Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 3

Waaqni Keessan Yihowaan Iddoo Guddaa Isiniif Kenna!

Waaqni Keessan Yihowaan Iddoo Guddaa Isiniif Kenna!

“Yeroo dhiphannee turretti nu yaadate.”—FAR. 136:23, NW.

FAARFANNAA 33 Baʼaa Kee Yihowaa Irratti Gatii Dhiisi

QABIYYEE *

1-2. Tajaajiltoota Yihowaa hedduu haalawwan akkamiitu isaan mudata? Kuni hoo dhiibbaa akkamii isaan irraan geessisa?

MEE waaʼee haalawwan sadan armaan gadii yaadi: Obboleessi dargaggeessi tokko dhukkuba cimaa isa laaffisaa deemuun akka qabame itti himame. Obboleessi jabaatee hojjetuu fi umuriin isaa waggaa 50 ol taʼe tokko carraaqqii guddaa kan godhu taʼus hojii isaa irraa ariʼame, hojii kan biraas argachuu hin dandeenye. Obboleettii maanguddoon amanamtuu taate tokko tajaajila Yihowaa keessatti hamma kanaan duraa hojjechuu hin dandeenye.

2 Atis haalawwan olitti ibsaman keessaa tokko si mudateera yoo taʼe kana booda homaa akka hin fayyadne sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haalawwan akkasii gammachuu si dhabsiisuu, kabaja ofiif qabdu si jalaa balleessuu fi hariiroo warra kaan wajjin qabdu irratti dhiibbaa gochuu dandaʼu.

3. Seexannii fi warri dhiibbaa isaa jala jiran jireenya ilmaan namootaatiif ilaalcha akkamii qabu?

3 Addunyaan kun ilaalcha Seexanni jireenya ilmaan namootaatiif qabu calaqqisiisa. Seexanni yeroo hunda ilmaan namootaa gatii guddaa akka hin qabnetti ilaala. Inni Waaqayyoof ajajamuu diduun duʼaan akka isaan adabsiisu utuma beekuu gara jabinaan kakaʼee Hewaan Waaqayyoof ajajamuu yoo baatte bilisa akka taatu ishiitti himeera. Seexanni yeroo hunda sirna daldalaa, siyaasaa fi amantii addunyaa kanaa ni toʼata. Kanaafuu daldaltoonni, namoonni siyaasaa fi geggeessitoonni amantii hedduun jireenya namootaatiif kabajaa fi ulfina dhabuudhaan ilaalcha isaa calaqqisiisuun isaanii nama hin dinqisiisu.

4. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

4 Gama biraatiin immoo Yihowaan miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu barbaada, akkasumas haalawwan gatii akka hin qabne akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼan yommuu nu mudatan nu deeggara. (Far. 136:23; Rom. 12:3) Mata dureen kun Yihowaan haalawwan kanatti aananii jiran keessatti akkamitti akka nu gargaaru ibsa: (1) Yommuu dhukkubsannu, (2) Rakkinni qarshii yommuu nu mudatuu fi (3) Dullumni wanta tajaajila Yihowaatiif fayyadu homaa akka hin qabne akka nutti dhagaʼamu yommuu godhu. Jalqaba garuu tokkoon tokkoon keenya Yihowaa biratti gatii guddaa akka qabnu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe mee haa ilaallu.

YIHOWAAN IDDOO GUDDAA NUUF KENNA

5. Namoonni Yihowaa biratti gatii guddaa akka qaban wanti siif mirkaneesse maali dha?

5 Kan uumamne biyyoo lafaa irraa taʼus biyyoo hammaarraa tokko caalaa gatii guddaa qabna. (Uma. 2:7) Mee sababiiwwan Yihowaa biratti gatii guddaa akka qabnu beekuuf nu gargaaran tokko tokko haa ilaallu. Yihowaan ilmaan namootaa kan uume amaloota isaa calaqqisiisuu akka dandaʼan godhee ti. (Uma. 1:27) Kana gochuudhaan uumamawwan lafa irra jiraatan kaan hundaa ol akka taanu, akkasumas lafaa fi bineensota irratti aangoo akka qabaannu nu taasiseera.—Far. 8:4-8.

