kitaaba Qulqulluu jireenya keessan keessatti akkamitti hojii irra akka oolchitan hubachuuf isin gargaara. Kitaaba kana qoʼattanii xumurtaniittu yoo taʼe immoo, meeshaawwan qoʼannaa amantii keessan cimsan kan birootti darbuu ni dandeessuu? (Qol. 1:23) Wanta dubbistan jireenya keessan keessatti akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeessan kadhannaadhaan irraatti ni xiinxaltuu?

9 Yommuu qoʼannuu fi irratti xiinxallu, kaayyoon keenya fedhii garaadhaa Yihowaa gammachiisuu fi seerawwan isaatiif ajajamuuf qabnu guddisuu akka taʼe yaadachuu qabna. (Far. 40:8; 119:97) Kana malees, wantoota guddina karaa hafuuraa goonuuf gufuu nutti taʼan of irraa fageessuuf carraaqqii gochuu qabna.—Tit. 2:11, 12.

10. Karaa hafuuraa guddina gochuuf dargaggoonni maal gochuu dandaʼu?

10 Dargaggeessa yoo taate galmawwan hafuuraa ifa taʼan qabdaa? Obboleessi Betʼel keessatti tajaajilu tokko yommuu walgaʼiiwwan aanaa irratti hirmaatu, yeroo baayʼee sagantichi jalqabuu isaa dura kaadhimamtoota cuuphaa haasofsiisuu barsiifata godhatee ture. Kaadhimamtoonni cuuphaa baayʼeen dargaggoota dha. Obboleessi kunis galmawwan hafuuraa akkamii akka qaban isaan gaafata. Deebiin baayʼeen isaanii kennan Yihowaa tajaajiluuf galma ifa taʼe akka qaban kan argisiisu dha. Isaan keessaa tokko tokko tajaajila yeroo guutuu isa tokko irratti hirmaachuudhaan ykn naannoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti itti barbaachisanitti tajaajiluudhaan Yihowaa tajaajiluuf fedhii qabu. Dargaggoonni muraasni garuu deebii isaaf kennan hin qaban. Tarii kun galma hafuuraa ifatti itti yaadan akka hin qabne kan argisiisu taʼuu dandaʼaa laata? Dargaggeessa yoo taate akkana jedhii of gaafadhu: ‘Sochiiwwan hafuuraa irratti kanan hirmaadhu warri koo akkas akkan godhu waan na irraa eeganiif qofa dha? Michummaan dhuunfaatti isaa wajjin qabu guddifachuudhaan Waaqayyotti dhihaachaan jiraa?’ Dhugaa dha, gorsi galma hafuuraa ilaalchisee kenname kan hojjetu dargaggootaaf qofa miti. Hundi keenya iyyuu galma akkanaa qabaachuun keenya karaa hafuuraa guddina gochuuf nu gargaara.—Lal. 12:1, 13.

11. (a) Karaa hafuuraa guddina gaarii gochuuf maal gochuu qabna? (b) Fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamee fi hordofuu dandeenyu isa kami?

11 Fooyyaʼiinsa gochuun kan nu barbaachisu gama kamiin akka taʼe yoo hubanne, tarkaanfii guddina gochuuf nu gargaaru fudhachuu qabna. Nama hafuuraa taʼuun baayʼee barbaachisaa dha. Dhugaa dubbachuuf, akkana gochuun dhimma duʼaa fi jireenyaa ti. (Rom. 8:6-8) Haa taʼu malee, karaa hafuuraa bilchina qabaachuu jechuun cubbuu irraa bilisa taʼuu jechuu miti. Hafuurri Yihowaa guddina barbaachisu gochuuf kan nu gargaaru taʼus, gama keenyaan carraaqqii cimaa gochuun nu barbaachisa. Waggoota muraasa dura Joon Baar inni miseensa Qaama Ol Aanaa ture yommuu Luqaas 13:24 irratti yaada kennu, “Namoonni hedduun gama kanaan milkaaʼuu kan hin dandeenye guddina gochuuf hamma dandaʼan ciminaan carraaqqii waan hin gooneefi” jedheera. Nutis akkuma Yaaqoob isa hamma eebba argatutti maleekaa tokkoo wajjin utuu harka hin kennin walʼaansoo godhe sanaa taʼuu qabna. (Uma. 32:26-28) Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun gammachiisaa taʼus, akka barreeffama asoosamaa isa bashannanaaf qofa barreeffameetti dubbisuu hin qabnu. Beekumsa hafuuraa nu fayyadu argachuuf carraaqqii gochuu qabna.

