Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 2

“Madda Jajjabinaa Guddaa” Taʼuu ni Dandeessu

“Madda Jajjabinaa Guddaa” Taʼuu ni Dandeessu

“Mootummaa Waaqayyootiif anaa wajjin kan hojjetan isaan kana . . . dha; isaan madda jajjabinaa guddaa anaaf taʼaniiru.”—QOL. 4:11.

FAARFANNAA 90 Wal Jajjabeessaa

QABIYYEE *

1. Tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan hedduu haalawwan nama dhiphisan akkamiitu isaan mudachaa jira?

ADDUNYAA mara irratti tajaajiltoota Yihowaa hedduu haalawwan nama dhiphisanii fi nama gaddisiisantu isaan mudata. Isin hoo gumii keessan keessatti kana hubattaniittuu? Kiristiyaanonni tokko tokko dhukkuba cimaa wajjin walʼaansoo godhu, yookiin immoo nama jaallatan duʼaan dhabuu isaaniitiin kan kaʼe ni gaddu. Warri kaan immoo miseensi maatii isaanii ykn michuun isaanii tokko dhugaa waan dhiiseef gaddi guddaan isaanitti dhagaʼama. Miidhaa sababii balaawwan uumamaatiin gaʼu wajjin walʼaansoo gochaa kan jiranis jiru. Obboloonnii fi obboleettonni kun hundi jajjabinni isaan barbaachisa. Maarree, isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

2. Phaawulos yeroo tokko tokko jajjabina argachuun kan isa barbaachise maaliifi?

2 Phaawulos ergamaa haalli lubbuu isaa balaadhaaf saaxilu yeroo baayʼee isa mudateera. (2 Qor. 11:23-28) Kana malees ‘qoree foon isaa waraanu’ dandamachuun isa barbaachisee ture, kunis tarii rakkina fayyaa taʼe tokko taʼuu dandaʼa. (2 Qor. 12:7) Akkasumas Deemaas inni yeroo tokko isa wajjin hojjechaa ture “sirna ammaa kana jaallatee” isa dhiisee deemuu isaatiin kan kaʼe gadda isatti dhagaʼame dandamachuu qaba ture. (2 Xim. 4:10) Phaawulos Kiristiyaana dibamaa fi ija jabeessa arjummaadhaan warra kaan gargaaraa ture taʼus yeroo tokko tokko abdii kutata ture.—Rom. 9:1, 2.

3. Phaawulos jajjabinaa fi deeggarsa eenyufaa irraa argate?

3 Phaawulos jajjabinaa fi deeggarsa isa barbaachisu argateera. Akkamitti? Yihowaan hafuura qulqulluu isaatti fayyadamee jabina akka isaaf kenne hin shakkisiisu. (2 Qor. 4:7; Filp. 4:13) Akkasumas Yihowaan Kiristiyaanota kan birootti fayyadamee isa jajjabeesseera. Phaawulos warri isa wajjin hojjetan tokko tokko “madda jajjabinaa guddaa” akka isaaf taʼan ibseera. (Qol. 4:11) Isaan keessaa Arisxaarkos, Tikiqoosii fi Maarqos maqaadhaan caqaseera. Namoonni kun Phaawulosiin jajjabeessuudhaan jabaatee akka inni dhaabbatu isa gargaaraniiru. Amaloota kamfaatu Kiristiyaanonni sadan kun warra kaan jajjabeessuu irratti buʼa qabeeyyii akka taʼan isaan gargaare? Yommuu wal jajjabeessuuf carraaqnu fakkeenya isaanii hordofuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

AKKUMA ARISXAARKOS AMANAMOO TAʼAA

Nutis akkuma Arisxaarkos ‘yeroo dhiphinaatti’ obboloota keenya wajjin taʼuudhaan michoota amanamoo taʼuu dandeenya (Keeyyata 4-5 ilaali) *