6. Ilmaan namootaa mudaa qaban Yihowaa biratti gatii guddaa akka qaban wanti nuuf mirkaneessu inni kan biraan maali dha?

6 Erga Addaam cubbuu hojjetee booda illee Yihowaan namootaaf iddoo guddaa kennuu isaa itti fufeera. Ilma isaa isa jaalatu cubbuu keenyaaf furii godhee kennuudhaan iddoo guddaa akka nuuf kennu argisiiseera. (1 Yoh. 4:9, 10) Yihowaan furichatti fayyadamuudhaan “qajeelonnis taʼan jalʼoonni” sababii cubbuu Addaamiin duʼan, duʼaa akka kaʼan godha. (HoE. 24:15) Dubbiin isaa haalli fayyaa keenyaa, qarshiin nuti qabnu ykn umuriin keenya hammam iyyuu yoo taʼe isa biratti gatii guddaa akka qabnu argisiisa.—HoE. 10:34, 35.

7. Tajaajiltoonni Waaqayyoo Yihowaan iddoo guddaa akka isaaniif kennu amanuuf sababii dabalataa akkamii qabu?

7 Yihowaan iddoo guddaa akka nuuf kennu amanuuf sababii dabalataa qabna. Inni ofitti nu harkiseera, akkasumas akkaataa itti misiraachichaaf deebii kennine xiyyeeffannaadhaan ilaaleera. (Yoh. 6:44) Isatti dhihaachuu yommuu jalqabnu innis nutti dhihaate. (Yaq. 4:8) Kana malees Yihowaan nu barsiisuuf yeroo ramaduunii fi carraaqqii gochuun isaa isa biratti gatii guddaa akka qabnu argisiisa. Inni amma namoota akkamii akka taanee fi namoota akkamii taʼuu akka dandeenyus beeka. Akkasumas jaalala nuuf qabuun kakaʼee nu adaba. (Fak. 3:11, 12) Kun Yihowaan iddoo guddaa akka nuuf kennu ragaa argisiisu dha.

8. Yaanni Faarfannaa 18:27-29 irra jiru ilaalcha rakkoowwan nu mudataniif qabnu irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?

8 Namoonni tokko tokko Daawit Mootichi gatii kan hin qabne akka taʼetti kan isa ilaalan taʼus, inni garuu Yihowaan akka isa jaalatuu fi akka isa deeggaru beeka ture. Kun immoo ilaalcha Daawit ofii isaatiif qabu irratti dhiibbaa godheera. (2 Sam. 16:5-7) Yeroo dhiphannu ykn rakkinni nu mudatu Yihowaan haala sana kallattii garaa garaatiin akka ilaalluu fi gufuu kam iyyuu moʼuu akka dandeenyu nu gargaara. (Faarfannaa 18:27-29 dubbisi.) Deeggarsa Yihowaa yoo qabaanne wanti gammachuudhaan akka isa hin tajaajille nu dhowwuu dandaʼu hin jiru. (Rom. 8:31) Mee haalawwan Yihowaan akka nu jaalatuu fi iddoo guddaa akka nuuf kennu yaadachuun itti nu barbaachisu sadi haa ilaallu.

YOMMUU DHUKKUBSANNU

Jechoota geggeessaa hafuura Yihowaatiin barreeffaman irra deddeebinee dubbisuun miira gadhee sababii dhukkuba keenyaatiin kan kaʼe nutti dhagaʼamu dandamachuuf nu gargaara (Keeyyata 9-12 ilaali)

9. Dhukkubni ilaalcha ofiif qabnu irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?

9 Dhukkubni miira keenya miidhuu fi kana booda eenyu iyyuu fayyaduu akka hin dandeenye akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Namoonni humni keenya akka daangeffame yommuu hubatan ykn gargaarsa argachuuf warra kaanitti hirkachuun yommuu nu barbaachisu qaanaʼuu dandeenya. Warri kaan waaʼee dhukkuba keenyaa yommuu hin hubannetti illee dandeettiin keenya daangeffamuu isaatiin kan kaʼe qaanii nutti dhagaʼamu wajjin walʼaansoo goona taʼa. Yeroo rakkisaa akkasiitti Yihowaan ol nu qaba. Akkamitti?