12, 13. (a) Yaada Roomaa 15:5 irratti argamu hojii irra oolchuuf maaltu nu gargaara? (b) Muuxannoonii fi gorsi Pheexiros ergamaa nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? (c) Karaa hafuuraa guddina gochuuf maal gochuu dandeessa? (Saanduqa, “ Tarkaanfiiwwan Karaa Hafuuraa Guddachuuf Fudhachuu Dandeessu” jedhu ilaali.)

12 Yommuu karaa hafuuraa guddina gochuuf carraaqnu, hafuurri qulqulluun akkaataa itti yaadnu akka jijjiirru humna nuuf kenna. Gargaarsa hafuura qulqulluutiin suutuma suuta akka Kiristoos yaadutti yaaduu jalqabuu dandeenya. (Rom. 15:5) Kana malees, fedhiiwwan foonii of keessaa baasuu fi amalawwan Waaqayyoon gammachiisan horachuu ni dandeenya. (Gal. 5:16, 22, 23) Sammuun keenya qabeenya irratti ykn fedhiiwwan foonii irratti akka xiyyeeffannu dhiibbaa yoo nu irratti godhe illee harka kennuu hin qabnu. Hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu keessan itti fufaa; Yihowaanis yaadni keessan wanta sirrii taʼe irratti akka xiyyeeffatu gochuuf isin gargaara. (Luq. 11:13) Pheexiros ergamaa yaadadhaa. Inni jireenya isaa keessaatti akka nama hafuuraatti deddeebiʼaa kan ture yeroo hunda hin turre. (Mat. 16:22, 23; Luq. 22:34, 54-62; Gal. 2:11-14) Taʼus, abdii hin kutanne. Pheexiros gargaarsa Yihowaatiin suutuma suuta akka Kiristoositti yaaduu barateera. Nutis akkana gochuu ni dandeenya.

13 Yeroo booda Pheexiros wantoota irratti hojjechuu dandeenyu adda baasee nuuf ibseera. (2 Pheexiros 1:5-8 dubbisi.) Amalawwan kan akka of toʼachuu, jabaatanii dhaabachuu fi jaalala obbolummaa jiranii horachuuf ‘wanta dandeenyu hunda gochuun’ keenya nama hafuuraa taanee itti fufuuf nu gargaara. Guyyaa guyyaadhaan, ‘Karaa hafuuraa guddina gochuuf harʼa maal gochuun dandaʼa?’ jedhaa of gaafadhaa.

GUYYAA GUYYAADHAAN QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU HOJII IRRA OOLCHUU

14. Ilaalcha hafuuraa qabaachuun keenya jireenya keenya kan tuqu akkamitti?

14 Akka Kiristoositti yaaduun keenya dubbii keenya irratti, amala iddoo hojiittii fi mana barumsaatti argisiisnu irratti, akkasumas murtoo guyyaa guyyaadhaan goonu irratti dhiibbaa ni qabaata. Murtoowwan kunis carraaqqii nuti Kiristoosiin hordofuuf goonu argisiisu. Nama hafuuraa waan taaneef, walitti dhufeenya Abbaa keenya isa samii wajjin qabnu homtuu akka nu jalaa balleessu hin barbaannu. Yommuu qorumsi nu mudatu, yaada akka Kiristoos qabaachuun keenya qorumsa sana dandamachuuf nu kakaasa. Yommuu murtoo goonu takka dhaabannee gaaffiiwwan kana irratti ni yaadna: ‘Murtoo gochuuf qajeelfama Kitaaba Qulqulluu kamtu na gargaara? Kiristoos utuu taʼee haala akkanaa keessatti maal godha ture? Yihowaa kan gammachiisu murtoo akkamii ti?’ Akka kanaan sammuu keenya leenjisuuf, haalawwan muraasa akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Tokkoon tokkoon fakkeenyotaa irratti, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf nu gargaaru ilaalla.

15, 16. Akka Kiristoositti yaaduun (a) hiriyaa gaaʼelaa filachuu wajjin haala wal qabateen, (b) michoota filachuu wajjin haala wal qabateen, yommuu murtoo goonu kan nu fayyadu akkamitti akka taʼe fakkeenya kenni.

15 Hiriyaa gaaʼelaa filachuu. Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu gama kanaan nu gargaaru 2 Qorontos 6:14, 15 (dubbisi) irratti argama. Yaadni Phaawulos dubbate namni hafuuraa nama foonii irraa baayʼee adda akka taʼe ifa godha. Hiriyaa gaaʼelaa filachuu wajjin haala wal qabateen qajeelfamni kun hojii irra ooluu kan dandaʼu akkamitti?

