Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 1

‘Dhaqaatii Namoota Barattoota Godhaa’

‘Dhaqaatii Namoota Barattoota Godhaa’

CAQASA WAGGAA BARA 2020: ‘Dhaqaatii isaan cuuphuudhaan namoota barattoota godhaa.’—MAT. 28:19.

FAARFANNAA 79 Jabaatanii Akka Dhaabbatan Isaan Barsiisaa

QABIYYEE *

1-2. Maleekaan tokko dubartoota iddoo Yesuus itti awwaalame turaniin maal jedhe? Yesuus ofii isaa hoo qajeelfama akkamii isaaniif kenne?

YEROON isaa Niisaan 16 ganama DH.K.B. bara 33⁠tti ture. Gareen dubartootaa baayʼee gaddanii fi Waaqayyoon jaalatan tokko iddoo awwaalchaa guyyaa lama dura Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos itti awwaalame deeman. Urgooftuu fi dibata urgaaʼaa dibuuf yommuu iddoo awwaalchaa gaʼan, iddoon awwaalchaa duwwaa taʼuu isaa arganii baayʼee dinqisiifatan. Maleekaan tokko Yesuus duʼaa akka kaʼe dubartoota sanatti hime, akkasumas, “Isin dursee gara Galiilaa ni dhaqa, isin achitti isa ni argitu” isaaniin jedhe.—Mat 28:1-7; Luq 23:56; 24:10.

2 Dubartoonni kun erga iddoo awwaalchaa biraa deemanii booda Yesuus ofii isaa isaanitti dhihaatee akkana jedhee qajeelfama isaaniif kenne: “Gara Galiilaa dhaqanii achitti akka na argan obboloota kootti himaa.” (Mat. 28:10) Yesuus erga duʼaa kaʼee booda wanta inni jalqaba raawwate keessaa inni tokko barattoota isaa wajjin walgaʼii gochuu ture. Walgaʼii sana irrattis qajeelfamoota baayʼee barbaachisoo taʼan tokko tokko isaaniif kenne.

YESUUS BARATTOOTA AKKA GODHAN EENYUUN AJAJE?

Yesuus erga duʼaa kaʼee booda Galiilaa keessatti ergamoota isaa fi namoota kaan wajjin yeroo wal argetti “Dhaqaatii . . . namoota barattoota godhaa” jechuudhaan isaan ajajeera (Keeyyata 3-4 ilaali)

3-4. Ajajni Maatewos 28:19, 20 irra jiru kan kenname ergamoota qofaaf miti kan jennu maaliifi? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

3 Maatewos 28:16-20 dubbisi. Walgaʼii Yesuus qindeesse irratti, hojii barbaachisaa yeroo sanatti barattoonni isaa hojjetan isaaniif kenne, kunis hojii yeroo harʼaa nuti hojjennu wajjin wal fakkaata. Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Dhaqaatii, . . . saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.”

4 Yesuus duuka buutonni isaa hundi akka lallaban barbaada. Ajaja kana kan kenne ergamoota isaa amanamoo taʼan 11f qofa miti. Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Gaara Galiilaa keessatti argamu sana irratti barattoota akka godhaniif ajajni yommuu kennamu kan achitti argaman ergamoota qofadhaa? Maleekaan sun dubartoota sanaan “Isin [Galiilaatti] isa ni argitu” akka jedhe yaadadhu. Kanaafuu, dubartoonni amanamoo taʼanis achitti argamanii taʼuu qaba. Haa taʼu malee, kan achitti argaman isaan qofa miti. Phaawulos ergamaan Yesuus ‘al tokkotti obboloota 500 caalanitti akka mulʼate’ dubbateera. (1 Qor. 15:6) Eessatti?

5. 1 Qorontos 15:6 irraa maal baranna?

