Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru— Maayaanmaar
“MIDHAAN sassaabamu baayʼee dha, hojjettoonni garuu muraasa. Kanaaf, Gooftaan makarichaa hojjettoota gara makara isaatti akka ergu kadhadhaa.” (Luq. 10:2) Jechoonni Yesuus gara waggoota 2,000 dura dubbate kun, haala yeroo ammaatti Maayaanmaar keessa jiru akka gaariitti kan ibsu dha. Akkas kan jennu maaliifi? Maayaanmaar keessatti namoota miliyoona 55 taʼaniif, babalʼistoota 4,200 qofatu misiraachoo lallabaa jira.
Haa taʼu malee, ‘Gooftaa makarichaa’ kan taʼe Yihowaan, garaa obboloota dhibbaan lakkaaʼamanii fi biyyoota gara garaa keessa jiran tuquudhaan, hojii makaraa karaa hafuuraa hojjetamu kana irratti akka gargaaraniif gara biyya Kibba Bahaa Eeshiyaa jirtu kanaa akka dhufan kakaaseera. Biyya isaanii dhiisanii akka deeman kan isaan kakaase maali dha? Biyya isaaniitii gara Maayaanmaar deemuuf kan isaan gargaare maali dha? Eebbawwan akkamii argataniiru? Mee haa ilaallu.
“KOTTAA, QAJEELCHITOONNI DABALATAA NU BARBAACHISU!”
Waggoota muraasa dura, qajeelchaan Kaazihiiroo jedhamuu fi Jaappaan keessa jiraatu, dhukkuba gaggabdootiin of wallaalee mana yaalaa seene. Doktoorri isaas waggaa lamaaf konkolaataa oofuu akka hin qabne isatti hime. Kaazihiiroonis baayʼee naʼe. ‘Tajaajila qajeelchaa ani jaalladhu itti fufuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhee of gaafate. Kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan, qajeelchaa taʼee tajaajiluu isaa akka itti fufuuf Yihowaan karaa akka isaaf banu kadhate.
Kaazihiiroon akkana jedheera: “Jiʼa tokko booda michuun koo Maayaanmaar keessa tajaajilaa ture haala rakkisaa ani keessa jiru dhagaʼe. Achiis akkana jedhee naaf bilbile: ‘Maayaanmaar keessatti geejjibni buʼuuraa otobusii dha. As yoo dhufte, tajaajila kee itti fufuuf konkolaataa oofuun si hin barbaachisu!’ Haalli koo gara Maayaanmaar deemuuf kan naaf heyyamu taʼuu isaa beekuuf doktoora koon gaafadhe. Doktoorri koo, ‘Ogeessi yaalii fayyaa sammuu Maayaanmaarii dhufe amma Jaappaaniin daawwachaa jira. Isaa wajjinan wal si barsiisa. Tarii gaggabdoon kee yoo sitti deebiʼe inni si gargaaruu ni dandaʼa’ naan jechuun isa na dinqisiiseera. Deebii doktoorri kun naaf kenne, akka Yihowaan deebii naaf kennettin fudhadhe.”
Kaazihiiroon yeruma sana gara waajjira damee Maayaanmaaritti iimeelii erguudhaan, innii fi haati manaa isaa achitti qajeelchitoota taʼanii tajaajiluu akka barbaadan ibse. Waajjirri damee sunis guyyaa shan gidduutti, “Kottaa, qajeelchitoonni dabalataa nu barbaachisu!” jedhee isaaniif deebise. Kaazihiiroo fi haati manaa isaa Maariin, konkolaataa isaanii gurguranii, viizaa isaanii fudhachuudhaan, xiyyaaraan deemuuf tikeetii kutatan. Yeroo ammaatti, garee afaan mallattoo Mandaleeyitti argamu keessa gammachuudhaan tajaajilaa jiru. Kaazihiiroon akkana jedheera: “Muuxannoon kun amantii nuti abdii Yihowaan Faarfannaa 37:5 irratti, ‘Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata’ jechuudhaan kenne irratti qabnu akka nuuf cimse nutti dhagaʼama.”
