Nuti kan Yihowaa Ti
“Sabni gooftaan kun Waaqayyo isaa taʼeef, warri Waaqayyo ofiif isaan foʼates haa gammadan!”—FAR. 33:12.
1. Wanti hundi kan Yihowaa ti jechuu kan dandeenyu maaliifi? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)
WANTI hundi kan Yihowaa ti! ‘Bantiin waaqaa fi bantiin waaqaa inni bantiiwwan waaqaa gararraa jirus, laftii fi wanti isa irra jiru hundi’ kan isaa ti. (Kes. 10:14; Mul. 4:11) Ilmaan namootaa kan uume Yihowaa waan taʼeef, hundi keenya qabeenya isaa ti. (Far. 100:3) Taʼus, seenaa ilmaan namootaa keessatti, gareen ilmaan namootaa murtaaʼan karaa adda taʼeen kan isaa akka taʼan murteessee ture.
2. Kitaaba Qulqulluu keessatti karaa adda taʼeen kan Yihowaa akka taʼan kan caqasaman eenyufaʼi?
2 Fakkeenyaaf, Faarfannaan 135 waaqeffattoota Yihowaa amanamoo Israaʼel durii keessa turan “qabeenya isaa adda” taʼan akka turan ibsa. (Far. 135:4, NW) Kana malees, Kitaabni Hoseʼaa namoonni Israaʼeloota hin taane tokko tokko saba Yihowaa akka taʼan raajii dubbatee ture. (Hos. 2:23) Raajiin Hoseʼaa kun, yeroo Yihowaan namoonni Yihudoota hin taanee namoota gara fuulduraatti Kiristoosii wajjin bulchanitti akka dabalaman filatetti raawwii isaa argateera. (HoE. 10:45; Rom. 9:23-26) ‘Sabni qulqulluun’ kun karaa dinqisiisaa taʼeen “qabeenya” addaa Yihowaa kan taʼe siʼa taʼu, miseensonni isaas hafuura qulqulluudhaan kan dibamanii fi samii irra akka jiraataniif kan filatamani dha. (1 Phe. 2:9, 10) Waaʼee Kiristiyaanota amanamoo hedduu yeroo harʼaa jiranii fi lafa irra jiraachuuf abdatanii hoo maal jechuutu dandaʼama? Yihowaan isaaniinis ‘saba koo,’ akkasumas ‘warra ani foʼadhe’ jedhee isaan waama.—Isa. 65:22.
3. (a) Yeroo harʼaatti Yihowaa wajjin hariiroo adda taʼe kan qaban eenyufaʼi? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
3 Yeroo harʼaatti, Yihowaan “tuuta xinnoo” warra samii irra jiraachuuf abdatanis taʼe “hoolota kan biraa” lafa irra jiraachuuf abdatan, saba isaa “tuuta tokko” keessa jiran akka taʼanitti ilaala. (Luq. 12:32; Yoh. 10:16) Yihowaan isaa wajjin hariiroo adda taʼe akkasii akka qabaannu waan nuu heyyameef, dinqisiifannaa guddaa akka isaaf qabnu argisiisuu akka barbaannu beekamaa dha. Mata dureen kun, Yihowaan mirga adda taʼe akkasii waan nuu kenneef karaawwan galateeffannaa keenya argisiisuu itti dandeenyu adda addaa ibsa.
JIREENYA KEENYA YIHOWAADHAAF MURTEESSINA
4. Yihowaan isaa wajjin hariiroo akka qabaannu waan nuu heyyameef isa galateeffachuu kan dandeenyu akkamitti? Yesuus hoo wanta wal fakkaatu akkamii godhe?