5 Phaawulos kana kan barreesse walgaʼii Galiilaa keessatti taasifamee fi Maatewos boqonnaa 28 irratti ibsame sana sammuutti qabateeti jennee yaaduuf sababii gaʼaa qabna. Ragaa akkamii qabna? Tokkoffaa, barattoonni Yesuus baayʼeen isaanii namoota Galiilaa ti. Kanaafuu mana dhuunfaa Yerusaalem keessatti argamu tokko irra gaara Galiilaa keessatti argamu irratti namoota hedduu walitti qabuutu salphata. Lammaffaa, Yesuus sana dura erga duʼaa kaʼee booda mana dhuunfaa Yerusaalemitti argamu tokko keessatti ergamoota isaa 11 wajjin wal argeera. Yesuus utuu barbaadee ergamoonni isaa, dubartoonni sunii fi warri kaan gara Galiilaa akka dhaqan isaan gaafachuu mannaa akka lallabanii fi barattoota akka godhan Yerusaalemitti ergamoota isaa qofa ajajuu dandaʼa ture.—Luq. 24:33, 36.

6. Maatewos 28:20 ajajni barattoota akka goonuuf kenname yeroo harʼaas akka hojjetu kan argisiisu akkamitti? Namoonni ajaja kana raawwachaa kan jiran hoo akkamitti?

6 Ragaa barbaachisaa isa sadaffaa hubadhaa. Yesuus barattoota akka godhan kan ajaje Kiristiyaanota jaarraa tokkoffaatti jiraatan qofa hin turre. Akkamitti beekna? Yesuus qajeelfama duuka buutota isaatiif kenne kan xumure, “Ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira” jechuudhaan ture. (Mat. 28:20) Akkuma Yesuus dursee dubbate, yeroo harʼaa namoonni hedduun barattoota gochaa jiru. Mee yaadi! Waggaa waggaadhaan namoonni gara 300,000 taʼan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanii cuuphamu, akkasumas barattoota Yesuus Kiristoos taʼu!

7. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna? Maaliif?

7 Namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼatan hedduun guddina gochuudhaan cuuphamaniiru. Haa taʼu malee, namoonni yeroo baayʼee nu wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼatan tokko tokko barattoota taʼuu irraa duubatti waan jedhan fakkaata. Qoʼannaa isaaniitti kan gammadan taʼus, cuuphamuuf guddina hin godhan. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kan geggeessitu yoo taʼe, namni qoʼachiistu wanta baratu hojii irra akka oolchuu fi barataa Kiristoos akka taʼu gargaaruu akka barbaaddu hin shakkinu. Mata dureen kun garaa barattoota keenyaa tuquu kan dandeenyuu fi karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa. Waaʼee kanaa mariʼachuun kan nu barbaachise maaliifi? Sababiin isaas yeroo tokko tokko qoʼannaa keenya itti fufuuf ykn dhiisuuf murteessuun nu barbaachisuu dandaʼa.

GARAA ISAANII TUQUUF YAALAA

8. Garaa barattoota keenyaa tuquun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

8 Yihowaan namoonni jaalala isaaf qabaniin kakaʼanii akka isa tajaajilan barbaada. Kanaafuu, kaayyoon keenya barattoonni keenya Yihowaan dhuunfaatti akka isaaniif yaaduu fi baayʼee akka isaan jaalatu akka hubatan gargaaruu dha. Yihowaan ‘warra abbaa hin qabneef abbaa, haadhotii hiyyeessaafis falmaa’ akka taʼetti akka ilaalan isaan gargaaruu barbaanna. (Far. 68:5) Namoonni ati qoʼachiistu jaalala Waaqayyo isaaniif qabu dinqisiifachaa yommuu deeman, garaan isaanii tuqamuun isaa hin oolu, akkasumas jaalalli isaan Waaqayyoof qaban ni guddata. Barattoonni tokko tokko abbaan isaanii jaalala waan isaanitti hin argisiisneef, Yihowaa akka Abbaa jaalala qabeessa taʼeetti ilaaluun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. (2 Xim 3:1, 3) Qoʼannaa yeroo geggeessitu amalawwan Yihowaa warra gaggaarii taʼan sirriitti ibsi. Barattoonni kee Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe jireenya bara baraa akka argatan akka barbaaduu fi galma kana irra akka gaʼan isaan gargaaruuf qophaaʼaa taʼuu isaa akka hubatan isaan gargaari. Wanti kan biraan gochuu dandeenyu maali dha?