YIHOWAAN KARAA NUUF BANA
Bara 2014tti, Dhugaa Baatonni Yihowaa Maayaanmaar keessa jiran walgaʼii naannoo addaa qopheessuuf mirga
argatanii turan. Walgaʼii kana irratti keessummoonni biyya alaatii dhufan hedduun argamaniiru. Isaan keessaa tokko Mooniik jedhamti; obboleettiin umurii walakkeessa waggoota 30mmanii keessatti argamtuu fi Yuunaayitid Isteetisii dhufte kun akkana jetteetti: “Walgaʼii naannoo sanaa ergan deebiʼee booda, itti aansuudhaan maal gochuu akkan qabu ilaalchisee Yihowaattin kadhannaa dhiheesse. Kana malees, warra koo wajjin waaʼee galmawwan hafuuraa ani baafadhe irratti mariʼadheera. Gara Maayaanmaaritti deebiʼuu akkan qabu kan irratti walii galle taʼus, murtoo isa xumuraa irra gaʼuu koo dura garuu, yeroo dabalataa fi kadhannaa hedduu gochuu na barbaachisee ture.” Mooniik sababii kun itti taʼe nutti himti.Akkana jetteetti: “Yesuus duuka buutonni isaa ‘qarshii gaʼaa qabaachuu isaanii akka shallagan’ jajjabeesseera. Kanaaf akkana jedheen of gaafadhe: ‘Achi deemuu nan dandaʼaa? Saʼaatii dheeraa hojii irratti utuu hin dabarsin, of gargaaraa biyyicha keessa jiraachuu hoo nan dandaʼaa?’” “Yeruma sana qarshii ga’a biyya biraa deemuuf na barbaachisu akka hin qabneen hubadhe” jechuudhaan dhugaa isaa dubbatteetti. Erga akkas taʼee, achi dhaquu kan dandeesse akkamitti ree?—Luq. 14:28.
Mooniik akkana jetteetti: “Gaaf tokko dubartiin na qacarte na haasofsiisuu akka barbaaddu natti himte. Anis hojii irraa na ariʼuuf akka taʼe waanan yaadeef baayʼeen naʼe. Ishiin garuu hojii gaarii ani hojjedheef na galateeffatte. Achiis kennaa qarshii naa kennuuf akka yaadde natti himte; baayʼinni qarshii naaf kennites hammuma na barbaachisu ture!”
Mooniik Muddee 2014 kaasee Maayaanmaar keessa tajaajilaa jirti. Bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluu ilaalchisee maaltu ishiitti dhagaʼama? Akkana jetteetti: “Bakka kana dhufuu kootti guddaan gammada. Amma qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu sadii geggeessaan jira. Namootan qoʼachiisu keessaa tokko dubartii maanguddoo umurii waggaa 67 ti. Isaanis yeroo hunda seequudhaan natti marmanii nagaa na gaafatu. Maqaan Waaqayyoo Yihowaa taʼuu isaa yommuu beekan ni booʼan. Achiis akkana jedhan: ‘Jireenya koo keessatti yeroo jalqabaatiif, maqaan Waaqayyoo Yihowaa taʼuu isaan dhagaʼe. Umuriin koo umurii keetti dachaa lama taʼus, ati wanta baayʼee barbaachisaa ani barachuu qabuu fi hunda irra caalu na barsiisaa jirta.’ Anis nan booʼe. Muuxannoowwan akkasii kun bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti lallabuun jireenyi keenya baayʼee gammachiisaa akka taʼu taasisu.” Dhiheenya kana, Mooniik mirga Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galanii barachuu argateetti.