10. Fakkeenyi 12:25 akka jedhutti yeroo dhukkubsannu maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

10 Yommuu dhukkubsannu, “dubbii gaariin” nu jajjabeessuu dandaʼa. (Fakkeenya 12:25 dubbisi.) Yihowaan Kitaaba Qulqulluu keessatti jechoota gaggaarii yoo dhukkubsanne illee isa biratti iddoo guddaa akka qabnu nu yaadachiisan nuuf kaaʼeera. (Far. 31:19; 41:3) Jechoota geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kana irra deddeebinee yoo dubbisne Yihowaan miira gadhee sababii dhukkuba keenyaatiin kan kaʼe nutti dhagaʼamu akka dandamannu nu gargaara.

11. Obboleessi tokko gargaarsa Yihowaa kan argate akkamitti?

11 Mee muuxannoo Joorji haa ilaallu. Joorji dargaggummaa isaatti dhukkuba cimaa dafee hammaatuun kan qabame yommuu taʼu, kunis gatii akka hin qabne akka isatti dhagaʼamu taasiseera. Joorji akkana jechuudhaan dubbateera: “Miira dhukkubni koo natti fideef ykn xiyyeeffannaa warra kaanii harkisuu isaatiin kan kaʼe qaanii natti dhagaʼamuuf hin qophoofne. Haalli fayyaa koo hammaachaa yommuu adeemu, jireenyi koo akkamitti akka jijjiiramu yaaduun jalqabe. Baayʼeen gadde, akkasumas Yihowaan akka na gargaarun kadhadhe.” Maarree Yihowaan kan isa gargaare akkamitti? Akkana jedheera: “Wanta tokko irratti xiyyeeffachuun waan natti ulfaatuuf kitaaba Faarfannaa irraa caqasoota muraasa Yihowaan tajaajiltoota isaatiif akka yaadu argisiisanin dubbisa. Caqasoota muraasa kana guyyaa guyyaadhaan irra deddeebiʼee kanan dubbisu siʼa taʼu, jajjabina guddaas irraa argadheera. Yeroo booda warri kaan caalaatti gammadaa akkan taʼe hubachuu jalqaban. Ilaalchi gaariin ani qabu akka isaan jajjabeesse illee dubbataniiru. Yihowaan kadhannaa kootiif deebii akka naa kenne hubadheera! Akkaataan itti of ilaalu akkan jijjiiru na gargaareera. Kanan dhukkubsadhu taʼus akkaataa inni itti na ilaalu ilaalchisee wanta Dubbiin isaa jedhu irratti xiyyeeffachuu jalqabeera.”

12. Dhukkuba wajjin walʼaansoo yommuu gootu gargaarsa Yihowaa argachuu kan dandeessu akkamitti?

12 Atis dhukkuba wajjin walʼaansoo gochaa jirta yoo taʼe, Yihowaan haala keessa jirtu akka beeku mirkanaaʼaa taʼi. Haala keessa jirtuuf ilaalcha gaarii qabaachuuf akka si gargaaru isa kadhadhu. Achiis ergaa nama jajjabeessuu fi Yihowaan siif kaaʼe Kitaaba Qulqulluu keessaa argachuuf carraaqqii godhi. Caqasoota Yihowaan tajaajiltoota isaatiif hammam iddoo guddaa akka kennu ibsan irratti xiyyeeffadhu. Kana yommuu gootu Yihowaan warra amanamummaadhaan isa tajaajilaniif gaarii taʼuu isaa hubatta.—Far. 84:11.