9-10. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yommuu geggeessinu kitaabota kamitti fayyadamuu qabna? Maaliifi?

9 Kitaabota “Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?” jedhuu fi “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhutti fayyadamaa. Barreeffamoonni kunneen kan qophaaʼan garaa barattoota keenyaa akka tuqnu nu gargaaruufi. Fakkeenyaaf, kitaabni Maal Nu Barsiisa jedhu boqonnaan 1 gaaffiiwwan: Waaqayyo nuu yaada moo gara jabeessa dha?, Waaqayyo yeroo namoonni dhiphatan maaltu isatti dhagaʼama?, akkasumas Michuu Yihowaa taʼuu ni dandeessaa? jedhaniif deebii kenna. Kitaabni Jaalala Waaqayyoo jedhamu hoo? Kitaabni kun immoo baratichi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun isaa jireenya isaa akkamitti akka fooyyessu akka hubatuu fi gara Yihowaatti akka dhihaatu isa gargaara. Kitaabota kanneen kanaan dura namoota kan biraa wajjin yoo qoʼatte illee, wanta baraticha barbaachisu sammuutti qabachuudhaan qoʼannaa hundumaaf sirriitti qophaaʼi.

10 Haa taʼu malee, barataa kee mata duree kan biraan xiyyeeffannaa isaa yoo harkisee fi barreeffamni mata duree sana ibsu immoo Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessatti hin argamu yoo taʼe maal gochuu qabda? Tarii meeshaalee Kitaaba Qulqulluu ittiin qoʼachiisnuu fi olitti caqasaman keessaa isa tokkoon qoʼachuu keessan itti fufuu akka dandeessaniif, dhuunfaa isaatti barreeffama sana akka dubbisu isa jajjabeessuu dandeessa.

Qoʼannaa keessan kadhannaadhaan jalqabaa (Keeyyata 11 ilaali)

11. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keenya irratti kadhannaa gochuu jalqabuu kan qabnu yoomi? Waaʼee kanaa hoo akkamitti kaasuu dandeenya?

11 Qoʼannaa keessan kadhannaadhaan jalqabaa. Yeroo baayʼee haala dhaabbataa taʼeen qoʼachuu erga jalqabdanii booda hamma dandaʼametti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keessan irratti kadhannaa gochuu jalqabuun keessan gaarii dha. Barataan keenya Dubbii Waaqayyoo hubachuu kan dandeenyu gargaarsa hafuura Waaqayyoo yoo arganne qofa akka taʼe akka hubatu gargaaruu qabna. Obboloonni Kitaaba Qulqulluu barsiisan tokko tokko Yaaqoob 1:5 dubbisuudhaan waaʼee kadhannaa kaasu, caqasichi akkana jedha: “Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, inni Waaqayyoon kadhachuu isaa itti haa fufu.” Achiis namni qoʼannaa geggeessu sun akkana jedhee barataa sana gaafata: “Ogummaa argachuu yoo barbaanne maal gochuu qabna?” Barataan sunis Waaqayyoon kadhachuu akka qabnu irratti walii galuun isaa hin oolu.