16 Michummaa. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu 1 Qorontos 15:33 (dubbisi) irratti argamu hubadhaa. Namni Waaqayyoof bule namoota karaa hafuuraa balaadhaaf isa saaxiluu dandaʼanii wajjin walitti hin makamu. Qajeelfama kana haala garaa garaa keessatti akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeessan yaadaa. Fakkeenyaaf, qajeelfamni kun weebsaayitii hawaasaa fayyadamuu wajjin haala wal qabateen hojii irra kan oolu akkamitti? Yookiin intarneetiidhaan namoota hin beeknee wajjin tapha tokko irratti akka hirmaattan yoo afeeramtan maal gochuu qabdu?

Murtoon godhu karaa hafuuraa guddina gochuuf kan na gargaaru dhaa? (Keeyyata 17 ilaali)

17-19. Ilaalcha hafuuraa qabaachuun kee (a) hojiiwwan gatii hin qabne irratti hirmaachuu irraa fagaachuuf, (b) jireenya keessatti galma baafachuuf, (c) walitti buʼiinsa furuuf, kan si gargaaru akkamitti?

17 Sochiiwwan guddina hafuuraatiif gufuu taʼan. Yaadni Phaawulos Kiristiyaanotaaf barreesse akeekkachiisa kan qabate dha. (Ibroota 6:1 dubbisi.) ‘Hojiiwwan duʼaa taʼanii’ fi irraa fagaachuu qabnu kam faʼi? Hojiiwwan kun sochiiwwan gatii hin qabnee fi karaa hafuuraa cimoo akka taanu nu hin gargaarre dha. Qajeelfamni kun gaaffiiwwan hedduu jireenya keenya keessatti kaʼan kan akka armaan gaditti argamanii irratti nu gargaara: ‘Sochiin kun hojiiwwan foonii keessatti ramadamaa? Daldala kana irratti hirmaachuun qabaa? Garee haala addunyaa jijjiiruuf yaalu keessatti kanan hin hirmaanne maaliifi?’

Murtoon godhu galmawwan hafuuraa baafachuuf kan na gargaaru dhaa? (Keeyyata 18 ilaali)

18 Galmawwan hafuuraa. Barumsi Yesuus Lallaba Gaaraa irratti kenne galma baafachuu ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe nuuf kenna. (Mat. 6:33) Namni hafuuraa galmawwan wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffatan hordofa. Qajeelfama kana sammuutti qabachuun keenya gaaffiiwwan kan akka armaan gadiitiif deebii kennuuf nu gargaara: ‘Galmi koo barumsa ol aanaa hordofuu dhaa? Hojii kana fudhachuun qaba?’

Murtoon godhu namootaa wajjin ‘nagaadhaan jiraachuuf’ kan na gargaaru dhaa? (Keeyyata 19 ilaali)

19 Walitti buʼiinsa. Gorsi Phaawulos gumii Roomaatiif kenne walitti buʼiinsa furuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Rom. 12:18) Duuka buutota Kiristoos waan taaneef, “namoota hundumaa wajjin nagaadhaan [jiraachuuf]” wanta dandeenyu ni goona. Walitti buʼiinsi yommuu uumamu tarkaanfii akkamii fudhanna? Warra kaanii wajjin walii galuun nutti ulfaata moo, “warra nagaa uuman” taʼuu keenyaan beekamna?—Yaq. 3:18.

20. Karaa hafuuraa guddina gochuu kee itti fufuu kan barbaaddu maaliifi?

20 Hanga ammaatti kan ilaalle qajeelfama Waaqayyoo irratti xiinxaluun murtoo nama hafuuraa irraa eegamu gochuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe fakkeenyota argisiisan muraasa qofa dha. Ilaalcha hafuuraa qabaachuun keenya jireenyi keenya caalaatti gammachiisaa akka taʼu gochuu dandaʼa. Roobarti inni muuxannoon isaa jalqaba mata duree kanaa irratti ibsame, “Michummaan Yihowaa wajjin qabu ergan cimsadhee booda, caalaatti abbaa manaa fi abbaa gaarii taʼuu dandaʼeera. Amma gammachuu guddaan qaba” jedheera. Nutis karaa hafuuraa guddina gochuuf dursa yoo kennine eebba akkanaa argachuu ni dandeenya. Nama hafuuraa taʼuun keenya, yeroo ammaatti jireenya caalaatti gammachiisaa taʼe, gara fuulduraatti immoo “jireenya isa dhugaa” argachuuf nu dandeessisa.—1 Xim. 6:19.