Babalʼistoonni kaan gara Maayaanmaar akka dhufan wanti isaan kakaase immoo, gabaasa Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2013 irratti waaʼee biyyichaa baʼee ture dha. Obboleettiin Lii jedhamtuu fi umurii jalqaba waggoota 30mmanii keessatti argamtu, duruma iyyuu Kibba Baha Eeshiyaa keessa jiraachaa turte. Hojii guyyaa guutuu hojjechaa kan turte taʼus, gabaasni Kitaaba Waggaa irratti baʼe Maayaanmaar dhaqxee akka tajaajiltu ishii kakaaseera. Akkana jetteetti: “Walgaʼii naannoo addaa bara 2014tti Yaangoonitti godhame irratti yommuun argame, hiriyoota gaaʼelaa bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajilanii fi namoota Chaayinaa Maayaanmaar keessa jiraataniif lallabanii wajjinan wal bare. Afaan Chaayinaa dubbachuu waanan dandaʼuuf, Maayaanmaar dhaqee garee Afaan Chaayinaa achi jiru gargaaruufan murteesse. Kanaaf, Mooniik wajjin taanee gara Mandaleeyi dhaqne. Yihowaan mana barumsaa tokko keessatti hojii barsiisuu yeroo boqonnaatti hojjennuu fi mana bakka hojii keenyaatti dhihoo taʼe akka argannu gochuudhaan nu eebbiseera. Haalli qilleensa isaa hoʼaa kan taʼee fi wantoonni hin mijanne tokko tokko kan jiran taʼanis, bakka kanatti tajaajiluun na gammachiisa. Namoonni Maayaanmaar jireenya salphaa kan jiraatan, kan gad of qabanii fi yeroo fudhatanii misraachoo dhagaʼuuf fedhii kan qabani dha. Yihowaan hojicha ariifachiisaa akka jiru arguun guddaa nama gammachiisa. Ani as gara Mandaleeyi dhufuun koo fedha Yihowaa akka taʼe cimseen amana.”
YIHOWAAN KADHANNAA KEENYA NI DHAGAʼA
Obboloonni bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deeman, humna kadhannaan qabu muuxannoo isaanii irraa hubataniiru. Mee fakkeenya Joompee fi haadha manaa isaa Naaʼoo warra umurii walakkeessa waggoota 30mmanii keessatti argamanii haa ilaallu. Duruma iyyuu gumii afaan mallattoo Jaappaan keessa jiru keessatti tajaajilaa turan. Gara Maayaanmaar kan dhaqan maaliifi
ree? Joompeen akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo biyya alaa dhaqnee bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf galma baafannee turre. Obboleessi miseensa gumii afaan mallattoo keenya isa Jaappaan jiruu taʼe tokko gara Maayaanmaar deemee ture. Qarshiin kuufanne muraasa qofa taʼus, nutis Caamsaa 2010tti gara Maayaanmaar dhaqne. Obboloonnii fi obboleettonni Maayaanmaaris miira hoʼaadhaan nu simataniiru!” Naannoo tajaajilaa afaan mallattoo Maayaanmaar jiru sana ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? Akkana jedheera: “Fedhiin namootaa guddaa dha. Namoonni gurri isaanii duudaa taʼe, viidiyoowwan afaan mallattootiin qophaaʼan yommuu isaanitti argisiisnu baayʼee dinqisiifamu turan. Bakka kana dhufnee Yihowaa tajaajiluuf murteessuu keenyatti, gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama!”Joompee fi Naaʼoon rakkina gama dinagdeetiin isaan mudate hoo kan dandamatan akkamitti? Joompeen akkana jedheera: “Waggaa sadii booda, qarshii kuufanne baayʼee isaa itti fayyadamnee waan fixneef, qarshii gaʼaa mana kiraa waggaa itti aanuuf kaffallu hin qabnu turre. Anii fi haati manaa koo yeroo baayʼee kadhannaa garaadhaa madde dhiheessineerra. Akkuma tasaa, waajjira damee irraa xalayaan yeroodhaaf qajeelchitoota addaa taanee akka tajaajillu nu afeeru nu gaʼuun isaa nu dinqisiisee ture! Yihowaatti amanamnee turre, innis akka nu hin ganne mirkaneeffanneerra. Yihowaan amma iyyuu karaa hundumaan nu kunuunsaa jira.” Dhiheenya kana, Joompee fi Naaʼoon Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galanii barataniiru.