12. Barataan tokko kadhannaa isaa akka fooyyessu gargaaruuf Faarfannaa 139:2-4⁠tti fayyadamuu kan dandeessan akkamitti?

12 Barataan keessan akkamitti akka kadhatu barsiisaa. Yihowaan kadhannaa inni garaadhaa dhiheessu dhagaʼuu akka barbaadu isaaf mirkaneessi. Kadhannaa dhuunfaa keenyatti dhiheessinu irratti miira keenya Yihowaatti himuu fi wantoota nama kan biraatti dubbachuu hin barbaanne isatti himuu akka dandeenyu ibsiif. Yihowaan yaada garaa keenyaa akka beeku yaadadhu. (Faarfannaa 139:2-4 dubbisi.) Kana malees, barataan keenya ilaalcha dogoggoraa isaa jijjiiruu fi barsiifatawwan gadhee taʼan injifachuuf Waaqayyo akka isa gargaaru akka gaafatu jajjabeessuu dandeenya. Fakkeenyaaf, namni yeroo muraasaaf qoʼachaa ture tokko ayyaana maddi isaa amantii sobaa taʼe tokkoof jaalala qaba haa jennu. Dogoggora akka taʼe kan beeku taʼus amma iyyuu wantoonni ayyaanicha irratti raawwataman tokko tokko isa gammachiisu. Kanaafuu, wanta isatti dhagaʼamu Yihowaatti akka himuu fi wanta Waaqayyo jaalatu qofa jaalachuuf gargaarsa Yihowaa akka gaafatu isa jajjabeessi.—Far. 97:10.

Barataan Kitaaba Qulqulluu keessan walgaʼii gumii irratti akka argamu affeeraa (Keeyyata 13 ilaali)

13. (a) Barattoonni keenya hamma dandaʼametti dafanii walgaʼiiwwan gumii irratti akka argaman affeeruu kan qabnu maaliifi? (b) Barataan tokko Galma Walgaʼiitti keessummummaan akka isatti hin dhagaʼamne gochuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Barataan Kitaaba Qulqulluu keessan hamma dandaʼametti dafee walgaʼii gumii irratti akka argamu affeeraa. Wanti barataan kee walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti dhagaʼuu fi argu garaa isaa tuquu fi guddina gochuuf isa gargaaruu dandaʼa. Viidiyoo Galma Mootummaa Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? jedhamu itti argisiisi, akkasumas si wajjin gara walgaʼii akka dhufu affeeri. Yoo dandaʼame gara walgaʼii akka inni dhufu isa gargaaruu akka dandeessu itti himi. Qoʼannaa keessan irratti babalʼistoonni adda addaa akka argaman affeeruunis gaarii dha. Kunis barataan kee obboloota gumii keessa jiran kaan wajjin akka wal baruu fi walgaʼiiwwan keenya irratti yommuu argamu keessummummaan akka isatti hin dhagaʼamne gochuu dandaʼa.

BARATAAN KEESSAN KARAA HAFUURAA AKKA GUDDATU GARGAARAA

14. Barataan tokko karaa hafuuraa guddachuuf kan kakaʼu yoomi?

14 Kaayyoon keenya barataan Kitaaba Qulqulluu keenya karaa hafuuraa akka guddatu gargaaruu dha. (Efe. 4:13) Namni tokko nu wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf yommuu walii galu adda durummaadhaan qoʼannaan sun dhuunfaatti akkamitti akka isa fayyadu irratti xiyyeeffata taʼa. Jaalalli inni Yihowaadhaaf qabu yommuu guddatu garuu obboloota gumii keessa jiran dabalatee warra kaan gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe yaaduu jalqabuun isaa hin oolu. (Mat. 22:37-39) Yeroo sirrii taʼetti hojii Mootummichaa qarshiidhaan deeggaruuf mirga akka qabnu caqasuu irraa duubatti hin jedhin.

Barataan Kitaaba Qulqulluu keessan yommuu rakkinni isa muudatu maal gochuu akka qabu barsiisaa (Keeyyata 15 ilaali)

15. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko yommuu rakkinni isa mudatu wanta sirrii taʼe akka godhu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