RAKKINNI QARSHII YOMMUU NU MUDATU

Waadaa Yihowaan wanta nu barbaachisu nuu guutuuf gale yaadachuun yommuu hojii argachuun nutti ulfaatu nu gargaara (Keeyyata 13-15 ilaali)

13. Mataan maatii tokko hojii isaa irraa yoo ariʼame maaltu isatti dhagaʼamuu dandaʼa?

13 Mataan maatii hundi wantoota jireenya maatii isaatiif barbaachisan dhiheessuu barbaada. Haa taʼu malee, obboleessi tokko balleessaa isaa malee hojii isaa irraa ariʼame haa jennu. Hojii kan biraa argachuuf carraaqqii guddaa kan godhe taʼus isaaf hin milkoofne. Haalawwan isa mudatan kanaan kan kaʼe gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Maarree abdii Yihowaan kenne irratti xiyyeeffachuun isa gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

14. Yihowaan waadaa gale kan eegu maaliifi?

14 Yihowaan yeroo hunda waadaa gale ni eega. (Iya. 21:45; 23:14) Kana gochuufis sababiiwwan hedduu qaba. Sababiin inni tokkoffaan maqaa gaarii inni qabu waan tuquufi. Yihowaan tajaajiltoota isaa warra amanamoo taʼan akka kunuunsu waadaa galeera, waadaa kana raawwachuuf immoo dirqamni akka isa irra jiru itti dhagaʼama. (Far. 31:1-3) Kana malees, Yihowaan warra miseensota maatii isaa taʼan yoo kunuunsuu baate akka gaddinu beeka. Inni wanta karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa nu barbaachisu akka nuuf guutu waadaa nuuf galeera, wanti waadaa kana akka hin raawwanne isa dhoowwuu dandaʼus hin jiru!—Mat. 6:30-33; 24:45.

15. (a) Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa haala rakkisaa akkamiitu isaan mudate? (b) Faarfannaan 37:18, 19 waaʼee maalii mirkanaaʼoo akka taanu nu gargaara?

15 Yihowaan waadaa gale kan eegu maaliif akka taʼe yoo yaadanne rakkinni qarshii yommuu nu mudatu akka inni nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Mee fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti jiraatanii haa ilaallu. Gumii Yerusaalem keessa jiru irratti ariʼatamni guddaan yommuu kaʼu ‘ergamoota irraa kan hafe warri kaan hundi ni bittinnaaʼan.’ (HoE. 8:1) Kun immoo rakkinni qarshii akka isaan mudatu godha. Sababiin isaas Kiristiyaanonni manaa fi hojii isaanii dhabanii taʼuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan isaan hin dhiisne; isaanis gammachuu isaanii hin dhabne. (HoE. 8:4; Ibr. 13:5, 6; Yaq. 1:2, 3) Yihowaan Kiristiyaanota amanamoo taʼan kanneen gargaareera, nuunis nu gargaara.—Faarfannaa 37:18, 19 dubbisi.

RAKKINOOTA SABABII DULLUMAATIIN DHUFAN DANDAMACHUU

Yommuu dulloomnutti illee wanta gochuu dandeenyu irratti xiyyeeffachuun Yihowaan nuufis taʼe tajaajila amanamummaadhaan raawwanneef iddoo guddaa akka kennu mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara (Keeyyata 16-18 ilaali)

16. Wanti Yihowaan waaqeffannaa keenyaaf iddoo guddaa kennuu dhiisuu dandaʼa jennee akka yaannu nu taasisu maali dha?

16 Yommuu dulloomnu wanti Yihowaadhaaf kenninu xinnoo akka taʼe nutti dhagaʼama taʼa. Daawit Mootichi yommuu dulloomu miirri akkasii isa sodaachisee taʼuu dandaʼa. (Far. 71:9) Maarree Yihowaan kan nu gargaaru akkamitti?