4 Yihowaadhaaf guutummaatti of murteessuudhaan akka isa dinqisiifannu argisiisna. Akkasumas bishaaniin cuuphamuudhaan kan Yihowaa akka taanee fi fedhiidhaan isaaf bitamuu akka barbaannu namootatti argisiisna. (Ibr. 12:9) Yesuusis yommuu cuuphameetti wantuma wal fakkaatu godheera; yeroo kana godhu Yihowaadhaan, “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola” akka jedhetti ilaalama. (Far. 40:7, 8) Yesuus saba Waaqayyoof of murteessee ture keessatti kan dhalate taʼu illee, fedha Yihowaa raawwachuuf of dhiheesseera.
5, 6. (a) Yeroo Yesuus cuuphamu Yihowaatti maaltu dhagaʼame? (b) Yihowaan wanti hundi kan isaa taʼee utuu jiruu, isaaf of murteessuu keenya kan dinqisiifatu maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.
5 Yeroo Yesuus cuuphamu Yihowaatti maaltu dhagaʼame? Seenaan Kitaaba Qulqulluu tokko akkana jedha: “Yesuus erga cuuphamee booda, battaluma sanatti bishaanicha keessaa baʼe; yeroo kanatti samiiwwan ni banaman; hafuurri Waaqayyoos akka gugeetti gad buʼee utuu isa irra qubatuu arge. Akkasumas sagaleen tokko samii irraa, ‘Kun Ilma koo isa jaallatamaa ani itti gammadu dha’ jedhe.” (Mat. 3:16, 17) Yesuus duruma iyyuu kan Yihowaa kan ture taʼus, Yihowaan Ilmi isaa guutummaatti fedhii Isaa raawwachuuf of dhiheessuu isaatti gammadeera. Yeroo nuti isaaf of murteessinus Yihowaan ni gammada, akkasumas nu eebbisa.—Far. 149:4.
6 Kana fakkeenyaan ibsuuf, namni tokko mooraa isaa keessatti abaaboo babbareedoo hedduu dhaabeera haa jennu. Gaaf tokko intalli isaa abaaboo sana keessaa tokko fudhattee akka kennaatti isaaf kennite. Abaaboon sun duruma iyyuu kan namichaa hin turree? Wanta kanuma isaa taʼe akkamitti isaaf kenniti? Abbaan jaalala qabeessa taʼe gaaffiiwwan kun gara sammuu isaatti illee hin dhufan. Kanaa mannaa, kennaa intala isaa ishii isa jaallattu irraa isaaf kenname fudhachuu isaatti ni gammada. Abaaboo mooraa isaa keessa jiran hunda irra, abaaboo tokkittii intalli isaa isaaf kenniteef bakka guddaa akka kennu hin shakkisiisu. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaanis guutummaatti isaaf buluuf fedhii qabaachuu keenyatti ni gammada.—Bau. 34:14, NW.
7. Miilkiyaas ilaalcha Yihowaan namoota fedhiidhaan isa tajaajilaniif qabu kan ibse akkamitti?
7 Miilkiyaas 3:16 dubbisi. Hanga ammaatti Yihowaadhaaf kan of hin murteessinee fi kan hin cuuphamne yoo taate, tarkaanfii kana fudhachuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe irratti yaadi. Erga gadameessa haadha kee keessatti uumamtee jalqabee, akkuma namoota kaanii atis kan Yihowaa taateetta. Taʼus, ol aantummaa isaa amantee fudhachuudhaan Yihowaadhaaf yommuu of murteessituu fi fedhii isaa yommuu raawwattu hangam akka gammadu yaadi. (Fak. 23:15) Yihowaanis namoota fedhiidhaan isa tajaajilaniif beekamtii kennuudhaan, maqaa isaanii ‘macaafa seenaa’ irratti galmeessa.
8, 9. Yihowaan namoota maqaan isaanii ‘macaafa seenaa’ irratti barreeffame irraa maal eega?