15 Barataan Kitaaba Qulqulluu keessan yommuu rakkinni isa mudatu maal gochuu akka qabu barsiisaa. Fakkeenyaaf, barataan kee inni babalʼisaa hin cuuphamne taʼe nama gumii keessa jiru tokkotti akka mufate sitti hime haa jennu. Dogoggorri kan eenyuu akka taʼe dubbachuu mannaa wanta inni gochuu qabuu fi Kitaabni Qulqulluun jedhu isaaf ibsi. Obboleessa sanaaf dhiifama gochuu fi dhimmicha irraanfachuu dandaʼa. Kana gochuu yoo hin dandeenye immoo ‘obboleessa sana deebisee argachuuf’ gaarummaa fi jaalalaan isa haasofsiisuu qaba. (Maatewos 18:15 wajjin wal bira qabii ilaali.) Barataan kee wanta dubbatu akka qophaaʼu gargaari. Karaawwan dhimma kana furuu itti dandaʼu barachuuf appilikeeshinii JW Library® jedhamutti, Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼettii fi weebsaayitii jw.org® jedhamutti akkamitti akka fayyadamu itti argisiisi. Cuuphamuu isaa dura leenjii yoo argate erga cuuphamee booda obboloota gumii keessa jiran wajjin caalaatti hariiroo gaarii qabaachuun isaa hin oolu.

16. Babalʼistoonni kan biroon qoʼannaa keessan irratti akka argaman affeeruun gaariidha kan jennu maaliifi?

16 Obboloonni gumii keessa jiran, akkasumas ilaaltuun ol aanaa aanaa yommuu gumicha daawwatu qoʼannaa keessan irratti akka argaman affeeraa. Maaliif? Sababiiwwan olitti caqasaman malees babalʼistoonni kan biroon gargaarsa ati kennuu hin dandeenye barattoota keetiif kennuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, barataan kee tamboo xuuxuu dhaabuuf kan yaale taʼus yeroo baayʼee utuu isaaf hin milkaaʼin hafe haa jennu. Obboleessi yeroo baayʼee erga yaalee booda barsiifata kana moʼuu dandaʼe tokko qoʼannaa keessan irratti akka argamu affeeri. Obboleessi kunis gorsa gaarii barataan sun dhagaʼuun isa barbaachisu isaaf kennuu dandaʼa. Bakka obboleessi muuxannoo qabu tokko jirutti qoʼannaa geggeessuun kan sitti hin tolle yoo taʼe obboleessi sun yeroo sanatti qoʼannaa sana akka geggeessu isa affeeri. Warri kaan qoʼannaa keessan irratti akka argaman yommuu affeertu barattoonni kee muuxannoo isaanii irraa fayyadamuu dandaʼu. Kaayyoon keenya baratichi karaa hafuuraa akka guddatu gargaaruu akka taʼe yaadadhu.

QOʼANNAA KEESSAN DHAABUU QABDUU?

17-18. Qoʼannaa tokko dhaabuu ykn itti fufuu akka qabdu murteessuuf maal tilmaama keessa galchuu qabda?

17 Barataan Kitaaba Qulqulluu kee jireenya isaa keessatti jijjiirama gochaa hin jiru yoo taʼe, yeroo taʼe tokkotti ‘Qoʼannaa keenya dhaabuun qabaa?’ jettee of gaafachuu dandeessa. Murtoo kana gochuu kee dura dandeettii nama sanaa tilmaama keessa galchuu qabda. Namoonni tokko tokko guddina gochuuf warra kaan caalaa yeroo dheeraa isaanitti fudhata. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Barataan koo akka haala isaatti saffisa sirrii taʼeen guddina gochaa jiraa?’ ‘Wantoota barate ‘eeguu’ ykn hojii irra oolchuu jalqabeeraa?’ (Mat. 28:20) Barataan tokko guddina gochuuf yeroo dheeraa isatti fudhachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, suutuma suuta jireenya isaa keessatti jijjiirama gochuu qaba.

18 Namni yeroo muraasaaf qoʼachaa ture tokko qoʼannaa isaa akka dinqisiifatu yoo argisiisuu baate hoo? Mee haala kanatti aanee jiru ilaali: Barataan kee kitaaba Maal Nu Barsiisa jedhamu qoʼatee xumureera, akkasumas kitaaba Jaalala Waaqayyoo jedhamu qoʼachuu jalqabeera taʼa, haa taʼu malee Ayyaana Yaadannoo dabalatee walgaʼii gumii tokko irratti illee argamee hin beeku. Akkasumas sababiidhuma hin taaneen yeroo baayʼee utuu hin qoʼatin hafa. Haala akkasii keessatti barataa kee wajjin ifatti haasaʼuun gaarii dha. *

19. Nama qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isaa hin dinqisiifanne tokkoon maal jechuu dandeessa? Wanti tilmaama keessa galchuu qabdu hoo maali dha?