4. Arisxaarkos Phaawulosiif michuu amanamaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

4 Arisxaarkos Kiristiyaana Tasalonqee ishii Maqedooniyaa keessatti argamtu irraa dhufee fi michuu amanamaa Phaawulos taʼuu isaa argisiise dha. Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo jalqabaatiif waaʼeen Arisxaarkos kan ibsame yommuu Phaawulos adeemsa misiyoonummaa isaa isa sadaffaa irratti Efesooniin daawwatetti dha. Arisxaarkos Phaawulos wajjin yeroo deemetti namoota jeequmsa uumaniin qabame. (HoE. 19:29) Dhuma irratti yommuu bilisa baʼu nageenya mataa isaa barbaaduu mannaa amanamummaadhaan Phaawulos wajjin taʼeera. Jiʼoota muraasa boodas Giriik keessatti mormitoonni Phaawulosiin ajjeesuuf doorsisuu isaanii kan itti fufan taʼus Arisxaarkos isa wajjin ture. (HoE. 20:2-4) Dh.K.B. naannoo bara 58⁠tti Phaawulos hidhamee gara Roomaatti yommuu geeffamu Arisxaarkos karaa dheeraa sana isa wajjin deemeera, akkasumas balaa doonii karaa irratti isaan mudate waliin dandamataniiru. (HoE. 27:1, 2, 41) Erga Roomaa gaʼanii booda Arisxaarkos yeroo muraasaaf Phaawulos wajjin waan hidhame fakkaata. (Qol. 4:10) Phaawulos michuu amanamaa taʼe kanaan jajjabaachuun isaa nama hin dinqisiisu!

5. Fakkeenyi 17:17 akka jedhutti michuu amanamaa taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Nutis akkuma Arisxaarkos yeroo gaarii taʼetti qofa utuu hin taʼin ‘yeroo dhiphinaattis’ obboloota keenya wajjin taʼuudhaan michoota amanamoo taʼuu dandeenya. (Fakkeenya 17:17, NW dubbisi.) * Obboloonnii fi obboleettonni keenya erga rakkinni tokko darbee booda illee jajjabina barbaaduu dandaʼu. Firaansis * ishiin jiʼa sadi keessatti warra ishii dhukkuba kaansariitiin dhabde akkana jetteetti: “Rakkoowwan ulfaataa taʼan kun yeroo dheeraadhaaf dhiibbaa waan nu irratti godhan natti fakkaata. Warri koo erga duʼanii yeroo muraasni kan darbe taʼus, michoota amanamoo amma iyyuu gadda irra jiraachuu koo hin irraanfanne nan dinqisiifadha.”

6. Amanamummaan maal gochuuf nu kakaasa?

6 Michoonni amanamoon obbolootaa fi obboleettota isaanii deeggaruuf aarsaa ni kaffalu. Fakkeenyaaf, obboleessi Piitar jedhamu dhukkuba cimaa duʼaaf nama saaxiluu dandaʼuun akka qabame itti himame. Haati manaa isaa Kaatriin akkana jetteetti: “Hiriyoonni gaaʼelaa gumii keenya keessa jiran tokko bakka waaʼee dhukkuba Piitar itti dhageenyeetti nu geessan. Haala rakkisaa kana akka dandamannu nu gargaaruuf yeruma sana kan murteessan siʼa taʼu, yeroo isaan barbaannu hundattis nu wajjin turan.” Michoota dhugaa rakkinoota keenya akka dandamannu nu gargaaran qabaachuun baayʼee nama jajjabeessa.