8 Maqaan keenya ‘macaafa seenaa’ Yihowaa Bau. 32:33; Far. 69:28.
keessatti barreeffamuun isaa dirqama tokko tokko nutti fida. Miilkiyaas Yihowaa ‘sodaachuu fi maqaa isaatiif ulfina kennuu’ akka qabnu ifatti caqaseera. Qaama ykn wanta kan biraa kam iyyuu yoo waaqeffanne garuu, maqaan keenya kitaaba Yihowaa irraa haqamuu dandaʼa!—9 Yihowaadhaaf of murteessuun keenya fedha isaa raawwachuuf waadaa galuu fi bishaaniin cuuphamuu caalaa wanta dabalatu hedduu qaba. Tarkaanfiiwwan kun siʼa tokko qofa kan fudhatamani dha; Yihowaa waaqeffachuun garuu kutaa jireenya keenyaa ti. Saba Yihowaa taanee isa cinaa dhaabachuun immoo, hamma lubbuudhaan jiraannetti, ammas taʼe gara fuulduraatti isaaf ajajamuu keenya itti fufuu gaafata.—1 Phe. 4:1, 2.
HAWWII ADDUNYAA IRRAA NI FAGAANNA
10. Namoota Yihowaa tajaajilanii fi hin tajaajille gidduu garaa garummaa ifa taʼe akkamiitu jiraachuu qaba?
10 Mata duree darbe irratti seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee Qaayin, Solomoonii fi Israaʼelootaa ibsu ilaallee turre. Hundi isaanii iyyuu Yihowaa waaqeffachaa akka jiran kan dubbatan taʼus, garaa guutuudhaan kan isaaf bulan hin turre. Fakkeenyonni kun, namoonni dhugumaan kan Yihowaa taʼan wanta hamaa kan mormanii fi wanta qajeelaa raawwachuuf tarkaanfii cimaa kan fudhatan akka taʼan ifatti ibsu. (Rom. 12:9) Miilkiyaas waaʼee ‘macaafa seenaa’ erga ibsee booda, wanta Yihowaan “garaa garummaa warra qajeelotaa fi warra jalʼoota gidduu jiru, warra ana Waaqayyoof hojjetuu fi warra anaaf hin hojjenne gidduu jiru [in argitu]” jechuudhaan dubbate caqasuun isa sirrii dha.—Mil. 3:18.
11. Yihowaadhaaf guutummaatti kan bulle taʼuun keenya namoota kaaniif ifa taʼuu kan qabu maaliifi?
11 Yihowaan saba isaa akka taanuuf waan nu filateef, karaan dinqisiifannaa keenya ibsuu itti dandeenyu kan biraanis jira. Guddinni gama hafuuraatiin goonu, ‘namoota hundumaatti ifatti kan mulʼatu’ taʼuu qaba. (1 Xim. 4:15; Mat. 5:16) Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Yihowaatti guutummaatti akkan amanamu namoota kaanitti ifatti ni mulʼataa? Dhugaa Baatuu Yihowaa akkan taʼe of beeksisuuf carraan argadhe hundatti nan fayyadamaa?’ Yihowaan saba isaa akka taanuuf erga nu filatee booda, kan isaa taʼuu keenya namoota kaanitti beeksisuu irraa duubatti yoo jenne baayʼee gadda.—Far. 119:46; Maarqos 8:38 dubbisi.
12, 13. Obboloonni tokko tokko Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuun isaanii ifatti akka hin mulʼanne kan godhan akkamitti?
1 Qor. 2:12) Hafuurri kun immoo “fedhii foonii” jajjabeessa. (Efe. 2:3) Fakkeenyaaf, gorsi hedduun kan isaaniif kenname taʼus, obboloonni tokko tokko amma iyyuu akkaataa uffannaa fi akkaataa itti of miidhagsan dogoggoraa hordofuu filataniiru. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti illee, uffata dhagnatti maxxanuu fi qaama isaanii argisiisu uffatu. Yookiin akkaataan rifeensa isaanii itti muratan ykn hojetatan gara dhabaa dha. (1 Xim. 2:9, 10) Kanaan kan kaʼes, yeroo namoota baayʼee gidduu taʼanitti eenyu kan Yihowaa akka taʼe, eenyu immoo “michuu addunyaa” akka taʼe addaan baasuun rakkisaa taʼuu dandaʼa.—Yaq. 4:4.