19 Akkana jettee gaafachuudhaan jalqabuu dandeessa: ‘Dhugaa Baatuu Yihowaa akka hin taane wanti sitti ulfaate inni guddaan maali dha?’ Tarii baratichi, ‘Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun natti tola, garuu ani matumaa Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taʼu’ jedhee deebisa taʼa. Yeroo muraasaaf erga qoʼatee booda ilaalcha akkasii kan qabaatu yoo taʼe sababiin itti qoʼannaa kana itti fufnu jiraa? Gama biraatiin immoo, barataan kee yeroo jalqabaatiif wanti duubatti isa harkisu maal akka taʼe dubbachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, matumaa manaa gara manaa deemee tajaajiluu akka hin dandeenye itti dhagaʼama taʼa. Wanta isatti dhagaʼamu beekuun kee akkamitti akka isa gargaartu sirriitti hubachuuf si gargaara.

Namoota guddina hin goone qoʼachiisuudhaan yeroo keessan hin gubinaa (Keeyyata 20 ilaali)

20. Yaada Hojii Ergamootaa 13:48 irra jiru hubachuun qoʼachiisuu keenya itti fufuu fi dhiisuuf akka murteessinu kan nu gargaaru akkamitti?

20 Kan nama gaddisiisu barattoonni tokko tokko Israaʼeloota bara Hisqiʼel turan wajjin wal fakkaatu. Yihowaan Israaʼeloota yeroo sana turan ilaalchisee Hisqiʼeliin akkana jedhee ture: “Ati kunoo, isaan biratti akka nama sagalee miidhagaadhaan weedduu jaalalaa weeddisuu fi akka nama miʼa faarfannaatiin baʼeessa godhee sagalee dhageessisuu ti; isaan dubbii kee in dhagaʼu, garuu isa hojii irra hin oolchan.” (His. 33:32) Nama tokko isa qoʼachiisuu akka dhaabnu itti himuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, ‘yeroon hafe gabaabaa dha.’ (1 Qor. 7:29) Nama guddina hin goone tokko qoʼachiisuudhaan yeroo keenya gubuu mannaa warra ‘jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii akka qaban’ argisiisan barbaaduu qabna.—Hojii Ergamootaa 13:48 dubbisi.

Namoonni kan biroon gargaarsa argachuuf kadhatan naannoo keessan jiru taʼa (Keeyyata 20 ilaali)

21. Caqasni waggaa keenya kan bara 2020 maal jedha? Caqasni kun filatamuun isaa sirrii kan taʼe hoo maaliifi?

21 Bara 2020⁠tti caqasni waggaa keenya hojii barattoota gochuu akka fooyyessinu nu gargaara. Kanaafuu, jechoota Yesuus walgaʼii seena qabeessa gaara Galiilaa keessatti argamu tokko irratti dubbatee fi ‘Dhaqaatii isaan cuuphuudhaan namoota barattoota godhaa’ jedhu sammuutti haa qabannu.—Mat. 28:19.

Hojii barattoota gochuu keenya fooyyeffachuu fi barattoonni keenya akka cuuphaman gargaaruu irratti xiyyeeffachuuf haa murteessinu (Keeyyata 21 ilaali)

FAARFANNAA 70 Warra Isaaniif Malu Barbaadaa

^ key. 5 Caqasni waggaa bara 2020 ‘barattoota akka goonu’ nu jajjabeessa. Tajaajiltoonni Yihowaa hundi ajaja kana hojii irra oolchuu qabu. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya barattoota Kiristoos akka taʼan garaa isaanii tuquu kan dandeenyu akkamitti? Mata dureen kun barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya gara Yihowaatti akka dhihaatan isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa. Kana malees qoʼannaa keenya itti fufuu ykn dhiisuuf murteessuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.