AKKUMA TIKIQOOS MICHUU DHUGAA TAʼAA

Warri kaan rakkoowwan adda addaa wajjin yommuu walʼaansoo godhan nutis akkuma Tikiqoos michuu dhugaa isaaniif taʼuu dandeenya (Keeyyata 7-9 ilaali) *

7-8. Qolosaayis 4:7-9 akka jedhutti Tikiqoos michuu dhugaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

7 Tikiqoos Kiristiyaana Eeshiyaa ishii kutaa biyya Roomaa taate keessaa dhufe yommuu taʼu Phaawulosiif michuu amanamaa ture. (HoE. 20:4) Dh.K.B. naannoo bara 55⁠tti Phaawulos Kiristiyaanota Yihudaa jiran gargaaruuf hojii qarshii walitti qabuu qindeesseera, Tikiqoosis hojii baayʼee barbaachisaa taʼe kana irratti isa gargaaree taʼuu dandaʼa. (2 Qor. 8:18-20) Yeroo booda immoo Phaawulos Roomaa keessatti yeroo jalqabaatiif yommuu hidhamu Tikiqoos akka ergamaa dhuunfaatti isa tajaajileera. Tikiqoos xalayaawwanii fi ergaawwan jajjabinaa Phaawulos gumiiwwan Eeshiyaatiif barreesse geesseera.—Qol. 4:7-9.

8 Tikiqoos Phaawulosiif michuu dhugaa taʼee itti fufeera. (Tit. 3:12) Kiristiyaanonni yeroo sana turan hundi akka Tikiqoos amanamoo hin turre. Dh.K.B. naannoo bara 65⁠tti yeroo Phaawulos siʼa lammaffaadhaaf hidhamee turetti Kiristiyaanonni koonyaa Eeshiyaa keessa jiran hedduun isa dhiisanii akka deeman barreesseera, tarii akkas kan godhan mormitoota sodaatanii taʼuu dandaʼa. (2 Xim. 1:15) Faallaa kanaatiin Phaawulos Tikiqoositti amanamuudhaan hojii kan biraa isaaf kenneera. (2 Xim. 4:12) Phaawulos michuu gaarii akka Tikiqoos qabaachuu isaatti gammadee akka ture hin shakkisiisu.

9. Fakkeenya Tikiqoos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Nutis michuu dhugaa taʼuudhaan fakkeenya Tikiqoos hordofuu dandeenya. Fakkeenyaaf, obbolootaa fi obboleettota keenya warra gargaarsi isaan barbaachisu akka gargaarru waadaa galuu qofa utuu hin taʼin, isaan gargaaruuf wantoota qabatamaa taʼan gochuu qabna. (Mat. 5:37; Luq. 16:10) Namoonni gargaarsi isaan barbaachisu akka isaan gargaaruu dandeenyu yommuu beekan baayʼee jajjabaatu. Obboleettiin takka sababii isaa yommuu ibsitu akkana jetteetti: “Namni si gargaaruuf waadaa gale tokko gargaarsa sana yeroo isaatti naaf godhaa laata jettee yaaddaʼuudhaan dhiphina ofitti dabaluun si hin barbaachisu.”

10. Fakkeenya 18:24 irratti akka ibsametti namoonni rakkinni ykn haalli gaddisiisaa taʼe isaan mudate jajjabina argachuu kan dandaʼan eenyu irraa ti?

10 Namoonni rakkinni ykn haalli gaddisiisaa taʼe tokko isaan mudate yeroo baayʼee dhimma sana michuu isaanii amanan tokkotti himuudhaan jajjabina argachuu dandaʼu. (Fakkeenya 18:24, NW dubbisi.) * Biijaayi ilmi isaa gumiidhaa yommuu baafamu baayʼee gaddee ture; akkana jedheera: “Wanta natti dhagaʼamu naman amanuu dandaʼu tokkotti himuun na barbaachisee ture.” Kaarlos dadhabina mataa isaatiin kan kaʼe mirga gumii keessatti qabuu fi iddoo guddaa kennuuf tokko dhabe. Akkana jedheera: “Namootan utuu na ceephaʼu jedhee hin sodaatin miira koo bilisummaadhaan ibsuufii dandaʼu argachuun na barbaachisee ture.” Kaarlos namoota akkasii jaarsolii keessaa kan argate siʼa taʼu, isaanis rakkoowwan isaa keessa darbuu akka dandaʼu isa gargaaraniiru. Jaarsoliin iccitii isaa akka isaaf eegan beekuun isaas isa jajjabeesseera.