YIHOWAAN BABALʼISTOOTA HEDDUU KAKAASEERA
Siimoon isa lammii Xaaliyaanii umurii walakkeessa waggoota 40mmanii keessa jiruu fi haadha manaa isaa Aanaa ishii lammii Niiwu Ziilaandii dhuma umurii waggoota 30mmanii keessa jirtu, gara Maayaanmaar akka dhaqan kan isaan kakaase maali dha? Aanaan, “Gabaasa Kitaaba Waggaa 2013 waaʼee Maayaanmaar dhihaate ture dha!” jetteetti. Siimoonis akkana jedheera: “Maayaanmaar keessa tajaajiluun mirga guddaa dha. Jireenyi asii baayʼee salphaa waan taʼeef, tajaajila Yihowaa irratti yeroo dabalataa dabarsuu dandaʼeera. Kunuunsa Yihowaan yeroo naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajillu nuuf godhu dhandhamuun baayʼee nama gammachiisa.” (Far. 121:5) Aanaanis akkana jetteetti: “Gammachuu guddaa argadhee hin beekne argachaan jira. Jireenya salphaa jiraanna. Abbaa manaa koo wajjin yeroo hedduu waan waliin dabarsinuuf, isa duraa caalaa walitti dhihaachuu dandeenyeerra. Kana malees, michoota gaarii taʼan haaraa arganneerra. Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaatiif jibba hin qaban; fedhiin namoonni argisiisanis baayʼee kan nama dinqisiisu dha!” Karaawwan kamiini?
Aanaan akkana jetteetti: “Gaaf tokko, bakka gabaatti barattuu yunivarsiitii taate tokkoof kanan lallabe siʼa taʼu, deebinee wal arguufis beellama qabanne. Guyyaa beellama keenyaas, hiriyaa ishii tokko fiddee dhufte. Yeroo ittaanutti immoo hiriyoota ishii muraasa fiddee dhufte. Booda immoo, hiriyoota dabalataa fidde. Yeroo ammaatti isaan keessaa shanan isaanii qoʼachiisaan jira.” Siimoonis itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran, kan namatti dhihaatanii fi beekuuf kan hawwani dha. Baayʼeen isaanii fedhii akka qaban argisiisaniiru. Taʼus, yeroo gaʼaa namoota fedhii argisiisan hunda itti haasofsiisnu hin argannu.”
Haa taʼu malee, gara Maayaanmaar dhaquuf murteessuun tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dabalata? Miizuhoo ishiin Jaappaan keessa jiraattu akkana jetteetti: “Anii fi abbaan manaa koo Saashiyoon biyya babalʼistoonni
caalaatti barbaachisan dhaqnee tajaajiluu barbaanna turre; garuu eessa? Gabaasa Kitaaba Waggaa 2013 irratti waaʼee Maayaanmaar baʼe erga dubbisnee booda, muuxannoowwan nama gammachiisaniin garaan keenya waan tuqameef, gara Maayaanmaar dhaqnee tajaajiluu dandeenya jennee yaaduu jalqabne.” Saashiyoon itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Gara magaalaa guddittii Maayaanmaar kan taate Yaangoon dhaqnee torban tokkoof ilaaluuf murteessine. Daawwannaan yeroo gabaabaadhaaf goone kun, achi dhaqnee tajaajiluu akka qabnu nu amansiiseera.”WAAMICHA DHIHAATEEF DEEBII KENNUU DANDEESSAA?