12 Obboloonni tokko tokko “hafuura addunyaa” hordofuu isaaniitiin, ‘garaa garummaan warra qajeelotaa fi warra jalʼoota gidduu jiru, warra Waaqayyoof hojjetanii fi warra isaaf hin hojjenne gidduu jiru’ akka ifatti hin mulʼanne gochuun isaanii baayʼee nama gaddisiisa. (13 Karaa biraatiin immoo, Dhugaa Baatonni tokko tokko namootuma addunyaa fakkaatu. Fakkeenyaaf, shubbisnii fi gochi isaan qophiilee bashannanaa irratti argisiisan, Kiristiyaanota biratti fudhatama kan hin qabne dha. Akkasumas suuraa fi yaada namoota hafuuraa taʼuu isaanii hin argisiisne weeb saayitii hawaasaa irratti gadhiisu. Tarii cubbuu cimaa hojjetaniiru jedhamee gumii Kiristiyaanaa keessatti hin adabaman taʼa; haa taʼu malee, obboloota umurii isaanii irra jiranii fi saba Yihowaa gidduutti amala gaarii qabaatanii jiraachuuf carraaqan irratti dhiibbaa gadhee geessisuu dandaʼu.—1 Pheexiros 2:11, 12 dubbisi.
14. Michooma adda taʼee fi Yihowaa wajjin qabnu eeguuf, gocha isa kam irraa fagaachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha?
14 Addunyaan “hawwiin foonii, hawwiin ijaa fi qabeenya ofii argisiifachuun” gar malee akka babalʼatu gochaa jira. (1 Yoh. 2:16) Nuti garuu kan Yihowaa waan taaneef, “wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa irraa akka fagaannu, sirna ammaa keessatti sirriitti akka yaadnu, qajeelummaadhaan, akkasumas namoota Waaqayyoof bulan taanee akka jiraannu” gorsi nuuf kennameera. (Tit. 2:12) Wanti goonu hundi, jechuunis akkaataan itti dubbannu, akkaataan itti nyaannuu fi dhugnu, akkaataan uffannaa keenyaa fi akkaataan itti of miidhagsinu, barsiifanni hojii keenyaa namoonni nu ilaalan nuti namoota Yihowaadhaaf guutummaatti bulle akka taane ifatti akka hubatan gochuu qaba.—1 Qorontos 10:31, 32 dubbisi.
‘JAALALA GUDDAA WALIIF QABNA’
15. Obboloota keenyatti gaarummaa fi jaalala argisiisuu kan qabnu maaliifi?
15 Walitti dhufeenya obboloota keenyaa wajjin qabnuunis, michooma adda taʼee fi Yihowaa wajjin qabnu akka dinqisiifannu argisiisuu dandeenya. Obboloonni keenyas kan Yihowaa ti. Dhugaa kana yoo dagachuu baanne, yeroo hunda obboloota keenyatti gaarummaa fi jaalala argisiisuun nutti hin ulfaatu. (1 Tas. 5:15) Yesuus duuka buutota isaatiin akkana jedheera: “Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”—Yoh. 13:35.