11. Michuu amanamaa taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Michuu amanamaa taʼuuf obsa horachuu nu barbaachisa. Zaanaan abbaan manaa ishii yommuu ishii dhiisee deemu wanta ishiitti dhagaʼamu michoota ishii baayʼee itti dhihaattutti himuudhaan jajjabina argatteetti. Akkana jetteetti: “Waanuma wal fakkaatu tokko irra deddeebiʼee dubbadhee taʼuu dandaʼa, taʼus obsaan na dhaggeeffataniiru.” Atis sirriitti dhaggeeffachuudhaan michuu gaarii taʼuu dandeessa.

AKKUMA MAARQOS WARRA KAAN TAJAAJILUUF FEDHII QABAADHAA

Gochi gaarummaa Maarqos Phaawulos jabaatee akka dhaabbatu isa gargaareera, nutis yeroo balaan gaʼutti obboloota keenya gargaaruu dandeenya (Keeyyata 12-14 ilaali) *

12. Maarqos eenyu dha? Warra kaan tajaajiluu akka barbaadu kan argisiise hoo akkamitti?

12 Maarqos Kiristiyaana Yihudii Yerusaalemii dhufe dha. Durbiin isaa Barnaabaas immoo misiyoonii beekamaa ture. (Qol. 4:10) Maatiin Maarqos sooreyyii waan turan fakkaata, taʼus Maarqos qabeenyi jireenya isaa keessatti iddoo guddaa akka qabaatu hin goone. Maarqos guutummaa jireenya isaa keessatti fedhiidhaan akka of dhiheessu argisiiseera. Warra kaan tajaajiluun isa gammachiisa ture. Fakkeenyaaf, yeroo garaa garaatti Phaawulos ergamaa fi Pheexiros ergamaan itti gaafatamummaa isaanii yommuu baʼan tarii wanta qaamaaf isaan barbaachisu isaaniif qopheessuudhaan isaan wajjin tajaajileera. (HoE. 13:2-5; 1 Phe. 5:13) Phaawulos, Maarqos namoota ‘Mootummaa Waaqayyootiif isa wajjin hojjetan’ keessaa tokko akka taʼee fi “madda jajjabinaa guddaa” akka isaaf taʼe ibseera.—Qol. 4:10, 11.

13. 2 Ximotewos 4:11 Phaawulos tajaajila Maarqos amanamummaadhaan raawwachaa ture akka dinqisiifate kan argisiisu akkamitti?

13 Maarqos michoota dhihoo Phaawulos keessaa tokko taʼeera. Fakkeenyaaf, Phaawulos Dh.K.B. naannoo bara 65⁠tti yeroo dhumaatiif Roomaa keessatti yommuu hidhamee turetti xalayaa isaa isa lammaffaa Ximotewosiif barreesseera. Phaawulos xalayaa sana irratti Ximotewos Maarqosiin gara Roomaatti fidee akka dhufu gaafateera. (2 Xim. 4:11) Phaawulos tajaajila Maarqos amanamummaadhaan raawwachaa ture baayʼee akka dinqisiifate hin shakkisiisu; kanaafuu yeroo baayʼee barbaachisaa taʼe sanatti isa wajjin akka taʼu gaafateera. Maarqos karaa qabatamaa taʼeen Phaawulosiin gargaareera, tarii akkas kan godhe nyaata ykn wantoota xalayaa barreessuuf isa barbaachisan isaaf dhiheessuudhaan taʼuu dandaʼa. Phaawulos deeggarsii fi jajjabinni inni argate guyyoota dhumaa ajjeefamuu isaa dura turanitti jabaatee akka dhaabbatu isa gargaaree taʼuu hin oolu.

14-15. Maatewos 7:12 karaa qabatamaa taʼeen warra kaan gargaaruu ilaalchisee maal nu barsiisa?