Roodnii fi haati manaa isaa Jeen warri lammii Awustiraaliyaa taʼanii fi umurii waggoota 50mmanii keessatti argaman, ilma isaanii Joordaanii fi intala isaanii Deenikaa wajjin bara 2010 kaasee Maayaanmaar bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajilaa jiru. Roodniin akkana jedheera: “Namoonni waaʼee Waaqayyoo barachuuf hawwii guddaa akka qaban arguun keenya baayʼee nu dinqisiiseera. Maatiiwwan kaanis bakkawwan akka Maayaanmaar jiranitti tajaajiluuf carraaqqii utuu godhanii gaarii dha jedheen isaan jajjabeessa.” Maaliif? “Tajaajilli kun haala hafuuraa maatii keenyaaf gumaacha guddaa godheera! Dargaggoonni hedduun bilbila, konkolaataa, hojii fi wantoota kana fakkaataniin muddamaniiru. Ijoolleen keenya garuu, jechoota haaraa tajaajila irratti itti fayyadaman barachuudhaan muddamaniiru. Namoota Kitaaba Qulqulluu hin beekne akkamitti akka haasofsiisanii fi gumii irratti akkamitti yaada akka kennan barachuuf carraaqu; akkasumas sochiiwwan gammachiisoo waaqeffannaa keenyaa wajjin wal qabatan kaan hedduu raawwatu.”
Oliivar, obboleessa Yuunaayitid Isteetisii dhufee fi dhuma umurii waggoota 30mmanii keessa jiru siʼa taʼu, sababii gosa tajaajilaa akkasii irratti akka hirmaatan itti jajjabeessu yommuu dubbatu akkana jedheera: “Haala baramaa hin taanee fi bakka mijataa naaf hin taanetti Yihowaa tajaajiluun koo faayidaa hedduu naaf argamsiiseera. Biyya koo irraa fagaadhee deemuun koo ofitti amanaan koo akka jabaatu, akkasumas haala akkamii keessatti iyyuu Yihowaatti amanamu akkan baradhu na gargaareera. Namoota kanaan dura hin beekne garuu amantii kan koo wajjin tokko taʼe qabanii wajjin tajaajiluun, addunyaa kana keessatti wanti barbaachisummaa Mootummaa Waaqayyoo wajjin wal gitu tokko illee akka hin jiraanne hubachuuf na gargaareera.” Yeroo harʼaatti, Oliivarii fi haati manaa isaa Aanaan naannoo afaan Chaayinaa itti dubbatamutti hinaaffaadhaan tajaajiluu isaanii itti fufaniiru.
Tiraazeel, obboleettii Awustiraaliyaadhaa dhuftee fi jalqaba waggoota 50mmannii keessatti argamtuu fi bara 2004 kaasee Maayaanmaar keessa tajaajilaa jirtu dha. Akkana jetteetti: “Obboloota haalli isaanii isaaniif heyyamu, bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti dhaqanii akka tajaajilan cimseen isaan jajjabeessa. Tajaajiluuf fedhii yoo qabaattan, Yihowaan carraaqqii keessan hunda akka eebbisu muuxannoo koo irraa hubadheera. Jireenya akkasii nan jiraadha jedhee matumaa yaadee hin beeku. Kun jireenya eebbaa fi gammachuudhaan guutame, akkasumas matumaa ani yaadee hin beekne dha.”
Jechoonni garaadhaa maddanii fi obboloonni Maayaanmaar bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan dhaqan dubbatan kun, namoota garaa qajeeloo naannoo misraachoon itti hin lallabamne jiran dhaqxanii akka gargaartan kan isin jajjabeessan akka taʼan hawwina. Eeyyee, obboloonni naannoowwan babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajilan, “Maaloo, gara Maayaanmaar ceʼaatii nu gargaaraa!” jechaa jiru.