16. Seera Musee keessaa fakkeenya isa kamtu ilaalcha Yihowaan saba isaatiif qabu ibsa?
16 Obboloota keenyaa wajjin gumii keessatti hariiroo akkamii qabaachuu akka qabnu fakkeenyaan ibsuuf, haala armaan gadii haa ilaallu. Miʼoonni mana qulqullummaa Yihowaa keessa turan, guutummaatti waaqeffannaa qulqulluudhaaf kan murteeffaman turan. Miʼoota kana ilaalchisee Seerri Musee ibsa balʼaa qabateera; namoonni seera kana cabsan ni ajjeefamu turan. (Lak. 1:50, 51) Yihowaan miʼoota lubbuu hin qabnee fi waaqeffannaa isaa keessatti hojii irra oolaniif eegumsa guddaa godheera erga taʼee, tajaajiltoota amanamoo isaaf of murteessanii fi inni saba isaa akka taʼan filateef immoo caalaatti eegumsa akka godhu beekama dha! Yeroo tokko Yihowaan saba isaatiin, “Namni isin tuqu agartuu ija kootii tuqa” jedhee ture.—Zak. 2:8.
17. Yihowaan maal ‘dhaggeeffata?’
17 Miilkiyaas, Yihowaan wanta saboonni Isaa dubbatan xiyyeeffannaadhaan akka ‘dhaggeeffatu’ dubbachuun isaa qalbii namaa kan hawwatu dha. (Mil. 3:16) Yihowaan dhugumaan, “warra kan isaa taʼan ni beeka.” (2 Xim. 2:19) Wanta goonuu fi wanta dubbannu hunda xiyyeeffannaadhaan hordofa. (Ibr. 4:13) Obboloota keenyatti gaarummaa utuu hin argisiisin yommuu hafnu, Yihowaan ni hubata. Kana malees, obboloota keenya keessummummaa yommuu simannu, isaaniif yommuu arjoomnu, yommuu dhiifama isaaniif goonuu fi gaarummaa isaanitti argisiisnu, Yihowaan wantoota kanas akka hubatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Ibr. 13:16; 1 Phe. 4:8, 9.
“YIHOWAAN SABA ISAA HIN GATU”
18. Mirga saba Yihowaa taʼuuf arganne akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Yihowaan saba isaa akka taanuuf mirga nuu kennuun isaa, isa dinqisiifachuuf caalaatti akka nu kakaasu beekamaa dha. Fedhii keenyaan isaaf of murteessuudhaan, qabeenya isaa taʼuu keenya amannee fudhachuun ogummaa akka taʼe ni hubanna. “Dhaloota jalʼaa fi micciiramaa kana keessa” kan jiraannu taʼus, namoonni kaan ‘warra mudaa hin qabnee fi qulqulloota, akkasumas addunyaa keessatti akka ibsitoota ifaa kan ibsinu’ taʼuu keenya akka hubatan gochuu barbaanna. (Filp. 2:15) Wanta hamaa irraa fagaachuufis tarkaanfii cimaa ni fudhanna. (Yaq. 4:7) Kana malees, obboloonni keenya kan Yihowaa akka taʼan hubachuudhaan isaan jaallanna, akkasumas isaan kabajna.—Rom. 12:10.
19. Yihowaan namoota kan isaa taʼan kan eebbisu akkamitti?
19 Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan saba isaa hin gatu” jechuudhaan abdii kenneera. (Far. 94:14, NW) Abdiin kenname kun, rakkinni kam iyyuu yoo nu irra gaʼe illee Yihowaan akka nu gargaaru wabii nuuf taʼa. Duuti illee Yihowaan jaalala akka nutti hin argisiisne gufuu taʼuu hin dandaʼu. (Rom. 8:38, 39) “Yoo jiraanne Yihowaadhaaf jennee jiraanna, yoo duunes Yihowaadhaaf jennee duuna. Kanaaf, yoo jiraannes yoo duunes nuti kan Yihowaa ti.” (Rom. 14:8) Guyyaa Yihowaan michoota isaa amanamoo taʼanii fi duʼan hunda gara jireenyaatti itti deebisu hawwii guddaadhaan eegganna. (Mat. 22:32) Yeroo ammaatti illee eebba hedduu argachaa jirra. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Sabni gooftaan kun Waaqayyo isaa taʼeef, warri Waaqayyo ofiif isaan foʼates haa gammadan!”—Far. 33:12.