14 Maatewos 7:12 dubbisi. Rakkina keessa yommuu darbinu namoota karaa qabatamaa taʼeen deeggarsa nuuf godhan baayʼee dinqisiifanna. Raayaan inni abbaa isaa balaa gaddisiisaa taʼeen duʼaan dhabe akkana jedheera: “Yeroo dhiphattanitti wantoota baayʼee guyyaa guyyaadhaan raawwannu hojjechuun waan hin dandaʼamne fakkaata. Namni tokko baayʼee xinnoo yoo taʼe illee wanta isin gargaaru tokko yommuu isinii godhu baayʼee jajjabaattu.”

15 Warra kaaniif xiyyeeffannaa kan kenninuu fi haala obboloonni keenya keessa jiran hubachuuf kan yaallu yoo taʼe karaa qabatamaa ittiin warra kaan gargaarru argachuun keenya hin oolu. Fakkeenyaaf, obboleettiin takka Piitarii fi Kaatriin warri olitti caqasaman gara iddoo beellama yaalii fayyaa isaanii hundaa akka deeman gargaaruuf dursa fudhatteetti. Piitaris taʼe Kaatriin sana booda konkolaataa oofuu waan hin dandeenyeef, obboleettiin tun obboloonni gumii keessaa fedhiidhaan of dhiheessan dabareedhaan konkolaataadhaan isaan geessuu akka dandaʼaniif sagantaa baaste. Maarree qophiin kun isaan gargaareeraa? Kaatriin akkana jetteetti: “Baʼaan guddaan tokko gateettii keenya irraa akka buʼe nutti dhagaʼame.” Gochi gaarummaa salphaa taʼee fi isin raawwattan warra kaan hammam akka jajjabeessuu dandaʼu akka salphaatti hin ilaalinaa.

16. Jajjabina kennuu ilaalchisee fakkeenya Maarqos irraa barumsa barbaachisaa akkamii arganna?

16 Maarqos barataan inni jaarraa tokkoffaatti jiraate Kiristiyaana hojiin itti baayʼatu akka ture hin shakkisiisu. Wangeela maqaa isaatiin moggaafame barreessuu dabalatee itti gaafatamummaa tiʼookraasii guguddaa qaba ture. Taʼus, Maarqos Phaawulosiin jajjabeessuuf yeroo ramadeera, Phaawulosis gargaarsa Maarqos gaafachuun isatti hin ulfaanne. Angeelaan ishiin miseensi maatii ishii ajjeefame warri kaan fedhiidhaan ishii jajjabeessuu isaaniitiif ni galateeffatti. Akkana jetteetti: “Michoonni keessan garaadhaa isin gargaaruu yommuu barbaadan salphaatti isaanitti haasaʼuu dandeessu. Isaan gargaarsa gochuu irraa duubatti waan jedhan hin fakkaatan.” Hundi keenya, ‘Obboloota koo karaa qabatamaa taʼeen jajjabeessuuf fedhii qabaachuudhaanan beekamaa?’ jennee of gaafachuu dandeenya.

WARRA KAAN JAJJABEESSUUF MURTOO GODHAA

17. Yaada 2 Qorontos 1:3, 4 irra jiru irratti xiinxaluun jajjabina kennuuf nu kakaasuu kan dandaʼu akkamitti?

17 Obbolootaa fi obboleettota jajjabinni isaan barbaachisu argachuuf fagoo deemuun nu hin barbaachisu. Warra kaan jajjabeessuuf yaadawwan namoonni kaan ittiin nu jajjabeessanitti fayyadamuu illee ni dandeenya taʼa. Obboleettiin Niinoo jedhamtuu fi akkoo ishii duʼaan dhabde akkana jetteetti: “Yihowaan akka nutti fayyadamu yoo heyyamne karaa keenya warra kaan jajjabeessuu dandaʼa.” (2 Qorontos 1:3, 4 dubbisi.) Firaansis ishiin olitti caqasamte, “Yaanni 2 Qorontos 1:4 irra jiru dhugaa dha. Jajjabina arganneen warra kaan jajjabeessuu ni dandeenya” jechuudhaan dubbatteetti.