17. Muuxannoo obboleettii Jeerii jedhamtuu irraa maal barachuu dandeenya?

17 Mee muuxannoo obboleettii Jeerii jedhamtuu haa ilaallu. Obboleettiin tun sagantaa leenjii suphaa Galma Walgaʼiitti kennamu tokko irratti akka hirmaattu kan affeeramte taʼus ishiin garuu deemuu hin barbaanne. Akkana jetteetti: “Ani dulloomeera, dubartii abbaan manaa irraa duʼe dha, akkasumas dandeettii Yihowaan itti fayyadamuu dandaʼu tokko illee hin qabu. Kanaafuu, ani homaa hin fayyadu.” Jeeriin galgala guyyaa leenjiin sun itti kennamu dura turetti kadhannaadhaan wanta garaa ishii keessa jiru Yihowaa duratti dhangalaaste. Guyyaa itti aanutti Galma Walgaʼii yommuu geessu, achi deemuun ishii amma iyyuu ishii yaaddessee ture. Sagantaa sana irratti obboleessi tokko dandeettiin keenya inni guddaan Yihowaa irraa barachuuf fedhii qabaachuu keenya akka taʼe ibse. Jeeriin akkana jetteetti: “‘Anis dandeettii sana qaba’ jedheen yaade. Yihowaan kadhannaa kootiif deebii naa kennaa akka jiru yommuun hubadhu booʼuun jalqabe. Wanti gatii qabuu fi kennuu dandaʼu tokko akka jiru, akkasumas inni na barsiisuuf fedhii akka qabu naaf mirkaneesseera!” Jeeriin gara duubaatti deebitee yommuu yaaddu akkana jetteetti: “Gara sagantaa sanaa yommuun deemu rifadhee, abdii kutadhee, akkasumas dhiphinni natti dhagaʼamee ture. Haa taʼu malee, yommuun deebiʼu miirri ofitti amanannaa, jajjabinnii fi gatii akkan qabu natti dhagaʼamee ture!”

18. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan yommuu dulloomnu waaqeffannaa keenyaaf iddoo guddaa kennuu isaa akka itti fufu kan argisiisu akkamitti?

18 Yihowaan yommuu dulloomnuttis wanta hojjennu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Far. 92:12-15) Yesuus dandeettiin keenya kan daangeffame ykn carraaqqiin nuti goonu xinnoo akka taʼe kan nutti dhagaʼamu taʼus, Yihowaan wanta tajaajila isaa keessatti goonu kamiif iyyuu iddoo guddaa akka kennu nu barsiiseera. (Luq. 21:2-4) Kanaafuu, wanta gochuu dandeessu irratti xiyyeeffadhu. Fakkeenyaaf, waaʼee Yihowaa dubbachuu, obboloota keetiif kadhachuu fi warri kaan amanamoo taʼanii akka jiraatan jajjabeessuu dandeessa. Yihowaan wanta ati raawwattuun utuu hin taʼin, isaaf ajajamuuf fedhii qabaachuu keetiin kan kaʼe isa wajjin akka hojjettutti si ilaala.—1 Qor. 3:5-9.

19. Roomaa 8:38, 39 maal nuuf mirkaneessa?

19 Yihowaa isa Waaqa warra isa tajaajilaniif iddoo guddaa kennu waaqeffachuu keenyatti baayʼee galateeffanna. Inni fedha isaa akka raawwannu godhee nu uume, waaqeffannaa dhugaan immoo jireenyi keenya gammachuu akka qabaatu taasisa. (Mul. 4:11) Addunyaan kun gatii kan hin qabne akka taanetti kan nu ilaalu taʼus, Yihowaan garuu nutti hin qaanaʼu. (Ibr. 11:16, 38) Sababii dhukkubaatiin, rakkina qarshiitiin ykn dullumaatiin kan kaʼe yommuu abdii kutannu jaalala Abbaa keenya isa samii irraa homtuu gargar nu baasuu akka hin dandeenye haa yaadannu.—Roomaa 8:38, 39 dubbisi.

^ key. 5 Haalli gatii akka hin qabne akka sitti dhagaʼamu godhu si mudateeraa? Mata dureen kun Yihowaan hammam akka iddoo guddaa siif kennu si yaadachiisa. Jireenya kee keessatti wanti akkamii iyyuu yoo si mudate kabaja ofiif qabdu eegdee itti fufuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ibsa.

FAARFANNAA 30 Abbaa Koo, Waaqa Koo fi Michuu Koo