18. (a) Namoonni tokko tokko jajjabina kennuun kan isaan sodaachisu maaliifi? (b) Warra kaan milkaaʼinaan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya kenni.

18 Sodaan kan nutti dhagaʼamu taʼus karaawwan ittiin warra kaan gargaarru barbaaduuf dursa fudhachuu qabna. Fakkeenyaaf, nama haala rakkisaa keessa jiru tokkotti maal dubbachuu ykn maal isaaf gochuu akka qabnu beekuu dhiisuun keenya nu sodaachisa taʼa. Jaarsi gumii Paawul jedhamu abbaan isaa erga duʼee booda carraaqqii namoonni tokko tokko isa jajjabeessuuf godhan hin irraanfatu. Akkana jedheera: “Natti dhihaachuun isaaniif salphaa akka hin turre dubbachuu nan dandaʼa. Maal jechuu akka qaban hin beekan turan. Taʼus, fedhii isaan jajjabina kennuu fi deeggarsa gochuuf qaban amma iyyuu nan dinqisiifadha.” Haaluma wal fakkaatuun obboleessi Taajoon jedhamu kirkirri lafaa cimaan erga isaan mudatee booda akkana jedheera: “Dhugaa dubbachuuf ergaa namoonni guyyoota kirkira lafaa sana booda jiranitti naaf ergan hunda hin yaadadhu, nageenyi koo isaan yaaddessee akka ture garuu nan yaadadha.” Warra kaaniif akka yaannu kan argisiisnu yoo taʼe jajjabina kennuu irratti buʼa qabeeyyii taʼuu dandeenya.

19. “Madda jajjabinaa guddaa” taʼuuf kan murteessite maaliifi?

19 Dhuma sirna kanaatti dhihaachaa yommuu jirru kanatti haalli addunyaa hammaachuun isaa fi jireenyi caalaatti ulfaachaa deemuun isaa hin oolu. (2 Xim. 3:13) Kana malees mudaa kan qabnu waan taaneef, akkasumas dogoggora waan raawwannuuf jajjabina barbaaduu keenya itti fufna. Phaawulos ergamaan obboloota isaa irraa jajjabina waan argateef, hamma dhuma jireenya isaatti amanamummaadhaan jabaatee dhaabbachuu dandaʼeera. Hundi keenya akka Arisxaarkos amanamoo, akka Tikiqoos michuu dhugaa fi akka Maarqos warra kaan tajaajiluuf fedhii kan qabnu haa taanu. Kana gochuudhaan obboloonnii fi obboleettonni keenya amantii isaanitti akka ciman gargaaruu dandeenya.—1 Tas. 3:2, 3.

^ key. 5 Phaawulos ergamaan jireenya isaa keessatti rakkoowwan hedduun isa mudataniiru. Yeroowwan rakkisaa taʼanitti, namoonni isa wajjin hojjetan tokko tokko madda jajjabinaa guddaa isaaf taʼaniiru. Mata duree kana keessatti namoonni isa wajjin hojjetan kun warra kaan jajjabeessuu irratti buʼa qabeessa akka taʼan amaloota isaan gargaaran sadi irratti mariʼanna. Akkasumas karaawwan qabatamaa taʼaniin fakkeenya isaanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

^ key. 5 Fakkeenya 17:17 (NW) “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”

^ key. 5 Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 10 Fakkeenya 18:24 (NW) Hiriyoonni wal balleessuuf qophaaʼan jiru, garuu michuun obboleessa caalaa namatti maxxanu jira.

FAARFANNAA 111 Sababa Itti Gammannu

^ key. 58 IBSA FAKKII: Arisxaarkosii fi Phaawulos balaa doonii isaan mudate waliin dandamataniiru.

^ key. 60 IBSA FAKKII: Tikiqoos xalayaawwan Phaawulos barreesse gara gumiiwwaniitti akka geessu imaanaan isatti kennamee ture.

^ key. 62 IBSA FAKKII: Maarqos karaawwan qabatamaa taʼaniin Phaawulosiin gargaareera.